Akeeka Garaa Keessanii Eeggadhaa
Macaafni Qulqulluun, “Garaan namaa waan hundumaa irra jalʼaa dha, namnis isa qajeelchuu hin dandaʼu” jedha. a (Er. 17:9) Garaan keenya waan tokko argachuuf fedhii guddaa yommuu qabaatu, wanta inni barbaadu sana guutuuf sababii barbaanna.
Caaffanni Qulqullaaʼoon, “Wanti hamaan hundinuu yaada garaa keessaa baʼao, isaanis, nama ajjeechaa, ejjummaa, halalummaa, hanna, sobaan dhugaa baʼuu, nama salphisuu” jechuudhaan nu akeekkachiisu. (Mat. 15:19) Yaanni garaa keenyaa inni fakkeenyaan ibsame nu gowwoomsuudhaan, gochi fedha Waaqayyoo wajjin wal faallessu tokko sirriidha jennee akka yaannu nu gochuu dandaʼa. Akkasumas, wanti tokko sirrii akka hin taane kan hubannu, erga wanta sana raawwannee booda taʼuu dandaʼa. Maarree, wanta sirrii hin taane raawwachuu keenya dura, akeeka garaa keenyaa beekuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?
AKEEKA GARAAKEETII BEEKUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisi, akkasumas irratti xiinxali.
Phaawulos ergamaan, “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba, billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu fi hafuura . . . gargar in baasa” jechuudhaan barreesseera. Ergaan Macaafa Qulqulluu keessatti argamu, “yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in dandaʼa.” (Ibr. 4:12) Caaffata Qulqullaaʼootti fayyadamnee of qoruun keenya, akeeka garaa keenyaa beekuuf nu gargaara. Maarree yaadaafi ilaalcha Yihowaa hubachuuf, guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuufi irratti xiinxaluun baayʼee barbaachisaa mitii?
Rom. 9:1) Sagaleen yaanni garaa keenyaa dhageessisu, dogoggora hojjenneef sababii dhiheessuurraa nu eeguu dandaʼa. Kana malees, Macaafni Qulqulluun fakkeenyawwan ‘barumsa nuu taʼan’ qabateera. (1 Qor. 10:11) Isaanirraa barachuun keenya, karaa sirrii hin taanerra akka hin deemne nu eeguu dandaʼa. Maarree, tokkoon tokkoon keenya maal gochuu qabna?
Gorsa Caaffata Qulqullaaʼoo fudhachuufi seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun keenya, yaada garaa keenyaa isa ‘dhugaa nuuf baʼurratti’ dhiibbaa gaarii geessisuu dandaʼa. (Waaqayyo akeeka garaakeetii beekuuf akka si gargaaru isa kadhadhu.
Yihowaan ‘garaa namaa qoree ilaala.’ (1 Sen. 29:17) Inni, ‘garaa keenyarra caalaa waan hundumaa ni hubata.’ (1 Yoh. 3:20) Waaqayyoon gowwoomsuun hin dandaʼamu. Yihowaan wanta nu yaaddessu, miira keenyaafi fedha keenya kadhannaadhaan yoo isatti himne, akeeka garaa keenyaa akka hubannu nu gargaaruu dandaʼa. Kana malees, ‘garaa qullaaʼaa akka nuuf uumu’ isa kadhachuu dandeenya. (Far. 51:10) Kanaafuu, hawwii garaa keenyaa beekuuf kadhannaan iddoo guddaa akka qabu hubachuu qabna.
Walgaʼiirratti xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu.
Barumsa walgaʼiirratti dhihaatu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuun keenya, keessa namummaa keenya, jechuunis garaa keenya sirriitti qoruuf nu gargaaruu dandaʼa. Walgaʼiiwwan hundarratti yaada haaraa barachuu baannus, achitti argamuudhaan seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluufi yaadawwan gaggaarii garaa keenya qoruuf nu gargaaran caalaatti hubachuu dandeenya. Yaanni obboloonni kennanis, keessa namummaa keenyaa qulleessuuf nu gargaara. (Fak. 27:17) Namoota hidhata amantii keenya taʼanii wajjin yeroo hunda walgaʼiirratti argamuu dhiisnee isaanirraa of qooduun keenya rakkinaaf nu saaxiluu dandaʼa. Akkasumas, ‘fedha ofii keenyaa duukaa buʼuu akka barbaannu’ nu gochuu dandaʼa. (Fak. 18:1) Kanaafuu, ‘Walgaʼiiwwan hundarratti argamuufi irraa fayyadamuu amaleeffadheeraa?’ jennee of gaafachuun keenya barbaachisaadha.—Ibr. 10:24, 25.
GARAAN KEENYA GARAMITTI NU GEESSA?
Garaan keenya inni jalʼaan haalawwan addaddaatiin karaarraa nu jalʼisuu dandaʼa. Mee haalawwan kana keessaa arfansaanii haa ilaallu. Isaanis qabeenya ariʼuu, itti fayyadama dhugaatii alkoolii, hiriyoota filannuufi wantoota itti bashannannudha.
Qabeenya ariʼuu.
Wantoota foon keenyaaf barbaachisan argachuu barbaaduun waanuma jirudha. Haataʼu malee, Yesus qabeenyaaf bakka guddaa kennuu ilaalchisee fakkeenya akeekkachiisa taʼu dubbateera. Yesus fakkeenya dubbate keessaa isa tokkorratti, waaʼee sooressa gombisaansaa (gootaraansaa) guute tokkoo akka qorru nu afeereera. Namni kun, oomisha hedduu dabalataan argate iddoo kaaʼu waan dhabeef, gootaraasaa isa durii diigee gootaraa gurguddaa ijaaruu barbaade. Achiis akka armaan gadii jedhee yaaduu jalqabe: ‘Midhaan koo hundumaa miʼa biraas gombisaa (gootaraa) kanattan naqadha; ofiinis, ‘Yaa namummaa ko, waggaa baayʼeedhaaf kan si gaʼu waan gaarii hundumaa lafaa qabda; amma egaa dhimma hin qabaatin, taaʼii, nyaadhuu, dhugii, gammadis!’ nan jedhaan’ jedhe. Haataʼu malee, namichi sooressi kun halkanuma sanatti lubbuusaa dhabuu akka dandaʼu utuu hin yaadin hafeera.—Luq. 12:16-20.
Yommuu gaʼeessota taʼaa dhufnu, qabeenya ennaa dulloomnu itti fayyadamnu walitti qabachuu waan barbaannuuf, guyyaa walgaʼiin godhamutti saʼaatii dabalataa hojjechuuf ykn itti gaafatamummaa gumii keessatti qabnu
akka laayyootti ilaaluuf sababii dhiheessuu dandeenya. Maarree, ilaalcha akkasiirraa of eeguu hin qabnuu? Tariimmoo dargaggoota hojiin tajaajila yeroo guutuurra caalu akka hin jirre nutti dhagaʼamu taʼuu dandeenya. Haataʼu malee, jalqaba qabeenya argachuu akka qabnu yaaduudhaan qajeelchaa taʼuurraa duubatti jennaa? Waaqayyo biratti badhaadhota taʼuuf ammumaa wanta dandeenye hunda gochuu hin qabnuu? Bor jiraachuu keenya eenyutu beeka?Itti fayyadama dhugaatii alkoolii.
Fakkeenya 23:20rratti, “Hidhata warra daadhii waynii gar-malee dhuganii . . . hin taʼin!” jedhameera. Namni tokko dhugaatii alkoolii kan dharraʼu yoo taʼe, yeroo hunda dhuguun sirrii akka taʼe godhee dubbachuu dandaʼa. Namni kun dhugaatii kan dhugu bashannanuuf malee machaaʼuuf akka hin taane dubbata taʼa. Bashannanuuf dhugaatiin alkoolii kan nu barbaachisu yoo taʼe, akeeka garaa keenyaa sirriitti qoruu qabna jechuudha.
Hiriyoota filannu.
Mana barumsaatti, bakka hojiittiifi tajaajilarratti, namoota amantii keenya hin hordofnee wajjin waliin taʼuun keenya akka hin oolle beekamaadha. Taʼus, isaanitti dhihaachuuniifi michoota isaan godhachuun dogoggoradha. Namoonni kun amalawwan gaggaarii akka qaban dubbachuudhaan michootasaanii taʼuuf sababii dhiheessinaa? Macaafni Qulqulluun, “Hin gowwoominaa! Hiriyaan gadheen amala gaarii in mancaasa” jechuudhaan nu akeekkachiisa. (1 Qor. 15:33) Akkuma xurii xinnoon bishaan qulqulluu faaluu dandaʼu, namoota Waaqayyoof hin bullee wajjin michummaa uumuunis jireenya hafuuraa keenya faaluudhaan ilaalcha, uffannaa, dubbiifi amala biyya lafaa akka hordofnu nu gochuu dandaʼa.
Wantoota itti bashannannu.
Teeknooloojiin ammayyaa, wantoota bashannanaaf taʼan hunda salphaadhumatti kan nuu dhiheessu siʼa taʼu, isaan keessaa hedduunsaanii Kiristiyaanotaaf shakkisiisaa ykn dogoggoradha. Phaawulos, “Xuraaʼummaan hundinuu, . . . isin gidduutti hin dhagaʼamin” jechuudhaan barreesseera. (Efe. 5:3) Garaan keenya wanta xuraaʼaa taʼe tokko ilaaluu ykn dhagaʼuu yoo barbaade maal gochuu qabna? Namni hundi xinnoo bashannanuun akka isa barbaachisuufi wanta itti bashannanu filachuun dhimma dhuunfaa akka taʼe goonee dubbanna taʼa. Haataʼu malee, gorsa Phaawulos hojiirra oolchuudhaan xuraaʼummaan ija keenyaanis taʼe gurra keenyaan akka hin galle gochuu qabna.
JIJJIIRAMA GOCHUU NI DANDEENYA
Garaa keenya isa jalʼaadhaaf yoo moʼamneefi amala sirrii hin taaneef sababii dhiheessuu yoo amaleeffannellee, jijjiirama gochuu ni dandeenya. (Efe. 4:22-24) Namoota bara keenyatti fakkeenya nuu taʼan lama ilaali.
Miigeel, b ilaalcha qabeenyaaf qaburratti jijjiirama gochuun isa barbaachisee ture. Akkas jedheera: “Haati manaakoo, ilmikoofi ani, biyya meeshaawwan teeknooloojii ammayyaa gaggaarii taʼan qabaachuufi jireenya qananii jiraachuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe godhamee itti yaadamu keessatti guddanne. Yeroo tokko, nama qabeenya jaallatu utuun hin taʼin kana gochuu akkan dandaʼu waan natti dhagaʼameef, wanta biyya lafaarraa argamu hunda argachuuf carraaqqii gochuun jalqabe. Achiis utuu baayʼee hin turin, qabeenya ariʼuun daandii dhuma hin qabne taʼuusaan hubadhe. Sana booda ilaalchaafi akeeka garaakootii sirreessuuf akka na gargaaru Yihowaan kadhadhe. Maatiidhaan taanee guutummaatti isa tajaajiluu akka barbaannun isatti hime. Jireenya keenya salphaa gochuufi bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqnee tajaajiluuf murtoo goone. Utuu baayʼee hin turin qajeelchitoota taane. Jireenya gammachuu qabu jiraachuuf, qabeenya hedduu qabaachuun akka nu hin barbaachisne hubanneerra.”
Muuxannoon Lii, haqaan of qoruun hiriyoota gadheerraa fagaachuuf akkamitti akka isa gargaare argisiisa. Liin akkas jedheera: “Sababii hojii kootiin daldaltoota biyya alaa wajjin yeroo hunda walitti qabamna turre. Walgaʼii kanarratti dhugaatiin alkoolii garmalee akka dhugamu kanan beeku taʼus, achitti argamuun baayʼee na gammachiisa ture. Yeroo baayʼee machaaʼuu gaʼee kanan ture taʼus, sana booda nan gaabban ture. Garaakoo haqaan qoruun na barbaachisee ture. Gorsi Dubbii Waaqayyoorratti argamuufi yaanni jaarsoliin naa kennan, namoota Yihowaa hin jaallannetti michoomuuf fedhii akkan qabu hubachuuf na gargaareera. Amma, hanga dandaʼametti bilbilaan fayyadamee hojiikoo hojjechuufi walitti dhufeenyan daldaltoota kanaa wajjin qabu hirʼisuu dandaʼeera.”
Haqaan of qoruufi akeeka garaa keenyaa beekuun nu barbaachisa. Yommuu akkas goonu, Yihowaan ‘dhoksaa garaa namaa akka beeku’ yaadachuudhaan, kadhannaadhaan gargaarsasaa gaafachuu qabna. (Far. 44:21) Waaqayyo Dubbiisaa isa akka of ilaaleetti (daawwitiitti) nu gargaarus nuu qopheesseera. (Yaq. 1:22-25) Kana malees, yaanniifi gorsi barreeffamootaafi walgaʼiiwwan keenyarraa argannu baayʼee nu gargaaruu dandaʼa! Qophiiwwan kanatti fayyadamuudhaan, garaa keenya eeguufi daandii qajeelinaarra deemuu keenya itti fufuu dandeenya.
a Afaan isa jalqabaa Macaafni Qulqulluun ittiin barreeffameen, jechi garaa jedhu onnees ni argisiisa.
b Maqaawwan jijjiiramaniiru.