Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jaarraa Tokkoffaafi Yeroo Harʼaatti Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffamuu

Jaarraa Tokkoffaafi Yeroo Harʼaatti Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffamuu

Jaarraa Tokkoffaafi Yeroo Harʼaatti Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffamuu

“Hafuurri innumti tokkichi sun hojii kana hundumaa hojjetamuudhaan in gaʼa.”—1 QOR. 12:11.

1. Mataduree kana keessatti waaʼee maalii qorra?

JECHA Phenxeqostee jedhu yommuu dhageessan wantoota dinqisiisaa guyyaa sanatti raawwataman akka yaadattan beekamaadha! (HoE. 2:1-4) Jaarraa tokkoffaa guyyaa adda taʼe kanatti hafuurri qulqulluun dhangalaʼuunsaa, Waaqayyo hariiroo tajaajiltootasaa wajjin qaburratti jijjiirama guddaa akka godhe argisiisa. Mataduree darberratti karaawwan hafuurri qulqulluun tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo taʼan durii hojiiwwan ulfaataafi balʼaa taʼan akka raawwatan itti gargaare tokko tokko ilaallee turre. Haataʼu malee, karaa hafuurri qulqulluun Kiristiyaanummaan hundeeffamuusaa dura itti hojjeteefi jaarraa tokkoffaatti itti hojjete gidduu garaagarummaan jiru maalidha? Yeroo harʼaattoo Kiristiyaanonni gargaarsa hafuura qulqulluu argachuu kan dandaʼan akkamitti? Mee waaʼee kanaa haa qorru.

“Ani Garbittiin Gooftaa Kunoo, Asan Jira”

2. Maariyaam wanta hafuurri qulqulluun raawwatu argitee kan turte akkamitti?

2 Maariyaam yommuu hafuurri qulqulluun inni abdachiifame namootarratti dhangalaʼe, Yerusaalem mana kutaa balʼaa isa olaanu keessa turte. (HoE. 1:13, 14) Kun taʼuusaa waggaa soddomaa ol dura, karaa dinqisiisaa taʼeen wanta hafuurri Yihowaa raawwatee ture argiteetti. Yihowaan jireenyi Ilmasaa, samiirraa gara lafaatti akka dhufu gochuudhaan Maariyaam durba taatee utuu jirtuu akka ulfooftu godheera. Kan ulfooftes “hafuura qulqulluudhaan” ture.—Mat. 1:20.

3, 4. Maariyaam ilaalcha akkamii akka qabdu argisiisteetti? Nutoo fakkeenyashee hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

3 Maariyaam mirga guddaa akkasiitiif kan filatamte maaliifi? Ergamaan tokko fedha Yihowaan isheedhaaf qabu erga ibseefii booda, “Ani garbittiin gooftaa kunoo, asan jira, akka ati dubbatte anaaf haa taʼu!” jettee deebiste. (Luq. 1:38) Maariyaam haala kanaan deebisuunshee nama akkamii akka taate argisiisa. Deebiin isheen yerosuma kennite dhimmichaa wajjin haala wal qabateen fedha Waaqayyoo raawwachuuf qophooftee akka turte argisiisa. Wanta hawaasni isheen gidduu jiraattu ulfaaʼuushee yommuu argan jedhan ykn walitti dhufeenya kaadhimashee wajjin qabdurratti dhiibbaa inni geessisuu dandaʼu ilaalchisee gaaffii tokkollee hin kaasne. Maariyaam garboota keessaa akka ishee gadaantuu tokkootti of ilaaluudhaan Yihowaa isa Gooftaashee taʼetti guutummaatti amanamteetti.

4 Isinoo, rakkinni isinirra gaʼe ykn itti gaafatamummaan Waaqayyoon tajaajiluuf isinii kenname hamma tokko isin dhiphisee beekaa? Taanaan, tokkoon tokkoon keenya akkas jennee of gaafachuu qabna: ‘Wantan raawwadhu karaa fedha Yihowaa wajjin walsimuun hojjechuuf guutummaatti isatti nan amanamaa? Wanta Yihowaan akkan hojjedhu barbaadu gochuuf dhuguma fedhiin qabaa?’ Yihowaan namoota garaasaanii guutuu isatti amanamaniifi olaantummaasaa deggeraniif hafuurasaa akka kennu mirkanaaʼoo taʼaa.—HoE. 5:32.

Hafuurri Qulqulluun Phexrosiin Gargaareera

5. Phexros, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee dura wanta hafuurri qulqulluun raawwate maalfaa argeera?

5 Akkuma Maariyaam, Phexros ergamaanis hojii guddaa hafuurri Waaqayyoo Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee dura raawwate argeera. Yesus, Phexrosiifi ergamoonni Yesus kaan hafuurota hamoo akka baasan aboo kenneefii ture. (Mar. 3:14-16) Caaffanni Qulqullaaʼoon balʼinaan ibsuu baatanis, Phexros aboo kanatti fayyadamaa kan ture fakkaata. Humni Waaqayyoo yeroo Yesus, Phexros Ciisa Bishaan Galiilaarra deemee garasaa akka dhufu itti dubbateefi Phexros bishaanicharra deemettis mulʼateera. (Maatewos 14:25-29 dubbisi.) Phexros hojiiwwan dinqisiisoo taʼan raawwachuuf hafuura qulqulluutti amanamee akka ture ifaadha. Baayʼee utuu hin turinis hafuurri kun Phexrosiifi bartoota hidhatasaa taʼan kallattii haaraatiin gargaareera.

6. Phexros, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteefi sana booda gargaarsa hafuura Waaqayyootiin maal raawwateera?

6 Ayyaana Phenxeqostee Dh.K.B. bara 33 kabajamerratti, Phexrosiifi warri kaan namoota biyya garaagaraatii gara Yerusaalem dhufan qooqasaaniitiin haasofsiisuuf dinqiidhaan dandeettiin kennameefii ture. Sana booda, Phexros kaʼee namoota achitti walgaʼanitti dubbachuutti kaʼe. (HoE. 2:14-36) Namni kanaan dura jarjaraa ykn sodaataa ture kun, doorsisniifi ariʼatamni irra gaʼullee ija jabinaan dhugaa baʼuu dandaʼeera. (HoE. 4:18-20, 31) Waaqayyo hafuurasaatti fayyadamee Phexros dandeettii addaa akka qabaatu godheera. (HoE. 5:8, 9) Phexros nama duʼe kaasuufillee humna argateera.—HoE. 9:40.

7. Phexros erga dibamee booda barumsa Yesus barsiise kamfaa hubate?

7 Guyyaa Phenxeqostee durallee Phexros dhugaa Yesus barsiise hedduu hubatee ture. (Mat. 16:16, 17; Yoh. 6:68) Taʼus, wantoota Yesus barsiise keessaa hanga guyyaa Phenxeqosteetti kan inni hin hubatin hafe tokko tokko jira ture. Fakkeenyaaf, Phexros, Yesus guyyaa sadii booda qaama hafuuraa taʼee duʼaa akka kaafamu ykn Phexros Mootummichi samiirra akka taʼe hin hubanne. (Yoh. 20:6-10; HoE. 1:6) Phexros, yaanni namoonni qaama hafuuraa taʼanii Mootummaa samiirratti bulchu jedhu isaaf hin galle ture. Phexros, barumsa Yesus dhimma kana ilaalchisee barsiise kan hubate, erga hafuura qulqulluudhaan cuuphameefi abdii samiirra jiraachuu argatee booda ture.

8. Warri hafuuraan dibamanis taʼan ‘hoolonni kan biraan’ beekumsa akkamii argachaa jiru?

8 Bartoonni Yesus hafuurri qulqulluun erga isaanirratti dhangalaʼee booda, barumsa kanaan dura isaanii hin galle hubachuu dandaʼaniiru. Namoonni geggeessaa hafuuraatiin Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii barreessan, faayidaa keenyaaf jecha dhugaawwan dinqisiisoo waaʼee kaayyoo Yihowaa ibsan galmeessaniiru. (Efe. 3:8-11, 18) Yeroo harʼaa, warri hafuuraan dibamanis taʼan ‘hoolonni kan biraan’ dhugaawwan hafuuraa kana waliin sooratu. (Yoh. 10:16) Isinoo beekumsa, akkasumas hubannaa Dubbii Waaqayyoorraa argamuufi karaa hafuura qulqulluu isinii dhihaatu ni dinqisiifattuu?

Phaawulos “Hafuura Qulqulluudhaan Guutame”

9. Phaawulos gargaarsa hafuura qulqulluutiin maal raawwate?

9 Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee waggaa tokko ykn isaa ol booda namni tokko Waaqayyo biraa hafuura qulqulluu argatee ture. Namni kun Saaʼol isa yeroo booda Phaawulos jedhamedha. Hafuurri Waaqayyoo, Phaawulos wantoota inni hojjetuuf humna kan isaaf kenne ennaa taʼu, kunimmoo yeroo harʼaatti nuunis nu fayyada. Phaawulos ergamaan geggeessaa hafuuraatiin kitaabota Macaafa Qulqulluu 14 barreesseera. Akkuma Phexrosiin gargaare, hafuurri Waaqayyoo Phaawulos waaʼee abdii jireenya hin duuneefi hin badne samiirratti argachuu hubannaa akka qabaatu, akkasumas ifa godhee akka barreessu isa gargaareera. Phaawulos gargaarsa hafuura qulqulluutiin, warra dhukkubsatan fayyiseera, hafuurota hamoo baaseera, akkasumas nama duʼe kaaseera! Phaawulos wanta baayʼee barbaachisaa taʼe raawwachuuf karaa dinqii taʼeen hafuura qulqulluu biraa humna argatee ture; haala kanaan taʼuu baatus hafuurri kun tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo harʼaa jiraniif humna ni kenna.

10. Hafuurri qulqulluun Phaawulos ija jabinaan akka dubbatu kan isa gargaare akkamitti?

10 Phaawulos “hafuura qulqulluudhaan guutamee” namicha qoricha namatti godhu tokkotti ija jabinaan dubbateera. Kunis namicha biyya Qophros bulchuufi wanta Phaawulos jedhe dhaggeeffachaa turerratti dhiibbaa guddaa geessiseera! Namichi kun dhugaa kan fudhate yommuu taʼu, “waan taʼe yommuu arge dinqifatee, barsiisa gooftaatti amane.” (HoE. 13:8-12) Phaawulos waaʼee dhugaa lallabuuf hafuurri Waaqayyoo barbaachisaa akka taʼe akka gaariitti kan beeku taʼuunsaa ifadha. (Mat. 10:20) Yeroo boodas Phaawulos “ija jabinaan” dubbachuuf dandeettii akka argatu, gumiin Efesoon akka isaaf kadhatu gaafateera.—Efe. 6:18-20.

11. Phaawulos hafuura Waaqayyootiin kan geggeeffame akkamitti?

11 Hafuurri qulqulluun Phaawulos akka lallabu isa gargaaruu qofa utuu hin taʼin, siʼa tokko tokkommoo iddoo tokko tokkotti akka hin lallabne isa dhorkeera. Phaawulos hojii misiyoonummaa yommuu jalqabe hafuura Waaqayyootiin geggeeffameera. (HoE. 13:2; Hojii Ergamootaa 16:6-10 dubbisi.) Yeroo harʼaas Yihowaan hafuurasaatiin hojii lallabaa geggeessaa jira. Akkuma Phaawulos, tajaajiltoonni Yihowaa abboomamoo taʼan hundi waaʼee dhugaa ija jabinaafi hinaaffaadhaan lallabuuf carraaqaa jiru. Akkaataan Waaqayyo hafuurasaatti fayyadamee nu geggeessu, isa yeroo Phaawulosirraa adda taʼus, Yihowaan namoonni garaa qajeelaa qaban dhugaa akka dhagaʼan gochaa kan jiru hafuura kanaan fayyadamee akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Yoh. 6:44.

“Hojii Garaa Garaa”

12-14. Hafuurri Waaqayyoo tajaajiltootasaa hundarratti karaa wal fakkaatuun hojjetaa? Ibsi.

12 Seenaan Yihowaan gumii dibamtootaa jaarraa tokkoffaatti ture akka eebbise argisiisu kun, tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo harʼaatti of murteessan baayʼee akka jajjabeessu hin shakkisiisu! Yaada Phaawulos geggeessaa hafuuraatiin kennaa dinqisiisaa hafuura qulqulluu biraa argamuufi barasaatti ture ilaalchisee gumii Qorontosiif armaan gaditti barreesse hubadhaa: “Kennaan hafuuraa gosa garaa garaatu jira, hafuurichi garuu tokkichuma. Ergaa garaa garaatu jira, gooftaan ergamaniif garuu tokkichuma. Hojii garaa garaatu jira, Waaqayyo inni hojii hundumaa adduma addaan yaada namaa keessa kaaʼu garuu tokkicha.” (1 Qor. 12:4-6, 11) Eeyyee, hafuurri qulqulluun kaayyoo tokko raawwachuuf, tajaajiltoota Waaqayyoo addaddaarratti karaa garaagaraa hojjeta. ‘Karri xinnayyoonis’ taʼe ‘hoolonni kan biraan’ hafuura qulqulluutiin geggeeffamu. (Luq. 12:32; Yoh. 10:16) Haataʼu malee, hafuurri kun tokkoon tokkoon miseensa gumiirratti yeroo hunda karaa wal fakkaatuun hojjeta jechuu miti.

13 Fakkeenyaaf, jaarsoliin hafuura qulqulluutiin muudamu. (HoE. 20:28) Taʼus, Kiristiyaanonni hafuura qulqulluutiin dibaman hundi gumii keessatti jaarsolii taʼanii hin tajaajilan. Nutoo kanarraa maal hubachuu dandeenya? Hafuurri Waaqayyoo miseensota gumiirratti karaa garaagaraa akka hojjetu hubanna.

14 Hafuurri dibamtoonni “hafuura ilmummaatti guddifamuu” akka argatan isaan godhe, hafuura Yihowaan tokkicha Ilmasaa duʼaa kaasee jireenya hin badne samiirratti isaaf kennee wajjin tokkodha. (Roomaa 8:11, 15 dubbisi.) Yihowaan uumama cufa kan uumes hafuuruma kanaan ture. (Uma. 1:1-3) Yihowaan, Bazaaliʼel hojii addaa, jechuunis miʼa godoo qulqullummaatiif taʼu akka hojjetu, Siimson hojii humna humna gararraa taʼe akka raawwatu, akkasumas Phexros bishaanirra akka deemu kan gargaare hafuuruma kanaanidha. Kanaaf, hafuura qulqulluutiin geggeeffamuun hafuura Waaqayyootiin dibamuu wajjin tokko miti; hafuura kanaan dibamuun hojii addaa hafuurri kun raawwatu keessaa tokko qofadha. Namoota hafuuraan dibaman kan filatus Waaqayyodha.

15. Hafuura qulqulluutiin cuuphamuun barabaraaf itti fufaa? Ibsi.

15 Hafuurri Waaqayyoo inni hojiirra jiru, hafuuraan dibamuun jalqabuusaa waggoota kumaan lakkaaʼaman duraa kaasee, tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼanirratti karaa addaddaa hojjechaa tureera. Hafuuraan dibamuun Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti kan jalqabe taʼus, barabaraaf itti hin fufu. Hafuuraan cuuphamuun kan hafu taʼus, hafuurri qulqulluun sabni Waaqayyoo barabaraaf fedhasaa akka raawwatan isaan gargaaruusaa itti fufa.

16. Yeroo harʼaa tajaajiltoonni Waaqayyoo gargaarsa hafuurasaatiin maal raawwachaa jiru?

16 Hojiin addaa keessumaa yeroo harʼaa hafuurri Yihowaa lafarratti raawwachaa jiru maalidha? Mulʼanni 22:17 akkas jechuudhaan deebii kenna: “Hafuurichii fi misirrottiin, ‘Kottu’ in jedhuun; namni kana dhagaʼus, ‘Kottu’ haa jedhu! Namni dheebote haa dhufu, namni bishaan barbaadus utuu gatii hin baasin bishaan jireenya kennu haa fudhatu!” Yeroo harʼaa Kiristiyaanonni hafuura Waaqayyootiin geggeeffamanii afeerrii Yihowaan bishaan jireenya kennu namootaaf qopheesse warra ‘barbaadaniin’ gaʼaa jiru. Kiristiyaanonni dibamoon hojii kanarratti adda durummaadhaan hirmaatu. Haataʼu malee, hoolonni kan biraanis afeerrii kana namootaan gaʼuurratti hirmaachaa jiru. Kutaan lamaanuu hojii kana raawwachuuf hafuuruma kanaan geggeeffamu. Akkasumas “maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis” cuuphamuudhaan Yihowaadhaaf of murteessaniiru. (Mat. 28:19) Hundisaanii jireenyasaanii keessatti ija hojii hafuuraa horachuuf fedhii qabu. (Gal. 5:22, 23) Akkuma dibamtootaa, hoolonni kan biraas hafuurri Waaqayyoo akka isaan gargaaru heyyamu. Gargaarsa hafuura kanaatiin ulaagaalee Yihowaan qulqullinaaf baase eeganii jiraachuuf hamma dandaʼan carraaqu.—2 Qor. 7:1; Mul. 7:9, 14.

Hafuura Qulqulluu Argachuuf Kadhachuu Keessan Itti Fufaa

17. Hafuura Waaqayyoo akka qabnu mirkaneessuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Abdiin jireenya barabaraa Waaqayyo biraa argattan samiirrattis taʼe lafarra jiraachuu, Yihowaan amanamummaa keessan akka eegdaniifi eebba akka argattaniif “humna humna gararraa” taʼe isiniif kenna. (2 Qor. 4:7) Waaʼee Mootummichaa lallabuu keessan itti fufuun namoonni akka isinitti gaʼisan gochuu dandaʼa. Taʼus yaada, “maqaa Kristosiif jettanii yommuu arrabsamtan, isin warra gammadanii dha; hafuurri ulfinaa inni kan Waaqayyoo isin irra in boqota” jedhu hin dagatinaa.—1 Phe. 4:14.

18, 19. Yihowaan karaa hafuurasaa kan isin gargaaru akkamitti? Atoo gama kanaan murtoo akkamii gooteetta?

18 Waaqayyo, namoota hafuura qulqulluu argachuuf garaadhaa kadhataniif hafuurasaa ni kenna. Hafuurri kun dandeettii qabdan qofa utuu hin taʼin, fedhii hamma humna keessanii Yihowaan tajaajiluuf qabdan isinii guddisuu dandaʼa. “Waaqayyo akka akeeka isaa isa gaariitti hojjechuudhaaf fedha akka qabaattaniif, akka hojjettaniifis isin gidduutti in hojjeta.” Gargaarsa hafuura qulqulluu dabalatee, carraaqqiin ‘dubbii jireenyaa jabeessinee qabachuu’ keenya itti fufuuf goonu, ‘hojii fayyina keenyaa wajjin walii galu sodaadhaafi romʼaan itti fufnee hojjechuuf’ nu gargaara.—Filp. 2:12, 13, 16.

19 Kanaaf, guutummaatti hafuura qulqulluutti amanamaa, hojii isiniif kenname hunda garaa guutuudhaan raawwadhaa, dandeettii hojii isiniif kenname raawwachuuf qabdan guddifadhaa, akkasumas Yihowaan akka isin gargaaru kadhadhaa. (Yaq. 1:5) Yihowaanis gargaarsa Dubbiisaa hubachuuf, rakkoo jireenya keessatti isin mudatu moʼuufi misraachicha lallabuuf isin barbaachisu isinii kenna. Yaanni, “Kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala rukutaa isiniif in banama” jedhu hafuura qulqulluu argachuuf gaafachuus kan dabalatudha. (Luq. 11:9, 13) Akkuma namoota amanamoo bara duriifi bara ammaa hafuura Waaqayyootiin geggeeffaman taʼuu yoo barbaaddan Yihowaa kadhachuu keessan itti fufaa.

Ibsuu Dandeessaa?

• Akkuma Maariyaam, ilaalcha eebba nuuf argamsiisu akkamii qabaachuu qabna?

• Phaawulos hafuura qulqulluutiin geggeeffameera kan jedhamu akkamitti?

• Yeroo harʼaa tajaajiltoonni Waaqayyoo hafuurasaatiin kan geggeeffaman akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 24⁠rra jiru]

Hafuurri Waaqayyoo, Phaawulos hafuurota hamoo akka moʼu humna isaaf kenneera

[Fakkii fuula 26⁠rra jiru]

Yeroo harʼaa, Kiristiyaanonni abdiinsaanii maaliyyuu yoo taʼe hafuurri qulqulluun isaan gargaara