Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Sirreeffama Gochuun Eebba Argamsiisa

Sirreeffama Gochuun Eebba Argamsiisa

Sirreeffama Gochuun Eebba Argamsiisa

Jamsi A. Toomsan Akka Dubbatetti

Bara 1928 yommuun kibba Yunaayitid Isteetisitti dhaladhe, namoonni adiifi gurraachi akka walitti hin makamne seeraan kan dhorkame ture. Seera kana cabsuun hidhamuu ykn wanta kanarra caalu namarraan geessisuu dandaʼa ture.

DHUGAA BAATONNI YIHOWAA bifa adiifi gurraachaa kutaawwan Yunaayitid Isteetis keessa jiraatan, walgaʼii gumii, aanaafi koonyaa kopha kophaatti gochuu qabu turan. Bara 1937 abbaankoo gumii warra gurraachaa Kaatanoogaa, Teenasii keessa jirutti kaampaanii sarvaanti (yeroo ammaa qindeessaa qaama jaarsolii jedhamu) taʼe. Henarii Nikoolaas immoo yeroo sanatti kaampaanii sarvaantii warra adii ture.

Yommuun ijoollee turetti halkan mana keenya boroo taaʼe, yeroo Abbayyeefi obboleessi keenya Nikoolaas haasaʼan dhaggeeffachaa akkan ture akka gaariittan yaadadha. Wanta isaan dubbatan hundaa hubachuu baadhus, haala yeroo sana ture keessatti hojii lallabaa raawwachuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe yommuu haasaʼan Abbayyee maddii taaʼee dhaggeeffachuun na gammachiisa ture.

Bara 1930⁠tti maatii keenyarra haalli gaddisiisaan gaʼee ture. Bara kanatti haatikoo umriishee waggaa 20⁠tti duute. Abbaankoo obboleettiikoo Dooris ishee umriinshee waggaa afur tureefi ana isa umriinkoo waggaa lama ture kophaasaa guddisuuf dirqame. Abbaankoo erga cuuphamee yeroo muraasa qofa taʼullee karaa hafuuraa guddina gaarii godhee ture.

Namoota Fakkeenya Gaarii Taʼuudhaan Jireenyakoo Jijjiiran

Bara 1933, Abbaankoo obboleettii gaarii Liilii Maayi Giwiindooliiyin Toomaas jedhamtuu wajjin wal baranii yeroo muraasa gidduutti gaaʼela godhatan. Abbayyeenis taʼe Harmeen amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluurratti anaafi Doorisiif fakkeenya gaarii turan.

Bara 1938 gumiiwwan jaarsolii ofumasaanii filachuu mannaa, waajjirri muummee Biruukiliin Niwuu Yoork jiru akka isaanii muudu yaada dhihaatu akka deggeran gaafatamanii turan. Obboloonni gumii Kaatanoogaa keessa turan tokko tokko jijjiirama kana fudhachuu kan didan taʼus, Abbayyeen sirreeffama jaarmiyaan Yihowaa godhe mamii tokko malee akka deggeru beeksiseera. Amanamaa taʼuudhaan fakkeenyi inni argisiiseefi deggersi Harmeen garaa guutuudhaan Abbayyeef gootu hamma harʼaatti na gargaaraa jira.

Cuuphamuufi Tajaajila Yeroo Guutuu

Bara 1940 obboloonni gumii keenya keessa turan hedduun, otoobisii kireeffatanii walgaʼii koonyaa Detirooyiti Miichigaanitti godhamurratti argamuuf deeman. Obboloota garee otoobisii keenya keessa turan keessaa muraasni achitti cuuphaman. Umriikoo waggaa shanii kaasee tajaajilarratti dammaqinaan hirmaachaa waanan tureef, yeroo kanatti hin cuuphamin hafuunkoo namoota tokko tokkotti gaaffii kaasee ture.

Maaliif akkan hin cuuphamne yommuu na gaafatan, “Cuuphamuuf maal gochuun akka na barbaachisu guutummaatti hin beeku” jedheen deebise. Abbayyeen yommuun akkas jedhu na dhagaʼee waan tureef baayʼee itti dhagaʼame. Yeroo sanaa kaasee cuuphaan maal akka taʼeefi cuuphamuun maaliif akka barbaachisu na hubachiisuuf carraaqqii dabalataa gochuu jalqabe. Anis jiʼa afur booda Onkoloolessa 1, 1940, guyyaa baayʼee qorru tokkotti, haroo magaalaa Kaatanoogaa ala jiru keessattan cuuphame.

Umriikoo waggaa 14⁠tti, gannaa yeroo manni barumsaa cufamu, qajeelchaa taʼee tajaajiluun jalqabe. Magaalota xixinnoo Teenasii keessa jiraniifi kutaa Joorjiyaa ollaashee taate keessatti lallabeera. Naannoo tajaajilaakoo dhaquuf ganama barii kaʼee, laaqanakoo qopheeffadhee saʼaatii 12⁠tti baabura ykn otoobisii yaabbadha. Gara manaatti kanan deebiʼus galgala keessaa gara saʼaatii 12⁠tti ture. Nyaanni ani qopheeffadhu yeroo baayʼee utuu saʼaatiin laaqanaa hin gaʼin na jalaa dhuma ture. Qarshii qabaadhus gurraacha waanan taʼeef, suuqii naannoo sana jiru seenee nyaata bitachuu hin dandaʼun ture. Gaaf tokko aayis kireemii bitachuuf suuqii tokko yommuun seenu na ariʼan. Taʼus dubartii adiin tokko gaarummaadhaan aayis kireemii alatti naa fidde.

Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa yommuun galu, Kibba biyyattii keessatti sochiin mirgaaf godhamu sadarkaa guddaarra gaʼee ture. Jaarmiyaawwan kanneen akka Naashinaal Asoseeshin foor Adivaansimenti oov Kalardi Piipil jedhaman barattoonni sochii kanarratti akka hirmaatan jajjabeessu turan. Nuyis miseensa akka taanu jajjabeeffamna turre. Mana barumsaa ani itti baradhu dabalatee, manneen barumsaa warra gurraachaa hedduun dhibbaa dhibbatti miseensa taʼuuf galma baafatan. Sochiin kun godhamuu yommuu jalqabu yaada “namoota qomoo keenya taʼan deggeraa” jedhu cina akkan dhaabadhu dhiibbaan narra gaʼa ture. Haataʼu malee, Waaqayyo qomoo tokko isa kaanirra akka hin caalchisne isaanii ibsuudhaan sochii kanarratti hirmaachuun dide. Jalʼina kana kan sirreessu Waaqayyo akka taʼen amana.—Yoh. 17:14; HoE. 10:34, 35.

Barumsa sadarkaa lammaffaa akkuman xumureen, Niwuu Yoork Siitii dhaqee jiraachuufan murteesse. Haataʼu malee utuun achi hin gaʼin, michootakoo warran walgaʼii koonyaarratti wal bare dubbisuuf Filaadelfiyaa, Pensilvaaniyaattan gore. Walgaʼii obboloonni adiifi gurraachi irratti hirmaatanirratti yeroo jalqabaatiif kanan argame bakka kanatti ture. Daawwataan olaanaa aanaa yeroo jalqabaatiif yommuu gumicha daawwatu, kophaatti na waamee, walgaʼii ittaanurratti kutaan tokko akka naa kenname natti hime. Kunis gumii kana keessa turuuf akkan murteessu na godheera.

Michootan iddoo kanatti baafadhe keessaa tokko shamarree Geeraaldiin Waayit jedhamtuufi ani Geerii jedhee waamudha. Macaafa Qulqulluu akka gaariitti kan beektu siʼa taʼu, tajaajila manaa gara manaatti itti fayyadamuurrattis muuxannoo qabdi turte. Keessumaa akkumakoo qajeelchaa taʼuuf galma qabaachuunshee anaaf iddoo guddaa qaba ture. Aniifi Geeriin Ebla 23, 1949 gaaʼela godhanne.

Giilʼaaditti Waamamuu

Jalqabumaa kaasee galmi keenya, Mana Barumsaa Giilʼaad galuufi biyya alaatti misiyoonii taanee tajaajiluu ture. Ulaagaa Giilʼaad galuuf nu barbaachisu guutuuf jecha haala keenyarratti sirreeffama gochuuf qophaaʼoo turre. Kanaaf, utuma baayʼee hin turin, Lawunsaayid, Niwuu Jeersiitti, achiis Cheestar, Pensilvaaniyaatti, dhumarrattis Atlaantik Siitii, Niwuu Jeersii akka jiraannu gaafatamne. Utuu Atlaantik Siitii keessa jirruu gaaʼela erga godhannee waggaa lama waan guunneef, Giilʼaaditti iyyannoo galfachuuf ulaagaa barbaachisu guunneerra. Haataʼu malee, iyyaannoon keenya yeruma sana deebii hin arganne. Sababiinsaa maal ture?

Waggoota jalqaba bara 1950mmaniitti dargaggoonni dhiiraa hedduun Kooriyaa dhaqanii waraanarratti akka hirmaatan dirqisiifamu turan. Boordiin Filaadelfiyaa dhimma kana ilaalu, Dhugaa Baatonni Yihowaa waraanarratti waan hin hirmaanneef haalaalatti jibba kan qabu fakkaata ture. Dhumarratti abbaan seeraa tokko, qorannoon jaarmiyaan Biiroo Federaalaa Yakka Sakattaʼu (FBI) jedhamu seenaa koorratti godhe, waraana keessatti tajaajiluurraa walaba taʼuuf ragaa cimaa akka taʼu natti hime. Kanaaf Amajjii 11, 1952, Pireezidaantiin Boordii Ol Iyyannoo, tajaajilaa waanan taʼeef waraqaan eenyummaa 4-D jedhamu akka naa kennamu heyyame.

Jiʼa Adoolessaa waggaa kanaatti, aniifi Geeriin Mana Barumsaa Giilʼaad kutaa 20⁠ffaa isa Fulbaana jalqaburratti akka hirmaannu afeeramne. Yeroo barumsarra turretti biyya alaatti ramadamna jennee yaannee turre. Yeroo kanatti obboleettiinkoo Dooris Giilʼaad kutaa 13⁠ffaa barattee Biraaziilitti tajaajilaa turte. Aniifi Geeriin gumiiwwan obboloota gurraachaa kibba Alaabaamaa jiran akka daawwannu ramadamuu keenya yommuu beeknu baayʼee dinqisiifamne. Biyya alaatti akka tajaajillu waan eegneef kun hamma tokko nu gaddisiisee ture.

Gumiin yeroo jalqabaatiif daawwanne Hantisiviili keessatti argama. Yommuu achi geenyu bakka buufannu gara mana obboleettii tokkoo dhaqne. Miʼa keenya konkolaataarraa buusaa utuu jirruu yommuu isheen bilbilaan, “Ijoolleen dhufaniiru!” jettu dhageenye. Umriin keenya waggaa 24 taʼus baayʼee ijoollee fakkaanna turre. Yommuu naannoo sana keessa tajaajilutti maqaa masoo “Ijoollee” jedhuun waamamna turre.

Namoonni naannoo sana gara Kibbaa jiran baayʼeensaanii Macaafa Qulqulluutiif iddoo guddaa waan kennaniif, naannoon sun Baayibil Beelti jedhamee waamama ture. Kanaaf yeroo baayʼee akkaataa dhiheenyaa armaan gad jiran sadanitti fayyadamnee maree jalqabna turre:

(1) Haala addunyaa ilaalchisee yaada gabaabaa dubbachuu.

(2) Furmaata Macaafni Qulqulluun kennu caqasuu.

(3) Wanta gochuu qabnu ilaalchisee waan Macaafni Qulqulluun jedhu dubbachuu.

Achiis kitaaba Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gargaaru kenninaaf. Akkaataan dhiheenyaa kun buʼa qabeessa waan taʼeef, Walgaʼii Guddaa Niwuu Worlid Soosaayitii jedhuufi bara 1953 Niwuu Yoorkitti godhamerratti kutaa tokko akkan dhiheessu naa kenname. Walgaʼii kanarratti hojiin argisiisa qabxii sadan kana argisiisan dhiheesseen ture.

Utuma baayʼee hin turin, ganna bara 1953, daawwataa olaanaa koonyaa taʼee gumiiwwan warra gurraachaa Kibba jiran akkan daawwadhun ramadame. Naannoon tajaajilaa keenya Varjiiniyaadhaa kaasee hamma Filooridaatti, akkasumas lixaan hamma Alaabaamaafi Teenasiitti balʼata ture. Daawwattoonni olaanaa haala jiruu wajjin walsimuun barbaachisaa ture. Fakkeenyaaf, yeroo baayʼee manneen bishaan boombaa hin qabne keessa jiraanna, akkasumas boombaa qalloo bakka ibidda itti bobeessan duuba jirtutti dhiqanna turre. Taʼus iddoon kun manicha keessaa bakka hunda caalaa hoʼu taʼuunsaa nama gammachiisa.

Rakkina Sanyiidhaan Wal Qoqqooduu

Kibba keessa tajaajiluun waan tokko gochuuf durasaanii yaaduufi beekumsa qabaachuu gaafata. Namoonni gurraacha taʼan mana wayyaan itti miicamutti fayyadamuun hin heyyamamuuf ture. Kanaaf Geeriin achi dhaqxee wayyaan sun kan “Aadde Toomsan akka taʼe isaanii ibsiti turte. Namoonni baayʼeen isheen hojjettuu akka taate, “Aadde Toomsan immoo haadha manichaa kan taate isaanitti fakkaata ture. Daawwataan olaanaa koonyaa fiilmii Za Niwuu Worlid Soosaayitii in Akishin jedhamu yommuu argisiisu suuqii tokkotti bilbileen “Obbo Toomsaniif” televijiinii guddaa tokko akka qopheessu abbaa suuqichaatti hime. Booda gara suuqichaa dhaqeen fuudhe. Yeroo hunda namoota waan kabajnuuf tajaajila keenya rakkina tokko malee raawwanna turre.

Rakkinni gara biraanis kan ture siʼa taʼu, kunis namoota gara Kaabaatii dhufanitti jibba argisiisuudha. Gaazexaan naannoo sanatti maxxanfamu yeroo tokko, Jamsi A. Toomsan, Jr. inni Wochtaawar Baayibil eend Tiraakti Soosaayitii oov Niwuu Yoorkirraa dhufe walgaʼii guddaa tokkorratti haasaa akka dhiheessu gabaasee ture. Namoonni gaazexaa kana dubbisan tokko tokko Niwuu Yoorkirraa kan dhufe ana akka taʼetti waan yaadaniif waliigaltee galma mana barumsaa kireeffannee walgaʼii itti gochuuf goone nu jalaa diigan. Kanaaf gara boordii mana barumsichaa dhaqeen, mana barumsaa Kaataanoogaatti akka hin fayyadamne na dhorkuusaaniin ibse. Achiis walgaʼii aanaa akka goonu heyyamni nuu kenname.

Walakkeessa baroota 1950mmaniitti jibbiinsi sanyii sadarkaa guddaarra gaʼee waan tureef, yeroo tokko tokko gooliin ni uumama ture. Walgaʼiiwwan koonyaa hedduu bara 1954 godhamanirratti namni gurraachi haasaa dhiheesse tokkollee waan hin turreef Dhugaa Baatonni tokko tokko mufatanii turan. Nuyis obboloonni keenya gurraacha taʼan obsa akka qabaatan isaan jajjabeessine. Ganna ittaanutti haasaa akkan dhiheessuufan ramadame. Sana booda obboloonni Kibba jiraniifi gurraacha taʼan hedduun walgaʼiirratti haasaa kennuu jalqaban.

Yeroo booda gooliin sababii sanyiitiin Kibba keessatti uumamu hirʼachaa waan adeemeef, gumiiwwan suutuma suuta walitti makamuu jalqaban. Kunis babalʼistoota gumii addaddaatti ramaduu, naannoo gumiifi obboloota itti gaafatamummaa qabanirratti jijjiirama gochuu kan gaafatu ture. Haataʼu malee, obboloonni gurraachis taʼan adiin tokko tokko qophii haaraa kana hin fudhanne. Obboloonni baayʼeen garuu akkuma Abbaa keenya isa samii nama kan wal hin caalchifne turan. Kana malees, bifnisaanii maaliyyuu yoo taʼe obboloonni baayʼeen michuu walii taʼuu dandaʼaniiru. Baroota 1930fi 1940mmanii yommuun ijoollee turetti maatiin keenya haala akkasii keessa ture.

Hojii Haaraa

Amajjii 1969, aniifi Geeriin Guyaanaa ishee Kibba Ameerikaatti argamtu akka dhaqnu afeerriin kan nuu dhihaate siʼa taʼu, nutis gammachuudhaan fudhanne. Jalqaba garuu leenjii hojii lallabaa Guyaanaatti hojjetamu olaantummaadhaan toʼachuuf na gargaaru fudhachuuf Biruukiliin, Niwuu Yoork dhaqne. Achiis, Adoolessa 1969 bakka ramaddii keenyaa geenye. Waggaa 16f hojii daawwannaarratti hirmaachaa erga turree booda, iddoo tokko taaʼuun sirreeffama guddaa gochuu kan gaafatu ture. Geeriin misiyoonii taatee guyyaa guutuu tajaajilarratti kan hirmaattu siʼa taʼu, animmoo waajjira damee keessattan hojjedha ture.

Hojiinkoo marga haamuurraa kaasee, gumiiwwan 28tiif barreeffamoota erguufi waajjira muummee Biruukiliinii wajjin wal qunnamuuf waan hunda hojjechuu kan dabalatu ture. Guyyaa guyyaadhaan saʼaatii 14 hanga 15iin hojjedha. Hojiin lamaan keenyayyuu hojjennu ulfaataa taʼus, gammachuudhaan raawwanna turre. Yommuu nuyi achi dhaqne babalʼistoonni Guyaanaa keessa turan 950 siʼa taʼu, yeroo ammaa garuu 2,500 ol taʼaniiru.

Qilleensa gaarii, akkasumas fuduraafi kuduraa adda taʼan nyaachuu keenyatti kan gammannu taʼus, wanti caalaatti nu gammachiisu namoonni gad of deebisanii dhugaa Macaafa Qulqulluu barbaadan, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo yommuu bartan arguu keenyadha. Geeriin yeroo baayʼee torbanitti namoota 20 Macaafa Qulqulluu kan qayyabsiistu siʼa taʼu, namoonni nuyi qayyabsiisne baayʼeenis cuuphamaniiru. Namoota kana keessaa tokko tokko yeroo booda, qajeelchaa, jaarsa gumii, akkasumas misiyoonii taʼuuf jecha Giilʼaad galaniiru.

Rakkoo Keessumaa Fayyaa Wajjin Wal Qabate

Bara 1983 warrikoo Yunaayitid Isteetis keessa jiran gargaarsi isaan barbaachise. Kanaaf, Dooris, Geeriifi ani waliin mariʼanne. Dooris, Biraaziil keessatti misiyoonii taatee waggaa 35 kan tajaajilte siʼa taʼu, deebitee warra keenya kunuunsuu filatte. ‘Namni tokko isaan kunuunsuu utuu dandaʼuu misiyoononni lama maaliif tajaajilarraa deebiʼu?’ jette. Warri keenya erga duʼanii boodas, Dooris Kaataanoogaa keessa turuudhaan qajeelchaa addaa taatee tajaajiluushee itti fufteetti.

Bara 1995 dhibee pirosteet kaansariitiin waanan qabameef gara Yunaayitid Isteetisitti deebiʼuun na barbaachisee ture. Achiis Gooldisboroo, Kaaba Kaarooliinaa keessa jiraachuu kan jalqabne siʼa taʼu, iddoon kun Teenasii bakka warrikoo jiraataniifi Pensilvaaniyaa bakka warri Geerii jiraatan gidduutti argama. Achiis dhukkubni kun natti fooyyaʼaa waan adeemeef, utuma dhibee fayyaa qabnuu gumii Gooldisbooroo jiru keessatti qajeelchaa addaa taanee.

Waggoota 65 tajaajila yeroo guutuurratti dabarsine gara boodaatti deebiʼee yommuun yaadu, isa tajaajiluuf sirreeffama gochuu keenyaan Yihowaan anaafi Geerii waan eebbiseef guddaan isa galateeffadha. Daawit, ‘nama amanama taʼetti Yihowaan amanamummaa ni argisiisa’ jedhee dubbachuunsaa dhugaadha.—2 Sam. 22:26, NW.

[Fakkii fuula 3⁠rra jiru]

Abbaankoofi Obboleessi keenya Nikoolaas fakkeenya gaarii naa taʼaniiru

[Fakkii fuula 4⁠rra jiru]

Bara 1952 Geerii wajjin Giilʼaad dhaquuf yommuu jennu

[Fakkii fuula 5⁠rra jiru]

Erga Giilʼaad gallee booda hojii daawwannaa raawwachuuf Kibbatti ramadamne

[Fakkii fuula 6⁠rra jiru]

Daawwattoonni olaanaafi haadhotiin manaasaanii walgaʼii koonyaa bara 1966 namoonni gurraachiifi adiin waliin godhanirratti argamuuf qophaaʼaa utuu jiranii

[Fakkii fuula 7⁠rra jiru]

Guyaanaa keessatti misiyoonii taʼanii tajaajiluun kan nama gammachiisu ture