Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Amanamaafi Dhiifama Kan Godhu Taʼuusaa Dinqisiifadhaa

Yihowaan Amanamaafi Dhiifama Kan Godhu Taʼuusaa Dinqisiifadhaa

“Yaa gooftaa, ati gaarii dha, jaalala keetiinis namaaf cubbuu isaa in dhiifta, warra si waammatan hundumaafis gaarummaan kee in baayʼata.”—FAR. 86:5.

1, 2. (a) Michoota amanamoo taʼaniifi dhiifama nuu godhan kan dinqisiifannu maaliifi? (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?

MICHUU gaarii tokko akkamitti ibsita? Obboleettiin Ashlii jedhamtu, “Michuu dhugaan, nama yeroo rakkinni si mudatu hundatti si cina dhaabatuufi yeroo dogoggora raawwattu dhiifama sii godhudha” jetteetti. Hundi keenya michoota amanamoo taʼaniifi dhiifama namaa godhan ni dinqisiifanna. Michoonni akkasii nageenya akka arganneefi akka jaallatamnu akka nutti dhagaʼamu godhu.—Fak. 17:17, hiika bara 1899.

2 Yihowaan michuu keenya isa hunda caalaa amanamaa taʼeefi dhiifama nuu godhudha. Faarfatichi kana ilaalchisuudhaan, “Yaa gooftaa, ati gaarii dha, jaalala keetiinis namaaf cubbuu isaa in dhiifta, warra si waammatan hundumaafis gaarummaan kee in baay’ata” jedheera. (Far. 86:5) Amanamaa taʼuufi dhiifama gochuu jechuun maal jechuudha? Yihowaan amalawwan gaggaarii kana kan argisiise akkamitti? Nutoo fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Deebii gaaffiiwwan kanaa beekuun keenya, jaalala Yihowaa isa hunda caalaa michuu keenya taʼeef qabnu nuu guddisa. Akkasumas, jaalala walii keenyaaf qabnu cimsachuuf nu gargaara.—1 Yoh. 4:7, 8.

YIHOWAAN AMANAMAADHA

3. Amanamaa taʼuu jechuun maal jechuudha?

3 Amanamummaan, qaama tokkoof kan bulan taʼuufi qaama sana fedhii guddaadhaan deggeruu kan dabalatudha. Namni amanamaa taʼe tokko hin gegeddaramu. Kanaa mannaa, haala rakkisaa taʼe keessattillee jaalalaan kakaʼee nama ykn qaama sanatti maxxana. Eeyyee, Yihowaan hunda caalaa ‘amanamaadha.’—Mul. 16:5, NW.

4, 5. (a) Yihowaan amanamaa taʼuusaa kan argisiise akkamitti? (b) Wanta Yihowaan amanamummaadhaan raawwaterratti xiinxaluudhaan jabina argachuu kan dandeenyu akkamitti?

4 Yihowaan amanamaa taʼuusaa kan argisiise akkamitti? Yihowaan namoota amanamummaadhaan isa waaqeffatan matumaa hin gatu. Namoota akkasii keessaa tokko kan taʼe Daawit Mootichi Yihowaan amanamaa taʼuusaa mirkaneessee ture. (2 Saamu’el 22:26, dubbisi. *) Yihowaan yeroo Daawit rakkina keessa turetti amanamummaadhaan qajeelfama isaa kenneera, isa eegeera, akkasumas isa oolcheera. (2 Sam. 22:1) Daawit, Yihowaan amanamummaasaa kan argisiisu dubbii qofaan akka hin taane hubatee ture. Yihowaan Daawititti amanamummaa kan argisiise maaliifi? Daawit nama ‘amanamaa’ waan tureefidha. Yihowaan amanamummaa waaqeffattoonnisaa argisiisan kan dinqisiifatu taʼuusaarrayyuu, isaaniif amanamuudhaan isaan kiisa.—Fak. 2:6-8.

5 Nutis amanamummaa Yihowaan argisiiserratti xiinxaluudhaan jabina argachuu dandeenya. Obboleessi amanamaa taʼeefi Riid jedhamu akkas jedheera: “Yihowaan haala rakkisaa taʼe keessatti Daawitiin akkamitti akka gargaare xiinxaluunkoo baayʼee na gargaara. Yihowaan yommuu Daawit baqatee holqa keessas taʼe iddoo garabiraa turetti wanta jireenyaaf isa barbaachisu isaa kennee ture. Seenaan kun baayʼee na jajjabeessa. Kun haala akkamii keessayyuu yoon jiraadhe, jechuunis hammamiyyuu abdii kan na kutachiisu yoo taʼe, ani isaaf amanamaa taanaan, Yihowaan akka na gargaaru na yaadachiisa.” Isinis akkas akka isinitti dhagaʼamu hin shakkisiisu.—Rom. 8:38, 39.

6. Yihowaan amanamaa taʼuusaa karaawwan garabiraa kamiin argisiisa? Kunoo namoota isa waaqeffataniif faayidaa akkamii argamsiisa?

6 Yihowaan karaawwan garabiraa kamiin amanamaa taʼuusaa argisiisa? Ulaagaa baase yoomiyyuu hin jijjiiru. Yihowaan ‘hamma dulloomnee harrii baafnuttillee’ akka nutti hin jijjiiramne nuu mirkaneesseera. (Isa. 46:4) Yihowaan yoomiyyuu wanta sirriifi dogoggora taʼe ilaalchisee ulaagaa baaserratti hundaaʼuudhaan murtoo godha. (Mil. 3:6) Kana malees, Yihowaan abdii kennee wajjin haala wal simuun tarkaanfii fudhachuudhaan, amanamaa taʼuusaa argisiisa. (Isa. 55:11) Kanaaf, amanamummaan Yihowaa namoota isa waaqeffatan hundaaf faayidaa argamsiisa. Akkamitti? Ulaagaasaa eegnee jiraachuuf wanta nuu dandaʼame hunda kan goonu taanaan, Yihowaan waadaa nu eebbisuuf gale akka raawwatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Isa. 48:17, 18.

AMANAMAA TAʼUURRATTI FAKKEENYA YIHOWAA HORDOFAA

7. Amanamaa taʼuurratti karaan fakkeenya Yihowaa hordofuu itti dandeenyu inni tokko maalidha?

 7 Amanamaa taʼuurratti fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Karaa kana gochuu itti dandeenyu keessaa inni tokko, namoota haala rakkisaa keessa jiran gargaaruuf tarkaanfii fudhachuudha. (Fak. 3:27) Fakkeenyaaf, nama hidhata amantiikee taʼeefi tarii fayyaa dhabuudhaan, mormii maatiitiin ykn dadhabina dhuunfaasaatiin kan kaʼe abdii kutate tokko beektaa? Dursa fudhachuudhaan, “dubbii gaggaarii fi dubbii jajjabinaa” itti dubbachuu dandeessa. (Zak. 1:13) * Yommuu akkas gootu, michuu dhugaafi amanamaa, “obboleessa caalaa namatti aanu” isaaf taʼaa jirta jechuudha.—Fak. 18:24.

8. Amanamaa taʼuu ilaalchisee gaaʼela keessatti fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Namoota jaallannuuf amanamoo taanee jiraachuudhaanis fakkeenya Yihowaa hordofuu dandeenya. Fakkeenyaaf, gaaʼela kan godhanne taanaan, hiriyaa gaaʼelaa keenyatti maxxannee jiraachuu akka qabnu beekna. (Fak. 5:15-18) Kanaaf, tarkaanfii jalqabaa ejja raawwachuutti nu geessullee hin fudhannu. (Mat. 5:28) Kana malees, namoota hidhata amantii keenyaa taʼan hamachuu ykn maqaa balleessuufi oduu hin taane akkasii babalʼisuu ykn dhaggeeffachuu dhiisuudhaan obboloota keenyaaf amanamoo taʼuu keenya argisiisna.—Fak. 12:18.

9, 10. (a) Keessumaa eenyuuf amanamoo taanee jiraachuu barbaanna? (b) Abboommii Yihowaa raawwachuun yeroo hunda salphaa kan hin taane maaliifi?

9 Hunda caalaammoo, Yihowaadhaaf amanamoo taanee jiraachuu barbaanna. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Wanta inni jaallatu jaallachuu, wanta inni jibbu jibbuu, akka inni barbaadutti jiraachuufi ilaalcha inni wanta tokkoof qabu qabaachuuf carraaqqii gochuudhaan kana gochuu dandeenya. (Faarfannaa 97:10 dubbisi.) Yaadaafi miira keenya isa kan Yihowaa wajjin caalaatti walsimsiisaa yommuu adeemnu, fedhiin seerasaatiif abboomamuuf qabnu caalaatti guddachaa adeema.—Far. 119:104.

10 Abboommii Yihowaa hojiirra oolchuun yeroo hunda salphaa akka hin taane beekamaadha. Amanamoo taanee jiraachuuf qabsoo gochuun nu barbaachisuu dandaʼa. Kiristiyaanonni qeenxee taʼan tokko tokko gaaʼela godhachuu kan barbaadan taʼus, namoota Yihowaa waaqeffatan keessaa nama hiriyaa gaaʼelaa isaaniif taʼu hin arganne taʼa. (1 Qor. 7:39) Obboleettiin qeenxeen tokko, namoonni ishee wajjin hojjetan yeroo hunda nama hiriyaa gaaʼelaa isheedhaa taʼuu dandaʼuu wajjin wal ishee barsiisuu akka yaalan hubachuu dandeessi. Obboleettiin kun kophummaa isheetti dhagaʼamuu wajjin qabsaaʼaa jirti taʼa. Taʼus, Yihowaadhaaf amanamtee jiraachuuf carraaqqii cimaa gooti. Amanamummaa argisiisuurratti namoota fakkeenya taʼan akkasii dinqisiifachuu hin qabnuu? Yihowaan, haalli rakkisaan yoo isaan mudateyyuu namoota amanamoo taʼanii jiraachuuf carraaqqii godhan hunda akka kiisu hin shakkisiisu.—Ibr. 11:6.

“Firri [michuun] obboleessa caalaa namatti aanus immoo jira.”​—Fak. 18:24 ( Keeyyata 7 ilaali)

‘Waliif dhiisaa!’​—Efe. 4:32 ( Keeyyata 16 ilaali)

YIHOWAAN WAAQA DHIIFAMA GODHUDHA

11. Dhiifama gochuu jechuun maal jechuudha?

11 Amalawwan Yihowaa baayʼee gaggaarii taʼan keessaa tokko, dhiifama gochuuf fedhii kan qabu taʼuusaati. Dhiifama gochuu jechuun maal jechuudha? Sababii gaʼaan kan jiru taanaan, nama nu mufachiise tokkoof dhiifama gochuu kan dabalatudha. Kana jechuun namni dhiifama godhu tokko, miidhaan yommuu isarratti raawwatamu callisee ilaala ykn miidhaan isarratti raawwatamuusaa haala jechuu miti. Kanaa mannaa, haaloo qabachuu dhiisuu filata. Macaafni Qulqulluun, Yihowaan namoota dhugumaan yaada garaa geddarataniif ‘dhiifama’ akka godhu barsiisa.—Far. 86:5.

12. (a) Yihowaan dhiifama kan godhu taʼuusaa kan argisiise akkamitti? (b) Cubbuu nama tokkoo ‘haxaaʼuu’ jechuun maal jechuudha?

12 Yihowaan dhiifama kan godhu taʼuusaa kan argisiise akkamitti? Dhiifamni Yihowaan godhu ‘guddaadha.’ Kana jechuun dhiifama kan godhu guutummaatti, akkasumas yeroo hundumaafidha jedhuudha. (Isa. 55:7) Yihowaan guutummaatti dhiifama kan godhu taʼuusaa akkamitti beekna? Hojiin Ergamootaa 3:19 kana ilaalchisee maal akka jedhu hubadhu. (dubbisi.) Phexros, namoonni isa dhaggeeffachaa turan, ‘yaada garaa geddaratanii Waaqayyotti akka deebiʼan’ gorseera. Cubbamaan tokko dhugumaan yommuu yaada garaa geddaratu, gocha dogoggoraa raawwatetti baayʼee gaabba. Kana malees, cubbuu sana deebiʼee raawwachuu dhiisuuf murteessa. (2 Qor. 7:10, 11) Akkasumas, cubbamaan tokko dhugumaan yaada garaa geddarachuunsaa, gocha dogoggoraa dhiisuufi karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraachuudhaan ‘gara Waaqayyootti deebiʼuuf’ isa kakaasa. Namoonni Phexrosiin dhaggeeffatan dhugumaan akkasitti yaada garaa geddarataniiru taanaan, buʼaansaa maal taʼuu dandaʼa? Phexros cubbuunsaanii akka isaaniif ‘haxaaʼamu’ dubbateera. Jechi haxaaʼuu jedhu, jecha afaan Giriikii ‘haquu’ jedhamee hiikamerraa kan dhufedha. Kanaaf Yihowaan yommuu dhiifama godhu, wanta sana haxaaʼee qulqulleessa jechuunis, guutummaatti dhiifama godha.—Ibr. 10:22; 1 Yoh. 1:7.

13. Yaanni “cubbuu isaaniis deebi’ee isaanitti hin lakkaa’u” jedhu maal nuu mirkaneessa?

13 Yihowaan dhiifama kan godhu yeroo hundumaatiif taʼuusaahoo akkamitti beekna? Raajii Ermiyaas Kiristiyaanota dibamoo ilaalchisee dubbateefi namoota furiitti amananiif dhiifama cubbuu argamsiisu haa ilaallu. (Ermiyaas 31:34 dubbisi.) Yihowaan, “Yakka isaanii isaaniif nan dhiisa, cubbuu isaaniis deebi’ee isaanitti hin lakkaa’u” jedheera. Kanaaf Yihowaan takkaa erga dhiifama godhee booda, wanta raawwanne sanaaf gara fuulduraatti akka nu hin adabne nuu mirkaneesseera. Irra deddeebiʼee nu adabuuf jecha cubbuu keenya ammaa amma hin kaasu. Kanaa mannaa, Yihowaan cubbuu keenyaaf erga dhiifama godhee booda, yeroo hundumaatiif irraanfata.—Rom. 4:7, 8.

14. Yihowaan dhiifama kan godhu taʼuusaarratti xiinxaluudhaan jajjabina argachuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.

14 Yihowaan dhiifama kan godhu taʼuusaarratti xiinxaluudhaan jajjabina argachuu dandeenya. Fakkeenya tokko haa ilaallu. Obboleettiin Illeenii jedhamtu, waggoota hedduu dura gumiidhaa kan baafamte taʼus, yeroo booda garuu gumiitti deebifamte. Illeeniin, “Yihowaan dhiifama naa gochuusaa akkan amanu ofittis taʼe namootatti kanan dubbadhu taʼus, yeroo hunda hamma tokko narraa fagoo akka taʼeefi warri kaan na caalaa akka isatti dhihaatan natti dhagaʼama” jetteetti. Taʼus, Yihowaan dhiifama kan godhu taʼuusaa ilaalchise jechoota Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman dubbisuufi irratti xiinxaluudhaan jajjabina argatteetti. Illeeniin itti dabaluudhaan, “Yihowaan karaan matumaa hubadhee hin beekneen jaalala natti argisiisaafi na kunuunsaa akka jiru natti dhagaʼame” jetteetti. Keessumaa yaanni, “Yihowaan cubbuu keenyaaf dhiifama yommuu godhu, sana booda dhiifama akka hin arganne yaaduun nu hin barbaachisu” jedhu ishee jajjabeesseera. * Illeeniin itti dabaluudhaan akkas jetteetti: “Yihowaan guutummaatti dhiifama naa gochuusaa akkan hin amanneefi jireenyakoo guutuu dhiifama akkan hin argannetti yaadaa akkan jirun hubadhe. Kana gochuun yeroo akka natti fudhatu beeka, taʼus, Yihowaatti dhihaachuu akkan dandaʼuufi baʼaan tokko akka narraa buʼe natti dhagaʼame.” Dhugumayyuu, Waaqni nuyi tajaajillu Waaqa jaalalaafi dhiifama namaa godhudha.—Far. 103:9.

DHIIFAMA GOCHUURRATTI FAKKEENYA YIHOWAA HORDOFAA

15. Dhiifama gochuurratti fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Dhiifama gochuuf sababii gaʼaan kan jiru taanaan, walii dhiisuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu dandeenya. (Luqaas 17:3, 4 dubbisi.) Yihowaan dhiifama yommuu godhu akka irraanfatu jechuunis, sana booda akka nurratti hin lakkoofne yaadadhaa. Nuyis yommuu dhiifama goonu, dhimma sana duuba keenyatti gatuufi lammata kaasuu dhiisuudhaan irraanfachuu dandeenya.

16. (a) Dhiifama goona jechuun miidhaan yommuu nurratti raawwatamu callisnee ilaalla jechuudhaa? Ibsi. (b) Waaqayyo dhiifama akka nuu godhuuf maal gochuu qabna?

 16 Dhiifama goona jechuun, miidhaan yommuu nurratti raawwatamu callisnee ilaalla ykn namoonni jalʼina akka nurratti raawwatan heyyamna jechuu miti. Dhiifama goona jechuun haaloo qabachuu dhiisuu filanna jechuudha. Kana malees, Yihowaan dhiifama akka nuu godhu yoo barbaanne, warra kaaniif dhiifama gochuurratti fakkeenyasaa hordofuu qabna. (Mat. 6:14, 15) Gara laafessa taʼuunsaa, “biyyoo” taʼuu keenya akka yaadatu isa godha. (Far. 103:14) Kanaaf nuyis gara laafessa taʼuun keenya, namoota kaaniif garaadhaa dhiifama gochuudhaan, hirʼinasaanii akka bira darbinu nu kakaasuu hin qabuu?—Efe. 4:32; Qol. 3:13.

Kadhannaan dhiifama argachuuf dhiheessinu garaadhaa kan madde taʼuu qaba ( Keeyyata 17 ilaali)

17. Namni hidhata amantii keenyaa taʼe tokko yoo nu mufachiise maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

 17 Dhugaadha, dhiifama gochuun yeroo hunda salphaa miti. Kiristiyaanonni dibamoon jaarraa tokkoffaatti turanillee, garaagarummaa gidduusaanii jiru hiikuun isaan rakkisee akka ture haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. (Filp. 4:2) Namni hidhata amantii keenyaa taʼe tokko yoo nu miidhe maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Iyoobiin akka fakkeenyaatti haa ilaallu. ‘Michootasaa’ kan taʼan Eliifaaz, Beldaadiifi Zofaar, dubbii sobaatiin yommuu isa hadheessan baayʼee miidhamee ture. (Iyo. 10:1; 19:2) Dhumarratti Yihowaan namoota sobaan isa hadheessan kana adabeera. Waaqayyo namoonni kun gara Iyoob dhaqanii cubbuusaaniitiif aarsaa akka dhiheessan isaan ajaje. (Iyo. 42:7-9) Haataʼu malee, Yihowaan Iyoobis wanta tokko akka godhu isarraa eega ture. Wantichi maal ture? Iyoob namoota duraan isa hadheessaa turan kanaaf akka kadhatu isa ajaje. Iyoob akkuma Yihowaan isa abboome kan godhe siʼa taʼu, dhiifama gochuusaatiin kan kaʼes Yihowaan isa eebbiseera. (Iyoob 42:10, 12, 16, 17 dubbisi.) Kanarraa maal baranna? Nama nu mufachiise tokkoof garaadhaa kadhachuun keenya, nama sanatti haaloo qabachuurraa fagaachuuf nu gargaaruu dandaʼa.

AMALAWWAN YIHOWAA GUUTUMMAATTI DINQISIIFACHUU KEESSAN ITTI FUFAA

18, 19. Amalawwan Yihowaa gaggaarii taʼaniif dinqisiifannaa qabnu guddifachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Amalawwan Yihowaa gaggaarii taʼan addaddaa qoruun keenya, gammachuu akka nuu argamsiisu hin shakkisiisu. Yihowaan kan itti dhihaatamu, nama kan wal hin caalchifne, arjaa, sababa qabeessa, amanamaafi dhiifama kan godhu taʼuusaa ilaalleerra. Dhugaadha, wanti baranne muraasa qofadha. Waaʼee Yihowaa barabaraaf gad fageenyaan qoruudhaan, gammachuu argachuu dandeenya. (Lal. 3:11) Phaawulos jaalalaafi amalawwan jaʼan olitti qorre malees, “Badhaadhummaan araara Waaqayyoo hammam guddata! Ogummaan isaa fi beekumni isaa hammam gad fagaata!” kan jedhe siʼa taʼu, nuyis yaada inni dubbate kanarratti walii galla.—Rom. 11:33.

19 Hundi keenya, amalawwan Yihowaa gaggaarii taʼaniif dinqisiifannaa qabnu guddifachuu keenya itti haa fufnu. Amalawwan kana beekuu, irratti xiinxaluufi jireenya keenya keessatti argisiisuudhaan kana gochuu dandeenya. (Efe. 5:1) Kana kan goonu taanaan, yaada Faarfatichi, “Waa’ee koof yoo ta’e garuu Waaqayyotti dhi’aachuun anaaf gaarii dha” jechuudhaan barreessee wajjin caalaatti akka walii gallu beekamaadha.—Far. 73:28.

^ key. 4 2 Saamu’el 22:26, (NW): “Yaa Waaqayyo, nama amanamummaa argisiisutti, atis amanamummaa in argisiifta; nama hin balleessinetti, atis hin balleessitu.”

^ key. 7 Ibsa dabalataa argachuuf, mataduree “Dhiheenyatti Nama Tokko Jajjabeessiteettaa?” jedhuufi Masaraa Eegumsaa Amajjii 15, 1995⁠rratti baʼe, akkasumas mataduree, “Jaalala Argisiisuufi Hojii Gaariidhaaf Wal Jajjabeessuu Kan Dandeessan Akkamitti?” jedhuufi Ebla 1, 1995⁠rratti baʼe ilaali. (Amaariffa)