Jijjiirama Gootaniittuu?
“Yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa.”—ROM. 12:2.
1, 2. Akkaataan guddinaafi haalli naannoo keenyaa dhiibbaa kan nurraan ga’u akkamitti?
AKKAATAAN guddinaa ykn haalli naannoo hunduma keenyarratti dhiibbaa cimaa godheera. Akkaataa uffannaa mataa keenyaa qabna, nyaata gosa addaddaa filanna, akkasumas amala addaddaa qabna. Maaliif? Sababiisaa keessaa muraasni, namoonni naannoo keenya jiran dhiibbaa waan nurraan ga’aniifi jireenya keenya keessatti haalawwan tokko tokko waan nu mudataniifidha.
2 Haata’u malee, wantonni nyaata filannu ykn akkaataa uffannaa keenya caalaa barbaachisaa ta’an jiru. Fakkeenyaaf, wantoonni tokko tokko sirriifi fudhatama kan qaban, kaanimmoo dogoggoraafi fudhatama kan hin qabne akka ta’anitti akka ilaallu godhamnee guddanne ta’a. Wantoonni akkasii filannaa dhuunfaa si’a ta’an, kunis namaa gara namaatti garaagaradha. Filannaan keenya ilaalcha wanta tokkoof qabnu kan mul’isu ta’uu danda’a. Macaafni Qulqulluun, yeroo baay’ee ‘warri seericha hin qabne [“saboonni biyya lafaa,” NW] uumama isaaniitiin waan seerichi isaanirraa barbaadu akka hojjetan’ dubbata. (Rom. 2:14) Kana jechuun garuu, dhimma tokko ilaalchisee seerri kallattiidhaan Waaqayyo biraa nuuf kennamne yeroo hin jirretti, akkaataa guddinaa keenya ykn haala naannoo keenyatti baramaa ta’e hordofuu ni dandeenya jechuudhaa?
3. Sababiiwwan Kiristiyaanonni akkaataa jireenyaafi amalawwan baramaa ta’an itti hin hordofne lamaan kamfa’i?
3 Yoo xinnaate sababiiwwan lamaan kan ka’e Kiristiyaanonni haala kana hordofuu hin qaban. Sababa isa tokkoffaa ilaalchisee Macaafni Qulqulluun, “Karaan qajeelaa namatti fakkaatu jira, dhumni isaa garuu karaa du’aa ti” jechuudhaan nu yaadachiisa. (Fak. 16:25) Cubbuu kan dhaallee waan taaneef, dandeettii guutuu karaa qajeelaan isa kam akka ta’e addaan baasnee beekuuf nu gargaaru hin qabnu. (Fak. 28:26; Er. 10:23) Lammaffaa, Macaafni Qulqulluun amalaafi akkaataa jireenyaa namoota biyya lafaa kan mancaasuufi kan to’atu, Seexana isa ‘waaqayyicha bara si’anaa’ akka ta’e ibsa. (2 Qor. 4:4; 1 Yoh. 5:19) Kanaafuu, eebba Yihowaa, akkasumas isa duratti fudhatama argachuu yoo barbaanne, gorsa Roomaa 12:2rratti nuu kenname hojiirra oolchuu qabna.—Dubbisi.
4. Mataduree kana keessatti waa’ee maalii qorra?
4 Roomaa 12:2rraa qabxiiwwan barbaachisoo ta’an hedduu qorra. (1) ‘Diddiirama’ ykn jijjiirama gochuun kan nu barbaachise maaliifi? (2) Jijjiiramni maalfaa dabalata? akkasumas (3) Jijjiiramuu kan dandeenyu akkamitti? Mee gaaffiiwwan kana haa qorru.
JIJJIIRAMA GOCHUUN KAN NU BARBAACHISE MAALIIFI?
5. Ergaan Phaawulos Roomaa 12:2rratti argamu hiika guddaa kan qabu eenyufa’iifi?
5 Phaawulos, ergaa warra Roomaatiif erge kan barreesse, namoota hin amanne ykn jiraattota biyya sanaa hundaaf utuu hin ta’in, Kiristiyaanota dibamoo hidhatasaa ta’aniif ture. (Rom. 1:7) Akka jijjiiramaniifi ‘fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa akka hin buune’ isaan akeekkachiisee ture. Kiristiyaanota yeroo sana jechuunis, Dh.K.B. naannoo bara 56 bulchiinsa Roomaa keessa turaniif, “bara isa darbu kana” kan jedhame, aadaa, amalaafi akkaataa jireenyaa bulchiinsa sana keessa ture kan dabalatudha. Phaawulos jecha “duukaa hin bu’inaa!” jedhutti fayyadamuunsaa isaan keessaa tokko tokko sirna yeroo sanaa hordofaa akka turan kan argisiisudha. Haalli kun obboloota keenya yeroo sana turanirratti dhiibbaa akkamii uume ture?
6, 7. Bara Phaawulos turetti, haalli hawwaasummaafi amantii biyya Roomaa keessa ture, Kiristiyaanotarratti dhiibbaa kan geessise akkamitti?
6 Yeroo har’aa, tuuristoonni biyya Roomaa yeroo baay’ee hambaa mana qulqullummaa, awwaala, siidaawwan, dirree wal’aansoo, mana tiyaatiraafi kanneen biroos ni daawwatu. Wantoota kana keessaa tokko tokko, jaarraa jalqabaatti kan turanidha. Hambaawwan bara durii kun, jireenya hawaasaafi amantii Roomaa durii hubachuuf nu gargaaru. Akkasumas kitaabonni seenaa waa’ee tapha wal’aansoo hammeenyaan raawwatamuu, dorgommii konkolaataa fardaa, taphootaafi muuziqaawwan dhimmoota addaddaarratti xiyyeeffatan kan ibsan yommuu ta’u, isaan keessaa tokko tokko kan nama qaanessanidha. Akkasumas biyyi Roomaa iddoo daldalli guddaan itti geggeeffamu waan turteef, qabeenya argachuuf carraansaa bal’aa ture.—Rom. 6:21; 1 Phe. 4:3, 4.
7 Warri Roomaa mana qulqullummaafi waaqayyolii hedduu yoo qabaataniyyuu, waaqayyolii waaqeffatan sanaa wajjin dhuunfaadhaan hariiroo dhugaa hin qaban turan. Yeroo baay’ee akka amantiitti kan ilaalan, keessumaa guyyaa dhalootaa, sirna gaa’elaafi sirna awwaalchaa isa kutaa jireenya guyyaa guyyaasaanii turedha. Wantonni kun hundi Kiristiyaanota Roomaa keessa jiranirratti dhiibbaa akkamii akka geessisan tilmaamuu dandeenya. Baay’eensaanii duraan wantoota kana raawwachaa waan turaniif, Kiristiyaanota dhugaa ta’uuf jijjiiramuun isaan barbaachisa ture; jijjiiramni kunimmoo guyyaa tokkotti, jechuunis guyyaa isaan cuuphamanitti kan xumuramu miti.
8. Biyyi lafaa kun, Kiristiyaanota yeroo har’aa jiranirratti dhiibbaa kan geessisu akkamitti?
8 Akkuma bulchiinsa Roomaa durii, biyyi lafaa yeroo har’aas Kiristiyaanota Yihowaadhaaf of murteessanirratti dhiibbaa guddaa geessisa. Maaliif? Hafuurri biyya lafaa karaa addaddaa waan mul’atuufidha. (Efesoon 2:2, 3; 1 Yohannis 2:16 dubbisi.) Yeroo hundumaa fedhii, yaada, amalaafi akkaataa jireenyaa addunyaan kun ittiin geggeeffamuuf kan saaxilamne waan taaneef, isa fakkaannee jiraachuuf qoramna. Kanaaf, gorsa “fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu’inaa!” akkasumas “of diddiiraa” jechuudhaan nuuf kenname fudhachuuf ragaa ga’aa qabna. Maal gochuu qabnaree?
JIJJIIRAMNI MAALFAA DABALATA?
9. Namoonni baay’een cuuphamuusaanii dura jijjiirama akkamii godhaniiru?
9 Namni tokko dhugaa Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan hojiirra yommuu oolchu, karaa hafuuraa guddina argisiisuu jalqaba. Barumsa argate kanaa wajjin haala walsimuun jiraachuudhaan guddina akkasii argisiisa. Gochawwan amantii sobaafi amaloota gadhee duraan qabu dhiisee amala Kiristos horachuu jalqaba. (Efe. 4:22-24) Waggaa waggaadhaan, namoonni kuma dhibbatti lakkaa’aman guddina akkasii gochuudhaan cuuphamanii Yihowaadhaaf yommuu of murteessan arguu keenyatti baay’ee gammanna. Kunimmoo garaa Yihowaa akka ciibsu beekamaadha. (Fak. 27:11) Haata’u malee, ‘Jijjiirama kana hundumaa gochuun barbaachisaadhaa?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha.
10. Jijjiirama gochuun fooyya’iinsa gochuurraa adda kan ta’e akkamitti?
10 Jijjiiramuun guddina ykn fooyya’iinsa gochuu caalaa wanta dabalatu akka qabu beekamaadha. Oomishni tokko akka “fooyyeffame” beeksifamus ykn mallattoon fooyya’uusaa argisiisu irratti godhamus ammayyuu oomishuma duraanii ta’uu danda’a. Tarii oomishuma duraaniirratti wanta tokko dabalu ykn qodaasaa bifa caalaatti nama hawwatuun qopheessu ta’a. Jecha ‘diddiiramuu’ jedhu ilaalchisee Vaayin Eksipooziitarii Dikshinariin akkas jechuudhaan ibseera: ‘Roomaa 12:2rratti yaanni bara kana [sirna kana] fakkaatanii jiraachuu jedhame, namummaa keessa ofii humna Hafuura Qulqulluutiin haaressuu wajjin walbira qabameera.’ Kanaaf, jijjiiramni Kiristiyaanni tokko gochuu qabu amaloota miidhaa geessisan, dubbii hin taane dubbachuufi gadhiisiitti jiraachuu dhiisuu qofa kan argisiisu miti. Namoonni beekumsa Macaafa Qulqulluu hin qabne tokko tokkollee hamma isaanii danda’ame amaloota akkasiirraa of eeguuf carraaqqii ni godhu. Kanaaf, jijjiiramni Kiristiyaanonni gochuu qaban maal dabalata?
11. Phaawulos jijjiirama gochuun kan barbaachisu karaa kamiin akka ta’e ibse?
11 Phaawulos, “Yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa!” jechuudhaan barreesseera. ‘Yaanni garaa’ dandeettii yaaduu keenyaa wajjin kan walqabatedha. Akka Macaafa Qulqulluu keessatti itti hojjetametti garuu, wanta irratti xiyyeeffannu, ilaalchaafi dandeettii yaaduu keenya kan dabalatudha. Phaawulos, warra Roomaatiif barreessuusaa dura, waa’ee namoota “yaada jal’aa” qabanii ibsee ture. Namoonni akkasii ‘jal’ina, hammina, sassata, gadhummaa hundumaa, hinaaffaa, ajjeechaa, lola, gowwoomsaafi’ gochawwan hamminaa kan biraa raawwatu. (Rom. 1:28-31) Kanaaf Phaawulos, namoonni haala akkasii keessa jiraachaa turan ‘jijjiiramuufi’ ‘yaada garaasaanii haareffachuudhaan’ tajaajiltoota Waaqayyoo akka ta’an kan gorse maaliif akka ta’e hubachuu dandeenya.
‘Dheekkamsi, aariin, waci, maqaa wal balleessuun, hamminni hundinuu isinirraa haa fagaatu!’—Efe. 4:31
12. Waa’ee akkaataa namoonni yeroo har’aa jiran itti yaadanii maaltu sitti dhaga’ama? Ilaalchi akkasii Kiristiyaanota balaadhaaf saaxiluu kan danda’u akkamitti?
Far. 14:1) Ilaalchi akkasii Kiristiyaanotarratti dhiibbaa guddaa geessisuu danda’a. Namoonni of eeggannoo hin goone, qophiiwwan ti’ookraasii wajjin haala wal qabateen ilaalcha akkasii horachuu danda’u. Akkaataa gumiin itti geggeeffamuuf abboomamuuf fedhii dhabuufi wantoota isaanitti hin tolle tokko tokko mormuu danda’u. Yookiinimmoo bashannana, akkaataa itti fayyadama Intarneetiifi barumsa sadarkaa olaanaa hordofuu ilaalchisee gorsa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’ee kennamu hamma tokko qofa fudhatu ta’a.
12 Kan nama gaddisiisu garuu, namoota amalawwan Phaawulos ibse calaqqisiisaniin marfamnee jirra. Namoonni kun, seera amalaafi seera bu’uuraatiin geggeeffamuun kan yeroon itti darbe akka ta’e godhanii yaadu. Barsiisonniifi warri hedduun, ijoolleedhaaf wanta sirrii hin taane heyyamu, akkasumas yaada mataasaanii akka hordofan jajjabeessu. Namoota kanaaf, wanti hundumtuu haalasaarratti kan hundaa’edha malee wanti guutummaatti sirrii ta’e hin jiru. Namoonni nama amantii ofiin jedhan hedduunillee wanta sirrii akka ta’e yaadan kamiyyuu raawwachuu akka danda’aniifi Waaqayyoofi seerasaatiif abboomamuuf dirqamni akka isaanirra hin jirre itti dhaga’ama. (13. Haqaan of qoruu kan qabnu maaliifi?
13 Haaluma wal fakkaatuun, akkaataa jireenyaa biyya lafaa akka hin hordofneef, ilaalcha, miira, kaayyoofi amala keenya haqaan qoruu qabna. Wantoota kana ilaalchisee galma nuti qabnu namoonni hubachuu dhiisuu danda’u. Kaanimmoo haala gaariirra akka jirru nutti himuu danda’u. Ta’us, fedhii akkamii akka qabnu baruu kan dandeenyu, barumsi Macaafa Qulqulluurraa arganne gama kanaan akka nu jijjiiruufi nu jijjiiruusaa akka itti fufu yoo heyyamne qofadha.—Yaaqoob 1:23-25 dubbisi.
JIJJIIRAMUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
14. Sirreeffama barbaachisu gochuuf maaltu nu gargaaruu danda’a?
14 Jijjiirama gochuun keessa keenya jijjiiruu kan dabalatudha; keessa keenya jijjiiruuf immoo wanta keessa keenya tuquu danda’utu nu barbaachisa. Gama kanaan maaltu nu gargaaruu danda’a? Wanta Yihowaan nurraa barbaadu yommuu barannu, akka Macaafa Qulqulluu keessatti ibsametti haala kaayyoosaa wajjin walsimuun wanta baranne yommuu hojiirra oolchinu, jaalala Waaqayyoo wajjin haala walsimuun jiraachuufi sirreeffama barbaachisu gochuuf fedhii akka qabnu argisiisna.—Rom. 12:2; Ibr. 4:12.
15. Yihowaan yommuu nu tolchu karaa kamiin jijjiirama goona?
15 Isaayaas 64:8 dubbisi. Fakkeenyi raajichi Isaayaas dubbate, yaada irratti xiyyeeffachuu qabnu tokko kan nuu ibsudha. Yihowaan, akka nama suphee dha’uutti harkasaatiin kan nu tolchu akkamitti? Karaa qaamaa nu jijjiiruudhaan bifa nama hawwatu ykn dhaabbii qaamaa bareedaa ta’e akka qabaannu akka hin goone beekamaadha. Yihowaan karaa qamaa utuu hin ta’in karaa hafuuraa nu leenjisa. Akka inni nu tolchu yoo heyyamne, jijjiirama keessaa ykn jijjiirama hafuuraa nu barbaachisu gochuudhaan dhiibbaa biyyi lafaa nurraan ga’u mo’uu dandeenya. Maarree Yihowaan kan nu tolchu akkamitti?
16, 17. (a) Namni suphee dhahu tokko mi’a bareedaa ta’e hojjechuuf maal akka godhu ibsi. (b) Dubbiin Waaqayyoo nama isa duratti fudhatama qabu ta’uudhaan akka jijjiiramnu kan nu godhu akkamitti?
16 Namni suphee dhahu tokko, mi’a qulqullina qabu tolchuuf suphee gaarii ta’etti fayyadama. Haata’u malee, wantoota kan biraa lamas gochuu qaba. Jalqaba, supheen sun miicamuudhaan wantoonni hin barbaachisne tokko tokko keessa baafamuu qabu. Achiis, supheen sun tolfamee gubamuudhaan booda bifa barbaadamu qabachuu akka danda’uuf bishaan ga’aa ta’een sirriitti sukkuumamuu qaba.
17 Suphee sana miicuufis ta’e bifa itti gochuudhaan mi’a manaa bareedaa ta’e hojjechuuf bishaan barbaachisaa akka ta’e hubadhaa. Dubbiin Waaqayyoo jireenya keenya keessatti ga’ee akkasii akka qabu hubanneerraa? Macaafni Qulqulluun akkaataa jireenyaa Waaqayyoon baruu keenya dura jiraachaa turre jijjiiruudhaan haala isa duratti gatii guddaa akka qabaannu nu godhuun jiraachuuf Efe. 5:26) Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu akka dubbisnuufi walga’iiwwan Kiristiyaanaa bakka Dubbiin Waaqayyoo itti barsiifamurratti akka argamnu si’a meeqa akka jajjabeeffamne mee yaadaa! Wantoota kana akka goonu kan jajjabeeffamne maaliifi? Akkas gochuun keenya, Yihowaan akka nu tolchuuf fedhaan of dhiheessuu keenya kan argisiisu waan ta’eefidha.—Far. 1:2; HoE.17:11; Ibr. 10:24, 25.
nu gargaaruu danda’a. (18. (a) Dubbiin Waaqayyoo dhiibbaa akka nurratti godhuufi akka nu jijjiiru yoo barbaanne xiinxaluun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) Gama kanaan gaaffiiwwan nu gargaaruu danda’an warra kamfa’i?
18 Dubbiin Waaqayyoo jijjiirama barbaachisu gochuuf akka nu gargaaruuf yeroo hundumaa dubbisuudhaan irraa barachuun keenya tarkaanfii isa jalqabaati. Namoonni baay’een yeroodhaa gara yerootti Macaafa Qulqulluu ni dubbisu, wanta inni jedhus sirriitti beeku. Tarii tajaajilarratti yeroo hirmaattan namoota akkasii ni argattu ta’a. Keessumaammoo namoonni tokko tokko, caqasoota Macaafa Qulqulluu hedduu yaadaan dubbachuu ni danda’u. * Haata’u malee, kun akkaataa yaadaafi jireenyasaaniirratti jijjiirama hin fidu. Wanti isaanitti hir’atu maalidha? Namni tokko Dubbiin Waaqayyoo dhiibbaa akka isarratti godhuufi akka isa jijjiiru gochuuf, garaasaa keessa akka gadi seenu heyyamuu qaba. (Gal. 6:6) Kanaaf, Wanta barachaa jirrurratti xiinxaluuf yeroo ramaduu qabna. Akkas jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Wantin baradhe kun barumsa amantii isa kaanirraa adda akka ta’e nan amanaa? Dhugaa ta’uusaa hubadheeraa? Hunda caalaammoo, wantan baradhe kana warra kaan barsiisuu qofa utuu hin ta’in karaa jireenyakoo keessatti hojiirra oolchuu itti danda’u nan barbaadaa? Yihowaan dhuunfaadhaan akka naa wajjin dubbachaa jirutti natti dhaga’amaa?’ Gaaffiiwwan akkasiirratti xiinxaluun keenya, keessa keenyatti Yihowaadhaaf iddoo guddaa kennuuf nu gargaara. Akkasumas, jaalalli nuti isaaf qabnu ni guddata. Garaan keenya yoo tuqame, jijjiirama gaarii goona.—Fak. 4:23; Luq. 6:45.
19, 20. Gorsa Macaafa Qulqulluu isa kam hojiirra olchuutu faayidaa dhugaa nuuf argamsiisa?
19 Dubbii Waaqayyoo yeroo hunda dubbisuufi irratti xiinxaluun, wanta hamma ta’e raawwanne tokko raawwachuu keenya itti fufuuf jechuunis: ‘Namummaa moofaa hojii isaa hundumaa wajjin of irraa baasnee, namummaa haaraa isa karaa [“beekumsa sirrii,” NW] ta’een argamuufi nu haaromsu uffachuu’ keenya itti fufuuf nu kakaasa. (Qol. 3:9, 10) Eyyee, Dubbii Waaqayyoo wajjin yoo wal barreefi nu jijjiiruu akka danda’u yoo hubanne jireenya milkaa’ina qabu jiraachuu ni dandeenya. Namummaa haaraan Kiristiyaana ta’uudhaan uffannus haxxummaa Seexanaarraa nu eega.
20 Phexros ergamaan yaadachiisa akkas jedhu nuu kenneera: “Akka ijoollee abboomamanii ta’aa malee, kajeellaa foonii isa bara gowwummaa keessanii duukaa hin luucca’inaa! . . . adeemsa keessan hundumaan qulqulloota ta’aa!” (1 Phe. 1:14, 15) Mataduree ittaanurratti, akkaataa yaadaafi ilaalcha kanaan dura qabnu dhiisuuf hamma dandeenye yaaluufi jijjiirama gochuuf of qopheessuun keenya eebba akkamii akka nuuf argamsiisu ilaalla.
^ key. 18 Fakkeenya Masaraa Eegumsaa Guraandhala 1, 1994, fuula 10, keeyyata 7rratti kenname ilaali. (Amaariffa)