Fakkeenya Amantii Musee Hordofaa
“Museen yeroo guddate amantiidhaan ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu dide.”—IBR. 11:24.
1, 2. (a) Museen waggaa 40 yommuu taʼu murtoo akkamii godhe? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.) (b) Museen saba Waaqayyoo wajjin rakkinaan jiraachuu kan filate maaliifi?
MUSEEN wanta biyya Gibxii keessatti argachuu dandaʼu beeka ture. Mana bareedaa guddaa taʼeefi sooreyyiin keessa jiraatanis argee ture. Kan guddates maatii moototaa keessattidha. Ogummaa harkaa, urjii lakkaaʼuu, herregaafi gosa saayinsii kaan dabalatee, “ogummaa warra Gibxii hundumaa” baratee taʼuu dandaʼa. (HoE. 7:22) Museen salphaadhumatti qabeenya, aangoofi mirgawwan namoonni Gibxii kaan hawwan argachuu dandaʼa ture.
2 Haataʼu malee, Museen yommuu waggaa 40 taʼu murtoo maatii moototaa Gibxii isa guddisanitti bitaa taʼu godhe. Akka namoota Gibxii kaaniitti jiraachuullee utuu hin taʼin, garba taʼee rakkinaan jiraachuu filatee ture. Maaliif? Amantii waan qabuufidha. (Ibroota 11:24-26 dubbisi.) Museen ija amantiitiin haala jireenyaa naannoosaa turerra dabarsee ilaala ture. Nama hafuuraa waan taʼeef, Yihowaa ‘isa ijaan hin argamneefi’ abdii inni kenneetti ni amanama ture.—Ibr. 11:27.
3. Matadureen kun gaaffilee sadan kamfaʼiif deebii kenna?
3 Nutis wantoota ijaan arginuufi naannoo keenya jiranirra dabarsinee ilaaluu qabna. Jechuunis, “warra amantii qaban” taʼuu qabna. (Ibr. 10:38, 39) Amantii keenya jabeeffachuuf, yaada Musee ilaalchisee Ibroota 11:24-26rratti ibsame haa qorru. Kana yommuu qorrutti gaaffii armaan gadiitiif deebii argachuuf haa yaallu. Amantiin Musee, fedhii foonii moʼuuf kan isa gargaare akkamitti? Yeroo itti gaʼifametti, mirga tajaajilaasaatiif bakka guddaa kennuusaa akka itti fufu amantiin kan isa gargaare akkamitti? Museen ‘ijasaa gatiisaa isa booddeerra kan kaaʼate’ maaliifi?
FEDHII FOONII MOʼEERA
4. Museen ‘gammachuu cubbuurraa argamu’ ilaalchisee maal hubatee ture?
4 Museen ‘gammachuun cubbuudhaan argamu’ yeroo gabaabaadhaaf kan turu taʼuusaa ija amantiitiin hubateera. Namoonni yeroo sana turan tokko tokko, biyyi Gibxii waaqayyolii tolfamoofi gocha hafuurota xuraaʼootiin kan mancaʼe taʼus, mootummaa addunyaarratti humna guddaa qabu taʼee ture; sabni Yihowaa garuu garboota taʼanii gidiraa argaa turan jedhanii yaadaniiru taʼa. Museen garuu Waaqayyo haalicha jijjiiruu akka dandaʼu beeka ture. Jalʼoonni kan dagaagan fakkaatanis, yeroo booda akka badan amantii qaba ture. Kanaan kan kaʼes, ‘gammachuu yeroo gabaabaadhaaf cubbuurraa’ argamuun hin gowwoomfamne.
5. ‘Gammachuu yeroo gabaabaadhaaf cubbuudhaan argamurraa’ fagaachuuf kan nu gargaaru maalidha?
5 ‘Gammachuu yeroo gabaabaadhaaf cubbuudhaan argamurraa’ fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? Gammachuun hawwii foonii yeroo muraasaaf qofa kan turu taʼuusaa matumaa hin dagatinaa. ‘Biyyi lafaafi hawwiinsaa hundinuu kan darbu’ taʼuusaa ija amantiitiin ilaalaa. (1 Yoh. 2:15-17) Wanta namoota cubbuu hojjetaniifi yaada garaa hin geddarannerra gaʼurratti xiinxalaa. Namoonni akkasii, ‘lafa mucucaaturra dhaabatanii waan jiraniif dhidhimanii naasuu guddaadhaan xaph jedhu.’ (Far. 73:18, 19) Cubbuu taʼe tokko raawwachuuf yommuu qoramnu, ‘Gara fuulduraatti jireenya akkamii jiraachuun barbaada?’ jennee of haa gaafannu.
6. (a) Museen “ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu” kan dide maaliifi? (b) Murtoon Museen godhe sirrii akka taʼe kan sitti dhagaʼamu maaliifi?
6 Amantiin Musee hojii ilaalchisee filannaa godherrattis isa gargaareera. “Museen yeroo guddate amantiidhaan ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu dide.” (Ibr. 11:24) Miseensa mana mootummaa taʼuudhaan qabeenyaafi mirga qabutti fayyadamee Israaʼeloota gargaaruudhaan Waaqayyoon tajaajiluu akka dandaʼu godhee hin yaadne. Kanaa mannaa, garaafi humnasaa guutuudhaan Yihowaa jaallachuuf murteessee ture. (Kes. 6:5) Murtoon Museen godhe dhiphina hedduurraa isa oolcheera. Yeroo booda qabeenyi warra Gibxii inni dhiise hedduun harka Israaʼelootaa galeera! (Bau. 12:35, 36) Faraʼoon salphinni kan isarra gaʼe taʼuusaarrayyuu ajjeefameera. (Far. 136:15) Karaa garabiraammoo, Museen kan oole yommuu taʼu, Waaqayyo sabicha geggeessuuf isatti fayyadameera. Museen dhuguma jireenya kaayyoo qabu jiraateera.
7. (a) Maatewos 6:19-21rratti akkuma ibsame, waaʼee gara fuulduraa yaaduu kan qabnu maaliifi? (b) Muuxannoo garaagarummaa qabeenya foonii walitti qabachuufi qabeenya hafuuraa walitti qabachuu gidduu jiru ibsu dubbadhu.
7 Dargaggeessa Yihowaa tajaajilaa jirtu yoo taate, amantiin qabdu gama filannaa hojiitiin si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? Gara fuulduraatiif galma baafachuunkee gaariidha. Haataʼu malee, amantiin abdii Waaqayyo kennerratti qabdu, wanta yeroo gabaabaadhaaf turuufmoo, jireenya barabaraatiif akka walitti qabattu kan si kakaasudha? (Maatewos 6:19-21 dubbisi.) Gaaffiin kun Soofii ishee gosa daansii baaleet jedhamuun beekamtuu turte mudatee ture. Soofiin barumsa tolaa kan argatte yommuu taʼu, dhaabbatoota daansii baaleet Yunaayitid Isteetis jiran keessatti bakka guddaa argachuuf hawwaa turte. Akkas jechuudhaan dubbatteetti; “Kabaja guddaa argachuun kan nama gammachiisudha. Dhugaasaa dubbachuuf hiriyoota koorra akkan caalu natti dhagaʼama ture. Haataʼu malee gammachuu hin qabun ture.” Achiis viidiyoo Gaaffii Dargaggootaa—Jireenyakoo Akkamitti Yoon Itti Fayyadame Wayya? (Ingiliffa) jedhamu ilaalte. Akkas jetteetti: “Deggertoota duratti bakka guddaa, biyya lafaa keessattimmoo milkaaʼina kanan argadhe taʼus, garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluu akkan hin dandeenyen hubadhe. Yeroo kanatti kadhannaa garaadhaa madden Yihowaatti dhiheesse. Achiis hojii daansii nan dhiise.” Murtoo goote kanaan maaltu isheetti dhagaʼameree? “Akkaataa jireenyaa kanaan dura jiraachaa ture dhiisuukootti gaddee hin beeku. Yeroo harʼaa gammachuu dhugaan qaba. Abbaa manaakoo wajjin qajeelchitoota taanee tajaajilla. Beekamoo miti, qabeenya hedduus hin qabnu; taʼus Yihowaa, barattoota Macaafa Qulqulluufi galma hafuuraa qabna. Matumaa wantan itti gaabbu hin qabu” jetteetti.
8. Gorsi Macaafa Qulqulluu dargaggeessi tokko jireenyasaa keessatti wanta gochuu qabu murteessuuf isa gargaaru kamidha?
8 Yihowaan wanta siif wayyu akka gaariitti beeka. Museen akkas jedheera: “Waaqayyoon gooftaa kee sodaachuu, karaa isaa hundumaa irra adeemuu, isa jaallachuu, garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaanis Waaqayyo gooftaa keef hojjechuu malee, Waaqayyo gooftaan kee maal si irraa barbaada? Gaarii akka siif taʼuufis abboommii fi seerrata Waaqayyoo warra ani harʼa si abboomu kana eeguu malees maal si irraa barbaada?” (Kes. 10:12, 13) Umrii dargaggummaa keetti hojii Yihowaa akka jaallattu si gargaaruufi “garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaanis” isa tajaajiluuf si dandeessisu filadhu. Daandii akkasii yoo filatte “gaarii akka siif taʼu” amanannaa qabaadhu.
MIRGA TAJAAJILAASAATIIF BAKKA GUDDAA KENNEERA
9. Wantoonni itti gaafatamummaan Museedhaaf kenname akka isatti ulfaatu gochuu dandaʼan maalfaa turan?
9 Museen “sooruma Gibxiirra, isa Dibame taʼee arrabsoo baachuu badhaadhummaa isa caalutti lakkaaʼate.” (Ibr. 11:26, NW) Museen Israaʼeloota Gibxii baasee akka geggeessuuf, Yihowaan “Isa Dibame” godhee isa muudee ture. Hojii isaaf kenname raawwachuun ulfaataa taʼuusaarrayyuu, akka ‘arrabsamu’ isa gochuu akka dandaʼu beeka ture. Yeroo taʼe tokkotti namni Israaʼel tokko, “Ati eegduudhaa fi abbaa firdii akka taatuuf eenyutu nu irra si kaaʼe?” jedhee isatti gaʼisee ture. (Bau. 2:13, 14) Yeroo boodammoo innumtiyyuu, ‘Attamitti Faraʼon ana dhagaʼa?’ jedhuudhaan Yihowaa gaafateera. (Bau. 6:12) Museen arrabsoo ykn gaʼisa isarra gaʼu moʼuuf akka isa gargaaruuf sodaafi yaaddoo itti dhagaʼame Yihowaatti himeera. Museen itti gaafatamummaa ulfaataa isaaf kenname akka raawwatuuf Yihowaan kan isa gargaare akkamittiree?
10. Yihowaan, Museen itti gaafatamummaa isaaf kenname akka raawwatu kan isa dandeessise akkamitti?
10 Tokkoffaa, Yihowaan Museedhaan, “Ani sii wajjin nan taʼa” jechuudhaan isaaf mirkaneesseera. (Bau. 3:12) Lammaffaa, “Wantan Taʼuu Barbaadu Hunda Nan Taʼa” jechuudhaan hiika maqaansaa qabu keessaa isa tokko isaaf ibsuudhaan amanannaa akka qabaatu godheera. * (Bau. 3:14, NW) Sadaffaa, Waaqayyo akka isa erge akka amananiif humna dinqii raawwachuuf isa dandeessisu Museedhaaf kenneera. (Bau. 4:2-5) Arfaffaa, itti gaafatamummaa isaaf kenname raawwachuurratti akka isa gargaaruuf Aaroniin gargaaraasaa godhee muudeera. (Bau. 4:14-16) Museen dhuma jireenyasaarratti, Waaqayyo hojii tajaajiltootasaatiif kennu kamiiyyuu raawwachuu akka dandaʼaniif akka isaan gargaaru mirkanaaʼaa ture. Kanaaf Iyaasuu isa bakkasaa buʼuuf tureen, “Waaqayyo ofuma isaatii si dura in adeema, sii wajjinis in taʼa, inni si hin dhiisu, si hin irraanfatus; hin sodaatin, hin naʼinis!” jechuu dandaʼeera.—Kes. 31:8.
11. Museen itti gaafatamummaa ulfaataa isaaf kennameef bakka guddaa kan kenne maaliifi?
11 Museen gargaarsa Yihowaatiin, itti gaafatamummaa ulfaataa isaaf kenname ‘sooruma Gibxii hundumaarra akka caalutti’ ilaaluudhaan bakka guddaa kenneera. Faraʼooniin tajaajiluumoo, Waaqa Hundumaa Dandaʼu tajaajiluutu caala? Dhaaltuu mootummaa Gibxii taʼuumoo, nama Yihowaadhaan dibame taʼuutu caala? Amalli galateeffannaa Museen argisiise eebba isaaf argamsiiseera. Museen, Yihowaa isa ‘humna sodaachisaa’ taʼe isaaf kennuudhaan Israaʼeloota Biyyattii Abdachiifamtetti akka galchu isa gargaaree wajjin michooma adda taʼe qaba ture.—Kes. 34:10-12.
12. Mirgawwan Yihowaa biraa arganneefi bakka guddaa kennuufii qabnu kamfaʼi?
12 Nuufis hojiin nuu kenname jira. Yihowaan karaa Ilmasaa Phaawulos ergamaafi warra kaan akkuma ajajee ture, nuyis hojii tajaajilaa akka raawwannu nu ajajeera. (1 Ximotewos 1:12-14 dubbisi.) Hundi keenya mirga misiraachoo Mootummichaa lallabuu qabna. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Obboloonni tokko tokko tajaajiltoota yeroo guutuu taʼuudhaan tajaajilu. Obboloonni cuuphamaniifi gaʼumsa qabanis gumii keessatti tajaajilaa ykn jaarsa gumii taʼanii tajaajilu. Haataʼu malee, miseensonni maatii keessan Dhugaa Baatota hin taane tokko tokko, akkasumas namoonni kaan tajaajilli keessan gatii akka hin qabne ykn fedhii ofii aarsaa gochuudhaan wanta isin raawwattan ilaalchisee dubbii hamilee keessan cabsu dubbachuu dandaʼu. (Mat. 10:34-37) Yaadni namoonni kun dubbatan, tarii aarsaan gootan gatii akka hin qabne ykn itti gaafatamummaa keessan raawwachuu akka hin dandeenye akka isinitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Haalli akkasii yoo isin mudate, amantiin qabdan jabaattanii akka dhaabattan kan isin gargaaru akkamitti?
13. Yihowaan itti gaafatamummaa nuuf kenne akka raawwannu kan nu gargaaru akkamitti?
13 Yihowaan akka si gargaaru amanannaadhaan isa kadhadhu. Sodaafi yaaddoo sitti dhagaʼamus itti himi. Hunda caalaammoo, hojii kana kan sitti kenne Yihowaa waan taʼeef milkaaʼina akka argattuuf si gargaara. Akkamitti? Akkuma Musee gargaare siinis si gargaara. Tokkoffaa, Yihowaan, “Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba” jedhuudhaan waadaa siif galeera. (Isa. 41:10) Lammaffaa, “Wantan dubbadhe iddoodhaan nan gaʼa, akeeka koos nan raawwadha” jechuudhaan abdiin inni kenne amanamaa taʼuusaa siif mirkaneesseera. (Isa. 46:11) Sadaffaa, Yihowaan tajaajilasaa akka raawwattuuf ‘humna humna gararraa taʼe’ siif kenna. (2 Qor. 4:7) Arfaffaa, Yihowaan itti gaafatamummaa siif kenname akka raawwattuuf obbolummaa addunyaa maraa waaqeffannaa dhugaatiin tokko taʼan, ‘wal jajjabeessaniifi wal cimsanitti’ fayyadamee si gargaara. (1 Tas. 5:11) Yihowaan hojii siif kenname akka raawwattu ennaa si gargaarutti, amantiin isarratti qabdu ni guddata; akkasumas badhaadhummaa lafarraa kamiyyuu caalaa mirgawwan argatteef bakka guddaa kennita.
‘IJASAA GATIISAA ISA BOODDEERRA KAAʼATE’
14. Museen eebba akka argatu mirkanaaʼaa kan ture maaliifi?
14 Museen ‘ijasaa gatiisaa isa booddeerra kaaʼatee’ ture. (Ibr. 11:26) Yeroo sanatti waaʼee gara fuulduraa beekumsi ture muraasa taʼus, abdii Yihowaan kenne ilaalchisee beekumsi inni qabu ilaalchasaa akka isaaf qajeelchu heyyameera. Akkuma Abrahaam isa abaabiliisaa taʼee, Museenis Yihowaan namoota duʼan akka kaasu amanannaa qaba ture. (Luq. 20:37, 38; Ibr. 11:17-19) Ilaalchi Museen abdii gara fuulduraatti argatuuf qabu, waggaa 40 baqataa taʼee, akkasumas waggaa 40 lafa onaa keessa yeroo jiraatetti umriisaa akka gube akka itti hin dhagaʼamneef isa gargaareera. Abdiin Waaqayyo kenne akkamitti akka raawwatamu gad fageenyaan beekuu baatus, ija amantiitiin badhaasa gara fuulduraarratti xiyyeeffatee ture.
15, 16. (a) Badhaasa keenyarratti xiyyeeffachuu kan qabnu maaliifi? (b) Eebba Mootummicha jalatti argattu keessaa kamiin arguuf hawwita?
15
Ijakee badhaasa ‘isa booddee argatturra’ keesseettaa? Nutis akkuma Musee, akkaataa abdiin Waaqayyoo itti raawwatamu gad fageenyaan hin beeknu. Fakkeenyaaf, “yerichi sun,” jechuunis rakkinni guddaan ‘yoom akka taʼu hin beeknu.’ (Mar.13:32, 33) Taʼus, waaʼee Jannata gara fuulduraatti dhuftuu Musee caalaa beekna. Waaʼee gara fuulduraa waan hundumaa beekuu baannus, abdii Mootummaa Waaqayyoo jalatti raawwatamuufi ‘ija keenya irra kaaʼachuu’ dandeenyu hedduu qabna. Addunyaa haaraa ija qalbiitiin ilaaluun keenya, Mootummichaaf dursa kennuuf nu kakaasa. Akkamitti? Fakkeenyaaf, mana tokko akka gaariitti utuu hin ilaalin calluma jettee bittaa? Matumaa akkas hin gootu! Haaluma wal fakkaatuun, nutis abdii qabatamaa hin taaneef jennee jireenya keenya aarsaa hin goonu. Jireenya gaarii bulchiinsa Mootummichaa jalatti argannu ija amantiitiin ilaaluu qabna.16 Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee hubannaa qabdu fooyyeffachuuf jireenyi Jannata keessattii jiraattu maal akka fakkaatu yaadi. Dandeettii ija qalbiitiin ilaaluuf qabdutti akka gaariitti fayyadami. Fakkeenyaaf, seenaa namoota Kiristiyaanummaan hundeeffamuusaa dura turanii yommuu qayyabattu, yeroo isaan duʼaa kaafaman gaaffii akkamii isaan gaafachuu akka barbaaddu yaadi. Jireenya guyyoota gara dhumaatti dabarsite ilaalchisee gaaffii akkamii si gaafachuu akka dandaʼanis yaadi. Abaabiliiwwankee jaarraa hedduu dura duʼan yommuu simattuufi wanta Waaqayyo isaaniif godhe hunda ennaa isaan barsiistu gammachuun akkamii sitti dhagaʼamuu akka dandaʼu xiinxali. Bineensonni naannoo tokko keessa nagaadhaan yommuu jiraatan ilaaluudhaan, akkasumas waaʼeesaanii barachuudhaan gammachuu argattu ija qalbiitiin ilaaluuf yaali. Akkasumas cubbuurraa walaba yommuu taatutti Yihowaatti hangam dhihaachuu akka dandeessu yaadi.
17. Yeroo harʼaatti badhaasa gara fuulduraatti argannu yaada qalbiitiin ilaaluun kan nu gargaaru akkamitti?
17 Badhaasa gara fuulduraatti argannu yaada qalbiitiin ilaaluun, amantii keenyaan akka itti fufnu, gammachuu akka qabaannuufi murtoo jireenya barabaraa argachuuf nu fayyadu akka goonu nu gargaara. Phaawulos, “Wanta ijaan hin argine yoo abdanne garuu, obsaan in eegganna” jechuudhaan Kiristiyaanota dibamootiif barreesseera. (Rom. 8:25) Seerri buʼuuraa kun Kiristiyaanota jireenya barabaraa argachuuf abdatan hundaafis ni hojjeta. Hanga ammaatti badhaasa keenya argachuu baannus, amantiin keenya cimaafi ‘gatii isa booddee’ obsaan eeggachuuf kan nu dandeessisu taʼuu qaba. Akkuma Musee waggoota Yihowaa tajaajiluudhaan dabarsine umrii keenya akka gubnetti ilaaluu hin qabnu. Kanaa mannaa, ‘wanti ijaan argamu yeroodhaaf, wanti ijaan hin argamne garuu barabaraaf’ kan turu taʼuusaa ni amanna.—2 Qorontos 4:16-18 dubbisi.
18, 19. (a) Amantii keenya jabaannee eeggachuu kan qabnu maaliifi? (b) Mataduree ittaanurratti waaʼee maalii qorra?
18 Amantiin, ‘waan ijaan hin argine akka waan arginuutti “Jira” jennee lakkaaʼuuf’ nu gargaara. (Ibr. 11:1) Namni wanta ijaan mulʼaturratti xiyyeeffatu, faayidaa guddaa Yihowaa tajaajiluun qabu hin hubatu. Nama akkasiitiif qabeenyi hafuuraa “gowwummaa dha.” (1 Qor. 2:14) Haataʼu malee, nuti abdii jireenya barabaraafi duʼaa kaʼuu kan qabnu siʼa taʼu, namoota ilaalcha foonii qabanitti garuu abdiin akkasii hin mulʼatu. Akkuma falaasamoonni bara Phaawulos turan doofaafi “funaantuu” isaan jedhan, namoonni hedduun yeroo haʼaa jiranis abdiin nuti lallabnu wanta hin fakkaanne akka taʼeetti yaadu.—HoE. 17:18.
19 Biyya lafaa amantii hin qabneen marfamnee waan jiraannuuf, jabaannee amantii keenya eeggachuu qabna. ‘Amantiin keenya akka hin badneef’ yeroo hunda Yihowaa kadhachuu qabna. (Luq. 22:32) Miidhaa cubbuu raawwachuun geessisu, faayidaa guddaa Yihowaa tajaajiluun qabuufi abdii jireenya barabaraarratti haa xiyyeeffannu. Amantiin Museen qabu, wantoota ijaan argaa turerra dabarsee ilaaluuf isa gargaareera. Mataduree ittaanurratti amantiinsaa “isa ijaan hin argamne akka waan arguutti” ilaaluuf kan isa gargaare akkamitti akka taʼe qorra.—Ibr. 11:27.
^ key. 10 Hayyuun Macaafa Qulqulluu tokko yaada Baʼuu 3:14rra jiru ilaalchisee, “Fedhasaa bakkaan gaʼuurraa wanti tokkollee isa dhowwuu hin dandaʼu . . . Maqaan kun [Yihowaan] Israaʼelootaaf dawoo, kuusaa jajjabinaafi abdii barabaraa ture” jechuudhaan barreesseera.