Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Garaa Ittiin’ Yihowaa ‘Beektan’ Qabaadhaa

‘Garaa Ittiin’ Yihowaa ‘Beektan’ Qabaadhaa

“Ani garaa isaan ittiin ani Waaqayyo akkan taʼe beekan isaaniif nan kenna; garaa guutuudhaan gara kootti in deebiʼu.”​—ER. 24:7.

1, 2. Namoonni tokko tokko harbuu kan jaallatan maaliif taʼuu dandaʼa?

IJA harbuu gogaasaas taʼe jiidhaasaa nyaachuu ni jaallataa? Namoonni baayʼeen ija harbuu nyaachuu waan jaallataniif harbuun baayʼinaan dhaabamee argama. Yihudoonni durii ija harbuu baayʼee jaallatu turan. (Naho. 3:12; Luq. 13:6-9) Harbuun nyaanni akka daakamu kan godhuufi albuudota waan of keessaa qabuuf, namoonni tokko tokko fayyaadhaaf gaarii akka taʼe dubbatu.

2 Yihowaan yeroo tokko harbuu garaatti fakkeessee ture. Waaqayyo asirratti nyaata ilaalchisee faayidaa harbuun qabu ibsuusaa hin turre. Kanaa mannaa fakkeenyaan dubbachuusaa ture. Wanti Yihowaan karaa Ermiyaas raajichaa dubbate garaa keenyaafis taʼe kan namoota jaallannuutiif ergaa dabarsu qaba. Wanta Yihowaan dubbate kana yommuu qorru, kun Kiristiyaanotaaf ergaa maalii akka dabarsu yaaduu dandeenya.

3. Iji harbuu Ermiyaas boqonnaa 24⁠rratti caqasame maal argisiisa?

3 Mee jalqaba wanta Yihowaan harbuu ilaalchisee bara Ermiyaasitti dubbate tokko haa ilaallu. Dh.K.D. bara 617⁠tti, sabni Yihudaa karaa hafuuraa haala gadhee keessa turan. Waaqayyo ija harbuu “isa baʼeessa,” akkasumas ija harbuu “isa gadhee” akka fakkeenyaatti fayyadamuudhaan gara fuulduraatti maal akka isaan mudatu mulʼataan ibseera. (Ermiyaas 24:1-3 dubbisi.) Iji harbuu inni gadheen Zedeqiiyaa Mootichaafi namoota Nebukadnezaar Mootichiifi loltoonnisaa dhiphisan kaan kan argisiisudha. Haataʼu malee, Hisqiʼel, Daaniʼeliifi hiriyoonnisaa sadan, Baabilon jiran, akkasumas Yihudoonni dhiheenyatti achitti geeffamuuf jiran tokko tokkohoo? Isaan kun ija harbuu isa baʼeessatti fakkeeffamaniiru. Namoota kana keessaa warri lubbuudhaan hafan, yeroo booda biyyasaaniitti deebiʼanii Yerusaalemiifi mana qulqullummaa deebisanii ijaaru.—Er. 24:8-10; 25:11, 12; 29:10.

4. Wanta Waaqayyo harbuu gaarii ilaalchisee dubbaterraa yaada nama jajjabeesuu akkamii argachuu dandeenya?

4 Yihowaan namoota ija harbuu gaariitti fakkeeffaman ilaalchisee, “Ani garaa isaan ittiin ani Waaqayyo akkan taʼe beekan isaaniif nan kenna; garaa guutuudhaan gara kootti in deebiʼu” jedheera.  (Er. 24:7) Matadureen barumsa kanaa caqasa kanarratti kan hundaaʼe siʼa taʼu, yaannisaa baayʼee kan nama jajjabeessudha. Waaqayyo ‘garaa ittiin isa beekuuf’ gargaaru namaaf ni kenna. ‘Garaan’ asirratti caqasame wanta namni tokko irratti xiyyeeffatu kan argisiisudha. Garaa akkasii qabaachuudhaan sabasaa keessaa tokko taʼuu akka barbaannu beekamaadha. Garaa akkasii qabaachuun, Dubbii Waaqayyoo qayyabachuufi hojiirra oolchuu, yaada garaa geddarachuufi cubbuu keenyarraa deebiʼuu, Waaqayyoof of murteessuu, akkasumas maqaa Abbaa, Ilmaafi hafuuraa qulqulluutiin cuuphamuuf tarkaanfii fudhachuu kan dabalatudha. (Mat. 28:19, 20; HoE. 3:19) Tarkaanfii akkasii kan fudhatte ykn Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin walgaʼiirratti argamuudhaan tarkaanfii akkasii fudhachuuf qophaaʼaa kan jirtu taʼuu dandeessa.

5. Ermiyaas adda durummaadhaan kan barreesse waaʼee garaa eenyuu ture?

5 Gama kanaan tarkaanfii tokko tokko qofa kan fudhannes taʼe, guutummaatti tarkaanfii kan fudhanne ilaalchaafi amala keenyaaf xiyyeeffannaa kennuun keenya barbaachisaadha. Kana gochuun barbaachisa taʼuusaa, wanta Ermiyaas garaa ilaalchisee barreesse gara biraarraa hubachuu dandeenya. Boqonnaawwan Macaafa Ermiyaas tokko tokko, saboota naannoo Yihudaa jiran ilaalchisee kan barreeffaman taʼus, adda durummaadhaan saba Yihudaa warra yeroo mootonni shanan bulchaa turan jiraatanirratti kan xiyyeeffatudha. (Er. 1:15, 16) Eeyyee, Ermiyaas kan barreesse, dhiirota, dubartootaafi ijoollee Yihowaadhaaf of murteessaniif ture. Akaakileensaanii saba Yihowaadhaaf of murteesse taʼuuf fedhiisaaniitiin filatanii turan. (Bau. 19:3-8) Bara Ermiyaasittis sabichi Waaqayyoof of murteessuusaanii mirkaneessanii turan. “Ati Waaqayyo gooftaa keenyaʼo, haa taʼu gara kee in dhufna” jedhanii turan. (Er. 3:22) Haataʼu malee haalli garaasaanii akkam ture?

GARAA ISA FAKKEENYAAN IBSAME BAQAQSANII WALʼAANUU

6. Wanta Waaqayyo garaa ilaalchisee dubbate beekuuf fedhii qabaachuu kan qabnu maaliifi?

6 Doktooronni yeroo harʼaa jiran keessi qaama nama tokkoo haala akkamiirra akka jiruufi akkaataa inni itti hojjechaa jiru ilaaluuf teknooloojii ammayyaatti fayyadamuu dandaʼu. Yihowaan garuu akkuma bara Ermiyaasitti godhe kana caalaa gochuu dandaʼa. Waaqayyo kana gochuuf dandeettii guddaa akka qabu wanta inni dubbaterraa hubachuu dandeenya. Caqasichi akkas jedha: “Garaan namaa waan hundumaa irra jalʼaa dha, namnis isa qajeelchuu hin dandaʼu; egaa eenyutu isa beekuu dandaʼa ree? Ani Waaqayyo garaa namaa . . . isa dhokataa qoree nan ilaala; nama hundumaafis akka akeeka isaatii fi akka ija hojii isaatiitti nan kennaaf.” (Er. 17:9, 10) Garaa namaa qoruu jechuun meeshaa ammayyaatiin keessa nama tokkoo ilaaluu jechuu miti. Kanaa mannaa, Yihowaan waaʼee garaa isa fakkeenyaan ibsamee dubbachuusaa ture. ‘Garaan’ asirratti ibsame fedhii, yaada, ilaalchaafi galma nama tokkoo dabalatee guutummaa keessa nama tokkoo kan argisiisudha. Nuyis garaa akkasii qabna. Waaqayyo garaa keenya qoruu kan dandaʼu siʼa taʼu, nuyis hamma tokko ni dandeenya.

7. Ermiyaas haala garaa Yihudoota barasaa turan hedduu kan ibse akkamitti?

7 Haala kanaan of qoruuf, ‘Yihudoonni bara Ermiyaas turan hedduun haalli garaasaanii inni fakkeenyaan ibsame akkam ture?’ jennee of gaafachuu dandeenya. Deebii kanaa argachuuf, yaada baramaa hin taaneefi Ermiyaas “Israaʼel hundinuu garuu garaa dhagna hin qabamin qabu” (hiika bara 1899) jechuudhaan dubbate haa ilaallu. Ermiyaas, “Waaqayyo, ‘Kunoo, guyyaan ani warra qolummaa dhagna isaanii duwwaa dhagna qabatan hundumaa itti adabu in dhufa’” waan jedheef asirratti waaʼee dhagna qabaa Yihudootaa caqasuusaa hin turre. Kanaaf dhiironni Yihudootaa dhagna qabatanillee ‘garaasaanii dhagna hin qabanne’ turan. (Er. 9:25, 26) Maarree kana jechuun maal jechuudha?

8, 9. Garaasaanii ilaalchisee Yihudoonni hedduun maal gochuu qabu turan?

8 ‘Garaa dhagna hin qabamne’ jechuun maal jechuu akka taʼe gorsa Waaqayyo akkas jechuudhaan Yihudootaaf kennerraa hubachuu dandeenya: “Isin yaa namoota Yihudaa, isinis yaa warra Yerusaalem keessa jiraattanii! Ana Waaqayyo keessaniif addaan of baasaa! Warri wanta hamaa hojjettan, qola yaada garaa keessanii haguugu of irraa kutaa! Kanaa achi  dheekkamsi koo . . . isin in fixa.” Haataʼu malee hamaa akka hojjetan kan isaan godhe maalidha? Keessasaanii jechuunis garaasaaniiti. (Maarqos 7:20-23 dubbisi.) Waaqayyoo karaa Ermiyaas Yihudoonni wanta hamaa akka hojjetan kan isaan godhe maal akka taʼe sirriitti qoree ture. Garaansaanii of tuulummaadhaan hamaa taʼee ture. Ilaalchiifi yaannisaanii Yihowaa kan hin gammachiisne taʼee ture. (Ermiyaas 5:23, 24; 7:24-26 dubbisi.) Yihowaan, ‘Ana Waaqayyo keessaniif addaan of baasaa! qola yaada garaa keessanii haguugu of irraa kutaa!’ isaaniin jedheera.—Er. 4:4; 18:11, 12.

9 Kanaaf, Yihudoonni bara Ermiyaas turan, akkuma warra bara Musee, garaasaanii isa fakkeenyaan ibsame baqaqfachuu, jechuunis ‘qola yaada garaasaanii haguugu ofirraa kutuun’ isaan barbaachisa ture. (Kes. 10:16; 30:6) ‘Qola yaada garaasaanii ofirraa kutuu’ jechuun, wanta garaansaanii didaa akka taʼu godhe, jechuunis yaada, jaalala ykn kakaʼumsasaanii isa kaayyoo waaqayyoo wajjin wal faallessu ofirraa kutuu jechuudha.—HoE. 7:51.

YEROO HARʼAA ‘GARAA ITTIIN ISA BEEKNU’ QABAACHUU

10. Akkuma Daawit ibse, maal gochuuf fedhii qabaachuu qabna?

10 Waaqayyo garaa keenya isa fakkeenyaan ibsame akka hubannu waan nu gargaareef guddaa galateeffanna. Haataʼu malee namoonni tokko tokko, ‘dhimmi kun, Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo harʼaa jiran ni ilaallataa?’ jedhanii gaafatu taʼa. Kun kan barbaachise, Kiristiyaanonni gumii keessa jiran akka Yihudoota durii, karaa gadheerra kan deeman ykn ‘ija harbuu isa gadhee’ waan taʼaniif miti. Kanaa mannaa, tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran Waaqayyoof kan bulaniifi qulqulluu kan taʼanidha. Taʼus kadhannaa Daawit, “Qorii na ilaali, yaa Waaqayyo, garaa koos beeki! Na fonqolchi, yaada koos beeki! Karaa nama miidhu irra buʼeen jira yoo taʼe ilaali” jechuudhaan Yihowaatti dhiheesserratti xiinxaluun keenya barbaachisaadha.—Far. 17:3; 139:23, 24.

11, 12. (a) Hundi keenya garaa keenya qoruu kan qabnu maaliifi? (b) Waaqayyo maal hin godhu?

11 Yihowaan hundi keenya isatti akka dhihaannuufi isa duratti fudhatama argannee akka jiraannu barbaada. Ermiyaas nama qajeelaa wajjin haala wal qabateen, “Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, ati isa qajeelaa qortee in ilaalta, golee garaa namaa keessas in argita” jedheera. (Er. 20:12) Yihowaan inni hundumaa dandaʼu garaa namoota qajeelaa taʼanillee kan qoru erga taʼee, nuti hamma tokko haqaan of qoruu hin qabnuu? (Faarfannaa 11:5 dubbisi.) Yoo akkas goone, ilaalcha, galma keenya ykn miira keenya dhokataa taʼeefi xiyyeeffannaa kennuufii qabnu hubachuu dandeenya. Kunimmoo wanta garaan keenya hamma tokko didaa akka taʼu godhe, jechuunis ‘qola yaada garaa keenyaa’ isa kutamuu qabu hubachuuf nu gargaara. Kana jechuun garaa keenya isa fakkeenyaan ibsame baqaqfachuu jechuudha. Garaa keenya isa fakkeenyaan ibsame qoruun gaarii akka taʼe kan irratti walii gallu taanaan, waaʼee garaa keenyaa maalfaa qoruu dandeenya? Sirreeffama barbaachisu gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti?—Er. 4:4.

12 Yihowaan jijjiirama akka goonuuf dhiibbaa akka nurratti godhu eeguu akka hin qabne beekamaadha. Yihowaan warra ‘harbuu baʼeessa’ taʼaniif, ‘garaa ittiin isa beekan akka kennu’ dubbateera. Haataʼu malee, garaasaanii dirqamaan akka jijjiiru hin dubbanne. Garaa hubataa Waaqayyoon beekuu akka barbaadan argisiisu qabaachuu isaan barbaachisa ture. Nutis fedha akkasii qabaachuu qabna.

Garaa keenya qoruufi fedhii sirrii hin taane sirreessuun keenya eebba nuu argamsiisa

13, 14. Garaan Kiristiyaana tokkoo isa miidhuu kan dandaʼu akkamitti?

 13 Yesus, “Wanti hamaan hundinuu yaada garaa keessaa baʼao, isaanis, nama ajjeechaa, ejjummaa, halalummaa, hanna, sobaan dhugaa baʼuu, nama salphisuus” jedheera. (Mat. 15:19) Obboleessi tokko, yaanni garaasaa didaa taʼe ejja akka raawwatuufi yaada garaa utuu hin geddaratin akka jiraatu yoo isa godhe, barabaraaf Waaqayyo duratti fudhatama dhabuu akka dandaʼu ifadha. Haataʼu malee, obboleessi ejja akkasii hin raawwanne tokkollee, fedhiin sirrii hin taane garaasaa keessatti akka guddatu gochuu dandaʼa. (Maatewos 5:27, 28 dubbisi.) Garaa keenya qoruun kan nu gargaaru yeroo kanattidha. Garaa keenya keessatti karaa Yihowaa duratti fudhatama hin qabneen, waaʼee nama saala faallaa qabuu ni yaannaa? Wanta garaa keenya keessa jiru jijjiiruun nu barbaachisaa?

14 Yookiin obboleessi tokko “ajjeechaa” kan hin raawwanne taʼus, miirri Kiristiyaana hidhatasaa taʼe tokko akka jibbu godhu keessasaatti akka guddatu gochuu dandaʼa. (Lew. 19:17) Obboleessi kun miira garaansaa didaa akka taʼu godhu akkasii fonqolchee of keessaa baasuuf carraaqqii cimaa ni godhaa?—Mat. 5:21, 22.

15, 16. (a) Fakkeenya Kiristiyaanni tokko ‘garaa dhagna hin qabamin’ qabaachuu akka dandaʼu argisiisu caqasi. (b) ‘Qolli yaada garaa haguugu’ Yihowaa kan hin gammachiisne maaliif sitti fakkaata?

15 Kirstiyaanonni hedduun ‘garaansaanii rakkina’ akkasii kan hin qabne taʼuunsaa nama gammachiisa. Haataʼu malee, Yesus, waaʼee ‘wanta hamaa hundumaas’ caqasee ture. Wantoonni inni caqase kun, yaada ykn ilaalcha kallattii jireenyaa keenya hedduu xureessuu dandaʼanidha. Fakkeenyaaf, waan hunda caalaa maatii keenyaaf amanamoo taʼuu akka qabnu nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Kiristiyaanonni, namoota “guyyoota gara dhumaa” kana keessa jiraatan hedduurraa haala adda taʼeen, firootasaaniitiif ‘jaalala’ qabaachuu akka qaban beekamaadha. (2 Xim. 3:1, 3) Haataʼu malee, namni tokko jaalala akkasii argisiisuurratti madaalliisaa eeguu dadhabuu dandaʼa. Namoonni hedduun ilaalcha, “Iddoo citee dhiiga” jedhu qabu. Kanaaf namni tokko firasaanii yoo mufachiise, firasaaniirra goruudhaan wanta isaanii dandaʼame hunda godhu. Miirri akkasii obboloonni Dhinee tarkaanfii akkamii fudhachuuf akka isaan kakaase yaadaa! (Uma. 34:13, 25-30) Abiishaalom obboleessasaa Amnooniin akka ajjeesu kan isa kakaase miira akkamii akka taʼes yaadaa. (2 Sam. 13:1-30) Namoonni kun tarkaanfii akkasii akka fudhatan kan isaan kakaase yaada ‘wanta hamaa hundumaa’ raawwachuuf qaban akka taʼe beekamaadha.

16 Kiristiyaanonni dhugaan akka nama hin ajjeesne beekamaadha. Haataʼu malee, obboleessa firasaanii mufachiise ykn akka mufachiise yaadan tokkoof ilaalcha dogoggoraa ni qabaatuu? Hidhata amantiisaanii firasaanii akka mufachiise isaanitti dhagaʼamu nagaa gaafachuu didu ykn manasaaniitti simachuu dhiisu taʼa. (Ibr. 13:1, 2) Ilaalchi  gadheeniifi keessummaa simachuu dhiisuun akkasii jaalala dhabuu waan argisiisuuf akka laayyootti kan ilaalamu miti. Eeyyee, Yihowaan inni garaa namaa qoru, ilaalchi akkasii ‘garaa dhagna hin qabamin’ (hiika bara 1899) akka taʼetti ilaala. (Er. 9:25, 26) Namoota Yihowaan, “Qola yaada garaa keessanii haguugu of irraa kutaa” jechuudhaan isaan akeekkachiise yaadadhaa.—Er. 4:4.

‘GARAA ITTIN WAAQAYYOON BEEKAN’ QABAACHUUFI EEGGACHUU

17. Yihowaa sodaachuun garaa dammaqaa taʼe qabaachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

17 Garaa keenya isa fakkeenyaan ibsame erga qorree booda, gorsa Yihowaa fudhachuurratti hamma tokko daagii akka taʼeefi ‘qolaan akka haguugamee’ jiru yoo hubanne maal gochuu qabna? Tarii nama sodaachuu, iddoo guddaa qabaachuu, qananii barbaaduu, of gurguddisuu ykn aboo tuffachuun keessa keenya akka jiru hubachuu dandeenya taʼa. Namoonni nu dura jiraachaa turanis amala akkasii argisiisanii akka turan beekuun keenya gaariidha. (Er. 7:24; 11:8) Ermiyaas Yihudoota amanamoo hin taaneefi barasaa turaniin, ‘saba mataa jabeessaafi garaansaa hamaa taʼe’ jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Isaan garaa isaanii keessatti illee, ‘Kottaa Waaqayyo gooftaa keenya isa yeroo yeroo isaatti bokkaa . . . birraa nuuf kennu in sodaannaa!’ hin jedhan” jedheera. (Er. 5:23, 24) Yaanni kun Yihowaadhaaf sodaa guddaa qabaachuufi isa dinqisiifachuun, ‘qola yaada garaa murachuuf’ akka gargaaru kan argisiisudha. Sodaa sirriin akkasii, wanta Waaqayyo nurraa barbaadu raawwachuuf garaa caalaatti dammaqaa taʼe qabaachuuf nu gargaaruu dandaʼa.

18. Yihowaan namoota kakuu haaraa keessa jiraniif abdii akkamii kennee ture?

18 Kana malees, Yihowaan ‘garaa ittiin isa beekuu’ dandeenyu waan nuu kennuuf isa wajjin hojjechuu dandeenya. Yihowaan Kiristiyaanota dibamoo kakuu haaraa keessa jiraniif, “Ani seera koo yaada isaanii keessa nan kaaʼa, garaa isaanii keessattis nan caafa; ani Waaqayyo isaanii nan taʼa, isaanis saba koo in taʼu” jechuudhaan waadaa galee ture. Haataʼu malee, dhugumaan isa beekuu jechuun maal jechuudha? Yihowaan itti dabaluudhaan akkas jedheera: “Ani yakka isaanii isaaniif nan dhiisa, cubbuu isaaniis deebiʼee isaanitti hin lakkaaʼu; isaan hundumti isaanii xinnaadhaa hamma isa guddaatti ana waan beekaniif, siʼachi namni tokko illee nama biyya isaatiitiin yookiis obboleessa isaatiin, ‘Waaqayyoon bari!’ jedhee, gorsuu hin barbaachisu.”—Er. 31:31-34. *

19. Kiristiyaanonni dhugaan abdii dinqisiisaa akkamii qabu?

19 Samiirrattis taʼe lafarratti kakuu haaraarraa faayidaa barabaraa argachuuf kan abdannu yoo taʼe, Yihowaa beekuufi sabasaa keessaa tokko taʼuuf fedhii qabaachuu qabna. Faayidaa akkasii argachuuf wanti adda durummaadhaan barbaachisaa taʼe, karaa aarsaa furii Kiristos cubbuu keenyaaf dhiifama argachuudha. Cubbuu keenyaaf dhiifama kan arganne taʼuun keenya, namoota nu jibban dabalatee, warra kaaniif dhiifama akka goonu nu kakaasuu qaba. Jibba kamiyyuu garaa keenya keessaa baasuuf fedhii qabaachuun keenya fayyaa garaa keenyaatiif gaariidha. Yoo akkas goone, Yihowaa tajaajiluu akka barbaannu qofa utuu hin taʼin, caalaatti isa beekuu akka barbaannu argisiisna. Akkasumas namoota Yihowaan karaa Ermiyaas, “Isin ana in barbaaddattu; garaa keessan guutuudhaan yoo ana barbaaddattan, ana in argattu” isaaniin jedhe fakkaachuu dandeenya.—Er. 29:13, 14.

^ စာပိုဒ်၊ 18 Waaʼeen kakuu haaraa kitaaba, Goodsi Woord foor Aas Siruu Jaramaya jedhamu boqonnaa 14⁠rratti ibsameera.