SEENAA JIREENYAA
Jijjiirama Tajaajilli Yeroo Guutuu—Jireenya Koorratti Fide
Waggoottan 65 tajaajila yeroo guutuu keessatti dabarse yeroon yaadadhu, jireenyikoo guyyoota gammachiisoo taʼaniin kan guutamedha jechuu nan dandaʼa. Akkas jechuun garuu, guyyaan itti gadde ykn abdii kutadhe hin jiru jechuu miti. (Far. 34:12; 94:19) Walumaagalatti, jireenyikoo jireenya eebba argamsiisuufi kaayyoo qabu ture!
FULBAANA 7, 1950tti, miseensa maatii Betʼel Biruukiliin keessatti argamuun taʼe. Yeroo sanatti baayʼinni miseensota maatii Betʼel 355 siʼa taʼu, obboloonni kun biyyoota garaagaraatii kan dhufaniifi umrii waggaa 19 hanga 80 gidduutti kan argaman turan. Baayʼeensaanii Kiristiyaanota dibamoo turan.
YIHOWAA TAJAAJILUUN JALQABE
‘Waaqa keenya isa gammadaa’ tajaajiluu kan na barsiise haadhakoodha. (1 Xim. 1:11, NW) Haatikoo Yihowaa tajaajiluu kan jalqabde ijoollummaakootii kaaseeti. Kanan cuuphame Adoolessa 1, 1939, umrii waggaa kudhaniitti, walgaʼii zoonii (yeroo ammaa walgaʼii aanaa jedhama) magaalaa Kolombos, Nebraaskaa, Yuu.Eess.Eetti godhamerrattidha. Namoonni naannoo 100 taanu, haasaa waraabameefi mataduree “Faashizimiimoo Bilisummaa” jedhu qabuufi Joseef Raazarfordiin qophaaʼe dhaggeeffachuuf galma kireeffame tokko keessatti walitti qabamnee turre. Walakkaa haasaa kanaa erga dhaggeeffannee booda, namoonni naannoo galma keessatti walgeenyee turre sanatti jeequmsa kaasan. Humnaan gara galmichaatti seenanii, walgaʼii keenya nu dhaabsisanii magaalicha keessaa akka baanu nu dirqisiisan. Achiis lafa qonnaa obboleessa tokkoo magaalattiitti dhihoo jiru keessatti walitti qabamnee kutaa sagantichaa isa hafe dhaggeeffanne. Kanaan kan kaʼes, guyyaan itti cuuphame gonkummaa hin irraanfadhu!
Haatikoo mana dhugaa keessatti na guddisuuf carraaqqii guddaa gooteetti. Abbaankoo nama gaariifi abbaa gaarii taʼus, waaʼeen amantiis taʼe haalli hafuuraakoo isa hin yaaddessu ture. Haataʼu malee, haatikoofi obboloonni Gumii Omahaa keessa turan gargaarsa na barbaachisu naa godhaniiru.
HAALLI JIREENYAAKOO NI JIJJIIRAME
Yeroon mana barumsaa sadarkaa lammaffaa xumuruuf turetti, jireenyakoo akkamitti itti fayyadamuu akkan qabu murteessuun qaba ture. Ganna ganna yeroo manni barumsaa cufamu ijoollee kaanii wajjin taʼuudhaan, qajeelchaa yeroo boqonnaa (yeroo ammaa qajeelchaa gargaaraa jedhama) taʼeen tajaajila ture.
Obboloonni qeentee taʼan, Joon Chiimikliisiifi Tewoodor Jaaraaz jedhaman, Mana Barumsaa Giilʼaad kutaa 7ffaatii eebbifamanii hojii daawwannaatiif naannoo keenyatti ramadamanii turan. Umriinsaanii jalqaba waggoota 20nii keessa taʼuusaa yommuun bare baayʼeen dinqisiifame. Yeroo sanatti umriinkoo waggaa 18 yommuu taʼu, barumsa sadarkaa lammaffaa xumuruufan ture. Chiimikliis
jireenyakoo keessatti maal gochuu akkan barbaadu yeroo itti na gaafate ammallee nan yaadadha. Waanan gochuu barbaadu yeroon itti himu, innis, “Eeyyee, tajaajila yeroo guutuu jalqabi. Jireenya keerratti jijjiirama akkamii akka fidu hin beektu” jedhee na jajjabeesse. Gorsi inni naa kenneefi fakkeenyi obboloonni kun naa taʼan baayʼee na kakaase. Kanaaf, barumsa ergan xumuree booda, bara 1948tti qajeelchaan taʼe.BETʼEL KEESSATTI TAJAAJILUUN JALQABE
Adoolessa 1950tti, warrakoo wajjin walgaʼii biyyoolessaa magaalaa Niiwu Yoork Siitii, Istaadiyomii Yaankiitti godhamerratti argameen ture. Yeroo kanatti walgaʼii obboloota Betʼel keessatti tajaajiluu barbaadanii wajjin godhamurrattan argame. Betʼel keessa tajaajiluu akkan barbaadus xalayaa barreesseen galche.
Abbaankoo qajeelchaa taʼuukoofi isaan dukaa jiraachuukoo mormuu baatus, kutaan keessa jiraadhuufi nyaatan nyaadhuuf hamma taʼe kaffaluu akkan qabu itti dhagaʼamee ture. Kanaaf, jiʼa Hagayyaa keessa guyyaa tokko hojii barbaaddachuu utuun deemuu, saanduqa xalayaan nuu ergamu keessa kaaʼamuttin gore. Xalayaa Biruukiliinii naaf ergamen argadhe. Kan irratti mallatteesse Naataan Noor siʼa taʼu, xalayichi akkas jedha: “Xalayaan ati Betʼel keessa tajaajiluuf fedhii akka qabdu barreessite nu gaʼeera. Hanga Yihowaan heyyametti Betʼel keessa turuu akka barbaaddu hubadheera. Kanaaf, Betʼel, Biruukiliin, Niiwu Yoorkitti argamutti gaafa Fulbaana 7, 1950 gabaasa godhi.”
Gaafa sana abbaankoo hojiidhaa yommuu deebiʼu, hojii akkan argadhen itti hime. Innis, “Gaariidha, Eessaa argatte?” naan jedhe. Anis, “Biruukiliin Betʼel, jiʼatti doolaara Ameerikaa 10 naa kaffalun” isaan jedhee. Haallikoo kun xinnoo kan isa naasise taʼus, kun filannaakoo taanaan, wantan filadhe kanarratti milkaaʼina argachuuf carraaqqii gochuu akkan qabu natti hime. Sana booda baayʼee utuu hin turin, abbaankoo bara 1953tti walgaʼii Istaadiyomii Yaankiitti godhamerratti cuuphame!
Hiriyaa tajaajilaakoo kan ture, Alfireed Nasraalaanis yerumasana Betʼelitti waan waamameef, walii wajjin gara Betʼel deemuun keenya baayʼee na gammachiiseera. Alfireed yeroo booda gaaʼela kan godhate yommuu taʼu, haadha manaasaa Joʼaanii wajjin Mana Barumsaa Giilʼaad galanii baratan. Achiis, hojii misiyoonummaatiif Liibaanonitti kan ramadaman siʼa taʼu, yeroo boodammoo hojii daawwannaatiif gara Yuunaayitid Isteetisitti deebiʼaniiru.
HOJII BETʼEL KEESSAA
Hojiin jalqabaa Betʼel keessatti naa kenname kutaa itti barreeffamni walitti qabsiifamu keessatti kitaaba hodhuu ture. Kitaabni jalqaba ani irratti hojjedhe Waat Haas Riliijin Dan foor Maankaayind? jedhama. Jiʼoota saddeetiif kutaa itti barreeffamni walitti qabsiifamu keessatti ergan hojjedhee booda, Kutaa Tajaajilaa keessatti, Obboleessa keenya Toomaas Suliivaan wajjin akkan hojjedhun ramadame. Isaa wajjin hojjechuudhaan, beekumsa hafuuraafi hubannaa inni waggaa baayʼeedhaaf jaarmiyicha keessatti tajaajiluudhaan argaterraa fayyadamuun mirga guddaa ture.
Kutaa Tajaajilaa keessatti naannoo waggaa sadiif ergan tajaajilee booda, ilaaltuu olaanaa warshaa kan taʼe Maaksi Laarsan, Obboleessi keenya Noor akka na barbaadu natti hime. Maalan balleesse laata jedhee yaaddaʼeen ture. Obboleessi keenya Noor, gara fulduraatti Betʼelii baʼuuf karoora kanan qabu taʼuuf dhiisuukoo barruu barbaadee akka na waame yommuu natti himu nan tasgabbaaʼe. Nama yeroodhaaf biiroosaa keessa hojjetu barbaadee kan ture siʼa taʼu, hojii kana hojjechuu kanan dandaʼu taʼuusaa ilaaluu barbaadee ture. Anis Betʼelii baʼuuf karoora akkan hin qabnen itti hime. Yeroo sanaa jalqabee, waggaa 20f biiroosaa keessatti hojjechuuf mirga argadheera.
Obboloota keenya Suliivaaniifi Noor, akkasumas obboloota Betʼel keessa tajaajilan kaan kan akka Miiltan Heenshel, Kilaawus Jeensan, Maaksi Laarsan, Huugoo Riimariifi Giraant Suutarii wajjin hojjechuudhaan barumsan argadhe, eessaayyuu argachuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼama. *
Obboloonni ani wajjin hojjedhe, hojii jaarmiyicha keessatti hojjetanirratti sirriitti kan qindaaʼan turan. Obboleessi keenya Noor hojjetaa cimaa kan ture siʼa taʼu, hanga dandaʼametti hojiin Mootummichaa akka babalʼatu barbaada ture. Obboloonni biiroosaa keessatti isaa wajjin hojjetan nama itti dubbachuuf namatti hin ulfaanne akka taʼe dubbatu. Dhimma tokkorratti ilaalcha garaagaraa yoo qabaannellee, yaada keenya bilisaan ibsina, innis yaada keenya ni dhaggeeffata.
Yeroo tokko, Obboleessi keenya Noor, dhimmoota xinnoo taʼaniifillee xiyyeeffannaa kennuun maaliif barbaachisaa akka taʼe natti hime. Wanta isa mudatee ture tokko akka fakkeenyaatti natti hime; yeroo inni ilaaltuu olaanaa warshaa turretti, Obboleessi keenya Raazarfordi isaaf bilbilee akkas isaan jedhee ture: “Obboleessa keenya Noor, warshaadhaa gara manaatti laaqanaaf yeroo dhuftu, haqxuu naa fidii kottu. Minjaala koorra naa kaaʼi.” Noor, yerumasana gara kutaa kuusaa meeshaalee dhaqee haqxuu sana fuudhee kiisiisaa keessa akka kaaʼu, achiis saʼaatii booda gara kutaa Obboleessa keenya Raazarforditti akka geessu natti hime. Wanta baayʼee xinnoo taʼus, Obboleessa keenya Raazarfordiif barbaachisaa ture. Achiis Obboleessi keenya Noor, “Qubeessaa qaramaa utuun argadhee natti tola. Kanaaf, maaloo yeroo hundaa ganama qubeessaa qaramaa naa qopheessi” naan jedhe. Waggaa hedduudhaaf qubeessaansaa qaramaa taʼuusaa nan ilaalan ture.
Obboleessi keenya Noor, wanta tokko akka hojjennuuf ennaa ajajamnu sirriitti dhaggeeffachuun barbaachisaa akka taʼes yeroo baayʼee nutti hima. Yeroo tokko, hojii tokko akkamitti hojjechuu akkan qabu balʼinaan ibsa kan naa kenne taʼus, ani garuu sirriitti hin dhaggeeffannen ture. Kanaan kan kaʼees, hojiisaarratti rakkinni isa mudatee ture. Baayʼee waanan gaddeef, xalayaa wantan godhetti baayʼee akkan gaabbeefi biiroosaa keessaa gara iddoo birraatti utuun ramadamee gaarii akka taʼe ibsun barreesseef. Ganamuma sana xinnoo turee, Obboleessi keenya Noor garakoo dhufee, “Roobart, xalayaa ati barreessite argeera. Dogoggora hojjetteetta. Kanaan duras sitti himeera, gara fulduraatti garuu of eeggannoo cimaa akka gootu nan abdadha. Amma lamaan keenyayyuu gara hojii keenyaati haa deebinu” naan jedhe. Gaarummaa inni natti argisiise baayʼeen dinqisiifadhe.
FUUDHUUN BARBAADE
Waggaa saddeetiif Betʼel keessa ergan tajaajilee boodas, tajaajilakoo itti fufuun alatti karoora kan birraa hin qabun ture. Haataʼu malee, yeroo booda haalli kun ni jijjiirame. Bara 1958tti walgaʼii biyyoolessaa Istaadiyomii Yaankii, akkasumas Pooloo Giraawundisitti godhamerratti Looreen Bruuksiinan arge. Looreenii wajjin jalqaba kan wal barre bara 1955tti utuu isheen Kaanaadaa Montiriiyaal keessatti qajeelchaa taatee tajaajiltuu ture. Ilaalcha isheen tajaajila yeroo guutuutiif qabdu, akkasumas bakka jaarmiyaan Yihowaa itti ishee erge kamittiyyuu tajaajiluuf fedhii isheen qabdu yeroon argu baayʼeen ishee dinqisiifadhe. Galmi Looreen Mana Barumsaa Giilʼaad galtee barachuu ture. Bara 1956, umriishee waggaa 22tti, Mana Barumsaa Giilʼaad kutaa 27ffaarratti akka hirmaattu afeeramte. Giilʼaadii erga eebbifamtee booda hojii misiyoonummaatiif Biraaziilitti ramadamte. Aniifi Looreen bara 1958tti walitti dhufeenya keenya kan haaromsine siʼa taʼu, gaaffii ani gaaʼelaaf dhiheesseefis ni fudhatte. Waggaa ittaanutti gaaʼela keenya raawwachuuf achiis, waliin taanee hojii misiyoonummaarratti hirmaachuuf karoora baafannee turre.
Wantan yaade Nooritti yeroon himu, waggaa sadiif akkan obsuufi, achii booda gaaʼela godhannee, Betʼel Biruukiliin jiru keessa tajaajiluu akka dandeenyu natti hime. Yeroo sanatti hiriyoonni gaaʼelaa wal fuudhanii Betʼel keessa turuu kan dandaʼan, isaan keessaa inni tokko waggaa kudhan ykn isaa oliif, inni kan biraammoo yoo xinnaate waggaa sadiif Betʼel keessa kan tajaajile yoo taʼedha. Kanaaf, Looreen gaaʼela godhachuu keenya dura waggaa lamaaf Betʼel Biraaziil jiru, waggaa tokkoofimmoo Betʼel Biruukiliin jiru keessatti tajaajiluuf walii galte.
Waggaa lamaan jalqabaatti kan wal qunnamnu xalayaadhaan qofa ture. Yeroo sana iimeeliin kan hin jirre yommuu taʼu, bilbillis baayʼee miʼaa ture! Fulbaana 16, 1961tti gaaʼela keenya yeroo raawwannu, haasaa kan nuu kenne Obboleessa keenya Noor taʼuunsaa mirga guddaadha. Dhugaa dubbachuuf, waggoonni muraasni nuti eegne dheeraa nutti fakkaatanii turan. Haataʼu malee, waggoota 50 gaaʼela keessatti dabarsine boodatti deebinee yommuu yaadannu, obsaan eeguun keenya buʼaa akka nuuf argamsiise ni amanna!
MIRGA TAJAAJILAA
Bara 1964tti, mirga daawwataa olaanaa zoonii taʼuudhaan biyyoota garaagaraa daawwachuun argadhe. Yeroo sanatti, obboloonni daawwannaadhaaf gara biyya biraa yeroo dhaqan haadhotiin manaasaanii isaanii wajjin hin deeman turan. Bara 1977tti sirreeffamni kan godhame yommuu taʼu, haadhotiin manaa abbootii manaasaanii wajjin deemuu jalqaban. Waggaa sanatti Aniifi Looreen, Giraant Suutariifi haadha manaasaa Eediitii wajjin taʼuudhaan waajjiroota damee Jarman, Ostiriyaa, Giriik, Qophros, Turkiifi Israaʼelitti argaman daawwanneerra. Walumaagalatti biyyoota gara 70 taʼan daawwadheerra.
Bara 1980tti daawwannaadhaaf Biraaziil yeroo deemnetti, gara magaalaa naannoo mudhii lafaatti argamtuufi Beelam jedhamtuu dhaqnee turre. Looreen magaalaa kana keessatti misiyoonii taatee tajaajilteetti. Obboloota magaalaa Maanaaʼusitti argamanis daawwannee turre. Haasaa Istaadiyomii tokko keessatti godhamerratti, namoota gareedhaan taʼaniifi aadaa Biraaziil keessatti baramaa taʼe, jechuunis isa dubartoonni maddiirra wal dhungataniifi obboloonni dhiiraa harka wal qaban hin hordofne argine. Akkas kan godhan maaliifi?
Namoonni kun obboloota keenya, mandara bosona Amaazon keessatti argamtuufi dhukkuba lamxiirraa bilisa taate keessaa dhufan. Of eeggannoodhaaf jecha, namoota walgaʼicharratti argaman kaanii wajjin harka wal hin qaban ykn wal hin dhungatan turan. Haataʼu malee garaa keenya tuqanii turan. Gammachuu fuulasaaniirraa mulʼachaa tures yoomiyyuu hin irraanfannu. Jechi Isaayaas, “Garboonni koo garaa isaaniitti gammadanii in faarfatu” jechuudhaan dubbate dhugaadha.—Isa. 65:14.
JIREENYA EEBBA ARGAMSIISUUFI KAAYYOO QABU
Aniifi Looreen yeroo waggaa 60 oliif Yihowaa tajaajiluudhaan dabarsinerratti siʼa baayʼee ni xiinxalla. Yihowaan karaa jaarmiyaasaa akka nu geggeessu heyyamuu keenyaan eebba argannetti baayʼee gammadna. Akka durii biyyaa gara biyyaa deemuu dandaʼuu baadhus, gargaaraa Qaama Olaanaa taʼuudhaan Koree Qindeessitootaafi Koree Tajaajilaa wajjin hojjechaan jira. Obbolummaa addunyaa maraa gargaaruurratti haala kanaan hamma taʼe gumaacha gochuuf mirgan argadhe baayʼeen dinqisiifadha. Obboloonni dargaggoota taʼan heduun, akkuma Isaayaas “Kunoo, ani jira, ana ergi!” jechuudhaan, gara tajaajila yeroo guutuutti yommuu galan arguun keenya baayʼee nu gammachiisa. (Isa. 6:8) Obboloonni kun wanta daawwataan olaanaa aanaa tokko yeroo dheeraa dura, “Tajaajila yeroo guutuu jalqabi. Jireenya keerratti jijjiirama akkamii akka fidu hin beektu” jechuudhaan natti hime dhugaa taʼuusaa mirkaneessu.
^ key. 20 Seenaa jireenyaa obboloota kanaa dubbisuu yoo barbaadde, Masaraa Eegumsaa kanaa gaditti caqasaman (Ingiliffaan) ilaali: Toomaas Suliivaan (Hagayya 15, 1965); Kilaawus Jeensan (Onkoloolessa 15, 1969); Maaksi Laarsan (Fulbaana 1, 1989); Huugoo Riimar (Fulbaana 15, 1964); Giraant Suutar (Fulbaana 1, 1983).