Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhiironni Karaa Hafuuraa Akka Guddatan Gargaaraa

Dhiironni Karaa Hafuuraa Akka Guddatan Gargaaraa

Dhiironni Karaa Hafuuraa Akka Guddatan Gargaaraa

‘Siʼachi nama kan walitti qabdan in taatu.ʼ—LUQ. 5:10.

1, 2. (a) Dhiironni lallaba Yesusiif deebii akkamii kennanii turan? (b) Mataduree kana keessatti waaʼee maalii qorra?

YESUSIIFI bartoonnisaa yeroo Galiilaatti tajaajilaa turanitti bakka qoofnii tokko dhaquuf bidiruu yaabbatan. Haataʼu malee, namoonni baayʼeen miillaan isaan duukaa buʼan. Namoonni guyyaa sana isaan duuka buʼan, “dubartootaa fi ijoollee malee dhiirri akka kuma shanii turan.” (Mat. 14:21) Yeroo garabiraattimmoo, namoonni baayʼeen akka isaan fayyisuufi akka isaan barsiisuuf gara Yesus dhufanii turan. Namoonni kun, “dubartootaa fi ijoollota malee dhiirota kuma afur turan.” (Mat. 15:38) Namoota gara Yesus dhufan kana keessaa dhiironni baayʼeen barumsasaa akka jaallatan ibsanii taʼuu hin oolu. Yesus bartoonnisaa dinqiidhaan qurxummii akka qaban erga godhee booda, Simoon ergamaadhaan “Siʼachi immoo nama kan walitti qabdu in taata“ waan isaan jedheef dhiironni baayʼeen kaanis barumsasaa akka fudhatan eegee taʼuu qaba. (Luq. 5:10) Bartoonnisaa kiyyoosaanii galaana ilmaan namootaa keessa gad fageessanii buusuudhaan dhiirota hedduu akka ‘qaban’ mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu turan.

2 Yeroo harʼaas, dhiironni ergaa Caaffata Qulqullaaʼoo nuti lallabnuuf fedhii ni argisiisu, akkasumas ni fudhatu. (Mat. 5:3) Haataʼu malee, dhiironni hedduun karaa hafuuraa guddina gochuurraa duubatti jedhu. Maarree dhiirota akkasii gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Yesus dhiirota argachuuf tajaajila adda taʼe kan hin qopheessine taʼus, dhimmoota dhiirota bara sana turan yaaddessu akka caqase hin shakkisiisu. Fakkeenya Yesusitti fayyadamuudhaan, dhiironni rakkoowwan baramaa yeroo harʼaa isaan mudatan sadii, jechuunis (1) wanta jireenyaaf barbaachisu argachuu, (2) sodaa namootaa moʼuufi (3) gaʼumsa hin qabu jedhanii sodaachuu akka moʼan akkamitti akka isaan gargaarru haa qorru:

Wanta Jireenyaaf Barbaachisu Argachuu

3, 4. (a) Wanti dhiirota hedduu yaaddessu inni guddaan maalidha? (b) Dhiironni tokko tokko dhimmoota hafuuraa caalaa wanta jireenyaaf barbaachisu argachuuf dursa kan kennan maaliifi?

3 Barsiisaan seeraa tokko Yesusiin, “Barsiisa! Garuma ati dhaqxutti si duukaan buʼa” jedheen. Haataʼu malee, yommuu Yesus, “Ilmi namaa garuu lafa mataa isaa itti hirkifatu hin qabu” isaan jedhu yaadasaa jijjiire. Namni kun duuka buutuu Kiristos akka taʼe waan hin ibsamneef, wanti inni nyaatu ykn bakka dhaqutti barsiisota seeraa wajjin ulfinaan kan hin teenye taʼuunsaa isa yaaddessee akka ture haalasaarraa hubachuun ni dandaʼaama.—Mat. 8:19, 20.

4 Dhiironni yeroo baayʼee dhimmoota hafuuraa caalaa wanta jireenyaaf barbaachisu argachuuf iddoo guddaa kennu. Baayʼeensaanii barumsa sadarkaa olaanaa hordofuufi hojii mindaa gaarii argamsiisu qabaachuuf dursa kennu. Akka ilaalchasaaniitti faayidaan qarshii argachuun qabu, faayidaa Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya cimaa uumuun qabu kamiyyuu caalaa dursi kennamuufii kan qabudha. Wanti Macaafni Qulqulluun barsiisu isaan hawwatus, “yaaddoon biyya lafaa, gowwoomsaan soorumaa” fedhii isaan qaban jalaa hudhuu dandaʼa. (Mar. 4:18, 19) Yesus duuka buutonnisaa wanta dursa kennaniifirratti jijjiirama akka godhan akkamitti akka isaan gargaare haa ilaallu.

5, 6. Indiriyaas, Phexros, Yaaqoobiifi Yohannis lallabarratti hirmaachuuf dursa kennuuf jecha hojiisaanirratti jijjiirama akka godhan kan isaan gargaare maalidha?

5 Indiriyaasiifi obboleessisaa Simoon Phexros hojii qurxummii qabuu waliin hojjetu turan. Yohannisiifi obboleessisaa Yaaqoob, akkasumas abbaansaanii Zabdewosis waliin hojjetu turan. Daldallisaanii guddaa waan tureef namoota qacaranii hojjechiisu turan. (Mar. 1:16-20) Indiriyaasiifi Yohannis waaʼee Yesus, Yohannis Cuuphaarraa jalqaba yommuu beekan, Masiihii akka argatan mirkanaaʼoo taʼanii turan. Indiriyaas wanta barate obboleessasaa Simoon Phexrositti kan hime siʼa taʼu, Yohannisis obboleessasaa Yaaqoobitti himee taʼuu hin oolu. (Yoh. 1:29, 35-41) Jiʼoottan ittaananitti, yommuu Yesus Galiilaa, Yihudaafi Samaariyaatti lallabu arfansaaniiyyuu isaa wajjin turan. Booda garuu bartoonni kun gara hojiisaanii isa qurxummii qabuutti deebiʼaniiru. Wantoota hafuuraatiif fedhii kan qaban taʼanis, wanti isaan iddoo guddaa kennaniif tajaajila hin turre.

6 Yesus, yeroo muraasa booda, Phexrosiifi Indiriyaas isa duukaa buʼanii “nama kan walitti qaban” akka taʼan isaan afeereera. Namoonni kun lamaan deebii akkamii kennaniree? “Achumaan isaan kiyyoota isaanii achitti dhiisanii isa duukaa buʼan.” Yaaqoobiifi Yohannisis akkasuma godhaniiru. “Achumaanis bidiruu isaanii, abbaa isaaniis dhiisanii isa duukaa in buʼan.” (Mat. 4:18-22) Namoonni kun tajaajila yeroo guutuutti akka seenan kan isaan gargaare maalidha? Murtoo kana kan godhan utuma itti hin yaadin miiraan kakaʼaniitii? Matumaa! Namoonni kun jiʼoottan darbanitti, Yesusiin dhaggeeffataniiru, yommuu inni dinqii raawwatu arganiiru, hinaaffaa inni qajeelinaaf qabu ilaalaniiru, akkasumas namoonni baayʼeen yommuu lallabasaa fudhatan arganiiru. Kanaan kan kaʼes, amantiifi amanannaan isaan Yihowaarratti qaban caalaatti cimeera!

7. Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu, Yihowaan wanta sabasaatiif barbaachisu kennuuf dandeettii akka qabu akka amanaman gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

7 Nutoo fakkeenya Yesus hordofuudhaan namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu amanannaa Yihowaarratti qaban akka guddifatan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? (Fak. 3:5, 6) Akkaataan itti barsiisnu gama kanaan gaʼee guddaa qaba. Yommuu barsiisnu, fedhii Mootummichaa yoo dursine eebba guddaa akka nuu kennu abdii Waaqayyo kenne akka gaariitti ibsuu dandeenya. (Miikiyaas 3:10; Maatewos 6:33 dubbisi.) Yihowaan wanta sabasaatiif barbaachisu akkamitti akka kennu ibsuuf caqasoota garaagaraatti fayyadamuu kan dandeenyu taʼus, fakkeenya taanee argamuun keenya gumaacha guddaa akka qabu yaadachuu qabna. Muuxannoo keenya isaanitti himuun, bartoonni keenya Yihowaatti akka amanaman gargaaruurratti gaʼee guddaa qaba. Muuxannoowwan nama jajjabeessaniifi barreeffamoota keenyarraa dubbisnes isaanitti himuu dandeenya. *

8. (a) Barataan tokko, ‘gaarummaa Waaqayyoo miʼeeffatee ilaaluunsaa’ barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Namni qayyabsiisnu Yihowaan gaarii taʼuusa ofumasaatii akka hubatu gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

8 Amantii cimaa horachuun, dubbisuufi warri kaan akkamitti eebba Yihowaa akka argatan yommuu dubbatan dhaggeeffachuu caalaa waan dabaltu qaba. Barataan Macaafa Qulqulluu tokkos, dhuunfaatti Yihowaan gaarii taʼuusaa hubachuun isa barbaachisa. Faarfatichi, “Gaarummaan Waaqayyoo attam akka taʼe, isin miyeeffadhaa ilaalaa! Namni isatti kooluu gale haa gammadu!” jedhee faarfateera. (Far. 34:8) Barataan tokko Yihowaan gaarii taʼuusaa akka hubatu gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Namni kun qarshii argachuun kan isa yaaddessu taʼus, amala gadhee kan akka tamboo xuuxuu, qumaara taphachuu ykn dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu moʼuuf carraaqaa jira haa jennu. (Fak. 23:20, 21; 2 Qor. 7:1; 1 Xim. 6:10) Amalawwan gadhee kana moʼuuf Waaqayyotti kadhannaa akka dhiheessu barsiisuudhaan Yihowaan gaarii taʼuusaa hubatu isa gargaaruu dandeenya. Barataan tokko, Macaafa Qulqulluu torban torbaniin qayyabachuuf, walgaʼiidhaaf qophaaʼuufi irratti argamuuf yeroo ramaduudhaan dhimmoota hafuuraatiif dursa akka kennu jajjabeessuun buʼaa maalii argamsiisuu akka dandaʼus hubadhaa. Dhuunfaasaatti carraaqqii gochuudhaan eebba Yihowaa yommuu argatu amantiinsaa caalaatti guddata.

Sodaa Namootaa

9, 10. (a) Niqoodemosiifi Yoseef namni Armaatiyaa Yesusii wajjin walitti dhufeenya qabaachuusaanii kan dhoksan maaliifi? (b) Yeroo harʼaa dhiironni tokko tokko Kiristos duukaa buʼuun kan isaan sodaachisu maaliifi?

9 Dhiironni tokko tokko dhiibbaa hiriyaatiin kan kaʼe guutummaatti Kiristos duukaa buʼuu sodaatu taʼa. Niqoodemosiifi Yoseef inni Armaatiyaa, Yihudoonni yoo nurratti beekan maal nuun jedhu ykn waa nu godhu jedhanii waan sodaataniif, Yesusiin ifatti hin deggerre turan. (Yoh. 3:1, 2; 19:38) Namoonni kun sababa itti sodaatan qabu turan. Jibbi geggeessitoonni amantii Yesusiif qaban guddachaa waan adeemeef, nama Yesusitti akka amanu dubbatu kamiyyuu mana sagadaa keessaa baasu turan.—Yoh. 9:22.

10 Yeroo harʼaas bakka tokko tokkotti dhiirri tokko Waaqayyo, Macaafa Qulqulluu ykn amantiirratti baayʼee yoo xiyyeeffate, namoonni isaa wajjin hojjetan, hiriyoonnisaa ykn firoonnisaa isa doorsisu taʼa. Bakka kaanittimmoo waaʼee amantii ofii jijjiiruu dubbachuunillee balaa guddaa qabaachuu dandaʼa. Dhiirri tokko raayyaa waraanaa, siyaasa ykn hawaasa naannoo keessatti kan hojjetu yommuu taʼuttimmoo dhiibbaan hiriyaa caalaatti cimaa taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf namni Jarman keessa jiraatu tokko akkas jechuudhaan dhugaasaa dubbateera: “Isin Dhugaa Baatonni waaʼee Macaafa Qulqulluu wanti isin barsiistan dhugaadha. Haataʼu malee, utuun harʼa kaʼee Dhugaa Baatuu taʼee, oduunsaa takkaadhaan biyya guuta. Ollaawwankoo, namoonni naa wajjin hojjetan, akkasumas bakka aniifi maatiinkoo itti bashannannu jiran maal naan jedhu? Ani kana hin dandaʼu.”

11. Yesus bartoonnisaa sodaa namootaa akka moʼan kan isaan gargaare akkamitti?

11 Ergamoonni Yesus dabeessota kan hin turre taʼanis, sodaa namootaa wajjin qabsoo gochuun isaan barbaachisee ture. (Mar. 14:50, 66-72) Hiriyoonnisaanii dhiibbaa cimaa kan isaanirraan geessisan taʼus, Yesus guddina akka godhan kan isaan gargaare akkamitti? Mormii booda isaan mudatuuf bartootasaa qopheesseera. Yesus, “Ilma namaatiif jedhanii namoonni yommuu isin jibban, yommuu isin qoodan, yommuu isin arrabsan, yommuu maqaa keessan hadheessanis gammadaa” jedhee ture. (Luq. 6:22) Bartoonnisaa arrabsoon akka isaanirra gaʼu akka eegan isaan akeekkachiiseera. Arrabsoon akkamiiyyuu kan isaanirra gaʼu “Ilma namaatiif jedhanii” akka taʼe beekuu qabu. Kana malees, gargaarsaafi jajjabina argachuuf hamma Yihowaatti amanamanitti, Waaqayyo akka isaan duukaa taʼu Yesus isaanii mirkaneesseera. (Luq. 12:4-12) Yesus namoonni haaraan bartootasaa wajjin akka walitti qabamaniifi akka isaanitti michoomanis isaan afeereera.—Mar. 10:29, 30.

12. Namoonni haaraan sodaa namootaa akka moʼan karaawwan kamiin isaan gargaaruu dandeenya?

12 Nuyis namoonni Macaafa Qulqulluu baratan sodaa namootaa akka moʼan gargaaruun nu barbaachisa. Rakkinni tokko akka gaʼu eeguun, yeroo baayʼee rakkina sana moʼuuf gargaara. (Yoh. 15:19) Fakkeenyaaf, baratichi gaaffiifi mormii, namoonni isaa wajjin hojjetanis taʼe warri kaan kaasaniif deebii salphaa, sirrii taʼeefi Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe akka kennu gargaaruu dandeessu. Michuusaa taʼuu malees, miseensota gumii kaan keessumaa warra isaa wajjin haala wal fakkaatu keessa jiranii wajjin wal barsiisuu dandeenya. Hunda caalaammoo, yeroo mara garaadhaa akka kadhatu isa barsiisuu qabna. Kunis Waaqayyotti dhihaachuudhaan, Yihowaa kattaa kooluu itti galu godhachuuf isa gargaara.—Faarfannaa 94:21-23; Yaaqoob 4:8 dubbisi.

Gaʼumsa Hin Qabu Jedhanii Sodaachuu

13. Gaʼumsa hin qabu jedhanii sodaachuun namoonni tokko tokko sochiiwwan hafuuraaratti akka hin hirmaanne kan isaan godhu akkamitti?

13 Dhiironni tokko tokko akka gaariitti dubbisuu ykn dubbachuu waan hin dandeenyeef ykn ija laafeyyii waan taʼaniif sochiiwwan hafuuraarratti hirmaachuurraa duubatti jedhu. Tokko tokkommoo yaadasaanii ykn miirasaanii namoota duratti ibsuu sodaatu. Waaʼee qayyabannaa gochuu, walgaʼiirratti yaada kennuu ykn waaʼee namoota kaaniif lallabuu yommuu yaadan kan nama dhiphisu isaanitti fakkaachuu dandaʼa. Obboleessi tokko akkas jechuudhaan dhugaasaa dubbateera: “Yommuun ijoollee ture, nama bilbila balbalaa bilbilu fakkeessuudhaan dafee gara balbalaa dhaqee, namni tokkoyyuu utuu na hin dhagaʼin ykn na hin argin suuta jedheen achii deema ture. . . . Waaʼee manaa gara manaa deemanii lallabuu yaaduun na dhukkubsa ture.”

14. Bartoonni Yesus mucaa hafuura hamaadhaan qabame tokko fayyisuun kan isaanitti ulfaate maaliifi?

14 Bartoonni Yesus mucaa hafuura hamaadhaan qabame tokko fayyisuun yommuu isaanitti ulfaate, gaʼumsa akka hin qabne hammam akka isaanitti dhagaʼamee ture yaadaa. Abbaan mucichaa gara Yesus dhufee, “Ilma koo anaaf maari, innoo dhukkuba yeroo yerootti nama kuffisu tokkoon qabamee baayʼee dhiphachaa jira; takka takka ibidda keessatti in kufa, takka takkas bishaan keessatti in kufa. Ani bartoota keetti isa fideera, isaan garuu isa fayyisuu hin dandeenye” jedhe. Yesus hafuura hamaa sana baasuudhaan mucicha fayyise. Bartoonni booda garasaa dhufanii, “Nuyi maaliif hafuuricha hamaa sana baasuu hin dandeenye?” jedhanii Yesusiin gaafatan. Innis, “Amantiin keessan waan hirʼateef kaa! Anoo dhuguman isiniin jedha, amantii hamma ija sanaaficaa geessu utuu qabaattanii, gaara kanaan, ‘Asii kaʼii achi butadhu’ in jettu, gaarichis asii kaʼee achi in butata; wanti isiniif hin dandaʼamnes hin jiru” jedhee deebiseef. (Mat. 17:14-20) Kanaaf, gufuuwwan gaara fakkaatan moʼuuf Yihowaarratti amantii qabaachuun barbaachisaadha. Namni tokko dhugaa kana hubachuu dhiisuudhaan dandeettiisaa qofarratti yoo xiyyeeffate maaltu uumama? Milkaaʼina dhabuunsaa ofitti akka hin amanamne isa godha.

15, 16. Barataan Macaafa Qulqulluu tokko miira gaʼumsa akka hin qabne isatti dhagaʼamu akka moʼu gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

15 Nama miira gaʼumsa hin qabu jedhuu wajjin qabsaaʼu tokko gargaaruuf karaan hunda caalu, ofirratti utuu hin taʼin Yihowaarratti akka xiyyeeffatu isa jajjabeessuudha. Phexros, “Waaqayyo yeroon isaa yommuu gaʼu akka ol isin qabutti, harka isaa isa aango-qabeessa jalatti gad of deebisaa! . . . Yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!” jedhee barreesseera. (1 Phe. 5:6, 7) Kana gochuun namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu karaa hafuuraa akka guddatan gargaaruu gaafata. Namni ilaalcha hafuuraa qabu tokko wantoota hafuuraatiif bakka guddaa kenna. Dubbii Waaqayyoo ni jaallata, jireenyasaa keessattis ‘ija hojii hafuuraa’ argisiisa. (Gal. 5:22, 23) Akkasumas kadhannaa gochuudhaan beekama. (Filp. 4:6, 7) Kana malees, ija jabinaafi humna haala isa mudatu kamiyyuu moʼuuf ykn hojii isaa kennamu akka gaariitti raawwachuuf isa gargaaru argachuuf Waaqayyotti amanama.— 2 Ximotewos 1:7, 8 dubbisi.

16 Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabatan tokko tokko dandeettii dubbisuu, maree gochuu ykn dubbachuu wajjin haala wal qabateen gargaarsi isaan barbaachisuu dandaʼa. Kaanimmoo wantoota gadhee Yihowaa beekuusaanii dura raawwataniin kan kaʼe, Waaqayyoon tajaajiluun akka isaaniif hin malle itti dhagaʼamuu dandaʼa. Haallisaanii maaliyyuu yoo taʼe, jaalalaafi obsaan isaan gargaaruun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Yesus, “Namoonni fayyaan ogeessa qorichaa hin barbaadan, dhukkubsatootatu barbaada malee” jedheera.—Mat. 9:12.

Dhiirota Dabalataa ‘Qabuuf’ Carraaqaa

17, 18. (a) Naannoo tajaajilaa keenyatti dhiirota hedduu argachuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Mataduree ittaanurratti waaʼee maalii qayyabanna?

17 Dhiironni hedduun ergaa baayʼee gammachiisaa taʼeefi Macaafa Qulqulluu keessatti qofa argamu akka fudhatan hawwina. (2 Xim. 3:16, 17) Haataʼu malee, dhiirota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran hedduu argachuu kan dandeenyu akkamitti? Gara galgalaa, Sanbadduraafi Dilbata waaree booda ykn guyyoota ayyaanaa yommuu dhiironni hedduun manatti argamanitti saʼaatii dabalataa lallabuudhaan kana gochuu dandeenya. Hamma dandaʼametti abbaa manichaa haasofsiisuuf gaafachuu dandeenya. Yeroo haallisaa mijaaʼaa taʼutti dhiirota nu wajjin hojjetaniif karaa alidilee taʼeen, akkasumas dhiirota haati manaasaanii Dhugaa Baatota taʼaniif haa lallabnu.

18 Namoota argannu hundaaf yommuu lallabnu, namoonni dinqisiifannaa qaban deebii gaarii akka kennan mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Kanaaf, namoota dhugaadhaaf fedhii argisiisan hunda obsaan haa gargaarru. Haataʼu malee, dhiironni cuuphamaniifi gumii keessa jiran, jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti itti gaafatamummaa fudhachuuf gaʼumsa akka qabaatan isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Matadureen ittaanu gaaffii kanaaf deebii kenna.

[Miiljalee]

^ key. 7 Seenaa jireenyaa Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaarra jiran, akkasumas muuxannoowwan Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! irratti baʼan ilaali.

Maal Jettee Deebista?

• Dhiironni dhimmoota hafuuraatiif dursa akka kennan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

• Namoonni haaraan dhiibbaa hiriyaa akka moʼan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

• Dhiirota tokko tokko miira gaʼumsa akka hin qabne isaanitti dhagaʼamu moʼuuf maaltu isaan gargaaruu dandaʼa?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 25⁠rra jiru]

Carraa argatte hundatti misraachicha dhiirotaaf ni lallabdaa?

[Fakkii fuula 26⁠rra jiru]

Namni Macaafa Qulqulluu qayyabsiistu tokko qorumsa isa mudatu akka moʼu isa qopheessuu kan dandeessu akkamitti?