Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Adabni Yihowaa Akka Isin Tolchu Heyyamaa

Adabni Yihowaa Akka Isin Tolchu Heyyamaa

“Ati gorsa keetiin ana in geggeessita, kana booddees ulfinatti ana in fudhatta.”—FAR. 73:24.

1, 2. (a) Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuuf wanti barbaachisaa taʼe maalidha? (b) Akkaataa namoonni adaba Waaqayyootiif deebii itti kennanirraa faayidaa akkamii argachuu dandeenya?

‘WAA’EE koof yoo taʼe Waaqayyotti dhiʼaachuun anaaf gaarii dha; yaa Waaqayyo gooftaa, ani daʼoo si godhadheera.’ (Far. 73:28) Asirratti faarfatichi amanannaa Waaqayyorratti qabu ibseera. Amanannaa cimaa akkasii akka qabaatu kan isa godhe maalidha? Faarfatichi, jalqabarratti jalʼoonni nagaatti jiraachuusaanii erga argee booda baayʼee gaddee ture. Kanaaf, “Yoos immoo ani ofumaan garaa koo qulqullinatti eeggachuuf dhamaʼee ree? Yakka akkan hin qabne argisiisuufis ofumaan harka koo dhiqadhee ree” jechuudhaan gadda isatti dhagaʼame ibseera. (Far. 73:2, 3, 13, 21) “Mana qulqullummaa Waaqayyoo” deemuunsaa garuu, yaadasaa kanarratti jijjiirama gochuufi walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabu eeggachuuf isa gargaareera. (Far. 73:16-18) Muuxannoon kun, saba Waaqayyoo wajjin taʼuun, gorsa fudhachuufi hojiirra oolchuun, Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaachuuf baayʼee barbaachisaa taʼuusaa nama Waaqayyoon sodaatu kana barsiiseera.—Far. 73:24.

2 Nuyis Waaqa dhugaafi jiraataa taʼee wajjin hariiroo cimaa qabaachuu barbaanna. Hariiroo akkasii qabaachuufi namoota Waaqayyoon gammachiisnu taʼuuf gorsi ykn adabni inni nuu kennu akka nu tolchu heyyamuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Bara duriitti Waaqayyo namoonni ykn mootummoonni adaba inni isaanii kennu fudhachuudhaan sirreeffama akka godhan carraa kenneefii ture. Deebii isaan kennan ‘nu barsiisuuf, akkasumas ‘nuyi warra dhumni barichaa irra gaʼeef barumsa’ ykn akeekkachiisa akka nuu taʼuuf Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffameera. (Rom. 15:4; 1 Qor. 10:11) Seenaa kana akka gaariitti qoruun keenya, Yihowaan Waaqa akkamii akka taʼeefi akkaataa inni itti nu tolchurraa faayidaa kan argannu akkamitti akka taʼe hubachuuf nu gargaara.

SUPHE DHOOFTUUN TOKKO ABOO AKKAMII QABA?

3. Aboon Yihowaan namootarratti qabu, Isaayaas 64:8fi Ermiyaas 18:1-6⁠rratti kan ibsame akkamitti? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali)

3 Aboo Yihowaan namootaafi sabootarratti qabu ilaalchisee Isaayaas 64:8⁠rratti fakkeenyaan akkas jechuudhaan ibsameera: “Yaa Waaqayyo! Ati abbaa keenya; nuyi garuu suphee dha; ati immoo akka nama suphe dhaʼuutti harka keetiin nu tolchite; nuyi hundumti keenya hojii harka keetii ti.” Suphe dhooftuun tokko suphicha bifa barbaadeen miʼa barbaade irraa tolchuuf aboo qaba. Suphichi nama aboo isarratti qabuun, ‘kana godhi, sana hin godhin’ jechuu hin dandaʼu. Waaqayyoofi nama ilaalchisees haallisaa kanaa wajjin wal fakkaata. Akkuma supheen nama bifa barbaadeen isa tolchutti dubbachuu hin dandeenye, namnis Waaqayyoon maaliif kana ykn sana goote jedhee falmuu hin dandaʼu.—Ermiyaas 18:1-6 dubbisi.

4. Yihowaan akkasumaan, isa tokko gaarii inni kaanimmoo gadhee akka taʼu godhee tolchaa? Ibsi.

4 Akkuma suphe dhooftuun tokko dandeettiisaa supheerratti argisiisu, Yihowaanis dandeettii waa raawwachuuf qabu Israaʼeloota duriirratti argisiiseera. Haataʼu malee, lamaansaanii gidduu garaagarummaa guddaatu jira. Suphe dhooftuun tokko dhoqqee supheerraa miʼa barbaade tolchuuf dandeettii qaba. Yihowaan namoota ykn saboota akkasumaan isa tokko gaarii inni kaanimmoo gadhee akka taʼu godhee tolchaa? Macaafni Qulqulluun akkas hin jedhu. Yihowaan ilmaan namootaatiif mirga waan barbaadan filachuu isaaniif kenneera. Aangoo hundarra caalu kan qabu taʼus, karaa mirga kenne kana sarbuun itti hin fayyadamu. Ilmaan namootaa Yihowaan akka isaan tolchu filachuu qabu.—Ermiyaas 18:7-10 dubbisi.

5. Ilmaan namootaa Yihowaadhaan tolfamuu yommuu didan, Yihowaan aboosaatti kan fayyadamu akkamitti?

5 Haataʼu malee, ilmaan namootaa boqu jabeeyyii taʼuudhaan Suphe Dhooftuu Guddichaan tolfamuu yoo didanoo? Yihowaan aboosaatti kan fayyadamu akkamitti? Dhoqqeen suphee tokko, miʼa barbaadame ittiin tolchuuf mijaaʼaa miti taanaan maal akka godhamu mee yaadaa. Suphe dhooftuun sun miʼa garabiraa irraa tolchuuf carraaqa ykn ni gata. Suphe dhooftuu sana bira rakkinni jiraannaanis supheen sun gatii dhabuu dandaʼa. Suphe dhooftuu guddichaa wajjin haala wal qabateen garuu haallisaa akkas miti. (Kes. 32:4) Namni tokko Yihowaan akka isa tolchuuf tole hin jedhu taanaan, yeroo hunda rakkinni kan jiru abbicha biradha. Yihowaan deebii namoonni carraaqqii inni isaan tolchuuf godhuuf kennanirratti hundaaʼuudhaan akka haalasaatti aboo suphe dhooftuu taʼuudhaan qabutti fayyadama. Namoonni Yihowaadhaan tolfamuuf of dhiheessan karaa isaan fayyaduun tolfamaniiru. Fakkeenyaaf Kiristiyaanonni dibamoon “qodaa mana taaʼu” jechuunis, “qodaa araaraa” taʼuudhaan tolfamaniiru. Karaa garabiraammoo namoonni boqu jabeeyyii taʼuudhaan isa morman, ‘akka qodaa dheekkamsaa taʼanii badiisaaf qophaaʼaniiru.’—Rom. 9:19-23.

6, 7. Gorsa Yihowaa fudhachuurratti Daawit Mootichiifi Saaʼol Mootichi garaagarummaa akkamii qabu turan?

 6 Karaa Yihowaan itti namoota tolchu keessaa inni tokko, gorsa ykn adaba kennuudhaanidha. Mootota Israaʼel warra jalqabaa lamaan jechuunis, Saaʼoliifi Daawitiin tolchuudhaan aboosaa kana akkamitti akka itti fayyadame haa ilaallu. Daawit Mootichi Bet Sheebaa wajjin ejja yommuu raawwatetti gochisaa kun isaafi warra kaanirratti miidhaa guddaa geessisee ture. Daawit mootii taʼullee, Yihowaan adaba cimaa isaaf kennuurraa duubatti hin jenne. Waaqayyo, Naataan raajichi ergaa cimaa akka itti himu Daawititti erge. (2 Sam. 12:1-12) Daawit deebii akkami kenne? Baayʼee gadduudhaan yaada garaa geddarateera. Kanaan kan kaʼes araara Waaqayyoo argateera.—2 Saamuʼel 12:13 dubbisi.

 7 Faallaa kanaatiin, Saaʼol Mootichi inni Daawit dura mootii ture, gorsa isaaf kenname hin fudhanne. Yihowaan, Saaʼol Amaaleqotaafi horiisaanii hunda akka ajjeesu karaa Saamuʼel raajichaa ajaja ifa taʼe kenneefii ture. Saaʼol ajaja Waaqayyo isaaf kenne kana hin eegne. Agaag mootichaafi horii gaggaarii filatee hambise. Maaliif? Ofiisaatiif ulfina argachuu waan barbaadeefidha. (1 Sam. 15:1-3, 7-9, 12) Yommuu gorsi isaaf kennametti tole jedhee fudhachuudhaan Suphe Dhooftuu Guddichaan tolfamuuf of dhiheessuu qaba ture. Saaʼol garuu tolfamuuf fedhii akka hin qabne argisiise. Gochisaa sirrii akka taʼe sababa dhiheessuuf yaale. Horiiwwan sun aarsaa godhamanii dhiheeffamuu akka dandaʼan dubbachuudhaan gorsa Saamuʼel isaaf kenne akka laayyootti ilaale. Yihowaan Saaʼol aangoosaarraa akka buʼu kan godhe siʼa taʼu, Saaʼol Waaqayyoo wajjin deebisee walitti dhufeenya gaarii qabaachuu hin dandeenye.—1 Saamuʼel 15:13-15, 20-23 dubbisi.

Saaʼol gorsa tuffachuudhaan utuu hin fudhatin hafeera. Tolfamuus hin barbaanne! ( Keeyyata 7 ilaali)

Daawit baayʼee gadduudhaan yaada garaa geddarateera. Waaqayyo akka isa tolchuuf of dhiheesseera. Atoo? ( Keeyyata 6 ilaali)

WAAQAYYO NAMA WAL HIN CAALCHISU

8. Carraaqqii Yihowaan isaan tolchuuf godheef deebii Israaʼeloonni kennanirraa maal baranna?

8 Yihowaan namoota qofa utuu hin taʼin, saboonnis isaan akka tolfamaniif carraa isaanii kenneera. Dh.K.D. bara 1513⁠tti Israaʼeloonni garbummaa Gibxii jalaa bilisa baʼuudhaan Waaqayyoo wajjin kakuu galanii turan. Sabni Israaʼel saba filatame waan taʼeef, Yihowaa isa Suphe Dhooftuu Guddichaan tolfamuuf mirga addaa argatee ture. Haataʼu malee, sabichi wanta Yihowaa duratti gadhee taʼe raawwachuurrayyuu darbee waaqayyolii tolfamoo saboota naannoosaanii waaqeffachuu jalqaban. Yihowaan yeroo baayʼee yaada garaa akka geddarataniif raajota isaanitti ergaa kan ture taʼus, sabni Israaʼel garuu isa hin dhageenye. (Er. 35:12-15) Israaʼeloonni boqu jabeeyyii waan taʼaniif, adabni cimaan isaanii kennamuu qaba ture. Akkuma qodaa badiidhaaf taaʼe tokkootti mootummaan kaabaa gosa Israaʼel kurnanii Asorotaan, mootummaan gosa lamaan kibba jirummoo Baabilonotaan balleeffamaniiru. Kun barumsa guddaa kan nuuf taʼu mitii? Carraaqqii Yihowaan nu tolchuuf godhurraa faayidaa argachuu kan dandeenyu deebii sirrii yoo kennine qofadha.

9, 10. Namoonni Nanawwee akeekkachiisa Waaqayyootiif deebii akkamii kennan?

9 Yihowaan, namoonni Nanawwee magaalaa guddittii Asorotaa taate keessa jiraatanis akeekkachiisasaatiif deebii akka kennan carraa isaaniif kennee ture. Yihowaan, “Kaʼii, gara Nanawwee mandara guddittii dhaqi! Hamminni namoota ishee guddatee na bira waan gaʼeef, irratti labsi!” jechuudhaan Yoonaasitti dubbate. Nanawween magaalaa badiisni isheedhaaf malu turte.—Yon. 1:1, 2; 3:1-4.

10 Haataʼu malee, yommuu Yoonaas badiisni akka isaanirra gaʼu labsetti, “warri Nanawwee dhaamsa Waaqayyoo kana amananii fudhatan; gurguddaan, xixinnaanis akka soomaniif labsanii, uffata gaddaas in uffatan.” Mootiinsaaniis, “teessoo isaa irraa kaʼee, uffata isaa isa surra-qabeessa of irraa fuudhee, uffata gaddaa uffatee daaraa keessa in taaʼe.” Namoonni Nanawwee carraaqqii Yihowaan isaan tolchuuf godhe fudhachuudhaan yaada garaa geddarataniiru. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan badiisa isaanitti fiduuf ture dhiiseera.—Yon. 3:5-10.

11. Israaʼelootaafi namoota Nanawwee wajjin haala wal qabateen amala Yihowaa isa kamtu mulʼate?

11 Israaʼeloonni saba filatame taʼuunsaanii adabarraa walaba isaan hin goone. Karaa garabiraammoo namoonni Nanawwee saba Waaqayyoo wajjin kakuu gale hin turre. Taʼus, Yihowaan badiisa isaanitti dhufuuf jiru ilaalchisee akeekkachiisa isaanii kenneera; suphee gaarii taʼuusaanii yommuu argisiisanimmoo isaaniif ooʼeera. Fakkeenyonni kun lamaan Yihowaa Waaqni keenya ‘nama kan wal hin caalchisne’ taʼuusaa akka gaariitti ibsu.—Kes. 10:17.

SABABA QABEESSAAFI AKKA HAALASAATTI JIJJIIRAMA KAN GODHU

12, 13. (a) Waaqayyo warra akka inni isaan tolchu barbaadaniif haalasaa kan jijjiiru maaliifi? (b) Yihowaan kan ‘gaabbu’ taʼuunsaa waaʼee Saaʼol, akkasumas waaʼee Nanawwee maal argisiisa?

12 Akkaataa itti Waaqayyo nu tolchu siʼa ilaallu, inni Waaqa sababa qabeessaafi akka haalasaatti jijjiirama godhu taʼuusaa hubanna. Yihowaan balleessaasaaniitiin kan kaʼe namoota adabuuf jedhee yommuu isaan yaada garaasaanii geddaratan immoo tarkaanfii fudhachuuf kaʼe dhiisuunsaa kun dhugaa taʼuusaa kan argisiisudha. Caaffanni Qulqullaaʼoon, Yihowaan, Saaʼoliin mootii Israaʼel jalqabaa godhee isa ‘moosisuusaatti akka gaabbe’ ibsa. (1 Sam. 15:11, hiika bara 1899) Namoonni Nanawwee yaada garaa geddaratanii karaasaanii isa gadheerraa yommuu deebiʼan wanta taʼe ilaalchisee Macaafni Qulqulluun, “[Waaqayyo] wanta hamaa isaanitti fiduudhaaf dubbate sana in dhiise, irrattis hin fidne” jechuudhaan dubbata.—Yon. 3:10.

13 Jechi afaan Ibrootaa ‘gaabbuu’ jedhamee hiikame ilaalcha ykn yaada jijjiiruu kan argisiisudha. Ilaalchi Yihowaan yommuu Saaʼoliin mootii godhee filate isaaf qabu gara isa jibbuutti jijjiirameera. Jijjiiramni kun kan taʼe Yihowaan Saaʼoliin filachuunsaa dogoggora waan tureef utuu hin taʼin, Saaʼol amantiidhaan deddeebiʼuufi abboomamuu dhiisuusaatiin kan kaʼedha. Namoota Nanawwee wajjin haala wal qabateen Waaqayyo gaabbee ture; jechuunis ilaalcha isaaniif qabu jijjiiree ture. Yihowaa inni Suphe Dhooftuu Guddichi sababa qabeessa, akka haalasaatti jijjiirama kan godhu, ooʼaafi araara qabeessadha. Jijjiirama namoonni godhanirratti hundaaʼuudhaan tarkaanfii fudhachuuf kaʼe kan dhiisu taʼuusaa beekuunis baayʼee kan nama jajjabeessudha.

ADABA YIHOWAA TUFFACHUURRAA FAGAADHAA

14. (a) Yeroo harʼaa Yihowaan nu tolchaa kan jiru akkamitti? (b) Carraaqqii Yihowaan nu tolchuuf godhuuf deebii akkamii kennina?

14 Yeroo harʼaa Yihowaan karaa Macaafa Qulqulluufi jaarmiyaasaa nu tolchaa jira. (2 Xim. 3:16, 17) Maarree gorsa ykn adaba karaawwan kanaan nuu kennaman hunda fudhachuun keenya barbaachisaa mitii? Erga cuuphamnee hangamillee yoo taʼe ykn mirga akkamiiyyuu yoo qabaanne, qodaa ulfinaa taanee tolfamuuf gorsa Yihowaan nuu kennu fudhachuu keenya itti fufuu qabna.

15, 16. (a) Adabni mirga nama dhabsiisu tokko siʼa nama mudatu miira gadhee akkamiitu namatti dhagaʼama? Fakkeenyaan ibsi. (b) Adabaa wajjin haala wal qabateen miira gadhee nutti dhagaʼamu moʼuuf kan nu gargaaru maalidha?

15 Adabni tokko tokko, akka qajeelfamaatti ykn akka sirreeffamaatti nuu kennamuu dandaʼa. Haataʼu malee, yeroo tokko tokko wanta sirrii taʼe raawwachuu dhiisuu keenyaan kan kaʼe adabni nuu kennamuu dandaʼa. Adabni akkasiimmoo mirga tokko tokko dhabuu dabalachuu dandaʼa. Deenis * isa jaarsa gumii taʼee tajaajilaa ture akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Dhimma daldalaa wajjin wal qabateen murtoo dogoggoraa waan godheef ni adabame. Beeksisni yeroo sanaa kaasee jaarsa gumii akka inni hin taane ibsu gumiirratti siʼa dubbifame maaltu itti dhagaʼame laata? Akkas jedheera: “Miira balleessaa akkan raawwadhe natti dhagaʼamuun kan kaʼe garmaleen jeeqame. Waggoota 30⁠mman darbanitti mirgoota hedduu argadheen ture. Betʼelitti tajaajileera, qajeelchaafi tajaajilaa gumii, achiis jaarsa gumii taʼee tajaajileera. Akkasumas yeroo jalqabaatiif walgaʼii koonyaarratti haasaa kenneera. Amma garuu akka tasaa mirgoota kana hundan dhabe. Qaaniifi yeelloo malees, sana booda jaarmiyaa Yihowaa keessatti iddoo akkan hin qabne natti dhagaʼame.”

16 Deenis, dogoggora sirreeffama gochuu isaaf gaafaturraa deebiʼuudhaan wanta raawwatu sana dhiisuu qaba ture. Haataʼu malee, miira gadhee isatti dhagaʼamaa ture moʼuuf wanti isa gargaare maalidha? Akkas jechuudhaan ibseera: “Sochii hafuuraa gaarii taʼe qabaachuuf murteesseen ture. Obbolootaafi barreeffamoota keenyarraas gargaarsaafi jajjabina guddaa argadheera. Matadureen, ‘Kanaan Dura Tajaajilaa Turtee? Ammas Tajaajiluu Dandeessaa?’ jedhuufi Masaraa Eegumsaa, Hagayya 15, 2009⁠rra jiru xalayaa kadhannaakootiif akka deebiitti naa barreeffame godheen ilaala. Gorsi ani achirraa argadheefi baayʼee na jajjabeesse, ‘Yeroo itti gaafatamummaa dabalataa hin qabne kana, hariiroo Yihowaa wajjin qabdu jabeessuuf itti fayyadami’ kan jedhudha.” Deenis adaba isaaf kennamerraa faayidaa kan argate akkamitti? Waggoota muraasa booda, “Yihowaan deebisee akkan tajaajilaa gumii taʼuuf mirga naa kennuudhaan na eebbiseera” jechuudhaan dubbateera.

17. Nama cubbuu raawwate tokko gumiidhaa baasuun namni sun yaada garaa akka geddaratu gochuurratti gaʼee akkamii qaba? Fakkeenyaan ibsi.

17 Gumiidhaa baafamuunis karaa itti Yihowaan nu adabu keessaa isa tokkodha. Qophiin kun gumicha dhiibbaa gadheerraa kan eegu taʼuusaarrayyuu, namni cubbuu cimaa raawwate sun yaada garaa akka geddaratu kan isa gargaarudha. (1 Qor. 5:6, 7, 11) Roobarti gara waggaa 16⁠tiif gumiidhaa baafamee kan ture siʼa taʼu, waggoota kana hundatti warrisaafi obboloonnisaa qajeelfama Dubbiin Waaqayyoo nama cubbuu raawwatee wajjin akka walitti hin hidhanneefi akka nagaa hin gaafanne abboomuuf amanamummaadhaan ajajamaniiru. Roobarti waggoota muraasa dura gumiitti kan deebifame yommuu taʼu yeroo ammaa karaa hafuuraa fooyyaʼiinsa agarsiisaa jira. Waggaa hammanaa booda gara Yihowaafi sabasaatti deebiʼuuf maaltu akka isa kakaase yommuu gaafatametti, ejjennoo cimaan maatiinsaa gama kanaan fudhatan baayʼee akka isa tuqe dubbateera. “Maatiinkoo xinnumallee naa wajjin walitti dhufeenya godhaniiru utuu taʼee, naaf kuniyyuu gaʼaa waan tureef gara Yihowaatti deebiʼuuf matumaa fedhii hin qabaadhun ture” jedheera.

18. Harka Suphe Dhooftuu Guddichaa keessatti gosa suphee akkamii taʼuu qabna?

18 Wanta adabni akkasii akka nurratti fudhatamu godhu raawwachuu baannus, harka Suphe Dhooftuu Guddichaa keessatti gosa suphee akkamii taʼuu qabna? Yommuu adabamnu deebii akkamii kennina? Akka Daawiti moo akka Saaʼol taʼuu qabna? Suphe Dhooftuun keenya inni Guddichi Abbaa keenya isa samiidha. ‘Abbaan ilmasaa isa jaallatu akkuma adabu, Waaqayyo nama jaallatu kan adabu’ taʼuusaa matumaa hin dagatinaa. Kanaaf, ‘adaba Waaqayyoo hin tuffatinaa, ifatasaas hin jibbinaa.’—Fak. 3:11, 12.

^ key. 15 Maqaawwan jijjiiramaniiru.