Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fakkeenya Gaariimoo Akeekkachiisa Siif Taʼa?

Fakkeenya Gaariimoo Akeekkachiisa Siif Taʼa?

Fakkeenya Gaariimoo Akeekkachiisa Siif Taʼa?

“Karaa isaa akka inni nu barsiisuuf, nus daandii isaa irra akka adeemnuuf, . . . gara mana Waaqayyoo isa kan Yaaqoobitti ol in [baana]!”—ISA. 2:3.

1, 2. Fakkeenyota Macaafa Qulqulluu keessa jiranirraa karaawwan kamiin fayyadamuu dandeessu?

WANTA Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffamerraa faayidaa argachuu akka dandeessan isinitti hin dhagaʼamuu? Macaafa kana keessatti fakkeenya dhiirotaafi dubartoota amanamoo taʼan, akkasumas jireenyaafi amalasaanii hordofuu barbaaddan argattu. (Ibr. 11:32-34) Haataʼu malee, dhiironniifi dubartoonni gochaafi amalasaaniirraa fagaachuu qabnu, jechuunis fakkeenyisaanii akeekkachiisa nuu taʼu akka jiranis hubachuu hin ooltan.

2 Namoonni Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman tokko tokko fakkeenya gaarii hordofuu qabnus taʼe, wanta irraa fagaachuu qabnu ilaalchisee akeekkachiisa nuuf taʼu. Fakkeenyaaf, Daawit isa tiksee gad of deebisu tureefi booda mootii humna guddaa qabu taʼe yaadaa. Dhugaa jaallachuufi Yihowaatti amanamuurratti nama fakkeenya gaarii taʼu ture. Taʼus, Baati-Sheebaa, Uriyaafi yaada sirrii hin taaneen kakaʼee uummata lakkaaʼuu wajjin haala wal qabateen cubbuu cimaa hojjeteera. Haataʼu malee, mee ilmasaa Solomoon isa barreessaa Macaafa Qulqulluufi mootii turerratti haa xiyyeeffannu. Jalqaba karaa inni itti fakkeenya gaarii nuuf taʼu lama ilaalla.

“Ogummaa Solomoon”

3. Solomoon fakkeenya gaarii nuuf taʼa jechuu kan dandeenyu maaliifi?

3 Yesus Kiristos inni Solomoon Guddicha taʼe, Solomoon Mootichi fakkeenya gaarii akka nuu taʼu caqaseera. Yesus Yihudoota shakkii qaban tokko tokkoon, “Mootuun biyya gara mirgaa guyyaa firdiitti dhaloota siʼanaa kanaa wajjin [kaatee] in mulʼatti, ittis in farachiifti. Isheen ogummaa Solomoon dhaggeeffachuudhaaf biyya fagoodhaa dhufteetti; amma garuu, kunoo, inni Solomoon irra caalu as jira” jedheera. (Mat. 12:42) Eeyyee, Solomoon ogummaa qabaachuudhaan kan beekamu siʼa taʼu, nuyis ogummaa akka qabaannu nu jajjabeesseera.

4, 5. Solomoon ogummaa kan argate akkamitti? Nutoo karaa isarraa adda taʼeen ogummaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

4 Solomoon akkuma mootii taʼeen, Waaqayyo abjuudhaan isatti mulʼatee wanta barbaadu akka kadhatu isatti hime. Solomoonis muuxannoo akka hin qabne waan hubateef ogummaa akka isaaf kennu kadhate. (1 Mootota 3:5-9 dubbisi.) Waaqayyo, mootichi qabeenyaafi ulfina kadhachuu mannaa ogummaa gaafachuusaatti waan gammadeef, “ogummaa fi hubannaa,” akkasumas badhaadhummaa isaaf kenneera. (1 Mot. 3:10-14) Akkuma Yesus caqase ogummaan Solomoon baayʼee guddaa waan tureef, mootuun biyya Sheebaa oduu dhageesse ofumasheetiin mirkaneessuuf karaa dheeraa deemtee garasaa dhaqxeetti.—1 Mot. 10:1, 4-9.

5 Nuyi dinqiidhaan ogummaa arganna jennee hin eegnu. Solomoon “Ogummaa Waaqayyotu kenna” kan jedhe taʼus, ‘gurrakee gara ogummaatti qabi, yaadakee gara hubannaatti deebisi’ jechuudhaanis ogummaa kana argachuuf carraaqqii gochuu akka qabnu barreesseera. Kana malees, jechoota ogummaa argachuuf, “yoo iyyite,” akkasumas “yoo barbaadde” jedhanitti fayyadameera. (Fak. 2:1-6) Kanaaf, ogummaa argachuu akka dandeenyu ifadha.

6. Ogummaa ilaalchisee fakkeenya gaarii Solomoonirraa fayyadamaa akka jirru argisiisuu kan dandeenyu karaa kamiini?

6 ‘Fakkeenya Solomoon isa ogummaa Waaqayyootiif iddoo guddaa kennee hubadheeraa?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha. Haalli dinagdee jeeqamuunsaa, namoonni baayʼeen hojiifi qarshiirratti akka xiyyeeffatan godheera ykn gosa barumsaafi hammam barachuu akka qaban ilaalchisee murtoo godhanirratti dhiibbaa geessiseera. Isiniifi maatiin keessanoo? Murtoon gootan, ogummaa Waaqayyootiif iddoo guddaa akka kennitaniifi akka barbaaddan kan argisiisudhaa? Wanta irratti xiyyeeffattan ykn galma keessanirratti sirreeffama gochuun, ogummaa dabalataa argachuuf isin gargaaraa? Ogummaa argachuufi hojiirra oolchuun keessan faayidaa guddaa akka isiniif argamsiisu beekamaadha. Solomoon, “Yommus ati wanta qajeelaa taʼee fi firdii dhugaa, amanamummaa fi wanta baʼeessa taʼe hundumas in hubatta” jedhee barreesseera.—Fak. 2:9.

Waaqeffannaa Dhugaatiif Iddoo Guddaa Kennuun Nagaa Argamsiiseera

7. Manni qulqullummaa Waaqayyoo inni dinqisiisaan kan ijaarame akkamitti?

7 Solomoon akkuma mootii taʼeen, godoo qulqullaaʼaa bara Museetii kaasee tajaajilaa ture mana qulqullummaa dinqisiisaa taʼeen bakka buusuuf tarkaanfii fudhateera. (1 Mot. 6:1) Mana kana, mana qulqullummaa Solomoon jennee waamnus, kaayyoon Solomoon itti ijaare, mahandiisa ykn sooressa arjummaa argisiisu jedhamee waamamuuf hin turre. Mana qulqullummaa ijaaruuf jalqaba yaada kan dhiheesse Daawit siʼa taʼu, Waaqayyos waaʼee pilaanii manichaafi miʼasaa balʼinaan ibseefii ture. Daawitis hojichaaf qarshii hedduu kenneera. (2 Sam. 7:2, 12, 13; 1 Sen. 22:14-16) Taʼus, ijaarsa waggaa torbaafi walakkaa fudhate kana akka raawwatu kan kenname Solomoonitti ture.—1 Mot. 6:37, 38; 7:51.

8, 9. (a) Hojii gaarii jabaatanii hojjechuu ilaalchisee Solomoon fakkeenya gaarii akkamii nuuf taʼa? (b) Solomoon waaqeffannaa dhugaatiif iddoo guddaa kennuunsaa buʼaa akkamii argamsiiseera?

8 Kanaaf, Solomoon hojii gaarii taʼe jabaatee hojjechuufi wanta sirrii taʼerratti xiyyeeffachuu ilaalchisee fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Manni qulqullummaa ijaaramee yommuu xumurameefi saanduqni kakuu siʼa achi keessa kaaʼame, Solomoon namoota duratti kadhannaa dhiheessee ture. Kadhannaa Solomoon Yihowaatti dhiheesse keessaa hammi tokko, “Kadhata ani garbichi kee gara iddoo kanaatti garagalee si kadhadhu akka anaaf dhageessutti, iji kee halkanii fi guyyaa gara mana qulqullummaa isa ulfinni maqaa kee achi keessa akka taaʼu goote kanaa haa ilaalu” jedha. (1 Mot. 8:6, 29) Israaʼeloonnis taʼan namoonni kaan mana maqaan Waaqayyoo itti waamamu kanatti kadhannaa dhiheessuu dandaʼu turan.—1 Mot. 8:30, 41-43, 60.

9 Solomoon waaqeffannaa dhugaatiif iddoo guddaa kennuunsaa buʼaa akkamii argamsiiseera? Eebba mana qulqullummaa sanarratti erga argamanii booda namoonni, “Gaarummaa Waaqayyo garbicha isaa Daawitiif, saba isaa Israaʼeliifis godhe hundumaaf isa jajachaa, garaa isaanii guutuu gammadaa, ililchaa” turan. (1 Mot. 8:65, 66) Bulchiinsi Solomoon waggaa 40f ture nagaafi badhaadhummaa guddaadhaan beekama ture. (1 Mootota 4:20, 21, 25 dubbisi.) Faarfannaan 72 eebba bulchiinsa Yesus Kiristos isa Solomoon Guddicha taʼe jalatti argannu kan ibsu taʼuusaarrayyuu, kana ilaalchisee hubannaa guddaa nuu kenna.—Far. 72:6-8, 16.

Akeekkachiisa Fakkeenya Solomoonirraa Argannu

10. Dogoggorri Solomoon raawwateefi dafee gara sammuutti nuu dhufu maalidha?

10 Haataʼu malee, jireenyi Solomoon fakkeenya akeekkachiisa nuuf taʼus qabateera kan jennu maaliifi? Jalqaba waaʼee haadhotii manaafi saajjatoota Solomoon warra biyya ormaatii dhufanii yaadaa. “Solomoon yeroo dulloometti dubartoonni isaa yaada isaa gara waaqayyolii kan biraatti in jalʼisan; kana irraa kan kaʼe Solomoon . . . garaa isaa guutummaatti Waaqayyo gooftaa isaaf hin kennine” kan jedhu dubbisna. (1 Mot. 11:1-6) Fakkeenya Solomoon jireenya gadhee jiraachuudhaan taʼe hordofuu dhiisuuf akka murteessitan beekamaadha. Akeekkachiisni jireenya Solomoonirraa argannu garuu kanuma qofadhaa? Jireenyasaa ilaalchisee wantoota akka laayyootti ilaalaman tokko tokko hubachuudhaan akeekkachiisa akkamii akka argannu qalbeeffadhaa.

11. Gaaʼela Solomoon jalqaba godhate ilaalchisee maal jechuu dandeenya?

11 Solomoon kan bulche waggaa 40f ture. (2 Sen. 9:30) Kanaaf, yaada 1 Mootota 14:21⁠rra jirurraa maal hubachuu dandeessu? (Dubbisi.) Akka caqasni kun ibsutti yommuu Solomoon duʼe, ilmisaa Rehobiyaam umrii waggaa 41⁠tti mootii kan taʼe siʼa taʼu, haatisaa “Naʼaamaa” ishee “durba warra Amoon” turtedha. Kana jechuun Solomoon utuu mootii hin taʼin dura, saba diinaa waaqayyolii tolfamoo waaqeffatan keessaa haadha manaa fuudhee ture jechuudha. (Abo. 10:6; 2 Sam. 10:6) Isheenoo waaqayyolii tolfamoo waaqeffatti turtee? Yeroo tokkotti waaqeffachaa kan turte taʼuu dandaʼus, akkuma Rahaabiifi Ruut waaqayyolii tolfamoo dhiisuudhaan waaqeffannaa dhugaa hordofuu jalqabdee taʼuu dandaʼa. (Rut. 1:16; 4:13-17; Mat. 1:5, 6) Taʼus, Solomoon Amoonota soddaa, akkasumas fira isaa taʼaniifi Yihowaa hin waaqeffanne akka qabu beekamaadha.

12, 13. Solomoon akkuma mootii taʼeen murtoo dogoggoraa akkamii godhe? Kana kan godhe akkamitti yaadee taʼuu dandaʼa?

12 Haataʼu malee, Solomoon erga mootii taʼee wanti hundumtuu mancaʼuu jalqabe. “Solomoon intala mootii Gibxii fuudhee . . . mandara Daawititti ishee in galfate.” (1 Mot. 3:1) Intalli Gibxii kun fakkeenya Ruut hordofuudhaan waaqeffannaa dhugaa fudhatteettii? Kana gochuushee wanti argisiisu hin jiru. Kanaa mannaa Solomoon yeroo booda, (tarii hojjettootashee Gibxoota taʼaniif taʼuu dandaʼa) magaalaa Daawitii alatti mana isheedhaaf ijaare. Maaliif? Caaffanni Qulqullaaʼoon Solomoon kana kan godhe, namni waaqeffannaa sobaa hordofu tokko saanduqa kakuutti dhihoo jiraachuun waan isaaf hin malleef akka ture ibsu.—2 Sen. 8:11.

13 Solomoon intala mootii Gibxii fuudhuun hariiroo gaariin Israaʼeliifi Gibxii gidduu akka jiraatu gochuu akka dandaʼu yaadee taʼus, kana akka sababiitti dhiheessuu dandaʼaa turee? Kun taʼuusaa yeroo dheeraa dura Waaqayyo Kanaʼaanota dabalatee maqaa saboota tokko tokkoo caqasuudhaan, isaanii wajjin gaaʼela akka hin godhanne ajajee ture. (Bau. 34:11-16) Solomoon, biyyi Gibxii saboota kana keessatti hin caqasamne jedhee yaadee taʼuu dandaʼaa? Akkas jedhee yaadeera utuu taʼeellee, sababa akkasii dhiheessuunsaa sirriidhaa? Gochisaa, balaa ifaa Yihowaan namni waaqeffannaa dhugaa hin hordofne tokko, waaqeffannaa sobaa akka hordofnu nu gochuu akka dandaʼu kenne akka laayyootti ilaaluusaa kan argisiisu ture.—Keessa Deebii 7:1-4 dubbisi.

14. Fakkeenya Solomoon isa akeekkachiisa taʼu hubachuun faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

14 Fakkeenyi Solomoon akeekkachiisa akka nuuf taʼu heyyamuu hin qabnuu? Obboleettiin tokko, qajeelfama Waaqayyo “nama amane” qofa hiriyaa gaaʼelaa akka godhattu kennee wajjin haala faallaa taʼeen, nama tokko jaallachuuf sababii dhiheessiti taʼa. (1 Qor. 7:39) Namni tokko sababii kanaa wajjin wal fakkaatu dhiheessuudhaan, saʼaatii barumsaatii alatti ispoortii ykn kilaboota mana barumsaa keessatti hirmaachuu, galiisaa xiqqeessee himuudhaan qaraxa irraa cituu qabu hirʼisuu, gocha nama qaanessu ilaalchisee yommuu gaafatamu sobuu dandaʼa. Yaanni kun, Solomoon ajaja Waaqayyo kenne jalaa miliquuf sababii dogoggoraatti akka fayyadameefi nuyis balaa akkasiitiif saaxilamuu akka dandeenyu argisiisa.

15. Yihowaan Solomoonitti ooʼa kan argisiise akkamitti? Taʼus, kana ilaalchisee maal yaadachuu qabna?

15 Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo gaaffii Solomoon ogummaa argachuuf dhiheesse kan isaa deebise, erga inni intala mootii biyya ormaa fuudhee booda akka taʼe kan dubbatu taʼuunsaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisudha. (1 Mot. 3:10-13) Solomoon qajeelfama Waaqayyoo utuu hojiirra hin oolchin kan hafe taʼus, Yihowaan yeruma sana akka isa dhiise ykn cimsee akka isa adabe wanti argisiisu hin jiru. Kunis yaada Waaqayyo biyyoorraa kan hojjetamneefi cubbuu kan dhaalle taʼuu keenya akka beeku ibsuu wajjin kan walsimudha. (Far. 103:10, 13, 14) Haataʼu malee, gochi keenya dafees taʼe turee miidhaa nurraan geessisuunsaa akka hin oolle yaadadhaa!

Haadha Manaa Baayʼee!

16. Solomoon haadha manaa baayʼee fuudhuudhaan qajeelfama isa kam utuu hojiirra hin oolchin hafeera?

16 Solomoon Macaafa Weedduu Weedduu Caalu keessatti, intalli tokko mootuuwwan 60fi saajjatoota 80 caalaa bareedduu taʼuushee dinqisiifannaadhaan dubbatee ture. (Wed. 6:1, 8-10) Yaanni kun haala Solomoon yeroo sanatti keessa ture kan argisiisu yoo taʼe, yeroo kanatti dubartoota hedduu fuudhee ture jechuudha. Dubartoota kana keessaa harki caalaansaanii ykn hundisaanii waaqeffannaa dhugaa kan hordofan yoo taʼellee, Waaqayyo karaa Musee qajeelfama mootiin Israaʼel “karaa irraa akka hin jalʼannetti, dubartoota hin baayʼifatin” jedhu kennee ture. (Kes. 17:17) Kun taʼus Yihowaan Solomooniin hin dhiisne. Solomoon haala akkasii keessa utuma jiruuyyuu, Waaqayyo Macaafa Weedduu Weedduu Caalu akka qindeessu isatti fayyadameera.

17. Haqa jiru kam dagachuu hin qabnu?

17 Solomoon qajeelfama Waaqayyoo cabsuusaatti utuu hin adabamin hafuunsaa, nuyis akkas gochuu akka dandeenyu argisiisaa? Matumaa. Kanaa mannaa Waaqayyo yeroo murtaaʼeef akka obsu kan argisiisudha. Taʼus, saba Waaqayyoo keessaa namni qajeelfamasaa cabsee yeruma sana hin adabamne tokko, homtuu utuu isarra hin gaʼin hafa jechuu miti. Solomoon, “Adabni warra wanta hamaa hojjetan irra dafee waan hin geenyeef, garaan ilmaan namootaa guutummaatti wanta hamaa hojjechuutti in jabaata” jedhee barreessuusaa yaadadhaa! Itti dabaluudhaanis, “Warri Waaqayyoon sodaachaa fuula isaa dura jiraatan isa caalaa gaariitti akka jiran ani beeka” jedheera.—Lal. 8:11, 12.

18. Fakkeenyi Solomoon, yaanni Galaatiyaa 6:7⁠rra jiru dhugaa taʼuusaa kan argisiisu akkamitti?

18 Solomoon dhugaa kanaa wajjin haala walsimuun jiraachuusaa itti fufeera utuu taʼee, wanta gaarii hedduu raawwachuufi eebba Waaqayyoo hedduu argachuu dandaʼa ture. Haataʼu malee, yeroo booda walitti aansuudhaan tarkaanfii dogoggoraa fudhate. Kunis abboommii Waaqayyoo cabsuu akka amaleeffatu isa godheera. Phaawulos yeroo booda hafuuraan geggeeffamee, “Waaqayyo kan itti gaʼisan mitiʼo, hin gowwoominaa! Namni immoo waanuma facaase in galfata” jedhee barreessuunsaa sirrii ture. (Gal. 6:7) Solomoon qajeelfama Waaqayyoo utuu hin hordofiin hafuunsaa yeroo booda miidhaa gaddisiisa isatti fideera. “Solomoon mootichi warra ormaa keessaa intaloota baayʼee in jaallate; inni intala mootii Gibxii malee, durba warra Moʼaab, durba warra Amoon, durba warra Edoom, durba warra Sidoon, durba warra Heet in fuudhe” kan jedhu dubbisna. (1 Mot. 11:1) Dubartoota kana keessaa baayʼeensaanii waaqayyolii sobaa hordofuusaaniitti cichanii akka turan hin shakkisiisu; Solomoonis kanarraa oolu hin dandeenye. Karaarraa kan maqe siʼa taʼu, Waaqa keenya isa obsa qabeessa birattis fudhatama dhabeera.—1 Mootota 11:4-8 dubbisi.

Fakkeenyasaa Isa Gaariis Taʼe, Isa Gadheerraa Baradhaa

19. Macaafni Qulqulluun fakkeenyota gaggaarii hedduu qabateera jechuu kan dandeenyu maaliifi?

19 Yihowaan gaarummaadhaan Phaawulos, “Nuyi obsaa fi jajjabina caaffanni qulqullaaʼoon nuuf kennaniin abdii akka argannutti, wanti caaffata qulqullaaʼoo keessatti caafaman hundinuu nu barsiisuuf caafaman” jedhee akka barressu isa kakaaseera. (Rom. 15:4) Wantoonni caafaman kun fakkeenya gaarii hedduu dhiirotaafi dubartoota amantii cimaa qabanii kan dabalatanidha. Phaawulos akkas jechuu dandaʼeera: “Kana caalaas dubbachuu na barbaachisaa ree? Waaʼee Gidewoon, Baaraaq, Siimson, Yiftaa, Daawit, Saamuʼel akkasumas waaʼee raajotaa isinitti odeessuuf immoo yeroon ana hin gaʼu. Isaan keessaa kaan amantiidhaan mootummoota moʼanii, kaan waan qajeelaa hojii irra oolchanii, abdii argatanii . . . dadhabbii keessaa jabina argatan.” (Ibr. 11:32-34) Seenaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman kana hordofuudhaan, fakkeenyota gaggaarii achi keessa jiranirraa fayyadamuu dandeenya; akkas gochuus qabna.

20, 21. Fakkeenyota akeekkachiisaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamanirraa barumsa argachuuf kan murteessite maaliifi?

20 Haataʼu malee, seenaawwan Macaafa Qulqulluu keessatti argaman tokko tokko fakkeenyota akeekkachiisa taʼan kan dabalatanidha. Kanas seenaa jireenyaa dhiirotaafi dubartoota Yihowaan yeroo tokko akka isa tajaajilan itti fayyadamaa ture keessatti arganna. Macaafa Qulqulluu yommuu dubbisnu, sabni Waaqayyoo tokko tokko eessattiifi akkamitti karaarraa maquudhaan akeekkachiisa akka nuu taʼan hubachuu dandeenya. Namoonni tokko tokko suutuma suuta akkamitti amala gadhee akka horataniifi dhumarrattis miidhaa gaddisiisaan akka isaanirra gaʼe hubachuu dandeenya. Seenaawwan akkasiirraa barumsa argachuu kan dandeenyu akkamitti? Akkas jennee of gaaffachuu dandeenya: ‘Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Anoo amala akkasii qabaachuu nan dandaʼaa laata? Haala akkasiirraa fagaachuufi fakkeenya akeekkachiisaa kanaarraa barumsa argachuu kanan dandaʼu akkamitti?’

21 Phaawulos hafuuraan geggeeffamee, “Wanti kun hundinuu warra kaan qoqqobachuudhaaf isaanitti dhufe, nuyi warra dhumni barichaa irra gaʼeef immoo barumsa akka nuuf taʼuuf caafame” jedhee waan barreesseef, fakkeenyota kana xiyyeeffannaadhaan qoruu qabna.—1 Qor. 10:11.

Maal Baratte?

• Macaafa Qulqulluu keessatti fakkeenyota gaariis taʼe akeekkachiisa taʼan argachuu kan dandeessan maaliifi?

• Solomoon abboommii Waaqayyoo cabsuu kan amaleeffate akkamitti?

• Fakkeenya Solomoon isa akeekkachiisa taʼurraa barumsa argachuu kan dandeessan akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 9⁠rra jiru]

Solomoon ogummaa Waaqayyo isaa kenne hojiirra oolcheera

[Fakkii fuula 12⁠rra jiru]

Fakkeenya Solomoon isa akeekkachiisa qabaterraa fayyadamaa jirtaa?