Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Gaarummaa Waaqayyo Hojjetu Ilaali’

‘Gaarummaa Waaqayyo Hojjetu Ilaali’

Haalawwan gaddisiisaa taʼan dhiibbaa gadhee nurratti geessisuu dandaʼu. Yaada keenya toʼachuu, humna keenya laaffisuufi ilaalcha jireenyaaf qabnu nu jalaa balleessuu dandaʼu. Mootii Israaʼel durii kan taʼe Daawit haalawwan rakkisaa taʼan hedduun isa mudatanii turan. Haalawwan rakkisaa taʼan sana keessa darbuu kan dandaʼe akkamitti? Daawit gaaffii kanaaf deebii yommuu kennu akkas jedheera: “Ani sagalee koo ol fuudhee gara Waaqayyootti nan iyyadha, Waaqayyo akka anatti araaramuuf sagalee kootiin nan kadhadha! Ani dhibee koo isa duratti nan dhangalaasa, rakkina koos isa duratti nan himadha! Hafuurri koo yeroo ana keessatti laafu, ati gara ani itti adeemu in beekta!” Eeyyee, Daawit gargaarsa Yihowaa argachuuf gad of deebisuudhaan kadhateera.​—Far. 142:1-3.

Daawit haala rakkisaa taʼe keessatti gargaarsa Yihowaa argachuuf gad of deebisuudhaan kadhateera

Daawit faarfannaa garabiraarratti akkas jedheera: “Ani Waaqayyoon waan tokkicha nan kadhadha, isas argachuu nan barbaada; innis, bara jireenya koo hundumaa mana Waaqayyoo keessa jiraachuu, gaarummaa Waaqayyo hojjetu ilaaluu, mana qulqullummaa isaa keessattis isa yaadachuu [“mana qulqullummaasaas dinqisiifannaadhaan ilaaluu,” NW] dha.” (Far. 27:4) Daawit gosa Lewwii miti; haataʼu malee, oobdii godoo qulqullaaʼaa ala dhaabatee akka jirutti isa yaadi. Garaansaa galateeffannaadhaan waan guutameef, jireenyasaa guutuu achitti dabarsuufi “gaarummaa Waaqayyo hojjetu ilaaluu” barbaadee ture.

Jechi “gaarummaa” jedhu, amala ‘yaadaafi miira namaatti tolu qabaachuu’ wajjin walitti dhufeenya kan qabudha. Daawit qophii Waaqayyo waaqeffannaa dhugaatiif godhe yeroo hunda ni dinqisiifata ture. Kanaaf, ‘Anoo akkuma Daawit natti dhagaʼamaa?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha.

QOPHIIWWAN WAAQAYYO GODHE ‘DINQISIIFADHU’

Yeroo harʼaa, qophiin Yihowaan akka isatti dhihaannuuf godhe bakka ijaan argamuufi dhaabbataa taʼe tokkotti qofa kan raawwatamu miti. Kanaa mannaa, mana qulqullummaa hafuuraa, jechuunis qophii waaqeffannaa dhugaatiif godhame kan dabalatudha. * Qophiiwwan hafuuraa Yihowaan godhe ‘ni dinqisiifanna’ taanaan, “gaarummaa Waaqayyo hojjetu ilaaluu” ni dandeenya.

Waaʼee iddoo aarsaa sibiila boorrajjiirraa hojjetameefi balbala godoo qulqullaaʼaa dura turee yaadi. (Bau. 38:1, 2; 40:6) Iddoon aarsaa sun, Waaqayyo aarsaa Yesus dhiheesse fudhachuuf fedhii akka qabu kan argisiisudha. (Ibr. 10:5-10) Kun nuuf hiika akkamii akka qabu yaadi! Phaawulos ergamaan, “Nuyi amma illee diinota utuma jirruu, duʼa ilma isaatiin Waaqayyotti [araaramneerra]” jedhee barreesseera. (Rom. 5:10) Dhiiga Yesus isa dhangalaʼerratti amantii akka qabnu kan argisiisnu yoo taʼe, eebba michuu Waaqayyoo taʼuudhaan argamu argachuu dandeenya. Kunimmoo, “Yihowaa wajjin hariiroo cimaa” qabaachuuf nu gargaara.—Far. 25:14, NW.

‘Cubbuun keenya waan nuu haxaaʼameef, Waaqayyo yeroo itti hafuurri keenya itti haareffamu nuu fideera.’ (HoE. 3:19, 20) Haalli keenya, haala nama mana hidhaa jiruufi murtoo duʼaa isarratti dabarfame utuu eeggachaa jiruu, gochasaa isa kanaan duraatti gaabbuudhaan jijjiirama guddaa godhee wajjin kan wal fakkaatudha. Abbaan alangaa gara laafessa taʼe jijjiirama inni godhe yommuu argu, yakka isarratti galmeeffame isaaf balleessuudhaan, murtoo duʼaa irratti dabarfame isaaf dhiisuuf kakaʼe. Yeroo kanatti gammachuu akkamiitu isatti dhagaʼama laata? Akkuma abbaa firdii sanaa, Yihowaanis namoota yaada garaasaanii geddaratanitti gaarummaa argisiisuudhaan murtoo duʼaa isaanirratti dabarfame dhiiseeraaf.

WAAQEFFANNAA DHUGAATTI GAMMADI

Daawit gara godoo qulqullaaʼaa yommuu dhaqu, Israaʼeloota waaqeffannaadhaaf walitti qabaman, Seera dubbifamuufi ibsamu, ixaana aarfamu, akkasumas lubootaafi Lewwoota tajaajila qulqulluu dhiheessan arguu ni dandaʼa ture. (Bau. 30:34-38; Lak. 3:5-8; Kes. 31:9-12) Bifawwan waaqeffanna dhugaa Israaʼel duriitti raawwatamaa turan kun, yeroo harʼaa haala adda taʼeen raawwatamaa jiru.

Akkuma yeroo durii, harʼas ‘obboloonni walii wajjin jiraachuunsaanii, baayʼee gaariifi kan namatti toludha!’ (Far. 133:1) ‘Obbolummaan amantootaa’ addunyaa maraa haala nama dinqisiisuun guddina argisiisaa jira. (1 Phe. 2:17) Walgaʼiiwwan keenyarratti Macaafni Qulqulluun ni dubbifama, akkasumas ni ibsama. Yihowaan karaa jaarmiyaasaa sagantaawwan qajeelfama irraa argannu hedduu nuu qopheesseera. Akkasumas, nyaanni hafuuraa qayyabannaa dhuunfaafi qayyabannaa maatiirratti itti fayyadamuu dandeenyu barreeffamaan nuuf qophaaʼa. Miseensi Qaama Olaanaa tokko akkas jedheera: “Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan hiikasaarratti xiinxaluufi gadi fageenyaan hubachuuf qorannaa gochuunkoo, nama hafuuraa akkan taʼuufi gammachuu akkan qabaadhu godheera.” Eeyyee, ‘beekumsi gammachuu nuuf argamsiisuu’ dandaʼa.​—Fak. 2:10.

Yeroo harʼaa, tajaajiltoonni Yihowaa kadhannaa isa duratti fudhatama qabu guyyaa guyyaadhaan ni dhiheessu. Yihowaan kadhannaawwan akkasii, akka ixaana foolii urgaaʼaa taʼe qabuufi namatti toluutti ilaala. (Far. 141:2) Yihowaan kadhannaa nuti gad of deebisuudhaan dhiheessinutti akka gammadu beekuun keenya baayʼee nu jajjabeessa!

Museen, “Waaqayyo keenya gooftichi faara nutti haa tolu, inni hojii harka keenyaas cimsee nuuf haa dhaabu!” jechuudhaan kadhateera. (Far. 90:17) Tajaajila keenya hinaaffaadhaan ennaa raawwannu, Yihowaan hojii keenya nuuf eebbisa. (Fak. 10:22) Tarii dantaa dhabuu namootaa, dhukkuba qaamaafi miiraa ykn ariʼatama obsaan dandeenyee tajaajila keenya waggoota hedduudhaaf itti fufuudhaan namoonni tokko tokko dhugaa akka baratan gargaarreerra taʼa. (1 Tas. 2:2) Rakkoowwan olitti caqasaman jiraatanis, ‘gaarummaa Waaqayyo hojjetuufi’ Abbaan keenya inni samii carraaqqii keenyatti akka gammade jireenya keenya keessatti hin arginee?

Daawit, “Yaa Waaqayyo, ati qooda koo isa anaaf kennamee dha, ati xoofoo anaaf hiixatamee dha, gaʼaan koos si harkaa in dhufa; funyoon safaraa iddoo gammachiisaa irra anaaf buʼe” jechuudhaan Yihowaa faarfateera. (Far. 16:5, 6) Daawit “qooda” isaatiif, jechuunis walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabuuf, akkasumas mirga isa tajaajiluudhaaf argateef galateeffateera. Nuyis akkuma Daawit rakkoowwan addaddaa kan nu mudatan taʼus, eebbawwan hafuuraa hedduu arganneerra! Kanaaf, waaqeffannaa dhugaatti gammaduu keenyaafi mana qulqullummaa hafuuraa “dinqisiifannaadhaan ilaaluu” keenya itti haa fufnu.

^ key. 6 Masaraa Eegumsaa, Adoolessa 1, 1996, fuula 14-24 ilaali. (Amaariffa)