Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Namoota Muraasatti Fayyadamanii Namoota Hedduu Sooruu

Namoota Muraasatti Fayyadamanii Namoota Hedduu Sooruu

‘Buddeena sana cabsee bartootasaatti kekkenne; bartoonnimmoo tuuta sanaaf in dhi’eessan.’—MAT. 14:19.

1-3. Yesus naannoo Betsayidaatti namoota hedduu kan soore akkamitti akka ta’e ibsi. (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

MEE haalasaa yaadaan ilaali. (Maatewos 14:14-21 dubbisi.) Yeroonsaa Ayyaana Faasikaa Dh.K.B. bara 32⁠tti godhamu duradha. Dubartootaafi ijoollee utuu hin dabalatin namoonni 5,000 ta’an, hurufa ykn lafa onaa naannoo Betsayidaatti argamutti, mandara qarqara kaabaa ciisa bishaan Galiilaatti argamtu tokkotti Yesusiifi duuka buutotasaa wajjin turan.

2 Yesus namoota sana yeroo ilaalu waan isaaniif oo’ef, dhukkubsatoota isaan gidduu turan kan fayyise ta’uusaarrayyuu, waa’ee Mootummaa Waaqayyoo waan baay’ee isaan barsiise. Yeroo galgalaa’u, bartoonni Yesus, namoonni sun magaalaa dhihoo jiru dhaqanii nyaata akka bitatan akka isaan geggeessu isatti himan. Yesus garuu bartootasaatiin, “Ofii keessanii waan isaan nyaatan kennaaf!” jedheen. Kan qaban buddeena shaniifi qurxummii lama qofa waan ta’eef, dubbiinsaa kun bitaa isaanitti ta’uu hin oolu.

3 Yesus gara laafinaan kaka’ee dinqii kan isaaniif raawwate si’a ta’u, dinqiin barreessitoota Wangeelaa arfaniinuu galmeeffames kana qofadha. (Mar. 6:35-44; Luq. 9:10-17; Yoh. 6:1-13) Yesus, bartoonnisaa namoota sana shantama shantamaafi dhibba dhibbaan margicharra akka teessisan itti hime. Nyaaticha erga eebbisee booda, buddeenicha caccabsuufi qurxummicha hihhiruu jalqabe. Achiis, nyaaticha kallattiidhaan namoota sanaaf kennuu mannaa, “bartoota isaatti kekkenne; bartoonni immoo tuuta sanaaf in dhi’eessan.” Kan nama dinqisiisu, nyaatichi hundasaanii quubsee irraa hafee ture! Yesus namoota muraasatti jechuunis, ergamootasaatti fayyadamee namoota kuma hedduutti lakkaa’aman sooreera. *

4. (a) Yesus keessumaa nyaata akkamii dhiheessuutu isa yaaddessa ture? Maaliif? (b) Mataduree kanaafi isa ittaanurratti waa’ee maalii qorra?

4 Yesus duuka buutotasaatiif nyaata hafuuraa dhiheessuun caalaatti isa yaaddessa ture. Nyaanni hafuraa, jechuunis dhugaan Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu jireenya barabaraa akka argamsiisu beeka ture. (Yoh. 6:26, 27; 17:3) Yesus, akkuma yeroo namoota hedduudhaaf buddeenaafi qurxummii kenne itti dhaga’ame, gara laafinaan kaka’ee duuka buutotasaa dhuunfaatti barsiisuurratti yeroo dheeraa dabarseera. (Mar. 6:34) Yeroon lafarratti dabarsu gabaabaa akka ta’eefi gara samiitti akka deebi’u beeka ture. (Mat. 16:21; Yoh. 14:12) Yesus gara samii erga dhaqee booda duuka buutotasaa lafarra jiran karaa hafuuraa akka gaariitti sooruusaa kan itti fufu akkamitti? Akkuma kanaan dura godhe, namoota muraasatti fayyadamee namoota baay’ee sooruudhaani. Namoonni muraasni kun garuu eenyufa’i? Yesus duuka buutota dibamoo hedduu jaarraa jalqabaatti turan sooruuf namoota muraasatti kan fayyadame akkamitti akka ta’e haa ilaallu. Achiis mataduree ittaanurratti, gaaffii hunda keenyaaf barbaachisaa ta’e armaan gadii qorra: Namoota muraasa Kiristos yeroo har’aa nu sooruuf itti fayyadamu addaan baasnee beekuu kan dandeenyu akkamitti?

Namoonni kumaan lakkaa’aman karaa namoota muraasaa sooramaniiru (Keeyyata 4 ilaali)

YESUS NAMOOTA MURAASA FILATE

5, 6. (a) Yesus erga inni du’ee booda duuka buutonnisaa karaa hafuuraa nyaata ga’aa akka argatan mirkaneessuuf murtoo barbaachisaa akkamii godhe? (b) Yesus, ga’ee guddaa erga inni du’ee booda qabaataniif ergamootasaa kan qopheesse akkamitti?

5 Abbaan warraa itti gaafatamummaan itti dhaga’amu tokko, yeroo du’utti maatiisaatiif kunuunsi akka godhamu dursee haala mijeessa. Haaluma wal fakkaatuun, Yesus inni Mataa gumii Kiristiyaanaa ta’uuf jedhus, erga inni du’ee booda duuka buutonnisaa karaa hafuuraa nyaata akka argatan qophii godheera. (Efe. 1:22) Fakkeenyaaf, Yesus du’uusaa waggaa lama dura murtoo cimaa tokko godhee ture. Namoota muraasa, booddee namoota hedduu sooruuf itti fayyadamu keessaa warra jalqabaa filate. Mee haala uumame haa ilaallu.

6 Yesus halkan guutuu erga kadhatee booda, bartootasaa walitti qabee isaan keessaa ergamoota 12 filate. (Luq. 6:12-16) Waggoota lamaan ittaananitti, keessumaa ergamootasaa kudha lamaanitti dhihaatee jechaanis ta’e fakkeenya ta’uudhaan isaan barsiiseera. Ergamoonnisaa waan hedduu barachuu akka qaban beeka ture; isaanis “bartoota” jedhamanii waamamuusaanii itti fufaniiru. (Mat. 11:1; 20:17) Dhuunfaatti gorsa barbaachisaa ta’eefi tajaajilarratti leenjii guddaa isaaniif kenneera. (Mat. 10:1-42; 20:20-23; Luq. 8:1; 9:52-55) Yeroo kanatti ga’ee guddaa erga inni du’eefi gara samiitti deebi’ee booda qabaataniif isaan leenjisaa akka ture beekamaadha.

7. Yesus wanti ergamootasaa yaaddessu inni guddaan maal akka ta’u kan ibse akkamitti?

7 Ergamoonni Yesus ga’ee maalii qabaatu? Ayyaanni Phenxeqostee Dh.K.B. bara 33 kabajamu dhihaachaa yommuu deemutti, ergamoonnisaa ‘hojii geggeessitoota’ akka ta’an ifa ta’e. (HoE. 1:20) Haata’u malee, wanti isaan yaaddessu inni guddaan maal ture? Yesus du’aa erga ka’ee booda Phexros ergamaa wajjin ennaa haasa’u, wanti isa yaaddessu inni guddaan maal akka ta’e ibseera. (Yohannis 21:1, 2, 15-17 dubbisi.) Bakka ergamoonnisaa kaan jiranitti Yesus Phexrosiin, “Hoolota koo tiksi! [“soori,” NW]” jedheera. Yesus, ergamoonnisaa namoota muraasa karaasaanii namoota hedduudhaaf nyaata itti dhiheessu keessaa tokko akka ta’an dubbachuusaati. Yaanni kun, garaa namaa kan tuquufi Yesus waa’ee ‘hoolotasaa’ maaltu akka itti dhaga’amu akka gaariitti kan ibsudha! *

AYYAANA PHENXEQOSTEETII KAASEE NAMOOTA HEDDUU SOORUU

8. Amantoonni haaraan, Ayyaana Phenxeqosteerratti daandii Kiristos itti fayyadamaa jiru hubachuusaanii kan argisiisan akkamitti?

8 Ayyaana Phenxeqostee Dh.K.B. bara 33⁠tti kabajamee kaasee, Kiristos inni du’aa ka’e, bartoota dibamoo kaan sooruuf ergamootasaatti fayyadameera. (Hojii Ergamootaa 2:41, 42 dubbisi.) Yihudoonni, akkasumas namoonni gara Yihudiitti jijjiiramaniifi hafuuraan dibaman daandii kana beekanii turan. Namoonni kun, mamii tokko malee ‘barsiisa ergamootaatti qabamanii jiraataniiru.’ Akka hayyuun tokko jedhanitti, jechi afaan Giriikii “qabamanii jiraatan” jedhamee hiikame, ‘gocha tokkotti amanamummaadhaan cichuu’ kan argisiisu ta’uu danda’a. Amantoonni haaraan sun, nyaata hafuuraa garmalee beela’anii kan turan si’a ta’u, eessaa akka argatanis sirriitti beeku turan. Jarri kun, ergamoonni Yesus wanta inni dubbateefi godhe, akkasumas caqasoota waa’eesaa dubbatan akka isaaniif ibsan amanamummaa cimaadhaan isaan eeggataniiru. *HoE. 2:22-36.

9. Ergamoonni Yesus, itti gaafatamummaa hoolotasaa sooruuf isaaniif kennamerratti akka xiyyeeffatan kan argisiisan akkamitti?

9 Ergamoonni Yesus, itti gaafatamummaa hoolota Yesusiif nyaata hafuuraa akka dhiheessan isaaniif kennamerratti xiyyeeffatanii turan. Fakkeenyaaf, dhimma cimaa gumii reefuu hundeeffame keessatti uumameefi namoota qoqqooduu danda’u tokkoof akkamitti furmaata akka kennan ilaalaa. Kan nama dinqisiisummoo dhimmichi nyaataa wajjin kan wal qabate ture. Guyyaa guyyaadhaan nyaanni yeroo raabsamu, haadhotiin hiyyeessaa afaan Giriikii dubbatan dagatamanii kan turan si’a ta’u, warri afaan Ibrootaa dubbatan garuu qoodasaanii argachaa turan. Ergamoonni Yesus, dhimma rakkisaa kanaaf furmaata kan kennan akkamitti? “Warri kudha lamaan,” “hojii” barbaachisaa, jechuunis hojii nyaata raabsuu akka to’atan namoota ga’umsa qaban torba filatan. Ergamoonni Yesus warri baay’eensaanii yeroo inni namoota hedduu soore nyaata raabsuuf itti fayyadamee ta’uu danda’u, nyaata hafuuraa dhiheessuurratti xiyyeeffachuun caalaatti barbaachisaa akka ta’e hubatanii turan. Kanaafuu, ‘lallaba dubbii Waaqayyootiif ergamuutti’ qabamanii turan.—HoE. 6:1-6.

10. Kiristos ergamootaafi jaarsolii Yerusaalemitti kan fayyadame akkamitti?

10 Dh.K.B. bara 49, ergamoonni lubbuudhaan jiran jaarsolii ga’umsa qaban tokko tokkoo wajjin hojjechaa turan. (Hojii Ergamootaa 15:1, 2 dubbisi.) ‘Ergamoonniifi jaarsoliin Yerusaalem jiran’ qaama olaanaa ta’anii tajaajilaniiru. Kiristos Mataa gumii waan ta’eef, namoota ga’umsa qaban muraasa kanatti fayyadamee, gaaffii barumsawwan bu’uuraa wajjin wal qabatee ka’uuf furmaata kennuuf, akkasumas hojii Mootummaa Waaqayyoo lallabuufi bartoota gochuu olaantummaadhaan to’achuufi geggeessuuf isaanitti fayyadameera.—HoE. 15:6-29; 21:17-19; Qol. 1:18.

11, 12. (a) Yihowaan, qophii Ilmisaa gumii jaarraa jalqabaa sooruuf itti fayyadame eebbisuusaa kan argisiisu maalidha? (b) Daandiin Kiristos nyaata hafuuraa itti dhiheessu salphaatti addaan baafamee kan beekamu akkamitti ture?

11 Yihowaan qophii Ilmisaa gumii jaarraa jalqabaa sooruufi itti fayyadame eebbiseeraa? Homaa hin shakkisiisu! Akkamitti mirkanaa’oo ta’uu dandeenya? Macaafni Hojii Ergamootaa akkas jedha: “Kana booddees Phaawulosfaa karaa irra bu’an; seerrata ergamoonnii fi jaarsoliin Yerusaalem irratti walii galan, mandara keessa darban hundumaan ga’anii, akka eeganiifis isaan gorsan. Waldoonni kristiyaanaas amantichatti in cimu, lakkoobsaanis guyyaa guyyaatti in guddatu turan.” (HoE. 16:4, 5) Gumiiwwan sun qaama olaanaa Yerusaalem ture amanamummaadhaan deggeruunsaanii guddina akka isaaniif argamsiise hubadhaa. Kun, Yihowaan qophii Ilmisaa gumiiwwan sooruuf itti fayyadamu eebbisuusaa kan mirkaneessu mitii? Karaa hafuuraa guddinni kan argamu, eebba Yihowaatiin qofa ta’uusaa haa yaadannu.—Fak. 10:22; 1 Qor. 3:6, 7.

12 Hanga ammaatti Yesus duuka buutotasaa kan sooru maluma wal fakkaatuun akka ta’e, jechuunis namoota hedduu sooruuf namoota muraasatti akka fayyadamu ilaalleerra. Daandiin inni karaa hafuuraa sooruuf itti fayyadamu salphaatti addaan baafamee kan beekamu ture. Kana malees, ergamoonnisaa miseensa qaama olaanaa warra jalqabaa ta’an, samiirraa gargaarsa akka qaban argisiisuu danda’aniiru. Hojiin Ergamootaa 5:12, “Milikkinnii fi dinqiin baay’een harka ergamootaatiin saba sana gidduutti in hojjetama ture” jedha. * Kanaafuu, namoonni amantii Kiristiyaanummaa fudhatan, namoonni Kiristos hoolotasaa sooruuf itti fayyadamu kamfaa akka ta’an shakkuuf sababii hin qaban ture. Dhuma jaarraa jalqabaatti garuu haallisaa ni jijjiirame.

Jaarraa jalqabaa keessatti, Yesus gumicha sooruuf eenyuutti akka fayyadamu ifa ture (Keeyyata 12 ilaali)

YEROO INKIRDAANNI ITTI BAAY’ATEEFI QAMADIIN ITTI XINNAATE

13, 14. (a) Yesus miidhaa ga’u tokko ilaalchisee akeekkachiisa akkamii kennee ture? Kunoo raawwatamuu kan jalqabe yoomi? (b) Miidhaan kan ga’u kallattii lamaan kamiini? (Odeeffannoo dabalataa ilaali.)

13 Yesus gumii Kiristiyaanaarra miidhaan akka ga’u raajii dubbatee ture. Fakkeenya waa’ee qamadiifi inkirdaadaa bifa raajiitiin dubbaterratti, qamadii reefuu facaafame (Kiristiyaanota dibamoo) gidduutti inkirdaanni (Kiristiyaanonni fakkeessitoonni) akka facaafamu ibsee ture. Yesus, qamadichiifi inkirdaadichi hamma tibbi haamaa, jechuunis yeroon “dhuma biyya lafaa” dhufutti lamaanuu wajjumaan akka guddatan dubbachuusaa hin dagatinaa. (Mat. 13:24-30, 36-43) Utuu baay’ee hin turin, wanti Yesus dubbate kun dhugaa ta’uu jalqabe. *

14 Jaarraa jalqabaatti gantummaan manca’ina guddaa geessiseera; ergamoonni Yesus warri amanamoo ta’an garuu barsiisni sobaa manca’inaafi dhiibbaa akka hin geessisne dhowwuudhaan ‘ittisa’ ta’aniiru. (2 Tas. 2:3, 6, 7) Haata’u malee, ergamoonni Yesus hundi erga du’anii booda, gantummaan hundee godhachuudhaan yeroo guddinaa jaarraawwan hedduu fudhate keessatti babal’ateera. Kana malees, yeroo sanatti inkirdaanni kan baay’ate si’a ta’u, qamadiin garuu baay’ee xinnoo ture. Yeroo sanatti daandii dhaabbataan nyaata hafuuraa raabsuuf gurmaa’e hin jiru ture. Haalli kun oolee bulee ni jijjiirama; garuu yoom?

YEROO HAAMAATTI SOORATA KAN DHIHEESSU EENYU?

15, 16. Barattoonni Macaafa Qulqulluu ciminaan Caaffata Qulqullaa’oo qoruunsaanii bu’aa akkamii argamsiise? Gaaffii akkamiitu ka’a?

15 Midhaanichi guddinasaa ennaa fixachuuf jedhu, fedhiin namoonni dhugaa Macaafa Qulqulluutiif qaban cimee ture. Bara 1870mmaniitti gareen namoota dhugaa barbaadan muraasa qabate tokko inkirdaadicharraa, jechuunis Kiristiyaanota fakkeessitoota Saba Kiristiyaanaa keessa jiranirraa haala adda ta’een, waliin ta’uudhaan sagantaa Macaafni Qulqulluun itti baratamu hundeessan. Namoonni Barattoota Macaafa Qulqulluu jedhanii of waaman kun, gad of deebisuufi iftoominaan Caaffata Qulqullaa’oorratti of eeggannoofi kadhannaadhaan qorannaa godhaniiru.—Mat. 11:25.

16 Barattoonni Macaafa Qulqulluu, Caaffata Qulqullaa’oo ciminaan qorachuunsaanii eebba guddaa argamsiiseera. Dhiironniifi dubartoonni amanamoon kun, barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an maxxansanii bal’inaan raabsuudhaan barumsawwan sobaa saaxilaniiru, akkasumas dhugaa hafuuraa babal’isaniiru. Hojiinsaanii, garaa namoota dhugaa hafuuraa beela’aniifi dheebotanii tuquu, akkasumas isaan amansiisuu danda’eera. Kunimmoo gaaffii akkas jedhu kaasa: ‘Waggoota bara 1914 dura turanitti, Barattoonni Macaafa Qulqulluu daandii Kiristos hoolotasaa sooruuf itti fayyadamu turanii?’ Lakki. Yeroo kanattis waqtii guddinaa keessa kan jiran ta’uusaarrayyuu, daandiin nyaata hafuuraa kennuuf gurmaa’u reefuu bifa qabachaa ture. Kiristiyaanonni fakkeessitoonni inkirdaadatti fakkeeffaman, Kiristiyaanota dhugaa qamadiitti fakkeeffamanirraa addaan baafamuuf yeroonsaa hin geenye ture.

17. Bara 1914⁠tti wantoota barbaachisaa akkamiitu raawwatame?

17 Akkuma mataduree darberratti baranne, yeroon haamaa bara 1914⁠tti jalqabe. Bara sanatti wantoonni barbaachisaa ta’an hedduun ni raawwataman. Yesus mootii ta’ee kan Muudame si’a ta’u, barri dhumaas ni jalqabe. (Mul. 11:15) Bara 1914 hanga gara jalqabaa bara 1919⁠tti, Yesus mana qulqullummaa hafuuraa sakatta’uufi qulqulleessuuf Abbaasaa wajjin dhufe. * (Mil. 3:1-4) Achiis bara 1919 kaasee hojiin qamadii sassaabuu ni jalqabe. Yeroon kun, yeroo Kiristos daandii gurmaa’aa nyaata hafuuraa raabsuuf itti fayyadamu itti muudu turee? Eeyyee!

18. Yesus muudama akkamii akka raawwatu raajii dubbate? Barri dhumaa erga jalqabee booda gaaffii guddaa akkamiitu ka’e?

18 Yesus raajii bara dhumaa ilaalchisee dubbaterratti, “hojjetaa” “yeroodhaan nyaata” hafuuraa kennu akka muudu ibsee ture. (Mat. 24:45-47) Hojjetaa kamitti fayyadama laata? Fakkeenya jaarraa jalqabaatti kaa’ee wajjin haala wal fakkaatuun, ammas namoota muraasatti fayyadamee namoota hedduu soora. Guyyoonni gara dhumaa erga jalqabanii booda, gaaffiin guddaan ka’u, ‘Namoonni muraasni kun warra kami?’ kan jedhudha. Gaaffii kanaafi gaaffiiwwan raajii Yesus dubbate ilaalchisee ka’an kaan mataduree ittaanurratti qorra.

 

^ key. 3 Keeyyata 3: Boodarratti yommuu Yesus dhiirota 4,000 ta’an, akkasumas dubartootaafi ijoollee dinqiidhaan soorettis nyaaticha “bartootatti kekkenne; bartoonnis tuuta sanaaf in dhi’eessan.”—Mat. 15:32-38.

^ key. 7 Keeyyata 7: Yeroo Phexros lafarra turetti, ‘hoolonni’ sooramaa turan hundi abdiinsaanii samiirra jiraachuu ture.

^ key. 8 Keeyyata 8: Amantoonni haaraan, ‘barsiisa ergamootaatti qabamanii jiraachuunsaanii,’ ergamoonni yeroo hunda isaan barsiisaa akka turan kan argisiisudha. Barsiisa ergamootaa keessaa tokko tokko kitaabota geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman keessatti kan galmeeffaman si’a ta’u, yeroo ammaatti kutaa Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikiiti.

^ key. 12 Keeyyata 12: Kiristiyaanonni ergamoota Yesus hin taane kaanis kennaa dinqii raawwachuu kan argatan yommuu ta’u, ergamaan tokko harkasaa namootarra kaa’uusaatiin ykn isaan gidduutti argamuusaatiin kennaan dinqii raawwachuu ni argama ture.—HoE. 8:14-18; 10:44, 45.

^ key. 13 Keeyyata 13: Dubbiin Phaawulos ergamaa Hojii Ergamootaa 20:29, 30⁠rratti ibsame akka argisiisutti, gumichi gama lamaan rakkinaaf saaxilamee ture. Jalqaba, Kiristiyaanonni fakkeessitoota ta’an (“inkirdaadichi”) Kiristiyaanota dhugaa ‘gidduu ni galu.’ Lammaffaa, Kiristiyaanota dhugaa “keessaa iyyuu” namoonni tokko tokko “dubbii dhugaa jal’isuudhaan” gantoota ta’u.

^ key. 17 Keeyyata 17: Maxxansa kana keessatti mataduree, “Guyyaa Hundumaa Isinii Wajjin Nan Jira!” jedhu fuula 11, keeyyata 6 ilaali.