Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhiironni Itti Gaafatamummaa Akka Fudhatan Leenjisaa

Dhiironni Itti Gaafatamummaa Akka Fudhatan Leenjisaa

Dhiironni Itti Gaafatamummaa Akka Fudhatan Leenjisaa

“Bartuun tokko . . . guutummaatti erga barsiifamee, akka barsiisaa isaa taʼa.”—LUQ. 6:40.

1. Yesus yommuu lafarra tajaajilaa turetti gumii tokko kan hundeesse akkamitti?

YOHANNIS ERGAMAAN Wangeela barreesse yommuu xumuru, “Kana malees, kan biraa Yesus kan hojjete waan baayʼeen jiru; hundumti isaanii tokko tokkoon utuu caafamanii, biyyi lafaa macaafota isaan itti caafaman fudhachuu hin dandaʼu anatti fakkaata” jedheera. (Yoh. 21:25) Wantoota gurguddaa Yesus yeroo gabaabaadhaaf yommuu tajaajiletti raawwate keessaa tokko, dhiirota gara fuulduraatti itti gaafatamummaa fudhatan barbaaduu, leenjisuufi gurmeessuu ture. Dh.K.B. bara 33 gara samiitti yommuu deebiʼe gumii guddaa yeroo muraasa booda, namoota kumaan lakkaaʼaman qabate gurmeesseera.—HoE. 2:41, 42; 4:4; 6:7.

2, 3. (a) Dhiironni cuuphaman itti gaafatamummaa fudhachuuf carraaquunsaanii baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Mataduree kana keessatti waaʼee maalii qorra?

2 Yeroo harʼaas addunyaa maratti babalʼistoonni Mootummichaa miliyoona torbaa ol taʼan gumiiwwan 100,000 ol keessatti argamu; gumiiwwan kunis dhiirota dhimmoota hafuuraarratti itti gaafatamummaa fudhatanii tajaajilan isaan barbaachisu. Fakkeenyaaf jaarsoliin Kiristiyaanaa baayʼee ni barbaachisu. Dhiironni mirga tajaajilaa kana argachuuf carraaqan, ‘hojii baʼeessa waan hawwaniif’ galateeffamuu qabu.—1 Xim. 3:1.

3 Haataʼu malee, dhiironni mirgawwan gumii keessa jiraniif battalumaan gaʼumsa hin qabaatan. Barumsi biyya lafaa ykn muuxannoon jireenyaa nama tokko mirga kanaaf hin qopheessu. Dhiirri tokko itti gaafatamummaa akkasii fudhachuuf karaa hafuuraa gaʼumsa qabaachuu qaba. Dandeettii qabaachuufi waan tokko raawwachuu caalaa amalawwan hafuuraa qabaachuu qaba. Maarree, dhiironni gumii keessa jiran gaʼumsa akka qabaatan gargaaruun kan dandaʼamu akkamitti? Yesus, “Bartuun tokko . . . guutummaatti erga barsiifamee, akka barsiisaa isaa taʼa” jedheera. (Luq. 6:40) Mataduree kana keessatti, karaawwan Barsiisaa Guddicha kan taʼe Yesus Kiristos bartoonnisaa itti gaafatamummaa guddaa akka fudhatan itti gargaareefi wanta inni raawwate tokko tokkorraa barumsa akkamii argachuu akka dandeenyu qorra.

‘Ani Michootakoo Isiniin Jedheera’

4. Yesus bartootasaatiif michuu dhugaa taʼuusaa kan argisiise akkamitti?

4 Yesus bartoonnisaa akka isaa gad taʼanitti utuu hin taʼin, michootasaa akka taʼanitti ilaala ture. Isaanii wajjin yeroo dabarseera, bakka qoofniitti isaan geesseera, akkasumas ‘waan abbaasaarraa dhagaʼe hundumaa isaan beeksiseera.’ (Yohannis 15:15 hiika bara 1899tiin dubbisi.) Gaaffii isaan “Milikkinni dhufa keetii, kan dhuma barichaas maali?” jedhanii isa gaafataniif yommuu deebii isaanii kenne hangam akka gammadan yaadaa. (Mat. 24:3, 4) Yaadasaafi miirasaas isaanitti himeera. Fakkeenyaaf, halkan dabarfamee kennamuusaa dura ture bakka ashaakiltii Getesemaanee keessatti kadhannaa garaadhaa madde yommuu dhiheesse, Phexros, Yaaqoobiifi Yohannis akka isa duukaa taʼan godheera. Ergamoonnisaa kun sadan wanta Yesus kadhannaasaarratti caqase dhagaʼuu baatanis, haalli yeroo sana ture dhiphisaa taʼuusaa hubatanii taʼuu qaba. (Mar. 14:33-38) Yesus dinqiidhaan jijjiiramuunsaas, bartoota sadan kanarratti dhiibbaa geessisee taʼuu akka qabu yaadaa. (Mar. 9:2-8; 2 Phe. 1:16-18) Michoomni cimaan Yesus isaanii wajjin uume, yeroo booda yommuu itti gaafatamummaa guddaa fudhatan jabina isaanii kennee taʼuu qaba.

5. Karaawwan jaarsoliin warra kaan itti tajaajiluu dandaʼan tokko tokko kamfaʼi?

5 Akkuma Yesus, jaarsoliin Kiristiyaanaa yeroo harʼaa jiranis namoota kaaniif michuu taʼuufi isaan gargaaruu qabu. Yeroo fudhatanii dhuunfaatti xiyyeeffannaa isaanii kennuudhaan, namoota hidhata amantiisaanii taʼanii wajjin walitti dhufeenya cimaa uumu. Jaarsoliin iccitii eeguun barbaachisaa akka taʼe kan beekan taʼus, of hin dhoksan. Obbolootasaanii ni amanu, akkasumas dhugaawwan Caaffata Qulqullaaʼoo keessaa baratan isaanii hiru. Tajaajilaa gumii umriinsaa hamma tokko xinnoo taʼe matumaa isaanii gad akka taʼetti ilaaluu hin qaban. Kanaa mannaa, nama hafuuraa gara fuulduraatti gumicha tajaajiluuf dandeettii guddaa qabu akka taʼetti yaadu.

“Ani . . . Fakkeenya Isiniif Taʼeera”

6, 7. Yesus bartootasaatiif fakkeenya akkamii akka taʼeefi dhiibbaa kun isaanirraan geessise ibsi.

6 Bartoonni Yesus wantoota hafuuraatiif dinqisiifannaa kan qaban yoo taʼeyyuu, akkaataan guddinaafi aadaansaanii yeroo tokko tokko yaadasaaniirratti dhiibbaa geessisa ture. (Mat. 19:9, 10; Luq. 9:46-48; Yoh. 4:27) Taʼus, Yesus isaan hin ceephaane ykn isaan hin sossodaachisne. Wanta humnasaaniitii ol taʼe akka raawwatan isaaniirraa hin eegne ykn wanta ofiisaatii gochuu hin dandeenye akka raawwatan isaanitti hin dubbanne. Kanaa mannaa, fakkeenya isaanii taʼuudhaan isaan barsiiseera.—Yohannis 13:15 dubbisi.

7 Yesus bartootasaatiif fakkeenya akkamii ture? (1 Phe. 2:21) Rakkina tokko malee warra kaan tajaajiluuf jecha jireenyasaa salphaa godheera. (Luq. 9:58) Inni kan gad of deebisu taʼuusaarrayyuu, yeroo hundaa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼee barsiisa ture. (Yoh. 5:19; 17:14, 17) Yesus salphaatti kan itti dhihaatamuufi gaarummaa kan qabu ture. Waan hojjetu hundaa jaalalaan kakaʼee raawwateera. (Mat. 19:13-15; Yoh. 15:12) Fakkeenyi Yesus bartootasaarratti dhiibbaa gaarii geessiseera. Fakkeenyaaf, Yaaqoob duʼallee utuu hin sodaatin hamma ajjeefametti amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajileera. (HoE. 12:1, 2) Yohannisis gara waggaa 60 oliitiif amanamummaadhaan faana Yesus duukaa buʼeera.—Mul. 1:1, 2, 9.

8. Jaarsoliin dhiirota dargaggoota taʼaniifi namoota kaaniif fakkeenya akkamii taʼu?

8 Jaarsoliin fedhiisaanii aarsaa godhan, gad of deebisaniifi jaalala qaban dhiirota dargaggoota taʼaniif fakkeenya gaarii taʼu. (1 Phe. 5:2, 3) Kana malees, jaarsoliin amantiidhaan, barsiisuudhaan, jireenyasaaniifi tajaajilasaaniitiin fakkeenya taʼan, warri kaan fakkeenyasaanii akka hordofan beekuudhaan gammachuu argachuu dandaʼu.—Ibr. 13:7.

Yesus Qajeelfama Kennee Isaan Ergeera

9. Yesus hojii lallabaatiif bartootasaa leenjisee akka ture akkamitti beekna?

9 Yesus gara waggaa lamaatiif hinaaffadhaan erga tajaajilaa turee booda, ergamoonnisaa 12an akka lallaban erguudhaan hojii kana balʼinaan raawwachuu jalqabe. Dura garuu qajeelfama isaanii kenne. (Mat. 10:5-14, hiika bara 1899) Yesus, yommuu namoota kuma hedduutti lakkaaʼaman dinqiidhaan nyaachisuuf jedhetti, bartoonnisaa akkamitti namoota akka gurmeessaniifi nyaata akka hihhiran qajeelfama isaaniif kenneera. (Luq. 9:12-17) Yesus qajeelfama ifaafi adda taʼe isaanii kennuudhaan bartootasaa akka leenjise kanarraa hubachuun ni dandaʼama. Haala kanaan leenjii argachuunsaaniifi gargaarsi hafuura qulqulluu inni humna guddaa qabu, ergamoonni hojii lallabaa balʼaa Dh.K.B. bara 33fi sana booda raawwatame gurmeessuuf gaʼumsa akka qabaatan isaan gargaareera.

10, 11. Namoota haaraatiif leenjii walirraa hin cinne kennuun kan dandaʼamu karaawwan kamiini?

10 Yeroo harʼaatti barumsa hafuuraa kennuun kan jalqabu yommuu namni tokko Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabuttidha. Akka gaariitti akka dubbisu gargaaruun nu barbaachisa taʼa. Macaafa Qulqulluu yommuu qayyabsiisnu hundatti isa gargaaruu keenya itti fufna. Leenjiin kun, yommuu walgaʼii Kiristiyaanaarratti walitti aansee argamuu jalqabu, yommuu Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti hirmaatu, yommuu babalʼisaa hin cuuphamne taʼuufi sochiiwwan kana fakkaatan godhu itti fufa. Erga cuuphamee boodammoo, leenjiin isaa kennamu Galma Mootummaa suphuurratti hirmaachuu kan dabalatu taʼuu dandaʼa. Yeroo boodas, obboleessi tokko tajaajilaa gumii taʼuuf gaʼumsa qabaachuuf maal gochuun akka isa barbaachisu akka hubatu gargaaruun ni dandaʼama.

11 Jaarsi tokko obboleessa cuuphame tokkoof yommuu hojii kennu, hojii sana ilaalchisee qajeelfama jaarmiyaan Yihowaa kenne ibsuufii, akkasumas gorsa barbaachisu kennuufii qaba. Obboleessi leenjifamaa jirus maal akka isarraa eegamu beekuu qaba. Wanta akka hojjetu isaaf kenname raawwachuuf rakkachaa jira yoo taʼemmoo, jaarsi jaalala qabeessa taʼe namni kun dandeettii hin qabu jedhee dafee hin murteessu. Kanaa mannaa, wantoota inni xiyyeeffannaa kennuufii qabu addaan baasee gaarummaadhaan ibsaaf; akkasumas qajeelfamni hojii sana ilaalchisee kenname kaayyoonsaa maal akka taʼeefi akkaataa itti hojjetamu akka hubatu isa gargaara. Jaarsoliin, obboleessi tokko gumii keessatti warra kaan tajaajiluun gammachuu akka isaaf argamsiisu waan beekaniif, itti gaafatamummaasaa raawwachuu akka dandaʼu isa gargaaruun isaan gammachiisa.—HoE. 20:35.

“Namni Ogeessi . . . Gorsa In Dhagaʼa”

12. Gorsi Yesus buʼa qabeessa akka taʼu kan godhe maalidha?

12 Yesus dhuunfaatti gorsa isaan barbaachisuu kennuudhaan bartootasaa leenjiseera. Fakkeenyaaf, Yaaqoobiifi Yohannis namoota Samaariyaa Yesusiin simachuu didan tokko tokkorratti ibiddi waaqarra buʼee akka isaan fixu waan gaafataniif isaan ifatee ture. (Luq. 9:52-55) Haati Yaaqoobiifi Yohannis gara Yesus dhuftee Mootummicha keessatti iddoo guddaan ijoolleesheetiif akka kennamu yommuu gaafate, Yesus obbolaa lamaan kanaan akkas jedheera: “Gara mirga koo yookiis gara bitaa koo taaʼuu garuu kennuun kan koo miti; taaʼumsi sun warra kanaan dura abbaa kootiin qopheeffameefiif taʼa.” (Mat. 20:20-23) Yesus yeroo hundaa gorsa ifaa, hojiirra ooluu dandaʼuufi guutummaatti seera buʼuuraa Waaqayyoorratti hundaaʼe kenna ture. Seerawwan buʼuuraa akkasiirratti akka yaadan bartootasaa barsiiseera. (Mat. 17:24-27) Dandeettiin duuka buutonnisaa qaban daangaa qabaachuusaa hubateera; kanaaf mudaa hin qaban jedhee hin eegne. Gorsa kan isaanii kennus jaalala garaadhaa maddeen kakaʼee ture.—Yoh. 13:1.

13, 14. (a) Gorsi kan barbaachisu eenyuufi? (b) Jaarsi tokko nama karaa hafuuraa guddina gochaa hin jirreef dhuunfaatti gorsa akkamii kennuu akka dandaʼu fakkeenyaan ibsi.

13 Dhiirri gumii keessatti itti gaafatamummaa fudhachuuf carraaqu kamiyyuu yeroo taʼe tokkotti, gorsi Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼe isa barbaachisa. Fakkeenyi 12:15, “Namni ogeessi . . . gorsa in dhagaʼa” jedha. Obboleessi dargaggeessi tokko, “Wanti baayʼee na rakkise miira gaʼumsa akka hin qabne natti dhagaʼamuu wajjin qabsaaʼuu ture. Gorsi jaarsi tokko naa kenne ilaalchakoo kana akka sirreessu na gargaareera” jechuudhaan dubbateera.

14 Jaarsoliin, dhiirri tokko amala karaa hafuuraa guddina akka hin goone isa dhowwaa jiru tokko tokko akka qabu yoo hubatan, dursa fudhatanii hafuura gaarummaatiin isa gargaaru. (Gal. 6:1) Amalaa wajjin haala wal qabateen yeroo tokko tokko dhuunfaatti gorsi barbaachisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko hamma raawwachuu dandaʼu gochaa hin jiru taanaan, jaarsi tokko Yesus inni duuka buutonnisaa bartoota akka godhan itti gaafatamummaa isaaniif kenne waaʼee Mootummichaa lallabuudhaan hinaaffaa argisiisaa akka ture itti himuudhaan isa gargaaruu dandaʼa. (Mat. 28:19, 20; Luq. 8:1) Obboleessi tokko iddoo guddaa argachuu kan barbaadu yoo taʼe, Yesus bartoonnisaa iddoo guddaa barbaaduun balaa akka qabu akka hubatan akkamitti akka gargaare isaa ibsuu dandaʼa. (Luq. 22:24-27) Obboleessi tokko dhiifama gochuun kan isatti ulfaatu yoo taʼehoo? Fakkeenyi waaʼee hojjetaa liqii guddaan kan isaaf dhiifame taʼus, liqii xinnoo nama tokkorraa qabu dhiisuufii didee dhimma kana ifa gochuuf gargaara. (Mat. 18:21-35) Yeroo barbaachisaa taʼetti jaarsoliin dafanii gorsa kennuunsaanii gaariidha.—Fakkeenya 27:9 dubbisi.

“Of Leenjisi”

15. Maatiin dhiira tokkoo warra kaan akka tajaajilu isa gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

15 Jaarsoliin dhiironni itti gaafatamummaa akka fudhatan dursa fudhatanii kan isaan leenjisan taʼus, warri kaanis carraaqqii jaarsoliin godhan deggeruu dandaʼu. Fakkeenyaaf maatiin dhiira tokkoo itti gaafatamummaa akka fudhatu isa gargaaruu dandaʼu, akkas gochuus qabu. Jaarsa taʼeera yoo taʼemmoo, deggersa haati manaasaafi ijoolleensaa fedhiisaanii aarsaa godhanirraa fayyadamuu dandaʼa. Itti gaafatamummaasaa sirriitti raawwachuu yoo barbaade, isaa wajjin gumiirratti argamuunsaanii barbaachisaadha. Ilaalchi isaan fedhiisaanii aarsaa gochuuf qaban gammachuu isaa argamsiisa; warra kaaniifis fakkeenya taʼa.—Fak. 15:20; 31:10, 23.

16. (a) Itti gaafatamummaa fudhachuuf adda durummaadhaan carraaqqii gochuu kan qabu eenyu? (b) Dhiirri tokko gumii keessatti mirga argachuuf carraaquu kan dandaʼu akkamitti?

16 Namoonni kaan gargaarsaafi deggersa gochuu kan dandaʼan taʼus, itti gaafatamummaa fudhachuuf adda durummaadhaan carraaquu kan qabu nama sanadha. (Galaatiyaa 6:5 dubbisi.) Obboleessi tokko namoota kaan gargaaruufi tajaajilarratti guutummaatti hirmaachuuf dirqama tajaajilaa ykn jaarsa taʼuu akka hin qabne beekamaadha. Haataʼu malee, gumii keessatti itti gaafatamummaa fudhachuuf carraaquu jechuun, ulaagaa Caaffata Qulqullaaʼoo keessa jiru guutuuf carraaquu jechuudha. (1 Xim. 3:1-13; Tit. 1:5-9; 1 Phe. 5:1-3) Kanaaf, dhiirri tokko tajaajilaa ykn jaarsa taʼuu barbaadus hamma yoonaatti kan hin muudamne yoo taʼe, karaawwan guddina hafuuraa gochuun itti isa barbaachisuuf xiyyeeffannaa kennuu qaba. Kunis yeroo hundaa Macaafa Qulqulluu dubbisuu, qayyabannaa dhuunfaa gochuu, akka gaariitti xiinxaluu, kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuufi tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaachuu kan gaafatudha. Karaa kanaan gorsa Phaawulos, “Nama Waaqayyoo taʼuudhaaf of qopheessi [“of leenjisi,” NW]!” jechuudhaan Ximotewosiif kenne dhuunfaatti hojiirra oolcha.—1 Xim. 4:7.

17, 18. Obboleessi cuuphame tokko, gaʼumsa hin qabu jedhee sodaachuun ykn kakaʼumsa dhabuun duubatti akka jedhu yoo isa godhe maal gochuu dandaʼa?

17 Haataʼu malee, dhiirri tokko gaʼumsa hin qabu jedhee sodaachuudhaan itti gaafatamummaa fudhachuuf carraaquu yoo dhiisehoo? Namni kun, Yihowaafi Yesus Kiristos wanta baayʼee akka nuu godhan hubachuu qaba. Yihowaan, ‘guyyuma guyyaatti baʼaa keenya akka nuuf baatu’ beekamaadha. (Far. 68:19) Kanaaf, Abbaan keenya inni samii obboleessi tokko gumii keessatti itti gaafatamummaa akka fudhatu isa gargaaruu dandaʼa. Obboleessi tajaajilaa ykn jaarsa hin taane tokko, jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti dhiironni mirga tajaajilaa fudhatan baayʼee akka barbaachisan beekuunsaas isa fayyaduu dandaʼa. Obboleessi tokko yaadawwan akkasiirratti xiinxaluunsaa miira gaʼumsa akka hin qabne isatti dhagaʼamu moʼuuf akka carraaqu isa gargaara. Iji hojii hafuuraa nagaafi of qabuu, warra miira gaʼumsa hin qabu jedhanii sodaachuu moʼuuf gargaaran kan dabaltu taʼuusaa hubachuudhaan hafuura qulqulluu argachuuf kadhachuu dandaʼa. (Luq. 11:13; Gal. 5:22, 23) Kana malees namni tokko, Yihowaan namoota ilaalcha sirrii taʼeen kakaʼanii itti gaafatamummaa fudhachuuf carraaqan hunda akka eebbisu amanannaa guutuu qabaachuu dandaʼa.

18 Dhiirri cuuphame tokko itti gaafatamummaa fudhachuuf akka hin carraaqne kan isa godhu kakaʼumsa dhabuu yoo taʼehoo? Obboleessa kana maaltu isa gargaaruu dandaʼa? Phaawulos, “Waaqayyo akka akeeka isaa isa gaariitti hojjechuudhaaf fedha akka qabaattaniif, akka hojjettaniifis isin gidduutti in hojjeta” jedhee barreesseera. (Filp. 2:13) Tajaajiluuf fedhii qabaachuun Waaqayyo biraa kan argame siʼa taʼu, hafuurri Yihowaas jabina namni tokko tajaajiluuf isa barbaachisu isaa kennuu dandaʼa. (Filp. 4:13) Kana malees, Kiristiyaanni tokko Waaqayyo wanta sirrii hojjechuuf akka isa gargaaru kadhachuu dandaʼa.—Far. 25:4, 5.

19. “Geggeessituu torba, gurguddaa namaa saddeeti” akka kaʼan raajiidhaan dubbatamuunsaa maal nuu mirkaneessa?

19 Yihowaan carraaqqii dhiironni maanguddoota taʼan warra kaan leenjisuuf godhan ni eebbisa. Dhiironni gorsa isaaniif kenname fudhataniifi gumii keessatti mirga argachuuf carraaqanis eebbasaa argatu. Caaffanni Qulqullaaʼoon Yihowaan sabasaa gidduudhaa, “geggeessituu torba, gurguddaa namaa saddeeti,” jechuunis dhiirota gaʼumsa qabaniifi jaarmiyaa Yihowaa keessaatti itti gaafatamummaa fudhatan akka kaasu raajiidhaan dubbateera. (Mik. 5:5) Kiristiyaanonni dhiirota taʼan hedduun leenjii fudhachaa, akkasumas gad of deebisanii mirga tajaajilaa Yihowaaf ulfina fidu fudhachuuf carraaqaa jiraachuunsaanii baayʼee nama gammachiisa!

Maal Jettee Deebista?

• Yesus bartoonnisaa itti gaafatamummaa guddaa fudhachuuf gaʼumsa akka qabaatan kan isaan gargaare akkamitti?

• Jaarsoliin fakkeenya Yesus hordofuudhaan dhiironni gumii keessa jiran itti gaafatamummaa akka fudhatan isaan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

• Dhiirri tokko itti gaafatamummaa fudhachuuf akka carraaqu gargaaruurratti maatiinsaa gaʼee akkamii qaba?

• Dhiirri tokko mirga tajaajilaa fudhachuuf ofiisaatii maal gochuu dandaʼa?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 31⁠rra jiru]

Namni Macaafa Qulqulluu qayyabsiistu guddina gochaa yommuu deemu leenjii akkamii kennuufii dandeessa?

[Fakkii fuula 32⁠rra jiru]

Dhiironni itti gaafatamummaa fudhachuuf carraaqaa akka jiran argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?