Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaa—Waaqa Wanta Nu Barbaachisu Nuu Qopheessuufi Nu Eegu

Yihowaa—Waaqa Wanta Nu Barbaachisu Nuu Qopheessuufi Nu Eegu

“Sababii inni na jaallatee anatti maxxanuuf, ani isa nan oolcha; waan inni maqaa koo beekuufis, eegumsaan ol isa nan qaba.”​—FAR. 91:14.

1, 2. Haala maatiidhaanis taʼe akkaataa dhugaa itti dhageenyerratti garaagarummaa akkamii qabna?

MAATII kan hundeesse Yihowaadha. (Efe. 3:14, 15, NW) Hundi keenya kan argamne maatii tokkorraa taʼus, amalaafi akkaataa guddinaa garaagara taʼe qabna. Tarii ati ijoollummaa keetii kaasee warrakee biratti guddatte taʼa. Kaanimmoo, dhukkubaan ykn balaawwan addaddaatiin warrasaanii duʼaan dhabaniiru taʼa. Abbaafi haatisaanii eenyu akka taʼan kan hin beeknes jiru.

2 Akkaataan miseensonni maatii tokkummaadhaan Yihowaa waaqeffatan gara dhugaa itti dhufanis garaagaradha. Isin keessaa tokko tokko, warra keessanirraa seerawwan buʼuuraa Waaqayyo kenne barachuudhaan mana dhugaa keessatti guddattan taʼa. (Kes. 6:6, 7) Yookiinimmoo, namoota hedduu tajaajiltoonni Yihowaa isaaniif lallabanii dhugaa dhagaʼan keessaa tokko taʼuu dandeessu.​—Rom. 10:13-15; 1 Xim. 2:3, 4.

3. Hundi keenya wanta wal nu fakkeessu akkamii qabna?

3 Garaagarummaan akkasii yoo jiraateyyuu hundi keenya wanta wal nu fakkeessu qabna. Addaam abboomamuu diduunsaa hunda keenyarratti mudaa, cubbuufi duʼa fideera. (Rom. 5:12) Taʼus, Yihowaa waan waaqeffannuuf, “Abbaa keenya” jennee isa waamuu dandeenya. Isaayaas 64:8, yaada namoota Waaqayyo filateefi bara durii turanii ilaalchisee dubbaterratti, “Yaa Waaqayyo! Ati abbaa keenya” jedheera. Hunda caalaammoo, Yesus kadhannaa akka fakkeenyaatti barsiise kan eegale, “Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu taʼee haa eegamu” jechuudhaanidha.​—Mat. 6:9.

4, 5. Wantoota dinqisiifannaa Abbaa keenya isa samiitiif qabnu guddisuuf nu gargaaran kamfaa qorra?

4 Namoota amantiidhaan maqaasaa waamnu waan taaneef, abbaan keenya inni samii wanta nu barbaachisu hunda nuu qopheessa, akkasumas eegumsa nuu godha. Faarfatichi Abbaa keenya kana ilaalchisee, “Sababii inni [namni dhugumaan isa waaqeffatu] na jaallatee anatti maxxanuuf, ani isa nan oolcha; waan inni maqaa koo beekuufis, eegumsaan ol isa nan qaba” jedheera. (Far. 91:14) Eeyyee, Yihowaan jaalalaan kakaʼee nuti warri sabasaa taane akka hin badneef, diinota keenya jalaa nu baasa, akkasumas eegumsa nuu godha.

5 Mee wantoota barbaachisoo dinqisiifannaa Abbaa keenya isa samiitiif qabnu guddisuuf nu gargaaran sadii haa ilaallu: (1) Abbaan keenya wanta nu barbaachisu nuuf qopheessa. (2) Yihowaan eegumsa nuuf godha. (3) Waaqayyo Michuu keenyadha. Wantoota kana yommuu qorru, hariiroo Waaqayyoo wajjin qabnurratti xiinxaluun keenyaafi akka Abbaa keenyaatti isa kabajuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe hubachuun keenya gaariidha. Eebbawwan Yihowaan namoota isatti dhihaataniif qopheesserratti xiinxaluun keenyas gaariidha.​—Yaq. 4:8.

YIHOWAAN WANTA NU BARBAACHISU HUNDA NUUF QOPHEESSA

6. Karaawwan Yihowaan, “kennaan gaariin hundinuu” isa biraa kan maddu taʼuusaa itti argisiise keessaa tokko isa kami?

6 Yaaqoob ergamaan, “Kennaan gaariin hundinuu, kennaan guutuun hundinuus abbaa ifaa biraa ol waaqa gubbaadhaa in dhufa” jechuudhaan barreesseera. (Yaq. 1:17) Jireenyi kennaa dinqisiisaa Waaqayyo biraa argamudha. (Far. 36:9) Jireenya keenya keessatti fedha Waaqayyoo raawwachuudhaan, yeroo ammaa eebba hedduu, addunyaa haaraa keessattimmoo jireenya barabaraa arganna. (Fak. 10:22; 2 Phe. 3:13) Haataʼu malee, wantoonni sababii cubbuu Addaamiin dhufan utuu jiranii kun taʼuu kan dandaʼu akkamitti?

7. Yihowaan karaa isaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuuf nu gargaaru kan nuuf bane akkamitti?

7 Yihowaan, Waaqa wanta nu barbaachisu hunda nuu qopheessu taʼuusaa karaa hedduudhaan argisiiseera. Fakkeenyaaf, gaarummaadhaan kakaʼee rakkinarraa nu fura. Hundi keenya abbaa keenya isa jalqabaarraa cubbuu dhaalleerra. (Rom. 3:23) Haataʼu malee, Yihowaan jaalalaan kakaʼee dursa fudhachuudhaan, karaa isaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu itti dandeenyu nuuf baneera. Yohannis ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf, tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge; kanaan jaalalli Waaqayyoo nu gidduutti in mulʼate. Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; inni garuu nu jaallate, ilma isaas cubbuu keenyaaf furee haa taʼuuf nuuf erge. Jaalala jechuun isa kana.”​—1 Yoh. 4:9, 10.

8, 9. Bara Abrahaamiifi Yisihaqitti Yihowaan wanta nu barbaachisu kan qopheessu taʼuusaa kan argisiise akkamitti? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

8 Dh.K.D. jaarraa 19⁠ffaatti, haalli jaalalli Yihowaan namoota isaaf abboomamaniif qabu hammam guddaa akka taʼe argisiisu tokko raawwatamee ture. Ibroonni 11:17-19 waaʼee kanaa akkas jechuudhaan ibsa: “Abrahaam yeroo ilaalamuuf qorametti, amantiidhaan Yisihaqin aarsaadhaaf dhiʼeesse; isuma deddeebiʼee abdii argate sanatus ilma isaa isa tokkicha aarsaa dhiʼeessuuf qophaaʼe. Ilmi isaas, isa, ‘Yisihaqiin sanyiin siif in lakkaaʼama’ jedhamee itti dubbatamee turee dha. Waaqayyo warra duʼan keessaa iyyuu nama kaasuu akka dandaʼu, Abrahaam yaada irra kaaʼatee ture; ammas fakkeenya kanaatiin ilma isaa warra duʼan keessaa deebisee akka argatetti in lakkaaʼama.” Yaada kana wanta Yihowaan nuuf godhee wajjin wal fakkeessuun ulfaataa miti. Yihowaan cubbuu keenyaaf jedhee Ilmasaa Yesus Kiristosiin nuu kenneera.​—Yohannis 3:16, 36 dubbisi.

9 Yisihaq aarsaa taʼee duʼuurraa ooluusaatti akka gammade hin shakkisiisu! Waaqayyo arangamaa isaanitti dhihoo ture keessatti, hoolaa bakkasaa aarsaa taʼu qopheessuusaatti akka galateeffates beekamaadha. (Uma. 22:10-13) Kanaaf iddoon sun, “Yaahwee yirʼee” jedhamee moggaafamuunsaa kan nama dinqisiisu miti. Hiiknisaas “Waaqayyo in arga” jechuu yommuu taʼu, ‘Waaqayyo ni argamsiisa’ jechuu akka taʼettis ibsameera.​—Uma. 22:14.

QOPHII ARAARAAF GODHAME

10, 11. Dursa fudhachuudhaan ‘hojii araarsaa’ kan raawwatan eenyufaʼi? Hojii kana kan raawwatanoo akkamitti?

10 Yihowaan wanta nu barbaachisu kan nuuf qopheesse akkamitti akka taʼe yommuu xiinxallu, akkuma Phaawulos, wanta Yesus Kiristos gama kanaan raawwateef dinqisiifannaa qabnu ni ibsina. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Namni tokko hundumaaf akka duʼe, kanaanis namoonni hundinuu duʼuu isaanii amannee waan fudhanneef, jaalalli Kristos nu qaba. Egaa warri jiraatan siʼachi isa isaaniif jedhee duʼee, duʼaa kaafameef malee, ofii isaaniitiif akka hin jiraannetti, inni hundumaaf duʼeera.”​—2 Qor. 5:14, 15.

11 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, Waaqayyoon waan jaallataniif, akkasumas mirga isa tajaajiluuf argataniif bakka guddaa waan kennaniif, ‘hojii araarsaa’ isaanitti kenname gammachuudhaan fudhataniiru. Lallabuufi bartoota gochuunsaanii, namoonni garaa qajeelaa qaban Waaqayyoo wajjin nagaa uumuu, michuusaa taʼuufi dhumarrattimmoo, ijoolleesaa taʼanii samiirra jiraachuu akka dandaʼan godheera. Yeroo harʼaa, Kiristiyaanonni dibamoon tajaajila akkasii raawwachaa jiru. Hojiin isaan ambaasaaddaroota Waaqayyoofi Yesus taʼuudhaan raawwatan namoonni yaada qajeelaa qaban Yihowaadhaan harkifamanii amantoota akka taʼan godheera.​—2 Qorontos 5:18-20 dubbisi; Yoh. 6:44; HoE. 13:48.

12, 13. Dinqisiifannaa wantoota Yihowaan nuu qopheesseef qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Kiristiyaanonni abdii lafarra jiraachuu qabnu hundi, Yihowaa isa wanta nu barbaachisu nuuf qopheessuuf dinqisiifannaa waan qabnuuf, Kiristiyaanota dibamoo wajjin hojii lallabaarratti hirmaanna. Hojii kanarratti, Macaafa Qulqulluu isa kennaa Waaqayyoo keessaa tokko taʼetti fayyadamna. (2 Xim. 3:16, 17) Tajaajila keenyarratti Macaafa Qulqulluutti akka gaariitti fayyadamuudhaan, namoonni kaan carraa jireenya barabaraa akka argatan gargaarra. Hojii kanarratti gargaarsa argachuu akka dandeenyuuf, qophii Yihowaan nuuf godhe kan biraatti, jechuunis hafuura qulqulluutti amanamuu qabna. (Zak. 4:6; Luq. 11:13) Akkas gochuunimmoo, akkuma Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa maxxansa hundarratti ibsamu, buʼaa gaarii argamsiisa. Hojii kanarratti hirmaachuudhaan Yihowaa isa Abbaa keenya taʼeefi wanta nu barbaachisu hunda nuu qopheessu galateeffachuun mirga guddaadha!

13 Wantoota Waaqayyo nuu godhe hunda yommuu ilaallu akkas jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Wanta Yihowaan naa godheef dinqisiifannaa akkan qabu argisiisuuf, hamman dandaʼe tajaajilarratti hirmaachaan jiraa? Misiraachicha labsuurratti milkaaʼina argachuu akkan dandaʼuuf, fooyyaʼiinsa akkamiin gochuu qaba?’ Dinqisiifannaa wantoota Waaqayyo nuu kenneef qabnu, jireenya keenya keessatti Mootummichaaf dursa kennuudhaan argisiisuu ni dandeenya. Yoo akkas goone, Yihowaan wanta nu barbaachisu hunda nuu guuta. (Mat. 6:25-33) Waaqayyo kunuunsa barbaachisaa taʼe waan nuu godhuuf, isa gammachiisuufi garaasaa ciibsuuf wanta nuu dandaʼame hunda ni goona.​—Fak. 27:11.

14. Yihowaan sabasaa kan oolche akkamitti?

14 Daawit Faarfatichi, “Ani gadadamaa dha, dhabaa dhas; garuu gooftaan koo anaaf in yaada; ati gargaarsa koo, furee koo tis” jechuudhaan faarfateera. (Far. 40:17) Sabni Waaqayyoo taaʼuufi kaʼuu hamma dadhabanitti diinotasaaniirraa ariʼatamni cimaan ennaa isaanirra gaʼe Yihowaan siʼa baayʼee isaan oolcheera. Waaqayyo yeroo akkasiitti gargaarsa waan nuu godhuuf, akkasumas yeroo hundumaa qophii hafuuraa waan nuu godhuuf baayʼee isa galateeffanna!

YIHOWAAN EEGUMSA NUU GODHA

15. Abbaan jaalala qabeessa taʼe tokko, ilmasaatiif eegumsa gochuuf fedhii akkamii akka qabu fakkeenyaan ibsi.

15 Abbaan jaalala qabeessa taʼe tokko ijoolleesaatiif wanta barbaachisu guutuu qofa utuu hin taʼin, eegumsas isaaniif godha. Yommuu balaan isaanirra gaʼuuf jedhu, isaan oolchuuf carraaqqii godha. Fakkeenyaaf obboleessi tokko, ijoollummaasaatti wanti tokko isa mudatee ture. Inniifi abbaansaa tajaajila xumuranii gara manaatti deebiʼuuf laga tokko ceʼuu qabu turan. Bokkaa cimaan ganama sana roobe lagni sun akka guutu godhee ture. Laga sana ceʼuuf, dhagaa guddaa tokkorraa gara isa kan biraatti utaaluu qabu turan. Mucaan kun abbaasaa fuuldura bishaanicharra utuma ceʼaa jiruu, miillisaa tokko dhagaarraa mucucaatee bishaan yaaʼaa jiru sana keessatti kufe. Mucaan kun, abbaansaa dafee harkasaa qabuudhaan bishaaniin nyaatamuurraa waan isa oolcheef guddaa akka galateeffatu beekamaadha! Haaluma wal fakkaatuun, Abbaan keenya inni samiis lolaa guddaa addunyaan hamaan kuniifi Seexanni nutti lolaasanirraa nu oolcha. Yihowaan Waaqa eegumsa hunda caalu nuu godhudha.​—Mat. 6:13; 1 Yoh. 5:19.

16, 17. Israaʼeloonni, Amaaleqota yommuu lolanitti, Yihowaan kan isaan gargaareefi kan isaan eege akkamitti?

16 Yihowaan jaalalaan kakaʼee tajaajiltootasaatiif eegumsa gochuu akka dandaʼu yeroo taʼe tokkotti mulʼiseera. Dh.K.D. bara 1513⁠tti Israaʼeloota garbummaa Gibxii jalaa baasee Galaana Diimaa akka ceʼan erga godhee booda, karaa dinqii taʼeen eegumsa isaaniif godheera. Sabni sun, lafa onaa gara Tulluu Siinaatti geessu qaxxaamuranii bakka Refiidiim jedhamu buufatan.

17 Akkuma Uumama 3:15⁠rratti raajiidhaan dubbatametti, Seexanni saba wanta eegumsa hin qabne fakkaatan kanarratti miidhaa geessisuuf kutatee kaʼee ture. Kana gochuufis Amaaleqota warra diina saba Waaqayyoo turanitti fayyadameera. (Lak. 24:20) Haataʼu malee, Yihowaan namoota amanamoo afuritti, jechuunis Iyaasuu, Musee, Aaroniifi Huuritti fayyadamuudhaan wanta inni raawwate haa ilaallu. Iyaasuun yommuu Amaaleqota lolutti, Musee, Aaroniifi Huur tabba dhihoo jiru tokkorra turan. Yommuu Museen harkasaa ol qabu sabni Israaʼel ni injifatu turan. Harki Musee yommuu dadhabutti, Aaroniifi Huur ol isaaf qabu turan. Kanaaf, gargaarsaafi eegumsa Yihowaatiin “Iyaasuun loltoota warra Amaaleq . . . in moʼe.” (Bau. 17:8-13) Achiis Museen bakka sanatti iddoo aarsaa ijaaruudhaan “Waaqayyo faajjii koo ti” jedhee moggaase.​—Baʼuu 17:14, 15 dubbisi.

HARKA SEEXANAA KEESSAA OOLUU

18, 19. Yihowaan tajaajiltootasaa yeroo harʼaatiif eegumsa akkamii gochaa jira?

18 Yihowaan namoota isa jaallataniifi isaaf abboomamaniif eegumsa ni godha. Akkuma Israaʼeloota Refiidiim buufatanii turanii, nuyis yeroo diinonni keenya balaa nurraan gaʼuuf jedhanitti Yihowaan akka nu gargaaru gaafanna. Yihowaan akka gareetti nu eega, akkasumas harka Seexanaa keessa nu oolcha. Yihowaan yeroo baayʼee Kiristiyaanota dhimma siyaasaa keessa seenuu didaniif eegumsa godheera. Fakkeenyaaf, bara bulchiinsa Naazii keessa, jechuunis bara 1930⁠niifi jalqaba bara 1940⁠nii keessa, wanti Jarmaniifi biyyoota kaan keessatti raawwatame kana kan mulʼisudha. Seenaa jireenyaafi yaadawwan Kitaaba Waggaa yeroo ariʼatamni obboloota keenyarra gaʼetti eegumsa Yihowaan isaaniif godhee ibsan dubbisuufi irratti xiinxaluun keenya, amanannaa Yihowaarratti qabnu nuuf cimsa.​—Far. 91:2.

Yihowaan yeroo rakkisaa taʼetti amanamoo taanee akka jiraannu nu gargaaruuf obbolootatti fayyadama (Keeyyata 18-20 ilaali)

19 Yihowaan karaa jaarmiyaasaa, yaadachiisawwan eegumsa nuuf argamsiisan nuu kennaa jira. Kana gochuunsaa yeroo harʼaatti faayidaa argamsiisaa kan jiru akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Yeroo saalqunnamtii seeraan ala taʼe raawwachuun, dhugaatii alkoolii garmalee dhuguufi poornoogiraafii ilaaluun addunyaarratti babalʼate kanatti, Yihowaan balaa gama kanaan nurra gaʼurraa nu eeguuf yaadachiisa barbaachisaa taʼe yeroosaatti nuu kennaa jira. Fakkeenyaaf, Weebsaayitii hawaasaatti karaa hin taaneen fayyadamuudhaan michummaa gadhee akka hin uumneef akka abbaatti nu gorsaa jira. *​—1 Qor. 15:33.

20. Karaa gumii Kiristiyaanaa eegumsaafi qajeelfama akkamii arganna?

20 ‘Waaqayyorraa kan baranne’ taʼuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Abboommiisaa sirriitti hojiirra oolchuudhaanidha. (Isa. 54:13) Gumii keessa, jaarsoliin gargaarsaafi gorsa karaa hafuuraa nu barbaachisu nuu kennan waan jiraniif, bakka kanaa qajeelfamaafi eegumsa ni arganna. (Gal. 6:1) Karaa “dhiirota kennaa taʼan” kanaa, kunuunsa Yihowaa isa jaalalarratti hundaaʼe ni arganna. (Efe. 4:7, 8, NW) Nutoo maal gochuu qabna? Fedhaan isaaf buluufi isaaf abboomamuun eebba nuuf argamsiisa.​—Ibr. 13:17.

21. (a) Maal gochuuf murteessuu qabna? (b) Matadureen ittaanu waaʼee maalii ibsa?

21 Hafuura qulqulluudhaan geggeeffamuufi qajeelfama Abbaan keenya inni samii nuu kennutti maxxannee jiraachuuf haa murteessinu. Akkasumas, jireenya Yesus Kiristosirratti xiinxaluudhaan fakkeenyasaa hordofuuf carraaqqii haa goonu. Yesus hamma duʼaatti waan abboomameef, badhaasa hundarra caalu argateera. (Filp. 2:5-11) Nutis, akkumasaa guutummaatti Yihowaatti yoo amanamne, eebba ni arganna. (Fak. 3:5, 6) Kanaaf, Yeroo hundumaa Yihowaan qaama kamiyyuu caalaa Waaqa wanta nu barbaachisu nuu qopheessuufi nu eegu akka taʼetti isa haa ilaallu. Isa tajaajiluun gammachuu guddaa kan argamsiisu taʼuusaarrayyuu, mirga adda taʼedha! Karaa sadaffaa inni kunuunsa itti nuuf godhu, jechuunis michooma isaa wajjin qabnurratti xiinxaluudhaanis jaalala isaaf qabnu guddisuu ni dandeenya. Matadureen ittaanu, Yihowaan Michuu keenya kan taʼe akkamitti akka taʼe ibsa.

^ key. 19 Fakkeenyonni yaadachiisa Yihowaan nuu kennu argisiisan, Masaraa Eegumsaa, Hagayya 15, 2011, fuula 3-5 mataduree, “Intarneetiitti Ogummaadhaan Fayyadamaa” jedhu, akkasumas Masaraa Eegumsaa, Hagayya 15, 2012, fuula 20-29, mataduree, “Kiyyoo Seexanaarraa Of Eegaa!” jedhuufi “Jabaadhaa Dhaabadhaa, Kiyyoo Seexanaarraas Fagaadhaa!” jedhurratti caqasamaniiru.