Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Nama Hundumaaf Deebii Kennuu Kan Qabnu Akkamitti?

Nama Hundumaaf Deebii Kennuu Kan Qabnu Akkamitti?

“Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu . . . haa taʼu; namaaf immoo adduma addaan deebii isaaf deebisuun taʼu beekaa!”​—QOL. 4:6.

1, 2. (a) Muuxannoo faayidaa gaaffii itti yaadametti fayyadamuun qabu ibsu dubbadhu. (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.) (b) Gaaffii addaddaa tajaajilarratti gaafatamnuuf sodaan nutti dhagaʼamuu kan hin qabne maaliifi?

WAGGOOTA muraasa dura obboleettiin tokko abbaa manaashee Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taanee wajjin waaʼee Macaafa Qulqulluu maree gochaa turte. Namni kun kanaan dura miseensa waldaa Saba Kiristiyaanaa tokkoo ture. Yeroo mariʼatan Sillaaseetti akka amanu isheetti hime. Obboleettiin kun, waaʼee barumsa Sillaasee sirriitti akka inni hin hubanne waan barteef malaan, “Waaqayyo Waaqa, Yesus Waaqa, hafuurri qulqulluun Waaqa akka taʼan, garuu Waaqayyolii sadii utuu hin taʼin Waaqa tokko akka taʼan amantaa?” jettee isa gaafatte. Abbaan manaashees, “Lakki ani kanatti hin amanu!” jedhee deebiseef. Achiis waaʼee eenyummaa Waaqayyoo maree namatti tolu gochuu itti fufan.

2 Muuxannoon kun malaan gaafachuufi gaaffii itti yaadametti fayyadamuun buʼa qabeessa akka taʼe argisiisa. Kana malees fakkeenyi kun, Sillaasee, qilillee ibiddaa ykn Uumaan jiraachuusaa wajjin haala walqabateen gaaffiiwwan kaʼan deebisuuf sodaan nutti dhagaʼamuu akka hin qabne kan nu hubachiisudha. Yihowaatti kan amanamnuufi leenjii inni nuu kennutti kan fayyadamnu taanaan, deebii amansiisaa taʼeefi garaa namootaa tuqu kennuu ni dandeenya. (Qol. 4:6) Tajaajilaan buʼa qabeessa taʼe tokko namootaa wajjin yaada akkasiirratti ennaa mariʼatu maal akka godhu haa qorru. (1) Gaaffii namoonni yaadasaanii akka ibsan godhu gaafachuu, (2) Macaafa Qulqulluurraa caqasuudhaan ibsuu, akkasumas (3) yaadicha ifa gochuuf fakkeenyatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

GAAFFII NAMOONNI YAADASAANII AKKA IBSAN GODHU GAAFACHUU

3, 4. Wanta namni tokko itti amanu beekuuf, gaaffiitti fayyadamuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.

3 Gaaffii gaafachuun wanta namni sun itti amanu baruuf nu gargaara. Kana gochuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Fakkeenyi 18:13, “Namni dubbii utuu hin dhaggeeffatin deebii kennu, gowwuma isaa fi yeelloo isaa mulʼisa” jedha. Waaʼee dhimma tokkoo ibsa Macaafni Qulqulluun kennurratti maree jalqabuu keenya dura, wanta namni wajjin mariʼannu sun itti amanu beekuuf yaalii gochuu qabna. Akkas hin goonu taanaan, yaada namni sun durumayyuu itti hin amanne kaasnee ragaa dhiheessuuf yaaluudhaan yeroo keenya gubna taʼa.​—1 Qor. 9:26.

4 Fakkeenyaaf, nama tokkoo wajjin waaʼee qilillee ibiddaa mariʼachaa jirra haa jennu. Qililleen ibiddaa bakka namoonni ibiddaan itti adabaman akka taʼe kan amanan namoota hunda miti. Namoonni haalli kun Waaqayyorraa fagaatanii jiraachuu kan argisiisu akka taʼe amanan hedduun jiru. Kanaaf, “Qilillee ibiddaa ilaalchisee namoonni yaada addaddaa qabu; atoo dhimma kanarratti yaada akkamii qabda?” jennee gaafachuu dandeenya. Deebiisaa erga dhageenyee booda, dhimma kanarratti wanta Macaafni Qulqulluun dubbatu akka hubatu isa gargaaruu dandeenya.

5. Gaaffiitti fayyadamuun, sababii namni sun yaada akkasitti akka amanu isa godhe beekuuf kan nu gargaaru akkamitti?

5 Malaan gaaffii gaafachuun namni sun yaada akkasiitti kan amanu maaliif akka taʼe beekuufis nu gargaara. Fakkeenyaaf, namni tajaajilarratti arganne tokko Waaqayyotti akka hin amanne yoo nutti hime maal gochuu qabna? Barumsi biyya lafaa kan akka jijjiirama tirannaa nama kanarratti dhiibbaa akka geessise yaaduun salphaa taʼuu dandaʼa. (Far. 10:4) Haataʼu malee, namoonni tokko tokko rakkina cimaa isaanirra gaʼeen kan kaʼe amantii Waaqayyorratti qaban dhabaniiru. Rakkinni akkasii utuu isaanirra gaʼuu Uumaan jaalala qabeessa taʼe akka jiru amanuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Kanaaf, nama Waaqayyo akka jiru shakku tokko yommuu haasofsiisnu, “Durumaa kaasee ilaalcha akkasii qabda turtee?” jennee gaafachuu dandeenya. Miti taanaan, wanti Waaqayyo jiraachuusaa akka shakku isa godhe maal akka taʼe isa gaafachuu dandeenya. Deebiin inni nuu kennu, mala ittiin gama hafuuraatiin isa gargaaruu dandeenyu beekuuf nu fayyaduu dandaʼa.​—Fakkeenya 20:5 dubbisi.

6. Nama tokko gaaffii erga gaafannee booda maal gochuu qabna?

6 Gaaffii erga isa gaafannee booda, akka gaariitti dhaggeeffachuufi yaadasaa isaaf kabajuu qabna. Fakkeenyaaf, namni taʼe tokko haala gaddisiisaa isarra gaʼee tureen kan kaʼe Uumaan jiraachuusaa shakkuu akka jalqabe nutti hime haa jennu. Waaqayyo akka jiru ragaa dhiheessuu keenya dura, wanta isarra gaʼetti akka gaddineefi rakkinni maaliif akka nurra gaʼu gaafachuun dogoggora akka hin taane ibsuufii qabna. (An. 1:2, 3) Obsiifi jaalalli isatti argisiisnu wanta isatti himnu dhagaʼuuf caalaatti fedhii akka qabaatu gochuu dandaʼa. *

MACAAFA QULQULLUURRAA CAQASUUDHAAN IBSUU

Tajaajilarratti milkaaʼina argachuuf kan nu gargaaru maalidha? (Keeyyata 7 ilaali)

7. Milkaaʼinni tajaajila keenyarratti argannu maalirratti kan hundaaʼedha?

7 Macaafa Qulqulluurraa caqasuudhaan ibsuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼemmoo haa ilaallu. Meeshaan tajaajilarratti itti fayyadamnu inni guddaan Macaafa Qulqulluu akka taʼe beekamaadha. Macaafni Qulqulluun, ‘waa gochuu akka dandeenyuufi hojii gaarii hundumaaf akka qophoofnu’ nu gargaara. (2 Xim. 3:16, 17) Tajaajilarratti milkaaʼina argachuun keenya, baayʼina caqasa dubbisnuurratti utuu hin taʼin, ibsa caqasicharratti kenninurratti kan hundaaʼedha. (Hojii Ergamootaa 17:2, 3 dubbisi.) Mee haalawwan sadan armaan gadii akka fakkeenyaatti haa ilaallu.

8, 9. (a) Nama Yesus Waaqayyoo wajjin qixxeedha jedhee amanuu wajjin karaan itti mariʼachuu dandeenyu tokko kamidha? (b) Malli dhimma kanarratti mariʼachuuf gaarii taʼee argattan kan biraan jiraa?

8 Haala 1: Namni Yesus Waaqayyoo wajjin qixxee akka taʼe amanu tajaajilarratti nu mudate. Yeroo kana caqasa kamitti utuu fayyadamnee gaariidha? Yaada Yesus, Yohannis 6:38⁠rratti, “Fedha ofii kootii raawwachuudhaaf miti, fedha isa ana ergee raawwachuudhaafan waaqa irraa gad buʼe malee” jechuudhaan dubbate isa afeeruu dandeenya. Caqasicha erga dubbisnee booda akkas jennee isa gaafachuu dandeenya: “Yesus Waaqayyo erga taʼee, gara lafaatti kan isa erge eenyu? Qaamni isa erge kun Yesusirra kan caalu sitti hin fakkaatuu? Kan erge isa ergamerra baayʼee akka caalu beekamaadha.”

9 Akkasumas, yaada Phaawulos ergamaan Yesus erga duʼaa kaafamee booda wanta Waaqayyo isaaf godhe ilaalchisee Filiphisiiyus 2:9⁠rratti dubbate ibsuufii dandeenya. Caqasichi, “Waaqayyo waan hundumaa irra caalchisee guddaa ol isa [Yesus] qabe; maqaa isa maqaa kam irra iyyuu caalu kenneeraaf” jedha. Namni kun caqasa kanarratti akka yaadu gochuuf akkas jennee isa gaafachuu dandeenya: “Yesus duʼuusaa dura Waaqayyoo wajjin qixxee erga taʼeefi boodammoo Waaqayyo guddaa kan ol isa qabe yoo taʼe, Waaqayyorra caaluu isatti hin taʼuu? Garuu, qaamni Waaqayyorra caaluu dandaʼu jiraa?” Namni kun Dubbii Waaqayyootiif kabaja kan qabuufi garaa qajeelaa kan qabu taanaan, mareen akkasii dhimmicha balʼinaan akka qoru isa kakaasuu dandaʼa.—HoE. 17:11.

10. (a) Nama hamoonni qilillee ibiddaatti gubachuu qabu jedhee amanu mariisisuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Qilillee ibiddaa ilaalchisee yaanni maree gochuuf caalaatti buʼa qabeessa taʼee argattan jiraa?

10 Haala 2: Nama amantii cimsuufi yaanni hamoonni qilillee ibiddaatti barabaraaf hin gubatan jedhu matumaa hin liqimfamneeftu nu mudate. Namni kun qilillee ibiddaa ilaalchisee amantii akkasii kan qabaate, hamoonni wanta gadhee raawwataniif akka adabaman waan barbaaduuf taʼuu dandaʼa. Nama ilaalcha akkasii qabu mariisisu kan dandeenyu akkamitti? Jalqaba, hamoonni kan adabaman taʼuusaa mirkaneessuufii qabna. (2 Tas. 1:9) Achiis, yaada adabbiin cubbuu duʼa akka taʼe ibsuufi Uumama 2:16, 17⁠rratti argamu dubbisuufii dandeenya. Kana malees, cubbuu Addaam raawwateen kan kaʼe, ilmaan namootaa hundi cubbuu akka dhaalan ibsuufii dandeenya. (Rom. 5:12) Haataʼu malee, Waaqayyo waaʼee qilillee ibiddaatiin adabuu kan hin dubbanne taʼuusaa akka hubatu gargaaruu dandeenya. Achiis, “Addaamiifi Hewwaan barabaraaf qilillee ibiddaatiin kan adabaman utuu taʼee, Waaqayyo waaʼee kanaa dursee isaan hin akeekkachiisu turee?” jennee isa gaafachuu dandeenya. Achiis Uumama 3:19 dubbisuufii dandeenya. Caqasichi, waaʼee adabbii Addaamiifi Hewwaan erga cubbuu raawwatanii booda isaanirratti dabarfamee kan dubbatu taʼus, waaʼee qilillee ibiddaa hin ibsu. Kanaa mannaa, Addaam gara biyyootti akka deebiʼu itti himamee ture. Akkas jennee gaafachuu dandeenya: “Addaam erga duʼee booda gara qilillee ibiddaa kan dhaqu erga taʼee, akka inni biyyootti deebiʼu itti himamuunsaa sirrii sitti fakkaataa?” Namni kun balʼisee kan yaadu taanaan, gaaffiin akkasii dhimmicharratti gad fageenyaan akka yaadu isa kakaasuu dandaʼa.

11. (a) Karaan nama namoonni gaariin hundi gara samii dhaqu jedhee amanu itti mariisisnu keessaa tokko kamidha? (b) Gara samii dhaquu ilaalchisee yaanni maree gochuuf buʼa qabeessa taʼee argattan jiraa?

11 Haala 3: Tajaajilarratti nama namoonni gaariin hundi gara samii dhaqu jedhee amanu arganne. Amantiin akkasii karaa namni sun yaada Macaafa Qulqulluu itti hubaturratti dhiibbaa qabaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, yaada Mulʼata 21:4rra jiru isaaf ibsuu barbaanne haa jennu. (Dubbisi.) Namichi kun, yaadni caqasicharratti ibsame eebba samiirratti argamu kan argisiisu akka taʼe yaada taʼa. Yeroo kanatti akkamitti ibsuufii dandeenya? Ragaa dabalataa isaaf dhiheesuuf caqasa kan biraa dubbisuu mannaa, caqasuma sana akka gaariitti ibsuufii qabna. Caqasichi, “Duuni deebiʼee hin argamu” jedha. “Wanti tokko deebiʼee hin argamu jechuuf, wanti sun sana dura jiraachuu qaba jettee hin yaadduu?” jennee isa gaafachuu dandeenya. Yeroo kanatti eeyyee jedhee deebisuunsaa hin oolu. Achiis, samiirra duuti matumaa jiraatee akka hin beekneefi duuti kan jiru lafarra qofa taʼuusaa ibsuufii dandeenya. Kanaaf yaadni Mulʼata 21:4⁠rratti argamu, abdii gara fuulduraatti lafarratti raawwatamuu kan argisiisudha jechuu ni dandeenya.—Far. 37:29.

YAADICHA IFA GOCHUUF FAKKEENYATTI FAYYADAMUU

12. Yesus fakkeenyatti kan fayyadame maaliifi?

12 Yesus tajaajilarratti gaaffilee malees, fakkeenyatti fayyadameera. (Maatewos 13:34, 35 dubbisi.) Yesus fakkeenyatti fayyadamuunsaa yaadni namoota isa dhaggeeffatanii akka ifa baʼu gochuuf isa gargaareera. (Mat. 13:10-15) Akkasumas, barumsi inni barsiisu kan namatti toluufi kan hin irraanfatamne akka taʼu godheera. Yeroo barsiisnu fakkeenyatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

13. Waaqayyo Yesusirra akka caalu fakkeenyaan ibsuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Fakkeenya salphaa taʼetti fayyadamuun yeroo baayʼee buʼa qabeessadha. Fakkeenyaaf, Waaqayyo Yesusiin akka caalu ennaa ibsinu mala armaan gadiitti fayyadamuu dandeenya. Waaqayyos taʼe Yesus hariiroo gidduusaanii jiru ibsuuf walitti dhufeenya maatii gidduu jirutti akka fayyadaman caqasuu dandeenya. Waaqayyo, Yesus Ilmasaa akka taʼe, Yesusimmoo Waaqayyo Abbaasaa akka taʼe dubbataniiru. (Luq. 3:21, 22; Yoh. 14:28) Ittaansuudhaan, “Namoonni lama qixxee taʼuusaanii na barsiisuu utuu barbaaddee, walitti dhufeenya miseensota maatii gidduu jiru keessaa isa kam akka fakkeenyaatti fayyadamta?” jennee isa gaafachuu dandeenya. Tarii namni sun obbolaatti ykn lakkuutti akka fayyadamu dubbata taʼa. Akkas yoo jedhe, walitti dhufeenya kanatti fayyadamuunsaa sirrii akka taʼe ibsuufii dandeenya. Achiis akkas jennee gaafachuu dandeenya: “Aniifi ati fakkeenya akkasiitti fayyadamuurratti kan walii gallu erga taʼee, Yesus inni Barsiisaa Guddicha taʼe fakkeenya akkasiitti hin fayyadamu turee? Kanaa mannaa, Waaqayyo Abbaasaa akka taʼe dubbateera. Yesus, Waaqayyo umriidhaanis taʼe aboodhaan akka isa caalu ibseera.”

14. Fakkeenyi Waaqayyo, Seexanatti fayyadamee namoota qilillee ibiddaatiin akka adabu yaaduun matumaa sirrii akka hin taane ibsu kamidha?

14 Mee fakkeenya garabiraa haa ilaallu. Namoonni tokko tokko qilillee ibiddaa “kan toʼatu” Seexana akka taʼe amanu. Fakkeenyi armaan gadii, namoonni warra taʼan, Waaqayyo, namoota qilillee ibiddaatiin adabuuf Seexanatti fayyadama jedhanii yaaduun matumaa waan hin fakkaanne taʼuusaa akka hubatan gargaaruu dandaʼa. “Mucaankee didaa taʼuudhaan wantoota gadhee hedduu raawwate haa jennu. Yeroo kanatti maal goota?” jennee isa gaafachuu dandeenya. Namni kun, wanta gadhee taʼe hojjechuusaa akka dhiisuuf irra deddeebiʼee mucaasaa akka gorsu dubbata taʼa. (Fak. 22:15) Yeroo kanatti, mucaansaa gargaarsa isaaf godhame hunda fudhachuu yoo dide maal akka godhu isa gaafachuu dandeenya. Warri hedduun adabuurraa kan hafe wanti gochuu dandaʼan kan biraan akka hin jirre dubbachuu dandaʼu. Achiis, “Namni hamaa taʼe tokko mucaankee wanta gadhee akka hojjetuuf dhiibbaa isarratti gochaa akka jiru utuu beektee maaltu sitti dhagaʼama?” jennee isa gaafachuu dandeenya. Nama kanatti akka aaru ifadha. Yaadicha ifa gochuuf, “Namni hamaa taʼe tokko mucaa keerratti dhiibbaa gadhee gochaa akka jiru utuu beektuu, namni sun mucaakee akka siif adabu ni heyyamtaa?” jennee isa gaafachuu dandeenya. Matumaa akkas akka hin goone akka nuti himu beekamaadha. Kanaaf, Waaqayyos namoota hamoo adabuuf, Seexana isa wanta gadhee taʼe akka raawwataniif dhiibbaa isaanirratti geessisutti akka hin fayyadamne ifadha.

ILAALCHA SIRRII QABAADHAA

15, 16. (a) Namoonni nuti lallabnuuf hundi misiraachoo Mootummichaa ni fudhatu jennee kan hin eegne maaliifi? (b) Tajaajilarratti milkaaʼina argachuuf dandeettii addaa qabaachuu qabnaa? Ibsi. (Saanduqa, “ Meeshaa Deebii Kennuuf Nu Gargaaru” jedhus ilaali.)

15 Misiraachoo Mootummichaa kan fudhatan namoota hunda akka hin taane hubachuu qabna. (Mat. 10:11-14) Gaaffii itti yaadametti fayyadamnee, ibsa gaarii isaaniif kenninee, fakkeenya gaariitti fayyadamnees misiraachicha fudhachuu dhiisuu dandaʼu. Barumsa Yesus inni Barsiisaa guddicha taʼeefi namoota hanga harʼaatti jiraatan hundarra caalu barsiisellee kan fudhatan namoota muraasa qofadha.​—Yoh. 6:66; 7:45-48.

16 Karaa garabiraammoo, dandeettii addaa akka hin qabne nutti dhagaʼamullee, tajaajila keenyarratti buʼa qabeessa taʼuu ni dandeenya. (Hojii Ergamootaa 4:13 dubbisi.) Macaafni Qulqulluun, ‘namoonni jireenya barabaraa argachuuf yaada garaa sirrii taʼe qaban hundi’ misiraachicha akka fudhatan nuu mirkaneessa. (HoE. 13:48, NW) Kanaaf, namoota misiraachoo Mootummichaa lallabnuufis taʼe ofii keenyaaf ilaalcha sirrii haa qabaannu. Leenjiin Yihowaarraa argannu nuunis taʼe namoota nu dhaggaʼan waan fayyaduuf akka gaariitti itti haa fayyadamnu. (1 Xim. 4:16) Yihowaan nama hundumaaf deebii akkamii kennuu akka qabnu akka hubannuuf nu gargaara. Matadureen ittaanu, karaa itti tajaajilarratti milkaaʼina argachuu dandeenyu keessaa tokko kan ibsu ennaa taʼu, kunis seera beekamaa Yesus dubbate hordofuudha.

^ key. 6 Mataduree, “Uumaan Akka Jiru Amanuun Ni Dandaʼamaa?” jedhuufi Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 1, 2009⁠rra jiru ilaali. (Amaariffa)