Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Iddoo Kooluu Itti Galludha

Yihowaan Iddoo Kooluu Itti Galludha

“Yaa gooftaa, ati dhalootaa hamma dhalootaatti, iddoo kooluu itti gallu nuuf taateetta.”—FAR. 90:1.

1, 2. Tajaajiltoonni Waaqayyoo biyya lafaa yeroo harʼaa jiruuf ilaalcha akkamii qabu? Mana qabu jechuun kan dandaʼamuhoo akkamitti?

 BIYYA LAFAA kana keessatti tasgabbiin sitti dhagaʼamaa? Sitti hin dhagaʼamu taanaan, kan akkas itti dhagaʼamu si qofa miti. Seenaa hunda keessatti namoonni dhugumaan Yihowaa jaallatan, biyya lafaa kana keessatti keessummaafi orma akka taʼan isaanitti dhagaʼameera. Fakkeenyaaf, namoonni amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffatan yommuu biyya Kanaʼaan keessa iddoo tokkoo gara iddoo biraatti godaanaa turan, “biyya lafaa irrattis ormaa fi kara-adeemtuu akka turan beekaniiru.”—Ibr. 11:13.

2 Haaluma wal fakkaatuun, duuka buutonni Kiristos warri dibamoonis, biyya lafaa kana keessatti “nama biyya waaqa irraa” akka taʼan, ‘ormummaatti akka jiraataniifi akka biyyaa baafamanitti’ of ilaalu. (Filp. 3:20; 1 Phe. 2:11) “Akkuma [Yesus] kan biyya lafaa hin taʼin,” ‘hoolonni kan biraanis’ “kan biyya lafaa miti.” (Yoh. 10:16; 17:16) Kana jechuun garuu sabni Waaqayyoo ‘mana’ hin qaban jechuu miti. Qaamni hunda caaluufi ija amantiitiin malee hin mulʼanne, mana jaalalaafi eegumsa guddaa itti argannu nuu qopheesseera. Museen, “Yaa gooftaa, ati dhalootaa hamma dhalootaatti, iddoo kooluu itti gallu nuuf taateetta” jechuudhaan barreesseera. * (Far. 90:1) Yihowaan tajaajiltootasaa amanamoo duriitiif ‘iddoo kooluu itti galan’ kan taʼe akkamitti? Sabasaa yeroo harʼaa maqaasaatiin waamamaniif ‘iddoo kooluu itti galan’ kan taʼehoo akkamitti? Gara fuulduraatti iddoo amansiisaa itti kooluu galan kan taʼu akkamitti?

YIHOWAAN TAJAAJILTOOTASAA DURIITIIF ‘IDDOO KOOLUU ITTI GALAN’ TAʼEERA

3. Faarfannaa 90:1⁠rratti yaadni ijoo, fakkiifi wanti wal isaan fakkeessu akkamii ibsamaniiru?

3 Akkuma dubbii dachaa Macaafa Qulqulluu keessa jiran hedduu, yaanni Faarfannaa 90:1⁠rra jirus yaada ijoo, fakkiifi  yaada wal fakkeessu qaba. Asirratti yaanni ijoo Yihowaadha. Fakkiinimmoo iddoo kooluu itti galan ykn bakka jireenyaati. Wanti Yihowaa iddoo akkasii wajjin wal fakkeessu hedduun jira. Fakkeenyaaf Yihowaan sabasaatiif eegumsa godha. Kunimmoo Yihowaan jaalala taʼuusaa wajjin kan walsimudha. (1 Yoh. 4:8) Kana malees, inni Waaqa nagaa namoonni isaaf amanamoo taʼan ‘nagaadhaan akka rafan’ barbaadudha. (Far. 4:8) Yihowaan, Abrahaamii kaasee abbootii amantii amanamoo taʼan akkamitti qabaa akka ture haa ilaallu.

4, 5. Waaqayyo Abrahaamiif ‘iddoo kooluu itti galu’ kan taʼe akkamitti?

4 Abrahaam inni yeroo sanatti Abraam jedhamu yommuu Yihowaan, “Biyya kee keessaa, lammii kee keessaa . . . baʼiitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi!” isaan jedhe maaltu akka itti dhagaʼame yaadaa. Abrahaam yaaddoon isatti dhagaʼameera yoo taʼe, wanti Yihowaan itti aansuudhaan dubbate akka isa tasgabbeesse hin shakkisiisu. Caqasichi akkas jedha: “Ani saba guddaa sin godha, sin eebbisa, maqaa kee nan guddisa . . . warra si eebbisan nan eebbisa, warra si salphisan nan abaara.”—Uma. 12:1-3.

5 Yihowaan yaada kana dubbachuudhaan Abrahaamiifi sanyiisaatiif iddoo kooluu itti galan akka taʼu waadaa galeera. (Uma. 26:1-6) Yihowaan waadaa gale kana raawwateera. Fakkeenyaaf, Faraʼoon mootiin Gibxiifi Abiimelek Mootiin Geraar, Saaraa akka hin gudeedneefi Abrahaamiin akka hin ajjeesne eegeera. Yisihaqiifi Ribqaas haaluma akkasiirraa eegeera. (Uma. 12:14-20; 20:1-14; 26:6-11) Macaafni Qulqulluun yaada akkas jedhu dubbata: “Waaqayyo, namni tokko illee akka isaan cunqursu hin goone, inni isaaniif jedhee mootota iyyuu ifatee, ‘Warra ani dibee moosise hin tuqinaa, raajota koo irrattis hamaa hin hojjetinaa!’”—Far. 105:14, 15.

“Si hin gatu!”

6. Yisihaq, Yaaqoob maal akka godhu isatti hime? Yaaqoobhoo maaltu itti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa?

6 Raajota kan jedhaman kun akaakayyuu Abrahaam kan taʼe Yaaqoobiin kan dabalatudha. Yaaqoob yeroo fuudhaaf gaʼu Yisihaq abbaansaa, “Durboota warra Kanaʼaan keessaa hin fuudhin! Kaʼi gara biyya Phaadaan-Aaram mana Batuʼel abbaa haadha keetii dhaqi! Achii immoo intaloota Laabaan . . . keessaa tokko fuudhi!” isaan jedhe. (Uma. 28:1, 2) Yaaqoob yeruma sana wanta Yisihaq dubbate hojiirra oolcheera. Yaaqoob maatiisaa warra biyya Kanaʼaan keessa jiraataniifi isa jaallatan dhiisee, tarii kophaasaa taʼuu hin oolu, gara Haaraanitti karaa kiilomeetira dhibba hedduutti lakkaaʼamu deemuu jalqabe. (Uma. 28:10) Tarii akkas jedhee yaadee taʼuu dandaʼa: ‘Yeroo hammamiifan achi tura laata? Eessumnikoo faara tolaadhaan na simatee haadha manaa Waaqayyoon sodaattu naa kennaa laata?’ Yaaqoob gaaffiin akkasii isa yaaddessee ture yoo taʼe, yaaddoonsaa kun yommuu inni Luz ishee Bersheebaarraa gara kiilomeetira 100 fagaattu gaʼu furmaata argateera. Bakka kanatti maaltu raawwatame?

7. Waaqayyo abjuudhaan Yaaqoobiif maal mirkaneesse?

 7 Yihowaan, Luzitti abjuudhaan Yaaqoobitti mulʼatee, “Kunoo, ani sii wajjinan jira, iddoo ati dhaqxu hundumaatti sin eega; biyya kanatti sin deebisa, waan ani sitti dubbadhe siifan raawwadha malee, si hin gatu!” isaan jedhe. (Uma. 28:15) Yaadni gaarummaadhaan dubbatame kun Yaaqoobiin hedduu jajjabeessee taʼuu qaba. Sana booda Yaaqoob, Waaqayyo waadaa gale akkamitti akka raawwatu xiinxalaa yommuu inni ariitiidhaan adeemu isinitti mulʼataa? Tarii iddoo gara biraatti tajaajiluuf naannookee dhiistee kan deemte yoo taate, Yaaqoob maal akka isatti dhagaʼame hubachuu dandeessa. Yihowaan hangam akka si kunuunsu akka hubattus hin shakkisiisu.

8, 9. Yihowaan Yaaqoobiif ‘iddoo kooluu itti galu’ kan taʼe akkamitti? Kanarraahoo maal baranna?

8 Yaaqoob yommuu Haaraan gaʼu eessumnisaa miira hoʼaadhaan kan isa simate siʼa taʼu, yeroo boodas Liyaafi Raahel haadha manaasaa akka taʼan isaaf kenneera. Haataʼu malee yeroo booda Laabaan mindaa Yaaqoob al kudhan jijjiiruudhaan isa hacuuce. (Uma. 31:41, 42) Taʼus Yaaqoob, Yihowaan akka isa kunuunsu amanamuudhaan, jalʼina kana obsee kan jiraate siʼa taʼu, Yihowaanis isa kiiseera. Waaqayyo, Yaaqoob inni abbaa amantii taʼe gara biyya Kanaʼaanitti akka deebiʼu yommuu isaatti himu, Yaaqoob ‘hojjetoota dubartiifi dhiira, bushaayee baayʼee, gaalotaafi harroota’ akka horate ibsameera. (Uma. 30:43) Yaaqoob dinqisiifannaa guddaadhaan, “Gaarummaanii fi amanamummaan ati ana garbicha kee[tti] argisiifte kun hundinuu anatti in guddate; anoo yommuun baʼe ulee koo kana duwwaa qabadheen Yordaanos kana ceʼe; amma garuu buufata lama guutuu nan taʼe” jedhee kadhannaa dhiheesseera.—Uma. 32:10.

9 Eeyyee, Museen, wanta darberratti yaaduudhaan, “Yaa gooftaa, ati dhalootaa hamma dhalootaatti, iddoo kooluu itti gallu nuuf taateetta” jedhee kadhachuunsaa sirrii ture. (Far. 90:1) Yihowaa isa ‘gaaddisi gara galu isa bira hin jirreefi’ tajaajiltootasaa amanamoo taʼanitti jaalala argisiisuu, akkasumas iddoo kooluu itti galan isaaniif taʼuu wajjin haala wal qabateen jechoonni kun harʼas raawwatamaa jiru. (Yaq. 1:17) Mee kun akkamitti taʼuu akka dandaʼu haa ilaallu.

YIHOWAAN ‘IDDOO KOOLUU ITTI GALLUDHA’

10. Yihowaan tajaajiltootasaatiif iddoo kooluu itti galan taʼuusaa akka itti fufe mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

10 Mana murtiitti dhihaattanii dhaabbata addunyaa maratti yakka raawwachuudhaan beekamu tokkorratti ragaa baʼaa akka jirtan godhaa yaadaa. Hogganaan dhaabbata kanaa muuxannoofi humna guddaa kan qabu, garmalee kan sobu, akkasumas ajjeechaadhaan kan beekamudha. Ragaa baʼuu keessan xumurtanii mana murtichaa keessaa yommuu baatan maaltu isinitti dhagaʼama? Tasgabbiin isinitti dhagaʼamaa? Matumaa! Eegumsi akka isinii godhamu gaafachuuf sababii gaʼaa akka qabdan beekamaadha. Fakkeenyi kun tajaajiltoonni Yihowaa warri ija jabinaan waaʼeesaa dhugaa baʼaniifi diinasaa isa hamaa Seexana saaxilan haala akkamii keessa akka jiran kan ibsudha. (Mulʼata 12:17 dubbisi.) Haataʼu malee, Seexanni sabni Waaqayyoo akka callisan gochuu dandaʼeeraa? Lakki! Karaa hafuuraa guddachuu keenya kan itti fufne siʼa taʼu, kunis keessumaa guyyoota gara dhumaa kanatti Yihowaan ammayyuu ‘iddoo kooluu itti gallu’ taʼuusaa kan argisiisudha. (Isaayaas 54:14, 17 dubbisi.) Yaanni kun Seexanni bakka tasgabbii qabu kana keessaa akka nu baasu yoo heyyamne, Yihowaan iddoo kooluu itti gallu nuu taʼuu akka hin dandeenyes kan argisiisudha.

Ergamoonni Waaqayyoo tajaajiltootasaa ni deggeru; ni eegus

11. Abbootii amantiirraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?

11 Mee ammas abbootii amantiirraa barumsa argannu tokko haa ilaallu. Biyya Kanaʼaan keessa kan turan taʼus, amala namoota biyya sanaa isa hamaafi gadhee taʼerraa adda baʼanii jiraataniiru. (Uma. 27:46) Abbootiin amantii kun seera, ‘Kana godhi! ykn sana hin godhin!’ jedhuun utuu hin taʼin, seera buʼuuraatiin geggeeffamanii kan  jiraatan turan. Waaʼee Yihowaafi amalawwansaa ilaalchisee wanti beekan isaaniif gaʼaa ture. Yihowaan bakka kooluu itti galan waan isaanii taʼeef, hamma dandaʼan biyya lafaatti maxxananii jiraachuu hin barbaanne. Kanaa mannaa hamma dandaʼan irraa fagaatanii jiraataniiru. Kun fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Michootaafi bohaartii filachuurratti fakkeenya abbootii amantii amanamoo taʼan kanaa ni hordoftuu? Obboloonni gumii keessa jiran tokko tokko, miidhaan utuu isaanirra hin gaʼin addunyaa Seexanaa keessa jiraachuu akka dandaʼan yaaduunsaanii baayʼee nama gaddisiisa. Xinnumallee miirri akkasii kan isinitti dhagaʼamu taanaan dhimma kana ilaalchisee kadhadhaa. Biyyi lafaa kun kan Seexanaa taʼuusaa hin dagatinaa! Biyyi lafaa amala Seexanaa isa jibbaafi ofittoo taʼe kan calaqqisudha.—2 Qor. 4:4; Efe. 2:1, 2.

12. (a) Yihowaan wanta karaa hafuuraa namoota maatiisaa taʼaniif barbaachisu kan kennu akkamitti? (b) Qophiiwwan kanaaf ilaalcha akkamii qabda?

12 Haxxummaa Seexanaarraa fagaachuuf, qophii hafuuraa Yihowaan namoota iddoo kooluu itti galan isa godhataniif godherraa guutummaatti fayyadamuu qabna. Qophiiwwan kun walgaʼii Kiristiyaanaa, waaqeffannaa maatiifi dhiirota “kennaa” taʼan, jechuunis jaarsolii rakkina nu mudatuu wajjin yommuu qabsoo goonu akka nu jajjabeessaniifi akka nu deggeraniif Waaqayyo nuu muude kan dabalatudha. (Efe. 4:8-12) Obboleessi keenya Joorji Gaanjas inni waggaa dheeraadhaaf miseensa Qaama Olaanaa ture, “Yommuun [saba Waaqayyoo] wajjin taʼu maatiikoo wajjin jannata hafuuraa keessa tasgabbiidhaan akkan jiru natti dhagaʼama” jechuudhaan barreesseera. Atoo akkas sitti dhagaʼamaa?

13. Ibroota 11:13⁠rraa barumsa barbaachisaa taʼe akkamii argachuu dandeenya?

13 Amalli abbootii amantii kanaa hordofuu qabnu gara biraanimmoo, fedhii isaan namoota naannoosaanii jiranirraa adda taʼanii jiraachuuf qabanidha. Akkuma  keeyyata 1 rratti ibsame, “biyya lafaa irrattis ormaa fi kara-adeemtuu akka turan beekanii” turan. (Ibr. 11:13) Isinoo akkasaaniitti jiraachuuf murteessitaniittuu? Kana gochuun yeroo hunda salphaa taʼuu baatus, gargaarsa Waaqayyoofi Kiristiyaanota hidhata keenya taʼaniin milkaaʼina argachuu dandeenya. Kophaa keenya akka hin taane yaadachuu qabna. Namoonni Yihowaa tajaajilan hundi rakkina wajjin qabsaaʼan qabu. (Efe. 6:12) Taʼus, Yihowaatti kan amanamnuufi iddoo kooluu itti galan keessaa kan hin baane yoo taʼe, moʼuu dandeenya.

14. Tajaajiltoonni Yihowaa ‘mandara’ kam eeggachuun isaan barbaachisee ture?

14 Fakkeenya Abrahaam badhaasasaarratti xiyyeeffachuudhaan nuu kaaʼe hordofuun keenyas barbaachisaadha. (2 Qor. 4:18) Phaawulos ergamaan, Abrahaam “mandara hundee jabaa qabu, isa Waaqayyo akka inni itti ijaaramu qopheessee ijaare in eeggata ture” jechuudhaan barreesseera. (Ibr. 11:10) ‘Mandarri’ kun Mootummaa Masihiichaa akka taʼe beekamaadha.  Abrahaam ‘mandara’ kana argachuuf eeguun isa barbaachisee akka ture hin shakkisiisu. Nuti garuu eeguun nu hin barbaachisu jechuun ni dandaʼama. Mootummaan kun yeroo ammaa samiirratti bulchaa jira. Kana malees, dhiheenyatti guutummaa lafaa akka toʼatu ragaawwan argisiisan hedduun jiru. Mootummaan kun isiniif dhugoomeeraa? Ilaalcha jireenyaafi biyya lafaa kanaaf qabdan, akkasumas wanta dursa kennitaniifirratti dhiibbaa gochaa jiraa?—2 Phexros 3:11, 12 dubbisi.

DHUMNI DHIHAACHAA YOMMUU DHUFU ‘IDDOO KOOLUU ITTI GALLU’

15. Namoota biyya lafaa kanatti amanamanirra maaltu gaʼa?

15 Addunyaan Seexanaa baduu jala yommuu gaʼu, ‘ciniinsuun’ gaʼu itti caalaa deema. (Mat. 24:7, 8) Yeroo rakkina guddaattimmoo wanti hundi caalaatti gadhee taʼuu dandaʼa. Wantoonni jireenyaaf barbaachisan waan dhibaniif, namoonni jireenyasaaniitiif ni sodaatu. (An. 3:16, 17) Namoonni baayʼeen abdii waan kutataniif, ‘holqaafi kattaa tullootaatti’ kooluu galuu akka barbaadanitti kan ilaalamudha. (Mul. 6:15-17) Haataʼu malee, holqis taʼe, jaarmiyaan siyaasaafi dhaabbanni daldalaa tulluutti fakkeeffaman eegumsa akkamiiyyuu kennuu hin dandaʼan.

16. Walgaʼii gumiitiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Maaliif?

16 Sabni Waaqayyoo garuu, Yihowaatti ‘kooluu galanii’ nagaadhaan jiraachuusaanii itti fufu. Akkuma Anbaaqom raajichaa, ‘Waaqayyotti in ililchu.’ Akkasumas, ‘Waaqayyo isa isaan fayyisutti in gammadu.’ (An. 3:18) Yihowaan yeroo baayʼee rakkisaa taʼetti ‘iddoo kooluu itti gallu’ nuu taʼuu kan dandaʼu karaawwan kamiini? Kana gara fuulduraatti argina. Haataʼu malee, akkuma Israaʼeloonni yeroo Gibxii baʼan godhan, ‘tuutni sonaan baayʼeen’ haala gurmaaʼeen isa yeroo kamiyyuu caalaa qajeelfama Waaqayyo isaanii kennu fudhachuuf dammaqoo akka taʼan mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Mul. 7:9; Baʼuu 13:18 dubbisi.) Qajeelfamni akkasii karaa tiʼookraasii, jechuunis karaa qophii gumii kennamuu dandaʼa. Dhugumayyuu, gumiiwwan kuma heduutti lakkaaʼamaniifi addunyaa maraatti argaman ‘kutaa manaa’ eegumsa keessatti argataniifi Isaayaas 26:20rratti raajiidhaan dubbatametti kan fakkeeffaman taʼuu hin oolan. (dubbisi.) Walgaʼii gumiitiif iddoo guddaa ni kennituu? Qajeelfama Yihowaan karaa gumii kennu daftanii hojiirra oolchituu?—Ibr. 13:17.

17. Yihowaan tajaajiltootasaa amanamoo taʼanii duʼaniifillee ‘iddoo kooluu itti galan’ kan taʼe akkamitti?

17 Yihowaan namoota amanamoo taʼaniifi rakkina guddaa dura duʼaniifillee, ‘iddoo kooluu itti galan’ taʼuudhaan tasgabbiidhaan akka jiraatan godha. Akkamitti? Abbootiin amantii amanamoo taʼan erga duʼanii waggoota dheeraa booda, Yihowaan Museedhaan, “Ani Waaqayyo . . . isa kan Abrahaam, Waaqayyo isa kan Yisihaq, Waaqayyo isa kan Yaaqoob” jedheera. (Bau. 3:6) Yesus yaada kana erga caqasee booda, “Gooftaan, Waaqayyo warra duʼanii miti, Waaqayyo warra jiranii ti malee; isaaf hundinuu jiraatoo dhaʼo” jedheera. (Luq. 20:38) Eeyyee, namoonni isaaf amanamoo taʼanii duʼan, duʼaa kaafamuunsaanii waan hin oolleef, Yihowaadhaaf akka lubbuudhaan jiranitti ilaalamu.—Lal. 7:1.

18. Addunyaa haaraa keessatti Yihowaan sabasaatiif karaa adda taʼeen ‘iddoo kooluu itti galan’ kan taʼu akkamitti?

18 Yihowaan addunyaa haaraa keessatti sabasaatiif karaa gara biraatiin ‘iddoo kooluu itti galan’ taʼa. Mulʼanni 21:3, “Kunoo, iddoon Waaqayyo buufatu namoota gidduu dha, inni isaan bira buufachuuf jira” jedha. Jalqaba, Yihowaan karaa Kiristos Yesus isa bakka buʼaasaa taʼeen, namoota lafarra jiraatan gidduu buufata. Yesus waggaa kuma tokko booda, kaayyoo Waaqayyo lafaaf qabu guutummaatti raawwachuudhaan, Mootummicha Abbaasaatti dabarsee kenna. (1 Qor. 15:28) Sana booda, ilmaan namootaa cubbuurraa walaba taʼanii Yihowaan waan isaanii wajjin jiraatuuf, Yesus gidduu dhaabbachuun isa hin barbaachisu. Dhugumayyuu abdii dinqisiisaa taʼe qabna. Hammasitti garuu fakkeenya namoota amanamoo bara durii hordofuudhaan, Yihowaa ‘iddoo kooluu itti gallu’ haa godhannu.

^ စာပိုဒ်၊ 2 Macaafni Qulqulluun, Kontemporaarii Ingilish Varshin jedhamu Faarfannaa 90:1; “Gooftaa keenya, ati dhaloota hundumaatti mana keenya taateetta” jechuudhaan hiikeera.