Murtoo Dhuunfaa Ogummaarratti Hundaa’e Godhaa
“Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin!”—FAK. 3:5.
1, 2. Murtoo gochuu ni jaallattaa? Murtoo kanaan dura goote tokko tokko ilaalchisee maaltu sitti dhaga’ama?
GUYYAA guyyaatti hunda keenya wantoota murtoo gochuu gaafatan hedduutu nu mudata. Murtoo baramaa guyyaa guyyaatti isin mudatu ilaalchisee maaltu isinitti dhaga’ama? Namoonni tokko tokko, wanta hunda ofumasaaniitiin murteessuu barbaadu. Namni kan biraan akka isaanii murteessu yaada dhihaatuufitti mufachuudhaan mirga murtoo mataasaanii gochuuf qabanitti cichu. Haata’u malee, namoonni murtoo jireenya keessatti baramaa ta’erra darbanii murtoo kan biraa gochuu sodaatanis jiru. Kaanimmoo, qarshii hedduu baasuudhaan kitaabota ykn gorsitootarraa gorsa akka isaan barbaachisu isaanitti dhaga’amu argachuuf yaalu.
2 Baay’een keenya haala kana lamaan gidduutti argamna. Wantoonni tokko tokko mirga keenyaa ala akka ta’aniifi wantoota kana ilaalchisee waan tokkoyyuu gochuu akka hin dandeenye beekna. Ta’us, kallattii jireenyaa garaagaraa keessatti filannaa keenyarratti hundoofnee murtoo gochuu ni dandeenya. (Gal. 6:5) Haata’u malee, murtoon goonu hundi ogummaarratti kan hundaa’edha ykn faayidaa kan qabudha jennee hin yaannu ta’a.
3. Qajeelfama murtoo gochuuf nu gargaaru akkamii qabna? Ta’us rakkoowwan akkamiitu nu mudata?
3 Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, Yihowaan wantoota jireenya keenya keessatti nu mudatan ilaalchisee qajeelfama ifa ta’e nuu kennuusaatti gammaduu dandeenya. Qajeelfamoota kana yoo hordofne, murtoo Yihowaa gammachiisuufi nu fayyadu gochuu akka dandeenyu beekna. Ta’us, dhimmoonni kallattiidhaan Dubbii Waaqayyoo keessatti hin caqasamne nu mudachuu danda’u. Yeroo kanatti wanta gochuu qabnu murteessuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenyaaf, hatuu akka hin qabne beekna. (Efe. 4:28) Haata’u malee, hanni maalidha? Baay’ina qodaa hatamee, kaka’umsa nama sanaa ykn wanta kan biraatiin kan madaalamudhaa? Wantoota namoonni tokko tokko ifa akka hin taane dubbatanirratti maal gochuu akka qabnu murteessuu kan dandeenyu akkamitti? Gama kanaan qajeelfama akkamii argachuu dandeenya?
HAFUURA YAADA SIRRII
4. Dhimmi murtoo gochuu gaafatu tokko yommuu nu mudatutti gorsa kamtu nu gargaaruu danda’a?
4 Murtoo barbaachisaa ta’e tokko gochuuf akka jennu yommuu dubbannu, obboleessi ykn obboleettiin keenya tokko hafuura yaada sirrii qabaachuudhaan murtoo gochuu akka qabnu nutti himuu danda’u. Kun gorsa gaariidha. Macaafni Qulqulluun jarjaranii tarkaanfii fudhachuun balaa akka qabu yommuu ibsu, “Wanti ariitiidhaan hojjetamu hundinuu hiyyeessa nama godha” jechuudhaan nu akeekkachiisa. (Fak. 21:5) Haata’u malee, hafuura yaada sirrii qabaachuu jechuun maal jechuudha? Dhimma tokkoof yeroo ramaduu, gadi fageenyaan irratti yaaduufi sababa qabeessa ta’uu jechuudhaa? Wantoonni kun murtoo gaarii gochuuf barbaachisaa ta’anis, hafuura yaada sirrii qabaachuun kana caalaa waan dabalatu qaba.—Rom. 12:3; 1 Phe. 4:7.
5. Ilmaan namootaa yaada guutummaatti sirrii ta’e kan hin qabaanne maaliifi?
5 Hundi keenya, yaada mudaarraa walaba ta’e akka hin qabne amanuu qabna. Kun kan ta’e maaliifi? Cubbamootaafi mudaa kan qabnu waan taaneef, qaama ykn sammuu guutummaatti sirrii ta’e qabaachuu hin dandeenyu. (Far. 51:5; Rom. 3:23) Akkasumas, baay’een keenya namoota Seexanni yaadasaanii itti ‘jaamse’ keessaa tokko turre. Yihowaafi seerasaa isa qajeelaa ta’es mormaa turre. (2 Qor. 4:4; Tit. 3:3) Kanaaf, murtoo gochuuf jirrurratti hamma fedhe yoo yaanneyyuu, of gowwoomsuudhaan wanta gaariifi sababa qabeessa akka ta’e yaannurratti hundoofnee murteessaa turre.—Fak. 14:12.
6. Yaada sirrii ta’e horachuuf maaltu nu gargaaruu danda’a?
6 Nuti qaama ykn sammuu guutummaatti sirrii ta’e qabaachuu baannus, abbaa keenya isa samii kan ta’e Yihowaan karaa hundumaa mudaa kan hin qabnedha. (Kes. 32:4) Yaada garaa keenyaa akka haaromfannuufi hamma tokko yaada sirrii akka qabaannu gochuunsaa kan nama gammachiisudha. (2 Ximotewos 1:7 dubbisi, NW. *) Kiristiyaanota waan taaneef, akka gaariitti yaaduufi murtoo sirrii ta’e gochuu barbaanna. Yaadaafi miira keenya to’achuudhaan, ilaalcha, miiraafi gocha Yihowaa hordofuu barbaanna.
7, 8. Muuxannoo dhiibbaa ykn rakkinni yoo jiraateyyuu yaada sirrii ta’etti fayyadamuudhaan murtoo gochuun akka danda’amu argisiisu dubbadhu.
7 Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Barsiifanni godaantota tokko tokko biratti beekamaa ta’e tokko, ofiisaaniitii hojjetanii qarshii argachuu akka danda’aniif ijoolleesaanii warra reefuu dhalatan firootasaaniitti erguudha. * Dubartiin biyya alaa jiraattu tokko mucaa bareedaa deesse. Yeroo kanatti, Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan guddina argisiisuu jalqabdee turte. Hiriyoonniifi firoonnishee, isheeniifi abbaan manaashee mucaa kana warrasaaniitti akka erganiif dhiibbaa isaanirratti gochuu jalqaban. Haata’u malee, dubartiin kun Waaqayyo itti gaafatamummaa mucaa kana guddisuu kan kenne isheedhaaf akka ta’e qayyabannasheerraa hubatteetti. (Far. 127:3; Efe. 6:4) Yeroo kanatti, barsiifata namoonni kaan sirrii akka ta’e yaadan hordoftii laata? Moo tuffii namootaa dabalatee rakkina dinagdee ishee mudatu danda’uudhaan wanta Macaafa Qulqulluurraa baratte hojiirra oolchiti? Utuu si ta’ee maal goota turte?
8 Dubartiin kun baay’ee waan dhiphatteef, Yihowaan qajeelfama akka isheedhaa kennuuf kadhannaa garaadhaa madde dhiheessite. Haalasaa obboleettii Macaafa Qulqulluu ishee barsiisaa jirtuufi obboloota gumii keessa jiranitti himuudhaan dhimma kanarratti ilaalcha Yihowaan qabu hubachuu dandeesse. Akkasumas, ijoolleen xinnummaasaaniitti warrasaaniirraa adda ba’an, karaa miiraa miidhaan akkamii akka isaanirra ga’u hubatte. Caaffata Qulqullaa’oorratti
hundaa’uudhaan dhimmicharratti erga xiinxaltee booda, mucicha warrasheetti erguun sirrii akka hin taane murteessite. Abbaan manaashees, miseensonni gumii tokko ta’uudhaan warra kaan akkamitti akka gargaaraniifi mucaansaa mucaa gammachuufi fayyaa qabu ta’uusaa arguu danda’eera. Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kan eegale si’a ta’u, haadha manaasaa wajjin walga’iirratti argamuu jalqabe.9, 10. Hafuura yaada sirriitiin geggeeffamuu jechuun maal jechuudha? Akkas gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti?
9 Muuxannoon kun waa’ee dhimma tokkoo qofa kan ibsu ta’us, hafuura yaada sirriitiin geggeeffamuun, ilaalcha nutti ykn namoota kaanitti sirrii fakkaateen geggeeffamuu akka hin taane kan argisiisudha. Yaanni keenya inni mudaa qabu, sa’aatii boodatti hafu ykn dursee lakkaa’utti fakkeeffamuu danda’a. Yaada akkasiitiin geggeeffamuun balaa cimaa nurraan ga’a. (Er. 17:9) Kanaaf yaadni keenya seera Waaqayyoo isa amansiisaa ta’ee wajjin akka walsimu gochuu qabna.—Isaayaas 55:8, 9 dubbisi.
10 Macaafni Qulqulluun sababii gaarii ta’erratti hundaa’uudhaan gorsa armaan gadii nuu kenna: “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha.” (Fak. 3:5, 6) Yaada, “Hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin!” jedhu qalbeeffadhaa. Itti fufuudhaan “Karaa kee hundumaatti [Waaqayyoon] yaadi” jedha. Yaada guutummaatti sirrii ta’e kan qabu Yihowaadha. Kanaaf, dhimmi murtoo gochuu gaafatu tokko yommuu nu mudatu, ilaalchi Waaqayyoo maal akka ta’e baruuf Macaafa Qulqulluutti fayyadamuu qabna. Achiis isarratti hundaa’uudhaan murteessuu qabna. Akkas gochuun yaada Yihowaa hordofuu, jechuunis hafuura yaada sirriitiin geggeeffamuudha.
DANDEETTII HUBANNAA KEESSAN LEENJISAA
11. Murtoo ogummaarratti hundaa’e gochuu barachuun kan danda’amu akkamitti?
11 Murtoo ogummaarratti hundaa’e gochuu barachuuniifi murtoo akkasii gochuun salphaa miti. Haalli kun, keessumaa namoota reefuu gara dhugaatti dhufan ykn karaa hafuuraa guddina gochuu jalqabaniif baay’ee rakkisaa ta’uu danda’a. Haata’u malee, namoonni Macaafni Qulqulluun karaa hafuuraa mucoolii jedhee waamu kun, guddina gochuu ni danda’u. Mee daa’imni tokko utuu hin kufin deemuu kan baratu akkamitti akka ta’e yaadaa. Mucaan kun sirriitti deemuu kan danda’u, irra deddeebi’ee xinnoo xinnoo yoo tarkaanfatedha. Ibroota 5:13, 14 dubbisi.
Namni karaa hafuuraa mucaa ta’e tokkos murtoo ogummaarratti hundaa’e gochuu kan danda’u akkasittidha. Phaawulos ergamaan namoota ga’umsa qaban ilaalchisee, “Warri kun sammuun isaanii hojiidhaan itti bare [“leenji’ee,” NW] hamaa fi gaarii gargar baasuu in danda’u” jechuudhaan akka ibse yaadadhaa. Jechoonni “hojiidhaan” akkasumas ‘leenji’uu’ jedhan, carraaqqii walirraa hin cinne gochuu kan argisiisanidha; kunimmoo wanta Kiristiyaanni haaraan tokko gochuu qabudha.—12. Dandeettii murtoo ogummaarratti hundaa’e gochuu horachuu kan dandeenyu akkamitti?
12 Akkuma jalqabarratti caqasame, guddaas ta’e xiqqaa, guyyaa guyyaadhaan dhimmoota murtoo gochuu gaafatan hedduutu nu mudata. Qorannoon tokko akka ibsetti, wantoota raawwannu keessaa parsantiin 40ni, amaleeffannaadhaan kan goonudha malee sirriitti kan irratti yaadame miti. Fakkeenyaaf, ganama ganama uffata akkamii uffachuu akka qabdan murtoo gochuu isin gaafata ta’a. Wanta kana akka salphaatti ilaaluudhaan, keessumaammoo yommuu ariifattan, utuu baay’ee itti hin dhiphatin wanta uffattan murteessitu. Haata’u malee, haalli uffannaa keessanii tajaajilaa Yihowaa tokkorraa kan eegamu ta’uufi dhiisuusaa irratti yaaduu qabdu. (2 Qor. 6:3, 4) Yommuu uffata bittanis, faashinii ta’uusaa qofa utuu hin ta’in, seera qabeessa ta’uusaafi waa’ee gatiisaa yaaduun isin hin barbaachisuu? Dhimmoota akkasiirratti murtoo sirrii gochuun, yaada keenya leenjisuurratti ga’ee guddaa qaba; kunimmoo dhimmoota cimaa ta’anirratti murtoo sirrii gochuuf nu gargaara.—Luq. 16:10; 1 Qor. 10:31.
FEDHII WANTA SIRRII TA’E GOCHUU GUDDIFADHAA
13. Murtoo goone tokko hojiirra oolchuufi dhiisuu keenya mirkaneessuuf maaltu nu barbaachisa?
13 Hundi keenya, murtoo sirrii ta’e gochuuniifi murtoo goone sana hordofuudhaan hojiirra oolchuun garaagara akka ta’e beekna. Fakkeenyaaf, namoonni tamboo xuuxuu dhiisuu barbaadan tokko tokko, kaka’umsa ga’aa ta’e waan hin qabneef dhiisuu dadhabu. Wanti barbaachisu, wanta filatan sana hordofuuf murteessuudha. Namoonni tokko tokko dandeettiin murtoo gochuu nuti qabnu irree keenyaa wajjin akka wal fakkaatu amanu. Caalaatti yommuu itti fayyadamaa adeemnu ciminnisaa dabalaa adeema. Yeroo hundumaa itti hin fayyadamnu taanaan dadhabaa adeema. Fedhii murtoo goone tokko raawwachuu guddifachuuf ykn cimsachuuf, akkasumas murtoo goone hojiirra oolchuuf maaltu nu gargaaruu danda’a? Gama kanaan Yihowaan akka nu gargaaru isa gaafachuun keenya gaariidha.—Filiphisiiyus 2:13 dubbisi.
14. Phaawulos wanta gochuu akka qabu beeku raawwachuuf jabina akka qabaatu kan isa gargaare maalidha?
14 Phaawulos haala kana muuxannoosaarraa hubateera. Yeroo tokko, “Ani waan gaarii gochuu utuman jaalladhuu hojjechuu hin danda’u” jechuudhaan gaddasaa ibseera. Maal gochuu akka barbaadu ykn maal gochuun akka isarra jiru utuma beekuu, yeroo tokko tokko kan isa dhowwu waan jiruuf wanta barbaadu sana raawwachuu hin danda’u. Dhugaa jiru akkas jechuudhaan ibseera: “Ani keessa namummaa kootiitiin seera Waaqayyootti nan gammada. Seerri kan biraa immoo bu’aa dhagna kootii keessaa, seera isa yaadni garaa kootii fudhatee wajjin utuu wal loluu nan arga.” Haalli inni keessa ture abdii akka hin qabne kan argisiisudhaa? Matumaa! Phaawulos, “Karaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos Waaqayyoof galanni haa ta’u!” jechuudhaan ibseera. (Rom. 7:18, 22-25) Bakka garabiraarratti, “Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda’a” jechuudhaan barreesseera.—Filp. 4:13.
15. Gara kuteenyaan murtoo gochuun ykn gochuu dhiisuun dhiibbaa akkamii geessisa?
15 Waaqayyoon gammachiisuuf gara kuteenyaan murtoo gochuun barbaachisaa akka ta’e beekamaadha. Wanta Eliyaas waaqeffattoota Ba’aaliifi Israa’eloota gantoota ta’aniin Gaara Qarmelosirratti jedhe yaadadhaa: “Hamma yoomiitti yaadni keessan walaallammii ta’a? Gooftichi Israa’el Waaqayyoo dha yoo ta’e, isa duukaa bu’aa! Yookiis Ba’aaltu Waaqayyoo dha yoo ta’e, isa duukaa bu’aa!” (1 Mot. 18:21) Sabni Israa’el maal gochuu akka qaban kan beekan ta’us, murtoo gochuurratti “walaallammii” ta’anii turan. Waggoota muraasa dura, Iyaasuun saba Israa’elitti akka armaan gadii jedhee dubbachuudhaan ejjennoo addaa akka qabu ibseera: “Waaqayyoof hojjechuun isin duratti hamaa yoo fakkaate, . . . har’a eenyuuf akka hojjettan fo’adhaa! Garuu anii fi manni koo Waaqayyoof in hojjenna.” (Iya. 24:15) Murtoo akkasii gochuunsaa bu’aa akkamii isaaf argamsiise? Iyaasuufi namoonni isa faana goran, Biyya Abdachiifame, jechuunis “biyya isa aannanii fi damma baasu” dhaaluu danda’aniiru.—Iya. 5:6.
MURTOO SIRRII TA’E GOCHUUDHAAN EEBBA ARGADHAA
16, 17. Faayidaa murtoo fedhii Yihowaa wajjin walsimu gochuun argamsiisu fakkeenyaan ibsi.
16 Mee haala yeroo har’aa mudachuu danda’u tokko ilaalaa. Obboleessi reefuu cuuphame tokko gaa’ela kan qabu si’a ta’u, ijoollee xixinnoo sadii qaba. Gaaf tokko, namni isaa wajjin hojjetu, kaampaanii garabiraa deemanii yoo hojjetan mindaa gaariifi faayidaa baay’ee akka argatan itti hime. Obboleessi keenya kun dhimma kanarratti kadhannaadhaan yaade. Hojiisaa isa mindaa muraasa isaaf argamsiisuufi hojjechaa jiru kana kan filate, Sanbadduraafi Dilbata hojiirraa bilisa ta’uudhaan maatiisaa wajjin walga’iirratti argamuufi tajaajila ba’uu waan barbaadeef ture. Hojii haaraa kana yoo filate garuu, yeroo inni itti hojiirraa bilisa ta’ee sochiiwwan kana itti raawwachuu danda’u akka jalaa fagaatu hubateera. Utuu si ta’ee maal goota?
17 Obboleessi keenya kun, faayidaa karaa hafuuraa argatu, galii guddaa argachuu danda’uu wajjin walbira qabee ilaaluudhaan hojii isaaf dhihaate sana fudhachuu dideera. Murtoo godhe kanatti waan gaabbe isinitti fakkaataa? Matumaa! Eebbi inniifi maatiinsaa karaa hafuuraa argatan, faayidaa mindaa guddaa argachuudhaan argaturra akka isaaf caalu hubatee ture. Inniifi haati manaasaa, intallisaanii isheen umrii waggaa kudhanii, warrashee, obboloota gumiifi Yihowaa baay’ee akka jaallattu yommuu isaanitti himtu baay’ee gammadan. Mucaansaanii kun Yihowaadhaaf of murteessuudhaan cuuphamuu akka barbaaddu isaanitti himte. Abbaanshee jireenyasaa keessatti waaqeffannaa Yihowaatiif dursa kennuudhaan fakkeenya ta’uusaatti baay’ee isa dinqisiifatti!
18. Guyyaa guyyaadhaan murtoo dhuunfaa ogummaarratti hundaa’e gochuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
18 Musee Guddicha kan ta’e Yesus Kiristos, lafa onaa sirna Seexanaa kana keessatti waaqeffattoota Yihowaa waggoota hedduudhaaf geggeessaa jira. Iyaasuu Guddicha ta’uudhaanimmoo, sirna hamaa kana balleessee duuka buutotasaa addunyaa haaraa abdachiifameefi qajeelummaan keessa buufatutti galchuuf qophaa’aa jira. (2 Phe. 3:13) Kanaafuu, yeroon kun yeroo itti yaada, amalaafi fedhii keenya duriitti deebinu miti. Kanaa mannaa, yeroo itti wanti Waaqayyo nurraa barbaadu maal akka ta’e caalaatti barannudha. (Rom. 12:2; 2 Qor. 13:5) Murtooniifi filannaan isin guyyaa guyyaatti gootan, namoota eebba barabaraa Waaqayyo isaaniif qopheesse dhaalan akka taatan kan argisiisu haata’u!—Ibroota 10:38, 39 dubbisi.
^ key. 6 2 Ximotewos 1:7 (NW): “Waaqayyo hafuura humnaa, jaalalaafi yaada sirrii qabaachuu malee, hafuura ija-laafinaa nuuf hin laanne.”
^ key. 7 Sababii garabiraan warri tokko tokko ijoolleesaanii itti erganimmoo, akkoofi akaakayyuun ijoollee ijoolleesaanii hiriyootaafi firootasaanii wajjin akka wal barsiisaniifidha.