Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti ba’an akka gaariitti dubbisteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuu yaali:

Yesus, ‘hafuurota warra mana hidhaa keessa jiranitti kan lallabe’ yoomi? (1 Phe. 3:19)

Yesus erga du’aa kaafamee yeroo muraasa booda, badiisa hafuurota hamoorratti raawwatamuufi isaaniif malu itti lallabeera.​—6/15, fuula 23.

Waaqayyo firdii kan fudhatu ta’uunsaa gara jabeessa kan isa hin jechisiisne maaliifi?

Yihowaan du’a nama jal’aatti hin gammadu. (His. 33:11) Tarkaanfiin inni bara duriitti fudhate, namoota balleessuusaa dura gaarummaadhaan kaka’ee akeekkachiisa dabarsaa akka ture argisiisa. Kunimmoo firdii gara fuulduraatti fudhatamu jalaa ooluu kan dandeenyu ta’uusaa nuuf mirkaneessa.​—Ado.-Fulb. fuula 5-6.

Yesus hoolotaafi re’ootaaf firdii kan kennu yoomi? (Mat. 25:32)

Yeroo rakkina guddaatti namootarratti firdii dabarsuuf ennaa dhufu, jechuunis amantiin sobaa erga badee boodadha.​—7/15, fuula 6.

Warri hamaa hojjetaniifi fakkeenya qamadiifi inkirdaadaa Yesus dubbaterratti ibsaman, kan boo’aniifi ilkaansaanii kan walitti qaran yoomi? (Mat. 13:36, 41, 42)

Yeroo rakkina guddaatti, badiisa jalaa ooluu akka hin dandeenye ennaa hubatanitti.​—7/15, fuula 13.

Yaanni Yesus hojjetaa amanamaafi ogeessa ilaalchisee dubbate raawwiisaa kan argatu yoomi? (Mat. 24:45-47)

Raajiin kun raawwiisaa argachuu kan eegale Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti utuu hin ta’in bara 1914 booda ture. Yesus bara 1919⁠tti, hojjetaa amanamaafi ogeessa filachuudhaan naa’otasaa, jechuunis Kiristiyaanota dhugaa hundaaf nyaata hafuuraa akka dhiheessu muudeera.​—7/15, fuula 21-23.

Yesus hojjetaa amanamaafi ogeessa qabeenyasaa hundarratti kan muudu yoomi?

Gara fuulduraatti, jechuunis yeroo rakkina guddaatti hojjetaan amanamaan badhaasasaa isa samii yommuu argatuttidha.​—7/15, fuula 25.

Gargaarsa Waaqayyo biraa argatan dabalatee, Dhugaa Baatota Yihowaa 230 ta’aniifi mana hidhaa Zaaksanhaawuzan keessaa ba’anii karaa dheeraa yommuu adeeman wanti isaan gargaare maalidha?

Beelliifi dhukubni isaan hubee kan ture ta’us adeemsasaanii itti fufuu akka danda’aniif utuu walirraa hin kutin wal jajjabeessaniiru.—8/15, fuula 18.

Seenaan Israa’eloonni Laga Yordaanos ce’uudhaan Biyyattii Abdachiifamtetti akka galan dubbatu kan nu jajjabeessu maaliifi?

Lagichi guutee kan ture ta’us Yihowaan akka inni hin yaane waan godheef sabichi ce’uu danda’eera. Kunimmoo amantii isaan Yihowaarratti qaban isaaniif cimseera; nutis seenaa kanarraa jajjabina guddaa arganna.​—9/15, fuula 16.

Yihowaan Nohiifi maatiisaa lubbuudhaan eeguuf kan isa kakaase maalidha?

Nohi nama Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabuufi nama abboomamu ture. Badiisa dhufuuf jiru ilaalchisee namoota akeekkachiisaa kan ture ta’uusaarrayyuu qajeelina lallabeera. (2 Phe. 2:5) Namoota amantii hin qabne gidduu jiraachaa kan ture ta’us, Yihowaarratti amantii cimaa akka qabu argisiiseera. Kanaaf Yihowaan badiisa dhufurraa Nohiifi maatiisaa eeguuf kaka’eera.​—Onk.-Mud. fuula 12.

Raajiin Miikiyaas 5:5rra jiruufi waa’ee geggeessituu torbaafi gurguddaa namaa saddeetii ibsu yeroo har’aa raawwiisaa argachaa kan jiru akkamitti?

‘Geggeessituun torbaafi gurguddaan namaa saddeet’ Miikiyaas 5:5⁠rratti ibsaman, jaarsolii gumii warra miidhaa gara fuulduraatti saba Waaqayyoorra ga’u danda’uuf akka isaan qopheessaniif muudaman kan argisiisanidha.​—11/15, fuula 20.