Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Garaan Keessan Yaadachiisa Yihowaatti Akka Gammadu Godhaa

Garaan Keessan Yaadachiisa Yihowaatti Akka Gammadu Godhaa

“Abboommonni [“yaadachiisawwan kee,” NW] . . . bara baraan ga’aa koo ta’aniiru.”—FAR. 119:111.

1. (a) Namoonni yaadachiisaaf karaawwan kamiin deebii kennu? Maaliif? (b) Koorri ilaalcha namni tokko gorsa fudhachuuf qaburratti dhiibbaa akkamii geessisa?

NAMOONNI qajeelfama isaaniif kennamuuf karaa addaddaa deebii kennu. Yaadachiisni nama aboo qaburraa kennamu mamii tokko malee kan fudhatamu si’a ta’u, gorsi hiriyaan ykn namni akka gadaanaatti ilaalamu kennu garuu fudhatama hin argatu ta’a. Adabniifi gorsi yeroo kennamuttis miirri namatti dhaga’amu garaagaradha. Kaanimmoo gorsa ykn adaba isaaniif kennameen kaka’umsa horachuudhaan, wanta gaarii ta’e hojjechuuf caalaatti amanannaafi fedhii qabaatu. Garaagarummaan kun jiraachuu kan danda’e maaliifi? Sababiin inni tokko kooruu ykn of gurguddisuudha. Of gurguddisuun, namni tokko gorsi isaaf kenname kan isa hin ilaallanne godhee yaaduudhaan, qajeelfama isaaf kennamerraa faayidaa utuu hin argatin akka hafu godha.​—Fak. 16:18.

2. Kiristiyaanonni dhugaan gorsa Macaafa Qulqulluu dinqisiifannaadhaan kan fudhatan maaliifi?

2 Kiristiyaanonni dhugaan garuu, keessumaa gorsa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’eefi faayida qabeessa ta’e dinqisiifannaadhaan fudhatu. Yaadachiisni Yihowaa, rakkoowwan kanneen akka qabeenya hordofuu, ejja raawwachuufi qoricha sammuu hadoochu fudhachuu ykn dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu ilaalchisee barumsa waan nuu kennuuf hubannaa guddaa irraa arganna. (Fak. 20:1; 2 Qor. 7:1; 1 Tas. 4:3-5; 1 Xim. 6:6-11) Kana malees, yaadachiisa Yihowaatiif waan abboomamnuuf, ‘garaadhaa in gammadna.’​—Isa. 65:14.

3. Ilaalcha faarfatichaa isa kam hordofuu qabna?

3 Hariiroo Abbaa keenya isa samii wajjin qabnuufi iddoo guddaa kenninuuf eegnee jiraachuuf, jireenya keenya keessatti qajeelfama Yihowaa isa ogummaarratti hundaa’e hojiirra oolchuu keenya itti fufuu qabna. Ilaalcha faarfatichaa isa, “Abboommonni siif dhugaa ba’an gammachuu garaa kootii waan ta’aniif, isaan bara baraan ga’aa koo ta’aniiru” jedhu hordofuun keenya baay’ee gaariidha! (Far. 119:111) Abboommiiwwan Yihowaatti ni gammannaa? Moo yeroo tokko tokko akka ba’aatti ilaalla? Darbee darbee gorsa nuu kennamu tokko tokko fudhachuun kan nutti ulfaatu ta’ullee abdii kutachuu hin qabnu. Amanannaa ogummaa Yihowaa isa hunda caalurratti qabnu guddifachuu ni dandeenya! Mee karaawwan kana itti gochuu dandeenyu sadii haa ilaallu.

KADHANNAADHAAN AMANANNAA KEESSAN JABEEFFADHAA

4. Daawit rakkinni isarra ga’uyyuu maal gochuurraa duubatti hin jenne?

4 Daawit Mootichi jireenyasaa keessatti rakkinni hedduun kan isa mudate ta’us guutummaatti Uumaasaatti amanameera. Akkas jedheera: “Yaa Waaqayyo, lubbuun koo ol gara kee in yaaddi! Yaa Waaqayyoo ko, ani sin amanadha.” (Far. 25:1, 2) Daawit Abbaasaa isa samiirratti amanannaa akkasii qabaachuuf kan isa gargaare maalidha?

5, 6. Macaafni Qulqulluun, Daawit Yihowaa wajjin hariiroo akkamii akka qabu ibsa?

5 Namoonni hedduun gara Waaqayyootti kadhannaa kan dhiheessan, yeroo rakkinni cimaan isaan mudatu qofadha. Hiriyaan ykn firri keessan tokko yeroo qarshii barbaadutti ykn yeroo rakkinni tokko isa mudatu qofa kan isinitti dhihaatu yoo ta’e maaltu isinitti dhaga’ama? Yeroo booda namni kun dhugumaan kan isin jaallatu ta’uusaa shakkuun keessan hin oolu. Daawit garuu nama akkasii hin turre. Hariiroon inni jireenyasaa keessatti jechuunis, yeroo gaariittis ta’e yeroo rakkinaatti Yihowaa wajjin qabu, amantiifi jaalala inni Waaqasaatiif qabu kan argisiisu ture.​—Far. 40:8.

6 Faarsaafi galata Daawit Yihowaadhaaf dhiheesse kana hubadhaa: “Yaa Waaqayyo gooftaa keenyaa! Maqaan kee guutummaa biyya lafaatti guddaa guddaa caalu attamii ti! Guddina kee bantiiwwan waaqaa irratti diriirsiteetta.” (Far. 8:1) Hariiroon Daawit Abbaasaa isa samii wajjin qabu maal akka fakkaatu tilmaamuu ni dandeessuu? Daawit, guddinniifi ulfinni Yihowaa baay’ee waan isa ajaa’ibsiiseef, “guyyaa hundumaa” isa jajachuuf kaka’eera.​—Far. 35:28.

7. Kadhannaadhaan Waaqayyotti dhihaachuun faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

7 Akkuma Daawit, nutis amanannaa Yihowaarratti qabnu guddifachuuf, yeroo hunda isaa wajjin mari’achuu qabna. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyotti dhi’aadhaa, innis isinitti in dhi’aata” jechuudhaan dubbata. (Yaq. 4:8) Karaawwan hafuura qulqulluu argachuuf baay’ee barbaachisaa ta’an keessaa tokko, kadhannaadhaan Waaqayyotti dhi’aachuudha.​—1 Yohannis 3:22 dubbisi.

8. Kadhannaa keenyarratti yaaduma tokko irra deddeebi’uurraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?

8 Yommuu kadhannaa dhiheessitan yaaduma tokko irra deddeebitanii dubbattuu? Taanaan, kadhannaa dhiheessuu keessan dura, yeroo muraasa fudhachuudhaan wanta dubbachuu barbaaddan irratti yaadaa! Michuu ykn fira keenya tokkotti yeroo hunda yaaduma tokko irra deddeebinee utuu itti dubbannee isa gammachiisaa? Tarii nu dhaggeeffachuu dhiisuuyyuu danda’a. Yihowaan kadhannaa garaadhaa maddeefi tajaajiltoonnisaa amanamoo ta’an dhiheessan matumaa dhaga’uu akka hin didne beekamaadha. Haata’u malee, ennaa kadhannaadhaan isatti dhihaannu yaaduma tokko irra deddeebi’uurraa fagaachuu qabna.

9, 10. (a) Kadhannaa dhiheessinu keessatti waa’ee maaliifaa caqasuu dandeenya? (b) Kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuuf kan nu gargaaru maalidha?

9 Dhugumaan Waaqayyootti dhihaachuu barbaanna taanaan, kadhannaan keenya akkasumaan kan dhihaatu hin ta’u. Wanta nutti dhaga’amu garaadhaa Yihowaatti yommuu himnu, caalaatti isatti dhihaachuufi isatti amanamuu dandeenya. Haata’u malee, kadhannaa dhiheessinu keessatti waa’ee maaliifaa caqasuu dandeenya? Macaafni Qulqulluun, “Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa!” jechuudhaan deebii nuu kenna. (Filp. 4:6) Wanta hariiroo isaa wajjin qabnu nu jalaa tuqus ta’e, wanta jireenya keenya keessatti nu mudatu kamiyyuu ilaalchisee kadhannaa dhiheessuu ni dandeenya.

10 Kadhannaa dhiironniifi dubartoonni amanamoon bara durii turan dhiheessaniifi Macaafa Qulqulluu keessa jirurraas barumsa argachuu dandeenya. (1 Sam. 1:10, 11; HoE. 4:24-31) Fakkeenyaaf, macaafni Faarfannaa kadhannaa garaadhaa maddeefi faarfannaa Yihowaadhaaf dhihaate hedduu qabateera. Dhiphinarraa kaasee hamma gammachuutti, miirri ilmaan namootaatti dhaga’amu hundi kadhannaafi faarfannaawwan kanneen keessatti ibsamaniiru. Kadhannaawwan namoota amanamoo ta’aniin dhihaatan kana qoruun keenya, kadhannaa Yihowaan itti gammadu dhiheessuuf nu gargaaruu danda’a.

YAADACHIISA YIHOWAARRATTI XIINXALAA

11. Gorsa Waaqayyo nuu kennurratti xiinxaluun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

11 Daawit, ‘Seerri [“yaadachiisni,” NW] Waaqayyoo amanamaadha, wallaalotayyuu beektota in godha’ jechuudhaan dubbateera. (Far. 19:7) Namoota muuxannoo hin qabne yoo taaneyyuu, qajeelfama Waaqayyootiif abboomamuudhaan ogeessota ta’uu ni dandeenya. Haata’u malee, gorsa Caaffata Qulqullaa’oo tokko tokkorraa guutummaatti faayidaa argachuu yoo barbaanne caqasawwan sanarratti xiinxaluun keenya barbaachisaadha. Kunimmoo, qorumsa mana barumsaatti ykn bakka hojiitti nu mudatu jechuunis, dhiiga fudhachuu, dhimma siyaasaa keessa seenuu, akkasumas akkaataa uffannaafi miidhaginaa ilaalchisee seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuu kan dabalatudha. Ilaalcha Yihowaan dhimmawwan kanarratti qabu hubachuun keenya, rakkoowwan nu mudachuu danda’aniif dursinee qophaa’uuf nu gargaara. Achiis yeroo rakkoowwan sun nu mudatan wanta gochuu qabnu garaa keenyatti murteessuu dandeenya. Haala kanaan dursinee irratti yaaduuniifi qophaa’uun keenya dhiphina hedduurraa nu oolchuu danda’a.​—Fak. 15:28.

12. Gaaffiiwwan kamfaarratti xiinxaluutu yaadachiisawwan Waaqayyoo eeguuf nu gargaara?

12 Abdiin Waaqayyo kenne dhugumaan akka raawwatamu eeggachaa ennaa jirru kanatti, akkaataan jireenyaa keenya karaa hafuuraa dammaqoo taanee jiraachaa akka jirru kan argisiisudhaa? Fakkeenyaaf, Baabilon Guddittiin dhugumaan dhiheenyatti akka baddu ni amannaa? Miirri yeroo Macaafa Qulqulluu barachuu jalqabnetti abdii gara fuulduraa jechuunis, lafa jannata taaturratti barabaraan jiraachuu ilaalchisee nutti dhaga’ame ammas nutti dhaga’amaa jiraa? Jireenya keenya keessatti dhimmawwan dhuunfaatiif dursa kennuu mannaa hinaaffaadhaan ni tajaajillaa? Dhimmoota gurguddoo kanneen akka, abdii du’aa ka’uu, maqaan Yihowaa qulqulluu ta’uufi olaantummaansaa mirkaneeffamuu jiraniif ammayyuu bakka guddaa kennaa jirraa? Gaaffiiwwan akkasiirratti xiinxaluun akkuma faarfatichaa, ‘abboommota [“yaadachiisawwan,” NW] Waaqayyoo barabaraan’ eeguuf nu gargaaruu danda’a.​—Far. 119:111.

13. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa wantoota tokko tokko hubachuun kan isaan rakkise maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.

13 Yaadawwan Macaafa Qulqulluu keessa jiran tokko tokko yeroo itti Yihowaan ifa godhu waan hin geenyeef, guutummaatti hubachuu hin dandeenyu ta’a. Yesus dhiphinni kan isarra ga’uufi kan ajjeefamu ta’uusaa irra deddeebi’ee ergamootasaatti himeera. (Maatewos 12:40; 16:21 dubbisi.) Ergamoonnisaa garuu wanta inni jedhe hin hubanne turan. Yaada kana kan hubatan, du’aa kaafamee foon uffachuudhaan bartoota hedduutti mul’atee, waa’ee ‘macaafaa akka hubataniif sammuusaanii erga’ baneefii booda ture. (Luq. 24:44-46; HoE. 1:3) Haaluma wal fakkaatuun, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti hafuurri qulqulluun isaanirra bu’uudhaan Mootummaan Waaqayyoo samiirratti akka hundeeffamu hanga isaaniif ibsutti hin hubanne turan.​—HoE. 1:6-8.

14. Jalqaba jaarraa 20⁠ffaatti, guyyoota gara dhumaa ilaalchisee hubannaan dogoggoraa kan ture ta’us obboloonni hedduun maal godhaniiru?

14 Haaluma wal fakkaatuun, jalqaba jaarraa 20⁠ffaatti “guyyoota gara dhumaa” wajjin haala wal qabateen Kiristiyaanota dhugaa gidduu ilaalchi dogoggoraa hedduun jira ture. (2 Xim. 3:1) Fakkeenyaaf, bara 1914⁠tti namoonni tokko tokko yeroon isaan gara samiitti ol fudhataman akka ga’e yaadanii turan. Abdiinsaanii kun yeruma sana akka hin raawwatamne yeroo hubatanitti Caaffata Qulqullaa’oorratti qorannaa bal’aa kan godhan si’a ta’u, kunis duulli lallabaa bal’aa ta’e akka isaan eeggatu isaan hubachiiseera. (Mar. 13:10) Kanaaf, bara 1922⁠tti, Joseef Raazarfordi, inni yeroo sana hojii lallabaa geggeessaa ture, namoota walga’ii biyyoolessaa Yunaayitid Isteetis, Seedaar Pooyinti Ohaayootti godhamerratti argamaniin akkas jedhe: “Kunoo Mootichi mo’eera! Isinimmoo warra kana beeksisanidha. Kanaaf, Mootichaafi mootummaasaa beeksisaa, beeksisaa, beeksisaa.” Yeroo sanaa kaasee ‘wangeela mootummaa lallabuun’ hojii tajaajiltoonni Yihowaa yeroo har’aa ittiin beekaman ta’eera.​—Mat. 4:23; 24:14.

15. Akkaataa Waaqayyo sabasaa itti qaberratti xiinxaluudhaan faayidaa akkamii argachuu dandeenya?

15 Haala dinqisiisaa Yihowaan duris ta’e yeroo har’aa sabasaa itti qabaa turerratti xiinxaluudhaan, dandeettii inni fedhiisaa raawwachuufi kaayyoosaa galmaan ga’uuf qaburratti amanannaa guddaa qabaachuu ni dandeenya. Haaluma wal fakkaatuun, yaadachiisni Yihowaa raajiiwwan gara fuulduraatti raawwataman yeroo hunda yaadachuuf nu gargaara. Akkas gochuun keenya, abdiiwwan Yihowaan kennerratti amanannaa qabaachuuf akka nu gargaaru mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.

KARAA WAAQEFFANNAA AMANANNAA KEESSAN GUDDIFADHAA

16. Tajaajilarratti dhimmanii hirmaachuun eebba akkamii argamsiisa?

16 Yihowaan Waaqa humna guddaa qabuufi hojiidhaan beekamudha. Faarfatichi, “Yaa Waaqayyo . . . kan akka keetii eenyu ree?” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Harki kee jabaa dha, harki kee mirgaa ol kaafamaa dha” jedheera. (Far. 89:8, 13) Yihowaan Waaqa hojiidhaan beekamu waan ta’eef, carraaqqii nuti fedhii Mootummichaa babal’isuuf goonu ni dinqisiifata, akkasumas nu eebbisa. Dhiira, durba, maanguddoo ykn dargaggeessa utuu hin jedhin, tajaajiltoonnisaa hundi harka maratanii taa’uudhaan ‘utuu hin hojjetin akkasumaan buddeena’ akka hin nyaanne beeka. (Fak. 31:27) Nutis fakkeenya Uumaa keenyaa hordofuudhaan sochiiwwan ti’ookraasiirratti dhimminee hirmaachuu qabna. Garaa guutuudhaan Waaqayyoon tajaajiluun dhuunfaatti eebba kan nuuf argamsiisu si’a ta’u, Yihowaanis tajaajila keenyatti ni gammada.​—Faarfannaa 62:12 dubbisi.

17, 18. Gochi amanannaadhaan raawwannu gorsa Yihowaarratti amantii qabaachuuf nu gargaara kan jennu maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.

17 Gochi amanamummaadhaan raawwannu Yihowaarratti amantii qabaachuuf kan nu gargaaru akkamitti? Mee Israa’eloonni Biyyattii Abdachiifamtetti yommuu galuuf jedhan maaltu akka raawwatame haa ilaallu. Yihowaan, luboonni saanduqa kakuu baatanii Laga Yordaanositti akka seenan isaanitti himee ture. Haata’u malee, Israa’eloonni lagichatti dhihaachaa ennaa dhufan, lagichi bokkaa arfaasaatiin akka guute arguu ni danda’u turan. Israa’eloonni maal godhu laata? Qarqara lagichaa bira buufatanii hanga bishaanichi hir’atutti torban hedduu ykn isaa oliif eeguu laata? Matumaa! Guutummaatti Yihowaatti amanamuudhaan qajeelfamasaa hordofaniiru. Bu’aansaa maal ture? Seenichi akkas jedha: “Luboonni warri sanduuqa kakuu baatan laga Yordaanos ga’anii, miilla isaanii hidhii bishaanichaa keessa akkuma kaa’aniin, bishaanichi yaa’uu dhiisee in dhaabate . . . Luboonni warri sanduuqa kakuu Waaqayyoo baatan immoo, hamma sabni sun guutummaatti Yordaanos keessa adeemee ce’utti, jabaatanii laga Yordaanos walakkaa lafa gogaa irra in dhaabatu turan.” (Iya. 3:12-17) Bishaan guutee yaa’aa jiru sun akka dhaabate arguun hammam akka nama jajjabeessu tilmaamaa! Dhugumayyuu, qajeelfama inni isaanii kennerratti waan amanamanii turaniif, amantiin Israa’eloonni Yihowaarratti qaban cimeera.

Akkuma namoota bara Iyaasuu turanii isinis Yihowaatti ni amanamtuu? (Keeyyata 17, 18 ilaali)

18 Yeroo har’aa Yihowaan dinqii akkasii sabasaatiif kan hin raawwanne ta’us, amantii isaan argisiisaniif isaan ni eebbisa. Hafuurri Waaqayyoo inni hojiirra jiru, ergaa misiraachoo Mootummichaa addunyaa maratti lallabuu akka danda’aniif humna isaanii kenna. Kiristos Yesus inni du’aa ka’eefi Dhugaa Baatuu Yihowaa isa jalqabaa ta’e, hojii bakka guddaa qabu kana yommuu hojjetan akka isaan gargaaru akkas jechuudhaan bartootasaatiif mirkaneesseera: “Egaa dhaqaa, . . . saba hundumaa bartoota koo godhaa! . . . Ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira.” (Mat. 28:19, 20) Dhugaa Baatonni jalqabarratti ija laafessa turan hedduun, dhuunfaadhaan hafuurri Waaqayyoo ija jabina tajaajilarratti nama hin beekne haasofsiisuuf isaan gargaaru akka isaanii kenne arguu danda’aniiru.​—Faarfannaa 119:46; 2 Qorontos 4:7 dubbisi.

19. Humni keenya kan daangeffame ta’us, abdii akkamii qabna?

19 Obboloonni tokko tokko, dhukkuba ykn dullumaan kan ka’e akka garaasaaniitti socho’uu hin danda’an. Haata’u malee, ‘Abbaan araara hundumaafi Waaqayyo jajjabina hundumaa,’ dhuunfaadhaan haala Kiristiyaanni dhugaan tokko keessa jiru akka hubatu mirkanaa’oo ta’uu danda’u. (2 Qor. 1:3) Yihowaan fedhii Mootummichaa babal’isuuf carraaqqii hundi keenya goonu ni dinqisiifata. Furiin Kiristos lubbuu keenya oolchuu kan danda’u, wanta haalli keenya nuu heyyame hunda gochuudhaan amantii furicharratti qabnu yoo argisiisne qofa akka ta’e yaadachuu qabna.​—Ibr. 10:39.

20, 21. Karaawwan Yihowaatti akka amanamnu argisiisuu itti dandeenyu tokko tokko maalfa’i?

20 Waaqeffannaan keenya hamma dandeenye, yeroo, humnaafi qabeenya keenya aarsaa gochuu kan dabalatudha. Eeyyee, garaa keenya guutuu “hojii lallabaan wangeelaa hojjechuun ta’uuf” hojjechuu barbaanna. (2 Xim. 4:5) Hojiin kun namoonni ‘dhugaa beekuu bira akka ga’an’ kan gargaaru waan ta’eef, akkas gochuun keenya baay’ee nu gammachiisa. (1 Xim. 2:4) Yihowaadhaaf ulfina kennuufi isa jajachuun karaa hafuuraa badhaadhota ta’uuf nu gargaara. (Fak. 10:22) Akkasumas, Uumaa keenyarratti amanannaa cimaa qabaachuuf nu gargaara.​—Rom. 8:35-39.

21 Akkuma ilaalletti, qajeelfama ogummaarratti hundaa’e argachuuf Yihowaatti amanamuun akkasumaan kan argamu utuu hin ta’in carraaqqii gochuu gaafata. Kanaaf, haala hundumaa keessatti kadhannaa dhiheessuudhaan Yihowaatti amanamaa. Yihowaan bara duriitti fedhiisaa akkamitti raawwachaa akka tureefi gara fuulduraattis akkamitti akka raawwatu xiinxalaa. Amanannaa Yihowaarratti qabdan waaqeffannaa dhiheessitaniin argisiisuu keessan itti fufaa. Yaadachiisawwan Yihowaa barabaraaf kan itti fuufanidha. Isinis barabaraaf jiraachuu ni dandeessu!