Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jaarsolii Kan Taatan ‘Lubbuu Dadhabe’ Jajjabeessaa

Jaarsolii Kan Taatan ‘Lubbuu Dadhabe’ Jajjabeessaa

Obboleettii qeenxeen umrii waggoota 30⁠mmanii keessatti argamtuufi Anjeelaa * jedhamtu, jaarsoliin gumii ishee daawwachuu waan dhufaniif hamma tokko dhiphachaa jirti. Maal isheedhaan jedhu laata? Guyyaa guutuu namoota dullooman kunuunsuu isheetiin kan kaʼe waan dadhabduuf yeroo muraasaaf walgaʼiirraa hafteetti. Hojiishee isa guyyaa guyyaadhaan raawwattu malees, waaʼeen fayyaa haadhashee baayʼee ishee dhiphisa.

Anjeelaa daawwachuu kan deemtu utuu si taʼee, ‘lubbuu dadhabe’ kana akkamitti jajjabeessita? (Er. 31:25, NW) Haataʼu malee, obboleessa tokko dhaqxee daawwachuukee dura qophii gochuu kan dandeessu akkamitti?

HAALA ISAAN KEESSA JIRANIRRATTI YAADAA

Hundi keenya, yeroo tokko tokko hojiin hojjennu ykn itti gaafatamummaan gumii keessatti qabnu nu dadhabsiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Daaniʼel raajichi mulʼata arge tokko hubachuu dadhabuusaatiin kan kaʼe “bututee” ture. (Dan. 8:27) Yeroo kanatti ergamaan Gabriʼel jedhamu itti mulʼachuudhaan isa gargaaree ture. Ergamaan Waaqayyoo sun, Daaniʼel mulʼata sana akka hubatu godheera, Yihowaan kadhannaasaa akka dhagaʼe isaaf mirkaneesseera, akkasumas ‘jaallatamaa’ taʼuusaa isatti himeera. (Dan. 9:21-23) Yeroo garabiraattis, jechoonni filatamoon ergamaa Waaqayyoo garabiraatiin isatti dubbataman, raajii humna dhabe kanaaf jajjabina kennaniiru.—Dan. 10:19.

Obboloota daawwachuu keessan dura, haala isaan keessa jiranirratti yaadaa

Haaluma wal fakkaatuun, obboleessa dadhabe ykn abdii kutate tokko daawwachuu dhaquukee dura, yeroo ramaduudhaan haala inni keessa jirurratti xiinxali. Rakkoowwan akkamiitu isa mudachaa jiru? Rakkoowwan kun humna isa dhabsiisaa kan jiran akkamitti? Amalawwan gaggaarii warra kamfaa argisiisaa jira? Riichaardi inni waggaa 20 oliif jaarsa gumii taʼuudhaan tajaajilaa jiru akkas jedheera: “Jabina obboloonnikoo qabanirrattan xiyyeeffadha. Isaaniin daawwachuu dhaquukoo dura, haala isaan keessa jiranirratti waanan xiinxaluuf jajjabina barbaachisu isaaniif kennuun baayʼee naaf salphata.” Obboleessa tokko, lama taatanii haasofsiisuu dhaqxu taanaan haala obboleessi sun keessa jirurratti dursitanii maaliif hin mariʼattan?

AKKA TASGABBAAʼAN GODHAA

Miira nutti dhagaʼamu warra kaanitti himuun nutti ulfaachuu akka dandaʼu beekamaadha. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko wanta itti dhagaʼamu jaarsoliitti himuun itti ulfaachuu dandaʼa. Kanaaf, ofirraa buʼee akka inni dubbatu gochuu kan dandeessan akkamitti? Fuula ifaa itti argisiisuufi jechoota nama jajjabeessan itti dubbachuun keessan buʼaa gaarii argamsiisuu dandaʼa. Obboleessi Mikaaʼel jedhamuufi waggaa 40 oliif jaarsa gumii taʼee tajaajile, yeroo baayʼee daawwannaasaa akkas jechuudhaan jalqaba: “Wanta jaarsa gumii baayʼee gammachiisu keessaa tokko, obboloota manasaanii dhaqee daawwachuufi dhuunfaatti isaan baruudha. Daawwannaa harʼaa kana hawwiidhaan eegaa Kanan ture kanaafidha.”

Daawwannaa keessan kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaan jalqabuu dandeessu. Phaawulos ergamaan, kadhannaasaa keessatti waaʼee amantii, jaalalaafi obsa obboloonnisaa qaban caqaseera. (1 Tas. 1:2, 3) Amala gaarii obboloonni keessan qaban akka dinqisiifattan ibsuudhaan maree nama jajjabeessu gochuu akka dandeessanitti, garaa keessanis taʼe kan obboleessa keessanii qopheessuu dandeessu. Wanti isin dubbattanis obboloota keessan jajjabeessuu dandaʼa. Jaarsi gumii muuxannoo qabuufi Reey jedhamu akkas jedheera: “Hundi keenya, yeroo tokko tokko wanta gaarii hojjechaa jirru ni irraanfanna. Kanaaf, obboleessi tokko wanta nuti irraanfanne kana yommuu nu yaadachiisu jajjabina arganna.”

KENNAA HAFUURAA ISAANIIF KENNAA

Akkuma Phaawulos, caqasa tokkorraallee yoo taʼe yaada Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe obboloota keessaniif hiruudhaan, “kennaa hafuuraa” isaaniif kennuu dandeessu. (Rom. 1:11) Fakkeenyaaf, obboleessi dhiphate tokko, akkuma faarfatichaa, ‘akka qalqalloo aara jalatti shuntuuree’ akka gatii hin qabne itti dhagaʼamuu dandaʼa. (Far. 119:83, 176) Wanta faarfatichi dubbate kanarratti ibsa gabaabaa erga kennitanii booda, obboloonni keessan kun, abboommiiwwan Waaqayyoo ‘akkasaan hin irraanfanne’ amanannaa qabdan isaaniif ibsaa.

Haaluma wal fakkaatuun, fakkeenyi waaʼee meetii badee ibsu, obboleettii gumii dhaquu dhiiste ykn karaa hafuuraa dadhabe tokko jajjabeessuu dandaʼaa? (Luq. 15:8-10) Meetiin bade sun, callee mormaa bareedaa taʼe keessaa isa tokko taʼuu dandaʼa. Fakkeenya kanarratti mariʼachuun keessan, obboleettiin kun miseensota gumii gatii guddaa qaban keessaa tokko akka taate akka itti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Kanarratti erga mariʼattanii booda, Yihowaan akka ilmoo hoolaa tokkootti hammam akka isheedhaaf yaadu ibsuufii dandeessu.

Yeroo baayʼee, obboloonni keenya caqasa tokkorratti yaada qaban ibsuun isaanitti tola. Kanaaf, isin duwwaan hin dubbatinaa. Caqasa haala isaan keessa jiranii wajjin walsimu erga dubbistanii booda, jecha ykn yaada tokko adda baastanii caqasuudhaan, akkasaan yaada irratti kennan gochuu dandeessu. Fakkeenyaaf, jaarsi gumii tokko, 2 Qorontos 4:16 erga dubbisee booda, “Yihowaan dhuunfaatti siin si haaromsee beekaa?” jedhee gaafachuu dandaʼa. Akkaataan dhiheenyaa kun, lamaansaanii ‘akka wal jajjabeessan’ gochuu dandaʼa.—Rom. 1:12.

Yeroo baayʼee obboloonni keenya caqasa tokkorratti yaada qaban ibsuun isaanitti tola

Akkasumas, seenaa waaʼee nama Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame tokkoo dubbatuufi haala isaan keessa jiranii wajjin wal fakkaaturratti mariʼachuudhaan isaan jajjabeessuu dandeessu. Obboleessi dhiphate tokko akka Haannaa ykn Ephafrodixos warra yeroo taʼe tokko baayʼee dhiphatanii turanii itti dhagaʼamuu dandaʼa. Haannaa ykn Ephafrodixos akkas isaanitti dhagaʼamus Waaqayyo ilaalcha isaaniif qabu hin jijjiirre ture. (1 Sam. 1:9-11, 20; Filp. 2:25-30) Rakkinni obboleessa tokko mudate, seenaa Macaafa Qulqulluu tokkoo wajjin kan walsimu taanaan maaliif irratti hin mariʼattan?

HORDOFFII GODHAA

Obboloota keessan erga daawwattanii booda hordoffii gochuudhaan, dhugumaan akka isaaniif yaaddan argisiisuu dandeessu. (HoE.15:36) Daawwannaa keessan yommuu xumurtan, tajaajilarratti waliin hirmaachuuf beellama qabachuun keessan gaarii taʼuu dandaʼa. Jaarsi gumii muuxannoo qabuufi Barnaandi jedhamu, obboloota siʼa tokko daawwatee wajjin yommuu lammata wal argu, gorsa kennameefii ture hojiirra oolchuusaanii baruuf malaan, ‘Mee natti himi, wanti sun siif milkaaʼeera?’ jedhee gaafata. Gaarummaadhaan gaaffii akkasii isaan gaafachuun keessan, gargaarsi dabalataa isaan barbaachisuufi dhiisuusaa baruuf isin gargaara.

Yeroo kamiyyuu caalaa amma obboloonni keenya akka isaan kunuunsinu, yaadasaanii akka hubannuufi jaalala akka isaanitti argisiisnu barbaadu. (1 Tas. 5:11) Kanaaf, obboloota jajjabeessuu deemuu keessan dura, dursaatii haala isaan keessa jiranirratti xiinxaluuf yeroo ramadaa. Kadhannaadhaan waaʼeesaanii Yihowaatti himaa. Caqasa haala isaan keessa jiranii wajjin walsimu filadhaa. Yoo akkas gootan jechoota gaggaarii ‘lubbuu dadhabe’ jajjabeessuuf gargaaran argachuu dandeessu.

^ key. 2 Maqaawwan jijjiiramaniiru.