Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Nyaannikoo Jaalala Waaqayyoo Raawwachuudha’

‘Nyaannikoo Jaalala Waaqayyoo Raawwachuudha’

Wanti gammachuu guddaa siif argamsiisu maalidha? Gaaʼela dhaabbachuu, ijoollee godhachuu ykn michummaa uumuudhaa? Namoota jaallattuu wajjin nyaachuunis gammachuu akka siif argamsiisu beekamaadha. Haataʼu malee, tajaajilaa Yihowaa waan taateef, jaalala Waaqayyoo raawwachuu, Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi misiraachoo Mootummichaa labsuun caalaatti gammachuu siif argamsiisa.

Daawit inni Mootii Israaʼel durii ture, “Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola, seerri kees garaa koo keessa jira” jedhee faarfannaadhaan Uumaasaa jajateera. (Far. 40:8) Daawit, jireenyasaa keessatti rakkinniifi dhiibbaan addaddaa isarra gaʼus, jaalala Waaqayyoo raawwachuun baayʼee isa gammachiisa ture. Haataʼu malee, waaqeffattoota Yihowaa keessaa isa tajaajiluudhaan kan gammade Daawit qofa hin turre.

Phaawulos ergamaan yaada Faarfannaa 40:8⁠rra jiru Masiihicha ykn Kiristosii wajjin wal qabsiisee ibseera. Akkas jechuudhaan barreesseera: “Kristos gara biyya lafaa yommuu dhufe, ‘Ati aarsaa, kennaas hin jaallanne, garuu dhagna abboomamuu anaaf qopheessiteetta. Ati kennaa qalmaa isa gubamutti, aarsaa sababii cubbuutiif dhiʼaatuttis hin gammanne; kanaaf ani immoo, “Macaafa maramu keessatti waaʼee kootiif akkuma caafamee jiru, yaa Waaqayyo, kunoo, ani jaalala kee raawwachuudhaaf dhufeera” nan jedhe’ jedhee dubbate.”​—Ibr. 10:5-7.

Yesus yommuu lafarra turetti, uumama ilaaluudhaan dinqisiifachuun, michootasaa wajjin yeroo dabarsuuniifi namoota kaanii wajjin nyaachuun isa gammachiisa ture. (Mat. 6:26-29; Yoh. 2:1, 2; 12:1, 2) Taʼus, fedhiinsaa inni guddaaniifi wanti gammachuu guddaa isaaf argamsiisu jaalala Abbaasaa isa samii raawwachuu ture. Yesus, “Nyaanni kan koo jaalala isa na ergee gochuudhaaf hojii isaa raawwachuu dha” jechuudhaan kan dubbate kanaafidha. (Yoh. 4:34; 6:38) Bartoonni Yesusis gammachuu dhugaa argachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe Gooftaasaaniirraa barataniiru. Gammachuu, fedhiifi hawwii guddaadhaan ergaa Mootummichaa namoota kaaniif lallabaniiru.​—Luq. 10:1, 8, 9, 17.

‘DHAQAA BARTOOTA GODHAA’

Yesus, akkas jechuudhaan duuka buutotasaa abboomeera: “Dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa! Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa! Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira.” (Mat. 28:19, 20) Hojii kana raawwachuun, bakka namoonni itti argaman hunda dhaquudhaan lallabuu, namoota fedhii qabaniif deddeebii gaaffii gochuufi Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuu dabalata. Hojii kana hojjechuun, gammachuu guddaa namaaf argamsiisa.

Jaalalli, namoonni dantaa yoo dhabanillee lallabuu keenya itti fufuuf nu gargaara

Namoonni ergaa keenya fudhatanis fudhachuu baatanis gammachuun tajaajila keenyarraa argannu ilaalcha keenyarratti kan hundaaʼedha. Namoonni tokko tokko dantaa yoo dhabanillee misiraachicha labsuu keenya kan itti fufnu maaliifi? Waaqayyoofi namoota akka jaallannu kan argisiisnu, misiraachoo Mootummichaa labsuufi hojii bartoota gochuurratti hirmaachuudhaan akka taʼe waan beeknuufidha. Misiraachicha lallabuun keenya jireenya keenyas taʼe kan namootaa kaanii balaarraa ni oolcha. (His. 3:17-21; 1 Xim. 4:16) Mee yaadawwan obboloonni hedduun, naannoo tajaajilaa rakkisaa taʼe keessatti hinaaffaasaanii eeganii itti fufuu ykn hinaaffaasaanii haaromfachuuf isaan gargaaran tokko tokko haa ilaallu.

CARRAA ARGATTAN HUNDATTI FAYYADAMAA

Tajaajila keenyarratti gaaffiiwwan sirrii taʼanitti fayyadamuun yeroo baayʼee buʼaa gaarii argamsiisa. Gaaf tokko ganama, Amaaliyaan nama iddoo bashannanaa tokko taaʼee gaazexaa dubbisu argite. Achiis namicha sanatti dhihaattee wanti inni dubbisaa jiru oduu nama gammachiisu kan qabate taʼuufi dhiisuusaa isa gaafatte. Oduu nama gammachiisu dubbisaa akka hin jirre yommuu isheetti himu, Amaaliyaan, “Animmoo waaʼee Mootummaa Waaqayyoo oduu nama gammachiisu sitti himuufan dhufe” jetteen. Yaanni kun fedhii namichaa kakaasuudhaan afeerraa Macaafa Qulqulluu akka qayyabatu isaaf dhihaate akka fudhatu isa godheera. Amaaliyaan bakka bashannanaa sanatti namoota sadii qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu dandeesseetti.

Jaaniis bakki hojiishee naannoo tajaajilaashee akka taʼu gooteetti. Matadureen maxxansa Masaraa Eegumsaa tokkorratti baʼe, xiyyeeffannaa waardiyyaa bakka hojiisheefi dubartii isa faana hojjettu tokkoo akka harkise ennaa hubattu, barruulee kana jiʼa jiʼaan akka isaaniif fiddu itti himte. Namni ishee faana hojjetu kan biraanis mataduree addaddaa barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! irratti baʼu jaallachuusaa yommuu argitu isaafis fiduu akka dandeessu itti himte. Kunimmoo dubartiin ishee faana hojjettu kan biraanis barruulee kana akka gaafattu godheera. Jaaniis, “Kun eebba guddaa ani Yihowaa biraa argadhedha!” jetteetti. Yeroo booda namoonni bakka hojiisheetti jiʼa jiʼaan barruulee fudhatan 11 gaʼanii turan.

ILAALCHA NI TAʼA JEDHU QABAADHAA

Daawwataan olaanaa tokko, babalʼistoonni yeroo manaa gara manaa tajaajilanitti, nama haasofsiisan sanaan ‘guyyaa biraa deebinee dhufna’ jechuudhaan qofa mareesaanii xumuruu akka hin qabne dubbateera. Kanaa mannaa, “Macaafa Qulqulluu qayyabachuun akkamitti akka dandaʼamu sitti argisiisuu?” ykn “Maree keenya itti fufuu akka dandeenyuuf, guyyaafi saʼaatii kamitti yoon dhufe sitti tola?” jedhanii isa gaafachuu dandaʼu. Daawwataa olaanaan kun, obboloonni gumii inni daawwatu tokko keessatti argaman, akkaataa dhiheenyaa kanatti fayyadamuudhaan torban tokko keessatti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu 44 akka jalqabsiisan gabaaseera.

Guyyoota muraasa gidduutti deebinee isaan gaafachuun keenya buʼaa gaarii argamsiisuu dandaʼa. Akkas kan jennu maaliifi? Akkas gochuun keenya, namoonni garaa qajeelaa qaban Macaafa Qulqulluu akka hubatan gargaaruuf fedhii akka qabnu waan argisiisuufidha. Dubartiin tokko Dhugaa Baatota Yihowaa faana Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kan jalqabde maaliif akka taʼe yeroo gaafatamtetti, “Na gargaaruuf fedhii guddaa akka qabaniifi akka na jaallatan waanan hubadheefan qayyabachuu eegale” jetteetti.

Nama haasofsiistu tokko, “Macaafa Qulqulluu qayyabachuun akkamitti akka dandaʼamu sitti argisiisuu?” jette gaafachuu dandeessa

Maadaayiin, Mana Barumsaa Tajaajila Qajeelchitootaarratti erga hirmaattee booda utuu baayʼee hin turin, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu 15 geggeessaa kan turte siʼa taʼu, 5⁠mmoo babalʼistoota kaaniif kenniteetti. Namoota isheen qayyabsiistu keessaa baayʼeensaanii yeroo hunda walgaʼiirratti argamuu jalqabaniiru. Maadaayiin namoota hedduu qayyabannaa jalqabsiisuuf wanti ishee gargaare maalidha? Leenjiin mana barumsichaarraa argatte, namoota jalqabarratti fedhii argisiisan hamma argattutti deddeebitee gaafachuu akka qabdu ishee hubachiisee ture. Babalʼistuu kan biraan namoonni hedduun dhugaa Macaafa Qulqulluu akka baratan gargaarte tokkos, “Utuu abdii hin kutatin deddeebii gaaffii gochuun namoota Yihowaa beekuu barbaadan gargaaruuf barbaachisaa akka taʼe baradheera” jetteetti.

Utuu hin turin deddeebii gaaffii gaafachuun keenya namoonni garaa qajeelaa qaban Macaafa Qulqulluu akka hubatan gargaaruuf fedhii akka qabnu kan argisiisudha

Deddeebii gaaffii gochuufi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuun carraaqqii cimaa gaafata. Taʼus, buʼaansaa carraaqqii goonerra waan caaluuf kan nama kiisudha. Hojii Mootummicha labsuurratti guutummaatti hirmaachuudhaan, namoonni kaan ‘dhugaa beekuu bira gaʼanii’ fayyina akka argatan gargaaruu dandeenya. (1 Xim. 2:3, 4) Nutimmoo, eebbaafi gammachuu hangana hin jedhamne arganna.