Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Warri Kiristiyaana ta’an walga’iirratti mucaasaanii gumiidhaa baafamee wajjin taa’uunsaanii sirriidhaa?

Galma Mootummaa keessatti bakka namni gumiidhaa baafame taa’u ilaalchisee garmalee dhiphachuun barbaachisaa miti. Barruun kun, barbaachisaa yoo ta’e warri mucaasaanii isa gumiidhaa baafameefi isaanii wajjin jiraatu karaa hafuuraa gargaaruuf hamma danda’an carraaqqii akka godhan jajjabeessaa tureera. Akkuma barruu Masaraa Eegumsaa Sadaasa 15, 1988 [Ingiliffa] fuula 19fi 20⁠rratti ibsame, warri ijoolleesaanii xixinnoo gumiidhaa baafamaniifi isaanii wajjin jiraatan Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuu ni danda’u. Kana gochuun mucichi jijjiirama gochuuf jajjabina isa barbaachisu argamsiisaaf jedhamee abdatama. a

Galma Mootummaa keessa taa’uu ilaalchisee, mucaan gumiidhaa baafame tokko warrasaa wajjin cal jedhee taa’uunsaa rakkina hin qabu. Namni gumiidhaa baafame teessuma boodaarra taa’uuf dirqamni isarra hin jiru; mucaan gumiidhaa baafames warrisaa bakka fedheyyuu yoo taa’an isaanii wajjin taa’uu danda’a. Warri haalli hafuuraa mucaasaanii waan isaan yaaddessuuf, mucaansaanii walga’iirraa faayidaa guddaa akka argatu kan barbaadan ta’uunsaa hin shakkisiisu. Gama kanaan mucichi bakka barbaade akka taa’u dhiisuu mannaa isaanii wajjin akka taa’u gochuun faayidaa qaba.

Haata’u malee, mucaan gumiidhaa baafame sun warrasaa wajjin kan hin jiraanne yoo ta’ehoo? Kun haalasaarratti jijjiirama fidaa? Kanaan dura, barruun kun fira gumiidhaa baafameefi mana tokko keessa waliin hin jiraannee wajjin michoomuu ilaalchisee ejjennoo Kiristiyaanni tokko qabaachuu qabu ibsee ture. b Haata’u malee, namni gumiidhaa baafame yeroo walga’iin geggeeffamutti firootasaatti aanee akka taa’u heyyamuuniifi utuu hin barbaachisin isaa wajjin michooma uumuun tokko miti. Ta’us miseensonni maatichaa amanamoo ta’an firasaanii gumiidhaa baafameef ilaalcha sirrii ta’e kan qabaniifi isaa wajjin michoomuu ilaalchisee gorsa Caaffanni Qulqullaa’oon kennan hordofuuf carraaqqii kan godhan yoo ta’e, haalli kun isaan yaaddessuu hin qabu.—1 Qor. 5:11, 13; 2 Yoh. 11.

Namni gumiidhaa baafame tokko amala sirrii ta’e qaba taanaan firootasaa ykn miseensota gumii kaan bira taa’uunsaa kan nama dhiphisu miti. Bakka namni tokko taa’u ilaalchisee seera baasuun yeroo tokko tokko rakkina uumuu danda’a. Kanaaf, firoota amanamoo dabalatee obboloonni hundi namoota gumiidhaa baasuu ilaalchisee seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hordofuuf kan carraaqaniifi obbolootatti gufuu yoo ta’uu baatan, namoonni gumii Kiristiyaanaarratti argaman eessa taa’uu akka qaban ilaalchisee dhiphachuun barbaachisaa miti. c

a Matadureen kun waa’ee mucaa dhiiraa gumiidhaa baafame kan dubbatu ta’us, yaannisaa mucaa durbaatiifis ni hojjeta.

b Masaraa Eegumsaa, Fulbaana 15, 1981, fuula 29fi 30 ilaali. (Ingiliffa)

c Kun yaada Masaraa Eegumsaa Ebla 1, 1953, fuula 223⁠rratti argamu kan sirreessudha. (Ingiliffa)