Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaa—Michuu Keenya Isa Gaarii

Yihowaa—Michuu Keenya Isa Gaarii

‘Abrahaam michuu Waaqayyoo jedhame.’​—YAQ. 2:23, hiika bara 1899.

1. Akka bifa Waaqayyootti uumamuun keenya dandeettii akkamii nuuf argamsiiseera?

YAANNI “Abbaamasaa fakkaata” jedhu baramaadha. Ijoollee baayʼeen abbaafi haadhasaanii akka fakkaatan beekamaadha. Walumaa galatti, Abbaafi haati wanta dhalootaan ijoolleesaaniitiif dabarsan qabu. Jireenya kan nuu kenne Abbaa keenya isa samii kan taʼe Yihowaadha. (Far. 36:9) Kanaaf, nuti ijoolleensaa hamma tokko isa fakkaanna. Akka bifasaatti waan uumamneef, dandeettii waa ibsuu, murteessuufi michummaa warra kaanii wajjin qabnu jabeeffachuu qabna.​—Uma. 1:26.

2. Yihowaan Michuu keenya kan taʼu maalirratti hundaaʼeeti?

2 Yihowaan michuu keenya isa gaarii taʼuu ni dandaʼa. Michummaan akkasii jaalala Waaqayyo nuuf qabuufi amantaa nuti isaafi Ilmasaarratti qabnurratti kan hundaaʼedha. Yesus, “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” jechuudhaan dubbateera. (Yoh. 3:16) Namoonni Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii uumanii turaniifi fakkeenya nuu taʼan hedduun jiru. Namoota kana keessaa lamaansaanii haa ilaallu.

“MICHUUKOO ABRAHAAM”

3, 4. Michuu Yihowaa taʼuu wajjin haala wal qabateen, garaagarummaa Abrahaamiifi sanyiisaa gidduu ture ibsi.

3 Yihowaan, Abrahaam isa abbaa saba Israaʼel taʼeen, “michuukoo” jedheera. (Isa. 41:8, hiika bara 1899) Macaafni Seenaa Baraa Inni Lammaffaa 20:7⁠s, Abrahaam michuu waaqayyoo taʼuusaa ibsa. Namni amanamaa taʼe kun Uumaasaa wajjin michummaa akkasii qabaachuu kan dandaʼe akkamitti? Amantii cimaa waan qabuuf ture.​—Uma. 15:6; Yaaqoob 2:21-23 dubbisi.

4 Sabni Israaʼel durii warri sanyii Abrahaam taʼan, jalqabarratti ijoolleefi Michuu Waaqayyoo turan. Kan nama gaddisiisu garuu, yeroo booda michummaa Waaqayyoo wajjin qaban dhabaniiru. Maaliif? Abdii Yihowaan isaaniif kennetti amanamuu waan dhiisaniifidha.

5, 6. (a) Yihowaan Michuukee kan taʼe akkamitti? (b) Gaaffiiwwan xiyyeeffannaa kennuufii qabnu kamfaʼi?

5 Waaʼee Yihowaa caalaatti yommuu barannu, amantiin isarratti qabnuufi jaalalli isaaf qabnu ni cima. Mee yeroo Waaqayyo qaama dhugumaan jiru akka taʼeefi isaa wajjin michoomuun kan dandaʼamu taʼuusaa itti barre duubatti deebinee haa yaannu. Addaam abboomamuu diduusaatiin kan kaʼe hundi keenya cubbuu dhaallee akka dhalanne baranneerra. Kanaan kan kaʼes, ilmaan namootaa hundi Waaqayyorraa akka fagaatan hubanneerra. (Qol. 1:21) Achiis, Abbaan keenya inni samii Waaqa nutti dhihoo jiruufi waaʼee keenya yaadu akka taʼe baranneerra. Waaʼee qophii furii Yesus yommuu barreefi furii kanarratti amantaa akka qabnu argisiisuu yommuu jalqabne Waaqayyoo wajjin michooma uumuu dandeenyeerra.

6 Wantoota kana duubatti deebinee erga yaannee booda akkas jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Michummaan Waaqayyoo wajjin qabu yeroodhaa gara yerootti guddifachaan jiraa? Amantaan isarratti qabu cimaadhaa? Jaalalli ani Yihowaa isa Michuukoo taʼeef qabu guddachaa jiraa?’ Namni bara duriitti Yihowaa wajjin hariiroo gaarii uumee ture kan biraanimmoo Giidewonidha. Mee fakkeenyasaa hordofuu akka dandeenyuuf waaʼeesaa haa qorru.

“NAGAAN KAN WAAQAYYOO TI”

7-9. (a) Wanti dinqisiisaan Giidewoniin mudatee ture maalidha? Buʼaansaahoo maal ture? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.) (b) Yihowaa wajjin michoomuu kan dandeenyu akkamitti?

7 Abbaa firdii kan taʼe Giidewon, Yihowaa kan tajaajile sabni Israaʼel Biyyattii Abdachiifamte erga seenanii booda siʼa taʼu, yeroo sanatti tasgabbiin biyyattii keessa hin turre. Macaafni Abbootii Firdii boqonnaan 6, ergamaan Yihowaa bakka Ofraa jedhamutti Giidewonitti akka mulʼate dubbata. Yeroo sanatti, warri Miidiyaan saba Israaʼeliin baayʼee rakkisaa turan. Giidewon callaasaa dafee dhoksuu akka dandaʼuuf, dhokatee iddoo waynii cuunfanitti qamadii dhaʼaa ture. Ergamaan sun isatti mulʼachuudhaan, “Yaa loltuu jagna nana” yommuu isaan jedhe, Giidewon baayʼee dinqisiifate. Yihowaan saba Israaʼeliin biyya Gibxii keessaa kan baase taʼus, amma isaan gargaaruuf akka jedhu matumaa hin yaadne ture. Ergamaan sun Waaqayyoon bakka buʼuudhaan, Yihowaan akka isa gargaaru Giidewoniif mirkaneesse.

8 Giidewon ‘Israaʼeloota harka warra Miidiyaan jalaa oolchuu’ kan dandaʼu akkamitti akka taʼe gaaffii itti taʼee ture. Haataʼu malee Yihowaan, “Ani sii wajjin waanan jiruuf, akka nama nama tokko rukutuutti warra Miidiyaan in rukutta” jedhee deebiseef. (Abo. 6:11-16) Giidewon shakkiin keessasaatti waan uumameef Waaqayyo mallattoo akka itti argisiisu gaafate. Haataʼu malee, gaaffiin Giidewon gaafate Waaqayyo Waaqa dhugumaan jiru taʼuusaa akka shakku kan argisiisu akka hin taane qalbeeffadhaa.

9 Wanti ittaansuudhaan raawwatame amantii Giidewon kan cimse taaʼuusaarrayyuu, caalaatti Waaqayyotti akka dhihaatu isa godheera. Giidewon nyaata qopheessee ergamaa sanaaf dhiheesse. Ergamaan Waaqayyoo ulee harkatti qabatee tureen foonicha yommuu tuqu foonichi gubatee dhume. Yeroo kanatti Giidewon ergamaa sana kan erge Waaqayyo taʼuusaa ni bare. Achiis, “Yaa Waaqayyo goftaa ko, ani ergamaa kee dura dhaabadhee ija kootiin isa argeera, anaaf wayyoo!” jedhee iyye. (Abo. 6:17-22) Haataʼu malee wanti kun Giidewon Waaqasaarraa akka fagaatu godheeraa? Matumaa! Kanaa mannaa, Giidewon Waaqayyoo wajjin nagaa akka qabu caalaatti hubateera. Maqaa iddoo aarsaa Giidewon bakka sanatti dhaabeef kennamerraa kana hubachuu ni dandeenya. Maqaan iddoo aarsaa sanaa, “Nagaan kan Waaqayyoo ti” jedhameera. (Abbootii Firdii 6:23, 24 dubbisi.) Wanta Yihowaan guyyaa guyyaadhaan nuuf godhurratti yommuu xiinxallu, Michuu dhugaa taʼuusaa ni hubanna. Yeroo hunda Waaqayyotti kadhannaa dhiheessuun, nagaa akka qabaannu godha; michummaan isaa wajjin qabnus ni cima.

‘GODOO WAAQAYYOO KEESSA EENYUTU BUUFATA?’

10. Faarfannaan 15:3, 5 akka ibsutti michuu Yihowaa taʼuuf maaltu nurraa eegama?

10 Yihowaan michuu keenya akka taʼuuf wanti nurraa barbaadamu jira. Daawit, Faarfannaa 15⁠ffaarratti, ‘godoo Waaqayyoo keessa buufachuuf,’ jechuunis michuu Waaqayyoo taʼuuf wanti nurraa barbaadamu maal akka taʼe dubbateera. (Far. 15:1) Mee ulaagaalee caqasaman keessaa lamaansaaniirratti, jechuunis maqaa namaa balleessuurraa of eeguufi amanamummaadhaan jiraachuurratti haa xiyyeeffannu. Daawit wanta nama godoo Waaqayyoo keessa jiraaturraa eegamu yommuu ibsu, “nama arraba qaratee asii fi achi hin labne . . . nama yakka hin qabne irratti gabbarsuu kan hin fudhanne” jedheera.​—Far. 15:3, 5.

11. Maqaa namaa balleessuurraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?

11 Daawit Faarfannaa kan biraarratti, ‘Arrabakee hamaarraa eegi’ jechuudhaan gorsa kenneera. (Far. 34:13) Gorsa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kana hojiirra oolchuu dhiisuun keenya Abbaa keenya isa qajeelaa taʼerraa nu fageessa. Maqaa namaa balleessuun amala Seexanaa isa diina Yihowaa taʼeeti. Jechi afaan Giriikii “Daabilos” jedhu, hiika “kan maqaa balleessu” jedhu qaba. Waaʼee namoota kaanii yeroo dubbannu of eeggachaa dubbachuun keenya, hariiroo Yihowaa wajjin qabnu eegnee jiraachuuf nu gargaara. Keessumaa ilaalcha obboloota gumii keessatti itti gaafatamummaa qabaniif qabnu ilaalchisee of eeggannoo gochuu qabna.​—Ibroota 13:17; Yihudaa 8 dubbisi.

12, 13. (a) Waan hundumaarratti amanamaa taʼuu kan qabnu maaliifi? (b) Amanamummaan keenya warra kaanirratti dhiibbaa akkamii geessisa?

12 Amanamummaan amala kan biraa tajaajiltoonni Yihowaa ittin beekamanidha. Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Nuyi karaa hundumaa waan gaarii hojjechuuf [“amanamoo taʼuudhaaf” NW] hawwa waan qabnuuf, yaadni garaa keenyaa akka nu hin ceephaane hubanneerra; isinis nuuf kadhadhaa.” (Ibr. 13:18) ‘Karaa hundumaa amanamoo taʼuudhaaf’ waan murteessineef, obboloota keenya gowwoomsuudhaan isaanitti fayyadamuurraa of eegna. Fakkeenyaaf, nu biratti qacaramanii hojjetu taanaan, akka waliigaltee keenyaatti isaan hojjechiisuufi isaanii kaffaluu qabna. Kiristiyaanota waan taaneef, hojjetoota keenyaafis taʼe namoota kaaniif amanamoo taʼuu qabna. Obboleessa hidhata amantii keenyaa taʼeef kan hojjennu yoo taʼemmoo, faayidaa ykn gargaarsa adda taʼe isarraa argachuuf yaalii gochuu hin qabnu.

13 Namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin hojjetan dinqisiifannaasaanii yeroo ibsan dhagaʼuun baramaadha. Fakkeenyaaf, geggeessaan dhaabbata ijaarsaa tokko Dhugaa Baatonni Yihowaa amanamoo taʼuusaanii waan hubateef, “Isin yeroo hunda waliigaltee seentan ni eegdu” jedheera. (Far. 15:4) Amalli akkasii hariiroo Yihowaa wajjin qabnu eeguuf nu gargaara. Hunda caalaammoo, Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼeef ulfina argamsiisa.

NAMOONNI KAAN MICHUU YIHOWAA AKKA TAʼAN GARGAARAA

Namoonni kaan michuu Yihowaa akka taʼan ni gargaarra (Keeyyata 14fi 15 ilaali)

14, 15. Tajaajila keenyarratti namoonni michuu Yihowaa akka taʼan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

14 Namoonni tajaajilarratti arginu hedduun, Waaqayyo akka jiru kan amanan taʼus, akka Michuusaaniitti isa hin ilaalan. Namoota akkasii gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Yesus duuka buutotasaa 70n * lama lama godhee tajaajilatti yoomuu erge qajeelfama inni isaaniif kenne qalbeeffadhaa! Akkas isaaniin jedhee ture: “Mana tokko yommuu lixxan, duraan dursaatii ‘Nagaan mana kanaaf haa taʼu!’ jedhaa. Achi ilmi nagaa yoo jiraate, nagaan keessan isa irra in boqota; kanaa achis nagaan keessan isiniif deebiʼa.” (Luq. 10:5, 6) Namootatti jaalala argisiisuun keenya, dhugaa akka fudhatan gochuu dandaʼa. Akkas gochuun keenya, namoonni nu morman ija diinummaatiin nu ilaaluu akka dhiisaniifi yeroo kan biraa akka nu simatan gochuu dandaʼa.

15 Namoota amantii sobaa keessa jiran ykn aadaa deggersa Macaafa Qulqulluu hin qabne hordofan yommuu arginu, jaalalaan akkasumas haala naga qabeessa taʼeen isaan qabna. Namoonni haalli addunyaa kanaa abdii isaan kutachiiseefi waaʼee Waaqa nuti waaqeffannuu baruuf fedhii qaban, walgaʼii keenyarratti akka argaman miira hoʼaadhaan isaan afeerra. Matadureen walitti aansuudhaan baʼuufi “Macaafni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira” jedhu muuxannoowwan fakkeenya taʼan hedduu qabateera.

MICHUU KEENYA ISA GAARII WAJJIN HOJJECHUU

16. Michuu Yihowaafi namoota ‘isaa wajjin hojjetan’ kan taane gama kamiinidha?

16 Yeroo baayʼee, namoonni walii wajjin hojjetan, michummaa gaarii uumuu dandaʼu. Namoonni Yihowaadhaaf of murteessan hundi, carraa michuusaa taʼuufi ‘isaa wajjin hojjechuu’ qabu. (1 Qorontos 3:9 dubbisi. *) Hojii lallabaafi bartoota gochuurratti yommuu hirmaannu, amaloota Abbaa keenya isa samii dinqisiisoo taʼan gadi fageenyaan hubanna. Hafuurri qulqulluun hojii misiraachoo labsuurratti hammam akka nu gargaarus ni hubanna.

17. Nyaanni hafuuraa walgaʼiiwwan gurguddaarratti dhihaatu, Yihowaan Michuu keenya taʼuusaa kan argisiisu akkamitti?

17 Hojii bartoota gochuurratti caalaatti yommuu hirmaannu, hammuma sana Yihowaatti ni dhihaanna. Fakkeenyaaf, Yihowaan mormitoonni hojii keenya akka nu hin dhaabsisne kan godhu akkamitti akka taʼe ni hubanna. Mee waggoota muraasa gara duubaatti deebinee haa yaadnu. Waaqayyo akkamitti nu geggeessaa akka jiru sirriitti hin hubannee? Nyaata hafuuraa yeroodhaa gara yerootti baayʼinaan nuu dhihaachaa jiru baayʼee dinqisiifanna. Walgaʼiiwwan gurguddaan Abbaan keenya inni samii rakkina keenyaafi wanta nu barbaachisu kan hubatu taʼuusaa mulʼisu. Maatiin tokko, xalayaa dinqisiifannaa walgaʼii koonyaa tokkoof qaban ibsuuf barreessanirratti, “Walgaʼichi garaa keenya tuqeera. Yihowaan tokkoon tokkoon keenya hammam akka jaallatuufi milkaaʼina akka argannu kan barbaadu taʼuusaas hubanneerra” jedhaniiru. Hiriyoonni gaaʼelaa biyya Jarman jiraatan tokkommoo, walgaʼii addaa Ayerlaanditti godhamerratti argamanii turan. Simannaafi kunuunsa yeroo kanatti isaaniif godhameef dinqisiifannaa qaban erga ibsanii booda, akkas jedhaniiru: “Hunda caalaa kan galateeffannu garuu, Yihowaafi Yesus Kiristos isa inni Mootii godhee muudedha. Isaan saba tokkummaa qabu kana keessaa tokko akka taanuuf nu afeeraniiru. Waaʼee tokkummaa dubbachuu qofa utuu hin taʼin yeroo hundumaa tokkummaa kana dhandhamaa jirra. Walgaʼii addaa Dabliin keessatti godhamee wajjin haala wal qabateen yeroon nuti dabarsine, mirga guddaa hunduma keessanii wajjin taʼuudhaan Waaqa keenya isa guddicha tajaajiluuf qabnu yeroo hunda nu yaadachiisa.”

NAMOONNI MICHUU TAʼAN WALIIN HAASAʼU

18. Yihowaa wajjin haasaʼuu ilaalchisee gaaffii akkamii of gaafachuu qabna?

18 Michummaan cimuu kan dandaʼu namoonni sun kan waliin haasaʼan yoo taʼedha. Yeroo Weeb saayitiin hawaasaafi bilbilli babalʼate kanatti, malawwan kanatti fayyadamuudhaan waliin haasaʼuufi ergaa waliif barreessuun baramaa taʼeera. Haataʼu malee, Yihowaa isa Michuu keenya taʼee wajjinoo dhuunfaadhaan waliin haasaʼaa jirraa? Yihowaan ‘Waaqa kadhata namaa dhagaʼu’ akka taʼe beekamaadha. (Far. 65:2) Haataʼu malee, isaa wajjin haasaʼuudhaaf yeroo hammamii ramadna?

19. Miira keenya Abbaa keenya isa samiitiif ibsuu yeroo dadhabnutti gargaarsa akkamii qabna?

19 Tajaajiltoonni Waaqayyoo hedduun yaada garaasaaniifi miirasaanii ibsuun isaan rakkisa. Haataʼu malee, Yihowaan kadhannaadhaan yaada garaafi miira keenya akka isaaf ibsinu barbaada. (Far. 119:145; Faru. 3:41) Miira keenya jechaan ibsuun kan nu rakkisu yoo taʼellee gargaarsa qabna. Phaawulos Kiristiyaanota Roomaatiif akkas jechuudhaan barreesseera: “Nuyi maal kadhachuun akka nuuf barbaachisu akka taʼutti hin beeknu; hafuurichi garuu aaduu isaatiin karaa namni dubbiidhaan mulʼisuu hin dandeenyeen nuuf in kadhata. Hafuurichi akka jaalala Waaqayyootti warra isaaf qulqullaaʼaniif in kadhata; Waaqayyo inni garaa namaa fonqolchu immoo, yaada hafuurichaa in beeka.” (Rom. 8:26, 27) Yaadawwan kutaa Macaafa Qulqulluu kanneen akka Iyoob, Faarfannaafi Fakkeenyaarratti caqasamanirratti xiinxaluun, miira keenya Yihowaadhaaf ibsuuf nu gargaara.

20, 21. Filiphisiiyus 4:6, 7⁠rratti yaada nama jajjabeessu akkamiitu argama?

20 Wantoonni abdii nama kutachiisan yommuu nu mudatan, gorsa Phaawulos warra Filiphisiiyusiif, “Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa!” jechuudhaan kenne hojiirra haa oolchinu. Michuu keenya isa gaarii wajjin haasaʼuun, jajjabinaafi obsa qabaachuuf nu gargaara. Phaawulos itti fufuudhaan, “Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega” kan jedhe kanaafidha. (Filp. 4:6, 7) “Nagaan Waaqayyoo” inni hundarra caalu, garaafi dandeettii yaaduu keenya waan nuu eeguuf yeroo hunda galateeffachuu qabna.

Kadhannaan michummaa Waaqayyoo wajjin qabnu kan nuuf cimsu akkamitti? (Keeyyata 21 ilaali)

21 Kadhannaan, michummaa Yihowaa wajjin qabnu cimsachuuf nu gargaara. Kanaaf, ‘ittuma fufnee’ haa kadhannu. (1 Tas. 5:17) Qayyabannaan kun, hariiroo Waaqayyoo wajjin qabnuufi murtoo ulaagaa qajeelinaasaa guunnee jiraachuuf goone kan nuuf cimsu haataʼu. Akkasumas, eebbawwan Yihowaan Abbaa, Waaqaafi Michuu keenya taʼuusaatiin argannerratti xiinxaluuf yeroo haa ramadnu.

[Miiljaleewwan]

^ key. 14 Macaafni Qulqulluun tokko tokko 70 kan jedhan yommuu taʼu, tokko tokkommoo 72 jedhu.

^ key. 16 Qorontos Isa Duraa 3:9 (hiika bara 1899): “Nu hojjettuu Waaqayyootiʼoo, isaa wajjinis in hojjenna; isin qotiisa Waaqayyooti, ijaarsa Waaqayyoo.”