Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Kana Yaadannoo Kootiif Godhadhaa’

‘Kana Yaadannoo Kootiif Godhadhaa’

“Erga galateeffatee booda, maxinicha cabsee,‘Inni isiniif cabe kun dhagna koo ti, kanas yaadannoo kootiif godhadhaa!’ jedhe.”​—1 QOR. 11:24, NW.

1, 2. Yesus yeroo xumuraatiif gara Yerusaalem ennaa deemetti ergamoonnisaa waa’ee maalii yaadanii ta’uu danda’a?

‘SAMIIN duumessa kan hin qabne si’a ta’u, addeessi reefuu baatu ni mul’atti. Galgala darbe eegdonni Yerusaalem addeessa reefuu baatu arganiiru. Yaa’iin warra Yihudootaa kana yommuu hubatetti ji’i haaraan, jechuunis ji’i Niisaan akka jalqabe labse. Mallattoo ifaa ykn namoota ergaa himanitti fayyadamuudhaan ji’i sun jalqabuusaa saffisaan babal’isan. Oduun kun haala kanaan naannoo ergamoonni Yesus jiran ga’uu danda’eera. Yesus guyyaan Faasikaa itti ayyaaneffatan utuu hin ga’in gara Yerusaalem dhaquu akka barbaadu beekamaadha.’

2 Yesus yeroo xumuraatiif daandii Peeriyaarra (Yordaanos gamaan) gara Yerusaalem ennaa deemetti namoonni isaa wajjin turan tokko tokko waa’ee kanaa yaadanii akka turan tilmaamuu dandeenya. (Mat. 19:1; 20:17, 29; Mar. 10:1, 32, 46) Ji’i Niisaan jalqabuunsaa akkuma beekameen, Ayyaanni Faasikaa guyyaa 13 booda, gaafa Niisaan 14 erga aduun lixxee ayyaaneffatama.

3. Kiristiyaanonni guyyaa Ayyaanni Faasikaa itti ayyaaneffatamuuf xiyyeeffannaa kan kennan maaliifi?

3 Guyyaan Irbaanni Gooftaa itti kabajamu guyyaa Ayyaana Faasikaa wajjin tokko yommuu ta’u, kunis Ebla 14, 2014 erga aduun lixxee booda ta’a. Guyyaan sun, Kiristiyaanota dhugaafi namoota ayyaanicharratti argamuuf fedhii qabaniif guyyaa adda ta’edha. Maaliif? Qorontos Inni Duraa 11:23-25 (NW) akkas waan jedhuufidha: “Yesus halkanuma dabarfamee itti kennamu sanatti maxinoo fuudhee, erga galateeffatee booda cabsee, ‘Kun dhagnakoo isa isiniif kennamudha, kanas yaadannoo kootiif godhadhaa!’ jedhe. Xooficha ilaalchisees akkasuma godhe.”

4. (a) Gaaffiiwwan Ayyaana Yaadannoo ilaalchisee ka’uu danda’an kamfa’i? (b) Waggaa waggaadhaan guyyaa Ayyaana Yaadannoo beekuun kan danda’amu akkamitti? (Saanduqa  “Ayyaana Yaadannoo 2014” jedhu ilaali.)

4 Ayyaana Yesus waggaatti akka kabajan duuka buutotasaatti hime kanarratti akka argamtan hin shakkisiisu. Haata’u malee ammumaa kaasuudhaan akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Galgala gaafa sanaatiif qophii akkamii gochuun qaba? Ayyaanicha kabajuuf maalittin fayyadama? Ayyaanichi akkamitti geggeeffama? Guyyichiifi wanti ayyaanicha kabajuuf itti fayyadamnu hiika maalii naaf qabu?’

MAXINOOFI WAYINII

5. Yesus Faasikaa yeroo xumuraatiif kabajanirratti ergamoonnisaa maal akka qopheessan itti hime?

5 Yesus, ergamoonnisaa bakka itti Ayyaana Faasikaa ayyaaneffatan akka qopheessan yommuu isaanitti hime, kuticha garmalee akka mimmiidhagsan hin ibsineef; kanaa mannaa kutaa mijataa, qulqulluufi namoota afeeraman hunda qabachuu danda’u akka qopheessan isaanitti hime. (Maarqos 14:12-16 dubbisi.) Wantoota irbaataaf barbaachisan dabalatee maxinoofi wayinii qopheessaniiru. Irbaata Faasikaa erga xumuranii booda Yesus maxinoofi wayinii sanarratti xiyyeeffate.

6. (a) Yesus, irbaata Faasikaa erga nyaatanii booda maxinicha ilaalchisee maal jedhe? (b) Ayyaana Yaadannoorratti maxinoo akkamiitti fayyadamna?

6 Maatewos ergamaan ayyaanicharratti hirmaatee kan ture si’a ta’u yeroo booda, “Yesus buddeena [“maxinoo,” NW] fuudhee, eebbisee cabsees bartoota isaatiif kennee, ‘Fudhadhaa nyaadhaa, kun dhagna koo ti!’ jedhe” jechuudhaan barreesseera. (Mat. 26:26) “Buddeena” kan jedhame maxinoo isa yeroo Ayyaana Faasikaatti itti fayyadamanidha. (Bau. 12:8; Kes. 16:3) Maxinoon sun daakuu qamadii bishaaniin bukeeffamee, miyeessituun ykn soogiddi utuu itti hin godhamin tolchame ture. Raacitii waan hin qabneef, yeroo tolfamu ol hin ka’u. Kanaaf, haphii, gogaafi salphaatti caccabuu kan danda’u ta’a. Yeroo har’aa, Ayyaanni Yaadannoo ennaa kabajamuuf jedhutti jaarsoliin gumii namni tokko maxinoo kana akka qopheessu dursanii gaafatu. Maxinoon kunis daakuu qamadiirraa kan hojjetamu si’a ta’u eeleerratti tolchama. (Daakuun qamadii hin argamu taanaan, ruuzii, garbuu, boqqolloo ykn midhaan kana fakkaaturraa tolchuun ni danda’ama.) Yookiinimmoo buskutii Yihudoonni itti fayyadamaniifi maatisaa jedhamu, biqilli, hanqaaquun ykn qullubbiin itti hin dabalamnetti fayyadamuun ni danda’ama.

7. Yesus waa’ee wayinii akkamii dubbate? Ayyaana Yaadannoorratti wayinii akkamiitti fayyadamna?

7 Maatewos itti fufuudhaan, “[Yesus] xoofoos fudhatee Waaqayyoof galata galchee, isaaniifis kennee, ‘Hundumti keessan kanattii dhugaa!’” jechuudhaan akka dubbate barreesseera. (Mat. 26:27, 28) Xoofoon Yesus isaaniif kenne wayinii diimaa kan qabate ture. (Yeroon ija wayinii itti funaanan baay’ee darbee waan tureef, wayinichi reefuu kan cuunfame hin turre.) Israa’eloonni Faasikaa jalqaba biyya Gibxiitti nyaatanirratti wayinii kan hin fayyadamne ta’us, Yesus Ayyaana Faasikaarratti itti fayyadamuun dogoggora akka ta’etti hin ilaalle. Kanarrayyuu darbee Irbaata Gooftaa ennaa kabajanitti itti fayyadameera. Kanaaf, Kiristiyaanonni Ayyaana Yaadannoo ennaa kabajan wayiniitti ni fayyadamu. Dhiigni Yesus caalaatti faayidaa akka qabaatuuf wanti itti dabaluun barbaachisu akkuma hin jirre, wayinii diimaa waan garabiraan itti hin dabalamnetti fayyadamna. Wayinii diimaa wanti garabiraan itti hin dabalamne, manatti hojjetame ykn daldalaaf oomishaman kanneen akka Boojalee, Bargandi ykn Keyaantii jiraniitti fayyadamuun ni danda’ama.

MAXINOOFI WAYINIIN MAAL ARGISIISU?

8. Kiristiyaanonni hiika maxinoofi wayinichi qabuuf bakka guddaa kan kennan maaliifi?

8 Yaanni Phaawulos ergamaan dubbate, Kiristiyaanonni hundi Irbaata Gooftaa kabajuu akka qaban akka gaariitti kan argisiisudha. Obboloota hidhatasaa ta’aniifi Qorontositti argamaniif akkas jechuudhaan barreesseera: “Barsiifni ani isinitti dabarse, isuma ani gooftaa biraa fudhadhe ture . . . [Yesus] buddeena fuudhee, erga galateeffatee booda, maxinicha cabsee,‘Inni isiniif cabe kun dhagna koo ti, kanas yaadannoo kootiif godhadhaa!’ jedhe.” (1 Qor. 11:23, 24) Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanonni yeroo har’aa jiranis ayyaana adda ta’e kana waggaa waggaadhaan kan kabajan si’a ta’u, maxinichiifi wayinichis isaaniif hiika guddaa qaba.

9. Namoonni tokko tokko maxinoo Yesus itti fayyadame ilaalchisee yaada dogoggoraa akkamii qabu?

9 Namoonni tokko tokko Yesus, ‘Kun dhagna kooti’ waan jedheef maxinoon sun dinqiidhaan gara fooniitti akka jijjiirame dubbatu. Yaanni kun garuu sirrii miti. * Yesusis ta’e maxinoon ergamoonnisaa amanamoo ta’an sun irraa hirmaatan yeroo sana isaan dura ture. Yesus akkuma yeroo kaanii, yeroo kanattis fakkeenyaan akka dubbate ifadha.​—Yoh. 2:19-21; 4:13, 14; 10:7; 15:1.

10. Maxinoon yeroo Irbaata Gooftaa itti fayyadamnu maal argisiisa?

10 Maxinoon ergamoonni Yesus arganiifi nyaatanii turan dhagna Yesus kan argisiisu ture. Dhagna isa kam? Yeroo tokkotti, tajaajiltoonni Waaqayyoo Yesus maxinoo sana bakka hedduutti caccabse malee, lafeesaa keessaa tokkoyyuu waan hin cabneef, maxinichi gumii Kiristiyaanota dibamoo isa ‘dhagna Kiristositti’ fakkeeffame kan argisiisu akka ta’e amanu turan. (Efe. 4:12; Rom. 12:4, 5; 1 Qor. 10:16, 17; 12:27) Haata’u malee, qorannoo bal’aa erga godhanii booda maxinichi foon Yesus kan argisiisu akka ta’e hubatan. Yesus ‘namummaa fooniitiin kan dhiphate’ ta’uusaarrayyuu mukarratti fannifameera. Kanaaf, maxinoon Irbaata Gooftaarratti dhihaatu dhagna Yesus isa inni ‘cubbuu keenya itti baate’ argisiisa.​1 Phe. 2:21-24; 4:1; Yoh. 19:33-36; Ibr. 10:5-7.

11, 12. (a) Yesus wayinii ilaalchisee maal jedhe? (b) Wayiniin Irbaata Gooftaarratti itti fayyadamnu maal argisiisa?

11 Waa’ee maxinichaa beekuun keenya yaada Yesus ittaansuudhaan waa’ee wayinichaa dubbate hubachuuf nu gargaara. Macaafni Qulqulluun, “Erga nyaatanii booddees akkuma sanatti xooficha fudhatee, ‘Xoofoon kun kakuu isa haaraa, dhiiga kootiin dhaabatuu dha; yeroodhuma isa keessaa dhugdanitti seenaa kootiif godhadhaa!’ jedhe” jedha. (1 Qor. 11:25) Xoofoon Yesus isaaniif kenne sun kallattiidhaan kakuu haaraa turee? Matumaa! Jechi “xoofoo” jedhu wanta isa keessa ture, jechuunis wayinicha kan argisiisudha. Yesus wayinichi dhiigasaa isa dhangala’e akka argisiisu ibseera.

12 Wangeelli Maarqos, Yesus, “Kun dhiiga koo ti, dhiiga kakuu dhaabate sana cimsuudhaaf namoota baay’eedhaaf dhangala’ee dha” akka jedhe dubbata. (Mar. 14:24) Eeyyee, dhiigni Yesus ‘dhiifamuu cubbuu namoota baay’eetiif kan dhangala’edha.’ (Mat. 26:28) Kanaaf, wayinii diimaan dhiiga Yesus kan argisiisudha. Aarsaa karaa dhiiga sanaatiin nuuf qopheeffameen ‘dhiifamuu cubbuu’ arganneerra.​—Efesoon 1:7 dubbisi.

Wayiniin ergamoonni Yesus irraa hirmaatan, dhiigasaa isa inni kakuu isaanii wajjin gale kan argisiisudha (Keeyyata 11fi 12 ilaali)

DU’A KIRISTOS YAADACHUU

13. Ayyaanni Yaadannoo du’a Kiristos akkamitti akka kabajamu ibsi.

13 Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin yeroo jalqabaatiif Ayyaana Yaadannoorratti argamuuf jetta yoo ta’e, maal eeguu dandeessa? Walga’ichi kan nama hawwatu, iddoonsaa qulqulluu kan ta’eefi namoonni irratti argaman itti gammaduu kan danda’anidha. Miidhagina kutichaatiif jecha abaaboon muraasni kaa’amuu kan danda’u ta’us, garmalee kan miidhagfame ykn akka waamicha waci itti baay’atu tokkoo miti. Jaarsi gumii ga’umsa qabu ayyaanicha ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun ibsurratti haala ifa ta’eefi kabaja qabuun haasaa dhiheessa. Obboleessi kun, jireenya akka argannuuf Yesus hunda keenyaaf aarsaa ta’ee akka du’e ibsa. (Roomaa 5:8-10 dubbisi.) Akkasumas, abdii lamaan Kiristiyaanonni qabaniifi Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame addeessa.

14. Haasaa Ayyaana Yaadannoorratti dhihaaturratti waa’ee maaliitu ibsama?

14 Abdiin inni tokko Kiristosii wajjin samiirratti bulchuu ennaa ta’u, kunis abdii ergamoota Yesus dabalatee duuka buutonni Kiristos muraasni argatanidha. (Luq. 12:32; 22:19, 20; Mul. 14:1) Inni kaanimmoo, abdii Kiristiyaanonni yeroo har’aa amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajilaa jiran hedduun argatanidha. Isaan kun lafa deebitee jannata taaturra barabaraaf jiraachuuf abdii qabu. Achiis wanti Kiristiyaanonni bara dheeraadhaaf kadhachaa turan, jechuunis jaalalli Waaqayyoo inni waaqarratti ta’e, lafarrattis ni ta’a. (Mat. 6:10) Macaafni Qulqulluun jireenyi dinqisiisaan ilmaan namootaa barabaraaf itti gammadan akka dhufu ibsa.​—Isa. 11:6-9; 35:5, 6; 65:21-23.

15, 16. Irbaanni Gooftaa ennaa kabajamu maxinichi maal godhama?

15 Obboleessi haasicha dhiheessu gara xumuraarratti, yeroon wanti Yesus ergamoonnisaa akka godhan itti dubbate itti raawwatamu akka ga’e ibsa. Akkuma olitti ibsame maxinoofi wayiniin ni qopheeffama. Kunis obboleessa haasaa dhiheessu cinaa minjaalarra kaa’ama. Obboleessi sun, wanta Yesus yeroo ayyaana kana hundeessetti dubbateefi godhe ilaalchisee yaada Macaafa Qulqulluurra jirurratti ibsa kenna. Fakkeenyaaf seenaan Maatewos galmeesse, ‘Yesus maxinoo fuudhee, eebbisee cabsees bartoota isaatiif kennee, ‘Fudhadhaa nyaadhaa, kun dhagna koo ti!’ jedhe’ jedha. (Mat. 26:26, NW) Yesus maxinoo sana kan caccabse ergamootasaatiin waliin ga’uuf ture. Ayyaana yaadannoo Ebla 14 kabajamurratti, maxinoo muraasa caccabsamee saaniirra kaa’ame argita.

16 Maxinichi yeroo gabaabaa keessatti dafee akka naanna’u gochuuf saanii ga’aan qophaa’uu qaba. Maxinichi kan naanna’us sirna adda ta’e hordofuudhaan miti. Kadhannaan gabaabaan erga godhamee booda akka haala naannichaatti karaa ulfina qabuun saanichi ni naanneffama. Akkuma bara 2013⁠tti gumii hedduu keessatti maxinichi ennaa naanneffame ta’e, namoonni muraasni maxinicharraa hirmaatan jiraachuu (jiraachuu dhiisuus) ni danda’u.

17. Qajeelfamni Yesus wayinicha ilaalchisee kenne, Ayyaana Yaadannoorratti hojiirra kan oolu akkamitti?

17 Sana booda, yaada Maatewos akkas jechuudhaan barreessetu raawwatama: “[Yesus] xoofoos fudhatee Waaqayyoof galata galchee, isaaniifis kennee, ‘Hundumti keessan kanattii dhugaa! Kun dhiiga koo ti, dhiigni kun kakuu dhaabate sana cimsuudhaaf, dhiifamuu cubbuu namoota baay’eetiif dhangala’a.’” (Mat. 26:27, 28) Fakkeenya kana hordofuudhaan, ammas kadhannaan erga godhamee booda ‘xoofoon’ wayinii qabate ni naanneffama.

18. Namoonni Maxinoofi wayiniirraa hirmaatan muraasa ykn sirumaa kan hin jirre ta’us ayyaanicharratti argamuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

18 Yesus, namoonni maxinoofi wayinicharraa hirmaachuu danda’an warra isaa wajjin samiirratti bulchan qofa akka ta’an waan dubbateef, namoonni ayyaanicharratti argaman hedduun maxinoofi wayinicharraa hin hirmaatan. (Luqaas 22:28-30 dubbisi; 2 Xim. 4:18) Namoonni maxinoofi wayinicharraa hin hirmaanne ayyaanicharratti kan argaman kabaja qaban argisiisuufidha. Maxinoofi wayinicharraa hirmaachuu baatanis aarsaa Yesus kaffaleef bakka guddaa akka kennan argisiisuuf Ayyanicharratti argamuunsaanii baay’ee barbaachisaadha. Yeroo Ayyaanichi kabajamutti, eebba karaa aarsaa furii Yesus argatanirratti xiinxaluu danda’u. Namoota “tuuta sonaan baay’ee” ta’aniifi “rakkina guddaa” keessaa oolan ta’uuf abdii qabu. Namoonni kun, “uffata isaanii dhiiga hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru.”​—Mul. 7:9, 14-17.

19. Irbaata Gooftaarratti argamuuf qophii gochuufis ta’e faayidaa irraa argachuuf maal gochuu dandeessa?

19 Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman walga’ii adda ta’e kana kabajuuf ni qophaa’u. Ayyaanichi utuu hin ga’in torban muraasa dura hanga danda’ame namoonni baay’een akka irratti argamaniif afeeruu jalqabna. Kana malees, tibba Ayyaana Yaadannootti wantoota Dh.K.B. bara 33, guyyoota du’uusaa duraafi booda turanitti raawwataman dubbisna. Ayyaanicharratti argamuuf dursinee sagantaa keenyarratti sirreeffama gochuun gaariidha. Faarfannaafi kadhannaan jalqabuusaa dura achitti argamuudhaan namoota dhufan simachuufi guutummaa walga’ichaarratti hirmaachuu dandeenya. Miseensota gumichaas taane keessummoonni, yeroo haasaan kennamutti Macaafa Qulqulluu baafnee hordofuudhaan faayidaa guddaa argachuu dandeenya. Hunda caalaammoo, Ayyaana Yaadannoorratti argamuun keenya karaa dinqisiifannaa aarsaa furii Yesusiif qabnu itti argisiisnudha. Akkasumas karaa abboommii inni, “Kanas yaadannoo kootiif godhadhaa!” jechuudhaan kenneef akka ajajamnu itti argisiisnudha.​—1 Qor. 11:24.

^ key. 9 Hayyuu Jarman kan ta’an Hayinriik Meeyar akkas jedhaniiru: ‘Yeroo sanatti qaamni Yesus waan tokkoyyuu hin taane, dhiignisaas hin dhangalaane; akkasumas, ergamootasaa keessaa namni foon Gooftaa nyaachaafi dhiigasaa dhugaa akka jiran itti dhaga’ame hin jiru. Yesus jechoota salphaatti waan fayyadameef karaa garabiraadhaan hubatu jedhee hin yaadu.’