Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼan dubbisuudhaan faayidaa argatteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuu yaali:

• Yihowaan Lewwootaan, “Gaʼaan kee . . . ana” yeroo jedhu maal jechuusaa ture?

Gosoonni Israaʼel hundi lafa akka dhaalaatti kennameef kan qaban taʼus, Lewwoonni garuu ‘gaʼaansaanii’ Yihowaa ture. (Lak. 18:20) Lewwoonni akka dhaalaatti lafa argachuu baatanis mirgi tajaajilaa adda taʼe isaaniif kennameera. Yihowaan wanta jireenyaaf isaan barbaachisu ni kennaaf ture. Yeroo harʼaattis namoonni hojii Mootummichaa babalʼisuuf mirga argatan, wanti jireenyaaf barbaachisu akka isaaniif kennamu mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu.—9/15, fuula 7-8, 13.

• Kiristiyaanni tokko bohaartiiwwan tokko tokko faayidaa qabaachuufi dhiisuusaanii murteessuuf kan isa gargaaru maalidha?

Bohaartiin tokko faayidaa kan qabuufi Waaqayyoon kan gammachiisu taʼuusaa murteessuuf akkas jennee of gaafachuun keenya gaariidha: Qabiyyeen bohaartichaa maalidha? Yeroo hangamiin irratti dabarsa? Kanan bohaaru eenyufaa wajjini?​—10/15, fuula 9-12.

• Seenaan Fakkeenya 7:6-23rra jiru fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluurraa fagaachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

Seenaan kun dargaggeessi tokko karaa naannoo dubartiin ejjituun tokko jiraatutti geessurra deema akka ture nutti hima. Dubartittiinis isa gowwoomsite. Yeroo harʼaattis, weeb saayitoonni fakkii fedhii saalqunnamtii kakaasu itti argamu ilaaluurraa fagaachuu qabna; teessoo Intarneetii fakkiiwwan kun irratti argaman banuu keenya dura gargaarsa Yihowaa argachuuf kadhachuu qabna.​—11/15, fuula 9-10.

• Waaʼee Waaqayyoo ijoollee barsiisuu kan qabu eenyu?

Haatiifi abbaan gorsa Macaafa Qulqulluutiin haala walsimuun waaʼee Waaqayyoo ijoolleesaanii barsiisuu qabu. (Fak.1:8; Efe. 6:4) Qorannoon gama kanaan godhame haatiifi abbaa waliin taʼanii ijoolleesaanii barsiisuun buʼaa akka qabu argisiiseera.​—Onk.-Mud. fuula 6-7.

• Hiriyaa gaaʼelaakee akka kabajju argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

Yeroo hiriyaan gaaʼelaakee waan tokko dubbachuu barbaadu dhaggeeffachuudhaan (Yaq. 1:19), dubbii gaarii warri kaan hiriyaa gaaʼelaa keetiif ilaalcha gaarii akka qabaatan godhu dubbachuufi garaagarummaa qabdan amantee fudhachuudhaan.​—Onk.-Mud. ful. 12-14.

• Hafuura qulqulluutiin geggeeffamuu kan qabnu maaliifi?

Tokkoffaa, ofiin of geggeessuu waan hin dandeenyeef hafuura Waaqayyootiin geggeeffamuuf fedhii qabaachuu qabna. (Er. 10:23) Lammaffaa, sababiin hafuura qulqulluutiin geggeeffamuu qabnu, Waaqayyo Ilmasaa hafuura kanaan geggeessee waan tureefidha. Sadaffaa, hafuura kana hin qabnu taanaan, hafuurri biyya lafaa inni jireenya namoota hedduu keessatti hojjechaa jiru karaarraa nu kaachisuu waan dandaʼuufidha. Afuraffaa namoonni hafuura kanaan geggeeffaman ija gaarii akka godhatan waan gargaaruufidha. (Gal. 5:22, 23)​—12/15, fuula 13-17.