MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Ebla 2013

Matadureen kun akka itti Macaafa Qulqulluu qayyabannu, tajaajila keenyaafi jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuu dandeenyu ibsa.

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Meeksikootti

Dargaggoonni hedduun rakkina isaan mudatu moʼuudhaan tajaajilasaanii akkamitti akka babalʼifatan qori.

Macaafa Qulqulluu Dubbisuudhaan Faayidaa Argadhaa

Macaafni Qulqulluun nu fayyaduu kan dandaʼu yoo qayyabanneefi wanta baranne sana hojiirra yoo oolchinedha. Karaa buʼa qabeessa taʼeen Macaafa Qulqulluu dubbisuu baradhu.

Dubbii Waaqayyootti Fayyadamuudhaan Ofis Taʼe Warra Kaan Gargaaraa

Macaafa Qulqulluu kennaa guddaa akka taʼetti ilaaltaa? Ximotewos Inni Lammaffaan 3:16 amantii kennaa Yihowaa biraa dhufe kanarratti qabdu sii cimsa.

SEENAA JIREENYAA

Waggaa Shantamaaf Naannoo Arkitiikitti Tajaajiluu

Seenaa jireenyaa Aayiliifi Aniik Maatiilaa warra qajeelchaa addaa taʼanii kaaba Fiinlaanditti yommuu tajaajilaa turan Yihowaatti amanamuu baratanii dubbisi.

‘Wanta Caalaatti Barbaachisaa Taʼe Adda Baasaa Beekaa’

Kutaa jaarmiyaa Waaqayyoo isa uumama cufaa taʼuuf mirga guddaa arganneerra. Hojii jaarmiyaan kun yeroo harʼaa raawwatu deggeruu kan dandeenyu akkamitti?

‘Humna Hin Dhabinaa’

Jaarmiyaa Yihowaa wajjin qixxee deemuufi hinaaffaa tajaajilarratti qabnu eegnee jiraachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

Kana Beektaa?

Yesus, manni qulqullummaa Yihowaa akka barbadeeffamu raajii dubbatee ture. Manni qulqullummaa Yerusaalem Dh.K.B. bara 70⁠tti erga balleeffamee booda deebiʼee ijaarameeraa?