‘Waaqayyoon Eeggachuu’ Kan Dandeenyu Akkamitti?
“Waaqayyo koo . . . nan eeggadha.”—MIK. 7:7.
1. Wanti obsaan akka hin eegganne nu gochuu danda’u maalidha?
MOOTUMMAAN Masiihichaa bara 1914tti yommuu hundeeffametti sirni Seexanaa guyyoota gara dhumaa keessa seene. Waraana samiirratti geggeeffameen Yesus, Seexanaafi ergamootasaa gara naannoo lafaatti gad darbate. (Mul’ata 12:7-9 dubbisi.) Seexanni “yeroo gabaabduu duwwaa akka qabu” beeka. (Mul. 12:12) Haata’u malee, “yeroo” sanaa kaasee waggaan gara 100 ta’u waan darbeef, namoonni tokko tokko guyyaan dhumaa akka dheerate itti dhaga’ama. Maarree hundi keenya hanga Yihowaan tarkaanfii fudhatutti obsaan ni eeggannaa?
2. Matadureen kun waa’ee maalii ibsa?
2 Obsa dhabuun tarkaanfii hin taane akka fudhannu waan godhuuf balaa geessisuu danda’a. Maarree obsaan eeggachuu kan dandeenyu akkamitti? Matadureen kun gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii kennuudhaan akkaataa kana gochuu itti dandeenyu ibsa. (1) Obsa qabaachuu ilaalchisee Miikiyaas raajicharraa maal baranna? (2) Wantoonni yeroon gara dhumaa akka dhihaate argisiisan maalfa’i? (3) Dinqisiifannaa obsa Yihowaatiif qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
MIIKIYAASIRRAA MAAL BARANNA?
3. Bara Miikiyaasitti Israa’eloonni haala akkamii keessa turan?
3 Miikiyaas 7:2-6 dubbisi. Miikiyaas raajichi, amantaan Israa’eloonni Yihowaarratti qaban akka badeefi bara bulchiinsa Ahaaz Mooticha isa hamaattimmoo garmalee akka manca’e argeera. Miikiyaas Israa’eloota amanamoo hin taane ‘qoraattiifi dallaa qoraattiitti’ fakkeesseera. Akkuma qoraattiin ykn dallaan qoraattii nama itti adeemu tokko waraanu, Israa’eloonni karaa amalaa manca’anis nama isaanii wajjin jiraatu ni miidhu turan. Amallisaanii kun garmalee manca’uunsaa hariiroon maatii gidduu jirullee akka badu godhee ture. Miikiyaas matumaa haalicha jijjiiruu akka hin dandeenye waan hubateef, kadhannaa garaadhaa madde Yihowaatti dhiheesseera. Achiis hanga Waaqayyo tarkaanfii fudhatutti obsaan eegeera. Miikiyaas, Yihowaan yeroosaatti tarkaanfii akka fudhatu amanannaa qaba ture.
4. Rakkoowwan akkamii nu mudachuu danda’u?
4 Akkuma Miikiyaas, nutis namoota ofittoo ta’aniin marfamnee jiraanna. Namoonni hedduun ‘galata kan hin qabne, wanta qulqullaa’aadhaan kan mormaniifi jaalala of keessaa kan hin qabne’ ta’aniiru. (2 Xim. 3:2, 3) Amalli ofittummaa namoonni wajjin hojjennu, wajjin barannuufi olloota keenya ta’an argisiisan nu dhiphisa. Tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokkommoo rakkinni kana caalu isaan mudata. Yesus duuka buutonnisaa maatiisaaniirraa ari’atamni akka isaanirra ga’u yaada Miikiyaas 7:6rratti caqasamee wajjin wal fakkaatu fayyadamuudhaan ibseera. Akkas jedheera: “Ani nama tokko abbaa isaa wajjin, intala haadha ishee wajjin, haadha manaa ilmaa amaatii ishee wajjin walitti naquudhaaf dhufeera. Diinni nama tokkoos warra mana isaa keessaa in ta’u.” (Mat. 10:35, 36) Ari’atamaafi ga’isa miseensota maatii amantii keenya hin hordofnerraa dhufu obsaan danda’uun baay’ee ulfaataadha! Maatii keenyarraa qorumsi akkasii yoo nu mudate, dhiibbaa isaan nurraan ga’aniin mo’amuu hin qabnu. Kanaa mannaa, Yihowaan yeroosaatti furmaata akka kennu isatti amanamuudhaan obsaan haa eeggannu. Yeroo hunda gargaarsasaa kan gaafannu taanaan, jabinaafi ogummaa obsa argachuuf nu gargaaru nuu kenna.
5, 6. Yihowaan Miikiyaasiin kan eebbise akkamitti? Raajiin Miikiyaas yommuu raawwatamu utuu hin argin hafe isa kami?
5 Yihowaan, Miikiyaas obsa waan argisiiseef isa eebbiseera. Ahaaz Mootichiifi bulchiinsisaa inni hamaan yommuu badu arguu danda’eera. Ilma Ahaaz kan ta’e Hisqiyaas Mootichi inni gaariin waaqeffannaa dhugaa deebisee yommuu dhaabu argeera. Firdiin Yihowaan karaa Miikiyaas Samaariyaan akka baddu dubbate, yommuu Asoronni mootummaa Israa’el kaabaa weeraranitti raawwiisaa argateera.—Mik. 1:6.
6 Haata’u malee, Miikiyaas wanti inni raajiidhaan dubbate hundi yommuu raawwatamu hin argine. Fakkeenyaaf Miikiyaas akkas jedhee barreesseera: “Bara booddeetti tulluun manni Waaqayyoo irra jiru, tulloota hundumaa keessaa akka isa caaluutti jabaatee in dhaabata; gaarota hundumaa gararraatti ol in ka’a; sabni hundinuus gara isaatti in yaa’u. Sabni lafa irraas baay’atanii . . . ‘Kottaa gara tulluu mana Waaqayyootti, gara mana Waaqayyoo isa kan Yaaqoobitti ol in baanaa!’ in jedhu.” (Mik. 4:1, 2) Miikiyaas raajiin kun raawwii argachuusaa bara dheeraa dura du’e. Namoonni naannoosaa jiran wanta akkamiillee yoo godhan hanga du’aatti Yihowaadhaaf amanamaa ta’ee jiraachuuf murteessee ture. Kana ilaalchisee akkas jechuudhaan barreesseera: “Sabni warri kaan hundinuu adduma addaan maqaa waaqayyolii isaaniitiin in deddeebi’u; nuyi garuu yeroo hundumaa bara baraan maqaa Waaqayyo keenya gooftichaatiin in deddeebina.” (Mik. 4:5) Miikiyaas, Yihowaan abdii kenne hunda akka raawwatu amanannaa guddaa waan qabuuf, yeroo rakkisaa ta’e sana keessatti obsaan eeggateera. Raajiin kun guutummaatti Yihowaatti amanameera.
7, 8. (a) Amanannaa qabaachuuf sababa akkamii qabna? (b) Yeroon dafee akka darbu kan godhu maalidha?
7 Nutoo Yihowaarratti amanannaa akkasii qabnaa? Amanannaa akkasii qabaachuuf sababii ga’aa qabna. Raajiin Miikiyaas dubbate yommuu raawwatamu argineerra. “Bara booddeetti,” namoonni miliyoonaan lakkaa’aman saba hundumaa, gosa hundumaafi afaan dubbatamu hundumaa keessaa gara ‘tulluu manni Waaqayyoo irra jiruu’ ni dhaqu. Namoonni kun saba addaddaa waliif diina ta’e keessaa kan dhufan ta’anis, “billaa isaanii maarashaa” godhanii tumsiifataniiru; “deebi’aniis lola hin baran.” (Mik. 4:3) Saba Yihowaa warra naga qabeeyyii ta’an keessaa tokko ta’uun keenya mirga guddaadha!
8 Yihowaan sirna hamaa kana dafee akka balleessu akka barbaannu beekamaadha. Haata’u malee, obsaan eeggachuu akka dandeenyuuf ilaalcha Yihowaan qabu qabaachuu qabna. Yihowaan, guyyaa itti “harka nama fo’ate sanaatiin,” HoE. 17:31) Sana dura garuu, Waaqayyo ilmaan namootaa hundi ‘dhugaa beekuu bira akka ga’aniifi’ beekumsa argatan hojiirra oolchuudhaan akka fayyaniif yeroo isaaniif kenneera. Lubbuun namootaa balaarra bu’eera. (1 Ximotewos 2:3, 4 dubbisi.) Namoonni waa’ee Waaqayyoo dhugaasaa akka beekan gargaaruutti yoo qabamne, guyyaan firdii Yihowaa utuma nutti hin beekamin dafee jechuunis battalumatti ga’a. Yeroo guyyaan kun dhufutti misiraachoo Mootummichaa labsaa kan jirru ta’uu keenyatti baay’ee gammanna!
jechuunis Yesus Kiristositti fayyadamee ilmaan namootaatti faradu murteesseera. (WANTOONNI YEROON EEGGANNU AKKA DHIHAATE ARGISIISAN MAALFA’I?
9-11. Raajiin 1 Tasaloniiqee 5:3rra jiru raawwiisaa argateeraa? Ibsi.
9 Tasaloniiqee Isa Duraa 5:1-3 dubbisi. Dhiheenyatti mootummoonni, “Nagaa dha, gabii dhas” jechuudhaan ni labsu. Labsii kanaan gowwoomfamuurraa fagaachuuf, ‘dammaquufi of qabuun’ keenya barbaachisaadha. (1 Tas. 5:6) Karaa hafuuraa dammaqoo ta’uuf, wantoota labsiin bakka guddaa qabu kun himamuusaa dura raawwataman tokko tokko haa qorru.
10 Waraana addunyaa lamaan booda mootummoonni nagaa buusuuf carraaqqii cimaa godhanii turan. Waraana addunyaa tokkoffaa booda, nagaa fiduu akka danda’u abdachuudhaan Waldaan Mootummoota Addunyaa hundeeffamee ture. Waraana addunyaa lammaffaa boodammoo, namoonni Dhaabbanni Mootummoota Walta’anii lafarratti nagaa akka buusu abdatanii turan. Mootummoonniifi geggeessitoonni amantii, dhaabbileen kun lamaan ilmaan namootaatiif nagaa akka buusan itti amananii turan. Fakkeenyaaf, Dhaabbanni Mootummoota Walta’anii barri 1986 Bara Nagaa Addunyaa maraa akka ta’e labsee ture. Bara kanatti, geggeessitoonni amantiifi bulchitoonni biyyoota baay’ee walga’ii Waldaa amantii Kaatolikii Asiisi, Xaaliyaaniitti godhamerratti kadhannaa dhiheessuuf walitti qabamanii turan.
11 Haata’u malee, labsiin nagaafi gabii ilaalchisee dubbatames ta’e kanneen biroon, raawwii raajii 1 Tasaloniiqee 5:3rratti ibsamee miti. Maaliif? Sababnisaa “badiisi itti hin yaadamin” waan hin geenyeefidha.
12. Waa’ee labsii “Nagaa dha, gabii dhas” jedhuu wanti beeknu maalidha?
12 Labsii bakka guddaa qabuufi “Nagaa dha, gabii dhas” jedhu kana kan labsu eenyudha? Gama kanaan, geggeessitoonni Saba Kiristiyaanaafi amantiiwwan kaanii ga’ee akkamii qabaatu? Bulchitoonni mootummoota hedduu labsii kanarratti kan hirmaatan akkamitti? Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaaf deebii hin kennu. Labsiin kun akkamittiyyuu yoo himame ykn hammamiyyuu amansiisaa yoo fakkaate, wanta dhugumaan raawwatamu akka hin taane yaadachuu qabna. Biyyi lafaa ammayyuu harka Seexanaa jala jira. Hanga dhumaattis kan manca’e ta’a malee jijjiirama hin godhu. Nu keessaa Kiristiyaanni tokko olola Seexanaa amanuudhaan ejjennoosaa yoo laaffise baay’ee nama hin gaddisiisuu?
13. Ergamoonni qilleensa badiisa fidu kan eegan maaliifi?
13 Mul’ata 7:1-4 dubbisi. Raajiin 1 Tasaloniiqee 5:3rra jiru raawwiisaa akka argatu yommuu eeggannu kanatti, ergamoonni humna guddaa qaban qilleensi badiisa guddaa fidu akka hin qilleensofne eegaa jiru. Qilleensa kana kan qaban maaliifi? Yohaannis ergamaan akka ibsetti sababni inni guddaan “hojjetoota Waaqayyo keenyaatti” hanga mallattoon inni dhumaa godhamuttidha. * Mallattoon inni dhumaa erga godhamee booda, ergamoonni qilleensa badiisa fidu sana ni gadhiisu. Sana boodahoo maaltu ta’a?
14. Badiisni Baabilon Guddittii akka dhihaate kan argisiisu maalidha?
14 Baabilon Guddittiin isheen bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraa taate ni baddi. Yeroo sanatti ‘namoonni, tuutonni, saboonniifi afaanonni’ gargaarsa isheedhaaf gochuu hin danda’an. Mallattoowwan badiisnishee akka dhihaate argisiisan ammayyuu argaa jirra. (Mul. 16:12; 17:15-18; 18:7, 8, 21) Yeroo har’aattillee deggersa dhabaa akka jirtu ceephoo karaa sabqunnamtii, amantiifi geggeessitoota amantiirra ga’aa jirurraa hubachuun ni danda’ama. Ta’uyyuu, geggeessitoonni Baabilon Guddittii badiisni akka isaanirra hin geenye yaadu. Kun dogoggora guddaa mitii? Labsii “Nagaa dha, gabii dhas” jedhutti aansee, mootummoonni harka Seexanaa jala jiran amantii sobaatti garagalanii ishee balleessu. Sana booda Baabilon Guddittiin matumaa hin jiraattu! Hanga wanti iddoo guddaa qabu kun raawwatamutti obsaan eeggachuun baay’ee barbaachisaadha.—Mul. 18:8, 10.
DINQISIIFANNAA OBSA WAAQAYYOOTIIF QABNU ARGISIISUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
15. Yihowaan tarkaanfii fudhachuuf kan hin ariifanne maaliifi?
15 Namoonni maqaasaa balleessuuf waan barbaadan yoo godhanis Yihowaan yeroo tarkaanfii itti fudhatu obsaan eeggata. Yihowaan namni garaa qajeelaa qabu tokkollee akka badu hin barbaadu. (2 Phe. 3:9, 10) Nuhoo akkas nutti dhaga’amaa? Guyyaan Yihowaa dhufuusaa dura, dinqisiifannaa obsasaatiif qabnu karaawwan armaan gadiitiin argisiisuu dandeenya.
16, 17. (a) Obboloota karaa hafuuraa dadhaban gargaaruu kan qabnu maaliif? (b) Warri karaa hafuuraa dadhaban gara Yihowaatti deebi’uunsaanii ariifachiisaa kan ta’e maaliifi?
16 Obboloota karaa hafuuraa dadhaban gargaaraa. Yesus hoolaan bade tokko yommuu argamu waaqarratti gammachuu guddaan akka ta’u dubbateera. (Mat. 18:14; Luq. 15:3-7) Yihowaan namoonni yeroo ta’e tokkotti jaalala maqaasaatiif qaban argisiisan, amma isa tajaajilaa kan hin jirre ta’us baay’ee isaaniif yaada. Namoonni akkasii gara gumiitti akka deebi’an yommuu gargaarru, Yihowaafi ergamoonni akka gammadan gumaacha goona.
17 Atoo yeroo ammaatti obboloota karaa hafuuraa dadhaban keessaa tokkodhaa? Tarii miseensi gumii tokko waan si miidheef walga’ii gumiirratti argamuu dhaabdeetta ta’a. Kun erga si mudatee yeroon muraasni darbeera taanaan akkas jedhii of gaafadhu: ‘Jireenyikoo isa duraa caalaa kaayyoo kan qabudhaa? Gammachuu dhugaa qabaa? Yaq. 1:16, 17) Guyyaan Yihowaa dhiheenyatti ni dhufa. Kanaaf, yeroon kun yeroo guyyoota gara dhumaa kanatti iddoo bakka kamiyyuu caalaa nagaa qabutti, jechuunis gara Abbaa keenya isa samii jaalala qabeessa ta’eefi gara gumiitti itti deebinudha.—Kes. 33:27; Ibr. 10:24, 25.
Kan na mufachiise Yihowaamoo nama mudaa qabudha? Yihowaan wanta na miidhu godhee beekaa?’ Yihowaan yeroo hunda wanta gaarii akka nuuf godhu beekamaadha. Waadaa isaaf of murteessuudhaan gallee wajjin haala walsimuun jiraachaa kan hin jirre ta’us, wanta gaarii isa biraa maddutti akka fayyadamnu nuuf heyyameera. (18. Obboloota itti gaafatamummaa qaban deggeruu kan qabnu maaliifi?
18 Obboloota itti gaafatamummaa qaban amanamummaadhaan deggeraa. Yihowaan Tiksee jaalala qabeessa waan ta’eef, nu geggeessa, akkasumas nu eega. Ilmasaa Angafa Tiksitootaa godhee muudeera. (1 Phe. 5:4) Jaarsoliin gumiiwwan 100,000 ol ta’an keessa jiran, tokkoon tokkoon hoolota Waaqayyoo ni eegu. (HoE. 20:28) Dinqisiifannaa wanta Yihowaafi Yesus nuu godhaniif qabnu argisiisuu kan dandeenyu, obboloota itti gaafatamummaa qaban amanamummaadhaan deggeruudhaani.
19. Walitti dhihaachuu kan dandeenyu akkamitti?
19 Walitti dhihaadhaa. Kun maal jechuudha? Loltoonni akka gaariitti leenji’an diinonni yommuu isaan hubuuf jedhanitti walitti dhihaatanii dhaabatu. Haala kanaan salphaatti diina ofirraa ittisuu danda’u. Seexanni lola saba Waaqayyoorratti bane ciminaan itti fufeera. Kanaaf, yeroonsaa yeroo obboloota keenyaa wajjin itti wal lollu miti. Yeroon kun yeroo mudaa obboloonni keenya qabanirratti xiyyeeffachuu mannaa, walitti dhihaachuudhaan dandeettii Yihowaan geggeessuuf qaburratti amanannaa qabnu itti argisiisnudha.
20. Yeroo har’aa maal gochuu qabna?
20 Hundi keenya karaa hafuuraa dammaqoo taanee itti haa fufnu; akkasumas Waaqayyoon haa eeggannu. Yeroo labsiin “Nagaa dha, gabii dhas” jedhu itti himamuufi warra filatamanirratti mallattoon dhumaa itti godhamu obsaan haa eeggannu. Sana booda, ergamoonni arfan qilleensa badiisa geessisu kan gadhiisan si’a ta’u, Baabilon Guddittiinis ni balleeffamti. Yeroo wantoonni bakka guddaa qaban kun itti raawwataman eeggachaa jirru kanatti, qajeelfama obboloonni jaarmiyaa Yihowaa keessatti itti gaafatamummaa qaban nuu kennan hojiirra haa oolchinu. Lola Seexanniifi ergamoonnisaa nutti banan ofirraa ittisuuf walitti haa dhihaannu! Yeroon kun yeroo gorsa faarfatichaa isa, “Isin warri Waaqayyoon eeggattan hundinuu, jabaadhaa, laphee jabaadhaas!” jedhu hojiirra itti oolchinudha.—Far. 31:24.
^ key. 13 Garaagarummaa mallattoo isa duraafi mallattoo isa dhumaa Kiristiyaanota dibamoorratti godhamu gidduu jiru hubachuuf, Masaraa Eegumsaa, Amajjii 1, 2007, fuula 30-31 ilaali. (Amaariffa)