Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaadachiisni Yihowaa Amanamaadha

Yaadachiisni Yihowaa Amanamaadha

‘Seerri [“yaadachiisni,” NW] Waaqayyoo amanamaadha, wallaalotayyuu beektota in godha.’—FAR. 19:7.

1. Barumsi sabni Waaqayyoo yeroo hunda baratan kamfa’i? Barumsa kana irra deddeebi’uun faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

QAYYABANNAA Masaraa Eegumsaa yommuu qophooftan, ‘Waa’ee kanaa kanaan dura barannee hin turree?’ jettanii yaaddanii beektu ta’a. Yeroo muraasaaf gumiirratti argamaa kan turtan taanaan, matadureewwan tokko tokko irra deddeebi’amanii dhihaachaa akka turan hubachuun keessan hin oolu. Waa’een Mootummaa Waaqayyoo, waa’een furichaa, hojiin bartoota gochuu, akkasumas waa’een jaalalaafi amantii qabaachuu, kutaawwan barumsa hafuuraa yeroo baay’ee nuu dhihaatanidha. Dhimma kana irra deddeebinee qoruun keenya amantiitti jabaachuufi ‘warra dubbicha hojiirra oolchan malee, warra dhaga’an duwwaa akka hin taane’ nu gargaara.​—Yaq. 1:22.

2. (a) Yaadachiisni Waaqayyoo yeroo baay’ee maal argisiisa? (b) Yaadachiisni Waaqayyoo kan namootaarraa adda kan ta’e akkamitti?

2 Jechi afaan Ibrootaa “yaadachiisa” jedhamee hiikame, yeroo baay’ee seera, ajajaafi qajeelfama Waaqayyo sabasaatiif kennu kan argisiisudha. Seera ilmaan namootaa isa fooyyessuun isa barbaachisurraa haala adda ta’een, seerriifi qajeelfamni Yihowaa yeroo hunda amanamaadha. Seerawwan Yihowaa keessaa tokko tokko yeroo ykn haala ta’e tokkoof kan kennaman ta’us, matumaa dogoggora ykn hir’uu ta’uu hin danda’an. Faarfatichi, ‘Abboommiin [‘yaadachiisni,’ NW] kee barabaraan qajeelaadha’ jechuudhaan barreesseera.​—Far. 119:144.

3, 4. (a) Yaadachiisawwan Yihowaa maalfaa dabalatu? (b) Israa’eloonni yaadachiisa Yihowaa hojiirra ennaa oolchan faayidaa akkamii argatu turan?

3 Yaadachiisni Yihowaa yeroo tokko tokko akeekkachiisa akka dabalatu hubattaniittu ta’a. Yeroo baay’ee, Waaqayyo karaa raajotasaa saba Israa’eliif akeekkachiisa ni kenna ture. Fakkeenyaaf, Israa’eloonni Biyyattii Abdachiifamtetti galuusaanii yeroo muraasa dura, Museen, “Garaan kee akka hin gowwoomne, garagaltees waaqayyolii biraatiif akka hin hojjenne, akka hin saganneefittis of eeggadhu! Kanaa achi dheekkamsi Waaqayyoo si irratti in boba’a” jechuudhaan akeekkachiisa isaaniif kennee ture. (Kes. 11:16, 17) Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo sabasaatiif yaadachiisa isaan gargaaru hedduu akka kenne ni ibsa.

4 Yihowaan yeroo garaagaraatti, Israa’eloonni akka isa sodaatan, akka isa dhaga’aniifi maqaasaa akka qulqulleessan isaan yaadachiiseera. (Kes. 4:29-31; 5:28, 29) Yaadachiisawwan kana hojiirra yoo oolchan eebba hedduu akka argatan mirkanaa’oo turan.​—Lew. 26:3-6; Kes. 28:1-4.

ISRAA’ELOONNI YAADACHIISA WAAQAYYOOTIIF DEEBII AKKAMII KENNAN?

5. Waaqayyo Hisqiyaas Mootichaaf kan lole maaliifi?

5 Guutummaa seenaa Israa’elootaa keessatti Waaqayyo abdii kenneef amanamaa ta’uusaa argisiiseera. Fakkeenyaaf, Mootii Asorotaa kan ta’e Senaaheriib Yihudaa weeraruudhaan Hisqiyaas Mooticha aangoorraa buusuuf yommuu ka’e, Yihowaan ergamaasaa tokko erguudhaan gidduu galeera. Ergamaan Waaqayyoo, halkan tokkotti “geggeessitootaa fi gurguddoota” loltoota Asor waan balleesseef, Senaaheriib yeella’ee gara biyyasaatti deebi’e. (2 Sen. 32:21; 2 Mot. 19:35) Waaqayyo Hisqiyaas Mootichaaf kan lole maaliifi? ‘Waaqayyoof amanamee waan jiraateef, isaaf amanamuusaarraa waan hin kufneefi abboommiisaa waan eegeefidha.’​—2 Mot. 18:1, 5, 6.

Yaadachiisni Yihowaa, Yosiyaas waaqeffannaa dhugaatiif akka dhaabatu isa kakaaseera (Keeyyata 6 ilaali)

6. Yosiyaas Mootichi Yihowaatti akka amanamu kan argisiise akkamitti?

6 Namni abboommiiwwan Yihowaa eegee jiraate kan biraanimmoo Yosiyaas Mootichadha. Umriisaa waggaa saddeetii jalqabee, “Waaqayyo duratti wanta qajeelaa ta’e in hojjete; . . . gara mirgaatti yookiis gara bitaatti hin jal’anne.” (2 Sen. 34:1, 2) Yosiyaas waaqayyolii tolfamoo biyyattii keessaa balleessuudhaan, akkasumas waaqeffannaa dhugaa deebisee dhaabuudhaan Yihowaatti akka amanamu argisiiseera. Kana gochuunsaa isaaf qofa utuu hin ta’in, guutummaa sabichaatiif eebba argamsiiseera.​—2 Seenaa 34:31-33 dubbisi.

7. Israa’eloonni yaadachiisa Yihowaatiif yommuu abboomamuu didan rakkina akkamiitu isaan mudata ture?

7 Kan nama gaddisiisu garuu, sabni Waaqayyoo yeroo tokko tokko yaadachiisa inni isaanii kennutti guutummaatti hin amanaman turan. Jaarraa hedduudhaaf yeroo tokko ni abboomamu; yeroo kaanimmoo hin abboomaman turan. Amantiinsaanii yommuu laafu, akkuma Phaawulos dubbate, ‘qilleensa barsiisa [addaddaatiin] asiifi achi rukutamu’ turan. (Efe. 4:13, 14) Akkuma dursee dubbatame, yaadachiisa Yihowaan isaaniif kennutti amanamuu yommuu dhiisan, rakkina guddaatu isaan mudata ture.​—Lew. 26:23-25; Er. 5:23-25.

8. Fakkeenya saba Israa’elirraa faayidaa akkamii arganna?

8 Fakkeenya saba Israa’elirraa faayidaa akkamii arganna? Akkuma yeroo durii, tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo har’aa jiraniifis gorsiifi adabni ni kennama. (2 Phe. 1:12) Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame yeroo dubbisnu hundatti akka yaadachiisaatti nu gargaaruu danda’a. Mirga filannaa waan qabnuuf, qajeelfama Yihowaatiif abboomamuuf ykn wanta sirrii nutti fakkaate filachuu ni dandeenya. (Fak. 14:12) Yaadachiisa Yihowaatti amanamuu kan dandeenyu maaliif akka ta’eefi yaadachiisa kana hojiirra oolchuudhaan faayidaa akkamii akka argannu haa qorru.

WAAQAYYOOF AJAJAMUUDHAAN JIREENYA ARGADHAA

9. Israa’eloonni lafa onaa keessa adeemaa ennaa turanitti, Yihowaan akka isaanii wajjin jiru kan isaaniif mirkaneesse akkamitti?

9 Israa’eloonni waggaa 40f “lafa onaa guddaadhaa fi sodaachisaa” ta’e keessa yommuu deeman, Yihowaan akkamitti akka isaan qajeelchu, isaan eeguufi isaan kunuunsu tokko tokkoon ibsa hin kennineef. Ta’us, isattis ta’e qajeelfamasaatti amanamuu akka danda’an irra deddeebi’ee isaanitti argisiiseera. Yihowaan guyyaa guyyaa utubaa duumessaa, galgala galgalammoo utubaa ibiddaatti fayyadamee naannoo rakkisaa ta’e keessa isaan geggeessuudhaan akka isaanii wajjin jiru isaan yaadachiiseera. (Kes. 1:19; Bau. 40:36-38) Wanta jireenyaaf isaan barbaachisu ni dhiheessaaf ture. “Uffanni isaanii isaan irratti hin dhumne, miilli isaaniis hin iitofne.” Dhugumayyuu, “homtuu isaanitti hin hir’anne.”​—Nah. 9:19-21.

10. Yeroo har’aa Yihowaan sabasaa kan geggeessu akkamitti?

10 Yeroo har’aa, sabni Waaqayyoo sirna haaraatti baay’ee dhihaataniiru. Yihowaan ‘rakkina guddaa’ jalaa nu oolchuuf wanta nu barbaachisu akka nuu dhiheessu ni amannaa? (Mat. 24:21, 22; Far. 119:40, 41) Yihowaan gara addunyaa haaraatti nu galchuuf utubaa duumessaattis ta’e ibiddatti akka hin fayyadamne beekamaadha. Garuu dammaqoo taanee jiraachuu keenya akka itti fufnu gochuuf jaarmiyaasaatti fayyadamaa jira. Fakkeenyaaf, dhuunfaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan, Waaqeffannaa Maatii qabaachuudhaan, akkasumas walga’iifi tajaajilarratti yeroo hunda argamuudhaan jireenya hafuuraa keenya fooyyessuu ilaalchisee irra deddeebi’amee yaadachiisni kennameera. Qajeelfama kenname kana hordofuuf sirreeffama barbaachisu gooneerraa? Akkas gochuun keenya amantii addunyaa haaraatti galuuf nu gargaaru guddifachuuf nu fayyada.

Yaadachiisa Yihowaa hojiirra oolchuun keenya, Galma Mootummaa keenya akka gaariitti qabuuf nu gargaara (Keeyyata 11 ilaali)

11. Waaqayyo akka nuu yaadu kan argisiisu karaawwan kamiini?

11 Qajeelfamni argannu, karaa hafuuraa dammaqoo taanee akka jiraannu nu gargaaruu dabalatee, wantoota jireenya keenya isa guyyaa guyyaa keessatti nu mudataniifis nu fayyada. Fakkeenyaaf, yaaddoo nurra ga’u hir’isuuf qabeenyaaf ilaalcha sirrii qabaachuufi ija fayyaa qabaachuun barbaachisaadha. Akkaataa uffannaafi bareedinaa, bashannana sirrii filachuufi barumsa yeroo dheeraa hin fudhanne barachuu ilaalchisee qajeelfama nuu kennamerraas faayidaa arganneerra. Mana keenya, konkolaataa keenya, Galma Mootummaafi balaa akka tasaa mudachuu danda’u ilaalchisee yaadachiisa nuu kennames dagachuu hin qabnu. Gorsi akkasii waa’een nagaa keenyaa Waaqayyoon akka yaaddessu argisiisa.

YAADACHIISNI KIRISTIYAANONNI DURII AMANAMOO AKKA TA’AN ISAAN GARGAAREERA

12. (a) Dhimmi Yesus irra deddeebi’ee bartootasaatti hime tokko maalidha? (b) Gochi gad of deebisuudhaan raawwatameefi Phexros matumaa hin irraanfanne isa kami? Kun kan nu tuquhoo akkamitti?

12 Sabni Waaqayyoo jaarraa jalqabaatti turan yeroo hunda yaadachiisa ni argatu turan. Yesus, gad of deebisuun barbaachisaa akka ta’e irra deddeebi’ee bartootasaatti himeera. Haata’u malee, gad of deebisuun maal jechuu akka ta’e isaanitti himuu caalaas, amala kana mul’isuun kan danda’amu akkamitti akka ta’e isaanitti argisiiseera. Galgala du’asaa dura turetti ergamootasaa walitti qabee Ayyaana Faasikaa kabajee ture. Yeroo kanatti ergamoonnisaa irbaata nyaachaa utuu jiranii ka’ee miillasaanii dhiqe. Hojiin kun hojii hojjetaan tokko raawwatu ture. (Yoh. 13:1-17) Gochi gad of deebisuudhaan raawwatame kun, isaaniif wanta hin irraanfatamne ture. Phexros ergamaan inni irbaata sanarratti argamee ture, waggaa 30 booda gad of deebisuu ilaalchisee namoota hidhatasaa ta’aniif gorsa kennee ture. (1 Phe. 5:5) Fakkeenyi Yesus kaa’e kun hundi keenya hariiroo waliin qabnurratti amala kana argisiisuuf nu kakaasuu qaba.​—Filp. 2:5-8.

13. Yesus, bartootasaa wanta barbaachisaa ta’e kam yaadachiisee ture?

13 Dhimmi garabiraan Yesus irra deddeebi’ee bartootasaatti hime amantii cimaa qabaachuun barbaachisaa ta’uusaati. Bartoonnisaa nama hafuura hamaadhaan qabame tokko hafuuricha isa keessaa baasuu yeroo dadhabanitti, “Nuyi maaliif hafuuricha hamaa sana baasuu hin dandeenye?” jedhanii Yesusiin gaafatan. Innis, “Amantiin keessan waan hir’ateef kaa! Anoo dhuguman isiniin jedha, amantii hamma ija sanaaficaa geessu utuu qabaattanii, . . . wanti isiniif hin danda’amnes hin jiru” jedhee deebiseef. (Mat. 17:14-20) Yesus yommuu tajaajilaa ture hundatti amantiin baay’ee barbaachisaa ta’uusaa bartootasaa barsiiseera. (Maatewos 21:18-22 dubbisi.) Qajeelfama gaarii walga’iiwwan gurguddaafi walga’iiwwan gumiirratti nuu kennamu akka gaariitti itti fayyadamuudhaan amantii keenya jabeeffachuuf carraaqqii ni goonaa? Walga’iiwwan kun Yihowaatti hangam akka amanamnu argisiisuuf carraa waan nuu bananiif, walitti qabamanii gammaduu caalaa faayidaa kan qabanidha.

14. Yeroo har’aa jaalala Kiristos argisiise qabaachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

14 Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Giriikii, yaadachiisawwan jaalala waliif akka qabaannu nu jajjabeessan hedduu qabataniiru. Yesus abboommiin inni lammaffaan, ‘Nama akka ofiitti jaallachuu’ akka ta’e ibseera. (Mat. 22:39) Obboleessa Yesus kan ta’e Yaaqoobis, jaalalli “seera mootichaan kenname” akka ta’e dubbateera. (Yaq. 2:8) Yohannis ergamaan, “Michoota ko! Abboommii moofaa isa durii durii jalqabee isin bira ture malee, amma abboommii haaraa isiniif hin caafu” jechuudhaan barreesseera. (1 Yoh. 2:7, 8) Yohannis waa’ee “abboommii moofaa” yommuu caqasu waa’ee maalii dubbachuusaa ture? Waa’ee abboommii jaalala ilaalchisee kennamee dubbachuusaa ture. Abboommiin kun “durii durii jalqabee,” jechuunis waggaa baay’ee dura Yesus waan isaanii kenneef, “moofaa” jedhamuu danda’a. Haata’u malee abboommiin kun, jaalala fedhii ofii aarsaa gochuu duuka buutonni Yesus haala haaraa isaan mudatu keessatti argisiisan waan ta’eef, “haaraa” jedhamees waamameera. Maarree duuka buutota Kiristos waan taaneef, akeekkachiisa amala ofittummaa isa biyyi lafaa kun ittiin beekamuufi jaalala namootaaf qabnu nu jalaa mancaasurraa akka of eegnu nuu kennamu hojiirra oolchuu hin qabnuu?

15. Kaayyoon Yesus itti ergame inni guddaan maal ture?

15 Yesus dhuunfaadhaan namootaaf akka yaadu argisiiseera. Yommuu namoota dhukkubsataniifi namoota hir’ina qaamaa qaban fayyisetti, akkasumas namoota du’an kaasetti, jaalalaan kaka’ee namootaaf yaadaa kan ture ta’uusaa hubanna. Kaayyoon Yesus itti ergame inni guddaan garuu namoota fayyisuu hin turre. Lallabnisaafi barumsisaa jireenya namootaarratti dhiibbaa guddaa kan geessisudha. Akkamitti? Fakkeenyaaf, namoonni Yesus jaarraa jalqabaatti fayyiseefi du’aa kaase yeroo booda dulloomanii akka du’an beekna. Namoonni ergaa inni isaaniif lallabe fudhatan du’aniyyuu jireenya barabaraatiif of qopheessaniiru.​—Yoh. 11:25, 26.

16. Yeroo har’aa hojiin waa’ee Mootummichaa lallabuufi bartoota gochuu hangam raawwatamaa jira?

16 Hojiin lallabaa Yesus jaarraa tokkoffaatti jalqabe, yeroo har’aa bal’inaan raawwatamaa jira. Eeyyee, Yesus, “Egaa dhaqaa, . . . saba hundumaa bartoota koo godhaa!” jechuudhaan duuka buutotasaa ajajeera. (Mat. 28:19) Isaan akkas gochuu qabu turan, nuyis akkasuma gochuu qabna! Dhugaa Baatonni Yihowaa miliyoona torba caalan, biyyoota 230 ol keessatti Mootummaa Waaqayyoo hinaaffaadhaan lallabaa kan jiran yommuu ta’u, namoota miliyoonatti lakkaa’aman yeroo hunda Macaafa Qulqulluu qayyabsiisu. Hojiin lallabaa kun ragaa guyyoota gara dhumaa keessa akka jirru argisiisudha.

YEROO HAR’AA YIHOWAATTI AMANAMAA

17. Phaawulosiifi Phexros gorsa akkamii kennanii turan?

17 Yaadachiisawwan jaarraa tokkoffaatti Kiristiyaanotaaf kennaman jabaatanii dhaabachuuf akka isaan gargaare beekamaadha. Phaawulos ergamaan, yommuu Roomaa keessatti hidhamee turetti, Ximotewosiin, “Dubbii sirrii isa ana irraa dhageesse sana geggeessaa godhadhuu duukaa bu’i!” yommuu jedhe, Ximotewos jajjabina akkamii argatee akka ture mee qalbeeffadhaa. (2 Xim. 1:13) Phexros ergamaan, Kiristiyaanonni hidhatasaa ta’an, amaloota kanneen akka obsaa, jaalala obbolummaafi amala of qabuu akka horatan erga jajjabeessee booda akkas jedhee ture: “Utuma isin wanta kana hundumaa beektanii, dhugaa[tti] . . . utuma jabaattanii, ani waa’ee kanaa yeroo hundumaa isin yaadachiisuuf nan jedha.”​—2 Phe. 1:5-8, 12.

18. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa yaadachiisawwan kennaman akkamitti ilaalu turan?

18 Eeyyee, ergaawwan Phaawulosiifi Phexros barreessan, “wanta raajonni qulqulloonni duraan dursanii dubbatan” kan ibsanidha. (2 Phe. 3:2) Obboloonni keenya jaarraa jalqabaa, qajeelfamni akkasii isaanii kennamuusaatti mufatanii turanii? Qajeelfamni kun jaalala Waaqayyoo isa ‘ayyaana gooftaa keenyaatti, fayyisaa keenya Yesus Kiristosiin beekuuttis isaan guddisu’ waan ta’eef matumaa hin mufanne.​—2 Phe. 3:18.

19, 20. Yaadachiisa Yihowaan nuu kennutti amanamuu kan qabnu maaliifi? Akkas gochuun keenya kan nu fayyaduhoo akkamitti?

19 Yeroo har’aa, sababii ga’aa yaadachiisa Yihowaa Macaafa Qulqulluu isa mudaa hin qabne keessatti argamutti amanamuuf nu gargaaru qabna. (Iyaasuu 23:14 dubbisi.) Macaafa kana keessatti, akkaataa Waaqayyo waggoota kumaan lakkaa’amaniif ilmaan namootaa itti qabe arganna. Seenaan kun kan galmeeffame faayidaa keenyaafidha. (Rom. 15:4; 1 Qor. 10:11) Raajiin Macaafa Qulqulluu yommuu raawwatamu argineerra. Raajiin, yaadachiisa dursee namatti himamutti fakkeeffamuu danda’a. Fakkeenyaaf, raajiin “bara booddeetti” namoonni hedduun gara waaqeffannaa dhugaatti akka dhufan dubbatame raawwiisaa argachaa jira. (Isa. 2:2, 3) Haalli biyya lafaa manca’aa adeemuunsaas raajiin Macaafa Qulqulluu raawwiisaa argachaa akka jiru argisiisa. Akkasumas, duulli tajaajilaa addunyaa maratti bal’inaan raawwatamaa jiru, wanti Yesus dubbate kallattiidhaan raawwiisaa argachaa akka jiru kan argisiisudha.​—Mat. 24:14.

20 Uumaan keenya macaafa itti amanamuu dandeenyu nuu kenneera. Macaafa kanarraa faayidaa argachaa jirraa? Yaadachiisa Yihowaan nuu kennutti amanamuu qabna. Wanti Roosalan gootes kanumadha. Akkas jetteetti: “Yihowaatti amanamuu akkuman jalqabeen, yommuu inni jaalalaan kaka’ee na gargaaruufi na jajjabeessu arguu danda’eera.” Nutis yaadachiisa Yihowaan nuuf kennu hojiirra oolchuudhaan faayidaa haa argannu.