Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Yaadni Keessan Dafee Hin Raafamin”

“Yaadni Keessan Dafee Hin Raafamin”

‘Obboloota ko, waanan isin kadhadhu qaba. Yaadni keessan dafee hin raafamin.’​—2 TAS. 2:1, 2.

1, 2. Yeroo har’aa gowwoomsaan kan babal’ate maaliifi? Gosa gowwoomsaa kamfaatu jira? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

BIYYA LAFAA kana keessatti, sobuun, gowwoomsuufi dogoggorsuun baay’ee baramaa ta’eera. Kun ta’uunsaa nu ajaa’ibsiisuu hin qabu. Macaafni Qulqulluun, Seexanni nama gowwoomsuudhaan beekamaa akka ta’eefi biyya lafaa kana akka bulchu ifatti dubbata. (1 Xim. 2:14; 1 Yoh. 5:19) Badiisa sirna kanaatti dhihaachaa ennaa adeemnu, Seexanni ‘yeroo gabaabduu duwwaan’ waan isaaf hafuuf aariinsaa dabalaa adeema. (Mul. 12:12) Kanaaf nama hundumaa, keessumaammoo warra waaqeffannaa dhugaa babal’isan gowwoomsuuf kutatee ka’uunsaa kan nu ajaa’ibsiisu miti.

2 Yeroo tokko tokko tajaajiltoota Yihowaa ilaalchisee, yaadni nama dogoggorsu ykn yaadni soba ta’e karaa sabqunnamtii ni darba. Oduuwwan gaazexaarratti ba’an, fiilmiiwwan televijiiniidhaan dhihaataniifi Weeb saayitoonni Intarneetii yaadawwan soba ta’an babal’isuuf ni oolu. Namoonni tokko tokko soba kana duuchaatti waan amananiif ni jeeqamu.

3. Gowwoomsaa ofirraa ittisuuf maaltu nu gargaaruu danda’a?

3 Mala Seexanni yaada keenya mancaasuuf itti fayyadamu kana ofirraa ittisuuf, Dubbii Waaqayyoo isa ‘qajeelchuuf dhimma baasu’ qabaachuu keenyatti baay’ee gammanna. (2 Xim. 3:16) Phaawulos, waa’ee Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti gumii Tasaloniiqee keessa turaniifi wanta soba ta’e fudhachuudhaan gowwoomfamanii barreessera. Nutis yaada kanarraa barachuun keenya barbaachisaadha. Phaawulos, “Yaadni keessan dafee hin raafamin” jechuudhaan isaan gorseera. (2 Tas. 2:1, 2) Gorsa Phaawulos jaalalaan kaka’ee isaaniif kenne kanarraa barumsa akkamii arganna? Yaada kana jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

AKEEKKACHIISA YEROOSAATTI KENNAMU

4. Kiristiyaanonni Tasaloniiqee keessa turan “guyyaa gooftaa” dammaqinaan akka eegan akeekkachiisa akkamiitu isaaniif kenname? Nuufoo akeekkachiisa akkamiituu nuu kennamaa jira?

4 Phaawulos, ergaasaa isa jalqabaa gumii Tasaloniiqeetiif barreesserratti “guyyaan gooftaa” akka dhufu caqaseera. Phaawulos obboloonnisaa dukkana keessa akka ta’aniifi utuu hin qophaa’in akka hafan hin barbaanne. Kanaa mannaa, “ilmaan ifaa” waan ta’aniif ‘dammaqoo akka ta’aniifi akka of qaban [‘yaadasaanii akka eegan,’ NW]’ isaan jajjabeesseera. (1 Tasaloniiqee 5:1-6 dubbisi.) Nutis yeroo Baabilon Guddittiin isheen bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraa taate itti baddu eeggachaa jirra. Guyyaan Yihowaa inni guddaan kan eegalu tarkaanfii isheerratti fudhatamuunidha. Kaayyoon Yihowaa akkamitti akka raawwatamu hubannaa argachaa deemuu keenyatti baay’ee galateeffanna. Akkasumas, karaa gumii, yaadachiisa yaada keenya eeguuf nu gargaaru yeroosaatti argachaa jirra. Akeekkachiisa irra deddeebi’amee nuu kennamu kana qalbeeffachuun keenya, murtoo ‘dandeettii yaaduu keenyatti fayyadamnee, tajaajila qulqulluu Waaqayyoof dhiheessuuf’ goone nuu jabeessa.​—Rom. 12:1, NW.

Phaawulos, ergaawwan akeekkachiisa qabatan Kiristiyaanotaaf barreesseera (Keeyyata 4⁠fi 5 ilaali)

5, 6. (a) Phaawulos ergaa isa lammaffaa Kiristiyaanota Tasaloniiqeetiif ergerratti waa’ee maalii ibse? (b) Waaqayyo dhiheenyatti Yesusitti fayyadamee maal raawwata? Maal jennee of gaafachuu qabna?

5 Phaawulos, Kiristiyaanota Tasaloniiqeetiif ergaa isa jalqabaa ergee utuu baay’ee hin turin, ergaa lammataa isaaniif erge. Ergaa kanarratti, waa’ee guyyaa rakkinaa dhufuuf jiruu, jechuunis waa’ee guyyaa Gooftaan keenya Yesus ‘warra Waaqayyoon beekuu hin barbaanneefi warra wangeelaaf hin abboomamne’ itti adabuu isaan yaadachiiseera. (2 Tas. 1:6-8) Ergaan inni isaaniif erge kun boqonnaa 2⁠ffaarratti obboloonni gumichaa tokko tokko guyyaan Yihowaa baay’ee akka dhihaate godhanii waan amananiif ‘akka na’an’ ibsa. (2 Tasaloniiqee 2:1, 2 dubbisi.) Kiristiyaanonni sun, akkaataa kaayyoon Yihowaa itti raawwatamu ilaalchisee beekumsa muraasa qabu turan. Yeroo booda Phaawulosumtiyyuu raajii ilaalchisee akkas jedheera: “Wanti nuyi beeknu muraasa, wanti raajii dubbannus muraasa; raawwatamuun isaa yeroo ga’u immoo, inni muraasi kun in hafa.” (1 Qor. 13:9, 10) Haata’u malee, akeekkachiisni Yihowaan karaa Phaawulos, Phexrosiifi obboloota dibamoo amanamoo ta’an kaanii isaaniif dabarse, Kiristiyaanonni yeroo sanaa amantiitti jabaatanii akka dhaabatan isaan gargaareera.

6 Phaawulos, rakkoo uumame kana sirreessuuf, guyyaan Yihowaa dhufuusaa dura gantummaa guddaaniifi “inni hamaan seera malee jiraatu” mul’achuu akka qaban geggeessaa hafuuraatiin ibseera. * Sana booda, Gooftaan keenya Yesus, yeroo Yihowaan murteessetti, namoota gowwoomfaman hunda “in barbadeessa.” Phaawulos ergamaan tarkaanfiin kun kan isaanirratti fudhatamu “dhugaa jaallatanii fudhachuu waan didaniif” akka ta’e ibseera. (2 Tas. 2:3, 8-10) Kanaaf akkas jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Dhugaa hammaman jaalladha? Barumsa Macaafa Qulqulluu ilaalchisee, yaadawwan barruu kanaafi barreeffamoota Macaafa Qulqulluu tajaajiltoota Waaqayyoo addunyaa maratti argamaniif qophaa’an kaanirratti ibsamanii wajjin qixxee nan adeemaa?’

MICHOOTA KEESSAN OGUMMAADHAAN FILADHAA

7, 8. (a) Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa balaa akkamiitu mudatee ture? (b) Yeroo har’aa Kiristiyaanota dhugaatiif wanti balaa cimaa ta’u maalidha?

7 Kiristiyaanotarra balaan kan ga’u, gantootaafi barumsa isaan barsiisan qofarraa akka hin taane beekamaadha. Phaawulos, “Horii jaallachuun hundee wanti hamaan hundinuu irraa latuu dha; namoonni gar tokko yaada isaanii horii argachuu irra kaa’atanii, amanticha irraa badaniiru, waraansa baay’eedhaanis of waraananiiru” jechuudhaan Ximotewosiif barreesseera. (1 Xim. 6:10) Dhugumayyuu, “hojiin foonii” balaadhaaf nu saaxiluu danda’a.—Gal. 5:19-21.

8 Haata’u malee, Phaawulos, Kiristiyaanonni Tasaloniiqee yaada namoonni “ergamoota sobaa” ta’an dubbataniin akka hin gowwoomfamne kan isaan akeekkachiise maaliif akka ta’e hubachuun ni danda’ama. Namoonni “dubbii dhugaa jal’isuudhaan amantoota garagalchanii of duukaa buusan” isaan gidduu jiru turan. (2 Qor. 11:4, 13; HoE. 20:30) Yeroo booda Yesus, Kiristiyaanonni gumii Efesoon, ‘namoota hamoo cal jedhanii waan hin dhiisneef’ isaan galateeffateera. Kiristiyaanonni sun, namoota ergamoota ofiin jedhan ‘qoranii ilaaluudhaan’ sobduu ta’uusaanii mirkaneessaniiru. (Mul. 2:2) Kan nama gammachiisu, Phaawulos ergaasaa isa lammaffaa gumii Tasaloniiqeetiif barreesserratti, ‘Ammas obboloota nana, isin keessaa nama hojjechuu dhiisee dhibaa’ummaatti jiraatuttii hidhata akka hiikkattan, maqaa gooftaa keenya Yesus Kristosiin isin in abboomna’ isaaniin jedheera. Achiis waa’ee Kiristiyaanota ‘hojii hojjechuu hin barbaannee’ dubbateera. (2 Tas. 3:6, 10) Namoota dhibaa’oo ta’anirraa fagaachuun barbaachisaa erga ta’ee, warra amala gantummaa argisiisuu jalqabanirraa fagaachuun caalaatti barbaachisaa mitii? Dhugumayyuu, bara sanattis ta’e yeroo har’aatti, namoota akkasii wajjin michoomuun balaa guddaa waan geessisuuf, isaanirraa fagaachuun barbaachisaadha.​—Fak. 13:20.

9. Namni tokko warra kaan ceepha’uudhaan ykn yaada Macaafa Qulqulluu keessatti hin ibsamne dubbachuudhaan nu dogoggorsuuf yoo yaale of eeggachuu kan qabnu maaliifi?

9 Guyyaa rakkinni guddaan itti eegaluufi sirni hamaan kun itti badutti baay’ee dhihaachaa waan jirruuf, akeekkachiisni jaarraa jalqabaatti kenname kun caalaatti nu barbaachisa. Kaayyoo Yihowaa akka laayyootti ilaaluudhaan jireenya barabaraa isa lafarratti ykn samiirratti argannu “dhabuu” (NW) hin barbaannu. (2 Qor. 6:1) Kanaaf, namni yeroo hundumaa nuu wajjin walga’iirratti hirmaatu tokko, warra kaan ceepha’uudhaan ykn yaada Macaafa Qulqulluu keessatti hin ibsamne dubbachuudhaan nu dogoggorsuuf yoo yaale of eeggannoo gochuu qabna.​—2 Tas. 3:13-15.

‘BARSIISA NURRAA ISINITTI DARBETTI QABAMAA JIRAADHAA’

10. Kiristiyaanonni Tasaloniiqee, barsiisa warra kaanirraa isaanitti darbe kamitti qabamanii akka jiraatan jajjabeeffaman?

10 Phaawulos obboloonnisaa Tasaloniiqee keessa turan ‘jabaatanii akka dhaabataniifi’ wanta baratanitti qabamanii akka jiraatan isaan jajjabeesseera. (2 Tasaloniiqee 2:15 dubbisi.) Barsiisni ‘warra kaanirraa isaanitti’ darbe maal ture? Barumsa amantii sobaa warra akka faayida qabeessaatti ilaalamaniifi Macaafa Qulqulluurratti kan hundaa’an akka ta’anitti dubbataman miti. Kanaa mannaa, waa’ee barumsa inniifi warri kaan Yesusirraa fudhatan, akkasumas barumsa Waaqayyo Phaawulositti fayyadamuudhaan dubbateefi kutaa Caaffata Qulqullaa’oo ta’ee dubbachuusaa ture. Phaawulos Kiristiyaanota gumii Qorontos keessa turaniin, “Waan hundumaatti waan na yaadattaniif, barsiisa ani isin barsiisetti qabamtanii waan jirtaniif, isin nan jaja” jedheera. (1 Qor. 11:2) Maddi barumsa akkasii amanamaa waan ta’eef, itti amanamuun ni danda’ama.

11. Namni tokko karaawwan kamiin gowwoomfamuu danda’a?

11 Phaawulos ergaa warra Ibrootaatiif barreesserratti, karaawwan lamaan Kiristiyaanni tokko amantiinsaa itti baduufi ejjennoonsaa itti laafuu danda’u ibseera. (Ibroota 2:1; 3:12 dubbisi.) Caqasa kanarratti, waa’ee Yihowaarraa ‘goruufi’ isarraa ‘garagaluu’ dubbateera. Bidiruun tokko qarqara galaanaarraa goraa akka jiru jalqabarratti hubachuun rakkisaa ta’uu danda’a. Haata’u malee suuta suuta fagaachaa deema. Karaa garabiraammoo, namni qarqara galaanaarraa bidiruusaa gara walakkaatti dhiibu ofumasaatii bidiruun sun akka qarqararraa fagaatu gochaa jira. Fakkeenyi kun lamaan haala namni amanannaa inni dhugaarratti qabu akka laafu heyyamuudhaan gowwoomfame tokko keessa jiru akka gaariitti kan ibsudha.

12. Yeroo har’aa wantoonni karaa hafuuraa nu miidhuu danda’an maalfa’i?

12 Haalli obboloota Tasaloniiqee keessa jiraatan tokko tokko mudatee ture kana ta’uu danda’a. Yeroo har’aas wantoonni yeroo keenya qisaasessan hedduun jiru. Intarneetii ykn meeshaalee elektirooniksiitti fayyadamuudhaan ergaa dubbisuu ykn erguurratti, bashannana daangaa hin qabne, akkasumas qophii ispoortii garaagaraa yeroo hundumaa hordofuudhaan sa’aatiin hammamii akka badu mee yaadaa! Wantoonni kun hundi yaada Kiristiyaana tokkoo hihhiruu ykn hinaaffaan inni qabu akka laafu gochuu danda’u. Kunoo miidhaa akkamii geessisa? Namni akkasii, kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuu, Dubbii Waaqayyoo qayyabachuu, walga’iirratti argamuufi misiraachicha labsuu dagachuu danda’a. Maarree, yaadni keenya dafee akka hin raafamne gochuu kan dandeenyu akkamitti?

EEGUMSA YAADNI KEENYA AKKA HIN RAAFAMNEEF NUU GODHAMU

13. Akkuma raajiidhaan dubbatametti, ilaalchi namoonni baay’een qaban maalidha? Amantiin keenya akka hin laafne wanti nu gargaaruu danda’uhoo maalidha?

13 Yeroo akkamii keessa jiraachaa akka jirru, akkasumas namoota “guyyoota gara dhumaa” keessa akka jirru hin amannee wajjin michoomuun miidhaa akkamii akka qabu hubachuu qabna. Phexros ergamaan yeroo keessa jirru ilaalchisee akkas jedheera: “Ga’iftoonni akka kajeellaa foon isaaniitti jiraatan ka’uuf akka jiran, duraan dursaatii beekaa! Isaan isinitti ga’isuudhaaf, ‘Deebi’ee dhufuun isaa abdachiifamee ture mitii? Meerree kan raawwatame ree? Erga abboonni keenya iyyuu du’anii, wanti hundinuus akkuma yeroo biyyi lafaa uumametti hafee in jiraata’ in jedhu.” (2 Phe. 3:3, 4) Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuufi qayyabachuun keenya, “guyyoota gara dhumaa” keessa akka jirru hubachuuf nu gargaara. Gantummaan raajiidhaan dubbatame bara dheeraa dura kan mul’ate si’a ta’u, hanga har’aattis itti fufeera. “Inni hamaan seera malee jiraatu” tajaajiltoota Waaqayyoo mormuusaa itti fufeera. Kanaaf, yeroo guyyaa Yihowaatti dhihaachaa jirru kanatti, yeroo kamiyyuu caalaa dammaqoo ta’uun keenya barbaachisaadha.​—Sef. 1:7.

Sirriitti qophaa’uudhaan tajaajilarratti hirmaachuun yaadni keenya dafee akka hin raafamne eeguuf nu gargaara (Keeyyata 14⁠fi 15 ilaali)

14. Tajaajilarratti yeroo hunda hirmaachuun eegumsa kan nuuf ta’u akkamitti?

14 Muuxannoon akka argisiisutti, karaan inni guddaan dammaqoo ta’uufi yaadni keenya dafee akka hin raafamne eeguuf nu gargaaru hojii misiraachoo Mootummichaa lallabuurratti yeroo hunda hirmaachuudha. Yesus Kiristos inni Mataa gumii Kiristiyaanaa ta’e, duuka buutonnisaa saba hundumaa bartoota akka godhan, akkasumas wanta inni barsiise eeguu akka isaan barsiisan isaanitti himuudhaan gorsa eegumsa isaaniif godhu kenneeraaf. (Mat. 28:19, 20) Qajeelfamasaa kana hojiirra oolchuun keenya, hojii lallabaarratti hinaaffaadhaan hirmaachuuf nu gargaara. Obboloonni keenya gumii Tasaloniiqee keessa turan, hojii lallabaa akkuma hojii isa kaaniitti ilaaluudhaan maqumaaf qofa lallabaa akka turan yaaduun ulfaataa mitii? Phaawulos, “Hafuura qulqulluu hin ukaamsinaa! Wanta Waaqayyo namatti mul’isee himsiisu hin tuffatinaa!” isaaniin jechuusaa hin dagatinaa. (1 Tas. 5:19, 20) Raajiiwwan nuti qayyabannuufi namootaaf lallabnu baay’ee kan nama gammachiisanidha!

15. Waaqeffannaa maatiirratti waa’ee maaliifaa mari’achuu dandeenya?

15 Maatiin keenya dandeettii tajaajilaasaanii akka fooyyeffatan gargaaruu akka barbaannu ifadha. Obboloonni baay’een, karaa kana gochuun itti danda’amu keessaa inni tokko, tajaajilaaf qophaa’uun kutaa waaqeffannaa maatiisaanii keessaa isa tokko akka ta’u gochuu ta’uusaa hubataniiru. Isinis miseensonni maatii keessan deddeebii gaaffii gochuu kan danda’an akkamitti akka ta’e mari’achuu ni dandeessu. Deddeebii gaaffii gochuuf yommuu deeman waa’ee maalii kaasuu danda’u? Matadureen mareen keessan akka itti fufu gochuu danda’u isa kami? Yeroo kamitti deebitanii utuu deemtanii wayya? Maatiiwwan hedduun, barumsawwan walga’ii gumiirratti kennaman qophaa’uu kutaa waaqeffannaa maatiisaanii godhaniiru. Isinoo gumiirratti caalaatti hirmaannaa gochuuf qophaa’uu ni dandeessuu? Hirmaannaan isin gootan, amantii keessan kan cimsu ta’uusaarrayyuu, yaadni keessan dafee akka hin raafamne of eeguuf isin gargaara. (Far. 35:18) Eeyyee, waaqeffannaa maatiirratti hirmaachuun yaada tilmaamaafi shakkiirraa nu eega.

16. Kiristiyaanonni dibamoon dandeettii yaaduusaanii eeggachuuf kan isaan kakaasu maalidha?

16 Yihowaan waggoota hedduudhaaf sabnisaa raajiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman akka hubatan gochuudhaan akkamitti akka isaan eebbise xiinxaluun keenya, eebba gara fuulduraatti argannurratti amananna guddaa qabaachuuf nu gargaara. Kiristiyaanonni dibamoon gara fuulduraatti Kiristosii wajjin samiirra jiraatu. Kanaaf, dandeettii yaaduusaanii eeggachuunsaanii baay’ee barbaachisaadha! Yaanni Phaawulos warra Tasaloniiqeetiif barreesseefi akkas jedhu isaaniifis ni hojjeta: “Obboloota warra gooftaadhaan jaallatamtanii, hafuuraan qulqulleeffamuudhaan, dhugichattis amanuudhaan . . . Waaqayyo . . . waan isin fo’ateef, nuyi waa’ee keessaniif yeroo hundumaa Waaqayyoon galateeffachuun nuuf in ta’a.”​—2 Tas. 2:13.

17. Yaada 2 Tasaloniiqee 3:1-5⁠rra jirurraa jajjabina akkamii argatte?

17 Namoonni barabaraaf lafarra jiraachuuf abdatanis yaannisaanii dafee akka hin raafamne of eeggachuu qabu. Abdii barabaraaf lafarra jiraachuu qabda yoo ta’e, yaada nama jajjabeessuufi Phaawulos Kiristiyaanota dibamoo Tasaloniiqee jiraataniif barreesse qalbeeffadhu. (2 Tasaloniiqee 3:1-5 dubbisi.) Hundi keenya yaada jaalalarratti hundaa’e kanaaf xiyyeeffannaa kennuu qabna. Eeyyee, ergaan warra Tasaloniiqeetiif barreeffame, yaada tilmaamaa ykn yaada shakkii uumu kaasuu ilaalchisee akeekkachiisa cimaa qabateera. Guyyoota gara dhumaatti baay’ee dhihaachaa waan jirruuf, akeekkachiisa Kiristiyaanota yeroo har’aa jiraniif kenname kanaaf iddoo guddaa kennuu qabna.

^ key. 6 Phaawulos, Hojii Ergamootaa 20:29, 30⁠rratti, gumii Kiristiyaanaa keessaa, ‘namoonni dubbii dhugaa jal’isuudhaan amantoota garagalchanii of duukaa buusan akka ka’an’ dubbateera. Yeroo booda, warra gumii keessatti itti gaafatamummaa qabaniifi miseensota gumii gidduutti garaagarummaan uumamuu jalqabe. Dh.K.B. jaarraa sadaffaatti, “inni hamaan seera malee jiraatu,” jechuunis gareen geggeessitoota amantii Saba Kiristiyaanaa ifa ba’e.—Masaraa Eegumsaa, Guraandhala 1, 1990, fuula 10-14 ilaali. (Ingiliffa)