MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Ebla 2014

Matadureen kun fakkeenya amantii Musee hordofuu akkamitti akka dandeenyu ibsa. Yihowaan itti gaafatamummaa maatiitiif ilaalcha akkamii qaba? Itti gaafatamummaa kana baʼuufoo akkamitti nu gargaara?

Fakkeenya Amantii Musee Hordofaa

Amantiin Musee fedhii fooniirraa akka fagaatuufi mirga tajaajilaasaatiif bakka guddaa akka kennu isa gargaareera. Museen ‘ijasaa gatiisaa isa booddeerra kan kaaʼate’ maaliifi?

“Isa Ijaan Hin Argamne” Arguu Ni Dandeessuu?

Amantii Museen Waaqayyorratti qabu sodaa namaarraa akka fagaatuufi abdii Waaqayyo kennetti akka amanamu kan isa gargaare akkamitti? Yihowaan Qaama dhugumaan si gargaaruu barbaadu taʼuusaa hubachuu akka dandeessuuf amantiikee jabeeffadhu.

SEENAA JIREENYAA

Jijjiirama Tajaajilli Yeroo Guutuu—Jireenya Koorratti Fide

Roobart Woolan waggaa 64 tajaajila yeroo guutuurratti dabarse yeroo yaadatu, jireenya eebba argamsiisuufi kaayyoo qabu akka taʼe kan dubbate maaliif akka taʼe bari.

Eenyu Illee Gooftolii Lama Tajaajiluu Hin Dandaʼu

Namoonni tokko tokko qarshii dabalataa argachuuf biyya alaa deemu. Kun gaaʼela, ijoolleefi hariiroo Waaqayyoo wajjin qabnu kan miidhu akkamitti?

Yihowaa Amanadhaa—Inni Isin Gargaaraa!

Abbaan hojiidhaaf biyya alaa deemee ture tokko deebiʼuudhaan jireenya maatiisaa kan sirreesse akkamitti? Yihowaan haala dinagdee rakkisaa taʼe keessatti maatiisaa deggeruu akka dandaʼuuf kan isa gargaare akkamitti?

Eegumsa Yihowaa Ni Dinqisiifattuu?

Karaawwan shanan Waaqayyo akka nuuf yaadu itti argisiiseefi xiyyeeffannaa nuu kennuunsaa akkamitti akka nu fayyadu ilaali.

Kana Beektaa?

Bara duriitti namni tokko taʼe jedhee uffatasaa tarsaasuunsaa maal kan argisiisu ture?