Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaabbii Malee Tajaajiluu

Gaabbii Malee Tajaajiluu

“Wanta na booddeetti hafe yaaduu dhiisee, wanta na dura jirutti nan hiixadha.”​—FILP. 3:13.

1-3. (a) Gaabbiin maalidha? Dhiibbaa nurratti gochuu kan dandaʼuhoo akkamitti? (b) Gaabbii malee Waaqayyoon tajaajiluu ilaalchisee Phaawulosirraa maal barachuu dandeenya?

NAMNI barreessaa walaloo taʼe tokko, “Jechoota dubbataman ykn barreeffaman keessaa kan baayʼee nama gaddisiisu jecha ‘Utuun akkas godheera taʼee!’ jedhudha” jedheera. Barreessan kun Joon Wiitiiyer kan jedhamu yommuu taʼu, wantoota itti gaabbinuufi ‘utuu amma taʼee akkas hin godhun ture’ jennu caqaseera. ‘Gaabbiin’ wanta raawwatame ykn tarii utuu hin raawwatamin hafe tokkotti garmalee gadduu siʼa taʼu, “lammata booʼuu” jedhamuu dandaʼa. Hundi keenya wanta ‘utuun akkas godheera taʼee’ jennu raawwanneerra. Atoo waan itti gaabbitu qabdaa?

2 Namoonni tokko tokko jireenyasaanii keessatti dogoggora itti gaddan, akkasumas cubbuu cimaa raawwataniiru. Kaanimmoo wanta gadhee raawwachuu baatanis filannaan isaan jireenyasaanii keessatti godhan tokko tokko dhugumaan sirrii taʼuufi dhiisuunsaa isaan yaaddessa. Namoonni tokko tokko wanta darbe yaaduu dhiisanii jireenyasaanii gara fuulduraarratti xiyyeeffachuusaanii itti fufuu dandaʼaniiru. Kaanimmoo, “utuun akkas godheera taʼee” jedhanii wanta darbetti dhiphatu. (Far. 51:3) Atoo akka warra kamii sitti dhagaʼama? Dandaʼamnaan harʼaa kaastee gaabbii malee Waaqayyoon tajaajiluu barbaaddaa? Seenaa dhugaa gama kanaan fakkeenya nuu taʼuu dandaʼu argachuu ni dandeenyaa? Eeyyee, Phaawulos ergamaan fakkeenya nuu taʼa.

3 Phaawulos jireenyasaa keessatti dogoggora cimaa raawwateera; filannaa gaariis godheera. Dogoggora kanaan dura raawwatetti baayʼee kan gaabbe taʼus, amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajiluudhaan milkaaʼina argachuu akka dandaʼus barateera. Gaabbii malee tajaajiluu ilaalchisee fakkeenyasaarraa maal akka barannu haa ilaallu.

WANTOOTA PHAAWULOS ITTI GAABBE

4. Phaawulos wanta duraan raawwateefi itti gaabbu akkamii qaba ture?

4 Phaawulos yommuu dargaggeessaafi Fariisota keessaa tokko turetti, wantoota yeroo booda itti gaabbe raawwateera. Fakkeenyaaf ariʼatama cimaa bartoota Kiristosirra gaʼaa ture adda durummaadhaan geggeesseera. Macaafni Qulqulluun Isxifaanos erga ajjeefamee booda Phaawulosiin ilaalchisee akkas jedha: “Saaʼol . . . waldaa amantootaa lafa irraa balleessuudhaaf manneen keessa adeemee, dhiirotaa fi dubartoota amantoota taʼan harkisee, mana hidhaatti in kenna ture.” (HoE. 8:3) Hayyuu Macaafa Qulqulluu kan taʼan Albart Barnas, jechi afaan Giriikii “lafa irraa balleessuu” jedhamee hiikame, “[Saaʼol] aariifi hinaaffaadhaan ariʼachaa akka ture kan argisiisudha” jedhaniiru. Itti dabaluudhaanis, “Saaʼol akka bineensa daggalaa waldaatti roorrisaa ture” jedhaniiru. Saaʼol, Yihudii waan tureef, Kiristiyaanota balleessuun itti gaafatamummaa Waaqayyo isaa kenne akka taʼe ni amana ture. Kanaaf, Kiristiyaanota ‘dhiirotaafi dubartoota taʼan doorsisee ajjeesuuf’ aarii guddaadhaan isaan ariʼateera.​—HoE. 9:1, 2; 22:4. *

5. Saaʼol duuka buutota Yesus ariʼachuu dhiisee waaʼee Yesus lallabuu kan jalqabe akkamitti?

5 Saaʼol Damaasqoo dhaqee bartoota Yesus manasaaniitii fuudhee yaaʼii warra Yihudootaa Yerusaalem jiru duratti dhiheessuuf kaayyoo qaba ture. Haataʼu malee, Mataa gumii Kiristiyaanaa mormaa waan tureef isaa hin milkoofne. (Efe. 5:23) Saaʼol gara Damaasqoo utuu deemaa jiruu Yesus kan isatti mulʼate yommuu taʼu, ifa dinqiidhaan uumameenis ijisaa jaameera. Achiis Yesus, Saaʼol gara Damaasqoo deemee namni isa haasofsiisu hanga isaa dhaqutti akka eeggatu itti hime. Wanti sana booda taʼe beekamaadha.​—HoE. 9:3-22.

6, 7. Phaawulos dogoggora cimaa duraan raawwate hubatee akka ture wanti argisiisu maalidha?

6 Phaawulos akkuma Kiristiyaana taʼeen wanti inni iddoo guddaa kennaafii ture jijjiirameera. Diina amantii Kiristiyaanaa taʼuu mannaa, hinaaffaa cimaadhaan amanticha deggeruu jalqabeera. Yeroo booda waaʼee ofiisaa ilaalchisee, “Amantii warra Yihudootaatti qabamee yommuun jiraachaa ture, garmalee waldaa Waaqayyoo ariʼachaa, balleessuudhaafis dhamaʼaa akkan ture dhageessaniittu” jechuudhaan barreesseera. (Gal. 1:13) Booda warra Qorontosiifi Filiphisiiyusiif, akkasumas Ximotewosiif yommuu barreessu wanta sanaan dura raawwatetti akka gaabbu irra deebiʼee caqaseera. (1 Qorontos 15:9 dubbisi; Filp. 3:6; 1 Xim. 1:13) Phaawulos wanta sana raawwachuusaatti akka boonus taʼe, balleessaa tokkoyyuu akka hin raawwanne akka isatti dhagaʼamu hin barreessine. Dogoggora cimaa raawwatee akka ture akka gaariitti hubateera.​—HoE. 26:9-11.

7 Hayyuu Macaafa Qulqulluu kan taʼan Fireedirik Faarar “ariʼatama hammeenyaan raawwate” keessatti gaʼeen Saaʼol maal akka ture caqasaniiru. Faarar, ‘“gaabbii guddaa isa dhiphisee tureefi arrabsoo cimaa diinonnisaa isarraan gaʼan” hubachuu kan dandeenyu, rakkina guddaa jireenyasaa keessatti isa mudate yoo hubanne qofa’ akka taʼes dubbataniiru. Tarii yeroo tokko tokko obboloonni gumii garaagaraa Phaawulos daawwate keessa turaniifi yeroo jalqabaatiif isa argan, ‘Ati Phaawulos isa nu ariʼachaa turte mitii?’ isaan jedhaniiru taʼa.​—HoE. 9:21.

8. Phaawulos gaarummaafi jaalala Yihowaanis taʼe Yesus isatti argisiisan ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼame? Kanarraa barumsa maalii arganna?

8 Kana malees, Phaawulos tajaajilasaa raawwachuu kan dandaʼe gaarummaa Waaqayyo isatti argisiiseen qofa akka taʼe hubatee ture. Phaawulos namoota Macaafa Qulqulluu barreessan hunda caalaa, ergaasaa 14 keessatti waaʼee ayyaana ykn gaarummaa Waaqayyoo gara 90 caqaseera. (1 Qorontos 15:10 dubbisi.) Phaawulos gaarummaa Waaqayyo isatti argisiise kan dinqisiifate siʼa taʼu, gaarummaa isatti argisiifame kana gatii akka hin dhabsiisnes barbaadee ture. Kanaaf ergamoota kaan “caalaa hojjeteera.” Cubbuu keenya himannee gocha gadhee raawwachuu yoo dhiisne, Yihowaan aarsaa furii Yesusirratti hundaaʼuudhaan cubbuu cimaatiifillee dhiifama akka nuu godhu fakkeenya Phaawulosirraa hubachuu dandeenya. Kun namoota aarsaan furii Kiristos dhuunfaatti akka isaaniif malu amanuun isaanitti ulfaatuuf barumsa guddaadha. (1 Ximotewos 1:15, 16 dubbisi.) Phaawulos ariʼatama cimaa Kiristosirra geessisaa kan ture taʼus, ‘Ilmi Waaqayyoo na jaallate, ofiisaas dabarsee anaaf kenne’ jedhee barreesseera. (Gal. 2:20; HoE. 9:5) Eeyyee, Phaawulos karaa booda itti hin gaabbineen tajaajiluun akkamitti akka dandaʼamu barateera. Atoo akkas gochuu baratteettaa?

Phaawulos gaabbii malee akkamitti akka tajaajilu barateera

WANTA ITTI GAABBITAN QABDUU?

9, 10. (a) Tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko gaabbiin kan isaanitti dhagaʼamu maaliifi? (b) Waaʼee wanta darbee yeroo hunda dhiphachuun dogoggora kan taʼe maaliifi?

9 Wanta kanaan dura raawwatteefi yeroo ammaa itti gaabbitu qabdaa? Wantoota barbaachisaa hin taanerratti humnaafi yerookee balleessitee beektaa? Wanta namoota kaan miidhu tokko raawwattee beektaa? Yookiin sababii garabiraa akka gaabbitu si godhuun kan kaʼe miirri gadheen sitti dhagaʼamaa jira taʼa. Akkas kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe maal gochuu dandeessa?

10 Namoonni baayʼeen ni dhiphatu. Yeroo hunda dhiphachuu jechuun, of miidhuu, of aarsuu, akkasumas of ariʼachuu jechuudha. Haalli akkasii dhiphina guddaa geessisa. Dhiphachuun rakkina furuu dandaʼaa? Matumaa! Barcuma iddoosaatii hin sochoonerra teessee fuulduratti deemuuf hamma humnikee dandaʼe carraaqqii gochaa akka jirtutti yaadi. Carraaqqii gootus fuulduratti deemuu akka hin dandeenye beekamaadha. Haaluma walfakkaatuun, dhiphachuu mannaa wanta gochuu dandeessu gochuunkee buʼaa gaarii argamsiisuu dandaʼa. Nama miite sana dhiifama gaafachuudhaan hariiroo gaarii isin gidduu ture akka itti fufu gochuu dandeessa taʼa. Wanta gocha dogoggoraatti si geessurraa fagaachuudhaan sana booda rakkinni akkasii akka hin uumamne gochuu dandeessa. Sana boodas rakkinni garabiraan si mudachuu dandaʼa. Taʼus, dhiphachuun namni tokko guutummaatti Yihowaa akka hin tajaajilee godha. Akkasumas buʼaa argamsiisu hin qabu.

11. (a) Gaarummaafi jaalala Waaqayyoo argachuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Gaabbii ilaalchisee nagaa sammuu argachuuf seera Waaqayyoo isa kam hojiirra oolchuu qabna?

11 Namoonni tokko tokko Waaqayyo duratti gatii akka hin qabne hamma isaanitti dhagaʼamutti wanta darbe ilaalchisee garmalee dhiphatu. Balleessaa cimaa waan raawwataniif ykn irra deddeebiʼanii waan dogoggoraniif Waaqayyo dhiifama akka isaanii hin goone isaanitti dhagaʼama. Haataʼu malee, namoonni akkasii kanaan dura dogoggora akkamiiyyuu yoo raawwatan, yaada garaa geddarachuu, jijjiiramuufi dhiifama gaafachuu ni dandaʼu. (HoE. 3:19) Yihowaan akkuma namoota hedduutti argisiise, isaanittis gaarummaafi jaalala argisiisuu dandaʼa. Nama gad of deebisu, garaa qulqulluu qabuufi yaada garaa geddaratu faara tolaadhaan ilaala. Waaqayyo, Iyoob isa, “Awwaaraa fi daaraa keessa taaʼee, yaada garaa koo nan geddaradha” jedhee dubbatetti gaarummaa argisiiseera. (Iyo. 42:6) Hundi keenya gorsa Waaqayyoo isa, “Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus garuu araara in argata” jedhuufi nagaa sammuu argamsiisu hordofuu qabna. (Fak. 28:13; Yaq. 5:14-16) Kanaaf, cubbuu keenya Waaqayyotti himachuu, dhiifama akka nuu godhu kadhachuufi wanta balleessine sirreessuuf tarkaanfii fudhachuu ni dandeenya. (2 Qor. 7:10, 11) Kana kan goonu taanaan, gaarummaa Waaqayyoo “isa araarri isaa guddaa taʼe” argachuu dandeenya.​—Isa. 55:7.

12. (a) Sammuu nu ceephaʼuuf ilaalcha qabaachuu qabnuu wajjin haala walqabateen fakkeenya Daawitirraa maal baranna? (b) Yihowaan ni gaabba jechuun kan dandaʼamu akkamitti? Kana beekuun keenyahoo kan nu gargaaru akkamitti? (Saanduqa fuula XXrra jiru ilaali.)

12 Kadhannaan karaa itti Waaqayyo nu gargaaru waan taʼeef humna guddaa qaba. Daawit miira isatti dhagaʼame kadhannaadhaan kan ibse siʼa taʼu, kunis macaafa Faarfannaa keessatti galmeeffameera. (Faarfannaa 32:1-5 dubbisi.) Daawit sammuusaa isa isa ceephaʼu ukkaamsuuf yaaluunsaa akka isa miidhe ibseera. Cubbuusaa himachuu dhiisuusaatiin kan kaʼe sammuufi qaamaan dhiphateera; akkasumas nagaa dhabeera taʼa. Daawitiif dhiifamaafi boqonnaa kan argamsiise maalidha? Cubbuusaa Waaqayyotti himachuusaa qofa ture. (Far. 6:1-6) Yihowaan kadhannaa Daawitiif deebii kennuudhaan jireenyasaa keessatti wanta faayidaa qabu raawwachuusaa akka itti fufuuf jabina isaa kenneera. Haaluma walfakkaatuun, kadhannaa garaadhaa madde yoo dhiheessine, Yihowaan kadhannaa keenyaaf xiyyeeffannaa akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Kanaaf, dogoggorri kanaan dura raawwanne kan nu jeequ yoo taʼe, hamma nuu dandaʼame sirreessuuf haa yaallu; akkasumas waadaa Yihowaan dhiifama akka nuu godhu kennetti haa amanamnu.​—Far. 86:5.

WAAʼEE GARA FUULDURAA YAADAA

13, 14. (a) Yeroo ammaa wanti hunda caalaa nu yaaddessuu qabu maalidha? (b) Haala ammaa keessa jirru qoruuf gaaffiiwwan kamfaatu nu gargaaruu dandaʼa?

13 Wanta darberraa akka barannu beekamaa taʼus, wanta darbe ilaalchisee yeroo hunda dhiphachuu hin qabnu. Kanaaf, haala amma keessa jirruufi isa gara fuulduraarratti xiyyeeffachuu qabna. Wanta yeroo ammaa raawwachaa jirru ykn utuu hin raawwatin hafuudhaan booda itti gaabbinuufi ‘Utuun akkas godheera taʼee’ jennu akkamii qabna? Wanta gara fuulduraatti nu gaabbisiisu hambisuuf, amanamummaadhaan jiraachaa jirraa?

14 Rakkinni guddaan yommuu dhihaachaa adeemu gaaffiiwwan armaan gadii of gaafachuudhaan dhiphachuun nu hin barbaachisu. ‘Tajaajila Waaqayyoorratti caalaatti hirmaachuu nan dandaʼan turee? Carraa utuun qabuu qajeelchaa kanan hin taane maaliifi? Wanti tajaajilaa gumii akkan hin taane na godhe maalidha? Namummaa haaraa uffachuuf dhugumaan carraaqqii godheeraa? Ani nama Yihowaan addunyaa haaraa keessa akka jiraatu barbaadudhaa?’ Gaaffiiwwan akkasiirratti dhiphachuu mannaa, gaaffiiwwan kanatti fayyadamnee of qoruudhaan Yihowaa tajaajiluuf waan nuu dandaʼame hunda gochaa jiraachuufi dhiisuu keenya gamaaggamuu qabna. Yoo akkas gochuu baanne jireenyi keenya caalaatti kan nu gaabbisiisu taʼu dandaʼa.​—2 Xim. 2:15.

TAJAAJILA KEESSANITTI MATUMAA HIN GAABBINAA

15, 16. (a) Namoonni baayʼeen, jireenyasaanii keessatti tajaajila Waaqayyoo dursuuf aarsaa akkamii godhaniiru? (b) Fedhii Mootummichaa dursuuf aarsaa goone kamittiyyuu gaabbuu kan hin qabne maaliifi?

15 Yeroo keessan guutuu Yihowaa tajaajiluuf aarsaa gootaniittu yoo taʼehoo? Jireenya salphaa jiraachuudhaan fedhii Mootummichaa dursuuf caalaatti yeroo qabaachuuf jecha, hojii qarshii hedduu argamsiisu ykn daldala buʼaa gaarii argamsiisu dhiistaniittu taʼa. Yookiin, Betʼel keessatti tajaajiluuf, hojii ijaarsaa addunyaa maraarratti hirmaachuuf, daawwataa olaanaa aanaa ykn misiyoonii taʼuuf jecha, gaaʼela godhachuu ykn ijoollee godhachuu dhiistaniittu taʼa. Waggaa hedduu erga tajaajiltanii booda murtoo gootan kanatti gaabbuu qabduu? Aarsaa hin barbaachisne akka gootaniifi yeroo keessan akka balleessitan isinitti dhagaʼamuu qabaa? Matummaa!

16 Murtoo akkasii kan gootan jaalala guddaa Yihowaadhaaf qabdaniifi fedhii cimaa namoota kaan tajaajiluuf qabdaniin kakaataniiti. ‘Utuun jireenyakoo wanta gara biraa hojjechuuf itti fayyadameera taʼee gaarii ture’ jettanii gaabbuun isin hin barbaachisu. Wanta sirrii taʼe raawwachaa akka jirtan beekuudhaan gammachuu guddaa argachuu dandeessu. Yihowaa tajaajiluuf wanta isinii dandaʼame hunda akka raawwattan beekuudhaan gammaduu dandeessu. Inni jireenya isin fedhii keessan aarsaa gochuudhaan jiraattan hin irraanfatu. Jireenya dhugaa gara fuulduraatti dhufu keessatti eebba yeroo ammaa argachuu dandeessan caalu isinii kennuudhaan isin kiisa.​—Far. 145:16; 1 Xim. 6:19.

GAABBII MALEE TAJAAJILUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

17, 18. (a) Seerri buʼuuraa Phaawulos gaabbii malee akka tajaajilu isa gargaare kamidha? (b) Tajaajila kanaan dura dhiheessite, yeroo ammaatti dhiheessaa jirtuufi gara fuulduraatti dhiheessitu ilaalchisee murtoonkee maalidha?

17 Phaawulos haala yeroo booda itti hin gaabbineen Waaqayyoon akka tajaajilu kan isa gargaare seera buʼuuraa kam beekuusaa ture? Phaawulos waaʼee isa darbee yaaduu dhiisuudhaan badhaasa gara fuulduraatti argatuuf jabaatee akka hojjete dubbateera. (Filiphisiiyus 3:13, 14 dubbisi.) Phaawulos jireenya gadhee sirna Yihudootaa keessatti jiraachaa turerratti yaaduusaa itti hin fufne. Kanaa mannaa, badhaasa gara fuulduraatti jireenya barabaraa isaaf argamsiisu argachuuf jabaatee hojjeteera.

18 Hundi keenya seera buʼuuraa yaada Phaawulos dubbate keessa jiru hojiirra oolchuu ni dandeenya. Waaʼee wanta darbee dhiphachuufi wanta utuu hin hin hojjetin hafnerratti xiinxaluu mannaa, wanta nu fuuldura jirutti hiixachuu qabna. Dogoggora kanaan dura hojjenne guutummaatti irraanfachuu baannus, yeroo hunda isarratti xiinxaluu hin qabnu. Wanta darbe irraanfachuu, hamma humna keenyaa Waaqayyoon tajaajiluufi abdii gara fuulduraarratti xiyyeeffachuu ni dandeenya.

^ key. 4 Macaafa Qulqulluu keessatti Saaʼol dubartootas ariʼachaa akka ture irra deddeebiʼamee caqasamuunsaa, akkuma yeroo harʼaa jaarraa tokkoffaattis dubartoonni Kiristiyaanummaa babalʼisuurratti gaʼee guddaa taphachaa akka turan kan argisiisudha.—Far. 68:11.