Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Kun Yaadannoodhaaf Isiniif Haata’u’

‘Kun Yaadannoodhaaf Isiniif Haata’u’

“Guyyaan kun seenaadhaaf [‘yaadannoodhaaf,’ NW] isiniif haa ta’u; isa akka guyyaa cidhaatti Waaqayyoof in ayyaanessitu!”​—BAU. 12:14.

1, 2. Ayyaanni Kiristiyaanonni hundi xiyyeeffannaa addaa kennuufii qaban kamidha? Maaliif?

WAA’EE guyyaa yaadannoo yommuu yaaddan maaltu gara sammuu keessaniitti dhufa? Namni gaa’ela godhate tokko, “Guyyaa cidhakootii” jedhee deebisa ta’a. Warra kaaniifimmoo, guyyaa seenaa keessatti beekamaa ta’eefi bal’inaan kabajamu, kan akka guyyaa biyyi tokko itti bilisa baatee ta’uu danda’a. Haata’u malee, ayyaana biyyoolessaa waggaa 3,500 oliif yaadatamaa ykn ayyaaneffatamaa ture tokko beektuu?

2 Ayyaanni kun, Ayyaana Faasikaa jedhamee kan waamamu si’a ta’u, guyyaa Israa’eloonni garbummaa Gibxii jalaa bilisa ba’uusaanii itti yaadatanidha. Ayyaanichi nuufis bakka guddaa kan qabudha. Maaliif? Wanta jireenya keenya keessatti bakka guddaa qabu tokkoo wajjin hariiroo cimaa waan qabuufidha. Haata’u malee, ‘Faasikaa Yihudootatu ayyaaneffata; Animmoo Yihudii miti. Kanaaf waa’ee ayyaana kanaa yaaduun maaliif na barbaachise?’ jennee gaafanna ta’a. Deebii gaaffii kanaa yaada, “Kristos hoolaan faasiikaa keenya aarsaa nuuf ta’eera” jedhurraa arganna. (1 Qor. 5:7) Barbaachisummaa ayyaana kanaa hubachuuf, waa’ee Ayyaana Faasikaa Yihudootaa beekuufi abboommii Kiristiyaanota hundaaf kenname tokkoo wajjin walbira qabnee ilaaluu qabna.

FAASIKAAN MAALIIF AYYAANEFFATAMA?

3, 4. Faasikaan inni jalqabaa ayyaaneffatamuusaa dura maaltu ta’e?

3 Namoonni Yihudoota hin taane, miliyoona hedduutti lakkaa’amaniifi addunyaa maratti argaman, Ayyaanni Faasikaa inni jalqabaa maaliif akka ayyaaneffatame hamma tokko beeku. Tarii seenaa Seera Ba’uu keessa jiru dubbisaniiru ykn seenaa waa’ee kanaa dubbatamu dhaga’aniiru, yookiinimmoo fiilmii seenicharratti hundaa’ee hojjetame ilaalaniiru ta’a.

4 Israa’eloonni waggaa baay’eef garbummaa Gibxii jala ennaa turanitti, Yihowaan Museefi obboleessasaa Aaroniin Fara’oonitti erguudhaan sabasaa akka gadhiisu isa gaafate. Mootiin Gibxii mata jabeessa ta’e kun Israa’eloota gadhiisuu waan dideef, Yihowaan irraa jalaan dha’ichawwan ciccimoodhaan biyyattii rukute. Dhumarratti, Fara’oon Israa’eloota akka gadhiisu kan godhe, Waaqayyo dha’icha kurnaffaa isa ijoolleen angafaa warra Gibxii akka du’an godhe biyyicharratti fiduusaati.​—Bau. 1:11; 3:9, 10; 5:1, 2; 11:1, 5.

5. Israa’eloonni bilisa ba’uusaanii dura maal gochuu qabu turan? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

5 Haata’u malee, Israa’eloonni garbummaa jalaa ba’uusaanii dura maal gochuu qabu turan? Yeroonsaa Dh.K.D. bara 1513 waqtii birraa akka lakkoofsa Ibrootaatti ji’a Abiib isa yeroo booda Niisaan jedhamee waamametti ture. * Waaqayyo, ji’ichattii guyyaa kurnaffaadhaa kaasee, wanta Niisaan 14⁠tti raawwatamu hordofuuf qophaa’oo akka ta’an Israa’elootatti hime. Yihudoonni guyyaa kan lakkaa’an aduun erga lixxee kaasee hanga guyyaa ittaanu aduun lixxuutti waan ta’eef, guyyaan sun yommuu aduun lixxu jalqaba. Gaafa Niisaan 14, tokkoon tokkoon manaa korbeessa hoolaa (ykn reettii) qaluudhaan dhiigicha buusaa balbalaafi michichilaatti dibuu qabu turan. (Bau. 12:3-7, 22, 23) Maatichi foonicha waaduudhaan maxinoofi biqiltuu urgaa’aa hadhaa’uu wajjin nyaachuu qabu turan. Ergamaan Waaqayyoo biyya Gibxii keessa darbaa ijoollee angafaa warra Gibxii yommuu ajjeesutti, Israa’eloonni abboomamoo ta’an du’arraa ni oolu; achiis bilisa ba’u.​—Bau. 12:8-13, 29-32.

6. Bara duriitti sabni Waaqayyoo Faasikaa akkamitti kabaju turan?

6 Israa’eloonni yeroo itti bilisa ba’an waggaa waggaadhaan kan yaadatan kanaaf ture. Waaqayyo, ‘Guyyaan kun yaadannoodhaaf isiniif haata’u; isa akka guyyaa cidhaatti Waaqayyoof in ayyaanessitu! Dhaloota dhaloota keessaniittis akka seera barabaraatti in ayyaanessitu!’ isaaniin jedhe. Ayyaana guyyaa 14⁠ffaa erga ayyaaneffatanii booda ayyaana guyyaa torbaaf itti fufu ayyaaneffatu turan. Niisaan 14 guyyaa Faasikaan itti ayyaaneffatamu si’a ta’u, maqaan Faasikaa jedhu guyyoota saddeettan ayyaanichi itti ayyaaneffatamus argisiisuu danda’a. (Bau. 12:14-17; Luq. 22:1; Yoh. 18:28; 19:14) Faasikaan ayyaanota Ibroonni waggaa waggaadhaan ayyaaneffatan (‘yaadatan,’ Za Baayibil iin Liiviingi Ingilish) keessaa isa tokkodha.​—2 Sen. 8:13.

7. Yesus, Faasikaa yeroo xumuraatiif ergamootasaa wajjin ayyaaneffaterratti maal hundeesse?

7 Yesusiifi ergamoonnisaa Yihudoota Seera Musee jala turan waan ta’aniif, Faasikaa ayyaaneffataniiru. (Mat. 26:17-19) Faasikaa yeroo xumuraatiif ayyaaneffatanirratti, Yesus Irbaata Gooftaa isa duuka buutonnisaa yeroo sanaa kaasee waggaa waggaadhaan kabajan hundeesse. Haata’u malee, ayyaana kana kan kabajan guyyaa kamittidha?

IRBAANNI GOOFTAA YOOM KABAJAMA?

8. Faasikaafi Irbaata Gooftaa ilaalchisee gaaffii akkamiitu ka’a?

8 Yesus Irbaata Gooftaa kan hundeesse guyyaa xumuraa Ayyaana Faasikaa itti ayyaaneffatanitti waan tureef, guyyaan kun guyyaa Ayyaana Faasikaa wajjin tokkodha. Ta’us, guyyaan Yihudoonni Faasikaa itti ayyaaneffatan, kaalaandaroota yeroo ammaa jiranirraa guyyaa tokkoon ykn isaa oliin, guyyaa du’a Yesus itti kabajnurraa garaagara akka ta’e hubattaniittu ta’a. Garaagarummaan jiraachuu kan danda’e maaliifi? Sababiin inni tokko abboommii Waaqayyo Israa’elootaaf kennee wajjin kan wal qabatedha. Museen, ‘waldaan Israa’el hundi korbeeyyii kan qalatan’ yoom akka ta’e kan isaanitti hime si’a ta’u, kunis Niisaan 14 akka ta’e ibsameera.​—Ba’uu 12:5, 6 dubbisi.

9. Akkuma Ba’uu 12:6⁠rratti ibsame, korbeessi Faasikaa yoom qalamuu qaba? (Saanduqa  “Yeroo Akkamiitti?” jedhus ilaali.)

9 Barreeffamni Za Pentaatuuk eendi Haaftoraa jedhamu, yaadni Ba’uu 12:6⁠rra jiru korbeessichi “dimimmisa galgalaatti” akka qalamu kan argisiisu akka ta’e ibsa. Hiikawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokkos jecha kanatti fayyadamaniiru. Kitaaba Yihudootaa Taanaak jedhamu dabalatee kaanimmoo, “yeroo dimimmisaa’u” jechuudhaan hiikaniiru. Jecha “gara galgalaa” ykn “yommuu aduun lixxu” jedhutti kan fayyadamanis jiru. Kanaaf, korbeessichi erga aduun lixxee booda dimimmisaan, jechuunis jalqaba Niisaan 14⁠tti qalamuu qaba.

10. Akka namoonni tokko tokko jedhanitti, korbeessichi kan qalamu yoomidha? Kunoo gaaffii akkamii kaasa?

10 Yeroo booda garuu, Yihudoonni tokko tokko korbeeyyii gara mana qulqullummaatti geeffaman hunda qaluun sa’aatii dheeraa akka fudhatu yaaduu jalqaban. Kanaaf, yaadni Ba’uu 12:6⁠rra jiru xumura Niisaan 14, jechuunis yeroo aduun lixuu jalqabduu kaasee hanga guutummaatti lixxutti jiru kan argisiisu akka ta’e hubachuun ni danda’ama. Haata’u malee irbaanni kan nyaatamu yoomidha? Hayyuu seenaa amantii Yihudoota durii kan ta’an Piroofeesar Jonaataan Kilaawinsi akkas jedhaniiru: “Guyyaan haaraan kan jalqabu yommuu aduun lixxu waan ta’eef, aarsaan kan dhihaatu gaafa 14ti. Seera Ba’uurratti guyyoonni kun adda baafamanii caqasamuu baatanis, Faasikaan kan jalqabuufi nyaanni kan nyaatamu gaafa 15ti.” Akkasumas, ‘Barreeffamni warra Rabbii, Seedaar [irbaanni Faasikaa] Manni Qulqullummaa Dh.K.B. bara 70⁠tti balleeffamuusaa dura akkamitti geggeeffamaa akka ture hin ibsu’ jedhaniiru.—Dalga ciibsee kan barreesse nuyidha.

11. (a) Dh.K.B. bara 33 guyyaa Faasikaatti Yesusirra maaltu ga’e? (b) Dh.K.B Niisaan 15, barri 33 Sanbata “guddaa” kan jedhame maaliifi? (Miiljalee ilaali.)

11 Kanaaf, ‘Faasikaan Dh.K.B. bara 33⁠tti kan ayyaaneffatame akkamitti?’ jennee gaafachuun keenya sirriidha. Niisaan 13, jechuunis yommuu “guyyaan itti hoolaan Faasiikaa qalamu” dhihaatu, Kiristos, Phexrosiifi Yohannisiin, “Dhaqaa, irbaata Faasiikaa akka nyaannuuf nuuf qopheessaa!” jedhe. (Luq. 22:7, 8) “Yeroon itti irbaata Faasikaa nyaatan geenyaan,” jechuunis Kamisa waaree booda Niisaan 14 erga aduun lixxee ayyaanicha ayyaaneffatan. Yesus ergamootasaa wajjin irbaaticha erga nyaate booda, Irbaata Gooftaa hundeesse. (Luq. 22:14, 15) Yesus gaafa sana galgala kan qabame si’a ta’u qorumsis isarra ga’eera. Achiis, Niisaan 14 gara saafaa fannifamee waaree booda du’e. (Yoh. 19:14) Kanaaf, “Kristos hoolaan faasiikaa keenya” guyyaa hoolaan Faasikaa itti qalamutti “aarsaa nuuf ta’e.” (1 Qor. 5:7; 11:23; Mat. 26:2) Niisaan 14 xumuramuu jala yommuu ga’u, jechuunis Niisaan 15 utuu hin jalqabin Yesus ni awwaalame. *​—Lew. 23:5-7; Luq. 23:54.

AYYAANA YAADANNOO HIIKA GUDDAA QABU

12, 13. Ijoolleen Yihudootaa ayyaana Faasikaarraa faayidaa kan argatan akkamitti ture?

12 Mee wanta biyya Gibxii keessatti raawwatame irra deebinee haa ilaallu. Yeroo sana Museen, sabni Waaqayyoo gara fuulduraatti akka seeraatti Faasikaa “bara baraaf” kan kabajan ta’uusaanii isaanitti himeera. Ayyaana waggaa waggaadhaan ayyaaneffatamu kanarratti ijoolleen ayyaanichaa wajjin haala wal qabateen gaaffiiwwan tokko tokko warrasaanii gaafachuu danda’u. (Ba’uu 12:24-27 dubbisi; Kes. 6:20-23) Kanaaf, Faasikaan “yaadannoo” ijoolleenillee barumsa irraa argatan ture.​—Bau. 12:14.

13 Israa’eloonni, Faasikaa ilaalchisee dhalootaa gara dhalootaatti ijoolleesaaniitiif barumsa barbaachisaa ta’e kennaniiru. Kana keessaas inni tokko Yihowaan waaqeffattootasaa akka eegu kan ibsudha. Ijoolleen, Yihowaan Waaqa hubachuun nama rakkisu akka hin taane baruu danda’aniiru. Inni Waaqa sabasaatiif yaaduufi isaaniif jedhee tarkaanfii fudhatudha. ‘Warra Gibxii yommuu dha’etti,’ sabasaa oolchuudhaan kun dhugaa ta’uusaa argisiiseera. Yeroo kanatti ijoolleensaanii angafaa akka oolan godheera.

14. Warri Kiristiyaana ta’an, Faasikaa ilaalchisee ijoolleesaanii barumsa akkamii barsiisuu danda’u?

14 Warri Kiristiyaana ta’an Faasikaan maal akka ta’e waggaa waggaadhaan ijoolleesaaniitiif ibsuun isaan hin barbaachisu. Haata’u malee, hiika ayyaanni kun qabu, jechuunis Yihowaan sabasaa akka eegu ijoollee keessan ni barsiiftuu? Ijoolleen keessan Yihowaan ammayyuu taanaan sabasaa akka eegu amanannaa akka isin qabdan akka hubatan ni gootuu? (Far. 27:11; Isa. 12:2) Haala isiniifi ijoollee keessan gammachiisuun miira ho’aadhaan isaan barsiiftuu? Barumsichi maatii keessan guddina hafuuraatiif kan kakaasu akka ta’u gochuuf carraaqqii godhaa.

Ijoollee keessanii wajjin waa’ee Faasikaa yeroo mari’attan, barumsa akkamii akka argatan gargaaruu dandeessu? (Keeyyata 14 ilaali)

15, 16. Seenaan waa’ee Faasikaafi Israa’eloonni Gibxii ba’uusaanii dubbatu, Yihowaan Waaqa akkamii akka ta’e ibsuuf gargaara?

15 Wanti seenaa Faasikaarraa barannu dandeettii Yihowaan sabasaa eeguuf qabu qofa miti. ‘Garbummaa biyya Gibxii keessaas isaan baaseera.’ Kun maalfaa akka dabalatu mee yaadaa. Utubaa duumessaafi ibiddaatiin geggeeffamaniiru. Galaanni Diimaan bitaafi mirgaan akka keenyaniitti yommuu dhaabate lafa gogaarra ce’aniiru. Nagaadhaan erga ce’anii booda, bishaanichi humna waraanaa Gibxii fudhatee yommuu deemu arganiiru. Achiis Israa’eloonni garbummaa jalaa ba’an, “Ani isa [Waaqayyoon] nan faarfadha; inni fardeen, abboota fardeeniis galaana keessa buuseera. Waaqayyo humna koo isa ani faarfadhuu dha, inni fayyina koo anaaf ta’eera” jedhaniiru.​—Bau. 13:14, 21, 22; 15:1, 2; Far. 136:11-15.

16 Ijoollee qabdu taanaan, Yihowaan kan oolchu ta’uusaa amanannaa akka qabaatan isaan gargaaraa jirtuu? Haasaa keessanirraas ta’e murtoo isin gootanirraa amanannaa akka qabdan ni hubatuu? Yihowaan sabasaa akkamitti akka oolche isaan hubachiisuuf, yaada Ba’uu boqonnaa 12-15⁠rra jiru Waaqeffannaa Maatiirratti waliin mari’achuu dandeessu. Yaada kana caalaatti ibsuufimmoo, yeroo garabiraatti Hojii Ergamootaa 7:30-36 ykn Daani’el 3:16-18, 26-28⁠rratti mari’achuu dandeessu. Dargaggoonnis ta’an maanguddoonni, Yihowaan yeroo har’aas taanaan kan oolchu akka ta’e amanannaa qabaachuu qabu. Akkuma bara Museetti sabasaa oolche, gara fuulduraattis nu oolcha.​—1 Tasaloniiqee 1:9, 10 dubbisi.

AKKA YAADANNUUF

17, 18. Dhiigni korbeessa yeroo Faasikaatti qalamee maal nu yaadachiisa?

17 Kiristiyaanonni dhugaan Faasikaa Yihudootaa hin kabajan. Ayyaanni sun Seera Musee jalatti ayyaaneffatamaa kan ture yommuu ta’u, nuti garuu Seericha jala hin jirru. (Rom. 10:4; Qol. 2:13-16) Kanaa mannaa, du’a Ilma Waaqayyootiif iddoo guddaa kennina. Ta’us, wanti ayyaana Faasikaa Gibxiitti ayyaaneffatamerratti raawwatame hanga har’aatti hiika guddaa nuuf qaba.

18 Dhiigni korbeessichaa buusaa balbalaafi michichilaatti dibame lubbuun namootaa akka oolu godheera. Yeroo har’aa, guyyaa Faasikaattis ta’e yeroo kamittiyyuu horii aarsaa goonee Waaqayyoof hin dhiheessinu. Haata’u malee, aarsaan namoonni barabaraaf akka oolan godhuufi hunda caalu jira. Phaawulos ergamaan waa’ee, “waldaa angafoota warra maqaan isaanii waaqa irratti caafamee” barreessee ture. Kiristiyaanonni dibamoon jireenya argachuu kan danda’an “dhiiga” Yesus isa ‘dhangala’eenidha.’ (Ibr. 12:23, 24) Kiristiyaanonni abdii barabaraaf lafarra jiraachuu qabanis dhiiguma kanarratti hundaa’uudhaan jireenyicha argatu. Abdii Waaqayyo akkas jechuudhaan isaaniif gale yeroo hunda yaadachuu qabu: “Akka badhaadhummaa ayyaana isaattis Kristos dhiiga isaa nuuf dhangalaasuu isaatiin furamuu, dhiifamuu cubbuus qabna.”​—Efe. 1:7.

19. Wanti yeroo Yesus du’e raawwatame amanannaa raajiirratti qabnu kan nuuf cimsu akkamitti?

19 Israa’eloonni korbeessa irbaata Faasikaa yommuu qalan, lafeesaa hin cabsan turan. (Bau. 12:46; Lak. 9:11, 12) Waa’ee “hoolicha Waaqayyoo” isa aarsaa furii dhiheessuuf dhufeehoo maal jechuutu danda’ama? (Yoh. 1:29) Yesus kan fannifame yakkamtoota lama gidduutti ture. Yihudoonni, lafeen namoota fannifamanii akka cabsamu Philaaxosiin gaafatanii turan. Akkas gochuun namoonni fannoorra jiran sun dafanii akka du’an waan godhuuf, hanga Niisaan 15⁠tti, jechuunis Sanbata lamaaf fannoorra akka hin turre godha. Loltoonni lafee miillaa yakkamtoota lamaanii kan cabsan si’a ta’u, “gara Yesus dhufanii, kanaan dura du’uu isaa yommuu argan garuu miilla isaa hin cabsine.” (Yoh. 19:31-34) Lafeen korbeessa Faasikaatti qalamees kan hin cabne yommuu ta’u, kunimmoo wanta Dh.K.B. Niisaan 14, bara 33⁠tti raawwatameef “gaaddidduu” ture. (Ibr. 10:1) Hunda caalaammoo, akkaataan yaanni Faarfannaa 34:20⁠rra jiru itti raawwatame, amanannaan raajiirratti qabnu kan nuu cimsudha.

20. Faasikaafi Irbaata Gooftaa gidduu garaagarummaa akkamiitu jira?

20 Haata’u malee, Faasikaafi Irbaata Gooftaa gidduu garaagarummaan jira. Faasikaan Yihudoonni ayyaaneffachaa turan, wanta Kiristos du’asaa ilaalchisee duuka buutonnisaa akka yaadatan isaan ajajeef fakkeenya kan ta’u miti. Israa’eloonni yommuu biyya Gibxii turanitti foon korbeessichaa malee, dhiigasaa hin nyaatan turan. Kun wanta Yesus bartootasaa ajajerraa addadha. Yesus, namoonni isaa wajjin “mootummaa Waaqayyoo” bulchan maxinoofi wayinii isa foonsaafi dhiigasaa argisiisurraa hirmaachuu akka qaban dubbateera. Waa’ee kanaa mataduree ittaanurratti bal’inaan qorra.​—Mar. 14:22-25.

21. Waa’ee Faasikaa beekuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

21 Ayyaana Faasikaarraa, dinqii Waaqayyo Israa’elootaaf godheefi yeroo har’aa barumsa nuuf ta’u akka argannu beekamaadha. Faasikaan, ayyaana Yihudoonni akka ‘yaadannootti’ ayyaaneffatanidha. Nutimmoo Kiristiyaanota waan taaneef, waa’ee Faasikaa isa kutaa ‘Caaffata Qulqullaa’oo geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafaman’ keessaa tokko ta’ee akka gaariitti hubachuu qabna.​—2 Xim. 3:16.

^ key. 5 Ji’i jalqabaa Ibrootaa Abiib kan jedhamu ta’us, Israa’eloonni boojuu Baabilon jalaa ba’anii biyyasaaniitti erga deebi’anii booda garuu Niisaan jedhamee waamamuu jalqabeera. Kanaaf, mataduree kana keessatti maqaa Niisaan jedhutti fayyadamneerra.

^ key. 11 Aduun yommuu lixxu, Niisaan 15 ni eegala; kana jechuun Sanbanni torbanii (Sanbadduraa) inni Ayyaanni Maxinoo itti ayyaaneffatamu guyyaa kanaa wajjin walirra oola jechuudha. Sanbanni lamaan waan walirra oolaniif, Sanbata “guddaa” jedhamee waamama.​—Yohannis 19:31, 42 dubbisi.