Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Humna Hin Dhabinaa’

‘Humna Hin Dhabinaa’

“Kottaa wanta gaarii taʼe gochuutti hin laafnu!”​—GAL. 6:9.

1, 2. Jaarmiyaa Yihowaa isa uumama cufaarratti xiinxaluun keenya amanannaa qabnu kan nuu guddisu akkamitti?

KUTAA jaarmiyaa uumama cufaa taʼuu keenyarratti yaaduun baayʼee kan nama gammachiisudha. Mulʼatawwan Hisqiʼel boqonnaa 1⁠fi Daani’el boqonnaa 7⁠rra jiran, Yihowaan kaayyoosaa galmaan gaʼuuf hojjechaa akka jiru akka gaariitti kan ibsanidha. Yesus, kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni lafarraa misiraachoo labsuurratti akka xiyyeeffatu, namoota hojii kana hojjetan karaa hafuuraa akka kunuunsu, akkasumas waaqeffannaa dhugaa Yihowaadhaaf dhihaatu akka babalʼisu adda durummaadhaan qajeelfama kennaa jira. Kana beekuun keenya, jaarmiyaa Yihowaarratti amanannaa guddaa akka qabaannu nu godha.—Mat. 24:45.

2 Nutoo dhuunfaatti jaarmiyaa dinqisiisaa taʼe kanaa wajjin qixxee deemaa jirraa? Hinaaffaan dhugaadhaaf qabnu guddachaamoo hirʼachaa jira? Gaaffii akkasii yommuu qorru, dadhabuu akka jalqabne ykn hinaaffaan keenya hamma tokko akka hirʼate hubanna taʼa. Kun wanta nurra gaʼuu dandaʼudha. Jaarraa jalqabaatti, Phaawulos Kiristiyaanonni hidhatasaa taʼan fakkeenya Yesus akka qoran isaan gorsuun isa barbaachisee ture. Phaawulos kana gochuunsaanii ‘dadhabanii yaannisaanii akka hin laafne’ akka isaan gargaaru dubbateera. (Ibr. 12:3) Mataduree darberratti jaarmiyaan Yihowaa yeroo harʼaa maal raawwachaa akka jiru gad fageenyaan qoruun keenya, hinaaffaa akka qabaannuufi jabaannee akka itti fufnu gargaarsa guddaa nuu godheera.

3. Akka hin laafneef maal gochuu nu barbaachisa? Mataduree kana keessatti maal qorra?

3 Haataʼu malee Phaawulos, akka hin laafneef wanti gochuun nu barbaachisu gara biraan akka jiru dubbateera. “Wanta gaarii taʼe gochuu” akka qabnus ibseera. (Gal. 6:9) Kanaaf gama keenyaan tarkaanfii fudhachuun barbaachisaadha. Kanatti aansuudhaan tarkaanfiiwwan cimnee itti fufuufi jaarmiyaa Yihowaa wajjin qixxee deemuuf nu gargaaran shan qorra. Achiis, kallattiiwwan nuyi ykn maatiin keenya dhuunfaatti xiyyeeffannaa guddaa kennuufii qabnu kamfaa akka taʼan murteessuu dandeenya.

WAL JAJJABEESSUUFI WAAQEFFANNAADHAAF WALITTI QABAMAA

4. Walgaʼiirratti argamuun waaqeffannaa dhugaa keessatti iddoo guddaa qaba jechuu kan dandeenyu maaliifi?

4 Sochii tajaajiltoonni Yihowaa godhan keessaa walgaʼiirratti argamuun yeroo hunda iddoo guddaa kan qabudha. Uumamawwan hafuuraa addunyaa ijaan hin argamne keessa jiran, yeroo murtaaʼaa taʼetti Yihowaa duratti akka walgaʼan afeeramanii turan. (1 Mot. 22:19; Iyo. 1:6; 2:1; Dan. 7:10) Israaʼel durii keessatti sabichi, ‘dhagaʼuufi barachuuf’ walgaʼii godhu turan. (Kes. 31:10-12) Yihudoonni jaarraa jalqabaa, Caaffata Qulqullaaʼoorraa dubbisuuf yeroo hunda mana sagadaa dhaqu turan. (Luq. 4:16; HoE. 15:21) Walgaʼiidhaaf iddoo guddaa kennuun yeroo gumiin Kiristiyaanaa hundeeffamettis kan itti fufe siʼa taʼu, yeroo harʼaas waaqeffannaa keenya keessatti iddoo guddaa qaba. Kiristiyaanonni dhugaan, ‘jaalala argisiisuuf, waan gaarii hojjechuufis tuttuqanii yaada walii kakaasu.’ ‘Guyyaan Yihowaa dhiʼaachaa adeemuusaa yommuu arginuttimmoo ittuma caalchifnee wal jajjabeessuun’ keenya barbaachisaadha.—Ibr. 10:24, 25.

5. Walgaʼiirratti wal jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Karaa barbaachisaa wal jajjabeessuu itti dandeenyu keessaa tokko walgaʼiirratti yommuu argamnu hirmaannaa gochuudha. Gaaffiiwwan barreeffamarra jiran deebisuu, caqasoota kennaman ibsuu, muuxannoo gabaabaa ogummaa seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hordofuun qabu ibsu dubbachuu ykn karaa garabiraatiin amantii keenya namoota duratti ibsuu dandeenya. (Far. 22:22; 40:9) Walgaʼiirratti kan argamne waggoota hammamiifiyyuu yoo taʼe, yaada obboloonni keenya maanguddoonnis taʼan dargaggoonni kennan dhagaʼuun baayʼee nu jajjabeessa.

6. Walgaʼiiwwan keenya karaa hafuuraa dammaqoo taanee jiraachuuf kan nu gargaaran akkamitti?

6 Sababii garabiraan Waaqni keenya yeroo hunda walgaʼiirratti akka argamnuuf nu ajaje maalidha? Walgaʼiin gumii, addaa, aanaafi koonyaa ija jabinaan lallabuufi mormii ykn danta dhabummaa tajaajila keenyarratti nu mudatu moʼuuf nu gargaaru. (HoE. 4:23, 31) Mareen Caaffata Qulqullaaʼoorratti goonu jajjabina akka argannuufi amantii keessatti jabaannee akka itti fufnu nu gargaara. (HoE. 15:32; Rom. 1:11, 12) Barumsiifi jajjabinni bakka walgaʼii keenyaa argannu, gammachuu dhugaafi ‘guyyaa rakkinaatti boqonnaa’ nuuf argamsiisa. (Far. 94:12, 13) Qaama Olaanaatti Koreen Barumsaa, barumsa hafuuraa saba Yihowaa addunyaa mara jiraniif dhihaatu hunda olaantummaadhaan toʼata. Torban torbaniin utuu walirraa hin kutin walgaʼii keenyarratti barumsa gaarii akka argannu qophii nuu godhameef guddaa galateeffanna.

7, 8. (a) Kaayyoon walgaʼiiwwan keenyaa inni guddaan maalidha? (b) Walgaʼiiwwan karaa hafuuraa kan si gargaaran akkamitti?

7 Dhuunfaatti faayidaa nuu argamsiisuu malees, walgaʼiiwwan keenya sababii itti barbaachisaa taʼan garabiraa qabu. Kaayyoon walgaʼiirratti argamnuuf inni guddaan Yihowaa waaqeffachuudha. (Faarfannaa 95:6 dubbisi.) Mirga guddaa Waaqa keenya isa dinqisiisaa taʼe faarsuuf nu dandeessisu arganneerra. (Qol. 3:16) Yeroo hunda walgaʼiirratti argamuufi hirmaannaa gochuudhaan Yihowaa waaqeffachuun keenya kan isaaf maludha. (Mul. 4:11) Kanaaf, ‘akka jara tokkotti amala taʼe walitti qabamuu keenya akka hin dhiisne’ gorfamuun keenya kan nama dinqisiisu miti.—Ibr. 10:25.

8 Walgaʼiin keenya, qophii Yihowaan hamma sirna kana balleessutti jabaannee akka itti fufnu nu gargaaruuf godhe taʼuusaa hubanneerraa? Taanaan, walgaʼiiwwan ‘wantoota caalaatti barbaachisan’ waan taʼaniif jireenya keenya isa muddamaan guutame keessatti iddoo kennuufii qabna. (Filp. 1:10, NW) Wanti obboloota keenyaa wajjin Yihowaa waaqeffachuuf walgaʼiirratti akka hin argamne nu godhu, wanta humna keenyaa ol taʼe qofa taʼuu qaba.

NAMOOTA GARAA QAJEELAA QABAN BARBAADAA

9. Hojiin lallabaa barbaachisaa taʼuusaa akkamitti beekna?

9 Hojii lallabaarratti akka gaariitti hirmaachuunis jaarmiyaa Yihowaa wajjin qixxee deemuuf nu gargaara. Yesus yommuu lafarra turetti hojii kana jalqabee ture. (Mat. 28:19, 20) Yeroo sanaa kaasee jaarmiyaan Yihowaa, hojii Mootummicha labsuufi bartoota gochuurratti xiyyeeffachaa tureera. Yeroo harʼaa ergamoonni hojii lallabaa keenya akka deggeraniifi ‘warra mootummaa Waaqayyootti galuudhaaf yaadataman [‘namoota jireenya barabaraa argachuuf yaada garaa sirrii taʼe qaban,’ NW]’ barbaaduurratti akka nu gargaaran muuxannoowwan argisiisan hedduun jiru. (HoE. 13:48; Mul. 14:6, 7) Kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni lafarraa yeroo harʼaa jirus kan hundeeffame, hojii kana akka qindeessuufi akka deggeruufidha. Kanaaf, jireenya keenya keessatti tajaajilaafis iddoo guddaa ni kenninaa?

10. (a) Dhugaadhaaf jaalala guddaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe fakkeenyaan ibsi. (b) Tajaajilli akka jabaattu kan si gargaare akkamitti?

10 Tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaachuun keenya jaalala dhugaadhaaf qabnu eegnee itti fufuuf nu gargaara. Yaada Micheel inni waggoota baayʼeef jaarsa gumiifi qajeelchaa ture kenne hubadhaa. Akkas jedheera: “Waaʼee dhugaa namootatti himuu nan jaalladha. Mataduree haaraa Masaraa Eegumsaa ykn Dammaqaa! dhiheenya baʼerra jirurratti nan yaada; ogummaa, hubannaafi yaada sirrii barreeffamoota kanarratti baʼanis nan dinqisiifadha. Namoonni ilaalcha akkamii akka qabaniifi fedhiisaanii kakaasuu kanan dandaʼu akkamitti akka taʼe beekuuf tajaajilarratti ittan fayyadama. Tajaajillikoo tasgabbii akkan qabaadhu na gargaareera. Wanti kamiyyuu yeroon tajaajilaaf ramade akka na jalaa fudhatu hin heyyamu.” Nutis, tajaajilarratti dammaqinaan hirmaachuun keenya, guyyoota gara dhumaa kanatti jabaannee itti fufuuf nu gargaaruu dandaʼa.—1 Qorontos 15:58 dubbisi.

QOPHIIWWAN HAFUURAARRAA FAYYADAMAA

11. Nyaata hafuuraa Yihowaa biraa argannu akka gaariitti itti fayyadamuu kan qabnu maaliifi?

11 Yihowaan jabina akka argannuuf nyaata hafuuraa hedduu nuu qopheesseera. Barreeffama tokko erga dubbistanii booda, ‘Kun wantan barbaadudha. Kana Yihowaadhumatu naaf barreesse’ akka jettan hin shakkisiisu. Miirri akkasii isinitti dhagaʼamuunsaa sirriidha. Yihowaan karaa barreeffamoota kanaa nu barsiisa; akkasumas nu qajeelcha. Yihowaan, “Karaa irra adeemuun siif taʼu sittan argisiisa; sin gorsa” jedheera. (Far. 32:8) Nyaata hafuuraa nuu dhihaatu hunda dubbisuufi irratti xiinxaluuf carraaqqii ni gootuu? Kana gochuun keenya ija akka godhannuufi guyyoota gara dhumaa rakkisaa taʼan kanatti karaa hafuuraa akka hin dadhabne nu gargaara.—Faarfannaa 1:1-3; 35:28; 119:97 dubbisi.

12. Wanti nyaata hafuuraa keenya akka laayyootti akka hin ilaalle nu gargaaruu dandaʼu maalidha?

12 Nyaata hafuuraa gaarii taʼe kana yeroo hunda akka argannu gochuuf hojiin akkamii akka hojjetamu beekuun keenya gaariidha. Qaama Olaanaatti Koreen Barreeffamaa, hojii qorannaa gochuu, barreessuu, irra deebiʼanii dubbisuu, fakkeenyaan ibsuu, hiikuu, akkasumas Weeb saayitiirratti baasuu olaantummaadhaan toʼata. Waajjiroonni damee barreeffamoota kana maxxansan gumiiwwan dhihoofi fagoo jiraniif barreeffamoota ergu. Hojiin kun hundi kan hojjetamu maaliifi? Sabni Yihowaa karaa hafuuraa akka gaariitti akka soorataniifidha. (Isa. 65:13) Kanaaf, nyaata hafuuraa karaa jaarmiyaa Yihowaa nuu dhihaatu hundarraa soorachuudhaan faayidaa haa argannu.—Far. 119:27.

QOPHII JAARMIYAA YIHOWAA DEGGERAA

13, 14. Samiirratti qophii Yihowaan godhe kan deggeran eenyufaʼi? Nutoo lafarratti deggersa akkasii gochuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Yohannis, Yesus farda adiirra taaʼee warra Yihowaa morman utuu injifatuu mulʼataan argeera. (Mul. 19:11-15) Ergamoonni amanamooniifi dibamtoonni hamma dhumaatti amanamoo taʼuudhaan badhaasasaanii isa samii argatan, Yesus duukaa hiriiranii kan jiran taʼuusaanii beekuun amantii keenya nuu jabeessa. (Mul. 2:26, 27) Kun qophii Yihowaa deggeruurratti fakkeenya guddaa kan nuu taʼudha.

14 Haaluma wal fakkaatuun, tuutni sonaan baayʼeenis dibamtoota obboloota Kiristos taʼan, lafarra jiraniifi yeroo harʼaa jaarmiyaa Yihowaa geggeessan guutummaatti deggeru. (Zakaariyaas 8:23 dubbisi.) Dhuunfaatti jaarmiyaa Yihowaa akka deggerru argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan kana itti goonu inni tokko, namoota itti gaafatamummaa qabaniif ajajamuudha. (Ibr. 13:7, 17) Kun gumii keenya keessaa kan jalqabudha. Jaarsolii ilaalchisee wanti nuti dubbannu isaaniinis taʼe aboo isaan qaban akka kabajnu kan argisiisudhaa? Ijoolleen keenya dhiirota amanamoo taʼan kana akka kabajaniifi gorsa Macaafa Qulqulluu akka isaan gaafatan ni jajjabeessinaa? Kana malees, hojii addunyaa maratti geggeeffamu deggeruuf qarshii buusii gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe maatiidhaan irratti ni mariʼannaa? (Fak. 3:9; 1 Qor. 16:2; 2 Qor. 8:12) Mirgi Galma Mootummaa akka gaariitti qabuuf arganne barbaachisaa akka taʼetti ni ilaallaa? Bakka kabajniifi tokkummaan akkasii jirutti hafuurri Yihowaa dhowwaa tokko malee hojjeta. Hafuurri kunimmoo guyyoota gara dhumaa kana keessatti akka hin dadhabne gargaarsa walirraa hin cinne nuu kenna.—Isa. 40:29-31.

ERGAA KEENYAA WAJJIN WALSIMNEE JIRAACHUU

15. Kaayyoo Yihowaa wajjin walsimnee jiraachuuf yeroo hunda qabsoo gochuu kan qabnu maaliifi?

15 ‘Wanta gooftaatti tolu qorree bira gaʼuudhaan’ jabaannee itti fufuufi jaarmiyaa Yihowaa wajjin qixxee deemuuf, jireenyi keenya ergaa lallabnuu wajjin akka walsimu gochuu qabna. (Efe. 5:10, 11) Cubbuun dhaalle, akkasumas Seexanniifi biyyi lafaa inni hamaan dhiibbaa waan nurraan gaʼaniif, yeroo hundaa dhiibbaa gadhee nurra gaʼuu wajjin qabsoo cimaa goona. Obboloonni keenya tokko tokko hariiroo Yihowaa wajjin qaban eeganii jiraachuuf guyyaa guyyaadhaan qabsoo cimaa godhu. Kana gochuun keenya Yihowaa biratti akka jaallatamnu nu godha. Kanaaf abdii kutachuu hin qabnu. Kaayyoo Yihowaa wajjin walsimnee jiraachuun keenya gammachuu guddaa nuu argamsiisa; waaqeffannaan keenyas gatii akka qabu nuu mirkaneessa.—1 Qor. 9:24-27.

16, 17. (a) Cubbuu cimaa yoo raawwanne maal gochuu qabna? (b) Fakkeenya Aaneerraa maal baranna?

16 Haataʼu malee, cubbuu cimaa yoo raawwanne maal gochuu qabna? Yeroo utuu itti hin kennin gargaarsa gaafachuu qabna. Dhimma sana dhoksuun, haallisaa caalaatti gadhee akka taʼu gochuun ala faayidaa hin qabu. Daawit cubbuusaa dhoksuunsaa, akka ‘aaduufi namummaansaa akka dhumu’ isa gochuusaa yaadadhaa. (Far. 32:3) Eeyyee, cubbuu dhoksuun karaa miiraafi karaa hafuuraa kan nama dadhabsu siʼa taʼu, “namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus garuu araara in argata.”—Fak. 28:13.

17 Obboleettii Aanee jedhamtu akka fakkeenyaatti haa ilaallu. * Yommuu umrii waggoota kurnanii keessa jirtu qajeelchaa taatee tajaajilti turte. Haataʼu malee, fakkeessuudhaan jiraachuu jalqabde. Kunimmoo miidhaa guddaa isheerraan gaʼe. “Yaanni garaakoo yeroo hunda na ceephaʼa ture. Yeroo hunda gammachuu hin qabu; akkasumas nan dhiphadhan ture” jetteetti. Kanaaf maal gooteree? Guyyaa tokko Yaaqoob 5:14, 15 walgaʼiirratti ibsamee akka ture dubbatteetti. Aaneen gargaarsi akka ishee barbaachisu kan hubatte siʼa taʼu, jaarsoliin akka ishee gargaaran gaafatte. Gara boodaatti deebitee yaadachuudhaan akkas jetteetti: “Caqasoonni sun qoricha Yihowaan dhukkuba hafuuraarraa na fayyisuuf naa ajaje turan. Qorichicha sana liqimsuun salphaa taʼuu baatus, kan nama fayyisudha. Gorsa caqasoota sana keessa jiran kanan hordofe siʼa taʼu, gorsi sunis na gargaareera.” Kun erga taʼee waggaa baayʼeen kan darbe siʼa taʼu, Aaneen yeroo ammaa humna argachuudhaan yaada garaa qulqulluu qabaattee hinaaffaadhaan Yihowaa tajaajilaa jirti.

18. Maal gochuuf murteessuu qabna?

18 Guyyoota gara dhumaa kanatti, jaarmiyaa Yihowaa isa dinqisiisaa taʼe keessa jiraachuun mirga guddaadha. Kanaaf, mirga arganne kana matumaa akka laayyootti ilaaluu hin qabnu. Kanaa mannaa, maatiidhaan taʼuudhaan yeroo hunda walgaʼiirratti haa argamnu; namoota garaa qajeelaa qabaniifi naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran dhimminee haa barbaannu; akkasumas nyaata hafuuraa yeroo hunda nu dhihaatu haa soorannu. Kana malees, namoota itti gaafatamummaa qaban haa deggerru; ergaa lallabnuu wajjinis walsimnee haa jiraannu. Kana kan goonu taanaan, jaarmiyaa Yihowaa wajjin qixxee deemuu qofa utuu hin taʼin, matumaa hin dadhabnu.

^ key. 17 Maqaanshee jijjiirameera.