Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jireenyaafi Nagaa Argachuuf Akka Fedha Hafuuraatti Jiraadhaa

Jireenyaafi Nagaa Argachuuf Akka Fedha Hafuuraatti Jiraadhaa

Jireenyaafi Nagaa Argachuuf Akka Fedha Hafuuraatti Jiraadhaa

‘Akka fedha hafuuraatti malee, akka fedha fooniitti hin jiraatinaa.ʼ—ROM. 8:4.

1, 2. (a) Namni tokko utuu konkolaataa oofuu yaannisaa yoo hihhirame balaa cimaa akkamii geessisuu dandaʼa? (b) Yaanni nama tokkoo karaa hafuuraa hihhiramuunsaa balaa akkamii geessisa?

“KONKOLAATAA oofaa wanta garabiraatiin yaadaan hihhiramuun akkuma dhukkuba golfaa kan babalʼate taʼuusaarrayyuu, rakkina waggaadhaa gara waggaatti dabalaa dhufe fakkaata.” Qorannoo kana kan godhe nama Yunaayitid Isteetisitti barreessaa dhimma geejjibaa taʼedha. Meeshaalee yaada konkolaachisftootaa hihhiran keessaa tokko, utuu oofaa jiranii moobaayiliidhaan haasaʼuudha. Namoota qorannoo kanaaf gaafannoon godhameef keessaa harka sadii kan taʼan, nama konkolaataa oofaa moobaayilii haasofsiisuun balaan akka irra gaʼe ykn irra gaʼee akka oole dubbataniiru. Konkolaataa oofaa hojii garabiraa hojjechuun faayidaa kan qabu fakkaatus, balaa guddaa geessisuu dandaʼa.

2 Haalli hafuuraa keenyas kanaa wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Akkuma yeroo baayʼee konkolaachisaan yaannisaa hihhiramu tokko mallattoowwan balaa geessisuu dandaʼan utuu hin hubatin hafu, namni karaa hafuuraa yaannisaa hihhiramu tokkos salphaadhumatti balaarra buʼuu dandaʼa. Jireenya Kiristiyaanummaafi sochiiwwan tiʼookraasiirraa maquun keenya, amantiin keenya akka caccabaa markabaa akka taʼu godha. (1 Xim. 1:18, 19) Phaawulos ergamaan balaa kanarraa akka of eeggatan Kiristiyaanota Roomaa hidhatasaa taʼan yeroo akeekkachiisu, “Yaada ofii fedha fooniitti hidhuun duʼa in fida; yaada ofii fedha hafuuraatti hidhuun garuu, jireenya, nagaas in fida” jedheera. (Rom. 8:6) Phaawulos yeroo akkas jedhu maal jechuusaa ture? ‘Yaada keenya fedha fooniitti hidhuurraa’ of qusachuu kan dandeenyu akkamitti? ‘Yaada keenya fedha hafuuraatti hidhuu’ kan dandeenyuhoo akkamitti?

Isaanitti Hin “Faradamu”

3, 4. (a) Phaawulos qabsoo godhu ilaalchisee maal jedhee barreesseera? (b) Haala Phaawulos keessa ture qoruu kan qabnu maaliifi?

3 Phaawulos ergaa warra Roomaatiif barreesserratti, qabsoo foonsaafi yaada garaasaa gidduu jiru ilaalchisee muuxannoosaa caqasee ture. (Roomaa 7:21-23 dubbisi.) Phaawulos cubbuu guddaa keessaa baʼuu hin dandeenye keessa akka jiruufi cubbuu kana raawwachuuttis akka gammadu dubbachuusaa hin turre. Nama muuxannoo qabuufi Kiristiyaana dibamaa “saba Waaqayyoo warra hin taʼiniif ergamaa” taʼee filatame ture. (Rom. 1:1; 11:13) Maarree Phaawulos asirratti qabsoo gochaa jiru kan barreesse maaliifi?

4 Phaawulos ofiisaatiin hamma barbaadu fedha Waaqayyoo raawwachuu akka hin dandeenye amanee fudhateera. Akkas kan jennu maaliifi? “Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hirʼateera” jedhee waan barreesseefidha. (Rom. 3:23) Phaawulos sanyii Addaam waan taʼeef miidhaa cubbuun geessisu jala ture. Hundumti keenya cubbuu kan dhaalle waan taaneefi guyyaa guyyaadhaan qabsoo inni gochaa ture keessatti waan argamnuuf muuxannoosaa qoruun keenya nu gargaara. Kana malees, wantoonni yaada namaa hihhiran hedduu taʼuusaaniirrayyuu, ‘karaa dhiphoo gara jireenyaatti geessurraa’ nu kaachisuu dandaʼu. (Mat. 7:14) Haataʼu malee, haalli Phaawulos keessa ture furmaata kan hin qabne hin turre; nuufis furmaanni jira.

5. Phaawulos gargaarsaafi boqonnaa eessaa argate?

5 Phaawulos, “Kana harkaa eenyutu na baasa? Karaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos Waaqayyoof galanni haa taʼu!” jedhee barreesseera. (Rom. 7:24, 25) Achiis waaʼee Kiristiyaanota dibamoo “Kristos Yesusitti qabamanii jiraatan[ii]” dubbateera. (Roomaa 8:1, 2 dubbisi.) Yihowaan hafuurasaatti fayyadamee, ‘waan Kiristos argatu hundumaas isaa wajjin akka argataniif’ ilmaansaa godhee isaan guddiseera. (Rom. 8:14-17) Hafuurri Waaqayyoo, amantii isaan aarsaa furii Kiristosirratti qabanii wajjin taʼuudhaan, qabsoo Phaawulos caqasee wajjin godhanirratti injifachuuf waan isaan dandeessisuuf isaanitti hin “faradamu.” Isaan, “seera cubbuufi seera duʼaa, [hiika bara 1899]” jalaa baafamaniiru.

6. Tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi gorsa Phaawulosiif xiyyeeffannaa kennuu kan qaban maaliifi?

6 Phaawulos ergaa kana kan barreesse Kiristiyaanota dibamoodhaaf taʼus, wanti inni hafuura Waaqayyoofi aarsaa furii Kiristos ilaalchisee dubbate, Kiristiyaanota abdii samiirra jiraachuus taʼe lafarra jiraachuu qaban hundaaf faayidaa argamsiisuu dandaʼa. Phaawulos geggeessaa hafuuraatiin gorsa kana kan kenne Kiristiyaanota dibamootiif taʼus, tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi wanta inni barreesse hubachuufi faayidaa irraa argachuuf carraaquunsaanii baayʼee barbaachisaadha.

Waaqayyo “Cubbuu Isa Nama Foonii Keessaatti Kan Farade” Akkamitti?

7, 8. (a) Seerichi “hojii isaa hojjechuu dadhabe” jechuun kan dandaʼamu akkamitti? (b) Waaqayyo hafuurasaafi furiitti fayyadamee maal raawwateera?

7 Phaawulos, Roomaa boqonnaa 7⁠rratti, foon inni cubbuu dhaale humna guddaa akka qabu hubachuusaa ibseera. Boqonnaa 8⁠rrattimmoo, humna hafuurri qulqulluun qabu ibseera. Ergamaan kun hafuurri Waaqayyoo, Kiristiyaanonni haala fedha Yihowaa wajjin walsimuun jiraachuufi isa duratti fudhatama argachuuf, qabsoo cubbuu isa humna guddaa qabu wajjin godhanirratti akkamitti akka isaan gargaaru ibseera. Phaawulos, Waaqayyo hafuura qulqulluufi aarsaa furii Ilmasaatti fayyadamuudhaan, wanta Seerri Musee gochuu hin dandeenye akka raawwate ibseera.

8 Seerichi, namoonni wanta inni abboomu eeguu waan hin dandeenyeef cubbamootatti farada ture. Kana malees Angafni lubootaa Israaʼel Seericha jalatti tajaajilan cubbuu kan dhaalan waan taʼaniif, aarsaa gaʼaa taʼe dhiheessuu hin dandaʼan turan. Kanaaf Seerichi “hojii isaa hojjechuu dadhabe.” Haataʼu malee, “Waaqayyo ilma ofii isaatii erge. . . . Ilmi isaa kun foon isa namni cubbamaan uffatu uffatee” furii taʼee akka dhihaatu isa gochuudhaan, Waaqayyo ‘cubbuu isa nama foonii keessaatti waan faradeef’ ‘seera isa hojii isaa hojjechuu dadhabe’ hambiseera. Kanaaf Kiristiyaanonni dibamoon amantii aarsaa furii Yesusirratti qabaniin akka qajeelotaatti lakkaaʼamuu dandaʼaniiru. Isaan ‘akka fedha hafuuraatti malee akka fedha fooniitti akka hin jiraanne’ gorsi isaaniif kennameera. (Roomaa 8:3, 4 dubbisi.) Dhugumayyuu, “gonfoo ittiin jireenya argatan” argachuuf, hamma jireenyasaanii isa lafarraa xumuranitti amanamoo taʼanii jiraachuu qabu.—Mul. 2:10.

9. “Seerri” Roomaa 8:2⁠rratti caqasame hiika maalii qaba?

9 Phaawulos “seera” Musee malees, ‘seera hafuuraa,’ akkasumas “seera cubbuufi seera duʼaa” caqaseera. (Rom. 8:2, hiika bara 1899) Seerawwan kun maalidha? Jechi asirratti “seera” jedhame, seerawwan tokko tokko, kan akka abboommiiwwan Seera Musee keessa jiranii kan argisiisu miti. Galmeen jechootaa tokko akkas jedheera: “Jechi afaan Giriikii asirratti seera jedhame, wanta gaarii ykn gadhee akka goonu seera keessa keenyatti utuu walirraa hin kutin dhiibbaa nurraan gaʼu kan argisiisudha. Qajeelfama namni tokko jireenyasaa keessatti ittiin geggeeffamus kan argisiisudha.”

10. Seera cubbuufi seera duʼaa jala kan galle akkamitti?

10 Phaawulos ergamaan, “Cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal gaʼe” jedhee barreesseera. (Rom. 5:12) Sanyii Addaam waan taaneef hundi keenya seera cubbuufi seera duʼaa jala jirra. Foon keenya inni cubbuu dhaale gochawwan Waaqayyoon gaddisiisan akka raawwannu yeroo hunda dhiibbaa nurraan gaʼa; kunimmoo duʼaaf nu saaxila. Phaawulos ergaa warra Galaatiyaaf barreesserratti gochawwaniifi amalawwan akkasii ‘hojii foonii’ jedhee waameera. Achiis itti dabaluudhaan, “Warri wanta akkasii hojjetan mootummaa Waaqayyootti galuu [hin dandaʼan]” jedheera. (Gal. 5:19-21) Namoonni akkasii warra akka fedha fooniitti jiraatanii wajjin tokkodha. (Rom. 8:4) ‘Seerri keessasaaniitii gochasaanii toʼatuufi qajeelfamni isaan ittiin geggeeffaman’ guutummaatti yaada fooniirratti kan hundaaʼedha. Haataʼu malee namoonni akka fedha fooniitti jiraatan, warra halalummaa, waaqayyolii tolfamaa waaqeffachuufi qoricha namatti gochuu ykn cubbuu cimaa kan biraa raawwatan qofadhaa? Hojiin foonii amalawwan gadhee namoonni akka laayyootti ilaalan, jechuunis hinaaffaa, dheekkamsaafi ofittummaa kan dabalatu waan taʼeef isaan qofa miti. Maarree, namni guutummaatti akka fedha fooniitti jiraachuurraa walaba baʼeera jedhee dubbachuu dandaʼu jiraa?

11, 12. Yihowaan seera cubbuufi seera duʼaa jalaa walaba nu baasuuf qophii akkamii godheera? Isa duratti fudhatama argachuufoo maal gochuu qabna?

11 Yihowaan seera cubbuufi seera duʼaa jalaa baʼuu akka dandeenyu gochuusaa beekuun gammachuu guddaa nuuf argamsiisa! Yesus, “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” jedheera. Jaalala Waaqayyoo fudhachuufi aarsaa furii Yesus Kiristosirratti amanuudhaan, firdii cubbuu dhaalleen nutti faradame jalaa walaba baʼuu dandeenya. (Yoh. 3:16-18) Kanaaf akkuma Phaawulos, “Karaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos Waaqayyoof galanni haa taʼu!” jechuuf kakaana.

12 Haalli keessa jirru nama dhukkuba cimaarraa fayyuuf yaalamaa jiruu wajjin wal fakkaata. Guutummaatti fayyuu yoo barbaanne wanta ogeessi fayyaa nuun jedhu hunda gochuu qabna. Aarsaa furii Yesus Kiristosirratti amantii qabaachuun seera cubbuufi seera duʼaa jalaa walaba nu baasuu kan dandaʼu taʼus, ammayyuu akkuma cubbuu dhaalletti jirra. Yihowaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuun, isa duratti fudhatamaafi eebbasaa argachuun waan dabalatu qaba. Phaawulos ‘wanta seerri nurraa gaafatu’ raawwachuu wajjin haala wal qabateenis akka fedha hafuuraatti jiraachuu caqaseera.

Akka Fedha Hafuuraatti Jiraachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

13. Akka fedha hafuuraatti jiraachuu jechuun maal jechuudha?

13 Bakka yaanne tokko gaʼuuf amma achi geenyutti deemuu keenya itti fufna. Haaluma wal fakkaatuun akka fedha hafuuraatti jiraachuunis, karaa hafuuraa guddina argisiisuu keenya itti fufuu gaafata malee, matumaa mudaa kan hin qabne taʼuu jechuu miti. (1 Xim. 4:15) Guyyaa hundumaa hamma nuu dandaʼame haala fedha hafuuraa wajjin walsimuun jiraachuuf carraaquu qabna. ‘Hafuuraan geggeeffamaa jiraachuun’ Waaqayyo duratti fudhatama namaaf argamsiisa.—Gal. 5:16.

14. Namoonni “akka fedha fooniitti jiraatan” maal gochuutu isaanitti tola?

14 Phaawulos ergaa warra Roomaatiif barreesserratti, ittaansuudhaan namoota yaada wal faalleessu qaban lama caqaseera. (Roomaa 8:5 dubbisi.) Foon asirratti ibsame qaama keenya kan argisiisu miti. Macaafa Qulqulluu keessatti jechi “foon” jedhame al tokko tokko cubbuu kan dhaalle taʼuu keenya argisiisuuf itti hojjetameera. Kunis wanta Phaawulos foonsaafi yaadasaa gidduutti qabsoo akka godhu caqasee turedha. Haataʼu malee haala isarraa faallaa taʼeen, “warri akka fedha fooniitti jiraatan” qabsoo kana hin godhan. Wanta Waaqayyo isaanirraa eegu yaaduufi qophii inni gargaarsa gochuuf godhe fudhachuu mannaa, “yaada isaanii fedha foonii irra dhaab[u].” Yeroo baayʼee wanta qaamasaaniitti tolu guuttachuurratti xiyyeeffatu. Haala kanarraa faallaa taʼeenimmoo, “warri akka fedha hafuuraatti jiraatan” “waan hafuuraa in yaadu,” jechuunis qophiiwwaniifi sochiiwwan hafuuraarratti xiyyeeffatu.

15, 16. (a) Yaada ofii wanta tokkorra dhaabuun ilaalcha nama tokkoorratti dhibbaa kan godhu akkamitti? (b) Wanta yeroo harʼaa namoonni hedduun yaadasaanii irra dhaaban ilaalchisee maal jechuu dandeenya?

15 Roomaa 8:6 dubbisi. Namni tokko wanta gaariis taʼe gadhee hojjechuuf yaadasaa wanta sanarra dhaabuu qaba. Namoonni yeroo hunda yaadasaanii fedha fooniirra dhaaban, ilaalcha guutummaatti fedha fooniirratti xiyyeeffate qabaachuunsaanii hin oolu. Yeroo baayʼee yaannisaanii, fedhiinsaaniifi wanti isaan jaallatan guutummaatti wantoota kanaan kan qabame taʼa.

16 Namoonni hedduun yeroo harʼaa jiran maaliin kan qabamanidha? Yohannis ergamaan, “Wanti biyya lafaa keessa jiru hundinuu, hawwiin foonii, hawwiin ijaas, jireenyaan kooruunis biyya lafaa keessaa baʼa malee, abbaa biraa hin baʼu” jedhee barreesseera. (1 Yoh. 2:16) Hawwiin akkasii ejja, beekamummaafi qabeenya dabalata. Namoonni hedduun yaadasaanii wantoota kanarra waan dhaabaniifi kan isaan barbaadanis kana waan taʼeef, kitaabonni, barruuleen, gaazexaan, sagantaawwan televijiiniifi Intarneetiin wantoota akkasiitiin guutamaniiru. Haataʼu malee, “Yaada ofii fedha fooniitti hidhuun duʼa in fida”; jechuunis yeroo ammaatti karaa hafuuraa, gara fuulduraattimmoo qaamaan duʼa fida jechuudha. Maaliif? “Diina Waaqayyoo nama godha; yaadni akkasii seera Waaqayyootii wajjin walii hin galu; isaaf abboomamuus hin dandaʼu. Warri akka fedha fooniitti jiraatan, Waaqayyoon garaa ciibsuu hin dandaʼan.”—Rom. 8:7, 8.

17, 18. Yaada keenya fedha hafuuraatti hidhuu kan dandeenyu akkamitti? Akkas gochuun keenyahoo eebba akkamii nuuf argamsiisa?

17 Faallaa kanaatiin, “yaada ofii fedha hafuuraatti hidhuun garuu, jireenya, nagaas in fida,” jechuunis gara fuulduraatti jireenya barabaraa, yeroo ammaattimmoo Waaqayyoo wajjinis taʼe keessa keenyatti nagaa akka qabaannu godha. ‘Yaada keenya fedha hafuuraatti hidhuu’ kan dandeenyu akkamitti? Yeroo hundumaa wantoota hafuuraarratti xiyyeeffachuudhaan, ilaalchiifi fedhiin hafuuraa nu keessatti akka guddatu gochuudhaanidha. Yeroo akkas goonutti, yaanni keenya ‘seera Waaqayyoo wajjin walii galuudhaan akka isaaf abboomamu’ goona; akkasumas haala yaadasaa wajjin walsimuun ‘jiraanna.’ Yeroo qorumsi nu mudatuttis, maal gochuu akka qabnu hin wallaallu. Filannoo sirrii, jechuunis wanta fedha hafuuraa wajjin walsimu gochuuf kakaana.

18 Kanaaf, yaada keenya fedha hafuuraarra dhaabuun keenya baayʼee barbaachisaadha. ‘Mudhii yaada keenyaa jabeeffachuudhaan,’ jireenya keenya sochiiwwan hafuuraa, jechuunis yeroo hundumaa kadhannaa gochuu, Macaafa Qulqulluu dubbisuufi qayyabachuu, walgaʼiirratti argamuufi tajaajilarratti hirmaachuu jiranirratti jireenya keenya ijaaruudhaan kana gochuu dandeenya. (1 Phe. 1:13) Fedhiin foonii yaada keenya akka nu jalaa hihhiru heyyamuu mannaa, yaada keenya fedhii hafuuraarra haa dhaabnu. Akkas kan goonu taanaan, akka fedha hafuuraatti jiraachuu dandeenya. Yaada ofii fedha hafuuraatti hidhuun eebba argamsiisa; jechuunis jireenyaafi nagaa nuuf argamsiisa.—Gal. 6:7, 8.

Ibsuu Dandeessaa?

• “Seerri hojii isaa hojjechuu dadhabe” maalidha? Waaqayyohoo kana hambisuu kan dandaʼe akkamitti?

• “Seera cubbuufi seera duʼaa” kan jedhame maalidha? Isa jalaa walaba baʼuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

• ‘Yaada keenya fedha hafuuraatti hidhuuf’ maal gochuu qabna?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 12, 13⁠rra jiru]

Akka fedha fooniittimoo akka fedha hafuuraatti jiraachaa jirta?