Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Meeksikootti
DARGAGGOONNI Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan hedduun tajaajilarratti caalaatti hirmaachuuf, akkaataa jireenyaasaanii salphaa gochaa akka jiran beekuun baayʼee kan nama gammachiisudha. (Mat. 6:22) Dargaggoonni kun sirreeffama akkamii godhaniiru? Rakkinni akkamii isaan mudateera? Waaʼee kanaa beekuuf, muuxannoo obboloota yeroo ammaa Meeksikootti tajaajilaa jiran tokko tokkoo haa ilaallu.
“SIRREEFFAMA GOCHUU QABNA TURRE”
Dastiiniifi Jaasaan Yunaayitid Isteetis jiraachaa kan turan siʼa taʼu, gaaʼela kan godhatan Amajjii 2007tti ture. Utuu baayʼee hin turin, bidiruu ammayyaa yeroo dheeraaf hawwaa turan bitatanii keessa jiraachuu jalqaban. Bidiruu kana Yu.Ess.Eetti naannoo Oriigan, magaalaa Astooriyaa ishee bareedduu taateefi tulluuwwan bosonaan, akkasumas gaarreen cabbiidhaan uwwifameen marfamteefi Garba Paasfiikitti dhihoo jirtu dhaabbatan. Dastiin, “Wanti ati ilaaltu hundi kan si gammachiisudha” jechuudhaan dubbateera. Hiriyoonni gaaʼelaa kun Yihowaatti amanamuudhaan jireenya salphaa jiraachaa akka jiran isaanitti dhagaʼama ture. ‘Bidiruu meetira 7.9 dheeratu keessa jiraanna, hojii guyyaa walakkaa hojjenna, gumii afaan biyya alaatiin geggeeffamutti hirmaanna, darbee darbees qajeelchaa gargaaraa taanee tajaajilla’ jedhanii yaadanii turan. Yeroo muraasa booda garuu of gowwoomsaa akka jiran hubatan. Dastiin akkas jedheera: “Gumicha gargaaruu mannaa bidiruu keenya suphuurratti yeroo dheeraa dabarsina turre. Booda garuu jireenya keenya keessatti dhugumaan Yihowaa dursuu barbaannaan, sirreeffama gochuu akka qabnu hubanne.”
Yoh. 4:35) Dastiin, “Nuyis gammachuu akkasii argachuu barbaanne” jedheera. Tuutni haaraan hundeeffame tokko gargaarsa akka barbaadu michootasaanii Meeksikoo jiranirraa yommuu dhagaʼan Dastiiniifi Jaasaan dhaqanii gargaaruuf of qopheessan. Sana booda hojiisaanii ni dhiisan, bidiruusaanii ni gurguran, achiis Meeksikoo deeman.
Jaasaan akkas jetteetti: “Gaaʼela dhaabbachuu koo dura Meeksikoo keessa jiraachaa kanan ture siʼa taʼu, gumii Ingiliffaan geggeeffamu keessatti hirmaachaan ture. Achitti tajaajiluun baayʼee waan na gammachiisuuf deebiʼee dhaquu nan hawwan ture.” Dastiiniifi Jaasaan fedhii biyya alaa dhaqanii tajaajiluuf qaban guddifachuuf, yeroo waaqeffannaa maatii godhatanitti seenaa obbolootaafi obboleettota biyya alaa bakka midhaan bilchaatee haamaadhaaf gaʼe deemanii dubbisuu jalqaban. (“WANTA HAMMA YOONAATTI ARGANNE HUNDA CAALU”
Dastiiniifi Jaasaan magaalaa Teekomaan ishee Garba Paasfiikitti dhihoo jirtu keessa kan buufatan siʼa taʼu, iddoon kun Astooriyaarraa kallattii kibbaatiin gara kiilomeetira 4,345 fagaatee argama. Dastiin, “Iddoon amma jirru qilleensa qabbanaaʼaafi gaarreen babbareedoo hin qabu. Kanaa mannaa hoʼa guddaafi mukkeen loomiitiin kan guutamedha” jedheera. Akkuma dhaqaniin hojii argachuu hin dandeenye turan. Qarshii waan hin qabneef yeroo hundumaa guyyaatti siʼa lama ruuziifi baaqelaa nyaatu turan. Jaasaan akkas jetteetti: “Nyaata kana akkuma nuffuu jalqabneen, namni qayyabsiisnu tokko maangoo, muuziifi paappaayyaa, akkasumas loomii korojoo guutee nuu fide!” Yeroo booda hiriyoonni gaaʼelaa kun bakkuma jiran taʼanii dhaabbata Taayiwaanitti Intarneetiidhaan afaan barsiisu tokko keessatti hojii barsiisummaa jalqaban. Qarshii achii argataniin wanta isaan barbaachisu guuttachuu dandaʼaniiru.
Dastiiniifi Jaasaan akkaataa jireenyaasaanii isa haaraa kana ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama? “Iddoo kana dhufuun keenya, wanta hamma yoonaatti arganne hunda caalu nuu argamsiiseera. Hariiroon nuyi Yihowaafi walii wajjin qabnu isa kanaan dura akka qabnutti yaadaa turre caalaa nuu cimeera. Waliin tajaajiluu, namoota qayyabsiisnu akkamittiin akka gargaarru mariʼachuufi walgaʼiidhaaf qophaaʼuu dabalatee yeroo mara wanta hundumaa waliin hojjenna. Dhiibbaawwan garaagaraa kanaan dura nu mudachaa turanirraa walaba taaneerra. Amma wanta kanaan dura sirriitti hin hubanne jechuunis, yaadni Faarfannaa 34:8rra jiruufi ‘gaarummaan Waaqayyoo attam akka taʼe miyeeffadhaa ilaalaa!’ jedhu dhugaa taʼuusaa hubanneerra.”
NAMOONNI KUMAAN LAKKAAʼAMAN FEDHAAN AKKA OF DHIHEESSAN KAN ISAAN KAKAASE MAALIDHA?
Obboloonni 2,900 ol taʼan, gaaʼela dhaabbatan, qeentee taʼaniifi hedduunsaanii umrii waggoota 20mmaniifi 30mmanii keessatti argaman, Meeksikoo keessaa bakka labsitoonni Mootummichaa ammayyuu caalaatti barbaachisanitti tajaajiluuf deemaniiru. Dhugaa Baatonni kun hojii ulfaataa taʼe kana raawwachuuf kan kakaʼan maaliifi? Isaan keessaa muraasasaaniitiif gaaffiin kun yommuu dhihaateetti sababii gurguddaa sadii kennaniiru. Sababiiwwan kun maalfaʼi?
Mar. 12:30) Ermeeloo inni yeroo ammaa Lateesiyaa fuudhe, bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemee tajaajiluu kan eegale jalqaba umrii waggoota 20mmaniitidha. Akkas jedheera: “Namoonni fedhii hafuuraasaanii akka guuttatan gargaaruun, hunda caalaa karaa itti jaalalan namootaaf qabu argisiisu taʼuusaa hubadheera.” (Mar. 12:31) Kanaaf, magaalaa Monteerii ishee sooressa taate keessatti hojii mana baankiitii hojjetuufi jireenya gaarii jiraachaa ture dhiisee gara magaalaa xinnoo deemee tajaajiluuf murteesse.
Jaalala Yihowaafi namootaaf qaban argisiisuuf. Lateesiyaan kan cuuphamte umrii waggaa 18tiitti ture. Akkas jetteetti: “Yihowaadhaaf of murteessuu jechuun, garaakoofi humnakoo guutuudhaan isa tajaajiluu jechuu akka taʼe hubadheen ture. Kanaaf, garaakoo guutuu Yihowaa akkan jaalladhu argisiisuuf yeroofi humnakoo gara caalaasaatiin isa tajaajiluun barbaade.” (Gammachuu dhugaafi itti fufiinsa qabu argachuuf. Lateesiyaan cuuphamtee utuu baayʼee hin turin obboleettii qajeelchituu taateefi muuxannoo qabduu wajjin magaalaa fagootti argamtu tokkotti jiʼa tokkoof tajaajiltee turte. Leteesiyaan akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Namoonni ergaa Mootummichaa nuyi isaanitti himnu kan dhaggeeffatan taʼuunsaanii gammachuu guddaa naaf argamsiiseera. Akkasumas baayʼee na ajaaʼibsiisee ture. Dhuma jiʼa sanaatti, ‘Kun wantan jireenyakoo keessatti hojjechuu barbaadudhan’ ofiin jedhe.” Haaluma wal fakkaatuun Eesleen obboleettii qeentee yeroo ammaa umrii waggoota 20mmanii keessatti argamtu yommuu taatu, gammachuu isheen obboloota bakka biraatti tajaajilanirraa argite isheenis tajaajila kanarratti akka hirmaattu ishee kakaaseera. Yeroo mana barumsaa sadarkaa lammaffaa turtetti Dhugaa Baatota hinaaffaa qabaniifi bakka labsitoonni caalaatti barbaachisan deemanii tajaajilan hedduu wajjin wal argiti turte. Akkas jetteetti, “Gammachuu obboloonniifi obboleettonni kun qaban yommuun argu anis jireenya akkasii jiraachuun barbaade.” Obboleettonni hedduunis tarkaanfii Eeslee wajjin wal fakkaatu fudhataniiru. Yeroo ammaa obboleettonni qeenteen 680 ol taʼan Meeksikoo bakka labsitoonni caalaatti barbaachisan deemanii tajaajilaa jiru. Kun dargaggootaafis taʼe maanguddootaaf fakkeenya gaarii kan taʼudha.
Jireenya kaayyoo qabuufi gammachiisaa taʼe jiraachuuf. Eesleen barumsa sadarkaa lammaffaa erga xumurtee booda carraa biyya alaa deemtee barachuu argatte. Hiriyoonnishee, digirii argachuun, konkolaataa qabaachuun, biyya alaas deemtee daawwachuun jireenya gaarii jiraachuuf waan ishee gargaaruuf afeerrii kana akka fudhattu ishee jajjabeessan. Isheen garuu gorsasaanii hin fudhanne. Eesleen akkas jetteetti: “Kiristiyaanonni hiriyootakoo taʼan hedduun wantoota kana argachuurratti kan xiyyeeffatan yommuu taʼu, galma hafuuraa akka isaan hin qabne hubadheera. Akkasumas caalaatti dhimma biyya lafaa keessa waan seenaniif, yommuu rakkinni isaan mudatuufi yommuu abdii kutatan arguu dandaʼeera. Ani garuu umrii dargaggummaa kootti caalaatti Yihowaa tajaajiluun barbaade.”
Eesleen qajeelcha taatee tajaajilaa, hojii argachuuf akka ishee gargaarutti barumsa baratterratti leenjii dabalataa
kan fudhatte siʼa taʼu, achiis bakka labsitoonni caalaatti barbaachisan deemtee tajaajiluu jalqabde. Afaan uummanni Otoomeefi Tilaapaaneekoo warri jiraattota naannichaa taʼan dubbatan barachuullee dandeesseetti. Waggoota sadan biyya alaatti tajaajilte yaadachuudhaan akkas jetteetti: “Bakka labsitoonni caalaatti barbaachisan deemee tajaajiluunkoo gammachuu naa argamsiiseera; jireenya kaayyoo qabu jiraachuufis na gargaareera. Hunda caalaammoo hariiroon Yihowaa wajjin qabu naa jabeesseera.” Filiippiifi Raakel hiriyoonni gaaʼelaa jalqaba umrii waggoota 30mmanii keessatti argamaniifi Yunaayitid Isteetisii deemanis yaada kanarratti walii galu. Akkas jedhaniiru: “Haalli biyya lafaa saffisaan jijjiiramaa waan deemuuf, namoonni hedduun jireenyisaanii amansiisaa akka hin taane isaanitti dhagaʼama. Haataʼu malee bakka ammayyuu namoota ergaa Macaafa Qulqulluu dhagaʼan hedduu argannutti tajaajiluun keenya, jireenya kaayyoo qabu jiraachuuf nu gargaara. Kana gochuun gammachuu guddaa namaaf argamsiisa!”AKKAATAA RAKKINA MOʼUUN ITTI DANDAʼAMU
Naannoo labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemanii tajaajiluun rakkina tokko tokko akka qabu beekamaadha. Isaan keessaa tokko qarshii ittiin of dandaʼanii jiraatan argachuudha. Rakkina gama kanaan mudatu moʼuuf, sirreeffama haala naannichaa wajjin walsimnee jiraachuuf nu barbaachisu gochuuf fedhii qabaachuudha. Veerooniikaan obboleettii qajeelchituu taateefi muuxannoo qabdu siʼa taatu akkas jetteetti: “Bakkan tajaajilaa ture tokkotti nyaata salphaatti qopheeffamuufi rakasaan gurguramu qopheesseen gurguran ture. Bakka garabiraattimmoo uffatan gurgura, akkasumas rifeensan sirreessan ture. Yeroo ammaa, manan qulqulleessa, akkasumas warri reefuu ijoollee godhatan akkamitti ijoolleesaanii qabuun akka isaanirra jirun isaan barsiisa.”
Keessumaa naannoo fagoo taʼetti jiraattota naannichaa wajjin jiraachuun, akkasumas aadaa kan biraafi duudhaawwan adda taʼanii wajjin wal baruun baayʼee ulfaataadha. Filiippiifi Raakel bakka afaan Naawaatil itti dubbatamutti yommuu tajaajilan haalli akkasii isaan mudatee ture. Filiippi, “Aadaan keenya baayʼee garaagaradha” jedheera. Maarree wanti sirreeffama akka godhan isaan gargaare maalidha? “Wanta gaarii uummanni Naawaatil qaban jechuunis, hariiroo maatiisaanii gidduu jiru, waliisaaniitiif kan yaadaniifi arjaa taʼuusaaniirratti xiyyeeffanne” jedhaniiru. Raakel itti dabaluudhaan, “Bakka sana jiraachuufi obboloota keenya naannicha jiranii wajjin tajaajiluudhaan waan hedduu baranneerra” jetteetti.
QOPHII GOCHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
Naannoo fagoo labsitoonni caalaatti barbaachisan deemtee tajaajiluu barbaadda taanaan ammumaa kaastee maal gochuu qabda? Obboloonniifi obboleettonni tajaajila kanarratti hirmaachuudhaan muuxannoo qaban akkas jedhaniiru: ‘Deemuukee dura akkaataa jireenyaa salphaa taʼe jiraachuu jalqabi; wanta argatteetti gammaduudhaan jiraachuus baradhu.’ (Filp. 4:11, 12) Gara biraahoo maal gochuu qabda? Lateesiyaan, “Waadaa hojii yeroo dheeraadhaaf bakka tokko akkan turu na godhu keessa galuu nan dhiise. Yeroo kamittiyyuu bakka kamiyyuu deemuuf qophaaʼeen ture” jetteetti. Ermeeloon; “Nyaata bilcheessuu, uffannaa miiccuufi tokkosuu baradheera” jedheera. Veerooniikaan akkas jetteetti: “Yeroon maatiikoofi obbolaawwan koo wajjin mana turetti waa qulqulleessuu isaan gargaaraan ture. Nyaata gatii salphaatiin bitamuufi qaama ijaaru qopheessuu, akkasumas qusannaa baradheera.”
Leeviifi Ameeliyaan warri Yunaayitid Isteetisii deeman gaaʼela erga dhaabbatanii waggaa saddeet siʼa taʼu, Meeksikoo deemanii tajaajiluuf wanta isaan barbaachisu adda baasanii caqasuudhaan kadhannaa dhiheessuun akkamitti akka isaan gargaare ibsaniiru. Leeviin, “Waggaa tokkoof biyya alaa deemnee tajaajiluuf qarshiin hangamii akka nu barbaachisu erga shallagnee booda qarshii kana argachuuf Yihowaan akka nu gargaaru kadhanne” jedheera. Jiʼoota muraasa keessatti qarshii kadhannaadhaan gaafatan kana walitti qabachuu kan dandaʼan siʼa taʼu, utuu hin turinis deemaniiru. Leeviin, “Yihowaan kadhannaa dhiheessine kan dhagaʼe yommuu taʼu, nutis gama keenyaan akka gaariitti hojjenneerra” jedheera. Ameeliyaanimmoo akkas jetteetti: “Waggaa tokko qofa turuuf yaannee kan turre taʼus, waggaa torba kan turre yommuu taʼu waaʼeen asii deemuu gara sammuutti nu dhufee hin beeknu! As jiraachuun gargaarsa Yihowaan nuuf godhu akka arginu nu gargaareera. Guyyaa guyyaadhaan gaarummaasaa argaa jirra.”
Addaamiifi Janiifar hiriyoonni gaaʼelaa Yunaayitid Isteetisii deeman Meeksikoo naannoo Ingiliffi dubbatamutti kan tajaajilan siʼa taʼu, isaanis kadhannaan gaʼee guddaa akka qabu arganiiru. Akkas jedhaniiru: “Haala guutummaatti mijaaʼaa taʼe matumaa hin eegin. Biyya alaa deemtee tajaajiluuf kadhannaadhaan irratti yaadi; achiis haala kadhannaakee wajjin walsimuun tarkaanfii fudhadhu. Akkaataa jireenyaa salphaa taʼe jiraadhu; bakka itti tajaajiluu barbaaddu ilaalchisee waajjira damee biyyichaatiif barreessi; irratti yaaddee erga murteessitee booda bakka sana deemi!” * Yoo akkas goote, karaa hafuuraa jireenya gammachiisaa taʼe jiraachuu dandeessa.
^ key. 21 Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Tajaajila Mootummaa mataduree, “Gara ‘Maqedooniyaatti Ceʼuu’ Ni Dandeessaa?” jedhu qabuufi Hagayya 2011rra jiru ilaali.