Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Biyya Lafaa Hamaa Taʼe Keessatti “Kara-Adeemtuu” Taʼanii Jiraachuu

Biyya Lafaa Hamaa Taʼe Keessatti “Kara-Adeemtuu” Taʼanii Jiraachuu

Biyya Lafaa Hamaa Taʼe Keessatti “Kara-Adeemtuu” Taʼanii Jiraachuu

‘Jarreen kun amantiisaaniitiin biyya lafaarratti ormaafi kara adeemtuu akka turan beekaniiru.ʼ—IBR. 11:13.

1. Yesus duuka buutonnisaa biyya lafaatiif ilaalcha akkamii akka qaban ibse?

YESUS bartootasaa ilaalchisee, “Isaan . . . biyya lafaa keessa jiru” jedheera. Haataʼu malee, “Akkuma ani kan biyya lafaa hin taʼin, isaanis kan biyya lafaa [miti]” jechuudhaan ibseera. (Yoh. 17:11, 14) Kanaaf, Yesus duuka buutonnisaa warri dhugaan “bara hamaa isa siʼanaa” Seexanni bulchu kanaaf ilaalcha akkamii qabaachuu akka qaban dubbateera. (2 Qor. 4:4) Biyya lafaa isa hamaa kana keessa jiraatanis isaan kan biyya lafaa miti. Biyya lafaa keessatti akka namoota ‘ormaafi biyyaa baafamaniiti’ jiraatu.—1 Phe. 2:11.

“Kara-Adeemtuu” Taʼanii Jiraataniiru

2, 3. Henok, Nohi, Abrahaamiifi Saaraan “ormaa fi kara-adeemtuu” kan jedhaman maaliifi?

2 Bara duriitii kaasee, tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon biyya lafaa Waaqayyorraa fagaateefi keessa jiraachaa turanirraa adda taʼanii jiraataniiru. Henokiifi Nohi, Bishaan Badiisaa gaʼuusaa dura ‘karaa Waaqayyoorra deddeebiʼaniiru.’ (Uma. 5:22-24; 6:9) Lamaanuu murtoo Yihowaan addunyaa Seexanaa isa hamaarratti fudhachuuf jiru ija jabinaan labsaniiru. (2 Phexros 2:5; Yihudaa 14, 15 dubbisi.) Biyya lafaa Waaqayyorraa fagaate keessatti Waaqayyoo wajjin deddeebiʼuudhaan, Henok ‘Waaqayyoon gammachiiseeraʼ; Nohimmoo ‘dhaloota sana keessatti nama balleessaa hin qabne’ taʼee jiraateera.—Ibr. 11:5; Uma. 6:9.

3 Abrahaamiifi Saaraan, ajaja Waaqayyoo fudhachuudhaan tikfattee taʼanii biyya ormaa keessa jiraachuuf, bakka jireenya qananii qabu magaalaa Ur biyya Kaldootaa dhiisanii deemaniiru. (Uma. 11:27, 28; 12:1) Phaawulos ergamaan akkas jedhee barreesseera: “Abrahaam biyya isaatii baʼee, biyya itti darbee akka fudhatuuf isaaf yaadame tokko akka dhaquuf yeroo waamametti, amantiidhaan in abboomame; eessa akka dhaqu utuu hin beekinis in baʼe. Amantiidhaan akka ormaatti biyya isaaf abdachiifame sana keessa buufate; Yisihaqii fi Yaaqoob warri isaa wajjin laficha akka argataniif abdachiifaman isa booddeedhaan akkuma jiraatan, innis godoo keessa jiraate.” (Ibr. 11:8, 9) Phaawulos, tajaajiltoota Yihowaa amanamoo akkasii ilaalchisee akkas jedheera: “Jarreen kun isa abdachiifaman yoo hin fudhanne taʼan iyyuu, amantii isaanii utuu hin dhiisin duʼan; garuu isa abdachiifaman fagootti ilaalanii simachuudhaaf itti gammadaniiru, biyya lafaa irrattis ormaa fi kara-adeemtuu akka turan beekaniiru.”—Ibr. 11:13.

Akeekkachiisa Israaʼelootaaf Kenname

4. Israaʼeloonni biyya abdachiifaman keessa jiraachuu jalqabuusaanii dura akeekkachiisa akkamiitu kennameef?

4 Israaʼeloonni sanyii Abrahaam taʼan baayʼatanii yeroo booda saba seeraafi biyya mataasaa dandaʼe qabu taʼaniiru. (Uma. 48:4; Kes. 6:1) Sabni Israaʼel lafichi kan Yihowaa akka taʼe matumaa dagachuu hin qaban turan. (Lew. 25:23) Lafichatti kan fayyadaman taʼus seera Yihowaatiif abboomamuu qabu turan. Kana malees Israaʼeloonni, “namni . . . buddeena duwwaadhaan akka hin jiraanne” yaadachuu qabu; akkasumas qabeenya hordofuun Yihowaa akka irraanfatan akka isaan godhu heyyamuu hin qaban turan. (Kes. 8:1-3) Israaʼeloonni lafa abdachiifaman dhaaluusaanii dura akeekkachiisni armaan gadii kennameefii ture: “Waaqayyo gooftaan kee biyya, mandaroota gurguddaa fi gaggaarii warra ati hin ijaarin siif kennuudhaaf abboota kee Abrahaamii fi Yisihaqiif, Yaaqoobiifis kakate kanatti yeroo si galchu, manneen miʼa gaggaarii ati itti hin guutiniin guutaman, boolla bishaanii warra ati ofii hin qotin, iddoo dhaabaa waynii fi mukkeetii ejersaa warra ati ofii hin dhaabin yeroo argattu, nyaattees yeroo quuftu, Waaqayyoon . . . akka hin irraanfannetti of eeggadhu!”—Kes. 6:10-12.

5. Yihowaan saba Israaʼel kan dhiise maaliifi? Sabni haaraan inni filatehoo isa kami?

5 Akeekkachiisni kun sababa itti kennameef qaba. Bara Nahimiyaatti, Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamte erga dhaalanii booda wanta gadhee isaan godhan gareen Lewwootaa tokko dubbataniiru. Sabni Israaʼel mana gaggaarii, akkasumas nyaataafi wayinii hedduu erga argatanii booda, “nyaatanii quufanii in gabbatan.” Waaqayyoof abboomamuu kan didan taʼuusaaniirrayyuu, raajota inni isaan akeekkachiisuuf itti erge ni ajjeesan. Kanaan kan kaʼes Yihowaan diinotasaaniitti dabarsee isaan kenne. (Nahimiyaa 9:25-27 dubbisi; Hos. 13:6-9) Yeroo dheeraa boodas, Yihudoonni gantoota taʼaniifi bulchiinsa warra Roomaa jala turan Masiihicha isa abdachiifame hamma ajjeesuutti gaʼaniiru! Kanaaf Yihowaan sabicha dhiisee, saba haaraa jechuunis Israaʼel hafuuraa filate.—Mat. 21:43; HoE. 7:51, 52; Gal. 6:16.

Kiristiyaanonni ‘Kan Biyya Lafaa Miti’

6, 7. (a) Yesus duuka buutonnisaa biyya lafaa wajjin haala wal qabateen ilaalcha akkamii qabaachuu akka qaban dubbate? (b) Kiristiyaanonni dhugaan kan biyya lafaa isa Seexanni bulchuu taʼuu kan hin qabne maaliifi?

6 Akkuma jalqaba mataduree kanaarratti ilaalle, Yesus Kiristos inni Mataa gumii Kiristiyaanaa taʼe duuka buutonnisaa sirna Seexanaa isa hamaa keessatti adda taʼuu akka qaban ibseera. Yesus duʼuusaa yeroo muraasa dura bartootasaatiin, “Kan biyya lafaa utuu taatanii, biyyi lafaa akka kan isaatiitti isin in jaallata ture; amma garuu anatu biyya lafaa keessaa isin foʼate malee, isin kan biyya lafaa waan hin taʼiniif, biyyi lafaa isin in jibba” jedhee ture.—Yoh. 15:19.

7 Amantiin Kiristiyaanaa babalʼachaa ennaa deemutti, Kiristiyaanonni barsiifata biyya lafaa hordofuu, akkasumas kan biyya lafaa taʼuudhaan biyya lafaa wajjin waltaʼiinsa uumanii jiraataniiruu? Gonkumaa. Kiristiyaanonni bakka kamiyyuu yoo jiraatan sirna Seexanaarraa adda taʼuu qabu turan. Erga Yesus duʼee gara waggaa 30 booda Phexros ergamaan Kiristiyaanota bulchiinsa warra Roomaa garaagaraa keessa jiraniif akkas jedhee barreesseera: “Michoota ko! Isin warra ormummaatti jiraattan, warra biyyaa baafamtanis nan gorsa; fedha foonii isa lubbuu keessan lolu irraa fagaadhaa! Akki isin warra saba Waaqayyoo hin taʼin keessa itti jiraattan gaarii haa taʼu!”—1 Phe. 1:1; 2:11, 12.

8. Hayyuun seenaa tokko Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa kan biyya lafaa akka hin turre maal jedhanii ibsaniiru?

8 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa bulchiinsa warra Roomaa hunda keessa turan, akka ‘warra ormaatiifi kara deemtuutti’ jiraachuusaanii ilaalchisee hayyuun seenaa Keeneet Iskoot Laatureetee jedhaman akkas jedhanii barreessaniiru: “Jaarraawwan jalqabaa sadanitti Kiristiyaanonni ariʼatamni cimaan walirraa hin cinne isaanirra gaʼee akka ture seenaan akka gaariitti mirkaneessa. . . . Himanni hedduun isaanirratti dhihaata ture. Kiristiyaanonni ayyaanota namoota Waaqayyoon hin beeknerratti waan hin hirmaanneef warra Waaqayyotti hin amanne jedhamaniiru. Kiristiyaanonni, ayyaanota kanaafi qophii bohaartii hawaasichi godhu amantii sobaa, barsiifataafi ejja raawwachuu of keessaa qaburratti waan hin hirmaanneef diinota ilmaan namootaa akka taʼanitti ilaalamu turan.”

Biyya Lafaa Guutummaatti Itti Fayyadamuu Dhiisuu

9. Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, “diinota ilmaan namootaa” akka hin taanee argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiranoo haallisaanii akkami? Nuyis “bara hamaa isa siʼanaa” ilaalchisee ejjennoo Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa wajjin wal fakkaatu qabna. (Gal. 1:4) Sababa kanaatiin namoonni hedduun dogoggoraan nu hubatu, warri tokko tokkommoo nu jibbu. Haataʼu malee, nuyi matumaa “diinota ilmaan namootaa” miti. Namoota waan jaallannuuf manaa gara manaatti deemnee “wangeela mootummaa” Waaqayyoo isaanii lallabuuf carraaqna. (Mat. 22:39; 24:14) Kana kan goonus, bulchiinsi Mootummaa Yihowaa inni Kiristosiin geggeeffamu dhiheenyatti bulchiinsa ilmaan namootaa warra cubbuu dhaalan hunda balleessee sirna haaraa qajeelummaan keessa buufate akka fidu waan amanneefidha.—Dan. 2:44; 2 Phe. 3:13.

10, 11. (a) Hamma tokko biyya lafaatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Karaawwan Kiristiyaanonni dammaqoon biyya lafaa guutummaatti itti fayyadamuurraa of qusatan tokko tokko kamfaʼi?

10 Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, biyyi lafaa kun dhiheenyatti kan badu taʼuusaa ennaa yaannu, addunyaa duʼaa jiru kana keessatti yeroo itti haala mimmijeeffannu akka hin taane hubanna. Gorsa Phaawulos ergamaan armaan gaditti kenne hojiirra oolchina: “Obboloota ko, yeroon siʼanaa kun dhumuuf jedha jechuu koo ti; siʼachi . . . warri bitan akka warra qabeenya hin godhatinii haa taʼan! Warri biyya lafaatti dhimma baʼan, akka warra itti dhimma hin baʼinii [“guutummaatti itti hin fayyadamnee,” NW] haa taʼan! Biyyi lafaa inni amma mulʼatu kun in dhidhima.” (1 Qor. 7:29-31) Haataʼu malee Kiristiyaanonni yeroo harʼaa biyya lafaatti kan fayyadaman akkamitti? Kana kan godhan teknooloojii ammayyaafi meeshaa sabqunnamtiitti fayyadamuudhaan addunyaa maratti afaanota dhibbaan lakkaaʼamaniin beekumsa Macaafa Qulqulluu babalʼisuudhaani. Wanta ittiin jiraatan argachuuf hamma tokko biyya lafaatti ni fayyadamu. Wantoota guyyaa guyyaadhaan isaan barbaachisaniifi tajaajila biyyi lafaa dhiheessutti ni fayyadamu. Qabeenyaafi hojii biyya lafaatti karaa madaalliisaa eegeen kan itti fayyadaman taʼus, guutummaatti biyya lafaatti fayyadamuurraa of qusatu.—1 Ximotewos 6:9, 10 dubbisi.

11 Kiristiyaanonni dammaqoo taʼan barumsa sadarkaa olaanaa hordofuu wajjin haala wal qabateen biyya lafaa guutummaatti itti fayyadamuurraa of eegu. Yeroo harʼaa namoonni hedduun kabaja argachuufi sooressa taʼuuf barumsi sadarkaa olaanaa bakka guddaa akka qabu amanu. Nuyi Kiristiyaanonni garuu akka kara adeemtuutti jiraanna, akkasumas kaayyoo kanarraa adda taʼe qabna. Amala “ol of qabuu” irraa fagaachuuf yaalla. (Rom. 12:16; Er. 45:5) Duuka buutotasaa waan taaneef akeekkachiisa Yesus “Ilaalladhaa, sassata hundumaattiis of eeggadhaa! Jireenyi eenyuu illee baayʼina qabeenya isaa irra hin dhaabatu” jechuudhaan kenne hojiirra oolchina. (Luq. 12:15) Kanaan kan kaʼe, dargaggoonni Kiristiyaana taʼan barumsa buʼuuraa wantoota jireenyaaf isaan barbaachisan argachuuf gargaaru qofa barachuudhaan galma hafuuraa ‘garaa, jireenyaafi humnasaanii guutuudhaan’ Yihowaa tajaajiluuf isaan gargaaru akka hordofan jajjabeeffamu. (Luq. 10:27) Akkas gochuudhaan ‘Waaqayyo biratti badhaadhota’ taʼuu dandaʼu.—Luq. 12:21; Maatewos 6:19-21 dubbisi.

Yaaddoo Jireenyaatiin Baʼaa Ofitti Fiduurraa Of Qusadhaa

12, 13. Gorsa Yesus Maatewos 6:31-33⁠rra jiru hojiirra oolchuun namoota biyya lafaarraa adda kan nu godhu akkamitti?

12 Ilaalchi tajaajiltoonni Yihowaa qabeenyaaf qaban isa namoonni biyya lafaa qabanirraa addadha. Yesus kana ilaalchisee duuka buutotasaatiin akkas jedheera: “‘Maal nyaanna?’ yookiis ‘Maal dhugna?’ yookiis ‘Maal uffanna?’ jettanii hin yaaddaʼinaa! Warri saba Waaqayyoo hin taʼin yaada isaanii isaan kanatti hidhanii jiruʼo; isaan kun hundinuu isiniif barbaachisoo akka taʼan garuu abbaan keessan inni waaqa irraa in beeka. Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama.” (Mat. 6:31-33) Namoonni hidhata amantii keenya taʼan hedduun Abbaan keenya inni samii wanta isaan barbaachisu akka isaaniif kennu muuxannoosaaniirraa hubachuu dandaʼaniiru.

13 “Nama Waaqayyoo taʼuudhaan wanta qabanitti gammaduun buʼaa guddaa” qaba. (1 Xim. 6:6, Niwuu Intarnaashinaal Varshin) Kun ilaalcha namoonni biyya lafaa yeroo harʼaatti qabanirraa baayʼee addadha. Fakkeenyaaf, dargaggoonni hedduun yommuu gaaʼela godhatan wanta barbaadan hunda jechuunis, mana miʼa guutuu qabu, konkolaataa gaariifi meeshaa elektirooniksii ammayyaa yerosuma ‘argachuu’ barbaadu. Haataʼu malee, Kiristiyaanonni akka kara adeemtuutti jiraatan fedhiisaanii ni toʼatu, wanta humnasaaniitii ol taʼe bitachuuf hin yaalan. Obboloonni hedduun babalʼistoota Mootummichaa hinaaffaadhaan tajaajilan taʼuuf, yeroofi humna dabalataa isaan barbaachisu argachuuf wantoota jireenya qananii jiraachuuf isaan dandeessisan waan dhiisaniif galateeffamuu qabu. Warri kaanimmoo qajeelchaa, miseensa maatii Betʼel, daawwataa olaanaa ykn misiyoonii taʼanii tajaajilu. Hundi keenyayyuu tajaajila warri hidhata amantii keenya taʼan garaa guutuun Yihowaadhaaf dhiheessan baayʼee dinqisiifanna!

14. Fakkeenya Yesus waaʼee nama sanyii facaasuu dubbaterraa barumsa akkamii arganna?

14 Yesus fakkeenya waaʼee nama sanyii facaasuu dubbaterratti “yaaddoon biyya lafaa, gowwoomsaan soorumaa” dubbii Waaqayyoo isa garaa keenya keessa jiru hudhee akka ija hin godhanne akka nu godhu ibseera. (Mat. 13:22) Biyya lafaa kana keessatti, wanta qabnutti gammannee akka kara adeemtuutti jiraachuun keenya kiyyoo kanaan qabamuurraa nu oolcha. Akkasumas, ija “fayyaa” akka qabaannu nu godha; kunimmoo jireenya keenya keessatti fedhii Mootummichaatiif dursa kennuuf nu gargaara.—Mat. 6:22.

“Biyyi Lafaa . . . In Darba”

15. Yohannis ergamaan, Kiristiyaanonni dhugaan biyya lafaatiif ilaalcha akkamii qabaachuu akka qaban ibse?

15 Sababii guddaan nuyi Kiristiyaanonni dhugaan akka warra ‘ormaafi biyyaa baafamtaniitti’ of ilaallu, biyyi lafaa kun baduuf yeroon muraasni akka isaa hafe mirkanaaʼoo waan taaneefidha. (1 Phe. 2:11; 2 Phe. 3:7) Ilaalchi kunimmoo filannaa goonu, fedhiifi hawwii keenyarratti dhiibbaa gaarii geessisa. Yohannis ergamaan namoonni hidhata amantiisaa taʼan, biyya lafaa ykn wantoota biyya lafaa keessa jiran akka hin jaallanne yeroo gorsu, “Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata” jedheera.—1 Yoh. 2:15-17.

16. Saba adda taʼee foʼame akka taane argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Israaʼeloonni Yihowaadhaaf yoo abboomaman, ‘saba hundumaa keessaa addumaan kan dhuunfaasaa’ akka taʼan isaanitti himamee ture. (Bau. 19:5) Israaʼeloonni amanamoo ennaa turanitti, waaqeffannaafi akkaataa jireenyaasaaniitiin saboota kaan hundarraa adda turan. Yeroo harʼaas, Yihowaan saba biyya lafaa Seexanni bulchurraa adda taʼeefi Waaqayyoof bitamu foʼate qaba. Akkas jedhamneerra: “Waaqayyo malee jiraachuu, kajeellaa biyya lafaa isa hamaas gannee, bara kana keessa of qabuutti, qajeelinatti, namoota Waaqayyoo taanee akka jiraannuuf gorsee, gara gaariitti nu deebisa. Achumaanis abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deebiʼee mulʼatu sanaa in eegganna. Inni mulʼachuuf jiru sunis Yesus Kristos; [Yihowaan] Waaqayyo keenya isa guddicha, fayyisaa keenyas. Inni seera irra daddarbuu hundumaa jalaa nu furuudhaaf, saba foʼamaa warra hojii gaariitiif hinaafan ofii isaatiif qulleessuudhaaf, ofii isaa nuuf kenne.” (Tit. 2:11-14) ‘Sabni’ kun Kiristiyaanota dibamoofi “hoolota kan biraa” qabeenya Yesus taʼan miliyoonaan lakkaaʼamaniifi dibamtoota gargaaran, akkasumas deggeran kan qabatedha.—Yoh. 10:16.

17. Kiristiyaanonni dibamooniifi hoolonni kan biraan biyya lafaa isa hamaa kana keessatti akka kara adeemtuutti jiraachuusaaniitti kan hin gaabbine maaliifi?

17 Kiristiyaanonni dibamoon samiirratti Kiristosii wajjin bulchuuf ‘abdii eebbifamaa’ qabu. (Mul. 5:10) Hoolonni kan biraanimmoo abdiin isaan barabaraaf lafarra jiraachuuf qaban yommuu raawwatamutti, akka kara adeemtuutti biyya lafaa hamaa kana keessa jiraachuunsaanii ni hafa. Yeroo sanatti mana bareedaa, dhugaatiifi nyaata irraa hafaa qabaatu. (Far. 37:10, 11; Isa. 25:6; 65:21, 22) Haala Israaʼelootarraa adda taʼeen, namoonni kun wanti hundinuu kan argame, Yihowaa isa ‘guutummaa biyya lafaa uumeen’ akka taʼe matumaa hin dagatan. (Isa. 54:5) Kiristiyaanota dibamoos taʼan hoolonni kan biraan, biyya lafaa isa hamaa kana keessatti akka kara adeemtuutti jiraachuusaaniitti hin gaabban.

Maal Jettee Deebista?

• Dhiironni amanamoon bara durii akka kara adeemtuutti kan jiraatan karaa kamiini?

• Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa biyya lafaa wajjin haala wal qabateen ilaalcha akkamii qabu turan?

• Kiristiyaanonni dhugaan biyya lafaatti guutummaatti kan hin fayyadamne akkamitti?

• Biyya lafaa hamaa kana keessatti akka kara adeemtuutti kan jiraannu taʼuun keenya matumaa kan nu hin gaabbisiisne maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 18⁠rra jiru]

Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, bohaartii hammeenyaafi ejja raawwachuu argisiisurratti hin hirmaatan turan