Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jaarmiyaa Yihowaa Wajjin Fuulduratti Deemaa Jirtaa?

Jaarmiyaa Yihowaa Wajjin Fuulduratti Deemaa Jirtaa?

“Iji gooftichaa, [“Yihowaa,” NW] gara warra qajeelotaa in ilaala.”​—1 PHE. 3:12.

1. Jaarmiyaan saba maqaa Yihowaa bakka buʼu taʼuudhaan saba Israaʼel isa amanamaa hin taane bakka buʼe kamidha? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

JAARRAA jalqabaatti gumii Kiristiyaanaa kan hundeesses taʼe, yeroo harʼaa waaqeffannaan dhugaa bakkasaatti akka deebiʼu kan godhe Yihowaadha. Mataduree darberratti akkuma ibsame, jaarmiyaan duuka buutota Yesus jaarraa jalqabaatti turan of keessatti qabate, saba maqaa Yihowaa bakka buʼu taʼuudhaan saba Israaʼel isa amanamaa hin taane bakka buʼeera. Jaarmiyaan haaraa sun Yihowaa duratti fudhatama waan argateef, Dh.K.B. bara 70⁠tti badiisa Yerusaalemirra gaʼerraa ooleera. (Luq. 21:20, 21) Wantoonni jaarraa jalqabaatti raawwataman, guddina tajaajiltoota Yihowaa yeroo harʼaatiif buʼuura taʼaniiru. Sirni Seexanaa dhiheenyatti kan badu siʼa taʼu, jaarmiyaan Yihowaa garuu badiisa guyyoota dhumaatti dhufurraa ni oola. (2 Xim. 3:1) Waaʼee kanaa mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

2. Yesus ‘rakkina guddaa’ ilaalchisee maal jedhe? Rakkinni kun kan jalqabu akkamitti?

2 Yesus dhufaatiisaa isa ijaan hin argamneefi dhuma barichaa ilaalchisee, “Rakkinni guddaan taʼuuf jira; rakkinni akkasiis jalqaba biyya lafaatii jalqabee hamma ammaatti hin taane, deebiʼees hin taʼu” jedheera. (Mat. 24:3, 21) Rakkinni hunda caalu kun kan jalqabu, Yihowaan humnoota siyaasaatti fayyadamee “Baabilon Guddittii” ishee bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraa taate balleessuttidha. (Mul. 17:3-5, 16) Sana boodahoo maaltu taʼa?

TARKAANFIIN SEEXANNI FUDHATU ARMAAGEDOON AKKA JALQABU GODHA

3. Amantiin sobaa erga balleeffamee booda, saba Yihowaa balleessuuf yaalii akkamiitu godhama?

3 Amantiin sobaa erga balleeffamee booda, Seexanniifi biyyi lafaa bulchiinsasaa keessa jiru tajaajiltoota Yihowaarratti kaʼu. Fakkeenyaaf, “Goog isa biyya Maagoog” ilaachisee, Caaffanni Qulqullaaʼoon, “Ati, loltuun kee hundinuu, sabni baayʼeen warri sii wajjin jiran akka bubbee isaanitti in dhuftu, akka duumessa lafa uffisuus in taatu” jechuudhaan dubbata. Dhugaa Baatonni Yihowaa raayyaa waraanaa waan hin qabneef, akkasumas namoota naga qabeeyyii waan taʼaniif salphaatti balleeffamuu waan dandaʼan fakkaatu. Haataʼu malee, isaanirratti kaʼuunsaanii dogoggora cimaa taʼuusaa hubachuunsaanii hin oolu!​—His. 38:1, 2, 9-12.

4, 5. Yihowaan, yeroo Seexanni tajaajiltootasaa balleessuuf kaʼutti tarkaanfii akkamii fudhata?

4 Waaqayyo, yommuu Seexanni sabasaa balleessuuf kaʼutti tarkaanfii akkamii fudhata? Yihowaan yeroo kanatti Olaantummaa Uumama Cufarratti qabutti fayyadamee sabasaa ni oolcha. Yaalii sabasaa balleessuuf godhamu akka waan isarratti godhametti ilaala. (Zakaariyaas 2:8 dubbisi.) Kanaaf, Abbaan keenya inni samii battalumaan tarkaanfii fudhachuudhaan nu oolcha. Armaagedoonitti, jechuunis “lola guyyaa isa guddicha kan Waaqayyoo hundumaa [dandaʼuutti]” biyyi lafaa Seexanni bulchu yeroo balleeffamutti sabni Yihowaa ni oolu.​—Mul. 16:14, 16.

5 Armaagedoon ilaachisee raajiin Macaafa Qulqulluurratti argamu akkas jedha: ‘“Waaqayyo balleesaa saba lafa irraa yaaʼiitti nan baasa, namoota hundumaattis nan farada; warra hamootas billaatti dabarsee nan kenna” jedhe. Ammas Waaqayyo gooftaan maccaa, “Kunoo, bubbeen qarqara lafaatii in dhufa, badiisis sabaa gara sabaatti in darba” jedhe. Gaafas reeffi warra Waaqayyo isaan ajjeesee daarii lafaa gar tokkoo hamma gara kaaniitti bakkeetti in argama; reeffi isaanii lafaaf kosii taʼa malee, namni isaaniif booʼu, namni walitti qabee isaan awwaalus hin jiru.’ (Er. 25:31-33) Waraana Armaagedoonitti sirni hamaa taʼe kun ni balleeffama. Addunyaan Seexanaa kan badu siʼa taʼu, kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni lafarraa garuu ni oola.

YEROO HARʼAA JAARMIYAAN YIHOWAA GUDDACHAA KAN JIRU MAALIIFI?

6, 7. (a) Namoonni “tuuta soonaan baayʼee” argamsiisan eessaa kan dhufanidha? (b) Waggoota dhihoodhaa asitti guddina akkamiitu argame?

6 Jaarmiyaan Yihowaa hamma harʼaatti lafarra turuufi guddina argisiisuu kan dandaʼe, namoonni miseensa jaarmiyaa kanaa taʼan Yihowaa biratti fudhatama waan qabaniifidha. Macaafni Qulqulluun, “Iji gooftichaa, gara warra qajeelotaa in ilaala; gurri isaas kadhata isaanii in dhagaʼa” jechuudhaan nuu mirkaneessa. (1 Phe. 3:12) Qajeelota kan jedhaman, “tuuta sonaan baayʼee” warra “rakkina guddaa keessaa baʼanii dhufan” kan dabalatudha. (Mul. 7:9, 14) Warri rakkina guddaarraa oolan “tuuta” qofa utuu hin taʼiin “tuuta soonaan baayʼee” jedhamaniiru. Kunis namoota garmalee hedduu taʼan kan argisiisudha. “Rakkina guddaa keessaa” baatee isaan keessaa tokko yeroo taatu sitti mulʼataa?

7 Namoonni tuuta soonaan baayʼee taʼe argamsiisan eessaa kan dhufanidha? Hojii lallabaa Yesus guyyoota gara dhumaatti akka raawwatamu dubbateefi yeroo harʼaatti balʼinaan hojjetamaa jiruun kan walitti qabamanidha. Yesus, “Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa” jedhee ture. (Mat. 24:14) Guyyoota gara dhumaa kanatti, hojiin guddaan jaarmiyaan Yihowaa hojjechaa jiru kanadha. Hojii lallabaafi barsiisuu Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti raawwachaa jiraniin, namoonni miliyoonaan lakkaʼaman Waaqayyoon “hafuuraa fi dhugaadhaan” waaqeffachuu dandaʼaniiru. (Yoh. 4:23, 24) Fakkeenyaaf, waggoota kurnan darban keessatti, jechuunis bara 2003 hanga 2012⁠tti namoonni 2,707,000 ol taʼan Yihowaadhaaf of murteessanii cuuphamaniiru. Yeroo ammaa addunyaa maratti Dhugaa Baatonni Yihowaa 7,900,000 ol taʼan kan jiran siʼa taʼu, namoonni miliyoonaan lakkaʼaman kan biraanimmoo keessumaa yeroo Ayyaana Yaadannootti isaanii wajjin walgaʼiirratti ni argamu. ‘Guddinni akka argamu kan godhe Waaqayyo’ waan taʼeef, guddina amma arganneen of hin jajnu. (1 Qor. 3:5-7) Lakkoofsi tuuta soonaan baayʼee waggaadhaa gara waggaatti dabalaa jira.

8. Guddina yeroo harʼaatti jaarmiyaa Yihowaa keessatti mulʼachaa jiruuf gumaacha kan godhe maalidha?

8 Yihowaan Dhugaa Baatotasaa deggeraa waan jiruuf lakkoofsi tajaajiltootasaa dabalaa jira. (Isaayaas 43:10-12 dubbisi.) Guddina kana ilaalchisee raajiin, “Maatiin xinnaan baayʼatee kumaatama in taʼa, inni hundumaa irra gad deebiʼaanis saba aango-qabeessa in taʼa; ani Waaqayyoo dha; yeroo isaatti kana hundumaa, dafee nan raawwadha” jedhu dubbatamee ture. (Isa. 60:22) Yeroo taʼe tokkotti, lakkoofsi dibamtoota lafarra jiranii “xinnaa” taʼee kan ture taʼus, Israaʼeloonni hafuuraa kaan gara jaarmiyaa Waaqayyootti dhufuu yeroo jalqaban lakkoofsisaanii ni dabale. (Gal. 6:16) Achiis eebba Yihowaatiin kan kaʼe, tuutni soonaan baayʼeen walitti qabamuu kan jalqabe siʼa taʼu, kunis guddinni akka itti fufu godheera.

WANTA YIHOWAAN NURRAA BARBAADU

9. Abdii gammachiisaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame argachuuf maal gochuu qabna?

9 Kiristiyaanota dibamoos taane, miseensa tuuta soonaan baayʼee, abdii gammachiisaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame argachuu ni dandeenya. Abdii kana argachuuf garuu, wanta Yihowaan nurraa barbaaduu wajjin haala walsimuun jiraachuu qabna. (Isa. 48:17, 18) Mee haala Israaʼeloota Seera Musee jala turanii haa ilaallu. Kaayyoon Seera kanaa inni tokko saalqunnamtii, daldala, ijoollee guddisuu, namootaaf kabaja kennuufi k.k.f. ilaalchisee qajeelfama ittiin geggeeffaman isaaniif kennuudhaan sabichaaf eegumsa gochuu ture. (Bau. 20:14; Lew. 19:18, 35-37; Kes. 6:6-9) Yeroo harʼaas wanta Waaqayyo nurraa barbaaduu wajjin walsimnee jiraachuun keenya eegumsa nuu taʼa; abboommiisaa raawwachuunis ulfaataa miti. (1 Yohannis 5:3 dubbisi.) Seerichi Israaʼelootaaf eegumsa taʼeera; nuyis seera Yihowaa eeguun keenya eegumsa nuu taʼuu qofa utuu hin taʼiin, ‘amantii keenyatti seelkoo akka hin qabaanne’ nu gargaara.​—Tit. 1:13.

10. Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi Waaqeffannaa Maatiitiif yeroo ramaduu kan qabnu maaliifi?

10 Kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni lafarraa karaawwan addaddaatiin gara fulduraatti deemaa jira. Fakkeenyaaf, hubannaan dhugaa Macaafa Qulqulluurratti qabnu yeroodhaa gara yerootti fooyyaʼaa jira. “Daandiin qajeelotaa akka ifa barii ganamaa, isa yeroo biiftuun baatee ol adeemtu, ittumaa ifaa ol adeemuu” waan taʼeef kun taʼuunsaa kan nama dinqisiisu miti. (Fak. 4:18) Haataʼu malee, ‘Sirreeffama hubannaa dhugaa Caaffata Qulqullaaʼoorratti qabnurratti godhamuu wajjin qixxee deemaan jiraa? Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan nan dubbisaa? Barreeffamoota keenya hawwiidhaanan dubbisaa? Aniifi maatiinkoo sagantaa Waaqeffannaa Maatii qabnaa?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha. Baayʼeen keenya kana gochuun ulfaataa akka hin taane irratti walii galla. Wanti nurraa barbaadamu dhimmoota kanaaf yeroo ramaduu qofadha. Yeroo rakkinni guddaan baayʼee dhihaate kanatti, beekumsa Caaffata Qulqullaaʼoo sirrii taʼe soorachuun, hojiirra oolchuuniifi karaa hafuuraa guddina argisiisuun baayʼee barbaachisaadha.

11. Ayyaanonni bara durii, akkasumas walgaʼiin gumiifi walgaʼiiwwan gurguddaa yeroo harʼaatti godhaman karaawwan kamiin fayyadu?

11 Jaarmiyaan Yihowaa gorsa Phaawulos akka hordofnu kan nu jajjabeessu faayidaa keenyaaf jedheeti. Phaawulos akkas jedheera: “Jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis kottaa tuttuqnee yaada walii in kaafnaa! Akka jara tokkotti amala taʼe, nuyi walitti qabamuu keenya hin dhiifnu; guyyaan gooftaa dhiʼaachaa akka adeemu in argitu, kanaaf ittuma caalchifnee wal jajjabeessina.” (Ibr. 10:24, 25) Israaʼeloonni ayyaanota waggaatti ayyaaneffatamaniifi walgaʼiiwwan kaanirratti waaqeffannaadhaaf walitti qabamuunsaanii karaa hafuuraa akka jabaatan isaan gargaareera. Kana malees, qophiiwwan addaa kan akka Ayyaana Gordommaa bara Nahimiyaatti godhamaa turan yeroo gammachuu turan. (Bau. 23:15, 16; Nah. 8:9-18) Nutis walgaʼii gumiifi walgaʼiiwwan gurguddaarraa faayidaa akkasii arganna. Qophiiwwan karaa hafuraa fayyaa akka taanuuf, akkasumas gammachuu keenyaaf nuu dhihaatan kanatti guutummaatti haa fayyadamnu.​—Tit. 2:2.

12. Misiraachoo Mootummichaa labsuuf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

12 Miseensa jaarmiyaa Yihowaa waan taaneef, mirga “hojii qulqulluu misiraachoo Waaqayyoo” labsuurratti hirmaachuu arganneerra. (Rom. 15:16, NW) “Hojii qulqulluu” taʼe kanarratti hirmaachuun, Yihowaa isa “Qulqulluu” taʼee ‘wajjin hojjechuuf’ nu dandeessisa. (1 Qor. 3:9, hiika bara 1899; 1 Phe. 1:15) Misiraachicha lallabuun maqaan Yihowaa akka qulqulleeffamu gochuurratti gumaacha qaba. ‘Wangeelli inni waaʼee ulfina Waaqayyoo eebbifamaa dubbatu’ hadaraa nutti kennamuunsaa mirga guddaadha.​—1 Xim. 1:11.

13. Karaa hafuuraa fayyaa taʼuun keenyaafi jireenyi keenya kan hundaaʼe maalirrattidha?

13 Waaqayyo isatti maxxanuudhaan, akkasumas karaa addaddaa jaarmiyaasaa deggeruudhaan karaa hafuraa fayyaa taanee akka itti fufnu barbaada. Museen Israaʼelootaan akkas jedhee ture: “Ani harʼa jireenyaa fi duʼa, eebbaa fi abaarsa isin dura akkan kaaʼee, waaqaa fi lafa waamee isin irratti dhugaa nan baasisa; kanaaf isin, ijoolleen keessanis akka jiraattaniif jireenya foʼadhaa! Waaqayyoon gooftaa keessan jaalladhaa, sagalee isaas dhagaʼaa! Isattis maxxanaa! Inni jireenya keessan waan taʼeef, biyya inni abboota keessan Abrahaamii fi Yisihaqiif Yaaqoobiifis kennuudhaaf abdachiise keessatti bara dheeraa isiniif in kenna.” (Kes. 30:19, 20) Jireenyi keenya fedha Yihowaa raawwachuu, isa jaallachuu, isaaf ajajamuufi isatti maxxanuu keenyarratti kan hundaaʼedha.

14. Obboleessi tokko kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa lafarraa ilaalchisee maaltu itti dhagaʼamee ture?

14 Obboleessi keenya Piraayis Hiyuuz inni jireenyasaa guutuu Yihowaafi jaarmiyaasaatiif amanamaa ture akkas jechuudhaan barreesseera: “Waggoota bara 1914 dura turanii kaasee hanga yeroo harʼaatti dhugaa isa kaayyoo Yihowaa ibsuu wajjin walsimee jiraachuu dandaʼuu kootti baayʼeen gammada . . . Kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa lafarratti argamutti maxxanee jiraachuu caalaa wantin bakka guddaa kennuuf hin jiru. Yaada namootaatti amanamuun dogoggora akka taʼe muuxannoo jireenya koorraa baradheera. Yaada kana amanee ergan fudhadhee booda jaarmiyaa amanamaa taʼe kana keessa jiraachuufan murteesse. Namni tokko iddoo kanaan alatti surraafi eebba Yihowaa eessatti argachuu dandaʼa?”

JAARMIYAA YIHOWAA WAJJIN FUULDURATTI DEEMUU KEESSAN ITTI FUFAA

15. Fakkeenya hubannaa qabnurratti sirreeffamni yeroo godhamu ilaalcha akkamii qabaachuu akka qabnu argisiisuufi Macaafa Qulqulluurratti argamu kenni.

15 Dhuunfaatti surraafi eebba Yihowaa argachuuf, jaarmiyaasaa deggeruufi sirreeffama hubannaa Caaffata Qulqullaaʼoorratti qabnurratti godhamu fudhachuu qabna. Mee haala kana haa ilaallu: Yesus erga duʼee booda Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan kumaan lakkaaʼamaniifi Seera Museetiif hinaaffaa qaban jiru turan. Seera kana dhiisuunis isaanitti ulfaatee ture. (HoE. 21:17-20) Haataʼu malee, ergaan Phaawulos warra Ibrootaaf barreesse kan isaan gargaare siʼa taʼu, kan qulqulleeffaman qalma ‘akka seerichi abboomutti dhiʼaateen’ utuu hin taʼin, ‘dhagni Yesus Kristos yeroo hundumaaf akka taʼutti al tokkicha aarsaa taʼee dhiheeffamuusaatiin’ akka taʼe amananii fudhataniiru. (Ibr. 10:5-10) Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan hedduun, ilaalchasaanii sirreessuudhaan karaa hafuuraa gara fulduraatti deemuusaanii akka itti fufan hin shakkisiisu. Nutis dhimminee Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi hubannaa Caaffata Qulqullaaʼoorratti qabnurratti ykn tajaajila keenyarratti sirreeffama godhamu fudhachuuf qophaaʼoo taʼuu qabna.

16. (a) Eebbawwan addunyaa haaraa keessatti jireenyi gammachiisaa akka taʼu godhan kamfaʼi? (b) Addunyaa haaraa keessatti maal argachuuf hawwita?

16 Namoonni Yihowaafi jaarmiyaasaatiif hanga dhumaatti amanamoo taʼan hundi eebbasaa ni argatu. Kiristiyaanonni dibamoo amanamoo taʼan mirga guddaa Kiristosii wajjin samiirratti bulchuu argatu. (Rom. 8:16, 17) Abdii barabaraaf lafarra jiraachuu kan qabnu taanaanis, Janata keessa jiraachuun hammam gammachiisaa akka taʼu mee yaadaa! Miseensa jaarmiyaa Yihowaa waan taaneef, yeroo harʼaa addunyaa haaraa ilaalchisee abdii Waaqayyo kenne namootatti himuuf mirga guddaa qabna! (2 Phe. 3:13) Faarfannaan 37:11, “Warri garraamonni . . . lafa in qabaatu, [“lafa in dhaalu,” hiika bara 1899] isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu” jedha. Namoonni “mana ijaarratanii keessa in jiraatu,” akkasumas ‘isa harkasaaniitiin itti dadhabanitti’ ni gammadu. (Isa. 65:21, 22) Hacuuccaan, hiyyummaafi beelli hin jiraatu. (Far. 72:13-16) Baabilon Guddittiin waan badduuf sana booda eenyuuniyyuu hin gowwoomsitu. (Mul. 18:8, 21) Namoonni duʼaa kaʼanii carraa barabaraaf lafarra jiraachuu argatu. (Isa. 25:8; HoE. 24:15) Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamaniifi Yihowaadhaaf of murteessan abdii gammachiisaa qabu! Abdiiwwan Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti kennaman kun dhuunfaadhaan akka nuu dhugoomaniif, karaa hafuraa guddina argisiisuufi jaarmiyaa Yihowaa wajjin qixxee deemuu keenya itti fufuu qabna.

Jannata keessa yeroo jiraattu ija qalbiitiin sitti mulʼataa? (Keeyyata 16 ilaali)

17. Waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinuufi jaarmiyaasaatiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

17 Yeroo dhumni biyya lafaa baayʼee dhihaate kanatti, amantiitti jabaannee itti haa fufnu; akkasumas qophii Yihowaan waaqeffannaadhaaf nuu godheef galateeffannaa akka qabnu haa argisiisnu! Daawit faarfatichi ilaalcha akkasii waan qabuuf akkas jedhee faarfateera: “Ani Waaqayyoon waan tokkicha nan kadhadha, isas argachuu nan barbaada; innis, bara jireenya koo hundumaa mana Waaqayyoo keessa jiraachuu, gaarummaa Waaqayyo hojjetu ilaaluu, mana qulqullummaa isaa keessattis isa yaadachuu dha.” (Far. 27:4) Hundi keenya Waaqayyotti maxxannee haa jiraannu, sabasaa wajjinis qixxee haa deemnu, akkasumas jaarmiyaa Yihowaa wajjin fuulduratti deemuu keenya itti haa fufnu!