Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffamuu Kan Qabnu Maaliifi?

Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffamuu Kan Qabnu Maaliifi?

Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffamuu Kan Qabnu Maaliifi?

‘Ati Waaqayyo kooti, hafuurrikee inni gaariin ana haa geggeessu!ʼ—FAR. 143:10.

1. Humni ijaan hin argamne nama tokko qajeelchuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe ibsi.

KALLATTII itti deemtu beekuuf koompaasiitti fayyadamtee beektaa? Koompaasiin meeshaa xinnoo xiyya maagneetii sosochoʼu qabuufi kallattii Kaabaatti argisiisudha. Humna ijaan hin argamneefi maagneetii jedhamuun kan kaʼe, xiyyi koompaasii keessa jiru kun, gara humni maagneetii bantii kaabaafi bantii kibbaa gidduu jiru itti harkisutti naannaʼa. Qorattoonniifi namoonni karaa deeman yommuu lafarra, akkasumas galaanarra deeman kallattii itti deeman beekuuf jaarraawwan hedduutiif koompaasiitti fayyadamaa turaniiru.

2, 3. (a) Yihowaan waggoota hangana hin jedhamne dura humna guddaa akkamiitti fayyadamee ture? (b) Yeroo harʼaa humni Waaqayyoo inni hojiirra jiruufi ijaan hin argamne akka nu geggeessu gochuu kan qabnu maaliifi?

2 Haataʼu malee, humni ijaan hin argamneefi qajeelfama argachuuf baayʼee nu barbaachisu gara biraanis jira. Humni kun maalidha? Humna Macaafa Seera Uumamaa caqasoota jalqabaarratti ibsamedha. Seerri Uumamaa wanta Yihowaan waggoota hangana hin jedhamne dura raawwate yommuu ibsu, “Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume” jedha. Seenaan uumamaa “hafuurri Waaqayyoos bishaan irra in sosochoʼa ture” waan jedhuuf, Waaqayyo hojii kana raawwachuuf humna guddaa tokko ergee ture jechuudha. (Uma. 1:1, 2) Wanti hojiirra ture kun maalidha? Hafuura Qulqulluu isa humna guddaa qabuufi waan hundumaa uumuuf gargaaredha. Jireenya argachuu kan dandeenye Yihowaan hafuura kanatti fayyadamee hojiisaa hundumaa waan raawwateefidha.—Iyo. 33:4; Far. 104:30.

3 Ilmaan namootaa jireenya qabnuufi hafuura baafannu waan taaneef, humni Waaqayyoo inni hojiirra jiru dhiibbaa kan biraa akka nurratti godhu eeguu qabnaa? Yesus bartootasaatiin, “Hafuurri dhugaa sun . . . gara dhugaa hundumaa keessatti isin in geessa” waan jedheef, Ilmi Waaqayyoo hafuura kana argachuu akka qabnu beeka ture. (Yoh. 16:13) Hafuurri kun maalidha? Hafuura kanaan geggeeffamuu kan qabnuhoo maaliifi?

Hafuurri Qulqulluun Maalidha?

4, 5. (a) Namoonni Sillaaseetti amanan waaʼee hafuura qulqulluu ilaalcha dogoggoraa akkamii qabu? (b) Hafuurri qulqulluun akkamitti ibsamuu dandaʼa?

4 Namoonni tajaajilarratti haasofsiisnu tokko tokko waaʼee hafuura qulqulluu ilaalcha Macaafa Qulqulluurratti hin hundoofne kan qaban taʼuu dandaʼu. Namoonni barumsa Sillaaseetti amanan ilaalcha dogoggoraa hafuurri kun Waaqayyo Abbaa wajjin qixxeedha jedhu qabu. (1 Qor. 8:6) Haataʼu malee, barumsi Sillaasee Caaffata Qulqullaaʼoo wajjin kan wal faallessudha.

5 Kanaaf hafuurri qulqulluun maalidharee? Miiljaleen Caaffata Qulqullaaʼoo Hiika Addunyaa Haaraa, Hiika Jechootaa qabuufi afaan Ingiliffaatiin qophaaʼe, Uumama 1:2⁠rratti akkas jedha: “Jechi [afaan Ibrootaa] ruuʼaah jedhu ‘hafuura’ jedhamuu malees, ‘qilleensa’ jechuunis humna hojiirra jiruufi ijaan hin argamne argisiisa jedhamee hiikameera.” (Miiljalee Uumama 3:8; 8:1 waliin ilaali.) Akkuma qilleensi argamuu baatus humna qabu, hafuurri qulqulluunis kan hin argamne taʼus, humna waa hojjechuu dandaʼu qaba. Hafuurri kun humna Waaqayyo biraa baʼuufi fedhasaa raawwachuuf namoota ykn wantootarratti dhiibbaa geessisudha. Humni dinqisiisaan akkasii Waaqa Hundumaa Dandaʼu biraa, jechuunis Bakka qulqullaaʼaadhaa kan baʼu taʼuunsaa nama dinqisiisaa? Matumaa!—Isaayaas 40:12, 13 dubbisi.

6. Daawit kadhannaa barbaachisaa akkamii Yihowaatti dhiheessee ture?

6 Yihowaan jireenya keenya keessatti qajeelfama nuu kennuuf hafuurasaatti fayyadamuusaa itti fufaa? Waaqayyo Daawit faarfatichaaf abdii, “Waan gochuun siif taʼu sin hubachiisa, karaa irra adeemuun siif taʼu sittan argisiisa” jedhu kennee ture. (Far. 32:8) Daawitoo kana barbaadee turee? Eeyyee, Daawit, “Ati Waaqayyo koo ti, egaa fedha kee gochuu na barsiisi!” jedhee Yihowaa kan kadhate kanaaf ture. (Far. 143:10) Nuyis hafuura Waaqayyootiin geggeeffamuuf hawwiifi fedhii isaa wajjin wal fakkaatu qabaachuu qabna. Maaliif? Mee sababiiwwan afur haa ilaallu.

Ofiin Of Geggeessuuf Dandeettii Hin Qabnu

7, 8. (a) Waaqayyo malee ofiin of geggeessuu kan hin dandeenye maaliifi? (b) Sirna hamaa kana keessatti ofiin of geggeessuuf yaaluu kan hin qabne maaliif akka taʼe fakkeenyaan ibsi.

7 Tokkoffaa, ofiin of geggeessuu waan hin dandeenyeef hafuura Waaqayyootiin geggeeffamuuf fedhii qabaachuu qabna. “Geggeessuu” jechuun “karaa irra adeemamuu qabu tokko itti argisiisuu jechuudha.” Yihowaan ofiin of geggeessuuf dandeettii nuu kennee kan nu hin uumne taʼuusaarrayyuu, keessumaammoo cubbuu waan dhaalleef dandeettii akkasii hin qabnu. Ermiyaas raajichi, “Yaa Waaqayyo! Namni akeeka jireenya isaatii of harka galfachuu, karaa jireenya isaatiis ofii isaatiin geggeeffachuu akka hin dandeenye ani beeka” jedhee barreesseera. (Er. 10:23) Akkas kan jedhe maaliifi? Ermiyaas, sababii Waaqayyo namni ofiin of geggeessuu akka hin dandeenye dubbate dhagaʼee ture. Yihowaan keessa namummaa keenyaa ilaalchisee, “Garaan namaa waan hundumaa irra jalʼaa dha, namnis isa qajeelchuu hin dandaʼu; egaa eenyutu isa beekuu dandaʼa ree?” jedhee ture.—Er. 17:9; Mat. 15:19.

8 Namni muuxannoo hin qabne tokko nama isa geggeessu ykn koompaasii utuu hin qabaatin kophaasaa gammoojjii keessa fagaatee adeemuunsaa gowwummaa mitii? Namni akkasii haala rakkisaa gammoojjii keessa jirurraa akkamitti akka oolu waan hin beekneef, akkasumas nagaadhaan bakka yaade akkamitti gaʼuu akka dandaʼu nama isa gorsu waan hin qabneef lubbuusaa balaadhaaf saaxiluu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, namni biyya lafaa isa hamaa taʼe kana keessa Waaqayyo karaa sirrii akka isatti argisiisu heyyamuu mannaa, ofumasaatiin of geggeessuu akka dandaʼu yaadu lubbuusaa balaa guddaadhaaf saaxila. Karaan sirna hamaa kana keessa rakkoo tokko malee darbuu itti dandeenyu akkuma Daawit, “Ejjennaan faana kootii karaa kee irratti jabaateera, miilli koos hin bitintiru” jennee kadhachuu qofadha. (Far. 17:5; 23:3) Qajeelfama akkasii argachuun kan dandaʼamu akkamitti?

9. Akkuma fakkiin fuula 17⁠rra jiru argisiisutti hafuurri Waaqayyoo qajeelfama amansiisaa nuu kennuu kan dandaʼu akkamitti?

9 Kan gad of deebisnuufi Yihowaatti amanamuuf fedhii kan qabnu taanaan, Waaqayyo karaa hafuura qulqulluu qajeelfama amansiisaa nuu kennuu dandaʼa. Hafuurri kun kan nu gargaaru akkamitti? Yesus bartootasaatiin, “Inni isiniif dubbatu hafuurri qulqulluun, inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin in barsiisa, waanan isinitti hime hundumaas isin in yaadachiisa” jedheera. (Yoh. 14:26) Wanta Kiristos dubbate hunda dabalatee, Dubbii Waaqayyoo kadhannaadhaan yeroo mara yommuu qayyabannu, fedha Waaqayyoo akka gaariitti akka hordofnuuf jecha hafuurri qulqulluun, waaʼee ogummaa Yihowaa isa gad fagoo hubannaa qabnu nuu guddisa. (1 Qor. 2:10) Kana malees, utuu itti hin yaadin wanti karaa jireenyaarraa akka jalʼannu godhu yommuu nu mudatu, hafuurichi karaa irra deemuu qabnu nutti argisiisa. Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu kanaan dura baranne nu yaadachiisa; akkasumas karaa keenya qajeelchuuf akkamitti itti fayyadamuu akka dandeenyu hubachuuf nu gargaara.

Yesus Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffameera

10, 11. Tokkichi Ilma Waaqayyoo hafuurri qulqulluun maal akka isaaf godhu eegee ture? Gargaarsi inni argatehoo maalidha?

10 Sababiin lammaffaan, hafuura qulqulluutiin geggeeffamuu itti barbaaduu qabnu, Waaqayyo Ilmasaa hafuura kanaan geggeessee waan tureefidha. Tokkichi Ilma Waaqayyoo gara lafaa dhufuusaa dura raajii, “Hafuurri Waaqayyoo isa irra in buufata, innis hafuura ogummaatii fi hafuura hubannaa ti, hafuura gorsaatii fi hafuura humnaa ti, hafuura beekumsaatii fi hafuura sodaa Waaqayyoo ti” jedhu beeka ture. (Isa. 11:2) Yesus haalawwan lafarratti isa mudatan keessa yommuu turetti gargaarsa hafuura qulqulluu argachuuf hammam hawwee akka ture yaadaa!

11 Wanti Yihowaan dubbate kun raawwatameera. Seenaan Wangeelaa, wanta akkuma Yesus cuuphameen raawwatame yommuu ibsu, “Yesus hafuura qulqulluudhaan erga guutamee booddee Yordaanosii deebiʼee, hafuuruma sanaan lafa onaa keessa guyyaa afurtama geggeeffame” jedha. (Luq. 4:1) Bakka kanatti, Yesus yommuu soomu, yommuu kadhatuufi xiinxalu Yihowaan wanta gara fuulduraatti isarra gaʼu Ilmasaatti himee, akkasumas akka hubatu isa gargaaree taʼuu hin oolu. Hafuurri Waaqayyoo inni hojiirra jiru sammuufi garaa Yesusirratti dhiibbaa gochuudhaan yaadaafi murtoosaa qajeelcheera. Kanaan kan kaʼes, Yesus haala isa mudatu hunda keessatti maal gochuu akka qabu beeka ture; wantuma Abbaansaa akka godhu barbaades raawwateera.

12. Hafuurri Waaqayyoo akka nu geggeessu gaafachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

12 Yesus faayidaa hafuurri Waaqayyoo qabu jireenyasaa keessatti waan hubateef, bartoonnisaa hafuura kana argachuuf akka kadhatan, akkasumas ittiin geggeeffamuunsaanii barbaachisaa akka taʼe isaan hubachiiseera. (Luqaas 11:9-13 dubbisi.) Nuhoo hafuura kanaan geggeeffamuun kan nu barbaachisu maaliifi? Hafuurri kun yaada keenya jijjiiruudhaan yaada Kiristosii wajjin akka walsimu gochuu waan dandaʼuufidha. (Rom. 12:2; 1 Qor. 2:16) Hafuurri Waaqayyoo jireenya keenya akka geggeessu heyyamuudhaan, yaada Kiristos qabaachuufi fakkeenyasaa hordofuu dandeenya.—1 Phe. 2:21.

Hafuurri Biyya Lafaa Karaarraa Nu Kaachisuu Dandaʼa

13. Hafuurri biyya lafaa maalidha? Miidhaa akkamii geessisa?

13 Sababii sadaffaan hafuurri Waaqayyoo akka nu geggeessu itti barbaannu, hafuura kana hin qabnu taanaan, hafuurri biyya lafaa inni jireenya namoota hedduu keessatti hojjechaa jiru karaarraa nu kaachisuu waan dandaʼuufidha. Biyyi lafaa karaa hafuurri qulqulluun itti nu geggeessurraa guutummaatti faallaa taʼeen nu geggeessuuf humna guddaa qaba. Hafuurri biyya lafaa namoonni yaada Kiristos akka qabaatan jajjabeessuu mannaa, yaanniifi gochisaanii kan Seexana isa biyya lafaa bulchuu wajjin akka walsimu godha. (Efesoon 2:1-3; Tiitoos 3:3 dubbisi.) Namni tokko hafuura biyya lafaa fudhachuufi hojii foonii raawwachuu jalqabuunsaa, Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhaallee isa gochuudhaan miidhaa guddaa isarraan geessisa.—Gal. 5:19-21.

14, 15. Hafuura biyya lafaa mormuurratti milkaaʼina argachuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Yihowaan hafuura biyya lafaa akka morminu nu qopheesseera. Phaawulos, ‘gooftaatti humnasaa isa aangoo-qabeessattis jabaachuu, guyyaa hamaa sanatti morminee ittiin qabuu’ keenya akka itti fufnu dubbateera. (Efe. 6:10, 13) Yihowaan hafuurasaatti fayyadamee carraaqqii Seexanni nu dogoggorsuuf godhu akka moonu humna nuu kenna. (Mul. 12:9) Hafuurri biyya lafaa cimaa waan taʼeef guutummaatti irraa fagaachuu hin dandeenyu. Akka nu hin mancaasne gochuu garuu ni dandeenya. Hafuurri qulqulluun hafuura kana caalaa humna qaba, akkasumas nu gargaara.

15 Phexros namoota jaarraa jalqabaatti Kiristiyaanummaa dhiisan ilaalchisee, “Karaa isa qajeelaa dhiisanii karaa irraa kaataniiru” jedheera. (2 Phe. 2:15) Nuyi, ‘hafuura isa Waaqayyo biraa dhufe malee, hafuura biyya lafaa’ waan hin fudhanneef baayʼee galateeffanna! (1 Qor. 2:12) Gargaarsa hafuura qulqulluu fudhachuufi qophii Yihowaan karaa hafuuraa daandii sirriirraa nu qajeelchuuf godhetti guutummaatti fayyadamuudhaan, hafuura Seexanaa isa kan biyya lafaa hamaa taʼe kanaa mormuurratti milkaaʼina argachuu dandeenya.—Gal. 5:16.

Hafuurri Qulqulluun Ija Gaarii Godhachuuf Nu Gargaara

16. Hafuurri qulqulluun amalawwan akkamii akka qabaannu nu gochuu dandaʼa?

16 Sababii afuraffaan hafuurri Waaqayyoo nu keessatti akka hojjetu itti barbaannu, namoonni hafuura kanaan geggeeffaman ija gaarii akka godhatan kan gargaaru waan taʼeefidha. (Galaatiyaa 5:22, 23 dubbisi.) Nu keessaa namni caalaatti jaalala, gammachuufi nagaa qabaachuu hin barbaanne jiraa? Namni obsa, gaarummaafi arjummaa hedduu qabaachuu hin barbaannehoo jiraa? Namni amantii guddaa qabaachuu, garraamummaafi of qabuu horachuudhaan fayyadamuu hin barbaanne jiraa? Hafuurri Waaqayyoo amala gaggaarii ofii keenyas taʼe namoota wajjin jiraannu, akkasumas tajaajillu fayyadu akka qabaannu godha. Ija hojii hafuuraa nu barbaachisuufi qabaachuu dandeenyurratti daangaan waan hin godhamneef, amalawwan kana horachuuf utuu walirraa hin kutin carraaquu qabna.

17. Akaakuu ija hojii hafuuraa tokko caalaatti horachuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Hafuura qulqulluutiin geggeeffamaa, akkasumas ija hojii hafuuraa horachaa jiraachuufi dhiisuu keenya beekuuf, dubbiin keenyaafi gochi keenya maal akka argisiisu yaaduun keenya barbaachisaadha. (2 Qor. 13:5a; Gal. 5:25) Akaakuu ija hojii hafuuraa tokko tokko horachuun akka nu barbaachisu yoo hubanne, amala akkasii caalaatti horachuuf hafuura qulqulluutiin geggeeffamuu dandeenya. Amalawwan kun Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota keenyarratti akkamitti akka ibsaman qoruu, iji hojii hafuuraa jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti akkamitti argisiifamuu akka qabu hubachuufi caalaatti horachuuf carraaquudhaan kana gochuu dandeenya. * Hafuurri Waaqayyoo jireenya keenya, akkasumas jireenya Kiristiyaanota hidhata keenya taʼan keessatti hojjechaa akka jiru yommuu arginu, hafuura kanaan geggeeffamuu kan qabnu maaliif akka taʼe ifatti hubanna.

Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffamuuf Fedhii Qabduu?

18. Hafuura Waaqayyootiin geggeeffamuu ilaalchisee Yesus fakkeenya kan nuu taʼu akkamitti?

18 Yesus, uumama cufa uumuurratti “hojjetaa isa hangafa,” [NW] waan tureef, waaʼee dirree maagneetii namoonni yommuu lafarra adeeman itti fayyadaman beeka ture. (Fak. 8:30; Yoh. 1:3) Haataʼu malee, Yesus yommuu lafarra turetti akka isa geggeessuuf humna maagneetiitti fayyadamuusaa ilaalchisee Macaafni Qulqulluun wanta ibsu hin qabu. Taʼus, Macaafni Qulqulluun Yesus yommuu nama turetti, hafuura qulqulluu isa humna guddaa qaburraa gargaarsa argatee akka ture ni dubbata. Gargaarsasaa fudhateera, qajeelfama inni isaaf kennu hordofuufis fedhii qaba ture, akkasumas qajeelfamasaa kanaa wajjin walsimee jiraateera. (Mar. 1:12, 13; Luq. 4:14) Isinoo namoota akkasiitii?

19. Hafuurri qulqulluun akka nu geggeessuuf maal gochuu qabna?

19 Yeroo harʼaas, hafuurri Waaqayyoo namoota sammuufi garaasaaniirratti akka inni dhiibbaa godhu heyyaman ni qajeelcha. Maarree hafuurri kun kallattii sirrii taʼerra akka isin geggeessu heyyamuu kan dandeessan akkamitti? Yihowaan hafuurasaa akka isinii kennuufi qajeelfama inni isiniif kennu fudhachuuf fedhii akka qabaattan akka isin gargaaru yeroo hunda kadhadhaa. (Efesoon 3:14-16 dubbisi.) Gorsa Macaafa Qulqulluu isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame keessa jiru qoruudhaan kadhannaa keessanii wajjin haala walsimuun jiraadhaa. (2 Xim. 3:16, 17) Qajeelfama Macaafni Qulqulluun ogummaarratti hundaaʼee kennuuf abboomamaa; qajeelfama hafuurri qulqulluun isinii kennus hojiirra oolchaa. Biyya lafaa hamaa kana keessa yeroo jiraattanitti dandeettii Yihowaan sirriitti isin geggeessuuf qabutti amanamuudhaan tarkaanfii fudhadhaa.

[Miiljalee]

^ key. 17 Tokkoon tokkoon akaakuu ija hojii hafuuraa ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf Indeeksii Barreeffamoota Masaraa Eegumsaa mataduree “Fruitage of Godʼs Spirit” jedhu jalatti “List by Aspect” ilaali.

Yaada Ijoosaa Hubatteettaa?

• Hafuurri qulqulluun jireenya keenyarratti dhiibbaa gochuu kan dandaʼu akkamitti?

• Sababiin arfan hafuura Waaqayyootiin geggeeffamuu itti barbaaduu qabnu maalfaʼi?

• Qajeelfama hafuura qulqulluurraa guutummaatti fayyadamuuf gaʼee keenya raawwachuu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 15⁠rra jiru]

Hafuurri Waaqayyoo yaadaafi murtoo Yesusirratti dhiibbaa geessiseera

[Fakkii fuula 17⁠rra jiru]

Hafuurri Waaqayyoo warra sammuufi garaasaaniirratti akka inni dhiibbaa godhu heyyaman ni qajeelcha