Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Cidha Hoolichaatti Gammadaa!

Cidha Hoolichaatti Gammadaa!

“Kottaa in gammannaa, in ililchinas! . . . Guyyaan gaaʼela hoolichaa gaʼeera.”​—MUL. 19:7.

1, 2. (a) Cidhi samiirratti gammachuu guddaan akka uumamu godhu kan eenyuuti? (b) Gaaffiiwwan akkamiitu kaʼa?

CIDHAAF qophaaʼuun yeroo gaafata. Haataʼu malee, mataduree kana keessatti cidha adda taʼe, jechuunis waaʼee cidha mootii tokkoo ilaalla. Cidha kanaaf gara waggaa 2,000tiif qophiin godhamaa tureera! Yeroon dhirsi misirroofi misirroonsaa gaaʼelaan tokko itti taʼan baayʼee dhihaateera. Achiis bakka Mootichi jiraatuu sagaleen gammachuu akkas jedhu ni dhagaʼama: “Haaleluyaa! Gooftaan keenya Waaqayyo, inni hundumaa dandaʼu in moʼa. Kottaa in gammannaa, in ililchinas! Maqaa isaas in guddifnaa! Guyyaan gaaʼela hoolichaa gaʼeera, misirroon isaas isaaf of qopheessiteetti!”​—Mul. 19:6, 7.

2 ‘Hoolaan’ cidhisaa samiirratti gammachuu guddaa argamsiisu Yesus Kiristosirraan kan hafe eenyuyyuu taʼuu hin dandaʼu. (Yoh. 1:29) Cidha kanarratti Mootichi uffata akkamii uffata? Misirroonsaa eenyudha? Isheenoo cidha kanaaf kan qophoofte akkamitti? Guyyaan cidha kanaa yoomidha? Cidhi kun samiirratti gammachuun akka uumamu kan godhu taʼus, namoonni abdii barabaraaf lafarra jiraachuu qaban gammachuu kanarratti ni hirmaatuu? Mee Faarfannaa 45 qoruu keenya itti fufuudhaan, deebii gaaffiiwwan kanaa xiyyeeffannaadhaan haa ilaallu.

‘UFFANNISAA URGOOFTUU DIBAMEERA’

3, 4. (a) Dhirsi misirrottii gaafa cidhasaa uffata akkamii uffata? Baayʼee akka gammadu kan isa godhu maalidha? (b) “Intaloonni moototaa” fi ‘mootittiin’ warri gammachuu dhirsa misirroorratti hirmaatan eenyufaʼi?

3 Faarfannaa 45:8, 9 dubbisi. Yesus Kiristos inni dhirsa misirroo taʼe, uffata cidhaa bakki guddaan kennamuuf uffateera. Urgaan uffatasaa, urgaa “urgooftuu” hunda caaluu, jechuunis urgaa qumbiifi qarafaa ykn solloqqee muka urgooftuu, Israaʼelitti urgooftuu dibata isa qulqullaaʼaa hojjechuuf gargaaranii wajjin tokkodha.​—Bau. 30:23-25.

4 Guyyaan cidhaa ennaa dhihaachaa deemu, sagaleen muuziqaa mana Mootummaasaa keessaa dhagaʼamu dhirsi misirroo kun baayʼee akka gammadu godha. “Mootuu,” (NW) jechuunis kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni samiis gammachuusaa kanarratti ni hirmaatu. Kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni samiirraa ergamoota qulqulloota taʼaniifi ‘intaloota moototaatti’ fakkeeffaman kan dabalatudha. Samii keessaa sagalee, “Kottaa in gammannaa, in ililchinas! . . . Guyyaan gaaʼela hoolichaa gaʼeera” jedhu dhagaʼuun baayʼee kan nama gammachiisudha.

MISIRROTTIIN CIDHAAF QOPHOOFTEETTI

5. ‘Haati manaa hoolichaa’ eenyudha?

5 Faarfannaa 45:10, 11 dubbisi. Dhirsi misirroo eenyu akka taʼe hubanneerra; haataʼu malee misirrottiin eenyudha? Misirroon kun nama tokko utuu hin taʼin, tuuta Kiristiyaanota dibamoo 144,000 kan argisiistudha. Yesus mataa gumii warra hafuuraan dibaman kanaati. (Efesoon 5:23, 24 dubbisi.) Kiristiyaanonni dibamoon kun miseensota Mootummaa Kiristos isa Masiihichaa taʼu. (Luq. 12:32) Kiristiyaanonni 144,000 taʼaniifi hafuuraan dibaman, “lafa hoolichi dhaqu hundumaatti isa duukaa” deemu. (Mul. 14:1-4) “Haadha manaa hoolichaa” taʼuudhaan bakka inni jiraatu, jechuunis gara samii dhaqanii isaa wajjin jiraatu.​—Mul. 21:9; Yoh. 14:2, 3.

6. Kiristiyaanonni dibamoon ‘intala mootii’ kan jedhaman maaliifi? ‘Namootasaanii’ akka irraanfatan kan gorfamanhoo maaliifi?

6 Misirroon kaadhimamte kun “yaa intalo” jedhamtee waamamuu malees ‘intala mootii’ jedhamteetti. (Far. 45:13) ‘Mootiin’ kun eenyudha? Kiristiyaanonni hafuuraan dibaman “ijoollee” Yihowaa taʼuuf mirga argataniiru. (Rom. 8:15-17) Dibamtoonni kun samiirratti misirroo waan taʼaniif, saba ykn ‘namootasaaniifi mana abbaasaanii [isa isaan dhalchee] akka irraanfatan’ gorfamaniiru. Yaadasaanii ‘wanta waaqarra jirutti malee, wanta lafarra jirutti hidhuu’ hin qaban.​—Qol. 3:1-4.

7. (a) Kiristos misirroo isaaf kaadhimamte qopheessaa kan ture akkamitti? (b) Misirrottiin kaadhimashee kanaaf ilaalcha akkamii qabdi?

7 Kiristos jaarraa hedduudhaaf cidha samiirratti taʼuuf misirroosaa kaadhimamte qopheessaa tureera. Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan waaʼee Kiristos ibseera: ‘Kristos waldaa Kristiyaanaa jaallateera, waldaadhaafis dabarsee of kenneera. Waldaan Kristiyaanaa Waaqayyo biratti fudhatamtuu akka taatutti, Kristos karaa dubbiisaa bishaaniin dhiquudhaan ishee in qulleessa. Waldaas xuriifi dirmammuun, wanti kana fakkaatus utuu irratti hin argamin fudhatamtuu mudaa hin qabne godhee, ulfinaan of dura ishee dhaabuuf jira.’ (Efe. 5:25-27) Phaawulos Kiristiyaanota dibamoo Qorontos keessa turan ilaalchisee, “Ani akka durba amanamtuutti Kristos abbaa manaa tokkichatti isin heerumsiifachuudhaaf, isin kaadhimachiisee waanan tureef, akkuma Waaqayyo hinaafu, anis isiniif nan hinaafa” jedheera. (2 Qor. 11:2) Dhirsa misirrottii kan taʼe Yesus Kiristos, ‘miidhagina’ hafuuraa misirroo isaaf kaadhimamte kanaa ni dinqisiifata. Misirrottiin Kiristosiin akka ‘gooftaasheetti’ ilaalti; akkasumas abbaa manaashee gara fuulduraa waan taʼeef ‘ulfina isaaf kenniti.’

MISIRROTTIIN ‘GARA MOOTICHAATTI GEEFFAMTE’

8. Misirrottiin akka ‘kuulamte’ ibsamuunsaa sirrii kan taʼe maaliifi?

8 Faarfannaa 45:13, 14a dubbisi. Misirrottiin ‘kuulamtee’ cidha mootichaatiif qophoofteetti. Mulʼata 21:2⁠rratti misirrottiin magaalaa Yerusaalem Haaraafi ‘misirroo dhirsasheetiif kuulamtetti’ fakkeeffamteetti. Magaalaan samiirra jirtu kun, “ulfina Waaqayyoo” kan qabdu yommuu taʼu, “calaqqisi ishees akka dhagaa baayʼee gati-jabeessaa, akka Yaasphis, qullaaʼaa akka cabbii tis.” (Mul. 21:10, 11) Bareedinni dinqisiisaan Yerusaalem Haaraan qabdu, Macaafa Mulʼataa keessatti haala nama hawwatuun ibsameera. (Mul. 21:18-21) Kanaaf faarfatichi, misirrottiin akka ‘kuulamte’ ibsuunsaa sirriidha. Kanarrayyuummoo, cidhi mootichaa kan geggeeffamu samiirrattidha.

9. ‘Mootiin’ misirrottiin itti geeffamtu eenyudha? Uffata akkamii uffatteetti?

9 Misirrottiin kan geeffamte gara dhirsa misirroo, jechuunis gara Mooticha isa Masiihii taʼeettidha. Yesus, ‘karaa dubbiisaa bishaaniin dhiqee qulleessuudhaan’ ishee qopheessaa tureera. Kanaaf, misirrottiin ‘xuriifi mudaa hin qabdu.’ (Efe. 5:26, 27) Kana malees, misirrottiin uffata cidhichaaf taʼu uffachuu qabdi. Dhugumasimmoo uffata akkasii uffatteetti! ‘Uffata warqeedhaan kuulame uffatteetti,’ akkasumas “uffata ishee isa kuula baayʼee qabuun gara mootichaatti in geeffamti.” Cidha Hoolichaatiif, “uffata quncee talbaa irraa hojjetame, calaqqisaa fi qullaaʼaa uffachuun isheedhaaf kennameera . . . uffanni quncee talbaa sunis hojii warra Waaqayyoof qulqullaaʼanii isa qajeelaa dha.”​—Mul. 19:8.

‘GUYYAAN GAAʼELICHAA GAʼEERA’

10. Cidhi Hoolichaa kan geggeeffamu yoomidha?

10 Mulʼata 19:7 dubbisi. Cidhi Hoolichaa yoom geggeeffama? ‘Misirrottiin kan of qopheessite’ taʼus, yaanni itti fufuudhaan caqasame cidhichi yoom akka geggeeffamu hin ibsu. Kanaa mannaa, waaʼee xumura rakkina guddaa akka gaariitti addeessa. (Mul. 19:11-21) Kana jechuun guyyaan cidhichaa, Mootichi dhirsa misirroo taʼe injifannoo argachuusaa dura geggeeffama jechuudhaa? Lakki! Mulʼatawwan macaafa Mulʼataa keessatti caqasaman duraa duuba itti raawwatamaniin hin barreeffamne. Faarfannaa 45⁠rratti yaadni waaʼee cidha Mootichaa ibsu kan caqasame, Yesus Kiristos Mootichi billaasaa mudhiitti hidhatee ‘injifannoodhaaf akka baʼu’ erga caqasamee boodadha.​Far. 45:3, 4.

11. Duraa duuba Kiristos injifannoosaa itti xumuru ibsi.

11 Kanaaf, duraa duuba wantoota raawwatamanii akka armaan gadiitti kaaʼuu dandeenya: Jalqabarratti, “ejjituu ishee guddittii,” jechuunis Baabilon Guddittii ishee bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraa taaterratti tarkaanfiin ni fudhatama. (Mul. 17:1, 5, 16, 17; 19:1, 2) Achiis, Kiristos ‘guyyaa isa guddicha kan Waaqayyoo hundumaa dandaʼuutti,’ jechuunis Armaagedoonitti sirna Seexanaa isa hamaa balleessuudhaan murtoo Waaqayyoo isaanirratti raawwata. (Mul. 16:14-16; 19:19-21) Dhumarratti, Mootichi inni Goota taʼe Seexanniifi hafuuronni hamoon sochii tokkollee gochuu akka hin dandeenyetti iddoo isa lafa jalaatti darbachuudhaan injifannoosaa xumura.​—Mul. 20:1-3.

12, 13. (a) Cidhi Hoolichaa kan geggeeffamu yoomidha? (b) Cidha Hoolichaa ilaalchisee samiirratti kan gammadan eenyufaʼi?

12 Kiristos yommuu argamutti Kiristiyaanonni dibamoon jireenyasaanii isa lafarraa akkuma xumuraniin duʼaa kaʼanii gara samii dhaqu. Baabilon Guddittiin balleeffamtee yeroo muraasa booda, Yesus miseensota misirrottii warra hafan hunda gara samiitti sassaaba. (1 Tas. 4:16, 17) Kanaaf waraanni Armaagedoon jalqabuusaa dura, miseensonni ‘misirrottii’ hundi gara samii dhaqu. Cidhi Hoolichaa kan geggeeffamu waraanicha boodadha. Cidhi kun baayʼee gammachiisaa taʼa! Mulʼanni 19:9, “Warri gara cidha gaaʼela hoolichaatti waamaman haa gammadan!” jedha. Dhugumayyuu miseensonni misirrottii 144,000 taʼan baayʼee gammadu. Mootichi dhirsa misirroo taʼe, namoonni isaa wajjin bulchaniifi akka fakkeenyaatti ‘Mootummaa isaatti maaddiisaarraa nyaataniifi dhugan’ hundi walitti qabamuusaaniitti ni gammada. (Luq. 22:18, 28-30) Haataʼu malee, cidha Hoolichaatti kan gammadan dhirsa misirrottiifi misirroosaa qofa miti.

13 Akkuma olitti ilaalle, uumamawwan samiirraa tokkummaadhaan, “Kottaa in gammannaa, in ililchinas! Maqaa isaas [Waaqayyoo] in guddifnaa! Guyyaan gaaʼela hoolichaa gaʼeera, misirroon isaas isaaf of qopheessiteetti!” jechuudhaan faarfatu. (Mul. 19:6, 7) Haataʼu malee, waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa lafarra jiraniihoo maal jechuutu dandaʼama? Gammachuu guddaa kanarratti hirmaachuu ni dandaʼuu?

‘ILILLEEDHAAN OL GALU’

14. Akkuma Faarfannaa 45⁠rratti ibsame “durboonni” misirrottii wajjin tokkummaa uuman eenyudha?

14 Faarfannaa 45:12, 14b, 15 dubbisi. Zakaariyaas raajichi guyyaa dhumaatti saboonni garaagaraa gammachuudhaan Israaʼel hafuuraa lafarra jiranii wajjin akka taʼan raajii dubbateera. Akkas jechuudhaan barreesseera: “Guyyaa sanatti saba afaan garaa garaa dubbatan hundumaa keessaa namoonni kudhan fiixee uffata nama Yihudii tokko qabanii, ‘Waaqayyo sii wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuyis sii wajjin achi in dhaqna’ in jedhu.” (Zak. 8:23) Namoonni akka fakkeenyaatti, ‘namoota kudhan’ jedhamanii ibsaman kun, Faarfannaa 45:12⁠rratti, ‘intala Xiiros’ (hiika bara 1899) akkasumas, ‘sooressoota’ jedhamanii waamamaniiru. Jarri kun Kiristiyaanota dibamoo duratti fudhatama argachuuf, akkasumas karaa hafuuraa gargaarsasaanii argachuuf kennaa fuudhanii garasaanii dhaqu. Bara 1935 kaasee, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman dibamtoonni lafarra jiran ‘gara qajeelinaatti akka isaan deebisaniif’ fedhiidhaan of dhiheessaniiru. (Dan. 12:3) Namoonni amanamoon Kiristiyaanota dibamoo wajjin tokkummaadhaan hojjetan kun, akkaataa jireenyaasaanii qulqulleessuudhaan karaa hafuuraa ‘durboota’ taʼaniiru. “Durboonni” misirrottii geggeessan kun, Yihowaadhaaf of murteessuudhaan Mooticha isa dhirsa misirroo taʼe jalatti buluuf of dhiheessaniiru.

15. ‘Durboonni misirrottii geggeessan’ miseensota misirrottii lafarra jiranii wajjin hojjechaa kan jiran akkamitti?

15 Miseensonni kutaa misirrottii lafarra jiran, gumaacha ‘durboonni’ kun ‘wangeela mootummaa’ hanga andaara lafaatti hinaaffaadhaan lallabuudhaan godhaniif isaan galateeffatu. (Mat. 24:14) “Kottu” jechaa kan jiran ‘hafuurichaafi misirrottii’ qofa utuu hin taʼin, namoonni dhagaʼanis “Kottu” jechaa jiru. (Mul. 22:17) Eeyyee, ‘hoolonni kan biraan’ dibamtoonni miseensa misirrottii taʼan “Kottu” yommuu jedhan dhagaʼuudhaan isaanis misirrottii wajjin namoota addunyaarra jiraniin ‘Kottaa’ jechaa jiru.​—Yoh. 10:16.

16. Yihowaan hoolota kan biraatiif mirga akkamii kenne?

16 Dibamtoonni lafarra jiran namoota isaanii wajjin hojjetan baayʼee jaallatu. Yihowaan inni Abbaa dhirsa misirrottii taʼe, hoolonni kan biraan lafarra jiraatan cidha Hoolichaa samiirratti geggeeffamurratti akka hirmaatan mirga akka kenneef beekuunsaaniis isaan gammachiisa. “Durboonni” kun, ‘gammachuufi ililleedhaan akka dhufan’ raajiidhaan dubbatameera. Eeyyee, hoolonni kan biraan barabaraaf lafarra jiraachuuf abdii qaban, gammachuu uumama cufa keessatti yommuu cidhi Hoolichaa geggeeffamu taʼurratti ni hirmaatu. Kanaaf macaafni Mulʼataa, miseensonni “tuuta sonaan baayʼee” ‘teessicha dura hoolicha duras dhaabatanii akka jiran’ ibsuunsaa sirriidha. Namoonni kun godoo qulqullaaʼaa hafuuraa isa lafarratti argamu keessatti tajaajila qulqulluu Yihowaadhaaf dhiheessu.​—Mul. 7:9, 15.

Cidhi Hoolichaa ‘durboota misirrottii geggeessaniif’ gammachuu ni argamsiisa (Keeyyata 16 ilaali)

“ILMAAN KEE IDDOO ABBOOTA KEE IN BUʼU”

17, 18. Cidhi Hoolichaa addunyaa haaraa keessatti buʼaa kan argamsiisu akkamitti? Kiristos Bulchiinsa Barkumee keessatti eenyufaʼiif abbaa taʼa?

17 Faarfannaa 45:16 dubbisi. “Durboonni” misirroo Kiristos geggeessan, buʼaa cidhi sun addunyaa haaraa keessatti argamsiisu yommuu argan ni gammadu. Mootichi dhirsa misirroo taʼe xiyyeeffannaasaa gara lafaatti deebisuudhaan, ‘abbootiisaa’ warra lafarra turaniifi gara fuulduraatti ‘ilmaansaa’ taʼan duʼaa kaasa. (Yoh. 5:25-29; Ibr. 11:35) Yesus, namoota duʼaa kaasu kana keessaa muraasnisaanii ‘lafa hundumaatti akka biyya moʼaniif’ isaan muuda. Kiristos, jaarsolii gumii amanamoo taʼaniifi yeroo harʼaa jiran keessaa tokko tokko, addunyaa haaraa keessatti geggeessitoota akka taʼan akka muudu hin shakkisiisu.—Isa. 32:1.

18 Kiristos, Bulchiinsa Barkumee keessatti, namoota kaaniifis abbaa ni taʼa. Namoonni lafarratti argamaniifi jireenyi barabaraa isaaniif malu hundi, furii Yesusirratti amantaa akka qaban waan argisiisaniif, mirga kana ni argatu. (Yoh. 3:16) Kiristos isaaniifis “abbaa bara baraa” taʼa.​—Isa. 9:6, 7.

‘MAQAANSAA AKKA BEEKAMU GOCHUUF’ KAKAʼUU

19, 20. Wantoonni nama gammachiisaniifi faarfannaa 45⁠ffaarratti ibsaman Kiristiyaanota hunda kan ilaallatan akkamitti?

19 Faarfannaa 45:1, 17 dubbisi. Wantoonni Faarfannaa 45⁠ffaarratti ibsaman Kiristiyaanota hunda kan ilaallatanidha. Kiristiyaanonni dibamoon lafarra jiran, yeroo obbolootasaaniifi dhirsa misirroo wajjin samii keessa jiraachuuf itti deeman hawwiidhaan eeggatu. Hoolonni kan biraanis isa yeroo kamiiyyuu caalaa Mootiisaanii isa ulfina qabeessa taʼeef ni bulu; mirga miseensota misirrottii kaan faana lafarra jiraachuuf argatanis ni dinqisiifatu. Kiristosiifi warri isa faana bulchan, cidha sana booda, namoota lafarra jiran hundaaf eebba hammana hin jedhamne argamsiisu.—Mul. 7:17; 21:1-4.

20 Masiihii isa Mootii taʼee wajjin haala wal qabateen, gara fuulduraatti ‘wanti gaariin’ akka raawwatamu yommuu eeggannu kanatti, ‘maqaasaa akka yaadatan gochuuf [‘beeksisuuf,’ NW]’ haa kakaanu. Namoota ‘barabaraan mooticha jajatan’ keessaas tokko haa taanu.