Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

 SEENAA JIREENYAA

Yihowaadhaaf Abboomamuun Eebba Naaf Argamsiiseera

Yihowaadhaaf Abboomamuun Eebba Naaf Argamsiiseera

Abbaankoo akkas jechuudhaan dubbata ture: “Seenaa Nohirraa barumsa guddaa arganna! Nohi, Yihowaadhaaf abboomameera; maatiisaas ni jaallata ture; maatiinsaa hundi markaba keessa waan seenaniif Bishaan Badiisaarraa oolaniiru.”

ABBAANKOO nama gad of deebisuufi jabaatee hojjetu siʼa taʼu, waaʼeesaa wantan yaadadhu keessaa yaanni armaan olii isa tokkodha. Nama firdii qajeelaa jaallatu waan tureef, bara 1953tti ergaa Macaafa Qulqulluu yommuu dhagaʼu yeruma sana fudhachuu dandaʼeera. Yeroo sanaa jalqabee, wanta barachaa jiru nutti himuuf carraaqqii cimaa godha ture. Jalqabarratti haatikoo barsiifata amantii Kaatolikii dhiisuuf fedhii hin qabdu turte. Yeroo booda garuu isheenis wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu fudhachuu dandeesseetti.

Haatikoo barreessuufi dubbisuu waan hin dandeenyeef, abbaankoommoo guyyaa guutuu bakkeedhaa hojjechaa waan ooluuf, nu qayyabsiisuun baayʼee isaanitti ulfaatee ture. Yeroo tokko tokko baayʼee dadhabee waan dhufuuf yommuu qayyabannaatti ni muga. Haataʼu malee carraaqqiinsaa isa kiiseera. Mucaa angafaa waanan taʼeef, obboleettiikoofi obbolootakoo lamaan barsiisuurratti isan gargaara. Wanti ani isaan barsiisu isa abbaankoo yeroo hundumaa caqasu jechuunis, Nohi Waaqayyoof abboomamuunsaa maatiisaa akka jaallatu kan isa godhe taʼuusaa barsiisuu kan dabalatu ture. Seenaa Macaafa Qulqulluu kana baayʼeen jaalladha! Utuma hin turin, hundi keenya walgaʼii biyya Xaaliyaanii magaalaa Roosetoo Deelii Abruus jedhamtuufi qarqara galaana Adriyaatiik jirtu keessatti godhamurratti argamuu jalqabne.

Bara 1955tti, haadhakoo wajjin walgaʼii guddaa magaalaa Roomaatti godhamurratti argamuuf, gaarreen kallattii dhihaatiin argaman qaxxaamurree yommuu deemne mucaa umrii waggaa 11n ture. Yeroo sanaa kaasee, walgaʼii gurguddaan jireenya Kiristiyaana tokkoo keessatti barbaachisaa akka taʼanitti ilaaluun jalqabe.

Waggaa ittaanutti kanan cuuphame siʼa taʼu, utuma baayʼee hin turin tajaajila yeroo guutuu keessan seene. Umrii waggaa 17tti, qajeelchituu addaa taʼuudhaan magaalaa Laatiinaa jedhamtu, kaaba Roomaatti argamtuufi mana keenyarraa kiilomeetira 300 fagaattee jirtuttan ramadame. Magaalattiin haaraa waan taateef, namoonni dhimma walii hin qaban. Aniifi hiriyaan tajaajilaakoo barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan hedduu hinaaffaadhaan raabsina turre; taʼus hamma tokko ijoollee waanan tureef warrakoo baayʼeen yaada. Haataʼu malee, qajeelfama naaf kennamu hojiirra oolchuuf fedhii guddaan qaban ture.

Guyyaa cidha keenyaa

Yeroo booda, walgaʼii biyyoolessaa bara 1963tti godhameefi, “Wangeela Isa Barabaraa” jedhamuuf qophii godhamurratti gargaarsa akkan godhuuf Miilaanittan ramadame. Yommuu walgaʼichi geggeeffamu, namoota fedhaan of dhiheessan hedduu wajjin  kanan hojjedhe siʼa taʼu, isaan keessaa tokko obboleessa Paawuloo Pikoolii jedhamuufi magaalaa Filooransii dhufedha. Obboleessi kun gaafa guyyaa lammaffaa, qeenxee taʼanii jiraachuurratti haasaa nama jajjabeessu kenne. Yeroo sana, ‘Obboleessi kun matumaa gaaʼela godhachuu hin barbaadu’ ofiin jechuukoo nan yaadadha. Haataʼu malee, walii barreessuu kan eegalle siʼa taʼu, galma, jaalala Yihowaadhaaf qabnuufi fedha guddaa isaaf abboomamuuf qabnurratti ilaalcha wal fakkaatu akka qabnu hubanne. Achiis bara 1965tti gaaʼela godhanne.

GEGGEESSITOOTA AMANTAA WAJJIN MAREE GOCHUU

Magaalaa Filooransi keessatti waggaa kudhaniif qajeelchituu taʼee tajaajileera. Jijjiirama gumii keessa jiru, keessumaammoo dargaggoonni yommuu guddina godhan arguun baayʼee nama gammachiisa. Aniifi Paawuloon dargaggoota kanaa wajjin wantoota hafuuraarratti ni mariʼanna, akkasumas waliin bashannanna. Yeroo kanatti Paawuloon kubbaa miillaa isaanii wajjin taphata. Abbaa manaakoo wajjin yeroo dabarsuun kan natti tolu taʼus, dargaggootaafi obboloota gumii keessa jiran gargaaruufi yeroo isaanii wajjin dabarsuunsaa akka isaan fayyadus nan hubadhan ture.

Waaʼee namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisaa turree boodatti deebiʼee yaaduun baayʼee na gammachiisa. Namoota qayyabsiisaa turre keessa tokko Adriyaanaa kan jedhamtu siʼa taatu, isheenis maatiiwwan lamatti wanta baratte himteetti. Maatiiwwan kunis barumsa waldaa kanneen akka Sillaaseefi lubbuun hin duutu jedhanirratti luba tokkoo wajjin akka mariʼannuuf qophii godhanii turan. Walgaʼii sanarratti geggeessitoonni amantii sadii argamaniiru. Ibsi isaan kennan wal xaxaafi kan wal faallessu waan tureef, maatiiwwan sun, yaada kana barumsa Macaafa Qulqulluu isa ifa taʼee wajjin walbira qabuudhaan salphaatti hubachuu dandaʼaniiru. Walgaʼiin sun jijjiirama guddaa argamsiiseera. Yeroo booda, maatiiwwan sana keessaa namoonni 15 Dhugaa Baatota taʼaniiru.

Yeroo harʼaa akkaataan itti lallabnu isa duriirraa addadha. Yeroo sanaa kaasee, Paawuloon luboota hedduu wajjin kan mariʼate siʼa taʼu, maree sanarrattis milkaaʼina gaarii argata ture. Haasaa inni namoota Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane dura dhaabatee kenne tokko matumaa hin irraanfadhu. Yeroo sanatti dhaggeeffattoota sana keessaa mormitoonni tokko tokko gaaffiiwwan nama burjaajessuu dandaʼu jedhanii yaadan qopheessanii akka turan hubanneerra. Haataʼu malee haalli marichaa ni jijjiirame. Isaan keessaa namni tokko, waldaan akkuma jaarraa hedduudhaaf gochaa turte, siyaasa keessa seenuunshee sirrii taʼuufi dhiisuusaa gaafate. Yommus, luboonni bakka sana turan lafa lixan dhaban. Yeroo kanatti akkuma tasaa ibsaan waan badeef marichi addaan cite. Waggoota muraasa booda, mareen sun akkasaan yaadan utuu hin taʼin yoo hafe, ibsaan magaalaa akka badu luboonni dursanii qophii godhanii akka turan hubanne.

GOSA TAJAAJILAA GARABIRAA

Paawuloo wajjin erga gaaʼela godhannee waggaa kudhan booda, hojii daawwannaa akka hojjennuuf afeeramne.  Paawuloon hojii mindaa gaarii isaaf argamsiisu hojjechaa waan tureef murtoo kana gochuun salphaa hin turre. Haataʼu malee, kadhannaadhaan erga irratti yaannee booda tajaajila kanaaf sirriitti of qopheessine. Obboloota nu keessumsiisanii wajjin yeroo gaarii dabarsina turre. Galgala galgala gareedhaan erga qayyabannee booda, Paawuloon ijoolleen hoji manee keessumaa kan barnoota herregaa yoo qabaatan isaan gargaara. Hunda caalaammoo, Paawuloon dubbisuu waan jaallatuuf wanta dubbise keessaa yaadawwan namatti tolaniifi nama jajjabeessan hedduu isaaniif hira ture. Yeroo baayʼee, Wiixata Wiixataa, magaalaa babalʼistoonni hin jirretti tajaajiluuf deemna; haasaa galgala sana dhihaaturratti akka argamaniifis namoota afeerra turre.

Dargaggootaa wajjin yeroo kan dabarsinu siʼa taʼu, Paawuloon yeroo baayʼee kubbaa miillaa isaanii wajjin taphata

Hojii daawwannaarratti waggaa lama qofa erga hirmaannee booda, Betʼel Roomaa jirutti akka tajaajilluuf afeeramne. Paawuloon dhimmoota seeraa wajjin wal qabatan kan hojjetu siʼa taʼu, animmoo Dippaartimantii Barruulee keessattan ramadame. Jijjiirama akkasii gochuun salphaa taʼuu baatus, waan ajajamne hojjechuuf murteessinee turre. Waajjirri damee suuta suuta yommuu babalʼatuufi Xaaliyaanii keessatti baayʼinni obbolootaa yommuu dabalaa adeemu arguu keenyatti baayʼee gammanna. Dhugaa Baatonni Yihowaa Xaaliyaanii keessa jiran seeraan beekamummaa kan argatan yeroo sanattidha. Tajaajila akkasiirratti hirmaachuu keenyatti baayʼee gammanna turre.

Paawuloon hojii Betʼelitti hojjetu baayʼee jaallata

Betʼel keessa yommuu tajaajilaa turretti, biyyattii keessatti dhiiga ilaalchisee ejjennoo keenya isa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼerratti gaaffiin kaʼee ture. Jalqaba bara 1980mmaniitti, kana ilaalchisee dhimmi mana murtiitti dhihaate tokko falmii guddaa kaasee ture. Abbaa manaafi haati manaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan tokko, intallisaanii dhibee dhiigaa cimaa sanyiidhaan daddarbuufi namoota naannoo Mediteraaniyaa jiraatan hubuun kan duute taʼus, akka waan ofii ajjeesanitti sobaan himatamaniiru. Obboloonniifi obboleettonni Betʼel keessa jiran, abukaatota maatii Kiristiyaana taʼan kanaaf dhaabataniif gargaarsa godhaniiru. Waaʼee dhimma kanaa namoonni dhugaasaa akka beekaniifi Macaafni Qulqulluun dhiiga ilaalchisee maal akka jedhu akka hubataniif, tiraaktiin tokkoofi barruun Dammaqaa! maxxansi addaa tokko qophaaʼee ture. Jiʼoota sana keessatti, Paawuloon utuu walirraa hin kutin guyyaatti saʼaatii 16 hojjechaa ture. Carraaqqii inni godhurratti isa gargaaruuf wantan dandaʼe hunda godheera.

JIJJIIRAMA KAN BIRAA

Gaaʼela godhannee waggaa 20 booda, wanta itti hin yaadamne tokkotu nu mudate. ‘Mucaatu garaatti na hafe fakkaata’ jedhee yommuun Paawulootti himu, umriinsaa waggaa 49, animmoo 41n ture. Yeroo booda kitaaba yaadannoosaa wantoota inni guyyaa sana raawwate qabatee jirurraa yaada armaan gadiin arge: “Kadhannaa: wanti kun dhugaadha yoo taʼe, tajaajila yeroo guutuu keessaa akka hin baane, karaa hafuuraa akka hin dadhabneefi mucaa keenyaaf fakkeenya gaarii taʼuu akka dandeenyu nu gargaari. Hunda caalaammoo, waggoota 30mman darbaniif wantan waltajjiirraa dubbachaa ture keessaa yoo xinnaate parsantii tokko  akkan hojiirra oolchu na gargaari.” Buʼaa argannerraa akka mulʼatutti Yihowaan kadhannaasaatiifis taʼe kan kootiif deebii kenneera.

Ilaariyaan dhalachuunshee, jireenya keenyarratti jijjiirama guddaa fideera. Dhugaa dubbachuuf, akkuma Fakkeenya 24:10rra jiruufi “Ati bara rakkinaatti yoo raafamte, humni kee muraasa” jedhuu yeroo itti abdii kutanne qabna. Haataʼu malee, wal jajjabeessuun barbaachisaa taʼuusaa yaadachuudhaan wal deggerra turre.

Ilaariyaan Dhugaa Baatota tajaajila yeroo guutuurratti qabamanirraa waan dhalatteef gammachuu guddaa qabdi turte. Akka irraanfatamte itti dhagaʼamee kan hin beekne siʼa taʼu, maatii gaarii taʼe keessatti guddachuu dandeesseetti. Guyyaa guyyaa anatu ishee wajjin oola. Paawuloon immoo galgala yommuu manatti galu, hojii xumuruu qabu yoo qabaateyyuu, ishee wajjin taphata, akkasumas hoji manee hojjechuurratti ishee gargaara. Hojiisaa xumuruun hamma saʼaatii saddeetii ykn sagaliitti turuu kan isa gaafatu yoo taʼeyyuu yeroo hundumaa mucaasaa wajjin yeroo ni dabarsa. Ilaariyaan yeroo hundumaa, “Abbayyeen hiriyaakoo isan baayʼee jaalladhudha” jetti turte.

Akkuma beekamu, Ilaariyaan mana dhugaa keessa akka turtu gochuun gorsa cimaa isheedhaaf kennuu gaafata ture. Yeroo tokko hiriyaashee durbaa wajjin taphachaa utuu jirtuu amala hin taane isheetti argisiisuushee nan yaadadha. Amala akkasii argisiisuu kan isheen hin qabne maaliif akka taʼe Macaafa Qulqulluurraa ibsineef. Akkasumas bakka nuti jirrutti hiriyaashee dhiifama akka gaafattu goone.

Ilaariyaan jaalala warrishee tajaajilaaf qaban akka dinqisiifattu ni ibsiti turte. Amma kan heerumte siʼa taʼu, Yihowaadhaaf abboomamuufi qajeelfamasaa hordofuun barbaachisaa taʼuusaa caalaatti hubachuu dandeesseetti.

YEROO GADDI NAMARRA GAʼUTTILLEE ABBOOMAMUU

Bara 2008tti, Paawuloon dhibee kaansariitiin qabamuusaa bare. Jalqabarratti Paawuloon dhukkubasaarraa waan fayyu kan fakkaatu siʼa taʼu, baayʼee na jajjabeessa ture. Ilaariyaa wajjin yaalii fayyaa gaarii taʼe akka inni argatuuf carraaqqii gochuu dabalatee, wanta gara fuulduraatti nu mudatu moʼuu akka dandeenyuuf Yihowaa kadhachaa turre. Taʼus, utuman ilaaluu namni cimaa taʼeefi jabaatee hojjetu, suuta suuta dadhabaa dhufe. Bara 2010tti duʼuunsaa gadda guddaa narraan gaʼeera. Haataʼu malee, waggoota 45 darban keessatti wantoota waliin hojjenne yommuun yaadu jajjabina guddaan argadha. Hamma humna keenyaa wanta qabnu Yihowaadhaaf kennineerra. Hojiin nuti hojjenne buʼaa barabaraa akka qabu beeka. Akkuma Yohannis 5:28, 29rratti ibsame, yeroo Paawuloon duʼaa kaʼu hawwiidhaanan eeggadha.

“Ammayyuu, intala xinnoo seenaa Nohi dhaggeeffachuun itti tolu sana akkan taʼe natti dhagaʼama. Murtoon godhe ammayyuu hin jijjiirre”

Ammayyuu, intala xinnoo seenaa Nohi dhaggeeffachuun itti tolu sana akkan taʼe natti dhagaʼama. Murtoon godhe ammayyuu hin jijjiirre. Wanta fedheyyuu yoo taʼe Yihowaadhaaf abboomamuun barbaada. Badhaasa Waaqa keenya biraa argannuu wajjin yommuu walbira qabamu, gufuun akkamiiyyuu, aarsaan kaffalamuufi nama jaallatan duʼaan dhabuun wayittuu kan lakkaaʼaman miti. Wantoonni kun dhuunfaatti kan na mudatan taʼus, kan nama kiisan taʼuusaanii isinii mirkaneessuun barbaada.