Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Tiksitoota Yihowaan Muudeef Abboomamaa

Tiksitoota Yihowaan Muudeef Abboomamaa

“Geggeessituun keessan . . . waa’ee lubbuu keessaniif dammaqanii waan yaadaniif, isin isaaniif abboomamaa karaas kennaaf [“bitamaafii,” NW]!”​—IBR. 13:17.

1, 2. Yihowaan tikseetti of fakkeessuunsaa sirrii kan ta’e maaliifi?

YIHOWAAN tikseetti of fakkeesseera. (His. 34:11-14) Eenyummaasaa beekuuf waan nu gargaaruuf tikseetti fakkeeffamuunsaa sirriidha. Tikseen jaalala qabeessa ta’e tokko, hoolota eegumsasaa jala jiran balaarraa eeguufi nagaa ta’uusaanii hordofuuf itti gaafatamummaa guddaa qaba. Bakka marga lalisaa qabuufi laga bishaan qabutti isaan geessa (Far. 23:1, 2); halkaniifi guyyaa isaan eega (Luq. 2:8); bineensota isaan adamsanirraa isaan eega (1 Sam. 17:34, 35); ilmoolee ni baata (Isa. 40:11); hoolota badan kan barbaadu si’a ta’u, warra miidhamanis ni wal’aana.—His. 34:16.

2 Sabni Yihowaa bara durii, horsiisee bultootaafi qonnaan bultoota waan turaniif, Yihowaan tiksee jaalala qabeessa ta’etti kan fakkeeffame maaliif akka ta’e salphaatti hubachuu danda’u. Kunuunsiifi xiyyeeffannaan hoolotaaf akka barbaachisu beeku. Haaluma wal fakkaatuun, namoonni Yihowaarraa kunuunsaafi qajeelfama argachuun isaan barbaachisa. (Mar. 6:34) Karaa hafuuraa eegumsaafi qajeelfama argachuu baannaan rakkinni isaanirra ga’uu danda’a. Akkuma ‘hoolonni tiksee hin qabne’ baduu danda’an, karaa amalaa miidhamuufi baduu danda’u. (1 Mot. 22:17) Haata’u malee, Yihowaan jaalalaan kaka’ee wanta sabasaatiif barbaachisu isaaniif ni kenna.

3. Mataduree kana keessatti waa’ee maalii ilaalla?

3 Yeroo har’aas Yihowaan tikseetti fakkeeffamuunsaa sirriidha. Yihowaan sabasaa warra hoolotatti fakkeeffamaniif wanta isaan barbaachisu ni guuta. Hoolotasaatiif qajeelfama kan kennuufi wanta isaan barbaachisu kan isaaniif guutu akkamitti akka ta’e haa ilaallu. Akkasumas hoolonni kunuunsa inni isaaniif godhuuf ilaalcha akkamii qabaachuu akka qaban ilaalla.

TIKSEEN GAARIIN TIKSITOOTA ISA JALATTI HOJJETAN QOPHEESSEERA

4. Yesus hoolota Yihowaa kunuunsuurratti ga’ee akkamii qaba?

4 Yihowaan, Yesusiin Mataa gumii Kiristiyaanaa godhee muudeera. (Efe. 1:22, 23) Yesus ‘tiksee gaarii’ waan ta’eef, fedha, kaayyoofi amala Abbaasaa wajjin wal fakkaatu qaba. ‘Lubbuusaallee hoolotasaatiif kenneera.’ (Yoh. 10:11, 15) Aarsaan furii Kiristos, ilmaan namootaatiif eebba guddaa argamsiiseera! (Mat. 20:28) Kaayyoon Yihowaa, “[Yesusitti] kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!”​—Yoh. 3:16.

5, 6. (a) Yesus hoolotasaa akka kunuunsaniif eenyuun muude? Hoolonnisaa qophii kanarraa faayidaa argachuuf maal gochuu qabu? (b) Sababiin inni guddaan jaarsolii gumiidhaaf abboomamuu itti barbaannu maal ta’uu qaba?

5 Hoolonni, Yesus Kiristos Tiksee Gaarii ta’uusaa akka amanan kan argisiisan akkamitti? Yesus, “Hoolonni koo sagalee koo in dhaga’u, ani isaan beeka, isaanis na duukaa in bu’u” jedheera. (Yoh. 10:27) Sagalee Tiksee Gaarii dhaga’uu jechuun, karaa hundumaan qajeelfamasaa hordofuu jechuudha. Kunimmoo tiksitoota inni muudeefi isa jalatti hojjetan deggeruu dabalata. Yesus ergamoonnisaafi duuka buutonnisaa hojii inni jalqabe akka itti fufan dubbateera. ‘Hoolota Yesus tiksuu [‘sooruufi,’ NW] barsiisuu’ qabu turan. (Mat. 28:20; Yohannis 21:15-17 dubbisi.) Yesus, misiraachoon babal’achaafi lakkoofsi duuka buutotaa dabalaa ennaa adeemetti, gumiiwwan akka eeganiif Kiristiyaanota ga’umsa qaban qopheesseera.​—Efe. 4:11, 12.

6 Phaawulos ergamaan waa’ee ilaaltota olaanaa gumii Efesoon ennaa dubbatu, ‘waldaa Kiristiyaanaa akka eeganiif’ ilaaltuu olaanaa godhee kan isaan muude hafuura qulqulluu akka ta’e ibseera. (HoE. 20:28) Ilaaltonni olaanaan yeroo har’aa jiranis kan muudaman ulaagaa Macaafa Qulqulluu isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffamerratti hundaa’uudhaan waan ta’eef, isaanis hafuura qulqulluudhaan muudamu. Kanaaf, Kiristiyaanota ilaaltuu olaanaa ta’aniif yommuu abboomamnu, Tiksitoota olaanoo lamaan, jechuunis Yihowaafi Yesusiif kabaja akka qabnu argisiisna. (Luq. 10:16) Sababiin inni guddaan jaarsolii gumiidhaaf bitamuu itti barbaannu kana ta’uu qaba. Haata’u malee, sababiiwwan isaaniif bitamuun keenya sirrii itti ta’u kan biraanis jiru.

7. Jaarsoliin gumii, Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuuf kan si gargaaran akkamitti?

7 Jaarsoliin gumii, Macaafa Qulqulluu ykn seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’uudhaan namoota hidhata amantiisaanii ta’aniif jajjabinaafi gorsa kennu. Qajeelfama akkasii kan kennan, jireenyasaanii keessatti maal gochuu akka qaban isaaniif murteessuuf miti. (2 Qor. 1:24) Kanaa manaa, qajeelfama Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e kan kennan, obboloonni hidhatasaanii ta’an jireenyasaanii keessatti murtoo gaarii akka godhan isaan gargaaruuf, akkasumas gumii keessatti sabriifi nagaan akka jiraatu gochuufidha. (1 Qor. 14:33, 40) Jaarsoliin, tokkoon tokkoon miseensota gumii Yihowaa wajjin hariiroo gaarii akka qabaatan gargaaruu barbaadu, jechuunis ‘lubbuusaaniitiif dammaqanii yaadu.’ Obboleessi ykn obboleettiin tokko cubbuu hojjechuuf yoo qoraman ykn ‘cubbuu keessatti yoo kufan’ dafanii gargaarsa isaaniif godhu. (Gal. 6:1, 2; Yih. 22) Kun sababa gaarii ‘geggeessitootaaf abboomamuuf’ nu kakaasudha!​—Ibroota 13:17 dubbisi.

8. Jaarsoliin hoolota Waaqayyoo kan eegan akkamitti?

8 Phaawulos ergamaan inni karaa hafuuraa tiksee ta’e, obbolootasaa gumii Qolosaayis keessa turaniif akkas jechuudhaan barreesseera: “Namni tokko illee akka barsiisa Kristositti utuu hin ta’in, yaada mataa isaa keessaa ba’ee fi gowwoomsaa waan tokko of keessaa hin qabneen isin hin harkisin; akka barsiisa amala namaatti akka isa hafuurota bantii waaqaa keessaa biyya lafaa kana irratti humna qabu jedhamanii sodaatamaniitti isin hin booji’in; kana hundumaattiis of eeggadhaa!” (Qol. 2:8) Akeekkachiisni kun, sababii gorsa jaarsoliin Macaafa Qulqulluurratti hundaa’uudhaan nuu kennaniif xiyyeeffannaa kennuu itti qabnu kan biraa nu yaadachiisa. Jaarsoliin, wantoota amantii obbolootasaaniirratti miidhaa geessisuu danda’anirraa isaan eegu. Phexros ergamaan, “raajonni sobduu” fi “barsiisonni sobduun,” ‘namoonni jabaatanii hin dhaabanne’ Yihowaarraa akka garagalan gochuuf akka yaalan akeekkachiiseera. (2 Phe. 2:1, 14) Jaarsoliin yeroo har’aas, yommuu barbaachisaa ta’utti akeekkachiisa akkasii ni kennu. Jaarsoliin kun, Kiristiyaanota ga’umsa qabanidha. Hunda caalaammoo, muudamuusaanii dura, Caaffata Qulqullaa’oo sirriitti akka beekaniifi wanta sirrii ta’e barsiisuuf ga’umsa akka qaban argisiisaniiru. (1 Xim. 3:2; Tit. 1:9) Ga’umsa, hubannaafi ogummaa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e qabaachuunsaanii hoolota gumii keessa jiraniif qajeelfama gaarii kennuuf isaan gargaara.

Akkuma tikseen tokko hoolotasaa eegu, jaarsoliinis obboloota gumii ni eegu (Keeyyata 8 ilaali)

TIKSEE GAARIIN HOOLOTA NI SOORA, AKKASUMAS NI EEGA

9. Yesus yeroo har’aa gumii Kiristiyaanaa kan geggeessuufi kan sooru akkamitti?

9 Yihowaan karaa jaarmiyaasaa obboloota addunyaa maratti argamaniif nyaata hafuuraa ga’aa ta’e dhiheessaa jira. Karaa barreeffamoota keenyaa gorsa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e hedduu arganna. Yeroo tokko tokkommoo, jaarmiyaan Yihowaa jaarsolii gumiitiif xalayaadhaan ykn karaa daawwattoota olaanaa kallattiidhaan qajeelfama kenna. Hoolonni Yihowaa karaawwan akkasiitiin qajeelfama ifa ta’e argatu.

10. Jaarsoliin gumii, obboloota gumiirraa fagaatan ilaalchisee itti gaafatamummaa akkamii qabu?

10 Ilaaltonni olaanaan, miseensota gumii keessumaa warra karaa hafuuraa dadhaban ykn cubbuu cimaa raawwatan eeguufi kunuunsuuf itti gaafatamummaa qabu. (Yaaqoob 5:14, 15 dubbisi.) Obboloota akkasii keessaa tokko tokko, hoolota gidduudhaa badaniiru, sochiiwwan hafuuraarratti hirmaachuus dhaabaniiru ta’a. Yeroo akkasiitti, jaarsi tiksee gaarii ta’e tokko hoolaa bade tokko gara gumiitti deebisuuf wanta isaaf danda’ame hunda gochuunsaa sirrii mitii? Akkas gochuunsaa sirriidha. Yesus, “Isaan xixinnayyoo kana keessaa tokko illee baduun jaalala abbaa keessan isa waaqa irraa miti” jedheera.​—Mat. 18:12-14.

DOGOGGORA TIKSITOONNI RAAWWATANIIF ILAALCHA AKKAMII QABAACHUU QABNA?

11. Obboloonni tokko tokko gorsa jaarsolii fudhachuun kan isaanitti ulfaatu maaliifi?

11 Yihowaafi Yesus Tiksitoota mudaa hin qabnedha. Obboloonni gumiiwwan kunuunsuuf itti gaafatamummaan kennameef garuu mudaa qabu. Haalli kun obboloonni tokko tokko qajeelfama jaarsoliin kennaniif abboomamuun akka itti ulfaatu gochuu danda’a. Obboloonni kun, ‘Jaarsoliin akkuma keenya namoota mudaa qabanidha. Gorsa isaan kennan fudhachuun kan nu barbaachise maaliifi?’ jedhu ta’a. Jaarsoliin mudaa akka qaban beekamaadha. Haata’u malee, dogoggora isaan raawwataniifi dadhabina isaan qabaniif ilaalcha sirrii qabaachuun keenya gaariidha.

12, 13. (a) Dogoggora namoonni Yihowaan itti gaafatamummaa kenneef raawwatan ilaalchisee maal jechuutu danda’ama? (b) Dogoggorri namoonni itti gaafatamummaa qaban raawwatan Macaafa Qulqulluu keessatti kan galmeeffame maaliifi?

12 Macaafni Qulqulluun, namoonni Yihowaan bara duriitti sabasaa geggeessuuf itti fayyadamaa ture dogoggora raawwatanii akka turan ifatti dubbata. Fakkeenyaaf, Daawit saba Israa’el geggeessuuf mootii ta’ee kan muudame ta’us, qorumsa keessa seenuudhaan ejjaafi ajjeechaa raawwateera. (2 Sam. 12:7-9) Mee fakkeenya Phexrosiis haa ilaallu. Gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa keessatti itti gaafatamummaa guddaan kan isaaf kenname ta’us, dogoggora cimaa raawwateera. (Mat. 16:18, 19; Yoh. 13:38; 18:27; Gal. 2:11-14) Erga Addaamiifi Hewwaan cubbuu raawwatanii booda Yesusiin alatti namni mudaa hin qabne hin jiru.

13 Yihowaan namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan, dogoggora tajaajiltoonnisaa itti gaafatamummaa qaban raawwatan akka galmeessan kan godhe maaliifi? Sababiin inni tokko, sabasaa geggeessuuf namoota dogoggora raawwachuu danda’anitti akka fayyadamu argisiisuufidha. Yeroo hundumaa namoota akkasiitti akka fayyadamu beekamaadha. Kanaaf, dogoggora obboloota nu gidduutti itti gaafatamummaa qaban sababa godhachuudhaan, isaanirratti guungumuu ykn isaaniif abboomamuu diduu hin qabnu. Yihowaan obboloota kana akka kabajnuufi akka isaaniif abboomamnu nurraa eega.​—Ba’uu 16:2, 8 dubbisi.

14, 15. Haala Yihowaan bara duriitti sabasaatti itti dubbachaa turerraa barumsa akkamii arganna?

14 Yeroo har’aa, obboloota nu geggeessaniif abboomamuun keenya barbaachisaadha. Yihowaan bara duriitti yeroo rakkisaa ta’e keessatti sabasaatti kan dubbate akkamitti akka ta’e mee yaadaa. Israa’eloonni biyya Gibxii gad dhiisanii ba’uuf yommuu jedhanitti, Yihowaan karaa Museefi Aaron abboommii isaaniif kenne. Dha’icha kurnan irraa ooluuf, ajaja nyaata adda ta’e akka nyaataniifi dhiiga hoolaa michichilaafi buusaa balbala manasaaniirratti akka diban isaaniif kennameef abboomamuu qabu turan. Qajeelfamni kun kan isaaniif kenname sagalee kallattiidhaan samiirraa dhaga’amuun hin turre. Kanaa mannaa, maanguddoota gidduusaanii turaniifi qajeelfama Museen isaanitti hime dabarsanii sabichatti himaniif abboomamuu qabu turan. (Bau. 12:1-7, 21-23, 29) Haala kanaan, Yihowaan Museefi maanguddoota sanatti fayyadamee sabichaaf qajeelfama kenneera. Jaarsoliin gumii yeroo har’aa jiranis wanta kanaa wajjin wal fakkaatu raawwatu.

15 Seenaa Macaafa Qulqulluu kanaa wajjin wal fakkaatuufi Yihowaan qajeelfama lubbuu baraarsaa ta’e karaa namootaa ykn karaa ergamootaa itti kenne hedduu ni yaadattu ta’a. Haalawwan kana hundatti Waaqayyo warra kaaniif aboo kennuu filateera. Namoonni maqaasaatiin ergaa dubbataniiru, akkasumas sabnisaa badiisarraa ooluuf maal gochuu akka qaban isaanitti himaniiru. Waraana Armaagedoonitti, Yihowaan wanta kanaa wajjin wal fakkaatu akka godhu tilmaamuu hin dandeenyuu? Jaarsoliin yeroo har’aa Yihowaa ykn jaarmiyaasaa bakka bu’uudhaan hojjetan hundi, aboo isaaniif kennametti karaa hin taaneen matumaa akka itti hin fayyadamne of eeggannoo gochuu qabu.

‘KARRA TOKKO, TIKSEE TOKKO’

16. “Sagalee” kam dhaga’uu qabna?

16 Sabni Yihowaa ‘karra tiksee tokkoon,’ jechuunis Yesus Kiristosiin geggeeffamu ta’aniiru. (Yoh. 10:16) Yesus, “hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa” duuka buutotasaa wajjin akka ta’u dubbateera. (Mat. 28:20) Mootii samiirra taa’ee bulchu ta’uudhaan biyya lafaa Seexanni bulchu balleessuuf dhufuusaa dura wantoota raawwataman hunda guutummaatti to’ata. Hamma yeroo sanaatti tokkummaa hoolota Yihowaa wajjin qabnu eeguuf, karaa isa kamirra adeemuu akka qabnu ‘sagalee nu booddeedhaan’ nutti himu dhaggeeffachuu qabna. “Sagaleen” kun yaada hafuurri Waaqayyoo dubbatuufi Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffamee jiru, akkasumas wantoota Yihowaafi Yesus karaa jaarsolii gumii nutti himan kan dabalatudha.​—Isaayaas 30:21; Mul’ata 3:22 dubbisi.

Jaarsoliin, maatiiwwan haadha ykn abbaa qofaan bulan hiriyummaa gadheerraa eeguu barbaadu (Keeyyata 17fi 18 ilaali)

17, 18. (a) Hoolota balaan akkamii mudachuu danda’a? Ta’us, waa’ee maalii mirkanaa’oo ta’uu dandeenya? (b) Matadureen ittaanu waa’ee maalii ibsa?

17 Macaafni Qulqulluun, Seexanni “akka leenci yeroo beela’utti aadaa naanna’utti, nama liqimsuu barbaadee” akka naanna’u dubbata. (1 Phe. 5:8) Akka bineensa hamaa tokkootti, carraa hoolota hin dammaqne ykn hoolota badan itti liqimsu barbaadaa jira. Sababiin inni guddaan hoolota kaanitti, akkasumas “tiksee fi ilaaltuu lubbuu [keenyaatti]” dhihaannee jiraachuu itti qabnu kanadha. (1 Phe. 2:25) Namoota rakkina guddaarraa oolan ilaalchisee Mul’anni 7:17, “Hoolichi [Yesus] . . . isaan in tiksa, gara burqaa bishaan jireenya kennuuttis isaan in geessa; Waaqayyoos imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa” jedha. Kun abdii dinqisiisaa ta’edha!

18 Akkuma olitti ilaalle jaarsoliin gumii tiksitoota ta’uudhaan ga’ee guddaa raawwatu. Haata’u malee, obboloonni itti gaafatamummaa qaban kun, hoolota Yesus karaa sirrii ta’een qabaa akka jiran mirkanaa’oo ta’uu kan danda’an akkamitti? Matadureen ittaanu gaaffii kanaaf deebii kenna.