Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Tajaajilarratti Seera Isa Beekamaa Taʼe Hordofaa

Tajaajilarratti Seera Isa Beekamaa Taʼe Hordofaa

“Waanuma namoonni akka isiniif godhaniif jaallattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa.”​—MAT. 7:12.

1. Akkaataan tajaajilarratti namoota itti qabnu buʼaa akkamii argamsiisuu dandaʼa? Fakkeenyaan ibsi. (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

WAGGOOTA muraasa dura hiriyoonni gaaʼelaa biyya Fiijii jiraatan tokko, Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristosirratti akka argamaniif namoota afeeraa turan. Utuu isaan karaarratti dubartii tokko haasofsiisaa jiranii bokkaan roobuu jalqabe. Yeroo kanatti obboleessi sun dibaabee tokko dubartii sanaaf kennuudhaan inniifi haatimanaasaa dibaabee tokkotti fayyadaman. Dubartiin sun Ayyaanicharratti ennaa argamtetti hiriyoonni gaaʼelaa kun baayʼee gammadan. Wanta hiriyoonni gaaʼelaa sun isheetti himanii turan yaadachuu baattus, wanti isaan isheedhaaf godhan waan ishee tuqeef, Ayyaanicharratti argamuuf akka murteessite dubbatteetti. Wanta kanaaf gumaacha kan godhe maalidha? Hiriyoonni gaaʼelaa kun seera isa beekamaa Yesus barsiise hordofuusaaniiti.

2. Seerri beekamaan Yesus barsiise maalidha? Hojiirra oolchuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

2 Seerri beekamaan Yesus barsiise maalidha? Seerri kun gorsa inni, “Waanuma namoonni akka isiniif godhaniif jaallattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa” jechuudhaan kennedha. (Mat. 7:12) Seera kana hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti? Kana gochuuf wanta lama gochuu qabna. Jalqaba, ‘Ani utuun iddoo nama kanaa taʼee akkamitti qabamuun barbaada?’ jennee of gaafachuu qabna. Achiis, hanga nuuf dandaʼametti karaa itti namoonni akka nu qaban barbaannuun namoota qabuuf carraaqqii gochuu qabna.​—1 Qor. 10:24.

3, 4. (a) Seera beekamaa Yesus barsiise hojiirra oolchuu kan qabnu namoota hidhata amantii keenya taʼanii wajjin haala wal qabateen qofadhaa? Ibsi. (b) Mataduree kana keessatti waaʼee maalii qorra?

3 Seera beekamaa taʼe kana walitti dhufeenya namoota hidhata amantii keenya taʼanii wajjin qabnurratti yeroo baayʼee hojiirra oolchina. Yesus garuu amala akkasii namoota hidhata amantii keenya taʼanitti qofa argisiisuu akka qabnu hin dubbanne. Seera beekamaa taʼe kana dubbachuusaa dura, diinota keenya dabalatee namoota hunda akkamitti qabuun akka nurra jiru barsiiseera. (Luqaas 6:27, 28, 31, 35 dubbisi.) Diinota keenyatti amala akkasii argisiisuu kan qabnu erga taʼee, namoota hedduu ‘jireenya barabaraa argachuuf yaada garaa sirrii taʼe qabanitti’ amala kana argisiisuun keenya baayʼee barbaachisaadha!​—HoE. 13:48, NW.

4 Mee gaaffilee yommuu tajaajilarratti hirmaannu xiyyeeffannaa kennuufii qabnu afur haa qorru. Isaanis: Namoota akkamiin haasofsiisaa jira? Eessattan isaan haasofsiisaa jira? Yeroon namoota haasofsiisuuf mijataa taʼe kamidha? Haala akkamiitiinan isaan haasofsiisuu qaba? Gaaffilee kana qoruun keenya, miira namoota haasofsiisnuu hubachuudhaan akkaataa dhiheenyaa isaan hawwatutti fayyadamuuf nu gargaara.​—1 Qor. 9:19-23.

NAMOOTA AKKAMIIN HAASOFSIISAA JIRA?

5. Gaaffilee akkamii of gaafachuu qabna?

5 Tajaajilarratti namoota garaagaraa akka haasofsiisnu beekamaadha. Akkaataan guddinaafi rakkinni nama tokkoo isa kaanirraa addadha. (2 Sen. 6:29) Nama taʼe tokkotti misiraachicha himuuf yommuu yaallu akkas jennee of haa gaafannu: ‘Utuun bakkasaa taʼee, namoonni ilaalcha akkamii utuu naaf qabaataniin filadha? Namoonni eenyummaakoo utuu hin beekin waaʼeekoo murtoorra akka gaʼan nan barbaadaa? Moo akka nama tokkootti utuu na baranii natti tola?’ Gaaffilee akkasiirratti yaaduun keenya tokkoon tokkoon namootaatiif kabaja argisiisuuf nu gargaara.

6, 7. Namni tajaajilarratti haasofsiisnu tokko yoo nutti dheekkame maal gochuu qabna?

6 Namni kamiyyuu, ‘nama ilaalcha sirrii hin taane qabu’ akka taʼetti ilaalamuu hin barbaadu. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanota waan taaneef, gorsa Macaafni Qulqulluun, “Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu . . . haa taʼu” jechuudhaan kennu hojiirra oolchuuf carraaqqii goona. (Qol. 4:6) Haataʼu malee mudaa kan qabnu waan taaneef, yeroo tokko tokko wanta booda itti gaabbinu dubbanna. (Yaq. 3:2) Miirri gaariin waan nutti hin dhagaʼamneef, haala gaarummaa hin argisiisneen nama tokkotti yoo dubbannellee, “kabaja kan hin argisiisne” ykn “kan namaaf hin yaadne” akka taanetti matumaa ilaalamuu hin barbaannu. Kanaa manaa, namni kaan miira keenya akka nuuf hubatu barbaanna. Nuhoo miira namootaa akka isaaniif hubannu argisiisuu hin qabnuu?

7 Namni tajaajilarratti haasofsiisnu tokko yoo nutti dheekkame, miirasaa hubachuuf yaaluun keenya gaariidha. Tarii bakka hojiitti ykn mana barumsaatti wanti isa aarsu isa mudateetii laata? Dhibee fayyaa cimaa taʼe qabaa laata? Namoonni yommuu obboloonni jalqabarratti isaan haasofsiisan aaranii turan hedduun, gaarummaafi kabaja obboloonni isaanitti argisiisaniin ilaalchasaanii jijjiiraniiru.—Fak. 15:1; 1 Phe. 3:15, 16.

8. Namoota hundatti misiraachicha himuurraa duubatti jechuu kan hin qabne maaliifi?

8 Tajaajilarratti namoota haala jireenyaa garaagaraa qaban arganna. Fakkeenyaaf, waggoota muraasa darban keessatti barruu Masaraa Eegumsaa mataduree “Macaafni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira” jedhu jalatti muuxannoowwan 60 ol taʼan baʼaniiru. Namoota kana keessaa tokko tokko, sana dura kan hatan, kan machaaʼan, qoricha sammuu hadoochu kan fudhatan ykn miseensa garee yakka raawwatu tokkoo kan turanidha. Kaanimmoo, namoota siyaasaa, geggeessitoota amantii ykn hojiidhaaf xiyyeeffannaa guddaa kan kennan turan. Tokko tokkommoo, akkaataa jireenyaa gadhiisii taʼe jiraachaa kan turanidha. Taʼus, hundisaanii misiraachicha fudhachuudhaan Macaafa Qulqulluu kan qayyabatan yommuu taʼu, akkaataa jireenyaasaanii jijjiiranii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼaniiru. Kanaaf, haala namoota tokko tokkoo ilaaluudhaan misiraachicha akka isaan hin fudhannetti matumaa yaaduu hin qabnu. (1 Qorontos 6:9-11 dubbisi.) Kanaa mannaa, namoonni haala jireenyaa akkamiiyyuu keessa jiran misiraachicha fudhachuu akka dandaʼan hubachuu qabna.—1 Qor. 9:22.

EESSATTAN ISAAN HAASOFSIISAA JIRA?

9. Mana namootaatiif kabaja akka qabnu argisiisuu kan qabnu maaliifi?

9 Tajaajilarratti namoota kan haasofsiisnu eessatti? Yeroo baayʼee manasaanii deemnee isaan haasofsiisna. (Mat. 10:11-13) Namoonni manaafi qabeenya keenyaaf kabaja yommuu argisiisan nutti tola. Kana malees, mana jireenyaa keenyaaf bakka guddaa kennina. Manni keenya bakka itti dhimmoota keenya bilisa taanee itti raawwannuufi tasgabbiin itti nutti dhagaʼamu akka taʼu barbaanna. Kanaaf, nutis namootatti kabaja argisiisuu qabna. Manaa gara manaatti yommuu tajaajillu mana namootaatiif kabaja akka qabnu argisiisuun keenya gaariidha.​—HoE. 5:42.

10. Tajaajilarratti wanta namoota aarsu gochuurraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Biyya lafaa yakki itti babalʼate kana keessatti, namoonni baayʼeen keessummoota gara manasaanii dhaqan ni shakku. (2 Xim. 3:1-5) Kanaaf, caalaatti shakkiin akka isaanitti dhagaʼamu akka hin goone of eeggachuu qabna. Fakkeenyaaf, gara mana tokkoo deemnee balbala rurrukunne haa jennu. Deebii yoo dhabne, namni jiraachuusaa mirkaneeffachuuf karaa qaawwaa ilaaluuf qoramna taʼa. Balballi mooraa banaa yoo taʼemmoo ol seenuudhaan nama nu haasofsiisu argachuuf yaalla taʼa. Akkas gochuun namoota naannoo keessan jiraatan ni aarsaa? Ollaan nama sanaahoo maaltu itti dhagaʼama? Tajaajila keenya guutummaatti raawwachuu akka barbaannu beekamaadha. (HoE. 10:42) Hundi keenya ergaa gaarii taʼe kan babalʼisnu garaa qajeelaadhaan kakaaneeti. (Rom. 1:14, 15) Taʼus, wanta namoota naannoo tajaajilaa keenyatti argaman aarsuu dandaʼu kamiyyuu gochuurraa fagaachuu qabna. Phaawulos, “Ergaan keenya maqaa gadhee akka hin arganneef nama tokko iyyuu matumaa hin gufachiifnu” jechuudhaan barreesseera. (2 Qor. 6:3) Manaafi qabeenya namoota naannoo tajaajilaa keenyatti argamanii akka kabajnu argisiisuun keenya, akka isaan dhugaa fudhatan gochuu dandaʼa.​—1 Phexros 2:12 dubbisi.

Yeroo hunda manaafi qabeenya nama haasofsiisnuu akka kabajnu haa argisiisnu (Keeyyata 10 ilaali)

YEROON NAMOOTA HAASOFSIISUUF MIJATAA TAʼE KAMIDHA?

11. Namoonni sagantaa keenya akka nuuf kabajan kan barbaannu maaliifi?

11 Kiristiyaanota waan taaneef, hojii raawwannu hedduu qabna. Itti gaafatamummaa keenya baʼuuf, wantoota dursa kennuufii qabnu adda baafachuudhaan of eeggannoodhaan saganteeffanna. (Efe. 5:16; Filp. 1:10) Wanti taʼe tokko sagantaa baafanne gidduu ennaa seenu nu aarsuu dandaʼa. Kanaaf, namoonni saʼaatii wajjin haala wal qabateen haala keenya akka nuuf hubataniifi sagantaa keenya akka nuuf kabajan barbaanna. Seerri beekamaan Yesus barsiise sagantaa namootaa kabajuuf kan nu gargaaru akkamitti?

12. Naannoo tajaajilaa keenyatti yeroo namoota haasofsiisuuf caalaatti mijataa taʼe beekuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Yeroo namoota haasofsiisuuf caalaatti mijataa taʼe beekuuf carraaqqii gochuu qabna. Naannoo tajaajilaa keenyatti namoonni yeroo baayʼee manatti kan argaman saʼaatii kamittidha? Tasgabbiidhaan nu dhaggeeffachuu kan dandaʼanoo yoomi? Haala namootaarratti hundaaʼuudhaan sagantaa keenyarratti sirreeffama gochuuf carraaqqii gochuun gaariidha. Biyyoota tokko tokkotti, manaa gara manaatti tajaajiluuf yeroon baayʼee mijataa taʼe gara galgalaati. Haalli naannoo tajaajilaa keessaniis akkas taanaan, yeroo kanatti hamma tokko manaa gara manaatti tajaajiluuf sagantaa keessan mijeessuu ni dandeessuu? (1 Qorontos 10:24 dubbisi.) Yeroo namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiraataniif mijataa taʼetti isaaniif lallabuuf jecha aarsaa nuti goonu kamiyyuu Yihowaan akka nuuf eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.

13. Nama haasofsiisnuuf kabaja argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Karaan garabiraan namootaaf kabaja argisiisuu itti dandeenyu kamidha? Tajaajilarratti nama nu dhagaʼu yoo arganne, akka gaariitti dhugaa kan baanuuf taʼus, saʼaatii dheeraa isa haasofsiisuu hin qabnu. Namni kun nu dhagaʼuuf fedhii qabaatus dhimma raawwachuuf saganteeffate qaba taʼa. Yeroo akka hin qabne yoo nutti himemmoo, yaada keenya akka gabaabsinu itti himuu qabna; akkuma jennes yaada keenya gabaabsuu qabna. (Mat. 5:37) Maree keenya yommuu xumurru, deebinee isa mariisisuuf yeroon isaaf mijatu yoom akka taʼe gaafachuun keenya gaariidha. Babalʼistoonni tokko tokko akka armaan gadii jechuun buʼa qabeessa akka taʼe hubataniiru: “Yeroo kan biraa dhufee caalaatti utuun si haasofsiisee natti tola. Dhufuu koo dura yoon sii bilbile ykn moobaayiliidhaan ergaa yoon sii erge maal sitti fakkaata?” Sagantaa keenya haala namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiraatanii wajjin walsimsiisuuf carraaqqiin goonu, fakkeenya Phaawulos isa ‘namoonni akka fayyaniif, waan isaaf waaʼee baasu utuu hin taʼin, waan namoota baayʼeedhaaf waaʼee baasu barbaadaa’ turee hordofaa akka jirru kan argisiisudha.​—1 Qor. 10:33.

HAALA AKKAMIITIINAN NAMOOTA HAASOFSIISUU QABA?

14-16. (a) Kaayyoo itti gara manasaanii dhaqne namootaaf ibsuu kan qabnu maaliifi? Fakkeenyaan ibsi. (b) Akkaataan dhiheenyaa daawwataan olaanaa tokko buʼa qabeessa taʼee argate kamidha?

14 Fakkeenyaaf gaaf tokko bilbilli isiniif bilbilame haa jennu. Sagalee nama bilbile sanaa garuu hin beektan. Nama isin hin beekne taʼus, nyaata akkamii akka jaallattan isin gaafate. Namni kun eenyu akka taʼeefi kaayyoonsaa maal akka taʼe beekuu akka barbaaddan ifadha. Kabajaan kan isa haasofsiistan taʼus, haasicha dhaabuu akka barbaaddan akkaataa dubbii keessaniitiin ibsitu taʼa. Karaa garabiraammoo, namni isiniif bilbile kun ogeessa qorannoo nyaataa akka taʼeefi odeeffannoo gaarii akka qabu gaarummaadhaan isinitti hime haa jennu. Yeroo kanatti isa dhagaʼuuf caalaatti fedhii akka qabaattan beekamaadha. Walumaagalatti, namoonni ifatti garuu malaan yommuu nu haasofsiisan baayʼee nutti tola. Nutoo haaluma wal fakkaatuun namoota tajaajilarratti argannuuf kabaja argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Tajaajilarratti kaayyoo itti gara manasaanii dhaqne namootaaf ibsuu qabna. Odeeffannoo bakka guddaa qabuufi namni sun hin qabne itti himuu akka dhaqne beekamaadha. Haataʼu malee utuu of hin beeksisin, “Rakkina addunyaarra jiru balleessuuf utuu humna qabaattee kamiin balleessuu barbaadda?” jennee isa gaafanna taʼa. Kaayyoon itti gaaffii kana gaafanne yaada nama kanaa baruudhaan maree Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe gochuuf taʼus, haalichi waan bitaa isatti taʼuuf, ‘Namni kun eenyudha? Gaaffii kana maaliif na gaafate? Kaayyoonsaa maalidha?’ jedhee gaafachuu dandaʼa. Kanaaf, namoota haasofsiisnutti shakkiin akka hin dhagaʼamne gochuuf yaaluu qabna. (Filp. 2:3, 4) Akkas gochuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Daawwataan olaanaa tokko akkaataa dhiheenyaa buʼa qabeessa taʼee argate dubbateera. Obboleessi kun nama tokko erga nagaa gaafatee booda, tiraaktii Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? jedhamu kennaaf. Achiis, “Namoota hundumaaf barreeffama kana kennaa jirra. Gaaffilee namoonni hedduun gaafatan jaʼa kan qabatedha. Kun qooda keeti” isaan jedha. Obboleessi kun, namoonni baayʼeen kaayyoo itti isaan haasofsiisne erga hubatanii booda nuu wajjin maree gochuuf fedhii kan qabaatan taʼuusaa dubbateera. Yeroo baayʼee haala kanaan salphaadhumatti maree jalqabuun ni dandaʼama. Achiis daawwataan olaanaa kun, “Gaaffilee kana keessaa tokko gaafattee beektaa?” jedhee nama sana gaafata. Namni sun gaaffii tokko yoo filate, obboleessi kun tiraakticha banee deebii Macaafni Qulqulluun kennurratti mariʼatu. Taʼuu baannaanis, obboleessi kun ofiisaatiin gaaffii tokko filachuudhaan haala nama sana hin dhiphisneen maricha itti fufa. Karaawwan maree jalqabuuf gargaaran hedduun akka jiran beekamaadha. Naannoo tokko tokkotti, namoota haasofsiisnutti ergaa keenya himuu keenya dura wantoonni gochuu qabnu tokko tokko jiraachuu dandaʼu. Yeroo akkasiitti akkaataa dhiheenyaa keenya haala namoota haasofsiisnu sanaa wajjin walsimsiisuudhaan isaan mariisisuun keenya gaariidha.

TAJAAJILARRATTI YEROO HUNDA SEERA ISA BEEKAMAA TAʼE HORDOFAA

17. Karaawwan seera isa beekamaa taʼe hordofuu itti dandeenyuufi mataduree kana keessatti qorre tokko tokko kamfaʼi?

17 Karaawwan tajaajilarratti seera isa beekamaa taʼe hordofuu itti dandeenyu tokko tokko kamfaʼi? Tokkoon tokkoon namootaatiif kabaja argisiisuu qabna. Manaafi qabeenya nama haasofsiisnu sanaatiif kabaja akka qabnu ni argisiisna. Yeroo namoonni manatti argamaniifi ergaa keenya fudhachuuf caalaatti fedhii qabaachuu dandaʼanitti dhaqnee lallabuuf carraaqqii goona. Akkasumas, akkaataa namoota naannoo tajaajilaa keenyatti argaman hawwatuun ergaa keenya dhiheessuuf yaalla.

18. Wanta namoonni akka nuuf godhan jaallannu, namoota naannoo tajaajilaa keenyatti argamaniif gochuun buʼaa akkamii argamsiisa?

18 Wanta namoonni akka nuuf godhan jaallannu, namoota naannoo tajaajilaa keenyatti argamaniif gochuun faayidaa hedduu argamsiisa. Namoota naannoo tajaajilaa keenyatti argamanitti gaarummaafi akka isaaniif yaadnu argisiisuudhaan, seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra kan oolchinu siʼa taʼu, kunimmoo Abbaa keenya isa samiitiif kabaja argamsiisa. (Mat. 5:16) Akkaataan itti isaan qabnu namoonni hedduun dhugaa akka fudhatan gargaaruu dandaʼa. (1 Xim. 4:16) Namoonni lallabnuuf misiraachicha fudhatanis fudhachuu baatanis, tajaajila keenya raawwachuuf hanga dandeenye carraaqqii gochuun gammachuu nuuf argamsiisa. (2 Xim. 4:5) Hundi keenyayyuu fakkeenya Phaawulos ergamaa isa, ‘Wangeela warra kaaniin gaʼuuf jedhee waan hundumaa nan godha’ jechuudhaan dubbatee haa hordofnu. (1 Qor. 9:23, NW) Kanaaf, yeroo hunda tajaajila keenyarratti seera isa beekamaa hojiirra haa oolchinu.