Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Waaqa Qindoominaan Hojjetudha

Yihowaan Waaqa Qindoominaan Hojjetudha

“Waaqayyo ofii isaatii Waaqayyo nagaa ti malee, Waaqayyo sabirii hin qabnee miti.”​—1 QOR. 14:33.

1, 2. (a) Uumamni Waaqayyoo inni jalqabaa eenyu? Yihowaan kan isatti fayyadamehoo akkamitti? (b) Ergamoonni Waaqayyoo kan qindaaʼanidha kan jennu maaliifi?

YIHOWAAN inni Uumaa uumama cufaa taʼe, wanta hojjetu qindoominaan hojjeta. Waaqayyo jalqaba kan uume Ilmasaa isa tokkicha qaama hafuuraa qabudha; Ilmisaa kun sagalee dabarsituu Waaqayyoo waan taʼeef ‘Sagalicha’ jedhamee waamameera. Macaafni Qulqulluun, “Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture,” akkasumas “Wanti hundinuus isumaan [Sagalichaan] taʼe; waan taʼe keessaas isa malee kan taʼe tokko illee hin jiru” waan jedhuuf, Sagalichi yeroo dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilaa akka ture hubachuu ni dandeenya. Waggaa 2,000 dura Waaqayyo Sagalicha gara lafaatti kan erge siʼa taʼu, innis nama mudaa hin qabne, jechuunis Yesus Kiristos taʼee amanamummaadhaan jaalala abbaasaa raawwateera.​—Yoh. 1:1-3, 14.

2 Ilmi Waaqayyoo gara lafaa dhufuusaa dura, “hojjetaa isa hangafa” taʼee amanamummaadhaan Abbaasaa tajaajileera. (Fak. 8:30, NW) Yihowaan Ilmasaatti fayyadamee, uumamawwan hafuuraa miliyonaan lakkaaʼamaniifi samiirra jiran uumeera. (Qol. 1:16) Ergamoota Waaqayyoo ilaalchisee Macaafni Qulqulluu, “Warri kuma kumaatamatti lakkaaʼaman isaaf in hojjetu, warri miliyoonii baayʼeetti lakkaaʼamanis isa dura in dhaabatu” jechuudhaan dubbata. (Dan. 7:10) Uumamawwan hafuuraa hedduu taʼan kun, sirriitti kan qindaaʼan waan taʼaniif ‘macca’ Yihowaa jedhamaniiru.​—Far. 103:21.

3. Baayʼinni urjiileefi pilaaneetotaa hangam guddaadha? Kan qindaaʼanoo haala akkamiitiini?

3 Waaʼee uumamawwan ijaan mulʼachuu dandaʼanii kan akka, urjiilee lakkaaʼamanii hin dhumneefi pilaaneetotaahoo maal jechuu dandeenya? Gaazexaan Hiyuustan, Teeksaas, Kirooniikil yaada qorannoo urjiileerratti dhiheenyatti godhamerraa argame ilaalchisee, “baayʼinni urjiilee sekistiliyoona 300 ykn isa kanaan dura saayintiistonni hedduun tilmaamanirra harka sadii kan caalu, jechuunis 3fi zeeroo 23 ykn tiriliyoona 3 baayʼisuu biliyoona 100” akka taʼe ibseera. Urjiilee hedduun walitti gurmaaʼuudhaan gaalaaksii argamsiisu. Tokkoon tokkoon gaalaaksii, urjiilee biliyoona ykn tiriiliyoona hedduudhaan lakkaaʼaman, akkasumas pilaaneetota baayʼee of keessaa qaba. Gaalaaksonni hedduunimmoo walitti qindaaʼuudhaan kilaastaroota ykn supparkilaastaroota uumu.

4. Tajaajiltoonni Yihowaa lafarra jiran qindaaʼuu qabu kan jennu maaliifi?

4 Akkuma uumamawwan hafuuraa warra qajeeloo taʼanii, uumamawwan bantii waaqaa isa ijaan mulʼatu keessa jiranis haala nama dinqisiisuun kan qindaaʼanidha. (Isa. 40:26) Kanarraa kaʼuudhaan, Yihowaan tajaajiltootasaa warra lafarra jiranis ni qindeessa jechuun ni dandaʼama. Hojii hedduufi baayʼee barbaachisaa taʼe waan hojjetaniif, qindoomina gaarii akka qabaatan barbaada. Waaqeffannaan tajaajiltoonni Yihowaa dur turaniifi yeroo harʼaa jiran amanamummaadhaan dhiheessan, Yihowaan akka isaanii wajjin jiruufi inni ‘Waaqayyo sabirii hin qabne utuu hin taʼin, Waaqayyo nagaa akka taʼe’ kan mirkaneessudha.​—1 Qorontos 14:33, 40 dubbisi.

SABA WAAQAYYOO BARA DURII GURMAAʼEE TURE

5. Qophiin namoonni sirnaan lafa akka guutaniif godhamee ture utuu hin milkaaʼin kan hafe akkamitti?

5 Yihowaan namoota jalqabaa yeroo uumetti, “Horaa, baayʼadhaas, lafa guutaa, isas harka jala galfadhaa! Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota qilleensa keessa balaliʼan irratti, uumama lafa irra munyuuqan hundumaa irrattis mootummaa qabaadhaa!” isaaniin jedhee ture. (Uma. 1:28) Lafa guutuudhaaf, akkasumas guutummaa lafaa Jannata gochuudhaaf, ilmaan namootaa haala qindaaʼina qabuun baayʼachuu qabu turan. Qophiin wanti hundi sirnaan akka raawwatamuuf godhame, Addaamiifi Hewwaan ajajamuu diduusaaniitiin kan kaʼe yeroodhaaf utuu hin milkaaʼin hafeera. (Uma. 3:1-6) Yeroo booda, “Waaqayyo . . . jalʼinni namaa lafa irratti baayʼachuu isaa, wanti namni guyyaa hundumaa garaa isaatti yaadee qopheessu hundinuus jalʼaa duwwaa taʼuu isaa in arge. Lafti immoo fuula Waaqayyoo duratti mancaʼaa taʼe, humnaan wal irratti kaʼuudhaanis in guute.” Kanarraan kan kaʼes, Waaqayyo bishaan badiisaa fiduudhaan namoota isa hin sodaanne balleessuuf murteesse.​—Uma. 6:5, 11-13, 17.

6, 7. (a) Nohi Waaqayyo duratti faara tolaadhaan kan ilaalame maaliifi? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.) (b) Namoota amantii hin qabneefi bara Nohi turanirra maaltu gaʼe?

6 Haataʼu malee, “Nohi dhaloota sana keessatti nama qajeelaa, nama balleessaa hin qabnes” waan taʼeef, “Waaqayyo duratti faara tolaadhaan ilaalame.” ‘Karaa Waaqayyoorra waan deddeebiʼeefis,’ Yihowaan markaba baayʼee guddaa taʼe akka hojjetu isa ajaje. (Uma. 6:8, 9, 14-16) Markabni hojjetamu namootaafi bineensota oolchuuf kan gargaaru ture. Nohis ajajamuudhaan, “hundumaa akkuma Waaqayyo isa abboometti in raawwate.” Gargaarsa maatiisaatiin haala qindaaʼina qabuun markabicha ijaare. Wantoonni lubbuu qaban gara markabichaa erga seenanii booda, “Waaqayyo balbala in cufe.”​—Uma. 7:5, 16.

7 Dh.K.D. bara 2370 yeroo Bishaan Badiisaa gaʼetti, Yihowaan ‘wanta uumamee lafarra jiraatu hundumaa haxaaʼee kan balleesse’ siʼa taʼu, Nohi isa amanamaa taʼeefi maatiinsaa garuu gara markabichaa seenanii akka oolan godheera. (Uma. 7:23) Namoonni yeroo harʼaa lafarra jiran hundi sanyii Nohi, ijoolleesaafi haadhotii manaasaaniiti. Namoonni amantii hin qabne, Nohi “isa qajeelina lallabu” dhagaʼuu didaniifi markaba keessa hin seennee hundi garuu badaniiru.​—2 Phe. 2:5.

Qindoominni gaarii taʼe namoonni saddeet Bishaan Badiisaarraa akka oolan isaan gargaareera (Keeyyata 6fi 7 ilaali)

8. Yihowaan Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamtetti akka galan yeroo isaan ajajetti qindoomina gaarii akkamiitu ture?

8 Bishaan Badiisaa erga gaʼee jaarraa saddeet booda, Waaqayyo, Israaʼeloota akka sabaatti qindeesse. Qindoominni kun haala jireenyasaanii, keessumaammoo waaqeffannaasaanii kan tuqu ture. Lubootaafi Lewwoota hedduu taʼaniin alattis, ‘dubartoonni balbala dunkaana itti wal gaʼan sanaatti yeroo sagadaa hojii gargaaruuf’ qindaaʼan jiru turan. (Bau. 38:8) Haataʼu malee, dhaloonni sun yeroo Yihowaan gara Kanaʼaan akka seenaniif isaan ajajetti amanamoo taʼuu waan didaniif, “Kaaleb ilma Yofunee fi Iyaasuu ilma Nun malee, isin keessaa namni tokko illee biyya isa ani keessa isin jiraachisuudhaaf harka koo ol fuudhee kakadhe sanatti raawwatee hin galu” isaaniin jedhee ture. Iyaasuufi Kaaleb Biyyattii Abdachiifamtetti kan galan, biyyattii erga gaadanii ykn basaasanii booda oduu gaarii waan fidaniifidha. (Lak. 14:30, 37, 38) Yeroo booda Museen, qajeelfama Yihowaan isaaf kennerratti hundaaʼuudhaan, Iyaasuun bakkasaa akka buʼu isa muudeera. (Lak. 27:18-23) Achiis, yeroo Iyaasuun saba Israaʼel gara Kanaʼaanitti galchuuf turetti Yihowaan, “Ani Waaqayyo gooftaan kee, ‘Iddoo ati dhaqxu hundumaatti sii wajjinan jiraatii ati cimi, ija jabaadhu, hin sodaatin, hin naʼinis!’” isaan jedheera.​—Iya. 1:9.

9. Rahaab Yihowaafi sabasaatiif ilaalcha akkamii qabdi turte?

9 Yihowaan lafa Iyaasuun deeme hundumaatti isaa wajjin ture. Fakkeenyaaf, yeroo Israaʼeloonni naannoo Yerikoo ishee magaalaa Kanaʼaanotaa taate bira buufatanitti maaltu akka taʼe ilaalaa. Dh.K.D. bara 1473⁠tti, Iyaasuun Yerikoo akka basaasan namoota lama kan erge siʼa taʼu, achittis Rahaab ishee ejjituu turte argatan. Isheenis bantii manaasheerra isaan dhoksuudhaan, namoota mootii Yerikoo biraa ergamanii dhufan jalaa isaan miliqsite. Rahaab basaastota biyya Israaʼelii dhufaniin akkas jette: ‘Waaqayyo biyya kana akka isiniif kenne ani beeka; akka Waaqayyo galaana diimaa fuula keessan duraa gogse, waan isin mootii Amoorotaa lamaan gootanis dhageenyeerra. Waaqayyo gooftaan keessan ol waaqarratti, gad lafarrattis Waaqayyodha.’ (Iya. 2:9-11) Rahaab jaarmiyaa Yihowaa yeroo sana ture akka deggertu waan argisiisteef, yeroo Israaʼeloonni Yerikoo balleessanitti Waaqayyo isheefi maatiishee oolcheera. (Iya. 6:25) Rahaab amantii akka qabdu, Yihowaa akka sodaattuufi sabasaatiif ulfina akka kennitu argisiistetti.

KIRISTIYAANONNI JAARRAA JALQABAA QINDAAʼANII TURAN

10. Yesus geggeessitoota amantii Yihudootaa yeroo sana turaniin maal jedhe? Kan akkas jedhehoo maaliifi?

10 Israaʼeloonni geggeessaa Iyaasuutiin magaalota addaddaa moʼanii Kanaʼaaniin qabatanii turan. Haataʼu malee yeroo booda maaltu taʼe? Jaarraa hedduudhaaf Israaʼeloonni seera Yihowaa irra deddeebiʼanii cabsaniiru. Ennaa Yihowaan Ilmasaa gara lafaatti ergetti, Israaʼeloonni Waaqayyoof ajajamuufi sagalee dabarsitootasaa dhagaʼuu diduunsaanii caalaatti ifa waan taʼeef, Yesus Yerusaalemiin “Ishee raajota ajjeeftu” jedhee waameera. (Maatewos 23:37, 38 dubbisi.) Geggeessitoonni amantii Yihudootaa isaaf amanamoo taʼuu waan didaniif, Waaqayyo isaan dhiiseera. Kanaan kan kaʼes Yesus, “Egaa mootummaan Waaqayyoo isin irraa fudhatamee, saba ija isaaf godhatuuf akka kennamu isinittan hima” isaaniin jedheera.​—Mat. 21:43.

11, 12. (a) Yihowaan jaarraa jalqabaatti eebbasaa saba Yihudiirraa gara jaarmiyaa biraatti akka dabarse ragaan nuu mirkaneessu maalidha? (b) Jaarmiyaan haaraa Waaqayyo biratti fudhatama argate eenyuunfaa kan qabate ture?

11 Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti, Yihowaan saba Israaʼel isa amanamaa hin taane ni dhiise. Haataʼu malee, kana booda Yihowaan jaarmiyaa tajaajiltoota amanamoo qabate lafarratti hin qabaatu jechuu miti. Kanaa mannaa, eebbasaa gara jaarmiyaa haaraa Yesus Kiristosiifi barumsasaarratti hundaaʼetti dabarse. Jaarmiyaan kun kan hundeeffame, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteettidha. Yeroo sanatti, bartoonni Yesus 120 taʼan bakka Yerusaalem keessatti argamu tokko keessatti walitti qabamanii utuu jiranii, “dingatas huursaan waaqa irraa akka bubbee bubbisuutti dhagaʼamee, manicha isaan keessa jiranis guute. Arraba ibiddaa kan fakkaatan isaanitti mulʼatan, gargar tamsaʼaniis, wanti akka arraba ibiddaa kun tokkon tokkon isaanii irra taaʼan. Yommus hundumti isaanii hafuura qulqulluudhaan guutaman; akka hafuurri dubbachuu isaa isaaniif kennetti, afaan garaa garaa dubbachuu jalqaban.” (HoE. 2:1-4) Haalli dinqisiisaa taʼe kun, ragaa qabatamaa Yihowaan jaarmiyaa haaraa bartoota Kiristos qabate kana deggeraa akka jiru mirkaneessu ture.

12 Guyyaa gammachiisaa taʼe sanatti, “akki lubbuu kuma sadi” duuka buutota Yesusitti dabalaman. Kana malees, Yihowaan “guyyaa guyyaatti warra fayyan amantootatti in dabale.” (HoE. 2:41, 47) Sochiin labsitoonni jaarraa jalqabaa godhan kan milkaaʼe siʼa taʼu, “dubbiin Waaqayyoo itti fufee balʼachaa, baayʼinni amantoota Yerusaalemitti argamaniis ittuma dabalamaa adeeme; luboota keessaas baayʼeen amanticha fudhatan.” (HoE. 6:7) Namoonni garaa qajeelaa taʼe qaban hedduun, dhugaa miseensonni jaarmiyaa haaraa taʼe kanaa lallaban fudhataniiru. Yeroo booda, Yihowaan “saba Waaqayyoo warra hin taʼin” gara gumii Kiristiyaanaatti kan fide siʼa taʼu, kunis ragaa kan biraa akka inni isaan deggeraa jiru mirkaneessu ture.​—Hojii Ergamootaa 10:44, 45 dubbisi.

13. Jaarmiyaan Waaqayyoo inni haaraan hojiinsaa maal ture?

13 Hojiin Waaqayyo duuka buutota Kiristosiif kenne maal akka taʼe beekamaadha. Yesusumtiyyuu akkuma cuuphameen, waaʼee ‘Mootummaa waaqaa’ lallabuudhaan fakkeenya isaaniif taʼeera. (Mat. 4:17) Yesus hojii kana akka hojjetaniif bartootasaa barsiiseera. “Yerusaalemitti, Yihudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu” isaaniin jedhee ture. (HoE. 1:8) Duuka buutonni Yesus jaarraa jalqabaa wanta isaanirraa eegamu sirriitti hubatanii turan. Fakkeenyaaf, Phaawulosiifi Barnaabaas Anxokiyaa ishee Phisiidiyaatti argamtu ennaa turan, Yihudoota warra isaaniin mormaniin akkas jedhanii turan: “Dubbiin Waaqayyoo dura isin saba Israaʼelitti himamuun in barbaachisa ture. Amma garuu erga isa fudhachuu diddanii, jireenya bara baraatti galuudhaafis ‘Warra hin malee dha’ erga ofiin jettanii, nuyi gara saba warra kaanii dhaquu keenya. Gooftaan akkasuma, ‘Ani saba koo warra hin taʼiniif ibsaa, biyya lafaa hundumaafis fayyisaa akka taatuuf si kenneera’ jedhee nu abboomeera.” (HoE. 13:14, 45-47) Jaarraa jalqabaatii kaasee, kutaan jaarmiyaa Waaqayyoo inni lafarraa qophii Waaqayyo fayyinaaf godhe beeksisaa jira.

NAMOONNI BAAYʼEEN NI BADAN, TAJAAJILTOONNI YIHOWAA GARUU OOLANANIIRU

14. Jaarraa jalqabaatti Yerusaalemirra maaltu gaʼe? Kan oolanoo eenyufaʼi?

14 Akka gareetti Yihudoonni Misiraachicha fudhachuu waan didaniif, badiisni isaanitti dhufuuf jedha ture. Kanaaf, Yesus akkas jechuudhaan duuka buutotasaa akeekkachiiseera: “Yerusaalem loltuudhaan marfamuu ishee yommuu argitan . . . diigamuun ishee akka dhiʼaate beekaa. Yommus Yihudaa kan jiran gara gaarotaatti haa baqatan, mandarattii keessa kan jiranis baʼanii haa adeeman, biyya keessa kan jiranis mandarattiitti ol hin galin.” (Luq. 21:20, 21) Wanti Yesus dubbate kun raawwatameera. Dh.K.B. bara 66⁠tti, jeequmsa Yihudoonni kaasaniin kan kaʼe, waraanni Roomaa Seestiyas Gaalasiin geggeeffamu Yerusaalemiin marse. Haataʼu malee, yeroo booda waraanni kun sababii hin beekamneen duubatti kan deebiʼe siʼa taʼu, kunis duuka buutonni Yesus Yerusaalemiifi Yihudaa keessaa akka baqatan karaa baneera. Hayyuu seenaa kan taʼe Yusiibiyas akka jedhetti, baayʼeensaanii Laga Yordaanos qaxxaamuranii gara Peelaa ishee Peeriyaatti argamtutti baqataniiru. Waraanni Roomaa Jeneraal Tiitoosiin geggeeffamu, Dh.K.B. bara 70⁠tti deebiʼee Yerusaalemiin balleesseera. Kiristiyaanonni amanamoo taʼan garuu, akeekkachiisa Yesus waan dhagaʼaniif oolaniiru.

15. Kiristiyaanummaan guddina argisiisaa kan ture haalli akkamii utuu jiruuti?

15 Jaarraa jalqabaatti rakkinni garaagaraa, ariʼatamniifi qorumsi amantii duuka buutota Kiristosirra kan gaʼe taʼus, Kiristiyaanummaan guddina argisiisuusaa itti fufee ture. (HoE. 11:19-21; 19:1, 19, 20) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa karaa hafuuraa guddina kan argisiisan, eebba Waaqayyoo waan argataniifidha.​—Fak. 10:22.

16. Kiristiyaanonni hundi karaa hafuuraa guddina argisiisuuf maal gochuu qabu turan?

16 Kiristiyaanonni hundi karaa hafuuraa guddina argisiisuuf, dhuunfaadhaan carraaqii gochuu qabu turan. Caaffata Qulqullaaʼoo akka gaariitti qayyabachuun, walgaʼii waaqeffannaarratti yeroo hunda argamuuniifi hojii lallabaarratti hinaaffaadhaan hirmaachuun barbaachisaa ture. Wantoonni kun, sabni Yihowaa yeroo sana turan karaa hafuuraa fayyaa akka taʼaniifi tokkummaa akka qabaataniif gumaacha kan godhan siʼa taʼu, yeroo harʼaas baayʼee barbaachisaadha. Obboloonni gumiiwwan yeroo sana turaniifi sirriitti qindaaʼanirratti argamaa turan, gargaarsa ilaaltonni olaanaafi tajaajiltonni gumii fedhiidhaan of dhiheessan kennanirraa faayidaa guddaa argataniiru. (Filp. 1:1; 1 Phe. 5:1-4) Daawwattoonni olaanaan kan akka Phaawulos, gumiiwwan yeroo daawwatan madda gammachuu akka isaaniif taʼan ifadha! (HoE. 15:36, 40, 41) Waaqeffannaan nuti dhiheessinuufi Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa dhiheessaa turan kan walfakkaatu akka taʼe hubachuun ni dandaʼama. Yihowaan bara duriis taʼe yeroo harʼaa tajaajiltootasaa waan qindeesseef guddaa isa galateeffanna! *

17. Matadureen ittaanu waaʼee maalii ibsa?

17 Yeroo badiisni addunyaa Seexanaa dhihaatee jiru kanatti, kutaan jaarmiyaa Yihowaa uumama cufaa inni lafarraa, saffisa yeroodhaa gara yerootti dabaluun gara fulduraatti deemaa jira. Atoo jaarmiyaa Yihowaa wajjin qixxee deemaa jirtaa? Karaa hafuuraa guddina argisiisaa jirtaa? Matadureen ittaanu karaa kana itti gochuu dandeessu ibsa.

^ key. 16 Matadureewwan Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2002⁠rratti (Amaariffa) baʼaniifi “Kiristiyaanonni Hafuuraafi Dhugaadhaan Waaqeffatu,” akkasumas “Dhugaa Keessa Deddeebiʼuusaanii Itti Fufaniiru” jedhan ilaalaa. Kutaa jaarmiyaa Waaqayyoo isa yeroo harʼaa lafarra jiru ilaalchisee birooshura Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi? jedhamurratti balʼinaan ibsameera.