MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Guraandhala 2014

Maxxansi kun wantoota nama gammachiisaniifi Faarfannaa 45⁠rra jiran ibsa. Akkasumas Yihowaan Waaqa wanta nu barbaachisu nuu guutu, Waaqa nu eeguufi Michuu keenya isa gaarii akka taʼe nu hubachiisa.

Kiristos Mootichaaf Ulfina Kennaa!

Wantoonni nama gammachiisaniifi Faarfannaa 45⁠rratti caqasaman nuuf hiika akkamii qabu?

Cidha Hoolichaatti Gammadaa!

Misirroon eenyudha? Kiristos misirroo kana cidhaaf qopheessaa kan jiru akkamitti? Yeroo cidhaatti kan gammadan eenyufaʼi?

Amantiin Haati Hiyyeessaa Mandara Saraaphtaa Argisiiste Ishee Kiiseera

Mucaan haadha hiyyeessaa mandara Saraaphtaa duʼaa kaʼuunsaa wantoota amantiinshee akka cimu godhan keessaa isa tokkodha. Seenaasheerraa maal baranna?

Yihowaa—Waaqa Wanta Nu Barbaachisu Nuu Qopheessuufi Nu Eegu

Yihowaa Abbaa keenya isa samii dinqisiifadhu. Hariiroo Waaqa wanta nu barbaachisu nuu qopheessuufi nu eegu kanaa wajjin qabdu cimsachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.

Yihowaa—Michuu Keenya Isa Gaarii

Waaʼee Abrahaamiifi Giidewon warra michuu Waaqayyoo turanii baradhu. Michuu Yihowaa taʼuuf maaltu nurraa eegama?

Gaaffii Dubbistootaa

Yihudoonni jaarraa jalqabaa Masiihicha “eeggachaa” kan turan maalirratti hundaaʼaniiti?

‘Gaarummaa Waaqayyo Hojjetu Ilaali’

Mootii Israaʼel durii kan taʼe Daawit qophii Waaqayyo waaqeffannaa dhugaatiif godhe dinqisiifateera. Yeroo harʼaa, waaqeffannaa dhugaatti gammaduu kan dandeenyu akkamitti?

KUUSAA KEENYA KEESSAA

Seenaa Amantii Waggaa 100 Lakkoofsise

Fiilmiin ‘Footoo Diraamaa oov Kiriʼeeshin’ jedhamu barana waggaa 100 kan guutu siʼa taʼu, kaayyoonsaa amantii namoonni Macaafa Qulqulluurratti qaban cimsuu ture.