Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Mirga Kennuuf’ Qabdanitti Ni Gammadduu?

‘Mirga Kennuuf’ Qabdanitti Ni Gammadduu?

‘Mirga Kennuuf’ Qabdanitti Ni Gammadduu?

KIRISTIYAANONNI jaarraa jalqabaa Filiphisiiyus keessa turan arjummaadhaan waaqeffannaa dhugaa deggeruusaaniitiin beekamu turan. Phaawulos hafuuraan geggeeffamee ergaa akkas jedhu isaaniif barreesseera: “Ani Phaawulos yeroon isin yaadadhu hundumaatti Waaqayyo koo nan galateeffadha. Yeroodhuma ani kadhata kootiin hunduma keessan yaadadhutti gammachuudhaan nan kadhadha. Kadhata koo keessattis guyyaa duraatii jalqabdanii hamma harʼaatti hojii wangeelaa keessaa waan qabaattaniif, Waaqayyoon nan galateeffadha.” (Filp. 1:3-5) Phaawulos, Liidiyaafi maatiinshee yeroo cuuphamanitti, inniifi namoonni isaa wajjin tajaajilan manashee akka buufatan cimsitee isaan kadhattee akka turte akka gaariitti yaadata.—HoE. 16:14, 15.

Gumii haaraan kun Filiphisiiyus keessatti hundeeffamee utuma baayʼee hin turin, yeroo Phaawulos gara kiilomeetira 160 fagaatee Tasaloniiqee keessa turetti al lama wanta isa barbaachisu isaa erganiiru. (Filp. 4:15, 16) Waggoota muraasa boodammoo, obboloonni Filiphisiiyusiifi Maqedooniyaa ‘rakkina baayʼee’ keessa kan jiran taʼuyyuu, Kiristiyaanota Yerusaalem ariʼatamni isaanirra gaʼaa jiru wanta isaan barbaachisu akka dhaban yommuu dhagaʼan isaan gargaaruu barbaadan. Phaawulos kana gochuun dhugumaan “humna isaanii gararraa” akka ture dubbateera. Taʼus, “Gochaa ayyaanaa [“mirga kennuu,” NW] kana keessaa akka hirmaataniif cimsanii nu kadhataniiru” jechuudhaan barreesseera.—2 Qor. 8:1-4; Rom. 15:26.

Kiristiyaanonni Filiphisiiyus yeroo jalqaba dhugaa fudhatanii kaasee garri waggaa kudhanii kan darbe taʼus, ilaalchi isaan arjoomuuf qaban hin jijjiiramne. Phaawulos Roomaatti hidhamee akka jiru waan dhagaʼaniif, Ephafrodixos wanta isa barbaachisu qabatee markabaafi miillaan gara kiilomeetira 1,287 deemee akka isaa geessu isa ergan. Phaawulos yeroo hidhamee turettillee obboloota jajjabeessuufi lallabuusaa akka itti fufuuf jecha, obboloonni Filiphisiiyus wanta isa barbaachisu isaa kennuu barbaadanii akka turan ifadha.—Filp. 1:12-14; 2:25-30; 4:18.

Kiristiyaanonni dhugaan yeroo harʼaa jiranis, hojii Mootummicha labsuufi bartoota gochuu deggeruu akka mirgaatti ilaalu. (Mat. 28:19, 20) Yeroo, humnaafi qarshiisaanii kennuudhaan fedhii Mootummichaa deggeru. Saanduqni mataduree kanaa wajjin jiru, karaawwan hojii Waaqayyo kenne kana itti deggeruu dandeessan tokko tokko ibsa.

[Saanduqa fuula 22, 23⁠rra jiru]

KARAAWWAN NAMOONNI TOKKO TOKKO BUUSII ITTI GODHAN

Obboloonni hedduun saanduqa mallattoon “Hojii Addunyaa Maraatiif” jedhu irratti maxxanfame keessa buusuuf qarshii murtaaʼe ramadu.

Gumiiwwanis qarshii achi keessaa argame jiʼa jiʼaan waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyyasaaniitti ergu. Akkasumas qarshiin fedhiidhaan kennamu kallattiidhaan teessoo Yeyihowa Misikiroch, P.O. Box 5522, Addis Ababa, Ethiopia ykn waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyya keessaniitti erguun ni dandaʼama. (Kennaawwan karaa armaan gadiitiin fedhiidhaan kennamanis waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyya keessanitti argamutti erguun ni dandaʼama.) Cheekiin teessoo armaan oliin ergamu, jaarmiyaa “Yeyihowa Misikiroch” jedhamuuf akka kaffalamu ibsamuu qaba. Faayaa ykn miʼa gati jabeessa garabiraas gumaachuun ni dandaʼama. Xalayaa gabaabaan miʼi kun kennaa taʼuusaa ibsus duukaa ergamuu qaba.

QOPHII QARSHIIN DEEBIʼU ITTI KENNAMU

Namni tokko Jaarmiyaan Amantii Yeyihowa Misikiroch jedhamu hojii addunyaa maratti geggeeffamu akka ittiin hojjetuuf, qarshii adaraadhaan kennuufi yommuu barbaadutti deebisee fudhachuu dandaʼa. Odeeffannoo dabalataa argachuuf, teessoo armaan olitti caqasametti barreessuu ykn lakkoofsa bilbilaa 011-6603611 fayyadamuudhaan waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa gaafachuu dandeessu.

KENNAA KAROORAAN GODHAMU

Qarshii akka kennaatti gumaachuudhaan alatti, karaan hojii Mootummichaa addunyaa maratti geggeeffamu deggeruun itti dandaʼamu kan biraanis jira. Isaanis:

Inshuraansii: Namni tokko inshuraansii lubbuudhaaf gale ykn ennaa soorama baʼu isaaf kennamu, Jaarmiyaa Amantii Yeyihowa Misikiroch jedhamuuf akka kaffalamu maqaa jaarmiyaa kanaatti jijjiiruu dandaʼa.

Herrega Baankii: Seerri baankii biyyichaa kan heyyamu taanaan, herrega baankii, ragaa qarshii kuufatanii qaban mirkaneessu ykn herrega soorama itti baʼan adaraadhaan ykn gaafa duʼan Jaarmiyaa Amantii Yeyihowa Misikiroch jedhamuuf akka kennamu gochuun ni dandaʼama.

Aksiyooniifi Boondota: Jaarmiyaa Amantii Yeyihowa Misikiroch jedhamuuf kennuun ni dandaʼama.

Qabeenya Hin Sochoone: Qabeenya hin sochooneefi gurguramuu dandaʼu kennuu ykn mana jireenyaa yoo taʼemmoo abbaan qabeenyichaa hamma lubbuudhaan jirutti itti fayyadamee yeroo duʼu dhaalchisuu dandaʼa. Namni tokko qabeenya hin sochoone dhaalchisuuf maqaa utuu hin jijjiirsisin dura waajjira damee biyyasaa mariisisuu qaba.

Durgoo Kennaarraa Argamu: Durgoon kennaa kennamerraa argamu namni tokko qarshii ykn sanadii abbaa qabeenyummaa argisiisu, jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa bakka buʼee hojjetutti jijjiirsisuuf qophii inni godhu argisiisa. Haala kanaan namichi kennaa kenne ykn namni inni bakka buuse hamma lubbuudhaan jirutti qarshii murtaaʼe waggaa waggaadhaan akka durgootti fudhata. Namni kennaa kana kenne waggaa durgoo kennuuf itti walii galetti gibirri galiirraa citu ni hirʼifamaaf.

Dhaamsa Dhaalaafi Adaraa: Qabeenyaa ykn qarshii dhaamsa dhaalaa seera duratti fudhatama qabuun Jaarmiyaa Amantii Yeyihowa Misikiroch jedhamuuf dhaalchisuu ykn qabeenyaa adaraadhaan Jaarmiyaan Amantii Yeyihowa Misikiroch jedhamu akka itti fayyadamuuf maqaasaatti jijjiirsisuun ni dandaʼama. Dhaabbanni amantii tokko qabeenyatti akka fayyadamuuf kennuun gama qaraxaatiin buʼaa argamsiisu tokko tokko qaba.

Jechi “kennaa karooraan godhamu” jedhu, namichi kennaa kennu karoora baafachuu akka qabu kan argisiisudha. Namoota hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti geggeessan kennaa karooraan godhamuun deggeruu barbaadaniif ifa gochuuf, birooshurri Tajaajila Mootummaa Addunyaa Maratti Geggeeffamu Deggeruuf Kennaa Karooraan Godhamu jedhamu Ingiliffaafi afaan Ispaanishiitiin qophaaʼeera. Birooshurri kun namoonni kennaa kennuuf ykn yeroo duʼanitti dhaamsa dhaalaa karaawwan addaddaa gochuuf isaan dandeessisu jiran ilaalchisee ragaa kennuuf yaadamee kan qophaaʼedha. Obboloonni hedduun birooshuricha erga dubbisanii booda, gorsitoota seeraa ykn qaraxaa wajjin mariʼachuudhaan hojii amantiifi gargaarsa namummaa Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti raawwachaa jiran deggeruu caalaas haala qaraxaa wajjin wal qabateen faayidaa guddaa argataniiru. Birooshura kana Biiroo Kennaa Karooraan Godhamu jedhamuufi dhimmi kun ilaallatu gaafachuudhaan argachuun ni dandaʼama.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Biiroo Kennaa Karooraan Godhamu jedhamu teessoo ykn bilbila armaan gadiitiin ykn waajjira damee biyyakeetti argamu gaafachuu dandeessa.

Yeyihowa Misikiroch

P.O. Box 5522

Addis Ababa

Ethiopia

Bilbila: 011-6603611