Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Dhiifama Kan Godhu Taʼuunsaa Siif Hiika Maalii Qaba?

Yihowaan Dhiifama Kan Godhu Taʼuunsaa Siif Hiika Maalii Qaba?

‘Waaqayyo, ooʼa-qabeessaafi araara qabeessa; aariitti suuta-jedhaa dha; yakka irra-daddarbaa, cubbuus namaaf in dhiisa.’​—BAU. 34:6, 7.

1, 2. (a) Yihowaan Israaʼelootaaf Waaqa akkamii taʼuusaa mirkaneessee ture? (b) Mataduree kana keessatti gaaffii kam qorra?

BARA Nahimiyaatti gareen Lewwootaa tokko, kadhannaa namoota duratti dhiheessaniin abbootiinsaanii irra deddeebiʼuudhaan Yihowaadhaaf ‘abboomamuu akka didan’ ibsanii turan. Haataʼu malee Yihowaan, ‘ooʼa-qabeessaafi araara qabeessa, aariitti suuta-jedhaa, gaarummaansaafi amanamummaansaa guddaa’ akka taʼe irraa deddeebiʼee mirkaneesseera. Yihowaan, Israaʼeloota bara Nahimiyaatti boojuudhaa biyyasaaniitti deebiʼanitti gaarummaa guddaa argisiisuusaa itti fufee ture.​—Nah. 9:16, 17.

2 Hundi keenya dhuunfaatti ‘Yihowaan dhiifama kan godhu taʼuunsaa anaaf hiika maalii qaba?’ jennee of gaafanna taʼa. Gaaffii barbaachisaa taʼe kanaaf deebii argachuuf, akkaataa mootonni lamaan jechuunis, Daawitiifi Minaaseen dhiifama Yihowaan isaanii godherraa faayidaa itti argatan haa qorru.

CUBBUU CIMAA DAAWIT RAAWWATE

3-5. Daawit cubbuu cimaa kan raawwate akkamitti?

3 Daawit nama Waaqayyoon sodaatu kan ture taʼus, cubbuu cimaa raawwateera. Cubbuu inni raawwate keessaa lama, hiriyoota gaaʼelaa kan taʼan Uriiyaafi Baat Sheebaa wajjin kan wal qabatedha. Cubbuun raawwatame kun, Daawit, Uriiyaafi Baat Sheebaarratti miidhaa guddaa geessiseera. Haataʼu malee, akkaataan Waaqayyo Daawitiin itti sirreesse, dhiifama Yihowaan godhu ilaalchisee waan hedduu nu barsiisa. Mee wanta raawwatame ilaalaa.

4 Daawit loltoonni Israaʼel mandara guddoo Amoonotaa kan taate Raabaa akka weeraran erge. Iddoon kun, mandara Yerusaalemirraa kallattii bahaatiin gara kiilomeetira 80 fagaatee Laga Yordaanos gamatti argama. Yeroo kanatti, Daawit bantii mana mootummaasaa isa Yerusaalem jirurra dhaabatee Baat Sheebaa isheen abbaa manaa qabdu utuu dhagnashee dhiqattuu arge. Abbaan manaashee dirree waraanaa deemee ture. Daawit, Baat Sheebaa yommuu ilaaletti ishee argachuu waan hawweef, gara mana mootummaasaatti fichisiisuudhaan ishee wajjin ejja raawwate.​—2 Sam. 11:1-4.

5 Daawit, Baat Sheebaan ulfaaʼuushee yommuu beeku, Uriiyaan ishee wajjin saalqunnamtii akka raawwatu yaaduudhaan Yerusaalemitti akka deebiʼu godhe. Yeroo kanatti Daawit cimsee isa jajjabeessus, Uriiyaan manasaattillee hin seenne. Kanaaf mootichi, Uriiyaa “iddoo lolli baayʼee jabaatee jiru[tti]” akka isa ramaduufi loltoonni kaan kophaatti isa dhiisan akka baqatan akka godhu iccitiidhaan ajajaa waraanaasaatiif xalayaa barreesse. Uriiyaan akkuma Daawit yaade waraanarratti waan duʼeef, kaayyoonsaa galma gaʼe. (2 Sam. 11:12-17) Mootichi ejja raawwachuu malees nama qulqulluu ajjeesuudhaan cubbuu dabalataa hojjete.

DAAWIT ILAALCHASAA JIJJIIREERA

6. Cubbuu Daawit raawwate ilaalchisee Waaqayyo maal godhe? Kunoo waaʼee Yihowaa maal mulʼisa?

6 Yihowaan wanta raawwatame hunda argee akka ture beekamaadha. Wanti isa duraa dhokatu hin jiru. (Fak. 15:3) Daawit sana booda Baat Sheebaa kan fuudhe taʼus, “wanti hamaan Daawit godhe kun Waaqayyoon in gaddisiise.” (2 Sam. 11:27) Maarree, Waaqayyo cubbuu cimaa Daawit raawwate kana ilaalchisee maal godhe? Raajiisaa kan taʼe Naataaniin Daawititti erge. Yihowaan Waaqa dhiifama namaa godhu waan taʼeef, wanta dhiifama gochuuf buʼuura taʼu barbaadaa akka ture hin shakkisiisu. Akkaataan Yihowaan dhimma kanaaf furmaata itti kenne si hin gammachiisuu? Yihowaan, Daawit cubbuusaa akka himatu gochuu mannaa, cubbuun Daawit raawwate cimaa taʼuusaa argisiisuuf, Naataan fakkeenya tokko mootichatti akka himu godhe. (2 Saamuʼel 12:1-4 dubbisi.) Dhimma of eeggannoo barbaadu kanaaf karaa kanaan furmaata kennuun buʼa qabeessa ture!

7. Daawit fakkeenya Naataan dubbateef deebii akkamii kenne?

7 Fakkeenyi Naataan dubbate miira mootichi firdii qajeelaadhaaf qabu kakaasee ture. Daawit nama sooressa fakkeenya sana keessatti caqasametti aaruudhaan, Naataaniin, “Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti! Namicha akkas godhe sanaaf duʼatu taʼa!” jedhe. Kana malees, Daawit nama miidhaan irra gaʼe sanaaf wanti jalaa fudhatame sun bakka buufamuufii akka qabu dubbate. Haataʼu malee, ittaansuudhaan wanta baayʼee nama naasisu tokkotu taʼe. Naataan, “Namni kana godhe si!” isaan jedhe. Achiis gochasaa kanaan kan kaʼe, “billaan” mana Daawit keessaa akka hin dhabamneefi balaan maatiisaarra akka gaʼu itti hime. Kana malees, balleessaa raawwate kanaaf namoota duratti akka yeellaʼu godhama. Daawit gochisaa kun cimaa taʼuusaa hubatee gaabbuudhaan, “Ani Waaqayyoon yakkeera” jedhe.​—2 Sam. 12:5-14.

KADHANNAA DAAWITIIFI DHIIFAMA WAAQAYYO GODHEEF

8, 9. Faarfannaan 51 wanta Daawit itti dhagaʼame kan ibse akkamitti? Faarfannaan kun waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa?

8 Faarfannaan Daawit Mootichi sana booda qindeesse tokko hangam garaadhaa akka gadde argisiisa. Faarfannaan 51 kadhannaa Daawit garaadhaa Yihowaatti dhiheesse kan qabate siʼa taʼu, Daawit cubbuusaa amanuu caalaa wanta raawwate akka qabus ifatti argisiisa. Cubbuu raawwateefis yaada garaa geddarateera. Daawit wanti hunda caalaa isa yaaddesse walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabu ture. “Ani si yakkeera, siʼuma duwwaan yakkes” jedhee dubbateera. Daawit, “Garaa qullaaʼaa anaaf uumi, yaa Waaqayyo! Hafuura dhaabataas ana keessatti haaressi! . . . Gammachuu isa fayyisuu kee keessaa argamu, iddootti anaaf deebisi, siif abboomamuudhaaf hafuura na gargaaru anaaf kenni!” jedhee kadhannaa cimaa Yihowaatti dhiheesseera. (Far. 51:1-4, 7-12) Atoo akka Daawit, dogoggorakee Yihowaatti garaadhaa ni himtaa?

9 Yihowaan miidhaa cimaa cubbuun Daawit isatti fidu akka isarra hin geenye hin goone. Rakkoowwan cubbuu kanaan isatti dhufan jireenyasaa guutuu kan itti fufanidha. Haataʼu malee, Yihowaan Daawit yaada garaa geddarachuu, jechuunis “garaa cabaadhaaf bullaaʼaa” qabaachuusaa waan hubateef dhiifama godheeraaf. (Faarfannaa 32:5, dubbisi; Far. 51:17) Waaqni Hundumaa Dandaʼu ilaalchaafi kakaʼumsa namni tokko cubbuu akka raawwatu isa godhe ni hubata. Yihowaan namoonni kun akka Seera Museetti namootaan itti faradamee akka ajjeefaman heyyamuu mannaa, ooʼa argisiisuudhaan dhimma Daawitiifi Baat Sheebaa ofumasaatiin hiikuuf murteesseera. (Lew. 20:10) Waaqayyo, ilmisaanii Solomoon ittaansee mootii Israaʼel akka taʼu godheera.​—1 Sen. 22:9, 10.

10. (a) Yihowaan Daawitiif dhiifama akka godhu buʼuura kan taʼe maal ture? (b) Yihowaan dhiifama akka godhu kan isa kakaasu maalidha?

10 Sababii garabiraan Yihowaan Daawitiif dhiifama akka godhu isa kakaase, tarii Daawit Saaʼoliif ooʼa argisiisuusaa taʼuu dandaʼa. (1 Sam. 24:4-7) Akkuma Yesus dubbate Yihowaan akka nuyi namoota qabnutti nu qaba. Yesus, “Waaqayyo akka isinitti hin farannetti isin namatti hin faradinaa! Firdiidhuma isin namatti faraddaniin isinittis in faradama; qodaa safaraa isin itti namaaf safartanitti isiniifis in safarama” jedheera. (Mat. 7:1, 2) Yihowaan cubbuu cimaa kanneen akka ejjaafi ajjeechaa jiraniifillee dhiifama kan nuu godhu taʼuusaa beekuun baayʼee nama gammachiisa! Inni dhiifama kan nuu godhu, dhiifama kan goonu, cubbuu keenya isatti kan himannuufi gocha keenya isa gadheerraa yaada garaa kan geddarannu yoo taʼedha. Namni cubbuu hojjete tokko qalbiisaa yommuu geddaratu, “yeroon haareffamuu,” jechuunis yaada garaa qulqulluu qabaachuu Yihowaa biraa ni dhufaaf.​—Hojii Ergamootaa 3:19 dubbisi. *

MINAASEEN CUBBUU CIMAA HOJJETUS QALBII GEDDARATEERA

11. Minaasee Mootichi wanta Waaqayyo duratti gadhee taʼe akkamii raawwate?

11 Seenaa Caaffata Qulqullaaʼoo Yihowaan dhiifama gochuuf fedhii guddaa akka qabu argisiisu garabiraas ilaalaa. Minaaseen mootii Yihudaa kan taʼe, Daawit erga mootii taʼee gara waggaa 360 booda ture. Bulchiinsisaa inni waggaa 55f ture hammeenyaan kan beekamu siʼa taʼu, gochisaa inni ciiggaasisaanis Yihowaan akka isatti dheekkamu godheera. Minaaseen, Baʼaaliif iddoo aarsaa ijaareera; “macca bantiiwwan waaqaa keessa jiran hundumaaf” sagadeera; ilmaansaa ibiddaan gubee aarsaa godheera; akkasumas gocha hafuurota xuraaʼoo babalʼiseera. “Akkasitti wanta hamaa baayʼee hojjechuu isaatiin dheekkamsa Waaqayyoo of irratti in fide.”​—2 Sen. 33:1-6.

12. Minaaseen gara Yihowaatti kan deebiʼe akkamitti?

12 Minaaseen dhumarratti biyyasaatii Baabilonitti geeffamee hidhame. Iddoo kanatti wanta Museen, “Isin yeroo rakkattan, dubbiin kun hundinuus yeroo isin irra gaʼu, bara booddeetti gara Waaqayyo gooftaa keessaniitti in deebitu, dubbii isaatiifis in abboomamtu” jechuudhaan Israaʼelootatti dubbate kan yaadate fakkaata. (Kes. 4:30) Kanaafis gara Yihowaatti deebiʼeera. Akkamitti? (Akkuma fuulaa 21⁠rratti mulʼatu) Minaaseen “guddaa gad of in deebise”; akkasumas Waaqayyoon in “kadhate.” (2 Sen. 33:12, 13) Wanti Minaaseen kadhannaasaarratti caqase barreeffamaan jiraachuu baatus, kadhannaa Daawit Mootichi dhiheesseefi Faarfannaa 51⁠rra jiruu wajjin akka wal fakkaatu tilmaamuu dandeenya. Sanas taʼe kana Minaaseen guutummaatti yaada garaa geddarateera.

13. Yihowaan Minaaseedhaaf dhiifama kan godhe maaliifi?

13 Yihowaan kadhannaa Minaaseen dhiheesseef deebii akkamii kenne? “Inni Waaqayyoon yommuu kadhate Waaqayyo immoo kadhata [Minaasee] dhagaʼeef.” Minaaseen akkuma Daawit isa isa dura turee, cubbuunsaa cimaa taʼuusaa hubachuudhaan guutummaatti yaada garaa geddarateera. Waaqayyo isaaf dhiifama gochuudhaan Yerusaalemitti deebiʼee mootii akka taʼu kan isa godhe kanaaf ture. Kanaan kan kaʼes, “Minaaseen Yihowaan Waaqa dhugaa taʼuusaa hubate.” (2 Sen. 33:13, NW) Waaqayyo namoota dhugumaan yaada garaa geddarataniif dhiifama akka godhu ragaa dabalataa argachuun baayʼee nama gammachiisa!

YIHOWAAN YEROO HUNDUMAA DHIIFAMA GODHAA?

14. Yihowaan nama cubbuu raawwate tokkoof dhiifama akka godhu kan murteessu maalidha?

14 Saba Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran keessaa namoonni cubbuu cimaa akka Daawitiifi Minaaseen raawwataniif dhiifama argachuun isaan barbaachisu muraasadha. Taʼus, Yihowaan mootota kana lamaaniif dhiifama akka godhe beekuun keenya, Waaqni keenya namni tokko dhugumaan yoo yaada garaa geddarate cubbuu cimaafillee dhiifama gochuuf fedhii akka qabu hubachuuf nu gargaara.

15. Yihowaan battalumaan dhiifama akka hin goone akkamitti beekna?

15 Dhugaadha, Yihowaan ilmaan namootaa hunda cubbuusaaniitiif battalumaan dhiifama godha jennee dubbachuu hin dandeenyu. Kana ilaalchisee amala Daawitiifi Minaaseen argisiisan, amala namoonni Israaʼeliifi Yihudaa warri abboomamoo hin taane argisiisanii wajjin walbira qabnee haa ilaallu. Waaqayyo Daawitiin amalasaa geddarachuuf carraa akka argatuuf Naataan dhaqee akka isa haasofsiisu godhe. Daawit afeerrii kana gammachuudhaan fudhateera. Minaaseenis rakkina cimaa keessa yommuu galetti dhugumaan yaada garaa geddarachuuf kakaʼeera. Namoonni Israaʼeliifi Yihudaa garuu yeroo baayʼee yaada garaa hin geddaranne. Kanaaf Yihowaan dhiifama isaaniif hin goone. Kanaa mannaa ilaalcha Yihowaan abboomamuu diduusaaniitiif qabu akka isaan akeekkachiisaniif raajotasaa irra deddeebiʼee itti ergeera. (Nahimiyaa 9:30 dubbisi.) Boojuu Baabilon jalaa gara biyyasaaniitti erga deebiʼanii boodallee, namoota amanamoo akka Izraa lubichaafi Miilkiyaas raajichaa isaanitti erguusaa itti fufeera. Sabichi fedha Yihowaa wajjin haala walsimuun yommuu jiraatu gammachuu guddaa argata ture.​—Nah. 12:43-47.

16. (a) Sabni Israaʼel yaada garaa geddarachuu dhiisuunsaanii maal isaanirraan geessise? (b) Namoonni dhalootaan Israaʼel taʼan dhuunfaadhaan maal argachuu dandaʼu?

16 Yihowaan, Yesus gara lafaa dhufee aarsaa furii mudaa hin qabne erga dhiheessee booda, aarsaa horii Israaʼeloonni dhiheessan hambiseera. (1 Yoh. 4:9, 10) Yesus yommuu nama taʼee lafarra turetti ilaalcha Abbaasaa akka qabu argisiiseera. Akkas jedheera: “Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ishee raajota ajjeeftuu, warra sitti ergamanis dhagaadhaan rukuttuu, indaanqoon cuucota ishee qoochoo ishee jalatti akkuma walitti qabatutti, siʼa meeqan ijoollee kee walitti qabuu barbaade; atii fi ijoolleen kee garuu hin barbaanne. Ilaa, manni keessan onee in hafa.” (Mat. 23:37, 38) Kanaaf, sabni cubbamaafi yaada garaa hin geddaranne sun Israaʼel hafuuraatiin bakka buufame. (Mat. 21:43; Gal. 6:16) Haataʼu malee, namoonni dhalootaan Israaʼel taʼan dhuunfaadhaan cubbuusaaniitiif dhiifama argachuu ni dandaʼuu? Eeyyee! Waaqayyoofi aarsaa furii Yesus Kiristositti amanuudhaan dhiifama Yihowaan godhuufi ooʼa inni argisiisurraa fayyadamuu ni dandaʼu. Carraan kun namoota utuu cubbuusaaniirraa yaada garaa hin geddaratin duʼaniifi lafa jannata taaturratti duʼaa kaafamaniifis ni banama.​—Yoh. 5:28, 29; HoE. 24:15.

DHIIFAMA YIHOWAAN GODHURRAA FAYYADAMUU

17, 18. Dhiifama Yihowaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Yihowaan dhiifama gochuuf fedhii qabaachuusaatti maaltu nutti dhagaʼamuu qaba? Tarkaanfii Daawitiifi Minaaseen fudhatanii wajjin wal fakkaatu fudhachuu qabna. Cubbamoo taʼuu keenya hubachuu, yaada garaa geddarachuu, Yihowaan dhiifama akka nuu godhu cimsinee kadhachuufi garaa qulqulluu qabaachuuf akka nu gargaaru isa gaafachuu qabna. (Far. 51:10) Kana malees, cubbuu cimaa yoo raawwanne, jaarsoliin karaa hafuuraa gargaarsa akka nuu godhan isaan gaafachuu qabna. (Yaq. 5:14, 15) Haalli keenya maaliyyuu yoo taʼe, yaanni Yihowaan waaʼee ofiisaa Museetti dubbate nu jajjabeessa. Ani “Waaqayyo isa ooʼa-qabeessaa fi araara qabeessa; aariitti suuta-jedhaa dha; gaarummaan koo fi amanamummaan koo guddaa dha. Ani gaarummaa koo dhaloota kumaatamaaf jabeessee kanan eeguu dha; yakka irra-daddarbaa, cubbuus namaaf nan dhiisa” jedheera. Harʼas taanaan Yihowaan hin jijjiiramne.​—Bau. 34:6, 7.

18 Yihowaan Israaʼeloota yaada garaa geddarataniif cubbuusaanii isa akka “dhiigaa” taʼe akka “cabbii” akka addeessu, jechuunis guutummaatti dhiifama akka isaanii godhu fakkeenya cimaatti fayyadamee ibseera. (Isaayaas 1:18 dubbisi.) Kanaaf dhiifamni Yihowaan godhu nuuf hiika akkamii qaba? Kan galateeffannuufi yaada garaa kan geddarannu taanaan cubbuufi irra daddarbaa keenyaaf guutummaatti dhiifama argachuu dandeenya.

19. Mataduree ittaanurratti waaʼee maalii qorra?

19 Walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnurratti, fakkeenya Yihowaan dhiifama nuu gochuudhaan taʼe hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Namoota cubbuu cimaa kan hojjetan taʼus, dhugumaan yaada garaa geddarataniif dhiifama gochuu diduurraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? Matadureen ittaanu Yihowaa Abbaa keenya isa ‘namaaf cubbuu isaa dhiisu’ akka gaariitti fakkaachuu akka dandeenyutti garaa keenya qoruuf nu gargaara.​—Far. 86:5.

[Miiljalee]

^ key. 10 Hojii Ergamootaa 3:19 (NW): “Kanaaf cubbuun keessan akka isinii haqamuuf yaada garaa geddaradhaa; deebiʼaas; Yihowaa biraas yeroon haareffamuu isiniif in dhufa.”