Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Bara duriitti namni tokko taʼe jedhee uffatasaa tarsaasuunsaa maal kan argisiisu ture?

MACAAFNI QULQULLUUN, waaʼee namoota haala addaddaa keessatti uffatasaanii tarsaasan hedduu ni ibsa. Yaadni kun namoota yeroo ammaa jiranitti haaraa taʼuu dandaʼus, Yihudoonni garuu abdii kutachuu, gadduu, salphachuufi aaruusaanii argisiisuuf uffatasaanii tarsaasu turan.

Fakkeenyaaf, Ruuben yaanni obboleessasaa Yoseefiin oolchuuf yaade akka jalaa fashalaaʼeefi Yoseef garbummaatti akka gurgurame yeroo beeku, “uffata isaa tarsaase.” Abbaansaanii Yaaqoobis, Yoseefiin bineensi hamaan kan nyaate yeroo isatti fakkaatetti “uffata isaa of irratti tarsaasee” ture. (Uma. 37:18-35) Iyoob ijoolleensaa hundi akka duʼan yeroo isatti himametti “uffata isaa tarsaasee” ture. (Iyo. 1:18-20) Namni ‘uffata tarsaʼe uffatee’ ergaa himuu dhufe tokko Eelii isa Angafa Lubootaa ture duratti dhihaatee, Israaʼeloonni waraanarratti akka moʼaman, ilmaan Eelii lamaan akka ajjeefamaniifi saanduqni kakuu akka boojiʼame itti himeera. (1 Sam. 4:12-17) Yosiyaas Seerichi yeroo isaaf dubbifamutti sabni Israaʼel cubbuu akka hojjete yommuu hubatu, “uffata isaa in tarsaase.”​—2 Mot. 22:8-13.

Yeroo Yesus qabame, Qayyaafaan inni Angafa Lubootaa ture Waaqayyo akka arrabsame yommuu isatti dhagaʼametti “aaree uffata isaa tarsaasee” ture. (Mat. 26:59-66) Akka seera amantii barsiisonni seeraa baasanitti, namni tokko maqaan Waaqayyoo yommuu arrabsamu yoo dhagaʼe uffatasaa tarsaasuun dirqamasaa ture. Ilaalchi barsiisonni seeraa manni qulqullummaa Yerusaalem erga baddee booda qaban garuu, “yeroo harʼaatti namni tokko maqaan Waaqayyoo utuu arrabsamuu yoo dhagaʼe uffatasaa tarsaasuun isa hin barbaachisu, yoo tarsaase garuu uffannisaa sun irratti ciccirama” kan jedhu ture.

Dhugaa dubbachuuf, namni tokko kan gadde garaasaarraa yoo taʼuu baate uffatasaa tarsaasuunsaa Waaqayyo duratti gatii hin qabu ture. Yihowaan, “Garaa keessan tarsaasaa malee, uffata keessan hin tarsaasinaa” jechuudhaan sabasaa kan abboome kanaafidha.​—Yoe. 2:13.