Namoota Amanamoo Bara Durii —Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffaman
Namoota Amanamoo Bara Durii —Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffaman
“Waaqayyo gooftaan hafuura isaatiin na ergeera.”—ISA. 48:16.
1, 2. Amantii akka qabnu argisiisuuf maaltu nu barbaachisa? Seenaa tajaajiltoota amanamoo bara durii qoruun kan nu gargaaru akkamitti?
BARA Abeelii kaasee namoonni amantii qaban kan turan taʼus, “amantii kan qabu nama hundumaa miti.” (2 Tas. 3:2, NW) Haataʼu malee namni tokko amantii kan qabaatu maaliifi? Amanamaa taʼuufoo kan isa gargaaru maalidha? Amantii qabaachuun gara caalaa wanta Dubbii Waaqayyoorraa dhagaʼanirratti kan hundaaʼedha. (Rom. 10:17) Amantiin akaakuu ija hojii hafuuraa keessaa tokkodha. (Gal. 5:22, 23) Kanaaf, amantii qabaachuufis taʼe amantii kana hojiidhaan argisiisuuf hafuurri qulqulluun nu barbaachisa.
2 Dhiironniifi dubartoonni namoota amantii taʼan amantii wajjin dhalatan jedhanii yaaduun dogoggora. Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman ‘namootuma akka keenyaa’ turan. (Yaq. 5:17) Namoonni kun rakkinaafi dadhabina kan qaban turanis, rakkina isaan mudatu moʼuuf hafuura Waaqayyootiin “jaboo taʼanii[ru].” (Ibr. 11:34) Hafuurri Yihowaa namoota kanarratti akkamitti hojjechaa akka ture qoruun keenya, yeroo harʼas amantii keenyarra qorumsi yeroo gaʼu amanamoo taanee jiraachuuf nu gargaara.
Hafuurri Waaqayyoo Museedhaaf Humna Kenneera
3-5. (a) Museen gargaarsa hafuura qulqulluu argachuusaa beekuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Akkaataa Yihowaan hafuurasaa itti kennu ilaalchisee seenaa Museerraa maal baranna?
3 Museen namoota Dh.K.D. bara 1513tti biyya lafaarra jiraatan hundumaa caalaa, nama “gara-laafessa [“gad of deebisu,” NW] ture.” (Lak. 12:3) Nama garraamii kanaaf saba Israaʼel keessatti itti gaafatamummaa guddaan kennamee ture. Hafuurri Waaqayyoo, Museen raajii akka dubbatu, firdii akka kennu, macaafa akka barreessu, sabicha akka geggeessuufi dinqii akka raawwatu humna isaaf kenneera. (Isaayaas 63:11-14 dubbisi.) Haataʼu malee Museen yeroo taʼe tokkotti baʼaan akka isatti ulfaate Yihowaatti himee ture. (Lak. 11:14, 15) Kanaaf Yihowaan, “hafuura isa Musee irra ture irraas waa fuudhee” hojicha Museerraa akka salphisaniif maanguddoota 70rra kaaʼe. (Lak. 11:16, 17) Baʼaan Musee baayʼee ulfaataa fakkaatus baʼaa kana gargaarsa malee ofiisaatiin hin baanne; maanguddoonni filataman 70ni sunis gargaarsa utuu hin argatin ofiisaaniitiin hin baanne.
4 Museen hafuurri qulqulluun hojii isaaf kenname akka raawwatu isa barbaachisu kennameefii ture. Sirreeffamni erga godhamee boodas, hafuurri isa barbaachisu Museedhaaf kennameera. Museedhaaf hafuurri qulqulluun hanga isa barbaachisuu gad hin kennamne; maanguddoota 70 sanaafis hanga barbaachisuu ol hin kennamne. Yihowaan hafuurasaa hamma nu barbaachisuufi akka haala keenyaatti nuu kenna. Waaqayyo, “guutummaa” “hafuuricha[a] safara malee in kenna.”—Yoh. 1:16; 3:34.
5 Qorumsi isinirra gaʼaa jiraa? Wantoonni yeroo kennuufii qabdan dabalaa jiruu? Haala jireenyaa ulfaataa deemu ykn rakkina fayyaa qabdanii wajjin utuma qabsooftanii, karaa hafuuraafi qaamaa wantoota maatii keessaniif barbaachisan dhiheessuuf carraaqqii gochaa jirtuu? Gumii keessatti itti gaafatamummaa ulfaataa taʼe qabduu? Haala akkamii keessattiyyuu yoo argamtan, Waaqayyo karaa hafuura qulqulluu humna moʼuuf isin barbaachisu akka isinii kennu mirkanaaʼoo taʼaa.—Rom. 15:13.
Hafuurri Qulqulluun Bazaaliʼel Gaʼumsa Akka Qabaatu Godheera
6-8. (a) Hafuurri qulqulluun Bazaaliʼeliifi Aholiiyab maal akka raawwatan isaan gargaareera? (b) Wanti Bazaaliʼeliifi Aholiiyab hafuura qulqulluutiin akka geggeeffaman argisiisu maalidha? (c) Keessumaa muuxannoon Bazaaliʼel kan nama jajjabeessu maaliifi?
6 Seenaan Bazaaliʼel isa bara Museetti turee karaa itti hafuurri Waaqayyoo hojjechuu dandaʼu ilaalchisee waan hedduu nu hubachiisa. (Baʼuu 35:30-35 dubbisi.) Bazaaliʼel miʼa godoo qulqullaaʼaatiif barbaachisu hojjechuurratti itti gaafatamummaan kennameefii ture. Bazaaliʼel hojii ijaarsaa balʼaa taʼe kana hojjechuuf itti kennamuusaa dura beekumsa hojii harkaa qaba turee? Qabaachuu dandaʼa. Garuu wanti inni dhihootti hojjechaa ture warra Gibxiif supheerraa xuuphii tolchuudha. (Bau. 1:13, 14) Maarree Bazaaliʼel hojii ulfaataa isaaf kenname kana raawwachuu kan dandaʼe akkamitti? Yihowaan “hafuura ofii isaatiin, ogummaadhaan, hubannaadhaan, beekumsa waan garaa garaa miidhagsanii hojjechuutiinis isa guuteera. . . . Waan garaa garaas miidhagsee akka akeeka baafameetti [akka hojjetu]” isa gargaareera. Hafuurri qulqulluun dandeettii uumamaa Bazaaliʼel qabu isaaf guddiseera. Haalli Aholiiyabis akkasuma ture. Bazaaliʼeliifi Aholiiyab hojiisaanii raawwachuu qofa utuu hin taʼin, namoota kaanis wanta hojjechuu qaban waan barsiisaniif akka gaariitti kan baratan taʼuu hin oolu. Eeyyee Waaqayyo wanta isaan barsiisan garaasaanii keessa kaaʼeera.
7 Ragaan garabiraan Bazaaliʼeliifi Aholiiyab hafuura Waaqayyootiin akka geggeeffaman argisiisu, wanti isaan hojjetan kun yeroo dheeraadhaaf kan ture taʼuusaati. Wantoonni isaan hojjetan waggoota 500 boodas itti hojjetamaa turaniiru. (2 Sen. 1:2-6) Haala namoota yeroo harʼaatti meeshaalee oomishanirraa faallaa taʼeen, Bazaaliʼeliifi Aholiiyab meeshaa hojjetanirratti maqaasaanii ykn mallattoosaanii hin keenye. Wanta isaan raawwatan hundaaf kan galateeffamu Yihowaa ture.—Uma. 36:1, 2.
8 Yeroo harʼaa, hojiin dandeettii addaa gaafatu jechuunis, hojii ijaarsaa, hojii maxxansaa, walgaʼiiwwan gurguddaa gurmeessuu, gargaarsa bakka balaan gaʼetti kennamu qindeessuu, dhiiga ilaalchisee ejjennoo Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼeen qabnu doktoorotaafi hojjettoota hospitaalaaf akka ibsinu nutti kennamuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko hojiin kun namoota gama kanaan ogummaa qabaniin kan hojjetamu taʼus, yeroo baayʼee garuu namoota hojicharratti beekumsa tokkoyyuu hin qabneen raawwatama. Kanaaf, carraaqqiin isaan godhan akka milkaaʼu kan godhu hafuura qulqulluudha. Isinoo warri isin caalaa gaʼumsa qaban akka jiran yaaduudhaan hojii tajaajila Yihowaa keessatti isiniif kennamu fudhachuurraa duubatti jettuu? Yihowaan beekumsaafi dandeettii qabdan isinii guddisuudhaan hojii isinitti kennamu kamiyyuu akka raawwattan akka isin gargaaru yaadadhaa.
Iyaasuun Gargaarsa Hafuura Waaqayyootiin Milkaaʼina Argateera
9. Israaʼeloonni Gibxii erga baʼanii booda haala akkamii keessa galanii turan? Gaaffiin kaʼuhoo maalidha?
9 Hafuurri Waaqayyoo nama bara Museefi Bazaaliʼel turanitti jiraate tokkos gargaareera. Israaʼeloonni Gibxii baʼanii utuu hin turin Amaaleqoonni sababii tokko malee saba Waaqayyoorratti lola bananii turan. Kanaaf yeroo kanatti Israaʼeloonni balaa isaanitti aggaamame ofirraa ittisuu qabu turan. Israaʼeloonni lolarratti matumaa hirmaatanii kan hin beekne taʼanis, amma saba bilisa baʼan taʼanii yeroo jalqabaatiif lolarratti hirmaachuu qabu turan. (Bau. 13:17; 17:8) Namni lola sanarratti isaan geggeessu tokko isaan barbaachisa ture. Namni kun eenyu taʼuu dandaʼa laata?
10. Israaʼeloonni geggeessaa Iyaasuutiin diina injifachuu kan dandaʼan maaliifi?
10 Yihowaan lola kana akka geggeessuuf Iyaasuu filate. Iyaasuun muuxannoo hojii hojjechaa tureefi itti gaafatamummaa sana raawwachuuf isa gargaaru qabaachuusaa utuu gaafatamee maalfaa caqasuu dandaʼa? Garba hojii humnaa hojjetu taʼuusaatii? Xuuphii hojjechuuf cidiifi dhoqqee waliin makuusaatii? Maannaa kan funaanu taʼuusaatii? Akaakayyuu Iyaasuu kan taʼe Eliishaamaan geggeessituu gosa Efreem isa kutata gosoota Israaʼel sadii keessaa tokko taʼe siʼa taʼu, dhiirotaa 108,100 kan geggeessu akka ture haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. (Lak. 2:18, 24; 1 Sen. 7:26, 27) Haataʼu malee Yihowaan, lola sana geggeessuudhaan diinota akka rukutu karaa Musee kan ajaje, Eliishaamaa ykn Nun utuu hin taʼin Iyaasuu ture. Lolichi guyyaa guutuu geggeeffame. Iyaasuun guutummaatti waan abboomameefi geggeessaa hafuura Waaqayyoo amanee waan fudhateef Israaʼeloonni injifachuu dandaʼaniiru.—Bau. 17:9-13.
11. Akkuma Iyaasuu mirga tajaajilaa nuu kennamuun milkaaʼina argachuu kan dandeenyu akkamitti?
11 Yeroo boodas, Iyaasuun inni “hafuurri ogummaa isa keessa guute” Musee bakka buʼuu dandaʼeera. (Kes. 34:9) Hafuurri qulqulluun akka Musee raajii akka dubbatu ykn dinqii akka hojjetu isa gochuu baatus, Iyaasuun geggeessaa humna waraanaa Israaʼelootaa taʼuudhaan Kanaʼaanota akka moʼu isa dandeessiseera. Yeroo harʼaa, mirgi tajaajilaa tokko yeroo nuu kennamu muuxannoo ykn gaʼumsa akka hin qabne nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Haataʼu malee, akkuma Iyaasuu qajeelfama Waaqayyo biraa kennamu akka gaariitti kan hordofnu taanaan milkaaʼina argachuu dandeenya.—Iya. 1:7-9.
‘Hafuurri Waaqayyoo Giidewonirra Buufate’
12-14. (a) Injifannoon dhiironni 300 loltoota Miidiyaan hedduurratti argatan maal argisiisa? (b) Yihowaan Giidewoniin akka gargaaru kan mirkaneesse akkamitti? (c) Waaqayyo yeroo harʼaa gargaarsa akkamii akka nuu kennu dubbateera?
12 Iyaasuun erga duʼee boodas Yihowaan hafuurrisaa namoota amanamoo taʼan akkamitti akka jajjabeessu argisiisuusaa itti fufeera. Macaafni Abboota Firdii seenaa namoota “dadhabbii keessaa jabina argatanii” turan hedduu kan qabatedha. (Ibr. 11:34) Yihowaan, Giidewon saba Waaqayyootiif akka lolu hafuura qulqulluutiin isa kakaaseera. (Abo. 6:34) Loltoonni Giidewon walitti kan qabaman taʼus, loltuu Israaʼel 1f loltoota Miidiyaan 4tu gaʼa ture. Haataʼu malee loltoonni Israaʼel ammayyuu hirʼachuu qabu turan. Kanaaf Yihowaan loltoonni Israaʼel dabalataa gara manasaaniitti akka deebiʼan al lama Giidewonitti hime. Achiis, loltuu Israaʼel 1f loltoota diinaa 450tu gaʼe. (Abo. 7:2-8; 8:10) Yihowaan lakkoofsi kun gaʼaa akka taʼe mirkaneesseera. Israaʼeloonni lola kanarratti yoo moʼan, isaan keessaa namni carraaqqii ykn ogummaa namaatiin akka taʼetti boonuu dandaʼu jiraa?
13 Amma Giidewoniifi loltoonnisaa qophaaʼaniiru. Tuuta loltootaa muraasa taʼan sana keessa jirtu utuu taʼee, namoonni sodaatan ykn namoonni dammaqoo hin taane gara manasaaniitti waan deebiʼaniif tasgabbiin isinitti dhagaʼama turee? Yookiin booda wanta gaʼuuf jiru yaaduudhaan sodaan xinnoo isinitti dhagaʼama turee laata? Giidewon Waaqayyotti amanamee akka ture mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Wanta akka hojjetu isatti himame raawwateera! (Abboota Firdii 7:9-14 dubbisi.) Giidewon, Yihowaan isa duukaa akka jiru beekuuf yommuu milikkita isa gaafatetti Waaqayyo isatti hin gaddine. (Abo. 6:36-40) Kanaa mannaa amantii Giidewon cimseeraaf.
14 Humni Yihowaan fayyisuuf qabu daangaa hin qabu. Inni namoota dadhaboo ykn gargaarsa hin qabne fakkaatanittillee fayyadamee sabasaa rakkinarraa oolchuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko namoonni hedduun akka nurratti kaʼan ykn haala abdii nama kutachiisu keessa akka jirru nutti dhagaʼama taʼa. Akkuma Giidewon dinqiidhaan deebii arganna jennee eeguu baannus, Waaqayyo karaa Macaafa Qulqulluufi gumiisaa isa hafuura qulqulluutiin geggeeffamuu qajeelfama hedduu akka nuu kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Rom. 8:31, 32) Abdii Yihowaan jaalalasaatiin kakaʼee kenne amantii keenya nuu jabeessa, akkasumas inni dhugumaan Gargaaraa keenya akka taʼe nu amansiisa!
“Hafuurri Waaqayyoo Yiftaa In Geggeessa Ture”
15, 16. Intalli Yiftaa ilaalcha gaarii qabaachuu kan dandeesse maaliifi? Kunoo warra kan taʼan kan jajjabeessu akkamitti?
15 Mee fakkeenya garabiraa haa ilaallu. Israaʼeloonni loltoota Amoon loluuf yeroo qophaaʼan, hafuurri Yihowaa ‘Yiftaa geggeessaa’ ture. Yiftaan, injifannoo argatee Yihowaa faarsuu waan hawweef, wareega baayʼee ulfaataa taʼe wareege. Giidewon, Waaqayyo loltoota Amoonirratti injifannoo yoo isaaf kenne, yeroo gara manaatti deebiʼu dursee kan isatti gad baʼu Yihowaadhaaf akka kennu wareege. Yiftaan Loltoota Amoon moʼee gara manaatti ennaa deebiʼu intallisaa isa simachuuf fiigdee isatti baate. (Abo. 11:29-31, 34) Wanti taʼe kun Yiftaa dinqisiiseeraa? Mucaa tokko qofa waan qabuuf kun isa dinqisiisuu dhiisuu dandaʼa. Intallisaa, iddoo qulqullaaʼaa Yihowaa isa Shiiloo jiru keessatti guutummaatti akka tajaajiltu kennuudhaan wareegasaa raawwateera. Intalli Yiftaa Yihowaatti kan amanamtu waan taateef, wareegni abbaanshee wareege raawwatamuu akka qabu amantee turte. (Abboota Firdii 11:36 dubbisi.) Hafuurri Yihowaa humna lamaansaaniitiif barbaachisu isaaniif kenneera.
16 Intalli Yiftaa fedhiishee aarsaa gochuuf kan ishee kakaase maalidha? Abbaanshee hinaaffaa kan qabuufi nama Waaqayyoof bule taʼuusaa hubachaa ennaa deemtu, amantiishee akka jabeesseef hin shakkisiisu. Warra kan taatan ijoolleen keessan fakkeenya isin argisiistan akka hordofan yaadadhaa. Murtoon gootan, wanta dubbattanitti akka amantan argisiisa. Ijoolleen keessan kadhannaa garaadha madde yommuu dhiheessitan, yommuu barsiistaniifi Yihowaa tajaajiluuf yommuu carraaqxan hunda xiyyeeffanaadhaan hordofu. Kunimmoo, ijoolleen keessan tajaajila Yihowaatiif of dhiheessuuf fedhii guddaa akka qabaatan gochuu dandaʼa. Kunis gammachuu guddaa isiniif argamsiisa.
“Hafuurri Waaqayyoo” Siimsonirra Buʼe
17. Siimson gargaarsa hafuura qulqulluutiin maal raawwateera?
17 Ammas fakkeenya garabiraa haa ilaallu. Israaʼeloonni yommuu Filisxeemotaan boojiʼaman, ‘hafuurri Waaqayyoo tuttuqee’ Siimson akka isaan oolchu isa kaase. (Abo. 13:24, 25) Siimson hojiiwwan dinqisiisaa akka raawwatuuf humni guddaan kennameeraaf. Filisxeemonni, Israaʼeloonni hidhatasaa taʼan sossobanii Siimsoniin akka qaban yommuu godhan, “battaluma sanatti hafuurri Waaqayyoo isaaf dhufee, funyoon ittiin harki isaa hidhamee ture sunis akka foʼaa ibiddi qabatee in taʼe, hidhaan harka isaatiis irraa in buʼe.” (Abo. 15:14) Murtoo dogoggoraa godheen kan kaʼe humnasaa durii dhabullee, Siimson “amantii” argisiiseen deebisee humna argateera. (Ibr. 11:32-34; Abo. 16:18-21, 28-30) Hafuurri Yihowaa karaa adda taʼeen isarratti kan hojjete Siimson haala adda taʼe keessa waan tureefidha. Haataʼu malee seenaan kun yeroo harʼaattis jajjabina guddaa nuu kenna. Akkamitti?
18, 19. (a) Muuxannoon Siimson maal nuu mirkaneessa? (b) Seenaa namoota amanamoo mataduree kana keessatti ilaallerraa faayidaa akkamii argatte?
18 Nuyis hafuura qulqulluu isa Siimsoniin gargaaree turerratti amanannaa qabna. Hojii Yesus duuka buutonnisaa ‘wangeelicha namootatti akka lallabaniifi akka dhugaa baʼan’ kenne yommuu raawwannu, hafuurri kun akka nu gargaaru itti amanamna. (HoE. 10:42) Hojii kana humna keenyaan hojjechuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, Yihowaan hafuurasaatti fayyadamee hojii balʼaa akka hojjennu nuuf kenne raawwachuuf waan nu gargaaruuf baayʼee dinqisiifanna! Kanaaf hojii nuu kenname ennaa raawwannutti akkuma Isaayaas, “Waaqayyo gooftaan hafuura isaatiin na ergeera” jechuu dandeenya. (Isa. 48:16) Eeyyee kan nu erge hafuura Waaqayyooti! Akkuma Musee, Bazaaliʼeliifi Iyaasuu, Yihowaan hojii nuu kenne raawwachuuf gaʼumsa akka qabaannu dandeettii keenya nuu guddisuudhaan nu gargaaruu dandaʼa. “Sagalee Waaqayyoos akka billaatti, hafuura qulqulluu biraa” fudhachuudhaan, Yihowaan akkuma Giidewoniif, Yiftaafi Siimsoniif humna kenne nuufis akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Efe. 6:17, 18) Rakkoo nurra gaʼu moʼuuf Yihowaatti kan amanamnu taanaan, hafuurri qulqulluun akkuma Siimsoniin qaamaan jabeesse, nuunis karaa hafuuraa nu jabeessuu dandaʼa.
19 Yihowaan namoota waaqeffannaa dhugaatiif ejjennoo cimaa qaban akka eebbisu kanarraa hubachuun ni dandaʼama. Qajeelfama hafuurri qulqulluun kennu hordofaa ennaa deemnu amantiin keenyas cimaa deema. Kanaaf seenaawwan gammachiisaa Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikiitiin barreeffaman keessa jiran tokko tokkos qoruun baayʼee gaariidha. Seenaawwan kun jaarraa tokkoffaatti, jechuunis guyyaa Phenxeqostee bara 33 duraafi booda hafuurri qulqulluun tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼan akkamitti akka gargaare ibsu. Mataduree ittaanurratti waaʼee kanaa qorra.
Karaa itti hafuurri qulqulluun namoota armaan gadii itti gargaare beekuun kan isin jajjabeesse maaliifi?
• Musee?
• Bazaaliʼel?
• Iyaasuu?
• Giidewon?
• Yiftaa?
• Siimson?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 22rra jiru]
Hafuurri qulqulluun akkuma Siimsoniin qaamaan jabeesse, nuunis karaa hafuuraa nu jabeessa
[Fakkii fuula 21rra jiru]
Warra kan taatan, fakkeenya taʼuudhaan hinaaffaan isin argisiistan ijoollee keessaniif hiika guddaa qaba