Maanguddootaaf Ulfina Kennaa
“Nama dulloomaaf ulfina kenni!”—LEW. 19:32.
1. Ilmaan namootaa haala gaddisiisaa akkamii keessa jiru?
RAKKINNI sababa dullumaatiin namootarra gaʼu kaayyoo Yihowaa hin turre. Kanaa mannaa kaayyoonsaa, namoonni hundi fayyaa guutuu qabaatanii Jannata keessa akka jiraatan ture. Haataʼu malee yeroo harʼaa, ‘uumamni hundinuu aadaafi ciniinsifachaa’ jira. (Rom. 8:22) Waaqayyo rakkina sababa cubbuutiin namootarra gaʼaa jiru yommuu argu maaltu itti dhagaʼama jettee yaadda? Kan nama gaddisiisu, namoonni dullooman hedduun umrii caalaatti gargaarsi isaan barbaachisutti dagatamaa jiru.—Far. 39:5; 2 Xim. 3:3.
2. Kiristiyaanonni maanguddootaaf bakka guddaa kan kennan maaliifi?
2 Sabni Yihowaa maanguddoota gumiisaanii keessa jiraniif bakka guddaa kennu. Muuxannoosaaniirraa faayidaa guddaa arganna; amantiin isaan argisiisanis fakkeenya guddaa nuuf taʼa. Maatii keenya keessa maanguddoonni akkasii jiraachuu dandaʼu. Maanguddoonni akkasii maatii keenya keessa jiraachuu baatanis nageenyisaanii nu yaaddessa. (Gal. 6:10; 1 Phe. 1:22) Mee ilaalcha Waaqayyo maanguddootaaf qabu haa qorru. Akkasumas, maanguddootaaf kunuunsa gochuu ilaalchisee itti gaafatamummaa miseensonni maatiifi gumiiwwan qaban haa ilaallu.
“ANA HIN GATIN”
3, 4. (a) Barreessaan Faarfannaa 71 Yihowaan maal akka isaaf godhu kadhate? (b) Maanguddoonni gumii keessa jiran Waaqayyoon maal gaafachuu dandaʼu?
3 Barreessaan Faarfannaa 71:9, “Bara dullumaatti ana hin gatin, yeroo humni koo dhumus ana hin dhiisin!” jechuudhaan Waaqayyoon kadhateera. Faarfannaan kun Faarfannaa 70 isa gubbaasaarratti ibsa “kan Daawit” jedhu qabutti aansee argama. Kanaaf, kadhannaa Faarfannaa 71:9rra jiru kan dhiheesse Daawitidha jechuun ni dandaʼama. Daawit ijoollummaasaatii kaasee hanga dullumaatti Waaqayyoon tajaajileera; Yihowaanis karaa dinqisiisaa taʼeen isatti fayyadameera. (1 Sam. 17:33-37, 50; 1 Mot. 2:1-3, 10) Haataʼu malee, Daawit Yihowaan isa gargaaruusaa akka itti fufu gaafachuun barbaachisaa akka taʼe itti dhagaʼameera.—Faarfannaa 71:17, 18 dubbisi.
4 Obboloonni hedduun yeroo harʼaa jiranis akkuma Daawit isaanitti dhagaʼama. Dullumniifi “barri hamaan” dhiibbaa kan isaanirraan gaʼu taʼus, hanga humnasaanii Waaqayyoon jajachuusaanii itti fufaniiru. (Lal. 12:1-7) Baayʼeensaanii tajaajila dabalatee wanta kanaan dura hojjechaa turan raawwachuu hin dandaʼan. Haataʼu malee, isaanis akkuma Daawit Yihowaan tajaajilasaaniitti akka gammaduufi isaan kunuunsuusaa akka itti fufu kadhachuu ni dandaʼu. Maanguddoonni amanamoon akkasii Waaqayyo kadhannaasaaniitiif deebii akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandaʼu. Qabiyyeen kadhannaasaanii isa Daawitii geggeessaa hafuuraatiin barreessee wajjin wal fakkaata.
5. Yihowaan maanguddoota amanamoo isa tajaajilaniif ilaalcha akkamii qaba?
5 Macaafni Qulqulluun, Yihowaan maanguddoota amanamoo taʼaniif bakka guddaa akka kennuufi tajaajiltoonnisaas obboloota kana akka kabajan akka barbaadu ibsa. (Far. 22:24-26; Fak. 16:31; 20:29) Lewwoonni 19:32, “Ani Waaqayyoo dha; ati nama mataa harrii yommuu argitu kaʼiif! Nama dulloomaaf ulfina kenni! Ana Waaqayyo kees sodaadhu!” jedha. Yaanni kun ennaa barreeffametti maanguddoota gumii keessa jiran kabajuun itti gaafatamummaa akka laayyootti hin ilaalamne ture. Haalli kun yeroo harʼaas ni hojjeta. Haataʼu malee, obboloota kana kunuunsuuf maalfaa gochuu dandeenya? Gama kanaan itti gaafatamummaa kan qaban eenyufaʼi?
ITTI GAAFATAMUMMAA MAATII
6. Warra ofii kunuunsuu ilaalchisee Yesus fakkeenya akkamii kaaʼeera?
6 Macaafni Qulqulluun, “Abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni!” jedha. (Bau. 20:12; Efe. 6:2) Yesus, Fariisotaafi barsiisota seeraa wanta warrasaaniitiif barbaachisu dhiheessuu didan balaaleffachuudhaan abboommii kana cimseera. (Mar. 7:5, 10-13) Yesus gama kanaan fakkeenya gaarii taʼeera. Fakkeenyaaf, yommuu fannifamee duʼuuf jedhetti haadhasaa akka kunuunsuuf Yohannisitti adaraa kennee ture. Haatisaa yeroo sanatti haadha hiyyeessaa taʼuu hin ooltu.—Yoh. 19:26, 27.
7. (a) Wanta warra ofiitiif barbaachisu dhiheessuu ilaalchisee Phaawulos seera buʼuuraa akkamii barreesse? (b) Yaanni Phaawulos barreessee ergaa akkamii dabarsa?
7 Phaawulos ergamaan namni amane tokko wanta maatiisaatiif barbaachisu dhiheessuu akka qabu hafuuraan geggeeffamee barreesseera. (1 Ximotewos 5:4, 8, 16 dubbisi.) Mee yaanni Phaawulos Ximotewosiif barreesse ergaa akkamii akka qabu haa ilaallu. Phaawulos obboloota gumiirraa gama qarshiitiin gargaarsa argachuu qabaniifi hin qabne adda baasee caqaseera. Haataʼu malee, adda durummaadhaan isaan gargaaruu kan qaban ijoolleesaanii, ijoollee ijoolleesaaniifi firootasaanii akka taʼan ibseera. Kunis gumichi baasii barbaachisaa hin taaneef akka hin saaxilamne godha. Yeroo harʼaas, karaan Kiristiyaanonni Waaqayyoof akka bulan itti argisiisan keessaa tokko, firootasaanii gargaarsi isaan barbaachisuuf deggersa gochuudha.
8. Macaafni Qulqulluun akkaataa Maanguddoonni itti kunuunfamuu qaban ilaalchisee adda baasee kan hin caqasne maaliifi?
8 Kiristiyaanonni gaʼeessota taʼan wanta warrasaaniitiif barbaachisu guutuurratti itti gaafatamummaa qabu. Phaawulos waaʼee miseensota maatii ‘warra amananii’ dubbachaa kan jiru taʼus, warri miseensa gumii Kiristiyaanaa hin taanes dagatamuu hin qaban. Karaan warra keenya Lak. 11:23.
dullooman itti kunuunsinu garaagara akka taʼe beekamaadha. Fedhiin, amalliifi haalli fayyaa warra gargaarsi godhamuuf sanaa garaagaradha. Maanguddoonni tokko tokko ijoollee baayʼee kan qaban yommuu taʼu, kaanimmoo tokko qofa qabu taʼa. Maanguddoonni tokko tokko mootummaarraa deggersa kan argatan siʼa taʼu, kaan garuu hin argatan. Filannaan namoota gargaarsi godhamuufis garaagara taʼuu dandaʼa. Kanaaf, karaa obboloonni firootasaanii dullooman itti kunuunsan ceephaʼuun sirrii miti. Hunda caalaammoo Yihowaan akkuma bara duriitii kaasee gochaa ture, murtoo Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼuudhaan godhamu kamiyyuu ni eebbisa.—9-11. (a) Obboloonni tokko tokko haalli rakkisaan akkamii isaan mudachuu dandaʼa? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.) (b) Obboloonni warra dullooman qaban ariifatanii tajaajilasaanii dhaabuu kan hin qabne maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.
9 Warriifi ijoolleen walirraa fagaatanii kan jiraatan taanaan, wanta warrasaaniitiif barbaachisu dhiheessuun rakkisaa itti taʼuu dandaʼa. Warri akka tasaa kufanii yoo caban ykn balaan kan biraan yoo isaanirra gaʼe hatattamaan dhaqanii isaan gaafachuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Sana booda yeroo muraasaaf ykn yeroo dheeraadhaaf gargaarsi isaan barbaachisuu dandaʼa. *
10 Obboloonni tajaajila yeroo guutuu keessa jiraniifi warrasaaniirraa fagaatanii jiraatan gama kanaan rakkinni isaan mudachuu dandaʼa. Miseensonni maatii Betʼel, misiyoononniifi daawwattoonni olaanaan, mirga tajaajilaasaaniitiif bakka guddaa kennu. Haataʼu malee, yommuu warrisaanii dhukkubsatan tajaajilasaanii dhaabuudhaan isaan kunuunsuu akka qaban yaadu taʼa. Taʼus, murtoo akkasii gochuusaanii dura gargaarsi warrasaanii barbaachisu maal akka taʼe kadhannaadhaan irratti yaaduun gaariidha. Eenyuyyuu ariifatee tajaajilasaa dhaabuu hin qabu; tajaajila sana dhaabuunis barbaachisaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Dhibeen warrasaanii mudate yeroo gabaabaa keessatti fayyuu kan dandaʼudhaa? Gumii warrisaanii keessatti argaman keessaa namni isaan gargaaruuf fedhii qabu jiraa?—Fak. 21:5.
11 Fakkeenyaaf, mee waaʼee obbolaa lamaan maatiisaaniirraa fagaatanii tajaajilaa turan tokkoo haa ilaallu. Inni tokko Ameerikaa Kibbaatti misiyoonii taʼee tajaajilaa ture; obboleessisaammoo waajjira muummee Biruukiliin, Niiwu Yoorkitti argamutti tajaajilaa ture. Warrisaanii gargaarsi isaan barbaachisa ture. Obboloonni kun haadhotii manaasaanii wajjin warrasaanii Baha Fagoo jiraatan kanaaf gargaarsi akkamii akka isaan barbaachisu hubachuuf garasaanii dhaqan. Yeroo booda, inni Ameerikaa Kibbaatti haadhamanaasaa wajjin tajaajilaa ture tajaajilasaa dhaabuudhaan biyyatti deebiʼuuf yaadaa ture. Utuu kanaan jiranii obboleessi gumii warrisaanii keessa jiranitti qindeessaa qaama jaarsolii taʼe isaaniif bilbile. Jaarsoliin gumii dhimmicharratti mariʼatanii kan turan siʼa taʼu, hiriyoonni gaaʼelaa kun hanga dandaʼametti hojii misiyoonummaasaanii akka itti fufan barbaadanii turan. Kanaaf, warra ijoollee kanaa gargaaruuf waan isaanii dandaʼame hunda gochuuf murteessanii turan. Maatiin kun gaarummaa jaalalarratti hundaaʼuudhaan isaaniif godhame baayʼee dinqisiifataniiru!
12. Maatiin Kiristiyaana taʼe tokko kunuunsa gochuu wajjin haala walqabateen murtoo ennaa godhu waaʼee maalii yaaduu qaba?
12 Maatiiwwan Kiristiyaana taʼan warrasaanii kunuunsuuf mala kamittiyyuu yoo fayyadaman, murtoon isaan godhan maqaa Waaqayyootiif ulfina kan fidu taʼuu qaba. Akka geggeessitoota amantii bara Yesus turanii taʼuu hin barbaannu. (Mat. 15:3-6) Murtoo Yihowaafi gumichaaf ulfina fidu gochuu barbaanna.—2 Qor. 6:3.
ITTI GAAFATAMUMMAA GUMII
13, 14. Yaanni Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti argamuufi gumiiwwan miseensotasaanii gargaaruuf fedhii akka qaban argisiisu isa kami?
13 Haala olitti ibsameen tajaajiltoota yeroo HoE. 4:34, 35) Yeroo booda rakkinni furmaata barbaadu tokko gumicha keessatti uumame. Gama nyaata hiruutiin ‘haadhotiin hiyyeessaa tokko tokko dagatamuu’ jalqaban. Kanaafuu, ergamoonni Yesus dhiirota gaʼumsa qaban kan muudan siʼa taʼu, isaanimmoo wanti haadhotii hiyyeessaa kanaaf barbaachisu sirriitti, akkasumas wal qixxeetti akka kennamuuf godhaniiru. (HoE. 6:1-5) Qophiin nyaata hiruu namoota hedduu Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti Kiristiyaanota taʼaniifi hanga karaa hafuuraa jabaatanitti Yerusaalem keessa turaniif godhame yeroo muraasaaf kan turu ture. Taʼus, qophiin ergamoonni Yesus godhan kun gumichi miseensotasaatiif gargaarsa gochuu akka dandaʼu argisiisa.
guutuu gargaaruu kan dandaʼan gumii hunda miti. Haataʼu malee, haala jaarraa tokkoffaatti uumamee turerraa, gumiiwwan, obboloota amanamoo taʼaniifi dullooman kunuunsuuf fedhii akka qaban hubachuun ni dandaʼama. Macaafni Qulqulluun gumii Yerusaalem keessa ture ilaalchisee, “Homtinuu isaan keessaa waa dhabee hin rakkanne” jechuudhaan dubbata. Kana jechuun garuu hundisaanii sooreyyiidha jechuu miti. Obboloonni tokko tokko harka qalleeyyii kan turan taʼanis, ‘wanti isaan barbaachisu in hiramaaf ture.’ (14 Phaawulos dubartoota abbaan manaa irraa duʼe gargaarsi kan barbaachisu taʼuuf dhiisuusaa akka adda baasuuf Ximotewosiif qajeelfama kennee ture. (1 Xim. 5:3-16) Yaaqoobis Kiristiyaanonni, ijoollee warra hin qabne, dubartoota abbaan manaa irraa duʼeefi obboloota rakkinni isaan mudate gargaaruuf dirqamni akka isaanirra jiru barreesseera. (Yaq. 1:27; 2:15-17) Akkasumas Yohannis ergamaan, “Namni biyya lafaa kana irratti waan ittiin jiraatu qabu, dhaba obboleessa isaatii argee yoo garaa itti jabaate, jaalalli Waaqayyoo attamitti isa keessa jiraata ree?” jechuudhaan barreesseera. (1 Yoh. 3:17) Kiristiyaanonni hundi dhuunfaadhaan dirqama akkasii qabu taanaan, gumiinis dirqama qaba jechuun ni dandaʼama.
15. Obboloota dullooman gargaaruun maalfaa dabalata?
15 Biyyoota tokko tokkotti mootummaan maanguddoota lammii biyyattii taʼaniif soorama ni kenna, dhaabbata gargaarsaa ni hundeessa, nama isaan kunuunsus ni qacara. (Rom. 13:6) Biyyoonni kaanimmoo tajaajila akkasii hin kennan. Kanaaf, gargaarsi firoonniifi gumiiwwan obboloota dulloomaniif godhan iddoodhaa gara iddootti garaagara taʼuu dandaʼa. Ijoolleen warrasaaniirraa fagaatanii jiraachuunsaanii, gargaarsa isaan warrasaaniitiif godhanirratti dhiibbaa qabaachuu dandaʼa. Yeroo kanatti ijoolleen kun haala warrasaanii sirriitti hubachuuf jaarsolii gumii warrisaanii keessa jiranii wajjin ifatti waliin mariʼachuun gaariidha. Fakkeenyaaf, jaarsoliin gumii tajaajila mootummaan ykn dhaabbanni gargaarsaa kan biraan kennu akka beekaniifi akka itti fayyadaman isaan gargaaruu dandaʼu. Akkasumas, kaffaltii kaffalamuu qabu ykn qoricha isaan fudhachuu qabanii wajjin haala walqabateen haala jiru hordofuudhaan ijoolleesaanii beeksisuu dandaʼu. Gargaarsi gaarummaarratti hundaaʼee godhamu akkasii, haalichi sadarkaa balaadhaaf isaan saaxilurra utuu hin gaʼin furmaata akka argatu gochuu dandaʼa. Obboloonni kun yeroo barbaachisaa taʼetti bakka ijoollee kanaa buʼanii gargaarsaafi kunuunsa gochuunsaanii yaaddoo maatichaa akka hirʼisu beekamaadha.
16. Kiristiyaanonni tokko tokko maanguddoota miseensota gumichaa taʼan kan gargaaran akkamitti?
16 Obboloonni tokko tokko, jaalala obboloota dulloomaniif qabaniin kakaʼanii, yeroofi humnasaanii aarsaa gochuudhaan isaan gargaaruuf of dhiheessu. Obboloonni kun, dhuunfaadhaan miseensota gumichaa maanguddoota taʼan gargaaruuf carraaqqii cimaa godhu. Kaanimmoo, miseensota gumichaa kaanii wajjin dabareedhaan gargaarsa isaaniif godhu. Obboloonni tokko tokko ofiisaaniitii tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuu kan hin dandeenye taʼus, ijoolleen maanguddoota kanaa tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuusaanii akka itti fufaniif gargaarsa gochuun isaan gammachiisa. Gaarummaan obboloonni akkasii argisiisan baayʼee kan nama dinqisiisudha! Haataʼu malee, gaarummaan obboloonni kun argisiisan ijoolleen maanguddoota kanaa itti gaafatamummaasaanii akka dagatan gochuu hin qabu.
YAADA NAMA JAJJABEESSU DUBBACHUUDHAAN MAANGUDDOOTA KABAJUU
17, 18. Obboloota dulloomaniif kunuunsa yommuu goonu ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
17 Obboloonni maanguddoota gargaaruurratti hirmaatan hundi gaʼeesaanii kana gammachuudhaan raawwachuuf carraaquu qabu. Gama kanaan gumaacha gochaa jirta taanaan, ilaalcha sirrii qabaachuuf carraaqqii godhi. Yeroo tokko tokko namoonni dullooman gammachuu dhabuu, darbees dhiphina sammuutiin qabamuu dandaʼu. Kanaaf, obboloota dullooman kanaa wajjin haasaa isaan jajjabeessu haasaʼuudhaan, akka isaan kabajju argisiisuuf carraaqqii cimaa gochuun si barbaachisa taʼa. Obboloonni kun tajaajila kanaan dura raawwataniif galateeffatamuu qabu. Yihowaanis taʼe obboloonni hidhatasaanii taʼan carraaqqii isaan Yihowaa tajaajiluuf godhan hin irraanfatan.—Miilkiyaas 3:16; Ibroota 6:10 dubbisi.
18 Kana malees, obboloonni maanguddoota kanaaf kunuunsa godhan yeroo barbaachisaa taʼutti isaanii wajjin taphachuun, haalli rakkisaan guyyaa guyyaatti isaan mudatu salphaatti furmaata akka argatu gochuu dandaʼa. (Lal. 3:1, 4) Obboloonni dullooman hedduun namoonni kaan wanta humnasaaniitii ol taʼe akka isaaniif godhan hin eegan. Amalli isaan argisiisan namoota isaan gargaaranirratti dhiibbaa akka qabus ni hubatu. Obboloonni tokko tokko, “Maanguddoo tokko jajjabeessuu dhaqeen ofiif jajjabina argadhee deebiʼe” yommuu jedhan dhagaʼuun baramaadha.—Fak. 15:13; 17:22.
19. Dargaggoonnis taʼan maanguddoonni abdii akkamii qabu?
19 Yeroo rakkinniifi wantoonni sababa cubbuutiin dhufan hundi itti balleeffaman hawwiidhaan eegganna. Hammasitti tajaajiltoonni Waaqayyoo abdii gara fuulduraatti argatanirratti xiyyeeffachuu qabu. Abdii Waaqayyo kennerratti amantii qabaachuun, guyyaa rakkinaa ykn dhiphinaatti akka qofoo sibiilaa isa markaba qabee dhaabuutti akka nu gargaaru beekna. Amantii waan qabnuuf, “matumaa abdii hin kutannu, namummaan keenya inni bakkeetti mulʼatu gad dhumaa yoo adeeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa harʼaa bor haaraʼaa in adeema.” (2 Qor. 4:16-18; Ibr. 6:18, 19) Abdii Waaqayyo kennerratti amantii cimaa qabaachuu malees, itti gaafatamummaa maanguddoota gargaaruuf qabnu raawwachuuf maaltu nu gargaara? Mataduree ittaanurratti qabxiiwwan gama kanaan nu gargaaran tokko tokko ilaalla.
^ key. 9 Matadureen ittaanu karaa itti gargaarsi godhamuu dandaʼu ilaalchisee maanguddootaafi ijoolleesaaniitiif filannoo jiru tokko tokko ibsa.